Hirmaannaa cimaa Itiyoophiyaa dinagdee dijitaalaa Afriikaa keessatti qabduuf faayidaan qooda olaanaa qaba-ministira muummee Dr. Abiyyi Ahimad - ENA Afaan Oromoo
Hirmaannaa cimaa Itiyoophiyaa dinagdee dijitaalaa Afriikaa keessatti qabduuf faayidaan qooda olaanaa qaba-ministira muummee Dr. Abiyyi Ahimad

Caamsaa 12/2017(TOI)- Hirmaannaa cimaa Itiyoophiyaa dinagdee dijitaalaa Afriikaa keessatti qabduuf faayidaan qooda olaanaa akka qabu ministirri muummee Dr. Abiyyi Ahimad ibsan.
Yaa’iin waliigalaa ayidii foor waggaan taa’amu kan eenyummaa dijitaalaa irratti xiyyeeffatu Finfinneetti eegalameera.
Ministirri muummee Dr. Abiyyi Ahimad wayita kana dubbii dubbataniin, dijitaal Itiyoophiyaa dhugoomsuuf eenyummaa mirkaneessuun murteessaa ta’uu ibsaniiru.
Itiyoophiyaan sirna adda baaftuu eenyummaa dijitaalaa ammayyaa, hammataa fi bu’uraa diriirsuushee eeraniiru.
Faayidaan kaardii qofa osoo hintaane lakkoofsota adda ta’an kan qabatee fi eenyummaan kan ittiin mirkanaa’u ta’uu kan ibsan ministirri muummee, amma ammaatti namoonni miiliyoona 15 ta’an fudhachuusaanii eeraniiru.
Lammiileen damee dinagdee dijitaalaan fayyadamaa akka ta’an faayidaan carraa guddaa mijeessuusaa ibsanii, dameelee hundaaf haala mijataa uumeera jedhan.
Faayidaan faayinaansii, Fayyaa, barnoota , telekoom,tajaajiloota ummataa wabii hawaasummaan walitti hidhuun haala mijataa amanamaa uumuusaa ibsaniiru.
Faayidaan Itiyoophiyaan Afriikaatti dinagdee dijitaalaa si’ataa ijaaruuf, riijinii daldala bilisaa Afriikaa dhugoomsuuf, bulchiinsa gaarii buusuuf faayidaa olaanaa akka qabu dubbataniiru.
Hirmaattonni bakka dhufanitti wayita deebi’an namni hundi adda baaftuu eenyummaa dijitaalaa amansiisaa akka qabaatu kutannoon hojjechuu akka qaban himaniiru.
Ministira muummee Dr. Abiyyi Ahimad dabalatee Af-yaa’iin mana maree federeeshinii Aganyoo Tashaagar, pirezidaantiin mana murtii waliigalaa federaalaa Tewoodiroos Mihirat, kantiibaan magaalaa Finfinnee Adaanech Abeebee, hooggantoonni olaanoo mootummaa, ambaasaaddaroonni biyyoota garagaraa fi bakka bu’oonni dhaabbilee idil addunyaa waltajjicharratti argamaniiru.