Sagantaan ashaaraa magariisaa dargaggoota naannoo Oromiyaaf madda carraa hojii guddaa ta’eera

Waxabajjii 24/2017(TOI)- Sagantaan ashaaraa magariisaa dargaggoota naannoo Oromiyaaf madda carraa hojii guddaa ta’uusaa sadarkaa itti aanaa pirezidaantiitti qindeessaan kilaastara baadiyyaa obbo Addisuu Araggaa beeksisan.

Sagantaan jalqabsiisa ashaaraa magariisaa baranaa sadarkaa naannoo Oromiyaatti godina Shawaa Kibba Lixaa aanaa Wancii gaara Tulluu Sonqolleerratti gaggeeffameera.

Sadarkaa itti aanaa pirezidaantiitti qindeessaan kilaastara baadiyyaa obbo Addisuu Araggaa sagantaa kanarratti argamuun, erga sagantaan kun eegalameeasitti faayidaaleen hedduun argamaa jiraachuu dubbataniiru.

Kanneen keessaa dargaggoonni carraa hojii akka argatan taasisuun isa tokko ta’uu dubbataniiru.

Dargaggoonni naannichaa waldaan gurmaa’uun biqiltuu qopheessuurraa eegalee carraa hojii fayyadamaniiru jedhan.

Naannichatti bakkeewwan biqiltuun itti qophaa’u kuma 38 keessaa irra caalaatti dargaggoonni carraa hojii argachuusaanii ibsaniiru.

Bakka ashaaraa magariisaatiin misoometti misooma kumuraa fi muduraa, kanniisa horsiisuu fi nyaata loonii misoomsuun fayyadamoo ta’uu dubbataniiru.

Akkasumas lafti qullaatti hafe ashaaraa magariisaatiin bayyanatee oomisha kennuu eegaleera, madden gogan cimmisaniiru, haroowwan baduuf qarreerra turan deebi’aniiru jedhaniiru.

Itti aanaan biiroo qonnaa naannichaa obbo Eliyaas kadir gamasaaniin sagantichi bu’aalee hedduu buusuusaa himaniiru.

Uwwisni bosonaa sagantichaan ture harka 17 ture gara 29tti guddachuu ibsaniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015