Taphoonni Pirimiyeer liigichaa torbee sadaffaan har'a irraa eegalee ni taphatamu

359

Onkoloolessa 8/2016(TOI) -Taphoonni Pirimiyeer liigii Itoophiyaa torbee sadaffaan taphoota har'a taphataman lamaan ni eegala.

Istaadeemii Yuunivarsiitii Saayinsiifi Tekinolojii Adaamaatti Itoophiyaa Madiniifi Walaayittaa Diichaan guyyaa saatii 9 irraa eegaluun ni taphatu.

Itoophiyaa Madiin taphoota lama kanaan dura taphate keessa tokko injifachuun tokko immoo qixa baheera.

Walaayittaa Diichaa immoo taphoota hanaga ammaatti taphate lama keessa tokko injifachuun tokko immoo injifatameera.

Tapha birootiin har'a saatii 12 irraa jalqabee Bunni Sidaamaa, Faazil kanamaa waliin ni taphatu.

Bunni Sidaamaa tapha lama kanaan dura taphate keessaa qabxii tokko argateera. Kan inni har'a waliin taphatu Faasil Kanamaan immoo qabxii lama qaba.

Taphin pirimiyeer liigii Itoophiyaa torbee sadaffaan kun borus itti fufee kan taphatamu yoo ta'u, Hadiyyaa Hosaanaafi Walqixxee Kanamaa guyyaa keessaa saatii 9tti, akkasuma duraa liigichaa kan ta'e Quddus Goorgis, Shaashamannee Kanamaa waliin saatii 12tti ni taphatu.

Taphin torbee sadaffaa kun hanga Dilbataatti ni taphatamu jedhameera.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015