Sosochiin Itiyoophiyaa qulqulluu marsaa lammaffaa sadarkaa magaalaatti ifatti eegalame

Waxabajjii 21/2017(TOI)-Sosochiin Itiyoophiyaa qulqulluu qaama ajandaa sosochii addaa guyyaa 90 ta’e mata duree “Finfinnee qulqulluu, miidhagduu fi nageenyishee eegame” jedhuun ifatti eegalameera.

Hooggantoonni federaalaa fi bulchiinsa magaalaa Finfinnee, bakka bu’oonni waldaalee siviikii, namoonni dhageettii qaban, hooggantoonni dhaabbilee idil addunyaa fi ogeeyyonni aartii sagantaa jalqabsiisaarratti argamaniiru.

Darektarri olaantuu abbaa taayitaa eegumsa naannoo federaalaa Injiinar Lalisee Namee wayita kanatti ergaa dabarsaniin, dhimmi eegumsa naannoo ittigaafatama lammii hundaati jedhaniiru.

Sosochiin Itiyoophiyaa quulqulluu bakkeewwan faalamarraa qulqullaa’an uumaa dhufuusaa ibsaniiru.

Sadarkaa Itti aanaa kantiibaatti hojii gaggeessaan olaanaa magaalaa Finfinnee Injiinar Wandimmuu Seettaa gamasaaniin, sosochiin kun magaalattii qulqulluu fi faalamarraa kan qulqulloofte gochuun qooda olaanaa akka qabu eeraniiru.

Ummannis hojii eegumsa naannorratti dammaqinaan akka hirmaatu carraa uumuusaa eeraniiru.

Eegumsa naannoo fi faalama naannoo ilaalchisee hawaasa hubachiisuun hojiilee sosochii Kanaan hojjetaman keessaa kan eeramu ta’uu ibsaniiru.

Sosochii Kanaan faalama biyyoo, bishaanii, pilaastikii  hambisuuf duula qulqullinaa, hubannoo uumuu fi hojiileen biroo akka raawwataman ibsameera.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015