Leenjiftuu Raawudaa Alii leenjiftuu muummee garee byyaalessaa dubartootaa waggaa 17 gadii ta’uun muudamte

Mudde 18/2016(TOI)- Leenjiftuu Raawudaa Alii leenjiftuu muummee garee byyaalessaa dubartootaa waggaa 17 gadii ta’uun muudamteetti

Calallii waancaa addunyaa dubartootaa waggaa 17 gadiin Itiyoophiyaan Guraandhala dhufu Afriikaa Kibbaa waliin kan morkattu yoo ta’u, dorgommii calallii Kanaan leenjiftuu Raawudaa Alii leenjiftuu muummee garichaa ta’uun muudamteeti.

Taphattuu garee biyyaalessaa dubartootaa Itiyoophiyaa(Luusiiwwanii) duraanii kan taate Raawudaan sadarkaa kilabaatti gareewwan Yekkaa Mikaa’el,Kolleejii Kuwiins, Buna Itiyoophiyaa, gabaa oomishaa fi Qiddus Goorgisiif taphatteetti.

Akkaadaamiiwwan addaddaa keessatti leenjisummaan kan tajaajilte yoo ta’u Qiddus goorgisii fi garee biyyaalessaa dubartootaa waggaa 17 gadii Itiyoophiyaatti ammoo itti aantuu leenjiftuu ta’uun hojjettetti.

Yeroo ammaa Qiddus Goorgisitti leenjistuu muummee ta’uun hojjechaa akka jirtu odeeffannoon federeeshinii kubbaa miilaa Itiyoophiyaarraa argame nimul’isa.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015