Gahumsi atileet Tigisit Asaffaa maraatoonii Barilinirratti agarsiifte atileetoota lafaa dhufootti haamlee kan horudha.

221

Fulbaana 18, 2016 (TOI): Gahumsi atileet Tigisit Asaffaa maraatoonii Barilinirratti agarsiifte atileetoota lafaa dhufootti haamlee kan horu ta'uu deetaan Ministira aadaafi Ispoortii ambaasaaddar Masifin Charinnaat himan.

Maratoonii Barilin 49ffaa injifannoon kan xumuran atileet Tigist Asaffaa fi leenjisaa ishee Gammadoo Daddeefoo har'a ganama buufata xiyyaaraa idil addunyaa booleetti simanaan taasisfameerafi.

Simannaa kanarratti deetaan Ministira Aadaafi Ispoortii ambaasaaddar Masifin Charinatiifi pireezdaantiin Federeeshinii Atileetiksii Itoophiyaa Gargaartuu Komishinaraa Atileet Daraartuu Tulluu argamaniiru.

Sirna simannaa kanarratti deetaan ministira Aadaafi Ispoortii ambaasaaddar Masifin Charinnaat injifannoon kun injifannoo maaraatoonii kan gara qe'ee isaa duraaniitti deebisedha jedhaniiru.

Injifannoon fiigicha maaraatoonii mallattoo obsaa fi cimina akka ta’es hubachiisaniiru.

Kanaaf injifannoon Maraatoonii Barliin kun Itoophiyaan ijoollee ishee waliin qormaata irra aanuu akka dandeessu Afrikaafi addunyaaf ragaa guddaa ta'eera jedhaniiru.

Akkasumas injifannoon argame atileetota lafaa dhufoo injifannoof akka kakasuu eeraniiru.

Kanaafis Atileet Tigisti Asaffaafi leenjisaa ishee Gammadoo Daddafoo galateeffatanii gara fuula duraattis hojii kana cimsaanii akka itti fufan gaafataniiru.

Pireezidaantiin Federeeshinii Atileetiksii Itoophiyaa Gargaartuu Komishinara atileet Daraartuu Tulluu; injifannoon argame federeeshinichaafis ta’e biyyatiitti abdii guddaa kan uume ta’uu himaniiru.Injifannoo keessanitti boonneera, baga gammadanis jedhaniiru.

Atileet Tigisit Asaffaa gama isheetiin haalli qilleensaa yeroo sanaa fiigichaaf mijataa ta’uu ibsitee, garuu dorgomtoota irraa dorgommii cimaan ishee mudachuu eerteetti.

Shaakala cimaa gochaa waan turteef dorgommicha rikaadii fooyyeessuun injifachuu akka dandeessee himteetti.

Atileetonni biroonis haaluma kanaan cimanii hojjechuun bu'aa caalmaa qabu galmeessuu akka danda'an ergaa dabarsiteetti.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015