Sagantaan dorgommii piriimer liigii Itiyoophiyaa ifoome

570

Fulbaana 04/2016 (TOI) - Sagantaan dorgommii piriimer liigii Itiyoophiyaa bara 2016 ifoomeera.

Haala Kanaan dorgommichi Fulbaana 20/2016 Istaadiyeemii yunivarsiitii Saayinsii fi teeknooloojii Adaamaatti akka jalqabamu waldaan aksiyoonaa piriimer liigichaa beeksiseera.

Dorgommiin jalqabaa liigichaa magaalaawwan Adaamaa fi Dirreedawaatti akka taasifamu ibsameera.

Mo’ataan liigichaa kan bardheengaddaa Qiddusgoorgis turban jalqabaatti magaalaa Walqixxee waliin nitaphata.

Dorgommiiwwan torbee jalqabaatiin Itiyoophiyaa Madin magaalaa Bahaardaar, magaalaan Hawaasaa Faasiil kanamaa, bunni Sidaamaa Buna Itiyoophiyaa, Magaalaan Adaamaa Baankii daldalaa Itiyoophiyaa, Hambarichoo duraamee magaalaa Dirreedawaa, Hadiyyaa Hoosaa’inaa Machaalii fi magaalaan Shaashamannee Walaayittaa Diichaa waliin tapha torbee taasifamanidha.

Dorgommiin torbee jalqabaa piriimer liigiiti amma Guraandhala 10/2016tti akka turu waldichi beeksiseera.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015