Itiyoophiyaan dhaqqabamummaa waraqaa eenyummaa Dijiitaalaa mirkaneessuun hojii Afriikaaf fakkeenya ta’u hojjetteetti.

Caamsaa 14/2017(TOI)-Itiyoophiyaan dhaqqabamummaa warqaa eenyummaa Dijiitaalaa hirmaachisaa Mirkaneessuu irratti  hojii Afriikaaf fakkeenya ta’u hojjechuushee hirmaattonni   ID 4 Afriikaa 2025 ibsan. 

Yaa’iin Idil Addunyaa ID 4 Afriikaa 2025 magaalaa Finfinneetti gaggeeffamaa jiraachuun ni beekama. 

Yaa’ichi Ijaarsa eenyummaa dijiitaalaa irratti muuxannon  biyyoota adda addaa  kan dhihaatu yoo ta’u, paaspoortii fi waraqaa eenyummaa dijiitaalaa irratti  kaampaanonni furmaata fooyya’aa qabatanii dhihaatan Omisha isaanii daawwannaaf dhiheessaniiru.

Hojii raawwachiiftuun Kaampaanii waloo Itiyoophiyaan Invastimant hooldiig fi kaampaanii Jaappaan Tooppaan seekuriitii Itiyoophiyaa Qaalkidaan Araggaakaampaanichi Itiyoophiyaatti rakkoo maxxansoota iccitii furuuf hundeeffame ta’uu dubbatu.

Kaampaanichi maxxansa iccitii tarsiimawaa ta’e Itiyoophiyaarra darbee biyyoota biroo biraan gahuuf Warshaa maxxansaa guddaa Itiyoophiyaa keessatti ijaaraa akka jiru dubbataniiru.

Waarshichi  humna guutuun  hojiitti yeroo galu   waggaatti paaspoortii  Miiliyoona 5 tuqaa 6 ol  akka  omishu  eeruun, kanaanis omisha isaa Itiyoophiyaarra darbee biyyoota biroof  dhiheessuuf dandeessisa jedhaniiru.  

Maxxansi paaspoortii Itiyoophiyaan raawwatamuun sharafa alaa hanbisuu irra darbee   nageenyi isaa kan eegamee fi  duudhaa biyya kan qabaate ta’uu, akkasumas paaspoortii lammii  hundaaf qaqqabu dhiheessuuf  kan dandeessisu  ta’uu ibseera.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015