Ispoortii
Sagantaan torbee 10ffaa Piriimerligii Itiyoophiyaa har’a jalqabama
Jan 9, 2024 313
Mudde 30/2016(TOI)- Oolmaa guyyaa jalqabaa Sagantaa dorgommii torbee 10ffaa piriimerliigii Itiyoophiyaatiin taphoonni lama nitaasifamu. Guyyaa keessaa sa’aatii 9tti Bunni Itiyoophiyaa magaalaa Shaashamannee waliin Istaadiyeemii Yuunivarsiitii Saayinsii fi Teeknooloojii Adaamaatti nidorgomu. በBunni Itiyoophiyaa qabxii 14’n sadarkaa 6ffaarraa yoo jiraatu taphoota piriimerliigii walitti aansuun taphate shan keessaa lama mo’atee lama mo’atameera, altokko walqixa baheera. Morkataansaa magaalaan Shaashamannee taphoota shan darban taphateen lama mo’amee sadii ammoo qabxii qooddateera. Taha amma ammaatiin kan hin mo’anne magaalaan Shaashamannee qabxii 3’n sadarkaa 15 bahuun sadarkaa gadi bu’ii keessatti argama. Galgala sa’aatii 12tti Bunni Sidaamaa magaalaa Adaamaa waliin nitaphata. Bunni Sidaamaa taphoota liigichaa shan walitti aansuun taphateen lamaan mo’atee lama mo’ameera, tokkoon ammoo qabxii qooddateera. Qabxii 11’n sadarkaa 9ffaarratti argama. Magaalaan Adaamaa qabxii 13’n sadarkaa 8ffaarratti yemmuu argamu taphoota liigichaa walitti aansuun taphate shan keessaa lama mo’atee lamaan mo’amee tokko ammoo walqixa baheera. Sagantaan piriimerliigii Itiyoophiyaa torbee 10ffaa borus kan itti fufu yoo ta’u, guyyaa keessaa sa’aatii 9tti Machaal magaalaa Hawaasaa, galgala sa’aatii 12tti Hadiyyaa Hoosaa’inaa Qiddus Goorgis waliin nitaphatu. Taphoonni torbee 10ffaa liigichaa amma Amajjii 3 bra 2016tti itti fufu. Baankiin daldalaa Itiyoophiyaa qabxii 23’n liigicha dursaa jira
Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015