Teeknooloojii Ammayyaa fi Humna Namaa Ga’oometti Gargaaramuun Tajaajila Balallii Si’ataa fi Amansiisaa Kennaa Jira

Caamsaa 21/2017(TOI)-Abbaan Taayitaa Siviil Aviyeeshinii Itiyoophiyaa Teeknooloojii Ammayyaa fi Humna Namaa Ga’oometti Gargaaramuun Tajaajila Balallii Si’ataa fi Amansiisaa Kennaa Jiraachuu Beeksise.

Nageenya Geejjiba Qilleensaa Amansiisaa gochuun, Hojmaata Ammayyaa fi Si’ataa gama Diriirsuutiin hojii Hojjetamaa Jiru Ilaalchisuun TOIn sochii Hojii Siviil Aviyeeshinii Jiddugaleessa Bahaa Dirree Dawaa Ilaaleera.

Abbaa Taayitaa Siviil Aviyeeshinii Itiyoophiyaatti hojii Rawwachiisaan hariiroo Ummataa fi Komunikeeshinii Indaalee Asaffaa, Industiriin Aviyeeshinii Caalaatti Giddachaa fi Ammayyaa.aa Ta’uusaa Ibsaniiru..

Waan Ta;eef Teeknooloojii fi Humna Namaa Ga’oome Kan yeroo waliin deemu Barbaachisaa Ta’uu Kaasanii, Gama Kanaan Siviil Aviyeeshiniin Itiyoophiyaa haala Gaariirra Jira Jedhaniiru.

Maanajimantii Tiraafikii Qilleensaa, To’annoo Aviyeeshinii fi Damee Geejjiba Qilleesaan Hojmaattota Ammayyaa fi tajaajiloonni Si’ataan Jiraachuu Kaasaniiru.

Leenjii Ogummaa Ilaalchisee Biyyoota Afriikaa Biroofis Leenjii Akka Kennu Ibsaniiru.

Eeggataan Itti Gaafatamaa Siviil Aviyeeshinii Jiddugaleessa Bahaa Dirree Dawaa Obbo Tewoodiroos Kibabawu, Nageenyi Balallii Qilleensaa Yoomiyyuu Karaa Amansiisaa Ta’een Eegamaa Jiraachuu Ibsaniiru.

Siviil Aviyeeshinii Jiddugala Bahaa Dirree Dawaatti Teekinishaaniin Mahaandisummaa To’ataa Balallii Heenook Mikaa’el, Gamasaaniin, Hojiin To’annaa Haala Amansiisaa Ta’een Gaggeeffamaa Akka Jiru Dubbataniiru.

Nageenyi Balallii  Qillensaa mijataa Akka Ta’u Damee Hariiroo Komunikeeshiniin Sa’aatii 24 Hojjetamaa Jiraachuu Kan Ibsite Ammoo Masarat Taakkalaati.

Ogeessa Dame Kanaa Kan Ta’an Masarat Taakkalaa fi To’ataan Tiraafika Qilleensaa Aproochii Geetuu Nuurm, Nageenya Balalliif xiyyeeffannoo fi Ofeeggannoo Addaatiin tajaajilaa Jiraachuusaanii Dubbataniiru.

#Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa

#TOI

#Oromiyaa

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015