Obbo Iyyaasuu Wasan filannoo pirezidaantummaa konfedereeshinii Bunyaa Afriikaaf kaadhimaman

183

Fulbaana 19/2016(TOI)- Pirezidaantiin federeeshinii boksii Itiyoophiyaa obbo Iyyaasuu Wasan filannoo pirezidaantummaa federeeshinii Bunyaa Afriikaaf Itiyoophiyaa bakka bu’uun kaadhimaa ta’uun dhihaatan.

Federeeshinichi filannoo pirezidaantummaa ilaalchisuun har’a har’a miidiyaaf ibsa kenneera.

Filannoon pirezidaantummaa federeeshinii Bunyaa Afriikaa waamicha walgahii ariifachiisaa Konfedereeshinichi Afriikaa Kibbaa Darbaanitti Onkoloolessa 02 bara 2016 aka adeemsifamu waameen akka raawwatamu ibsameera.

Pirezidaantiin federeeshinii Bunyaa Itiyoophiyaa obbo Iyyaasuu Wasan Itiyoophiyaa bakka bu’uun filannoorratti akka hirmaatan federeeshinichi isaan filateera.

 

Pirezidaantiin federeeshinichaa Iyyaasuu Wasan filannichi Ispoortii guutuu ardii Afriikaa gaggeessuuf kan taasifamu waan ta’eef Ispoortii Bunyaa Itiyoophiyaaf carraa gaarii kan uumudha jedhan.

Miseensonni Federeeshinichaa Ispoortii Bunyaa Afriikaaf nama sirriitti tajaajilu filachuu qabu jedheera.

Ministeera Aadaa fi Ispoortiitti de’eetaan ministiraa damee misooma Ispoortii ambaasaaddar Masfin Charinnat filannichi bifa Ispoortii Bunyaa Itiyoophiyaa jijjiiruuf gumaacha olaanaa akka qabaatu ibseera.

Ministeerichi filannichaaf deeggarsa barbaachisu akka taasisuuf qophaa’uusaa hubachiisaniiru.

Obbo Iyyaasuun alatti pirezidaantiin yeroo konfedereeshinichaa Azaaniyaa Omoo-geegee Naayijeeriyaarraa, pirezidaantiin federeeshinii Bunyaa Yugaandaa Moosees Muhaangii, Bertiraand Meendugaa Kaameeroon irraa fi Mahaammad El Kaabuurii Moorookoorraa filannoo kanarratti nihirmaatu.

Kaadhimamoota dhihaatan keessaa dorgomaan sagalee caalu argate pirezidaantii Konfedereeshinichaa ta’uun waggaa afuriif nitajaajila.

Federeeshiniin Bunyaa Afriikaa Itiyoophiyaa dabalatee biyyoota miseensota 50 qaba.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015