Maanchister Siitiin waancaa kilaboota addunyaa mo’ate

Mudde 13/2016 (TOI)-Waancaa kilaboota addunyaa Saa’udii Arabiyaatti taasifameen Maanchister Siitiin kilaba Biraaziil kan ta’e Filuumiinzoo goolii 4 fi 0’n mo’achuun yeroo jalqabaaf waancaa mo’ateera.

Maanchister siitiin gooli lama Alvaareev galchee fi Fiil Fodan akkasumas Niinoon goolii garee ofiirratti galcheen taphicha goolii 4 fi mo’ateera.

Gama biraatiin tapha sadarkaa dursee taphatameen gareen Gibxi Al Ahiliin garee Jaappaan Urwaa Reedsi goolii 4 fi 2’n mo’achuun sadarkaa sadaffaa qabatee xumureera.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015