Finfinneen magaalaa daa’imman sammuu fi qaamaan gabbatanii keessatti guddatan taasisuuf hojiin jalqabame cimee ittifufa

293

Sadaasa 30/2016 (TOI) - Finfinneen magaalaa daa’imman utaalanii, sammuu fi qaamaan gabbatanii keessatti guddatan taasisuuf hojiin jalqabame cimee ittifufa jedhan kantiibaan magaalattii Adaanech Abeebee.

Kantiibaa Adaanech Abeebee ergaa fuula marsariitiisaaniirratti dabarsaniin, dirree Ispoortii naannawa Beellaatti ijaarame Itiyoophiyaatti ambaasaaddara Xaaliyaanii Agustiinoo Paalees waliin ta’uun eebisanii tajaajilaaf banaa taasisuusaanii ibsaniiru.

Embaasiin Xaaliyaanii qaama ijaarsa dhalootaa keenya kan ta’e babal’isa dirree Ispoortii dargaggootaa fi daa’immanii deeggaruun dirree Ispoortii har’a eebbifne ijaaruusaatiin magaa ijoollee Beellaatiin nangalateeffadha jedhaniiru.

Haala Kanaan “magaalaan Finfinnee magaalaa daa’imman utaalanii, gammadanii,sammuu fi qaamaan gabbatanii keessatti guddatan taasisuuf hojii jalqabne cimsinee itti fufna” jechuun ibsaniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015