Atileetonni Itiyoophiyaa Maaraatoonii Shuuttoo Chaayinaa mo’atan

307

Onkoloolessa 26/2016 (TOI) – Atileet Malkaa Darribee fi Atileet Daraartuu Hayiluu dorgommii maaraatoonii dhiiraa fi dubartootaa Shuuchoo kaleessa taasifame mo’ataniiru.

Dorgommii maaraatoonii dhiiraatiin Atileet Malkaa Darribee sa’aatii 2 daqiiqaa 14 sakondii 23’n xumuruun sa’aatii iddichaa fooyyessuun mo’ateera.

Haala walfakkaatuun maaraatoonii dubartootaan Atileet Daraartuu Hayiluu sa’aatii 2 daqiiqaa 27 sakondii 47’n xumuruun mo’atteetti.

Atileet Daraartuun riikoordii iddichaa kan ture sa’aatii 2 daqiiqaa 29 sakondii 47 daqiiqaa 1 oliin fooyyessuun mo’atte.

Dorgommii maaraatoonii Shuuchoo 2023 irratti Atileetonni kuma 30 ol hirmaachuusaanii piippilsi deeyilii oonlaayin gabaaseera.

Kana malees maaraatoonii neyoork Ameerikaatti kaleessa taasifameen Atileet Taammiraat Tolaa tokkoffaa akkasumas Atileet Shuraa Qixxaataa sadaffaa bahuun xumuruunsaanii niyaadatama.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015