Garee Olompiikii Itiyoophiyaa Olompiikii Paariis dhufurratti hirmaatuuf waliigalteen eyyama Istaadiyeemii shaakalaa mallatteesse.

Sadaasa 08/2016(TOI)- Garee Olompiikii Itiyoophiyaa Olompiikii Paariis dhufurratti hirmaatuuf waliigalteen eyyama Istaadiyeemii shaakalaa mallatteesse.

Waliigaltichi Istaadiyeemii paariis kutaa magaalaa Antoonii waliin mallatteeffame.

Dorgommii Olompiikii Paariis Baatii Adoolessaa jalqabuuf dorgommii gareen Atileetiksii taasisuuf waliigaltee dirree kan mallatteessan pirezidaantii federeeshinii Atileetiksii Itiyoophiyaa gargaartuu komishinaraa Daraartuu Tulluu fi kantiibaa kutaa magaalaa Antoonii Jaan-Iiv Soonaaleedha.

Itiyoophiyaanonnii fi dhalootaa Itiyoophiyaa kan ta’an kanneen Faransaayii fi biyyoota Awurooppaa biroo keessa jiraatan garee Olompiikii Paaris simachuu fi garee kana deeggaruuf qophii taasisuuf bakka bu’oota deeggartootaa waliin mariin taasifamuusaa odeeffannoon ministeera dhimmi alaa nimul’isa.

Lammiileen Itiyoophiyaa fi dhalootaan Itiyoophiyaa ta’an gareen Olompiikii qabxii gaarii akka fidu amma xumura dorgommiitti deeggarsa akka taasisan mirkaneessaniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015