Waggoota dhihootti, eenyummaan dijitaalaa abdii qabeessa kan ta’e kalaqaarraa gara utubaa dijitaal tiraanisfoormeeshiniitti fooyya’eera-ministira muummee Dr. Abiyyi Ahimad - ENA Afaan Oromoo
Waggoota dhihootti, eenyummaan dijitaalaa abdii qabeessa kan ta’e kalaqaarraa gara utubaa dijitaal tiraanisfoormeeshiniitti fooyya’eera-ministira muummee Dr. Abiyyi Ahimad

Caamsaa 12/2017(TOI)- Waggoota dhihootti, eenyummaan dijitaalaa abdii qabeessa kan ta’e kalaqaarraa gara utubaa dijitaal tiraanisfoormeeshiniitti fooyya’eera jedhanministirri muummee Dr. Abiyyi Ahimad.
Kana booda filmaata osoo hinta’iin bu’ura misoomaa namoota tajaajiloota, hawaasota, dhaabbilee fi mootummoota waliin kan walitti fidudha jechuun ministirri muummee fuula hawaasummaa isaaniirratti ergaa dabarsaniiru.
Waggaa shan dura mul’ata dijitaal Itiyoophiyaa 2025n gaggeeffamnee murtee baayyee barbaachisu murteessineerra jedhaniiru.
Kunis sirna dijitaalaa eenyummaa ammayyaa, hammataa, bu’ura kan qabuu fi bal’achuu danda’u ijaaruudha kan jedhan ministirri muummee, kanas jiraataa huna qaqqabsiisuu ture jedhaniiru.
Sirna kanas ‘faayidaa’ jenneetu waamna, faayidaan kaardii qofa miti., jechuunis ibsaniiru.
Lakkoofsa adda baaftuu addaa Iccitii Odeeffannoowwan dhuunfaa namoota dhuunfaa eeguu fi kan barbaachise qofa qooduun eenyummaa keessan kan mirkaneessudha jechuun hubachiisaniiru.