Dorgommii atileetkisii fiigicha daandiirraa idil addunyaa har'a geggeeffameen atileetoonni Itoophiyaa injifatan - ENA Afaan Oromoo
Dorgommii atileetkisii fiigicha daandiirraa idil addunyaa har'a geggeeffameen atileetoonni Itoophiyaa injifatan

Fulbaana 20/2016 (TOI) - Dorgommii atileetiksii fiigicha daandiirraa idil addunyaa Laatiiviyaa Rigaatti har'a geggeeffameen atileetoonni Itoophiyaa sadarkaa 1ffaafi 2ffaan xumuruun injifatan.
Dorgommii kanaan atileet Hagod Gabrahiwoot daqiiqaa 12fi sakoondii 59 galuun dirgomicha sadarkaa 1ffaan xumureeree injifateera.
Atileet Yoomiif Qajeelchaa immoo daqiiqaa 13 fi sakandii 02 galuun dorgommicha sadarkaa 2ffaan xumuree injifateera
Haaluma walfakaatuun atileet Ijjigaayyoon dorgommii fiigicha daandiirraa idil addunyaa kilomeetira 5 daqiiqaa 14 fi sakandii 40'n galuun dorgommicha sadarkaa 3ffaan xumurtee injifateetti.
Fageeyyuma kana atileet Madiinaa Iisaa sadarkaa 4ffaan xumurteetti.
Atileetiin Keeniyaa Biyaatirees Chebeet dorgommicha sadarkaa 1ffaan xumuruun injifateetti.