Magaalaan Bahaardaar waancaa konfedereeshinii Kaaf tapa deebii har’a nitaphata

165

Onkoloolessa 01/2016 (TOI)- Waancaa Konfedereeshinii Kaaf 2023/24’n magaalaan Bahaardaar calallii marsaa lammaffaa tapha deebii har’a kilaba Tuuniiziyaa Afriikaa waliin nitaphata.

Taphni kilaboota lamaanii galgala sa’aatii 12tti Istaadiyeemii Olompiikii Hamaad Agreebii nama kuma 60 qabatutti nitaphatama.

Kilaboonni lamaan Tapha jalqabaa Fulbaana 06/2016 Istaadiyeemii Abbabaa Biqilaatti taphataniin gooliiwwan Haabtaamuu Taaddasaatiin magaalaan Bahaardaar 2 fi 0’n mo’achuunsaa niyaadatama.

Yeroo jalqabaaf waancaa konfedereeshinii kaaf irratti hirmaachaa kan jiru magaalaan Bahaardaar qabxii gahanii deebi’uun yoo mo’ate gara garee ramaddiitti galuusaa nimirkaneeffata.

Magaalaan Bahaardaar tapha calallii marsaa jalqabaatiin kilaba Taanzaaniyaa Kilaba Azaam qabxii dhaqanii deebi’uun mo’achuunsaa nibeekama.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015