Gareen waaliyaa Burkiinaa Faassoon mo’ame - ENA Afaan Oromoo
Gareen waaliyaa Burkiinaa Faassoon mo’ame

Sadaasa 11/2016 (TOI)-Gareen biyyaalessaa Itiyoophiyaa tapha ramaddii 2ffaa calallii Waancaa Addunyaatiin Burkiinaa Faassoo waliin taphatee goolii 3 fi 0’n mo’ameera.
Goolii kanneen Bilaatii Turee daqiiqaa 49ffaa, Bartiraand Tiraa’oree(F) daqiiqaa 78ffaa, Daangoo Otaatiraa daqiiqaa 90ffaarratti Burkiinaa Faassoof galchaniiru.
Gareen Waaliyaa tapha calallii ramaddii 3ffaa fi arfaffaa Giinii Bisaa’oo fi Jibutii Waliin akka taphatan beekameera.