Daawwannaan Industirii ministirri muummee Dr. Abiyyi Ahimad Faransaayi Paarisitti taasisan Teeknoloojii fi Hubannoo namtolcheerratti kan xiyyeeffate ture

Caamsaa 16/2017(TOI)- Daawwannaan Industirii ministirri muummee Dr. Abiyyi Ahimad Faransaayi Paarisitti taasisan Teeknoloojii fi Hubannoo namtolcheerratti kan xiyyeeffate ture

Garee jilaa isaanii waliin ta’uun jiddugala teeknooloojii istaart aappii dhuunfaa “Steeshin effi” biizinasiin keessatti uumamu addunyaarraa guddicha ta’e  daawwataniiru.

Haalli Istaar aappii Itiyoophiyaa sadarkaa jalqabbiirra jiraatus dargaggoota beekumsa teeknooloojiin ga’oomaniin kan guutamee fi akkasumas walitti hidhamiinsa dujitaalaa humna cimaa agarsiisaa guddachaa jiruun gaggeeffamaa jira.

Mootummaan tarsiimoowwan kanneen akka “dijitaal Itiyoophiyaa 2025” bocuun kalaqa deeggaruuf tarkaanii fudhachaa jira.

Kuns Istaar aappiif haala mijataa uumuuf kan akeekamedha.

Dabalataanis labsiin ‘Istaart aappii’ bahee haala mijataan dhiheessii maallaqaa, qoraata to’annaa fi kana fakkaatan darbuuf dandeessisu uumeera.

Ministirri muummee jiddugala teeknooloojii 5G, 6g, NAGEENYA Saayibarii, hubannoo namtolchee fi walitti hidhamiinsa Optikaalii kan ta’e waajjira muummee Nookiyaa-Faransaayi daawwataniiru.

Daawwannaan kun dhiheessii fiber seensiingii, tooftaa qusannaa anniisaa, fi daawwannaa laaboraatoorii 5G kan ofkeessaa qabudha.

Ministirri muummee Xumurarratti, jiddugala qorannoo fi teeknooloojii Taalee Faransaayitti argamu daawwataniiru.

Jiddu galli kun Erospees, ittisaa fi hubannoo namtolcheerratti xiyyeeffata.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015