Dorgommiin liigii olaanaa Kubbaa miillaa Oromiyaa Naqamte Istaadeemii Wallaaggaatti geggeeffama jira

Mudde 15/2016(TOI) - Dorgommiin liigii olaanaa kubbaa miillaa Oromiyaa magaalaa Naqamtee Istaadeemii Wallaggaatti geggeeffama jira.

Dorgommii kanarratti kilaboonni 16 hirmaachaa kan jiran yoo ta'u; jalbii dorgommichaarratti kilabni magaalaa Dambidoolloo fi Magaalaa Mattuu waliin taphachuun tokkoo qixaan xumuraniiru.

Kantiibaan magaalaa Naqamtee obbo Misgaanuu Tulluu sirna banissaa isaarratti argamuun haasaa taasisaniin Dorgommiin kun ji'a tokkoof kan turu yoo ta'uu himanii dorgommichi karaa nagaa fi naamusa Ispoortii eeggatee akka geggeeffamee xumuramuuf hunduu gahee isaa akka bahu waamicha taasisaniiru.

Miseensoonni garee dorgommii kanarratti hirmaachuuf godinaalee fi magaaloota Oromiyaarra dhufanis simannaa bulchiinsi magaalaa Naqamtee taasiseefitti gammaduu himaniiru.

Dorgommiin kun kaleessa saatii booda kan jalqabe yoo ta'u Itti aanaan Biiroo Ispoortii fi dargaggoota naannoo Oromiyaa Dasaaleny Xilahuun, Pirezidaantii federeshinii kubbaa miillaa Oromiyaa doktar Waqjiraa Simee fi keessummoonni biroon irratti argamaniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015