Saayinsii fi teeknooloojii
Dargaggoonnii fi hojii uumtonni Afriikaa walitti dhiheenyasaanii akka cimsan foramichi haala mijataa uumeera-Ministira Mufarihaat Kaamil
Jul 9, 2025 98
Adoolessa 02/2017(TOI)-Dargaggoonnii fi hojii uumtonni Afriikaa walitti dhiheenyasaanii akka cimsan foramiin hojii uumuu Afriikaa haala mijataa uumuusaa Ministirri hojii fi ogummaa Mufarihaat Kaamil ibsan. Sagantaan xumuraa foramii hojii uumuu Afriikaa ministeerri hojii fi ogummaa qaamolee deeggartootaa waliin ta’uun qopheessee fi yaadannoo injifannoo Adwaatti taa’amaa ture gaggeeffamaa jira. Sadarkaa itti aanaa ministira muummeetti ittigaafatamaan jiddugala qindeessaa ijaarsa sirna demokiraasii fi ittiaanaan pirezidaantii paartii badhaadhinaa Adam Faaraah dabalatee hooggantoonni mootummaa olaanoon saganticharratti argamaniiru. Ministirri hojii fi ogummaa Mufarihaat Kaamil waltajjicharratti akka ibsanitti, Itiyoophiyaan fayyadama dargaggootaa mirkaneessuuf hojjehaa jirti. Dargaggoonni biyyattii kan hojii uumanii fi fayyadamoo carraa hojii akka ta’an hojii hojjetameen bu’aan gaariin galmaa’uu eeraniiru. Keessumaa carraalee hojii filmaataa bal’isuu, teeknooloojiiwwan fooyya’an damee garagaraan hubachiisuu fi hirmaannaa sochii dinagdee dargaggoo guddisuuf isaan ijoo ta’uu eeraniiru. Haala Kanaan foramiin carraa hojii uumuu guyyoota sadan darban taa’amaa ture dargaggoonnii fi hojii uumtonni Afriikaa walitti dhufeenyasaanii akka cimsan haala mijataa uumuusaa beeksisaniiru. Waltajjichi muuxannoo waliiqooduun gufuulee damee knaan mudataniif furmaata waloo barbaaduuf haalli dandeessisu akka uumaman gochuusa ibsaniiru. Foramichi kallattii fuulduraas akka kaa’e dabalanii dubbataniiru. Afriikaan misooma fulla’aa akka mirkaneessitu dinagdee, misoomaa fi bu’ura misoomaan walitti fiduun tumsa waloo fi carraaqqii akka gaafatu ibsaniiru. Haala Kanaan Itiyoophiyaan tumsa carraa hojii fi dameewwan garagaraan biyyoota Ardii Afriikaa waliin qabdu cimsitee akka ittifuftu mirkaneessaniiru.
Itiyoophiyaan gamaTeekinooloojiin Hojiin Hojjechaa Jirtu Dinqisiisaadha-Ministiroota  Foramii Kalaqa Hojii Afrikaa Irratti Hirmaatan
Jul 9, 2025 59
Adoolessa 02/2017(TOI)-Itiyophiyaan guddina ishee saffisiisuuf gama Teekiniooloojiin hojii hojjechaa jirtu dinqisiisaa fi biyyoonni Afriikaa biroon muuxannoo kan irraa fudhatan ta’uu Ministiroonni Fooramii kalaqa hojii Afriikaa 3ffaa irratti hirmaatan ibsan. fooramii kalaqa hojii 3ffaa Ministeerrii hojii fi kalaqaa qaamolee deeggartootaa waliin ta’uun qopheesse Magaalaa Finfinneetti gaggeeffamaa jira. Ministiroonni, Dippiloomaatonni, Hayyoonni, Qorattoonni, Hojii Uumtonnii Biyyoota Afriikaa adda addaa irraa dhufanii fi bakka bu’oonni dhaabbilee Idila Addunyaa waltajjicha irratti hirmaachaa jiru. Hirmaattooni kaleessa waaree booda yaadannoo Injifannoo Adwaa, golambaa Saayinsii , Ministeera Hojjetaa fi ogummaa jala jiran daawwataniiru. Namoota daawwannichaa irratti yaada kennan keessaa Ministira Hojjetaa, hojii fi bobbii hojii Gaanaa Abdul- Rashiid Pelipuwoo, Magaalaan Finfinnee guddina Si’ataa irra jiraachuushee Arguusaanii dubbataniiru. Ijaarsi bu’uuraalee Misoomaa guddina magaalittii saffisiisan ta’uu eeruun, Itiyoophiyaan hojiiwwan guddina ishee saffisiisuuf eegalte Biyyoota Afriikaa biroof fakkeenyadha jedhaniiru. Ministirri Hojjeta Sudaan Kibbaa Jeneraal Jemsi Hoot Maayi gama isaaniin, Hojii teeknooloojii Itiyoophiyaan golambaa Saayinsii keessatti hojjechaa jirtu daawwachuu isaanii dubbataniiru. Hojiiwwan Daawwataman Itiyoophiyaan Omishtummaa caalaatti guddisuuf Qonna Ammayyaa irratti karoora qabdu kan agarsiisanidha jedhaniiru. Hojii Itiyoophiyaan eegalte wabii nyaataa Afriikaa waliin wal qabatee rakkoowwan ka’an furuu kan danda’an ta’uu ibsaniiru. Itiyophiyaan hojii Misoomaa Biyyoota Afriikaaf muuxannoo ta’u raawwachaa jiraachuu Kan dubbatan ammoo walitti qabduu Boordii dhaabbata misooma Intarpiraayizoota xiqqaa fi jiddugaleessaa Maalaawii BonfiiskaaZamiiraadha. Dhaabbata Misooma Itarpiraayizoota xixiqqaa fi gidduugaleessaa Maalaawwiitti dura teessuun boordii Boonfiskaa Zaamiiraa ibsaniiru.
Tattaaffii badhaadhina dhugoomsuuf taasifamu keessatti ilaalcha eeggattummaarraa jalaa bahe guddisuun dhimma ijooti-Kantiibaa Adaanech Abeebee
Jul 5, 2025 262
Waxabajjii 28/2017 (TOI)- Tattaaffii badhaadhina dhugoomsuuf taasifamu keessatti ilaalcha eeggattummaarraa jalaa bahe guddisuun dhimma ijooti jedhan Kantiibaan magaalaa Finfinnee Adaanech Abeebee. Sagantaan “aadaa harak hojetuu” biroon hojii fi ogummaa bulchiinsa magaalaa Finfinnee Addis Miidiyaa Neetwoork waliin ta’uu qopheesse ifatti jalqabsiiseera. Af-yaa’iin mana maree magaalaa Finfinnee Buzeenaa Alkadir, ministirri hojii fi ogummaa Mufarihaat Kaamil, walitti qabaan boordii Addis Miidiyaa Neetwoorkii fi paartii badhaadinaatti hoogganaan waajjira damee Finfinnee obbo Mogos Baalachaa, abbootiin amantaa, jaarsoliin biyyaa, abbootiin Gadaa, hojii uumtonni, dargaggoonni, fi qooda fudhattoonni biroon saganticharratti argamaniiru. Sagantaan kun guyyaa 15tti al tokko ddis Miidiyaa Netwoorkiin kan dhihaatu yoo ta’u, yaadonni hojii uumuurratti dhaloota qaroomsan kan dhihaatan ta’uun himameera. Kantiibaan magaalaa Finfinnee Adaanech Abeebee wayita kana, karoora gargaaramuu jalaa bahuun badhaadhinatti geessu qabannee hojjechaa jirra jedhaniiru. Karoorri qabanne kan milkaa’u cimnee yoo hojjenne qofa kan jedhan kantiibaa Adaanech, kanaaf ammoo biyyoonni hojjetanii jijjiiraman fakkeenya ta’uu qabu jedhaniiru. Hojii filachuu fi dadhabummaa jalaa bahuun akka barbaachisu haala Kanaan hawaasa hubachiisuun ittiyaadamuu qaba jedhaniiru. Abbootiin amantaa, jaarsoliin biyyaa, abbootii Gadaa dabalatee dhaabbileen dhaloota qaran aadaa hojii lammiilee jijjiiruuf hojii hubannoo uunuu ciminaan akka hojjetan himaniiru. Manneen barnootaa fi bakka hojiitti lammiilee dadammaqsuun cimuu qaba jedhaniiru. Ministirri hojii fi ogummaa Mufarihaat Kaamiil gamasaaniin, akka biyyaatti aadaa hojii guddisuuf sagantaan maree oomishtummaa hawaasaa hojeeffamaa akka jiru kaasaniiru. Sagantaan maree kun hawaasni dilbii naannawasaa jiru beekuu fi hojjechuun bu’a qabeessa akka ta’u ulaa kan banudha jedhan. Sagantichi aadaan hojii akka guddatu kan gumaachu tarkaanfii guddaa ta’uusaa dubbataniiru. Gootummaa yeroon gaafatu hojjechuudhaan jjjiiramuun ofdanda’uudha kan jedhan ministirittiin, harki hojii bare biyyas nama dhuunfaas niguddisu jedhaniiru. Xiyyeeffannoon yoo hojjetame aadaa hojiirratti jijjiiramni qabatamaan akka dhufu misoomni kooriidarii Finfinnee agarsiiftuu ta’uu kaasaniiru. Iyya ceesisuuf hojii qajeelfama ittiin yaadan, ciminaan hojjechuu fi qaxalummaa gochuun tumsuu qabna jechuun cimsanii dubbataniiru. Sadarkaa itti aanaa Kantiibaatti hoogganaan biiroo hojii fi ogummaa bulchiinsa magaalaa Finfinnee obbo Xiraatuu Bayyanaa gamasaaniin, bara bajatichaa namoota hojii barbaadan kuma 366’f carraan hojii dhaabbataa uumamuufii dubbataniiru. Dargaggoonni yaada hojii uumuu qaban sirni yaadasaanii gochatti jijjiiran diriirfamuu eeraniiru.
Leenjiin Koodersii Beekumsaa fi Dandeettii  Dijiitaalaa Fooyya’aa akka argannu carraa Gaarii nuuf uumeera-Dargaggoota 
Jul 4, 2025 204
Waxabajjii 27/2017(TOI)- Leenjiin Koodersii Beekumsaa fi Dandeettii Dijiitaalaa Fooyya’aa akka argannu carraa Gaarii nuuf uumeera jechuun ibsan Dargaggoonni leenjii koodersii fudhatan. Biiroon Innooveeshinii fi Teekinoolojii Naannoo Sumaalee gama saatiin, dargaggoonni waktii Gannaa Boqonnaarra jiran leenjii koodarsii akka fudhatan qophii taassisuu isaa beeksiseera. Dargaggoota Leenjiin Itiyoo-koodarsi fudhatan keessaa Shirmaarkee Shekib Abdii, leenjiichi dargaggootaaf carraa gaarii waan ta’eef beekumsaa fi Dandeettii Dijiitaalaa akka argannu nu taassisaa jira jedheera. Beekumsaa fi dandeettii leenjicha irraa argateen weebsaayitii uumuun hojii daldala dhuunfaasaa beeksisuuf fayyadamaa jiraachuu kaasuun, caaraa akkasii bilisaan argachuusaaf galateeffateera. Beekumsi argamu biyya irra darbee Sadarkaa Idil Addunyaatti kan barbaadamu waan ta’eef carraan kun dargaggoota biroo akka hin dabarre gorseera. Dabalataanis Dargaggoota Leenjicha argatan keessaa Abdiishukur Mahaammad Abdii fi Sekeriyyee Abdirehiman Alee, leenjiin koodersii gama hedduun faayidaa akka qabu beekumsaa fi dandeettii argannerraa hubanneerra jedhaniiru. Yeroon kun yeroo Teekinooloojii Dijiitaalaa ta’uu kan ibsan dargaggoonni barachuu, qophaa’uu fi yeroo waliin deemuun dirqama ta’uu kaasaniiru. Kanaaf , waqtii Gannaa Manni Barumsaa Idilee cufaa waan ta’eef dargaggoonni yeroo isaanii leenjii koodarsii fudhachuun akka itti fayyadaman hubachiisaniiru. Naannichatti Daarektarri Bulchiinsa Wiirtuu Odeeffannoo Abdii Aziiz Abdilaahii Leenjiin Itiyoo Koodarsii umuriin osoo hin daangessiin lammiilee hundaaf leenjii bilisaan kennamu beekumsa dijiitaalaa ta’uu fi hunduu carrichatti akka fayyadamu gorsaniiru. Keessumaa dragaggoonni beekumsa teekinooloojii yeroon barbaadu gonfachuun gahumsaa fi dorgomaa Idil Addunyaa ta’uuf leenjichi bay’ee akka isaan barbaachisu dubbataniiru. Naannichatti hanga ammaatti dargaggoonni kuma 48 ol leenjii Itiyoo koodarsii fudhatanii waraqaa ragaa fudhachuu ibsuun, dargaggoonni waqtii gannaa boqonnaarra jiran hundi leenjicha akka fudhatan waamicha dhiheessaniiru.
Akkaadaamiin Leenjii Siviil Aviyeeshinii Itiyoophiyaa biyyoota Afriikaaf jiddugala leenjii filatamaa ta’aa jira-Abbaa taayitichaa
Jul 1, 2025 259
Waxabajjii 24/2017(TOI)- Akkaadaamiin Leenjii Abbaa taayitaa Siviil Aviyeeshinii Itiyoophiyaa biyyoota Afriikaaf hedduuf jiddugala leenjii filatamaa ta’aa akka jiru daarektarri tajaajila reeguleeshinii ernaavigeeshinii fi eeggataan daarektaraa akkaadaamichaa Li’ulsaggad Gullulaat ibsan. Akkadaamichi bu’a qabeessummaa industirichaaf ogeeyyota horachaa jira jedhan turtii TOI waliin Taasisaniin. Waggoota dheeraaf naannolee biyyattii garagaraatti to’annaa tiraafika qilleensaa, damee komunikeeshinii fi Naavigeeshin Sarviilaansi(CNC)n ogeeyyota Aviyeeshinii ga’oomaa boddaasaa akka jiru eeraniiru. Bara kana qofa ogeeyyota 86 leenjisee hojiitti galchuu kaasaniiru. Akkaadaamichi biyyoota ollaa fi biyyoota Afriikaa biroof leenjii ga’aa kennaa akka jiruu fi fudhatama guddaa argachaa akka jiru dubbataniiru. Dhihoo kana leenjifamtoota Aviyeeshinii Jibutii, Somaaliyaa akkasumas Komoroosii fi biyyoota biroorraa dhufan leenjisuusaa dubbataniiru. Biyyoonni Afriikaa hedduun ogeeyyotasaanii akkaadaamii leenjii Aviyeeshinii Itiyoophiyaatti leenjisuuf leenjisuuf filachuusaanii dubbataniiru. Akkaadaamichi Afriikaa keessaa maqaa gudda fi fudhatama akka qabu kaasanii, riijinicha walitti hidhuuf hojiilee hedduu hojjechaa akka jiru beeksisaniiru. Akkaadaamichatti leenjiftuu fi to’attuun tiraafika qilleemsaa Beeteliheem Mollaa Gamasheetiin, leenjichi sadarkaa industiriin Aviyeeshinii addunyaa irra gaheen kennamaa akka jiru ibsiteetti. Baatii sadan darban leenjii ga’aa argachuusaa kan dubbate ammoo Dirree Dawaa irraa kan dhufe Mintasinoot Alamaayyoo jedhama.
Dijiitaal Itiyoophiyaa 2025  sirna Dijiitaalaa keessatti bu’aa guddaa argamsiiseera- Dr.Balaxaa Mollaa 
Jul 1, 2025 207
Waxabajjii 24/2017 (TOI)-Waggoottan shanan darban hojiirra oolaa kan ture dijiitaal Itiyoophiyaa 2025 sirna Dijiitaalaa keessatti bu’aa argamsiiseera jechuun Ministirri Teekinooloojii fi Innovaashinii Dr.Ballaxaa Mollaa Ibsan. Mistirichi turtii TOI waliin taassisaniin akka ibsanitti , guddina waliigalaa biyya tokkoo mirkaneessuun kan danda’amu sirni hojmaataa Saayinsii fi Teekinooloojiin, akkasumas Innoveeshiniin yoo deegaramedha. Itiyoophiyaan hammattoo seeraa fi Tarsiimoo sirna dijiitaalaatti galuuf ishee dandeessisu qopheessitee hojii eegaluushee ibsaniiru. Dabalataanis bu’uuraaleen misoomaa gara sirna dijiitaalaatti galchuuf gargaaran guutamanii hojiirra ooluu jalqabuu beeksisaniiru. Tarsiimichi Riifoormii Dinagdee Mandhalee fi tarsiimoo karoora misoomaa waggaa 10 akkasumas Tarsiimoo Tiraanisfoormeeshinii Dijiitaalaa Afriikaa waliin walitti hidhamee raawwatamaa turuu ibsaniiru. Waggoottan darban hojiirra oolaa kan ture tarsiimoon Dijiittal Itiyoophiyaa 2025 baatii tokkoo booda akka goolabamu ibsuun, hanga 20230tti hojiirra kan oolu tarsiimoon waggaa shanii qophaa’aa akka jiru ibsaniiru. Tarsiimoon dijitaal Itiyoophiyaa 2025 waggoottan shanan darban hojiirra oolaa ture damee saayinsii, teeknooloojii fi Innoveeshiniirratti bu’aan guddaan akka irraa argame ministirichi beeksisaniiru. Waggoota shanan darban sirna kaffaltii Dijiitaalaa Diriirsuun Tajaajila Dijiitaalaa babal’isuun akkasumas, waraqaa eenyummaa Dijiitaalaa dhaqabamaa taassisuurratti hojiin bu’aa qabeessi hojjetamuu kaasaniiru. Sirna hojii Mootummaa Ammayyeessuu waliin wal qabatee Dijiitaala Itiyoophiyaa 2025 dhugoomsuuf tattaaffii milkaa’aa taasifamaa jiru keessatti tajaajilli jiddugaleessa tokkoo (Masoob) dhugoomsuuf hojii milkaa’inaa hojjetaman keessaa tokko ta’uu ibsaniiru. Dhaabbatichi Tajaajila Teekinooloojii Dijiitaalaa bakka tokkootti fayyadamuun Tajaajiloota Mootummaa adda addaa walitti hidhuun tajaajilaa kennaa akka jiru beeksisaniiru. Fuulduratti tajaajila jiddugaleessa tokkoo (masoob) gara Magaalota Naannooleetti babal’isuun fayyadamtoota tajaajilichaa akka ta’aniif hojjetamaa jirachuu ibsaniiru.
Itiyoophiyaan qaqqabummaa waldhaansa cararii bal’isuuf hojjechaa jirti-Itti aanaa ministira muummee Tamasgeen Xurunaa
Jun 30, 2025 169
Waxabajjii 23/2017(TOI)- Itiyoophiyaan qorannoo kaansarii dabalatee qaqqabummaa waldhaansa cararii bal’isuuf hojjechaa akka jirtu Itti aanaan ministira muummee Tamasgeen Xurunaa ibsan. Yaa’iin idil addunyaa Ministirri fayyaa ejensii inarjii atoomikii idil addunyaa waliin ta’uun mata duree “carariiwwan abdii” jedhuun qopheessanii fi faayidaa atoomiik inarjiin gama fayyaan qabu irratti mari’atu galma walgahii gamtaa Afriikaatti eegalameera. Itti aanaan ministira muummee Tamasgeen Xurunaa, daarektar jeneraaliin ejensii atoomiik inarjii idil addunyaa Raafaa’eel Giroosii, ministiroonni, ambaasaaddaroonni, bakka bu’ooni dhaabbilee idil addunyaa fi qooda fudhattoonni waltajjicharratti hirmaataniiru. Itti aanaan ministira muummee Tamasgeen wayita kana, haalli fayyaa addunyaa jijjiiramuusaa eranii, Itiyoophiyaanis sirna fayyaa haala kana bu’uureffate ijaaraa jirti jedhaniiru. Ekisteenshiniin fayyaa hojiirra ooluusaatiin waggoottan darban eegumsi fayyaa namoota hedduu fooyya’uusaa ibsaniiru. Itiyoophiyaan qorannoo kaansarii fi waldhaansa cararii qaqqabamaa taasisuuf hojjechaa akka jirtu kaasanii, kanaaf ammoo teeknooloojiiwwan yeroon gaafatu fayyadamuu eegaluushee eeraniiru. Waldhaansi cararii ofeeggannoo fi ittigaafatamummaan faayidaarra ooluusaa mirkaneessuuf sirni to’annoo cimaan diriirfamuu himaniiru. Inarjii Nuukilaaraa tajaajila fayyaaf oolchuun waldhaansa cararii bal’isuun dhukkuba kaansarii saffisaan qorannoon adda baasuun jireenya namootaa baraaruuf gumaacha olaanaa akka qabu ibsaniiru. Kanumaan Walqabsiisuun sagantaan ashaaraa magariisaa fayyaa hawaasaa fooyyessuun jireenya fayyaalessaa gabbisaa akka jiru kaasaniiru.
Itiyoophiyaan Tiraanisfoormeeshinii Dijitaalaan Jijjiirama Guddaa Galmeessiteetti-GamtaaTelekomunikeeshinii Idil Addunyaa
Jun 26, 2025 277
Waxabajjii 18/2017 (TOI)- Itiyoophiyaan yeroo Gabaabaa KeessattiTiraanisfoormeeshinii Dijitaalaan Jijjiirama Guddaa Galmeessisuushee GamtaanTelekomunikeeshinii Idil Addunyaa Beeksise. Daarektarri Riijinii Afriikaa Gamtaan Telekomunikeeshinii Idil Addunyaa (ITU) Imaanu’eel Manasee Itiyoophiyaan Tarsiimoo Dijitaalaa Bocuun fi Hojiirra Oolchuun Tiraanisfoormeeshinii Dijitaalaa Fiduuf Hojiin Hojjechaa Jirtu Kan Raajeffamu Ta’uu Turtii TOI waliin Taasisaniin Ibsaniiru. Walitti Hidhamiinsi Idil Addunyaa fi Tiraanisfoormeeshiniin Dijitaalaa Galma Tarsiimawaa Gamtichaati Kan Jedhan Daarektarichi Itiyoophiyaan Ajandaa Tiraanisfoormeeshinii Dijitaalaa Irratti Jijjiirama Olaanaa Fiduushee Himaniiru. Gamtichi Ajandaa Tiraanisfoormeeshinii Dijitaalaa Itiyoophiyaa Bocuu fi Deeggarsa Taasisuusaa Dubbataniiru. Itiyoophiyaan Dirree Dijitaalaa Bal’isuun Hojii Dinqisiisaa Hojjechuushee Ibsaniiru. Waggoota sadii Keessatti Sababa Tajaajiloota Dijitaalaatiin Baay’ina Lakkoofsa Fayyadamtoota Teelee Birrii Yeroo Gabaabaatti Miiliyoona 50 Oliin Gahuun Milkaa’ina Guddaadha Jedhan. Carraa Itiyoophiyaa Fuulduraa Tiraanisfoormeeshinii Dijitaalaa fi Innoveeshinii Keessatti Argaa Jirra Jedhaniiru. Inisheetiiviin Koodarsii Miiliyoona Shanii Itiyoophiyaan Misooma Dijitaalaaf Xiyyeeffnnoo Kennite Ifattia Akka Mul’isu Ibsaniiru. Gamtaan Telekoomii Idil Addunyaa A.L.A Bara 1865 Kan Hundeeffame Ejensii Addaa Dhaabbat Mootummoota Gamtoomanii Isa Hanfafadha. Teessoon Gamtichaa Siwiizarlaand Jenevaa Yoo Ta’u Teekiniiloojiiwwan Odeeffanoo fi Komunikeeshiniin Walqabatan Nihojjeta. Dhaabbanni Idi Addunyaa Kun Itiyoophiyaa Dabalatee Miseensa Biyyoota 194 Qaba.
Hojiiwwan kalaqaa rakkoo Furan yaadama biyyaa “Kalaquu fi saffisuu ’’ Jedhu galman ga’uuf  gumaacha olaanaa bahaa jiru
Jun 19, 2025 305
Waxabajjii 12/2017(TOI)-Hojiiwwan kalaqaa rakkoo furan yaadama biyyaa ‘‘Kalaquu fi saffisuu’’ galman ga’uuf gumaacha olaanaa bahaa jiraachuu Itti aanaan Kantiibaa Magaala Finfinnee fi Itti gaafatamaan Biiroo misooma Industirii Obbo Jaanxirar Abbay ibsan. Sagantaan Xumuraan Dorgommiin daldala kalaqaa Mata duree “kalaqni yaadaa ifa booruuf’’ jedhuun gaggeeffamaa jiru injifannoo yaadannoo Adawaatti raawwatamaa jira. Itti aanaan Kantiibaa fi Itti gaafatamaan Biiroo misooma Industirii Magaalaa Finfinnee Obbo Jaanxirar Abbay ergaa saganticha irratti dabarsaniin akka jedhanitti, Dorgommii Yaada Kalaqa Daldalaa Marsaa Sadiin Finfinneetti Gaggeeffameen Bu’aan Onnachiisaan Galmaa’eera. Dorgaommichi dargaggoonni hojii uumuu, dorgomaa fi sochii Dinagdee biyyittii keessatti hirmaannaa olaanaa gochuurra darbee dandeettii teekinooloojii qaban baasuuf carraa uumeera jedhaniiru. Dargaggoonni kalaqaa yaadaa rakkoo furan maddisiisan itti fufinsaan hojiirra oolchuuf xiyyeeffannoon hojjetamaa jiraachuu ibsaniiru. Keessummaa hojiiwwan kalaqaa Misooman Biyyarra darbuun Fudhatama Idil Addunyaa akka qabaataniif hojjechuun barbaachisaadha jedhaniiru. Mootummaan yeroo yerootti qulqullinasaanii, nageenyasaanii fi rakkoo kan furan ta’uusaanii kan mirkanaa’anii fi filataman hojiirra oolchuuf hojjechaa jiraachuu beeksisaniiru. Dorgomiin kalaqa yaadaa agarsiistuu tokko ta’uu dubbachuun kunis yaadama biyyaa ‘’kalaquu fi saffisuu’ jedhu galmaan ga’uuf qooda olaanaa bahaa jira jedhaniiru. Sadarkaa Itti Aanaa Kantiibaatti Hogganaan biiroo hojii fi ogummaa obbo Xiraatuu Bayyanaa gamasaaniin, hojiin kalaqa dargaggootaa haala jireenya lammiilee fooyyesuuf qooda guddaa gumaachuu dubbataniiru. Itti Aanaan Kantiibaa kun dorgommiin bu’aa kalaqaa dhaloonni biyya ceessisan uumamaa jiru jedhanii, dorgommii yaada kalaqaan bakka bu’aawwan kalaqaa barbaachisoo ta’an kan itti ifa bahan ta’uu beeksisaniiru. Kalaqxoonni dorgommicha irratti hirmaatan dhiheessii faayinaansii fi walitti hidhamiinsa gabaa kan uumamuuf ta’uu mirkaneessaniiru. Dargagoonni 145 Dorgommicharratti kan hirmaatan yoo ta’u, isaan keessaa 15 Finfinnee Bakka Bu’uun Sadarkaa Fedraalaatti dorgommii wal fakkaatu irratti akka hirmaatan ibsaniiru. Dorgommii goggeeffamaa jiru Kanaan dorgmtoonni filatamoo shan akka badhaafaman ibsaniiru
Teeknooloojii Ammayyaa fi Humna Namaa Ga’oometti Gargaaramuun Tajaajila Balallii Si’ataa fi Amansiisaa Kennaa Jira
May 29, 2025 531
Caamsaa 21/2017(TOI)-Abbaan Taayitaa Siviil Aviyeeshinii Itiyoophiyaa Teeknooloojii Ammayyaa fi Humna Namaa Ga’oometti Gargaaramuun Tajaajila Balallii Si’ataa fi Amansiisaa Kennaa Jiraachuu Beeksise. Nageenya Geejjiba Qilleensaa Amansiisaa gochuun, Hojmaata Ammayyaa fi Si’ataa gama Diriirsuutiin hojii Hojjetamaa Jiru Ilaalchisuun TOIn sochii Hojii Siviil Aviyeeshinii Jiddugaleessa Bahaa Dirree Dawaa Ilaaleera. Abbaa Taayitaa Siviil Aviyeeshinii Itiyoophiyaatti hojii Rawwachiisaan hariiroo Ummataa fi Komunikeeshinii Indaalee Asaffaa, Industiriin Aviyeeshinii Caalaatti Giddachaa fi Ammayyaa.aa Ta’uusaa Ibsaniiru.. Waan Ta;eef Teeknooloojii fi Humna Namaa Ga’oome Kan yeroo waliin deemu Barbaachisaa Ta’uu Kaasanii, Gama Kanaan Siviil Aviyeeshiniin Itiyoophiyaa haala Gaariirra Jira Jedhaniiru. Maanajimantii Tiraafikii Qilleensaa, To’annoo Aviyeeshinii fi Damee Geejjiba Qilleesaan Hojmaattota Ammayyaa fi tajaajiloonni Si’ataan Jiraachuu Kaasaniiru. Leenjii Ogummaa Ilaalchisee Biyyoota Afriikaa Biroofis Leenjii Akka Kennu Ibsaniiru. Eeggataan Itti Gaafatamaa Siviil Aviyeeshinii Jiddugaleessa Bahaa Dirree Dawaa Obbo Tewoodiroos Kibabawu, Nageenyi Balallii Qilleensaa Yoomiyyuu Karaa Amansiisaa Ta’een Eegamaa Jiraachuu Ibsaniiru. Siviil Aviyeeshinii Jiddugala Bahaa Dirree Dawaatti Teekinishaaniin Mahaandisummaa To’ataa Balallii Heenook Mikaa’el, Gamasaaniin, Hojiin To’annaa Haala Amansiisaa Ta’een Gaggeeffamaa Akka Jiru Dubbataniiru. Nageenyi Balallii Qillensaa mijataa Akka Ta’u Damee Hariiroo Komunikeeshiniin Sa’aatii 24 Hojjetamaa Jiraachuu Kan Ibsite Ammoo Masarat Taakkalaati. Ogeessa Dame Kanaa Kan Ta’an Masarat Taakkalaa fi To’ataan Tiraafika Qilleensaa Aproochii Geetuu Nuurm, Nageenya Balalliif xiyyeeffannoo fi Ofeeggannoo Addaatiin tajaajilaa Jiraachuusaanii Dubbataniiru. #Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa #TOI #Oromiyaa
Kutaaleen Ismaart Komunikeeshinii Saffisiisan Komunikeeshinii Si’ataa fi Bu’a Qabeessi Akka Uumaman Taasisu-Dr. Nagarii Leencoo
May 28, 2025 410
Caamsaa 20/2017(TOI)- Kutaaleen Ismaart Komunikeeshinii Saffisiisan Komunikeeshinii Si’ataa fi Bu’a Qabeessi Akka Uumamu Taasisuu Kan Dandeessisan Ta’uu Mana Maree Bakka Bu’oota Ummataattii Walitti Qabaan Koree Dhaabbataa Bobbii Humna Namaa fi Teeknooloojii Dr. Nagarii Leencoo Ibsan. Kutaaleen Ismaart Komunikeeshinii Saffisiisan Dhaabbilee Federaalaa 10, Naannolee fi Bulchiinsota Magaalaa keessatti Ijaaraman Eebbifamanii Ifatti Hojii Eegalaniiru. Kutaaleen Ismaart Komuniikeeshinii Saffisiisan Kunneen Qooda Fudhattoota Bakka Addaddaa Jiran Salphaatti Akka Walitti dhufanii fi Hojiisaanii Akka Saffisiisan Nidandeessisu. Mana Maree Bakka Bu’oota Ummataattii Walitti Qabaan Koree Dhaabbataa Bobbii Humna Namaa fi Teeknooloojii Dr. Nagarii Leencoo Qaamolee Milkaa’inni Kun Akka dhufu Taasisan Galateeffataniiru. Kutaaleen Ismaart Komunikeeshinii Saffisiisan Odeeffannoo Walii Qooduuf Gumaacha guddaa Akka Qaban Dubbataniiru. Jiddu Galli Kunneen Hariiroon Hojii Bu’a Qabeessi Akka Uumamu Gochuun Komunikeeshiniin Si’ataan Akka Uumamu Kan Gargaaru Ta’uu Dubbataniiru. Qaamolee Hooggansa Kennaniifis Murtoo si’ataa Akka Kennan Dandeessisa Jedhaniiru. Jiddugaleessota Kanneen Fuulduratti Bakkeewwan Hundaan Ga’uun Akka Barbaachisus Ibsaniiru. Koreen Dahaabbataa Kun Sirna Ismaart Komunikeeshinii Cimsuuf Gargaarsa Barbaachisu Akka Taasisu Dubbataniiru. Ministeera Pilaanii Fi Misoomaatti Hojii Raawwachiisaan Teeknooloojii Komunikeeshinii Odeeffannoo Dr. Geetaachoo Mallasee Gamasaaniin Jiddugaloonni Kunneen Sirna Komunikeeshinii Dijitaalaa Uumuusaanii Kaasaniiru. Akkasumas Hojii Dijitaalaayizeeshinii Biyyaalessaa Kan guddisu Ta’uu Eeraniiru.
Kutaaleen Ismaart Komunikeeshinii Saffisiisan Kan Dhaabbilee Federaalaa 10, Naannolee fi Bulchiinsa Magaalotaa Keessatti Ijaaraman Tajaajila Eegalan
May 28, 2025 270
Caamsaa 20/2017(TOI)- Kutaaleen Ismaarta Komunikeeshinii Saffisiisan Kan Dhaabbilee Federaalaa 10, Naannolee fi Bulchiinsa Magaalotaa Keessatti Ijaaraman Tajaajila Eegalaniiru. Kutaaleen Ismaart Komuniikeeshinii Saffisiisan Kunneen Qooda Fudhattoota Bakka Addaddaa Jiran Salphaatti Akka Walitti dhufanii fi Hojiisaanii Akka Saffisiisan Nidandeessisu. Ministirri Innoveeshinii fi Teeknooloojii Dr. Ballaxaa Mollaan Kutaalee Ismaart Komunikeeshinii Saffisiisan Kan Har’a Hojii Eegalan Teeknooloojii Addunyaan Irra Gahe Kan Guuttatanii fi Qulqullinaan Kan Ijaaramanidha Jedhaniiru. Jiddugaleessi Kunneen Hariiroo Hojii Waalta’ee fi saffisaa Akka uuman Kaasanii, Sirnaan Fayyadamuun Yeroo Dheeraaf Akka Tajaajilan Bu’uraalee Misoomaa Eeguun Akka Barbaachisu Hubachiisaniiru. Mana Maree Bakka Bu’oota Ummataatti Walitti Qabaan Koree Dhaabbataa Dhimmoota Bobbii Humna Namaa fi Teeknooloojii Dr. Nagarii Leencoo Kutaaleen Ismaart Komunikeeshinii Si’achiisan odeeffannoo Waliif Qooduuf Gumaacha olaanaa Akka Qaban Dubbataniiru. Fuulduras Jiddugaleessota Kanneen Bakka Hundaan Gahuun Akka Barbaachisu Ibsaniiru. Bu’uraaleen Misoomaa Dijitaal Itiyoophiyaa Dhugoomsuu Dandeessisan Hojjetamaa Akka Jiran Kan Ibsan Ammoo De’eetaa Ministiraa Innoveeshinii fi Teeknooloojii Dr. Yishruun Almaayyooti. Kutaaleen Ismaart Komunikeeshinii Saffisiisa, Teeknooloojiiwwan Ammayyaa Hojiilee Gararagaa, Walgahii fi Leenjii Karaa Yeroo fi Baasii Qusatuun Salphaatti Gaggeessuu Dandeessisan Diriirfamaniiruuf. Meeshaaleen Neetwoorkii, Faalama Sagalee Hir’isan(Soundproofing) Ismaart Iskiriin, Laayitiing, Konfaransiiwwan Teelee fi Viidiyoo Gochuuf Dandeessisan Fooyya’aan Maxxanfameeraaf.
Daawwannaan Industirii ministirri muummee Dr. Abiyyi Ahimad Faransaayi Paarisitti taasisan Teeknoloojii fi Hubannoo namtolcheerratti kan xiyyeeffate ture
May 24, 2025 206
Caamsaa 16/2017(TOI)- Daawwannaan Industirii ministirri muummee Dr. Abiyyi Ahimad Faransaayi Paarisitti taasisan Teeknoloojii fi Hubannoo namtolcheerratti kan xiyyeeffate ture Garee jilaa isaanii waliin ta’uun jiddugala teeknooloojii istaart aappii dhuunfaa “Steeshin effi” biizinasiin keessatti uumamu addunyaarraa guddicha ta’e daawwataniiru. Haalli Istaar aappii Itiyoophiyaa sadarkaa jalqabbiirra jiraatus dargaggoota beekumsa teeknooloojiin ga’oomaniin kan guutamee fi akkasumas walitti hidhamiinsa dujitaalaa humna cimaa agarsiisaa guddachaa jiruun gaggeeffamaa jira. Mootummaan tarsiimoowwan kanneen akka “dijitaal Itiyoophiyaa 2025” bocuun kalaqa deeggaruuf tarkaanii fudhachaa jira. Kuns Istaar aappiif haala mijataa uumuuf kan akeekamedha. Dabalataanis labsiin ‘Istaart aappii’ bahee haala mijataan dhiheessii maallaqaa, qoraata to’annaa fi kana fakkaatan darbuuf dandeessisu uumeera. Ministirri muummee jiddugala teeknooloojii 5G, 6g, NAGEENYA Saayibarii, hubannoo namtolchee fi walitti hidhamiinsa Optikaalii kan ta’e waajjira muummee Nookiyaa-Faransaayi daawwataniiru. Daawwannaan kun dhiheessii fiber seensiingii, tooftaa qusannaa anniisaa, fi daawwannaa laaboraatoorii 5G kan ofkeessaa qabudha. Ministirri muummee Xumurarratti, jiddugala qorannoo fi teeknooloojii Taalee Faransaayitti argamu daawwataniiru. Jiddu galli kun Erospees, ittisaa fi hubannoo namtolcheerratti xiyyeeffata.
Itiyoophiyaan dhaqqabamummaa waraqaa eenyummaa Dijiitaalaa mirkaneessuun hojii Afriikaaf fakkeenya ta’u hojjetteetti.
May 22, 2025 229
Caamsaa 14/2017(TOI)-Itiyoophiyaan dhaqqabamummaa warqaa eenyummaa Dijiitaalaa hirmaachisaa Mirkaneessuu irratti hojii Afriikaaf fakkeenya ta’u hojjechuushee hirmaattonni ID 4 Afriikaa 2025 ibsan. Yaa’iin Idil Addunyaa ID 4 Afriikaa 2025 magaalaa Finfinneetti gaggeeffamaa jiraachuun ni beekama. Yaa’ichi Ijaarsa eenyummaa dijiitaalaa irratti muuxannon biyyoota adda addaa kan dhihaatu yoo ta’u, paaspoortii fi waraqaa eenyummaa dijiitaalaa irratti kaampaanonni furmaata fooyya’aa qabatanii dhihaatan Omisha isaanii daawwannaaf dhiheessaniiru. Hojii raawwachiiftuun Kaampaanii waloo Itiyoophiyaan Invastimant hooldiig fi kaampaanii Jaappaan Tooppaan seekuriitii Itiyoophiyaa Qaalkidaan Araggaakaampaanichi Itiyoophiyaatti rakkoo maxxansoota iccitii furuuf hundeeffame ta’uu dubbatu. Kaampaanichi maxxansa iccitii tarsiimawaa ta’e Itiyoophiyaarra darbee biyyoota biroo biraan gahuuf Warshaa maxxansaa guddaa Itiyoophiyaa keessatti ijaaraa akka jiru dubbataniiru. Waarshichi humna guutuun hojiitti yeroo galu waggaatti paaspoortii Miiliyoona 5 tuqaa 6 ol akka omishu eeruun, kanaanis omisha isaa Itiyoophiyaarra darbee biyyoota biroof dhiheessuuf dandeessisa jedhaniiru. Maxxansi paaspoortii Itiyoophiyaan raawwatamuun sharafa alaa hanbisuu irra darbee nageenyi isaa kan eegamee fi duudhaa biyya kan qabaate ta’uu, akkasumas paaspoortii lammii hundaaf qaqqabu dhiheessuuf kan dandeessisu ta’uu ibseera.
Afriikaatti tiraanisfoormeeshinii dijitaalaa mirkaneessuuf Eenyummaan Dijiitaalaa Murteessaadha
May 20, 2025 247
Caamsaa 12 /2017(TOI)-Afriikaatti tiraanisfoormeeshinii Dijiitaalaa mirkaneessuuf Eenyummaan Dijiitaalaa Murteessaa ta’uu dura taa’aan Ayidii Foor Afriikaa Dr. Jooseef Atiik ibsan. Yaa’iin walii galaa waggaa Ayidii foor Afriikaa Eenyummaa Dijiitaalaa irratti Xiyyeeffate Magaalaa Finfinneetti gaggeeffamaa jira. Waltajjicha irratti Muummicha Ministiraa Dr. Abiyyi Ahimad Dabalatee, Af-yaa’iin mana maree Federeeshii Aganyoo Tashaagar, pirezidantiin Mana murtii waliigalaa Tewoodiroos Mihirat,, Kantiibaan Magaalaa Finfinnee Adaanech Abeebee, durataa’aan Ayidii foor Afriikaa Dr. Joseef Atiik ,Daarektarri Olaanaa Sagantaa waraqaa eenyunmmaa biyyoolessaa Yodahee Zemiikaa’eli fi Hoggantoonni Olaanoon Mootummaa, Ambaasaaddaroonni biyyoota gara garaa fi bakka bu’oonni Dhaabbilee Idila Addunyaa hirmaataniiru. Dura taa’aan Ayidii for Afriikaa Dr, Josef Atiik saganticha irratti akka ibsanitti, Afriikaatti tiraanisfoormeeshinii Dijiitaalaa Mirkaneessuun filmaata otoo hin ta’iin dirqama ta’uu ibsaniiru. Eenyummaa Dijiitaalaa Afriikaa Mirkaneessuuf imala yeroo eegallu boqonnaa haaraa dha jechuun ibsaniiru. Waltajjichaan sochii misoomaaf Eenyummaa, Ayidi4 (ID4) ilaalchisee hunduu qooda mataasaa akka bahu yerootti hubachiisnudha jedhaniiru. Hoggantoonni Afriikaa haala jijjiirama Afriikaa hubannaa keessa galchuun ijaarsa cehumsa Dijiitaalaaf Xiyyeeffannoo kennuun hojjechuuf sochii eegaluu hubachiisaniiru. Cehumsa dijiitaalaa dhugoomsuuf eenyummaa dijiitaalaa Mirkaneessuun dhimma dursa kennamu ta’uu eeraniiru. Eenyummaa dijiitaala Afriikaa irratti hojii hedduun hojjetamuu ibsuun kunis Misooma Afriikaa hunda galeessaa fi jireenya hawaasaa fooyyessuuf shoora guddaa qabaachuu beeksisaniiru. Waltajjiin kun egeree Dijiitaala Afriikaa Mirkaneessuuf enyuummaa Afriikaa hunda galeessaa mirkaneessuuf kutannoo qabaachuu keenya yerootti mirkaneessinudha jedhaniiru.
Hirmaannaa cimaa Itiyoophiyaa dinagdee dijitaalaa Afriikaa keessatti qabduuf faayidaan qooda olaanaa qaba-ministira muummee Dr. Abiyyi Ahimad
May 20, 2025 213
Caamsaa 12/2017(TOI)- Hirmaannaa cimaa Itiyoophiyaa dinagdee dijitaalaa Afriikaa keessatti qabduuf faayidaan qooda olaanaa akka qabu ministirri muummee Dr. Abiyyi Ahimad ibsan. Yaa’iin waliigalaa ayidii foor waggaan taa’amu kan eenyummaa dijitaalaa irratti xiyyeeffatu Finfinneetti eegalameera. Ministirri muummee Dr. Abiyyi Ahimad wayita kana dubbii dubbataniin, dijitaal Itiyoophiyaa dhugoomsuuf eenyummaa mirkaneessuun murteessaa ta’uu ibsaniiru. Itiyoophiyaan sirna adda baaftuu eenyummaa dijitaalaa ammayyaa, hammataa fi bu’uraa diriirsuushee eeraniiru. Faayidaan kaardii qofa osoo hintaane lakkoofsota adda ta’an kan qabatee fi eenyummaan kan ittiin mirkanaa’u ta’uu kan ibsan ministirri muummee, amma ammaatti namoonni miiliyoona 15 ta’an fudhachuusaanii eeraniiru. Lammiileen damee dinagdee dijitaalaan fayyadamaa akka ta’an faayidaan carraa guddaa mijeessuusaa ibsanii, dameelee hundaaf haala mijataa uumeera jedhan. Faayidaan faayinaansii, Fayyaa, barnoota , telekoom,tajaajiloota ummataa wabii hawaasummaan walitti hidhuun haala mijataa amanamaa uumuusaa ibsaniiru. Faayidaan Itiyoophiyaan Afriikaatti dinagdee dijitaalaa si’ataa ijaaruuf, riijinii daldala bilisaa Afriikaa dhugoomsuuf, bulchiinsa gaarii buusuuf faayidaa olaanaa akka qabu dubbataniiru. Hirmaattonni bakka dhufanitti wayita deebi’an namni hundi adda baaftuu eenyummaa dijitaalaa amansiisaa akka qabaatu kutannoon hojjechuu akka qaban himaniiru. Ministira muummee Dr. Abiyyi Ahimad dabalatee Af-yaa’iin mana maree federeeshinii Aganyoo Tashaagar, pirezidaantiin mana murtii waliigalaa federaalaa Tewoodiroos Mihirat, kantiibaan magaalaa Finfinnee Adaanech Abeebee, hooggantoonni olaanoo mootummaa, ambaasaaddaroonni biyyoota garagaraa fi bakka bu’oonni dhaabbilee idil addunyaa waltajjicharratti argamaniiru.
Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015