Shaampiyoonaan atileetiksii sochii dirree gabaabaa fi jiddugaleessaa Itiyoophiyaa Mudde 3 jalqabama

224

Sadaasa 27/2016 (TOI) - Shaampiyoonaan atileetiksii sochii dirree gabaabaa fi jiddugaleessaa Itiyoophiyaa Mudde 3 amma 7/2016tti ni’adeemsifama.

Dorgommichi dorgommiiwwan waggaa federeeshiniin atileetiksii Itiyoophiyaa adeemsisu keessaa tokko yemmuu ta’u akkaadaamii Ispoortii Itiyoophiyaatti nitaasifama.

Shaampiyoonaa baranaatiinis kilaboonnii fi dhaabbileen 19 ofilaaluuf dorgomicharratti nihirmaatu.

Federeeshinii Atileetiksii Itiyoophiyaatti bakka bu’aan adeemsa hojii hirmaannaa fi dorgommii Bisiraat Laxxibaluu TOI’f akka ibsanitti, dorgommii kanaaf atileetonni 770 galmaa’aniiru.

Kanneen keessaa 451 dhiira, 319 ammoo dubartoota akka ta’an dubbataniiru.

Atileetonni dorgommicha mo’atan maallaqa, meedaaliyaa fi waancaa nibadhaafamu.

Saala lamaanuu 1ffaa  kan bahan birrii kuma 3, 2ffaa kan bahan birrii kuma 2, 3ffaa kan bahan ammoo birrii kuma 1 fi 500 nibadhaafamu.

Atileetota riilee walmakaa dorgomaniif ammoo saala lamaanuu 1ffaa kan bahaniif birrii kuma 6, 2ffaa kan bahan birriikuma 4, 3ffaa kan bahan birrii birrii kuma 2 nibadhaafamu.

Atileetonni beekamoon 18 dorgommicharratti kan hirmaatan yemmuu ta’u, dhiiraan Ermiyaas Girmaa Buna Sidaamaarraa, dubrtootarraa ammoo Birqee Hayyaloom baankii daldala Itiyoophiyaarraa keessatti argamu.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015