Taphoonni Piriimer Liigii torbee torbaffaa har’aa jalqabee nitaphatamu

247

Sadaasa 27/2016 (TOI) – Sagantaan Piriimer Liigii Itiyoophiyaa torbee torbaffaa taphoota lama Istaadiyeemii Yuunivarsiitii saayinsii fi teeknooloojii Adaamaatti har’a taphatamaniin jalqabama.

Magaalaan Walqixxee Hambarichoo Duraamee waliin guyyaa keessaa sa’aatii 9tti nitaphatu.

Qabxii 5’n sadarkaa 13ffaarratti kan argamu magaalaan Walqixxee taphoota liigichaa walitti aansuun taphate shan keessaa tokko qofaa mo’ateera.

Taphoota lamaan mo’atamee lamaan ammoo walqixa baheera.

Hambarichoo Duraameen  qabxii lamaan sadarkaa 155ffaa qabatee sadarkaa gadi bu’aarra yemmuu jiraatu, taphoota liigichaa shan Kanaan dura taphate keessaa sadiin mo’amee lama ammoo walqixa baheera.

Hambarichoo Duraameen amma ammaatti tapha tokkooniyyuu hinmo’anne.

Galgala sa’aatii 12tti Faasiil Kanamaa Walaayittaa Diichaa waliin nitaphata.

Faasiil Kanamaan qabxii 12’n sadarkaa 4ffaarratti yemmuu argamu taphoota liigichaa Kanaan dura taphate shan keessaa sadii mo’atee lama ammoo qabxii qooddateera.

Morkataansaa Walaayittaa Dichaan taphoota Liigichaa shan Kanaan dura taphateen al tokko qofa mo’ate.

Lama mo’atamee lama ammoo walqixa baheera.

Walaayittaa Diichaan qabxii 8’n sadarkaa 8ffaarra jira.

Boru Machaal magaalaa Adaamaa waliin guyyaa sa’aatii 9tti, magaalaan Bahaar daar magaalaa Hawaasaa waliin sa’aatii 12tti  nitaphatu.

Taphi torbee torbaffaa Liigichaa amma Sadaasa 30/2016tti nitura.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015