Piriimer Liigiin Itiyoophiyaa addaan cite ture har’a nijalqabama

197

Sadaasa 20 /2016 (TOI) Taphni Piriimer Liigiin Itiyoophiyaa sababa dorgommiiwwan idil addunyaatiin guyyoota 27’f addaan cite ture taphoota lama taasifamaniin har’a nijalqabama.

Har’a guyyaa keessaa sa’aatii 9tti Dirreedawaa Kanamaa Walayittaa Diichaa waliin, galgala sa’aatii 12tti Ambarichoo Duraamee Faasiil Kanamaa waliin nitaphatu

Boru guyyaa keessaa sa’aatii sagalitti Itiyoophiyaa Madin Machaal, sa’aatii 12tti magaalaan Shaashamannee magaalaa Walqixxee waliin nitaphatu.

Taphoonni kunneen Istaadiyeemii saayinsii fi teeknooloojii Adaamaatti taphatamu.

Qiddus Goorgis Liigicha qabxii 13’n yemmuu dursu Shaashamannee kanamaa qabxii tokkoon sadarkaa xumuraarratti argama.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015