Piriimer Liigiin Itiyoophiyaa bara 2016 har’a jalqabama

198

Fulbaana 20 /2016(TOI)- Piriimer Liigiin Itiyoophiyaa bara 2016 taphoota lama ha’ra taasifamaniin jalqaba.

Sagantaan tapha piriimer Liigii Itiyoophiyaa dhiirotaan kilaboota 16 jidduutti kan taasifamu yemmuu ta’u har’a nijalqaba.

Magaalaan Adaamaa Baankii daldalaa Itiyoophiyaa waliin Istaadiyeemii Saayinsii fi teeknooloojii Adaanaatti sa’aatii sagalitti tapha baniinsaa nitaphatu.

Ittaansuun galgala sa’aatii 12tti Bunni Sidaamaa Buna Itiyoophiyaa waliin nitaphatu.

Taphoonni torbee jalqabaa amma Fulbaana 27 bara 2016tti nitaphatamu.

Dorgommiin piriimer Liigii Itiyoophiyaa marsaa jalqabaa amma Guraandhala 10 bara 2016tti akka taasifamu waldaan aksiyoona piriimer Liigii beeksiseera.

Dorgommiin liigichaa marsaa tokkoffaa Magaalaawwan Adaamaa fi Dirreedawaatti akka taasifamu beekameera.

Lilaboonni Baankii daldalaa Itiyoophiyaa, Nagaalaa Shaashamannee fi Hambarichoo duraamee kilaboota piriimer LLiigiitti guddatan ta’uun nibeekama.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015