Taphoonni Piriimer Liigii Itiyoophiyaa torbee jalqabaa har’as nitaphatamu

408

Fulbaana 25/2016 (TOI)-Sagantaan Piriimer Liigii Itiyoophiyaa torbee jalqabaatiin har’a taphoonni lama Istaadiyeemii Yunivarsiitii Saayinsii fi Teeknooloojii Adaamaatti nitaphatamu.

Magaalaan Shaashamannee Walaayittaa Diichaa waliin guyyaa keessaa sa’aatii 9 tti akkasumas Hambarichoo Duraameen magaalaa Dirreedawaa waliin galgala sa’aatii 12tti nitaphatu.

Kilaboonni Hambarichoo Duraamee fi magaalaa Shaashamannee dorgommii baranaatiin gara Piriimer Liigiitti guddatani.

Sagantaa piriimer Liigii Boruutiin magaalaan Hawaasaa Faasiil Kanamaa waliin guyyaa keessaa sa’atii 9tti, Hadiyyaa Hoosaa’inaa Machaal waliin galgala sa’aatii 12tti nitaphatu.

Dorgommiin piriimer Liigii Itiyoophiyaa bara 2016 Fulbaana 20/2016 jalqabamuunsaa niyaadatama.

Taphoota guyyaa baniinsaa taasifamaniin Magaalaan Adaamaa fi Baankiin daldalaa Itiyoophiyaa  goolii malee walqixa yemmuu xumuramuBunni Itiyoophiyaa Buna Sidaamaa goolii 1 fi 0’n mo’achuunsaa niyaadatama.

Sagantaan piriimer liigii torbee jalqabaa amma Fulbaana 27/2016 kan turu ta’a.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015