Afriikaatti tiraanisfoormeeshinii dijitaalaa mirkaneessuuf Eenyummaan Dijiitaalaa Murteessaadha

Caamsaa 12 /2017(TOI)-Afriikaatti tiraanisfoormeeshinii Dijiitaalaa mirkaneessuuf Eenyummaan Dijiitaalaa Murteessaa ta’uu dura taa’aan Ayidii Foor Afriikaa Dr. Jooseef Atiik ibsan.

Yaa’iin walii galaa waggaa Ayidii foor Afriikaa Eenyummaa Dijiitaalaa irratti Xiyyeeffate Magaalaa Finfinneetti gaggeeffamaa jira.

Waltajjicha irratti Muummicha Ministiraa Dr. Abiyyi Ahimad Dabalatee, Af-yaa’iin mana maree Federeeshii Aganyoo Tashaagar, pirezidantiin Mana murtii waliigalaa Tewoodiroos Mihirat,, Kantiibaan Magaalaa Finfinnee Adaanech Abeebee, durataa’aan Ayidii foor Afriikaa Dr. Joseef Atiik ,Daarektarri Olaanaa Sagantaa waraqaa eenyunmmaa biyyoolessaa Yodahee Zemiikaa’eli fi Hoggantoonni Olaanoon Mootummaa, Ambaasaaddaroonni biyyoota gara garaa fi bakka bu’oonni Dhaabbilee Idila Addunyaa hirmaataniiru.

Dura taa’aan Ayidii for Afriikaa Dr, Josef Atiik saganticha irratti akka ibsanitti, Afriikaatti tiraanisfoormeeshinii Dijiitaalaa Mirkaneessuun filmaata otoo hin ta’iin dirqama ta’uu ibsaniiru.

Eenyummaa Dijiitaalaa Afriikaa Mirkaneessuuf imala yeroo eegallu boqonnaa haaraa dha jechuun ibsaniiru.

Waltajjichaan sochii misoomaaf Eenyummaa, Ayidi4 (ID4) ilaalchisee hunduu qooda mataasaa akka bahu yerootti hubachiisnudha jedhaniiru.

Hoggantoonni Afriikaa haala jijjiirama Afriikaa hubannaa keessa galchuun ijaarsa cehumsa Dijiitaalaaf Xiyyeeffannoo kennuun hojjechuuf sochii eegaluu hubachiisaniiru.

Cehumsa dijiitaalaa dhugoomsuuf eenyummaa dijiitaalaa Mirkaneessuun dhimma dursa kennamu ta’uu eeraniiru.

Eenyummaa dijiitaala Afriikaa irratti hojii hedduun hojjetamuu ibsuun kunis Misooma Afriikaa hunda galeessaa fi jireenya hawaasaa fooyyessuuf shoora guddaa qabaachuu beeksisaniiru.

Waltajjiin kun egeree Dijiitaala Afriikaa Mirkaneessuuf enyuummaa Afriikaa hunda galeessaa mirkaneessuuf kutannoo qabaachuu keenya yerootti mirkaneessinudha jedhaniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015