Gareen Waaliyaa calallii waancaa addunyaatiif gitasaa Burkiinaa Faassoo waliin har’a nitaphata

Sadaasa 11/2016(TOI)- Gareen biyyaalessaa Itiyiyoophiyaa dhiirotaa calallii Waancaa addunyaa tapha ramaddii 2ffaa gitasaa har’a sa’aatii 10tti Burkiinaa Faassoo waliin nimorkata.

Gareen biyyaalessaa Itiyoophiyaa tapha kanaaf Istaadiyeemii Kaazaabilaankaa Molaay Rashiiditti shaakalaa kan ture yemmuu ta’u, tapha har’aatiin dura kaleessa shaakallii xumuraa taasiseera.

Gareen biyyaalessaa Itiyoophiyaa har’a sa’aatii 10tti Istaadiyeemii El-Abdiitti Burkiinaa Faassoo waliin akka taphatu odeeffannoon federeeshinii kubbaa miilaa Itiyoophiyaarraa argame nimul’isa.

Abbaan murtii Jaameeh Lemiin Gaambiyaarraa tapha kana kan taphachiisu yemmuu ta’u, lammiileen biyyasaa Jaawoo Abdul’aziiz (gargaaraa), Daarboo Omaar (gargaaraa), Saalaah Omaar (afraffaa) akkasumas Awuyyee Yuusuuf Yugaandaarraa komishinarummaan ramadamaniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015