Jila Atileetiiksii Itiyoophiyaa fiigicha daandiirraa Addunyaa Riigaatti taasifameen qaxii galmeessisaniif Badhaafni kenname

410

Fulbaana 22/2016 (TOI)- Fiigicha daandiirraa Addunyaa Riigaatti yeroo jalqanaaf taasifameen Jila Atileetiiksii Itiyoophiyaa sadarkaa lammaffaa argachuu xumureef sagantaan beekamtii fi badhaasaa taasifameera.

Jilli Atileetiksii Itiyoophiyaa dorgommii fiigicha daandiirraa addunyaarratti hirmaate ganama har’aa biyya wayita galu buufata Xiyyaaraa idil addunyaa Booleetti simatameera.

Federeeshiniin Atileetiksii Itiyoophiyaa dorgommii kanaan Warqee lama, Meetii afurii fi Naasa tokkoon walumaa gala Meedaaliyaa 7 argachuun dorgommicha sadarkaa lammaffaa argachuun xumureef Hoteela Skaayi Laayitittibeekamtii fi badhaasa kenneera.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015