Shaampiyoonaa fiigicha addunyaa adaandiirraa Laatiiviyaa Riigaatti taasimauun Itiyoophiyaan Atileetota 13’n hirmaatti

206

Fulbaana 20/2016(TOI) - Shaampiyoonaa fiigicha addunyaa adaandiirraa Laatiiviyaa Riigaatti yeroo jalqabaaf taasifamurratti Atileetonni  Itiyoophiyaa 13 nihirmaatu.

Atileetonni biyyoota 57 irraa walitti dhufan 347 Shaampiyoonaa kanarratti kan hirmaatan yemmuu ta’u, saala lamaanuu fiigichi maayilii 1, kiiloomeetira 5 fi maaraatoonii walakkaa ni’adeemsifamu.

Itiyoophiyaan dubartoota 7 fi dhiira 6 walumaa gala Atileetota 13’n Shaampiyoonaa kanarratti nihirmaatti.

Ijjigaayyoo Taayyee fi Madiinaa Isaa dorgommii dubartootaa kiiloomeetira shaniin guyyaa keessaa sa’aatii shanii fi daqiiqaa 50 irratti nidorgomu.

 Yoomiif Qajeelchaa fi Hagos Gabrahiywoot dorgommii dhiiraa guyyaa keessaa sa’aatii 6 fi daqiiqaa 15 irratti taasifamurratti nidorgomu.

Dirribee Waltajjii fi Fireewayinii Hayiluu dorgommii maayilii tokkoo sa’aatii 7 irratti taasifamurratti akkasumas dhiiraan fiigicha fageeny Kanaan dorgommii guyyaa keessaa sa’aatii 7 fi daqiiqaa 10 irratti taasifamurratti Taaddasaa Lammii nidorgoma.

Dorgommii walakkaa maaraatoonii dubartootaa guyyaa keessaa sa’aatii 7 fi daqiiqaa 30tti taasifamurratti Tsiggee Gabrasalaamaa, Yaalemgeex Yaaragaal fi Fitaawu Zariyyee nihirmaatu.

Walakkaa maaraatoonii dhiiraatiin guyyaa keessaa sa’aatii 8 fi daqiiqaa 15tti taasifamurratti Jamaal Yimar, Nibrat Malaakii fi Tsaggaayee Kidaanuu nidorgomu.

Atileetonni kunneen dorgommii Shaampiyoonaa Kanaaf torbee sadiif shaakallii taasisaa turuusanii odeeffannoon federeeshinii Atileetiksii Itiyoophiyaarraa argame nimul’isa.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015