Ispoortiitti fayyadamuun walitti hidhamiinsa hawaasummaa cimsuun nageenya waaraaf fayyadamuun nibarbaachisa

237

Sadaasa 20/2016 (TOI )- Ispoortiitti fayyadamuun walitti hidhamiinsa hawaasummaa cimsuun nageenya waaraaf fayyadamuun nibarbaachisa jedhan af-yaa’iin naannoo Baaniishaangul Gumuz doktar Tamasgeen Disaasaahubachiisan.

Ayyaana saboota sablammootaa fi ummattootaa 18ffaa sababeeffachuun naannoo Beeniishaangul Gumuz godina Matakkal magaalaa Gilgal Balasitti har’a dorgommiin fiigichaa
dirreerraa taasifameera.

Af-yaa’iin mana maree naannichaa doktar Tamasgeen Disaasaa wayita kana akka jedhanitti faayidaa Ispoortiin qabu nageenya waaraaf oolchuu barbaachisa.

"Ispoortiin walitti hidhamiinsa hawaasaa cimsuuf faayidaa olaanaa qaba” kan jedhan af-yaa’ichi, haala Kanaan Ispoortii nageenya waaraa buusuuf fayyadamuun akka barbaachisu hubachiisaniiru.

Kaayoon dorgommii kanaa ayyaanicha sababeeffachuun hariiroo waliinii cimsuu ta’uu kan ibsan ammoo komishinarii komishinii Ispoortii naannichaa Yuusuuf Bashiri.

Hooggantoota naannichaa olaanoo dabalatee jiraattonni magaalaa Gilgal Balasii fi naannawashee dorgommii dirree kiiloo meetira sadii kanarratti hirmaataniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015