Qiddus Goorgis garee Al Ahilii waliin Kaayirootti taphatee goolii 3 fi 0’n mo’ame - ENA Afaan Oromoo
Qiddus Goorgis garee Al Ahilii waliin Kaayirootti taphatee goolii 3 fi 0’n mo’ame

Fulbana 13/2016(TOI)- Tapha calallii marsaa jalqabaa marsaa lammaffaa shaampiyoonsi Liigii Kaafiin bara 2023/24’n Qiddus Goorgis garee Al Ahilii Gixiin goolii 3 fi o’n mo’ameera.
Tapha Istaadiyeemii Kaayiroo Intarnaashinaalii daawwattoota kuma 75 qabatutti galgala taphatameen Huseen Alii Elshahaat goolii lama akkasumas Mahaammad Abdulqaadir lakkoofsiseen gareen Al Ahilii mo’ateera.
Taphni deebii garee lamaanii Fulbaana 18/2016 kaayirootti nitaphatama.
Al Ahiliin mo’ataa shaampiyoonaa Kaaf Kan yeroo ammaati.