Ispoortii
Taphoonni xumuraa torbee shanaffaa Piriimer Liigii har’a nitaphatamu
Nov 3, 2023 305
Onkoloolessa 23/2016 (TOI) – Sagantaa torbee shanaffaa Piriimer Liigii Itiyoophiyaatiin taphoonni xumuraa lama har’a Istaadiyeemii Yuunivarsiitii Saayinsii fi Teeknooloojii Adaamaattinitaphatamu. Tahni Magaalaan Bahaardaar faasiil Kanamaa waliin guyyaa keessaa sa’aatii 9tti taphatan xiyyeeffannoo argateera. Qabxii 7’n sadarkaa 7ffaarra kan jiru magaalaan Bahaardaar taphoota piriimar Liigii amma ammaatti taphate afuriin lama mo’atee tokkoon mo’amee altokko ammoo qabxii qooddateera. Faasiil Kanamaan taphoota afur keessaa lama mo’atee lama ammoo walqixa baheera, qabxii 8 qabatee sadarkaa 6ffaarratti argama. Bara dorgommii 2015 kilaboonni lamaan taphoota taphataniin magaalaan Bahaardaar altokko mo’atee taphoona kaaniin walqixa bahaniiru. Sagantaa xumuraa torbee shanaffaatiin Bunni Itiyoophiyaa fi Walaayittaa Diichaan galgala sa’aatii 12tti nitaphatu. Magaalaan Bahaardaar gooliin caalamee qabxii 7’n sadarkaa 8ffaarratti kan argamu bunni Itiyoophiyaa taphoota liigichaa afur amma ammaatti taphateen lama mo’atee mo’amee tapha tokkoon ammoo qabxii qooddateera. Morkataansaa Walaayittaa Diichaan taphoota afur taphateen lama mo’atee lama ammoo mo’atamee qabxii 6’n sadarkaa 9ffaarratti argama. Karaa walfakkaatuun taphoota torbee shanaffaa kaleessa taphatamaniin dursaan liigichaa Qiddus Goorgis Madin Itiyoophiyaa gooloo 3 fi 0’n akkasumas magaalaan Hawaasaa Buna Sidaamaa goolii 1 fi 0’n mo’ataniiru.
Shaampiyoonaa fiigicha addunyaa adaandiirraa Laatiiviyaa Riigaatti taasimauun Itiyoophiyaan Atileetota 13’n hirmaatti
Oct 1, 2023 202
Fulbaana 20/2016(TOI) - Shaampiyoonaa fiigicha addunyaa adaandiirraa Laatiiviyaa Riigaatti yeroo jalqabaaf taasifamurratti Atileetonni Itiyoophiyaa 13 nihirmaatu. Atileetonni biyyoota 57 irraa walitti dhufan 347 Shaampiyoonaa kanarratti kan hirmaatan yemmuu ta’u, saala lamaanuu fiigichi maayilii 1, kiiloomeetira 5 fi maaraatoonii walakkaa ni’adeemsifamu. Itiyoophiyaan dubartoota 7 fi dhiira 6 walumaa gala Atileetota 13’n Shaampiyoonaa kanarratti nihirmaatti. Ijjigaayyoo Taayyee fi Madiinaa Isaa dorgommii dubartootaa kiiloomeetira shaniin guyyaa keessaa sa’aatii shanii fi daqiiqaa 50 irratti nidorgomu. Yoomiif Qajeelchaa fi Hagos Gabrahiywoot dorgommii dhiiraa guyyaa keessaa sa’aatii 6 fi daqiiqaa 15 irratti taasifamurratti nidorgomu. Dirribee Waltajjii fi Fireewayinii Hayiluu dorgommii maayilii tokkoo sa’aatii 7 irratti taasifamurratti akkasumas dhiiraan fiigicha fageeny Kanaan dorgommii guyyaa keessaa sa’aatii 7 fi daqiiqaa 10 irratti taasifamurratti Taaddasaa Lammii nidorgoma. Dorgommii walakkaa maaraatoonii dubartootaa guyyaa keessaa sa’aatii 7 fi daqiiqaa 30tti taasifamurratti Tsiggee Gabrasalaamaa, Yaalemgeex Yaaragaal fi Fitaawu Zariyyee nihirmaatu. Walakkaa maaraatoonii dhiiraatiin guyyaa keessaa sa’aatii 8 fi daqiiqaa 15tti taasifamurratti Jamaal Yimar, Nibrat Malaakii fi Tsaggaayee Kidaanuu nidorgomu. Atileetonni kunneen dorgommii Shaampiyoonaa Kanaaf torbee sadiif shaakallii taasisaa turuusanii odeeffannoon federeeshinii Atileetiksii Itiyoophiyaarraa argame nimul’isa.
Obbo Iyyaasuu Wasan filannoo pirezidaantummaa konfedereeshinii Bunyaa Afriikaaf kaadhimaman
Sep 30, 2023 180
Fulbaana 19/2016(TOI)- Pirezidaantiin federeeshinii boksii Itiyoophiyaa obbo Iyyaasuu Wasan filannoo pirezidaantummaa federeeshinii Bunyaa Afriikaaf Itiyoophiyaa bakka bu’uun kaadhimaa ta’uun dhihaatan. Federeeshinichi filannoo pirezidaantummaa ilaalchisuun har’a har’a miidiyaaf ibsa kenneera. Filannoon pirezidaantummaa federeeshinii Bunyaa Afriikaa waamicha walgahii ariifachiisaa Konfedereeshinichi Afriikaa Kibbaa Darbaanitti Onkoloolessa 02 bara 2016 aka adeemsifamu waameen akka raawwatamu ibsameera. Pirezidaantiin federeeshinii Bunyaa Itiyoophiyaa obbo Iyyaasuu Wasan Itiyoophiyaa bakka bu’uun filannoorratti akka hirmaatan federeeshinichi isaan filateera. Pirezidaantiin federeeshinichaa Iyyaasuu Wasan filannichi Ispoortii guutuu ardii Afriikaa gaggeessuuf kan taasifamu waan ta’eef Ispoortii Bunyaa Itiyoophiyaaf carraa gaarii kan uumudha jedhan. Miseensonni Federeeshinichaa Ispoortii Bunyaa Afriikaaf nama sirriitti tajaajilu filachuu qabu jedheera. Ministeera Aadaa fi Ispoortiitti de’eetaan ministiraa damee misooma Ispoortii ambaasaaddar Masfin Charinnat filannichi bifa Ispoortii Bunyaa Itiyoophiyaa jijjiiruuf gumaacha olaanaa akka qabaatu ibseera. Ministeerichi filannichaaf deeggarsa barbaachisu akka taasisuuf qophaa’uusaa hubachiisaniiru. Obbo Iyyaasuun alatti pirezidaantiin yeroo konfedereeshinichaa Azaaniyaa Omoo-geegee Naayijeeriyaarraa, pirezidaantiin federeeshinii Bunyaa Yugaandaa Moosees Muhaangii, Bertiraand Meendugaa Kaameeroon irraa fi Mahaammad El Kaabuurii Moorookoorraa filannoo kanarratti nihirmaatu. Kaadhimamoota dhihaatan keessaa dorgomaan sagalee caalu argate pirezidaantii Konfedereeshinichaa ta’uun waggaa afuriif nitajaajila. Federeeshiniin Bunyaa Afriikaa Itiyoophiyaa dabalatee biyyoota miseensota 50 qaba.
Gahumsi atileet Tigisit Asaffaa maraatoonii Barilinirratti agarsiifte atileetoota lafaa dhufootti haamlee kan horudha.
Sep 29, 2023 213
Fulbaana 18, 2016 (TOI): Gahumsi atileet Tigisit Asaffaa maraatoonii Barilinirratti agarsiifte atileetoota lafaa dhufootti haamlee kan horu ta'uu deetaan Ministira aadaafi Ispoortii ambaasaaddar Masifin Charinnaat himan. Maratoonii Barilin 49ffaa injifannoon kan xumuran atileet Tigist Asaffaa fi leenjisaa ishee Gammadoo Daddeefoo har'a ganama buufata xiyyaaraa idil addunyaa booleetti simanaan taasisfameerafi. Simannaa kanarratti deetaan Ministira Aadaafi Ispoortii ambaasaaddar Masifin Charinatiifi pireezdaantiin Federeeshinii Atileetiksii Itoophiyaa Gargaartuu Komishinaraa Atileet Daraartuu Tulluu argamaniiru. Sirna simannaa kanarratti deetaan ministira Aadaafi Ispoortii ambaasaaddar Masifin Charinnaat injifannoon kun injifannoo maaraatoonii kan gara qe'ee isaa duraaniitti deebisedha jedhaniiru. Injifannoon fiigicha maaraatoonii mallattoo obsaa fi cimina akka ta’es hubachiisaniiru. Kanaaf injifannoon Maraatoonii Barliin kun Itoophiyaan ijoollee ishee waliin qormaata irra aanuu akka dandeessu Afrikaafi addunyaaf ragaa guddaa ta'eera jedhaniiru. Akkasumas injifannoon argame atileetota lafaa dhufoo injifannoof akka kakasuu eeraniiru. Kanaafis Atileet Tigisti Asaffaafi leenjisaa ishee Gammadoo Daddafoo galateeffatanii gara fuula duraattis hojii kana cimsaanii akka itti fufan gaafataniiru. Pireezidaantiin Federeeshinii Atileetiksii Itoophiyaa Gargaartuu Komishinara atileet Daraartuu Tulluu; injifannoon argame federeeshinichaafis ta’e biyyatiitti abdii guddaa kan uume ta’uu himaniiru.Injifannoo keessanitti boonneera, baga gammadanis jedhaniiru. Atileet Tigisit Asaffaa gama isheetiin haalli qilleensaa yeroo sanaa fiigichaaf mijataa ta’uu ibsitee, garuu dorgomtoota irraa dorgommii cimaan ishee mudachuu eerteetti. Shaakala cimaa gochaa waan turteef dorgommicha rikaadii fooyyeessuun injifachuu akka dandeessee himteetti. Atileetonni biroonis haaluma kanaan cimanii hojjechuun bu'aa caalmaa qabu galmeessuu akka danda'an ergaa dabarsiteetti.
Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015