Taphoonni Piriimer liigii torbee shanaffaa har’a jalqabamu

208

Onkoloolessa 20/2016 (TOI)- Sagantaa torbee shanaffaa tahoota Piriimer liigii  Itiyoophiyaatiin taphoonni  lama Istaadiyeemii Saayinsii fi Teeknooloojii Adaamaatti nitaphatamu.

Guyyaa keessaa sa’aatii 9tti Hadiyyaa Hoosaa’inaa fi magaalaan Shaashamannee nitaphatu.

Hadiyyaa Hoosaa’inaa taphoota lamaan sadarkaa 14ffaa yemmuu qabatu taphoota Liigichaa afura amma ammaatti taphateen lama mo’ame lama walqixa baheera.

Mokataansaa Magaalaa Shaashamanneen taphoota afur taphateen hundaan mo’amee qabxii malee sadarkaa 16ffaarra jira.

Kilaboonni lamaan tapha har’aatiin injifannoo jalqabaa galmeessisuuf nimorkatu.

Baankiin daldalaa Itiyoophiyaa magaalaa Walqixxee waliin sa’aatii 12tti nitaphatu.

Baankiin daldalaa barana gara piriimer Liigiitti guddate taphoota afur amma ammaatti taphateen lama mo’atee lama ammoo walqixa bahuun qabxii saddetiin sadarkaa sadaffaarra jira.

Bara darbe tapha xumuraatiin gadi bu’uurraa kan oole magaalaan Walqixxee lama mo’atee lama ammoo qabxii qooddateera.

Qabxii lamaan sadarkaa 15niin sadarkaa gadi bu’aarratti argama.

Sagantaan kun borus itti fufuun magaalaan Adaamaa magaalaa Dirreedawaa guyyaa keessaa sa’aatii 9tti, Machaal Hambarichoo Duraamee galgala sa’aatii 12tti nitaphatu.

Taphoonni torbee shanaffaa amma Onkoloolessa 23tti nituru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015