Kutaaleen Ismaart Komunikeeshinii Saffisiisan Kan Dhaabbilee Federaalaa 10, Naannolee fi Bulchiinsa Magaalotaa Keessatti Ijaaraman Tajaajila Eegalan - ENA Afaan Oromoo
Kutaaleen Ismaart Komunikeeshinii Saffisiisan Kan Dhaabbilee Federaalaa 10, Naannolee fi Bulchiinsa Magaalotaa Keessatti Ijaaraman Tajaajila Eegalan

Caamsaa 20/2017(TOI)- Kutaaleen Ismaarta Komunikeeshinii Saffisiisan Kan Dhaabbilee Federaalaa 10, Naannolee fi Bulchiinsa Magaalotaa Keessatti Ijaaraman Tajaajila Eegalaniiru.
Kutaaleen Ismaart Komuniikeeshinii Saffisiisan Kunneen Qooda Fudhattoota Bakka Addaddaa Jiran Salphaatti Akka Walitti dhufanii fi Hojiisaanii Akka Saffisiisan Nidandeessisu.
Ministirri Innoveeshinii fi Teeknooloojii Dr. Ballaxaa Mollaan Kutaalee Ismaart Komunikeeshinii Saffisiisan Kan Har’a Hojii Eegalan Teeknooloojii Addunyaan Irra Gahe Kan Guuttatanii fi Qulqullinaan Kan Ijaaramanidha Jedhaniiru.
Jiddugaleessi Kunneen Hariiroo Hojii Waalta’ee fi saffisaa Akka uuman Kaasanii, Sirnaan Fayyadamuun Yeroo Dheeraaf Akka Tajaajilan Bu’uraalee Misoomaa Eeguun Akka Barbaachisu Hubachiisaniiru.
Mana Maree Bakka Bu’oota Ummataatti Walitti Qabaan Koree Dhaabbataa Dhimmoota Bobbii Humna Namaa fi Teeknooloojii Dr. Nagarii Leencoo Kutaaleen Ismaart Komunikeeshinii Si’achiisan odeeffannoo Waliif Qooduuf Gumaacha olaanaa Akka Qaban Dubbataniiru.
Fuulduras Jiddugaleessota Kanneen Bakka Hundaan Gahuun Akka Barbaachisu Ibsaniiru.
Bu’uraaleen Misoomaa Dijitaal Itiyoophiyaa Dhugoomsuu Dandeessisan Hojjetamaa Akka Jiran Kan Ibsan Ammoo De’eetaa Ministiraa Innoveeshinii fi Teeknooloojii Dr. Yishruun Almaayyooti.
Kutaaleen Ismaart Komunikeeshinii Saffisiisa, Teeknooloojiiwwan Ammayyaa Hojiilee Gararagaa, Walgahii fi Leenjii Karaa Yeroo fi Baasii Qusatuun Salphaatti Gaggeessuu Dandeessisan Diriirfamaniiruuf.
Meeshaaleen Neetwoorkii, Faalama Sagalee Hir’isan(Soundproofing) Ismaart Iskiriin, Laayitiing, Konfaransiiwwan Teelee fi Viidiyoo Gochuuf Dandeessisan Fooyya’aan Maxxanfameeraaf.