Ayyaana guyyaa saba, sablammootaa fi ummattootaa 18ffaa ilaalchisuun magaalaa Jigjigaatti dorgommiin fiigichaa kiiloomeetira 5 adeemsifame - ENA Afaan Oromoo
Ayyaana guyyaa saba, sablammootaa fi ummattootaa 18ffaa ilaalchisuun magaalaa Jigjigaatti dorgommiin fiigichaa kiiloomeetira 5 adeemsifame

Sadaasa 25/2016 (TOI)- Ayyaana guyyaa saba, sablammootaa fi ummattootaa 18ffaa ilaalchisuun magaalaa Jigjigaatti dorgommiin fiigichaa kiiloomeetira 5 adeemsifame.
Dorgmmiin kun barii sa’aatii 12 fi walakkaarraa kaasee addababayii Mahaammad Abdallaa Hasanitti kan adeemsifame yemmuu ta’u, dargaggoonni magaalaa Jigjigaa hirmaataniiru.
Ayyaana guyyaa saba, sablammootaa fi ummattootaa 18ffaa har’a Sadaasa 25 irraa kaasee amma Sadaasa 29/2016tti qindeessummaamana maree federeeshiniitiin mata duree “sabdaneessummaa fi walqixxummaan tokkummaa biyyaaf” jedhuun magaalaa Jigjigaatti qophiilee addaddaan nikabajama.
Haala Kanaan Sadaasa 25 guyyaa obbolummaa, Sadaasa 26 guyyaa sabdaneessummaa, Sadaasa 27 guyyaa waloomaa, Sadaasa 28 guyyaa ida’amuu, Sadaasa 29 guyyaa Itiyoophiyaa jechuun moggaafamuun qophiilee addaddaatiin kabajamuu jalqabeera.