ENA - ENA Afaan Oromoo
Angafoota Oduu
Pireezidaanti Saahilawarqi lammiilee harka qalleeyyiif maaddii qoodan
May 2, 2024 719
Ebla 24/2016(TOI) - Pireezidaantiin FDRI Saahilawarqi Zawdeen ayyaanaa Sooma hiika sababeeffachuun Magaalaa Finfinnee Kutaa magaalaa Aradaa Aanaa 8tti lammiilee harka qalleeyyiif maaddii qoodaniiru. Lammiilee kanneen dhaabuuf deeggarsi taasiifamu yeroo hunda dhaabbiin itti fufuu akka qabu Pireezidaanti Saahilawarqi dhaamaniiru. Ayyaannicha wayita kabajnu lammiilee harka qalleeyyii waliin ta’uun kabajuu qabnas jedhaniiru
Itti aanaan Ministira Muummee obbo Tamsgeen Xurunee Bahaar Daar dhaqan
May 2, 2024 418
Ebla 24/2016(TOI) - Jilli hoggantoota hojii olaanoo mootummaa itti aanaa Ministira Muummee obbo Tamsgeen Xuruneen durfamu magaalaa Bahaar Daar gale. Itti aanaan Ministira Muummee obbo Tamasgeen Xurunee ergaa karaa miidiyaa hawaasummaa isaanii qoodaniin haadha Haroo Xaanaa, buufata odolaalee hedduu, bakka argama fincaa'aa Xiis Abbaay, bakka gahumsa tursitoota hedduu fi teessoo mootummaa naannoo Amahaaraa kan taate magaalaa Bahaar Daar galleerra jedhaniiru. Jilli itti aanaa ministira Muummee obbo Tamasgeen Xuruneen durfamu buufata Xiyyaara idil addunyaa Bahaar Daar yeroo gahuu pirezidaantiin naannichaa fi kantiibaan magaalichaa akkasuma hawaasni simannaa taasiseefira.
Keeniyaatti hojjettoonni Embaasii Itoophiyaa sosochii ‘ Itoophiyaa qulqulluutti' makaman
May 2, 2024 43
Ebla 24/2016 (TOI) – Keeniyaatti hojjettoonni Embaasii Itoophiyaa sosochii ‘ Itiyoophiyaa qulqulluu’ Ministirri Muummee FDRI Doktar Abiy Ahimad mata duree 'Daanndii Qulqulluu – jireenya fayyaaqabeessaf’ jedhuun ifoomsanitti makamaniiru. Hojjettoonni kunneen waliigala Birrii kuma 130 fi 500 gumaachuun sosochichatti makamuu ragaan Embaasicharraa argame ni mul’isa.
Boordiin Invastimantii Oromiyaa naannichaatti dureeyyoonni kuma 3 fi 700 ol hojii invastimatii adda addaarratti akka boba'aniif murteesse.
May 2, 2024 38
Ebla 24/2016 (TOI) - Boordiin Invastimantii Oromiyaa naannichaatti dureeyyoonni kuma 3 fi 700 ol hojii invastimatii adda addaarratti akka boba'aniif murteesse. Hogganaan Biiroo Invastimatii fi Indatirii Oromiyaa obbo Ahimad Indiris murtee boordii invastimantii naannichaa ilaalchisuun miidiyaaleef ibsa kennaniiru. Obbo Ahimad ibsa isaaniin boordichi walga'ii jiddu kana taa'een invastimatiiwwaan misooma naannichaa ariifachiisuuf ni gargaaru jedhaman gara hojiitti akka galan murtee dabarsuu beeksisaniiru. Haaluma kanaan dureeyyoonni kuma 3 fi 747 dameewwaan hojii invastimatii gargaraa irratti kan boba'an ta'uu himaniiru. Dureeyyoota kana keessa 1200 ol biyya keessa fi alaa yoo ta'an kaan immoo inrapiraayizoota, waldaalee, qonnaan bultootaa fi horsiifate bultoota kaappitaala gahaa galmeessan ta'uu himaniiru. Dureeyyoonni hojii invastimantii irratti akka bobba'aniif Boordiin Invastimantii Oromiyaa murteeseef kunneen kaappitalaa birrii biliyoona 148 kan galmeessan yoo ta'u yeroo gara hojiitti galan lammilee kuma 500 oliif carra hojii kan uuman ta'uus obbo Ahimad Idiris ibsaniiru. Dureeyyoota hojii invastimatii kanneenitti boba'aniif lafti irratti hojii invastimantii irratti boba'an hojjetan heektaarri kuma 35 qophaa'uu himanii, lafti kunis guyyoota 45 keessaatti dabarfamee kannemaaf jedhaniiru. Dureeyyoonni kunneen gara hojiitti galuuf kanfaltii liiziif kanfalamu birrii biliyoona shan mootummaaf kan kanfalan ta'uus eeraniiru.
Agarsiifni ''Itoophiyaa haa oomishituu'' Caamsaa 1/2016 irraa eegalee guyyoota shaniif ni gaggeeffama.
May 2, 2024 78
Ebla 24/2016 (TOI) - Agarsiifni ''Itoophiyaa haa oomishituu'' kan indastiriiwwaan oomishaa biyya keessaa fi alaa irratti hirmaatan Caamsaa 1/2016 irraa eegalee guyyoota shaniif walitti aansuun galma Barkumeetti kan geggeeffamu ta'uu Ministeerri Indastirii beeksise. Agarsiifni dandeettii oomishtummaa indaastiriiwwan agarsiisuudhaan walitti hidhamiinsa gabaa birrii biiliyoona 3tti tilmaamamu uumuuf kan kaayyeffate ta’uu ibsameera. Deetaan Ministira Indastirii obbo Taarreqeny Bulultaa agarsiisa kana ilaalchisuun miidiyaaleef ibsa kennaniiru. Ibsa isaaniin agrsiisa GalmaBarkumeetti gaggeeffamu kanarratti indaastiriiwwan omishaa biyya keessaa fi alaa, daawwattoota idil-addunyaa fi keessummoota affeeraman dabalatee namoonni kumni 50 ol ni hirmaatu jedhaniiru. Agarsiisa kanaafis qophiin barbaachisaa ta'ee tasifamuu ibsaniiru. Agrsiisa Itoophiyaan haa oomishituu kanarratti indaastiriiwwan xixiqqaa fi giddu galeessaa 80 fi indastiriiwwaan oomisha olaanoo 120 ni hirmaatus jedhaniru. Agrsiisfini qophaa'ee kun dandeettii indaastiriwwanii agarsiisuudhaan carraa gabaa fi walitti dhufeenya uumuuf ni gargara jedhaniiru. Agarsiisa kanarratti oomishaalee gogaa fi bu'aa gogaa, huccuu, oomishaalee nyaataa fi mukaa, keemikaalotaa fi konkolaattota dabalatee oomishaaleen adda addaa akka dhiyaatanis eeraniiru.
Siyaasa

Humni Qilleensaa dhaabbata guddaa Itoophiyaanota mara boonsu dha
May 1, 2024 342
Ebla 23/2016(TOI) - Jilli hoggantoota olaanoo magaalaa Finfinnee Kantiibaa Adaanech Abeebeen durfamu Humna Qilleensaa FDRI daawwate. Jilichi mooraa Qajeelcha Humna Qilleensaa Itoophiyaa Bishooftuutti argamu keessatti hojiilee misoomaa hojjetamaa jiran daawwateera. Humni Qilleensaa Itoophiyaa Itoophiyaanoota hunda kan boonsu dhaabbata jabaa ta’uu Aadde Adaanach ibsaniiru. Ajajaa Olaanaan Humna Qilleensaa Itoophiyaa Letanaan Jeneraal Yilmaa Mardaasaan hojiilee misoomaa sagantaa Maaddii Guutuun dhaabbtichi hojjetaa jiru daawwachiisuu ragaan Waajjira Kantibaa Magaalaa Finfinneerraa argame ni mul’isa.
Itoophiyaatti nageenya fi misooma waaraa mirkaneesuuf marii fi waliigaltee waloo walitti fufinsa qabu uumuun barbaachisaadha
May 1, 2024 93
Ebla 23/2016(TOI) - Itoophiyaatti nageenya fi misooma waaraa mirkaneesuuf marii fi waliigaltee waloo walitti fufinsa qabu uumuun barbaachisa jedhan Ministirri Nageenya Binnaalif Andu'aalem. Waltajjiin marii Manneen maree Federaalaa fi Naannolee leenjii fi jalqabiin sosochii dhimmoota bu'uura ijarsa biyyaa irratti xiyyeeffate geggeeffama jira. Waltajjii Ministeerri nageenyaa qopheesse kanarratti miseensoonni mana maree bakka bu'oota uummataa fi Federeeshinii akkasuma miseensoonni manneen maree naannolee hirmaachaa jiru. Kaayyoon waltajjii kanas adeemsa ijaarsa biyyaaf hirmaannaa hundaa cimsuu akkasuma naannoleen walitti dhufeenyaa fi qindoomina jiru gabbisuun nageenyaa fi misooma waaraa mirkaneessuudha jedhameera. Ministirri Nageenya Binnaalif Andu'aalem sirna banisa waltajjichaarratti haasaa taasisaniin qaamoleen seera baastoonni federaalaa fi naannolee dirqama seeroota baasuufi raawwii isaa hordofuu akka qaban yaadachiisaniiru. Adeemsa nageenyaa fi misooma biyyaa waaresuu qindoominaa fi hirmaanaa qaama hundaa kan gaafatu waan ta'eef haala kanaan hojjechuu qabna jedhaniiru. Itoophiyaatti nageenya fi misooma waaraa mirkaneesuuf marii fi waliigaltee waloo walitti fufinsa qabu uumuun barbaachisaadha jedhaniiru.
Pirezidaantiin naannoo Amaaraa obbo Araggaa Kabbadaa muudama laatan
Apr 30, 2024 342
Pirezidaantiin naannoo Amaaraa obbo Araggaa Kabbadaa muudama laatan Ebla 22/2016(TOI) -Pirezidaantiin naannoo Amaaraa obbo Araggaa Kabbadaa hoggansa olaanaa Paartii Sosochii Amahaaraa(Abin) kan ta'an obbo Malkaamuu Tsaggaayee hogganaa Biiroo Aadaa fi Turizimii naannichaa gochuun muudan.
Ambaasaaddar Taayyeen bakka buutuu barreessaa olaanaa Dhaabbata Mootummoota Gamtoomanii waliin mari’atan
Apr 30, 2024 89
Ebla 22/2016 (TOI) – Ministirri Ministeera Dhimma Alaa Ambaasaaddar Taayyee Atsiqasillaaseen bakka buutuu addaa barreessaa olaanaa fi Somaaliyaatti Itti Gaafatamtuu ergama deeggarsaa Dhaabbata Mootummoota Gamtoomanii Kaatiriiyoonaa Laang waliin mari’ataniiru. Itoophiyaan naannawichatti nageenyaa fi tasgabbiin akka jiraatu murannoo olaanaa qabaachuu Ambaasaaddar Taayyeen mirkaneessaniiru. Kaatiriiyoonaan Laang gama isaaniin, Somaaliyaatti nageenyii fi tasgabbiin akka jiraatu gumaacha olaanaa Itiyoophiyaan taasiifteef galateeffataniiru. Qaamoleen lamaan yeroo itti aanu haala naannawichatti nageenya mirkaneessuun danda’amurratti mari’achuu ragaan Ministeera Dhimma Alaarraa argame ni mul’isa.
El Salvaadoor imbaasii ishee Finfinneetti banachuufi
Apr 29, 2024 455
Ebla 21/2016(TOI) -Elsalvaadoor imbaasii ishee Finfinneetti banachuufi jedhame. Jilli ministira dhimma alaa Elsaalvaadoor Elkisaandiraa Hil Tinooriin durfamu ministira dhimma alaa Itoophiyaa ambaasaaddar Taayyee Atsiqasilaasee waliin mari'ateera. Ministiroonni lamaan marii isaaniin dhimmoota hariiroo biyyoota lamaanii fi tumsa waltajjiiwwan hedduu cimsuu irratti yaada wal jijjiraniiru. El Salvaador Afriikaatti Imbaasii ishee lammaffaa Finfinneetti banuuf murteessuu ishee ministirri dhimma alaa biyyattii beeksise. Ambaasaaddar Taayyeenis kanaaf mootummaan Itoophiyaa guutummaatti akka isaan deeggaru mirkaneessaniirifiru. Odeeffannoon Ministeera Dhimma Alaa irraa argame akka mul’isutti, biyyoonni lamaan tumsa barnootaa, qonnaa, ispoortii fi dameelee adda addaa irratti qaban cimsuuf marii dandeesisu taasisaniiru.
Mootummaan Tarsimoo I-komeersiif xiyyeeffannoo kennee ni raawwachiisa
Apr 29, 2024 142
Ebla 21/2016(TOI) -Mootummaan Tarsimoo I-komeersiif xiyyeeffannoo kennee kan raawwachiisu ta'uu Itti aanaan Ministira Muummee obbo Tamasgeen Xurunee beeksisan. Itti aanaan Ministira Muummee obbo Tamasgeen Xurunee wixinee Tarsiimoo Daldala I-komeersii Biyyaalessaa qaama Tarsiimoo Dijitaalaa Itoophiyaa ta’e irratti waltajjii marii taasifamu eegalchiisaniiru. Waltajjii kanarrattis haasa taasisanii tarsiimoon daldala I-koomersii biyyaalessaa xiyyeeffannoo guddadhaan mootummaan hojiirra kan oolu ta’uu ibsaniiru. Kaayyoon tarsiimoo kanaa inni guddaan caraa teeknooloojii dijitaalaa jiru hundaa fayyadamuun carraa hojii uumuu fi galii sharafa alaa guddisuun guddina hunda galeessaa fi itti fufiinsa qabuuf haala mijeessuu akka ta’es beeksisaniiru.
Itoophiyaan guddina dinagdee tasgabbawaa qormaata hundaa injifatee fi hojii rifoormii dinagdee oomishitummaaf dursa kenneen ibsamti.
Apr 29, 2024 119
Ebla 21/2016(TOI) - Itoophiyaan guddina dinagdee tasgabbawaa qormaata hundaa injifatee fi hojii rifoormii dinagdee oomishitummaaf dursa kenneen ibsamti jedhan Ministirri Muummee FDRI doktar Abiy Ahimad. Hojii Komishinii Marii Biyyaalessaatiin hoogganamu keessatti marii fi araarri fedhii fi abdii nagaa qabnu cimsaa jiras jedhaniiru. Ministirri Muummee Doktar Abiy Ahimad akka ibsanitti, barnoota dhaqqabamaa taasisuu fi dargaggoota humneessuun Itoophiyaan hojii haaraa miliyoona lama uumuuf akka karoorfatte ibsaniiru. Sochiiwwan akka ashaaraa magariisaa humna ibsaa hundaan gahuu, ce'umsa dijitalaa fi kununsa qabeenya uumamaa irratti akka xiyyeeffattu himaniiru. Itoophiyaan Waldaan Misooma Idil Addunyaa deeggarsa ardichaaf taasisu cimsee akka itti fuftu gaafachuu odeeffannoon midiyaa hawaasummaa Ministira Muummee doktar Abiy Ahimad irraa argame ni mul'isa.

Hawaasummaa
Pireezidaanti Saahilawarqi lammiilee harka qalleeyyiif maaddii qoodan
May 2, 2024 719
Ebla 24/2016(TOI) - Pireezidaantiin FDRI Saahilawarqi Zawdeen ayyaanaa Sooma hiika sababeeffachuun Magaalaa Finfinnee Kutaa magaalaa Aradaa Aanaa 8tti lammiilee harka qalleeyyiif maaddii qoodaniiru. Lammiilee kanneen dhaabuuf deeggarsi taasiifamu yeroo hunda dhaabbiin itti fufuu akka qabu Pireezidaanti Saahilawarqi dhaamaniiru. Ayyaannicha wayita kabajnu lammiilee harka qalleeyyii waliin ta’uun kabajuu qabnas jedhaniiru
Aadde Adaanech Abeebee ayyaana dhufaa jiru sababeeffachuun jiraatoota magaalichaa kuma 255 galii gadaanaa qabaniif maaddii qoodan
May 2, 2024 88
Ebla 24/2016(TOI) - Kantiibaan magaalaa Finfinnee aadde Adaanech Abeebee Aadde Adaanech Abeebee ayyaana faaskaa dhufaa jiru sababeeffachuun jiraatoota magaalichaa kuma 255 galii gadaanaa qabaniif maaddii qoodan. Aadde Adaanech ergaa karaa miidiyaa hawaasummaa isaanii qoodaniin har'a kutaalee magaalichaa hundaa fi dhaabbileen bulchiinsa magaalichaa ayyaana Faaskaa sababeeffachuun jiraatoota magaalichaa kuma 255 ol galii gadi aanaa qabanii fi manguddoota dadhaboof ayyaanicha gammachuun akka dabarsaniif maaddii qoonneerra jedhaniiru. Dureeyyoota magaalichaa hojii tola ooltummaa gaarii kanarratti hirmaatanis kantiiba Adaanech Abeebee galateeffataniiru.
Hojiin nageenyummaa hojiirrattii mirkaneesuu fi mirgaa fi fayidaaa hojjetoota kabachiisuu cimee itti fufa
May 1, 2024 477
Ebla 23 /2016(TOI) - Hojiin nageenya Indastirii mirkaneesuu, oomishitummaa guddisuu, hojiirratti nageenyummaa mirkaneesuu fi mirgaa fi fayidaa hojjetootaa kabachiisuu cimee kan itti fufu ta'uu Ministirri Hojii fi Ogummaa aadde Mufiryaat Kamiil beeksisan. Guyyaan idil addunyaa Hojjetootaa akka Itoophiyaatti yeroo 49ffaaf akka idil addunyaatti immoo yeroo 135ffaaf ''Nageenyaa fi qaala'insa jireenyaaf furmaata barbaanna'' mata duree jedhuun kabajama jira. Sagantaa magaalaa Finfinneetti qophaa'e irratti Ministirri Hojii fi Ogummaa aadde Mufariyaat Kamiil dabalatee hoggantoonni hojii mootummaa, bakka bu'oonni waldaalee hojjetootaa fi kanneen biroon hirmaataniiru. Ministirri Hojii fi Ogummaa Mufariyaat Kamiil sagantaa kanarratti ergaa dabarsaniin; hojiin mirgaa fi fayidaa hojjetoota kabachiisuu akkasuma bakka hojiitti nageenyummaa isaanii mirkaneesuu cimee itti fufa jedhaniiru. Fayyadamummaa hojjetoota mirkaneesuuf gaaffiiwwaan dhihaatan qorannoo irratti hundaa'uun adeemsaan deebisuuf qajelfamoonni qophaa'anii hojiirra oolaa jirachuu eeraniiru. Mirgaa fi Fayidaa hojjetoota karaa waaraa ta'een kabachiisuuf fedhiiwwaan haaraa bu'uura godhachuun hojiin rifoormii hojjetamee gara hojiitti galaa jirachuus himaniiru. Pirezidaantiin Konfidireeshinii Waladaalee Hojjetoota Itoophiyaa Kaasahuun Foolloo mirgaa fi fayidaa hojjetoota kabachiisuuf mootummaa waliin qindoominaan hojjetama jira jedhaniiru. Mirgaa fi fayidaa hojjetoota kabachiisuu bira darbee oomishitummaa Indastiriiwwanii guddisuuf kallattiin dandeesisu kaa'amee hojiirra oolaa jirachuus eeraniiru.
Doktar Abiy Ahimad ayyaana sooma hiikaa sababeeffachuun hojjettota galii gadi aanaa qabanii fi daa’immaan maatii hin qabneef maaddii qoodan
Apr 30, 2024 288
Doktar Abiy Ahimad ayyaana sooma hiikaa sababeeffachuun hojjettota galii gadi aanaa qabanii fi daa’immaan maatii hin qabneef maaddii qoodan Ebla 22/2016(TOI) - Ministirri Muummee FDRI doktar Abiy Ahimad ayyaana sooma hiikaa sababeeffachuu hojjettota Waajjira Ministira Muummee galii gadi aanaa qabanii fi daa’immaan maatii hin qabnee Waajjirichi guddisaa jiruuf maaddii qoodaniiru.
Diinagdee
Keeniyaatti hojjettoonni Embaasii Itoophiyaa sosochii ‘ Itoophiyaa qulqulluutti' makaman
May 2, 2024 43
Ebla 24/2016 (TOI) – Keeniyaatti hojjettoonni Embaasii Itoophiyaa sosochii ‘ Itiyoophiyaa qulqulluu’ Ministirri Muummee FDRI Doktar Abiy Ahimad mata duree 'Daanndii Qulqulluu – jireenya fayyaaqabeessaf’ jedhuun ifoomsanitti makamaniiru. Hojjettoonni kunneen waliigala Birrii kuma 130 fi 500 gumaachuun sosochichatti makamuu ragaan Embaasicharraa argame ni mul’isa.
Boordiin Invastimantii Oromiyaa naannichaatti dureeyyoonni kuma 3 fi 700 ol hojii invastimatii adda addaarratti akka boba'aniif murteesse.
May 2, 2024 38
Ebla 24/2016 (TOI) - Boordiin Invastimantii Oromiyaa naannichaatti dureeyyoonni kuma 3 fi 700 ol hojii invastimatii adda addaarratti akka boba'aniif murteesse. Hogganaan Biiroo Invastimatii fi Indatirii Oromiyaa obbo Ahimad Indiris murtee boordii invastimantii naannichaa ilaalchisuun miidiyaaleef ibsa kennaniiru. Obbo Ahimad ibsa isaaniin boordichi walga'ii jiddu kana taa'een invastimatiiwwaan misooma naannichaa ariifachiisuuf ni gargaaru jedhaman gara hojiitti akka galan murtee dabarsuu beeksisaniiru. Haaluma kanaan dureeyyoonni kuma 3 fi 747 dameewwaan hojii invastimatii gargaraa irratti kan boba'an ta'uu himaniiru. Dureeyyoota kana keessa 1200 ol biyya keessa fi alaa yoo ta'an kaan immoo inrapiraayizoota, waldaalee, qonnaan bultootaa fi horsiifate bultoota kaappitaala gahaa galmeessan ta'uu himaniiru. Dureeyyoonni hojii invastimantii irratti akka bobba'aniif Boordiin Invastimantii Oromiyaa murteeseef kunneen kaappitalaa birrii biliyoona 148 kan galmeessan yoo ta'u yeroo gara hojiitti galan lammilee kuma 500 oliif carra hojii kan uuman ta'uus obbo Ahimad Idiris ibsaniiru. Dureeyyoota hojii invastimatii kanneenitti boba'aniif lafti irratti hojii invastimantii irratti boba'an hojjetan heektaarri kuma 35 qophaa'uu himanii, lafti kunis guyyoota 45 keessaatti dabarfamee kannemaaf jedhaniiru. Dureeyyoonni kunneen gara hojiitti galuuf kanfaltii liiziif kanfalamu birrii biliyoona shan mootummaaf kan kanfalan ta'uus eeraniiru.
Agarsiifni ''Itoophiyaa haa oomishituu'' Caamsaa 1/2016 irraa eegalee guyyoota shaniif ni gaggeeffama.
May 2, 2024 78
Ebla 24/2016 (TOI) - Agarsiifni ''Itoophiyaa haa oomishituu'' kan indastiriiwwaan oomishaa biyya keessaa fi alaa irratti hirmaatan Caamsaa 1/2016 irraa eegalee guyyoota shaniif walitti aansuun galma Barkumeetti kan geggeeffamu ta'uu Ministeerri Indastirii beeksise. Agarsiifni dandeettii oomishtummaa indaastiriiwwan agarsiisuudhaan walitti hidhamiinsa gabaa birrii biiliyoona 3tti tilmaamamu uumuuf kan kaayyeffate ta’uu ibsameera. Deetaan Ministira Indastirii obbo Taarreqeny Bulultaa agarsiisa kana ilaalchisuun miidiyaaleef ibsa kennaniiru. Ibsa isaaniin agrsiisa GalmaBarkumeetti gaggeeffamu kanarratti indaastiriiwwan omishaa biyya keessaa fi alaa, daawwattoota idil-addunyaa fi keessummoota affeeraman dabalatee namoonni kumni 50 ol ni hirmaatu jedhaniiru. Agarsiisa kanaafis qophiin barbaachisaa ta'ee tasifamuu ibsaniiru. Agrsiisa Itoophiyaan haa oomishituu kanarratti indaastiriiwwan xixiqqaa fi giddu galeessaa 80 fi indastiriiwwaan oomisha olaanoo 120 ni hirmaatus jedhaniru. Agrsiisfini qophaa'ee kun dandeettii indaastiriwwanii agarsiisuudhaan carraa gabaa fi walitti dhufeenya uumuuf ni gargara jedhaniiru. Agarsiisa kanarratti oomishaalee gogaa fi bu'aa gogaa, huccuu, oomishaalee nyaataa fi mukaa, keemikaalotaa fi konkolaattota dabalatee oomishaaleen adda addaa akka dhiyaatanis eeraniiru.
Piroojektoonni Maddii biyyaan hojjetaman naannoleef dabarfaman
May 2, 2024 43
Ebla 24/2016 (TOI) – Piroojektoonni Maddii biyyaan hojjetaman naannolee Oromiyaa, Amaaraa fi Kibba Itiyoophiyaaf dabarfamaniiru. Piroojektoonni kunneen sagantaa walharkaa fuudhinsaa har'a Waajjira Ministira Muummeetti gaggeeffameen naannolee kanneeniif dabarfamaniiru. Piroojektoonni Maaddii Biyyaa Ministira Muummee FDRI Dooktar Abiy Ahimadiin raawwataman kunneen har’a mootummoota naannoleef kennamuu ragaan Waajjira Ministira Muummee FDRI irraa argame ni mul’isa. Gama biroon Piroojektoota Loojiiwwanii Sagantaa Maaddii biyyaan hojjetaman Daandiin Qilleensaa Itiyoophiyaa gama Hoteela Iskaay Laayitiin akka raawwachiisu waliigalteen mallattaa’uu eerameera. Piroojektoonni sadi jechuunis Piroojektiin Loojii Ikkoo Turiziimii Wancii, Loojii Halaalaa Keellaa, Cabaraa Curcuraa fi Loojiin Danaa Arbaa eebbifamuun kan yaadatamu yoo ta’u, Piroojektiin Gorgoraa xumurarra ga’eera jedhame. Piroojektoonni kunneen hojii kalaqaan kan guutaman, haalan hogganamuun qulqullinaa fi saffisaan hojjetamuun fageenyaa gaarii kan ta'aniidha. Daandiin Qilleensaa Itiyoophiyaa tajaajila fooyya’aa kennuurra darbee hojii kana akka hogganu itti gaafatamummaa fudhachuun isaa caalmaatti beekkamuun bakka ga’umsa turizimii idil-addunyaa ta’uuf carraa gaarii qabaata jedhameera. +4 See insights and ads Boost post All reactions: 22
Saayinsii fi teeknooloojii
Itoophiyaan walitti dhufeenya Intarpool waliin qabdu cimsuuf fedha qabdi
Apr 25, 2024 115
Ebla 17/2016(TOI) - Itoophiyaan walitti dhufeenya Intarpol waliin qabdu caalaatti cimsuuf fedha kan qabdu ta'uu Poolisii Federaalaa Itoophiyaatti Itarpool Biyyaalessaa Poolsii Federaalaa fi Qajeelchi Tumsa Poolisii Idil-Addunyaa beeksise. Poolisiin Fedeeraalaa, Itoophiyaa Konfiraansii Waggaa Interpool Idil-addunyaa irratti hirmaachaa jira. Konfiraansiin kun Firaansi Magaalaa Liyoonitti taa’amaa jira. Konfiraansicha irratti Hogganaan Iterpool Biyyaalessaa Poolsii Federaalaa fi Qajeelcha Tumsa Poolisii Idil-Addunyaa Gargaaraan Komishinaraa Dajanee Baqqalaa hirmaachaa jiru. Gargaaraan Komishinaraa Dajanee Baqqalaa konfiraansichaan cinaatti qindeessitoota pirojektii babal’ina tajaajila interpoolii waliin mari’ataniiru.
Haleellaa Saayibarii ittisuuf biyyoonni miseensa ‘BRICS’ walta’iinsaa fi qindoominaan hojjechuu qabu jedhame
Apr 18, 2024 443
Ebla 10, 2016 (TOI)- Guddina teeknooloojii hordofee haleellaa saayibarii dabalaa dhufe ittisuuf biyyoonni miseensa ‘BRICS’ walta’iinsaa fi qindoominaan hojjechuu akka qaban akeekame. Yaa’iin “Working Group” 10ffaan Biyyoota miseensaa BRICS Raashiyaatti gaggeeffameera. Yaa’icharratti Itiyoophiyaa bakka bu’uun Daayrektarri Olaantuun Bulchiinsa Nageenya Odeeffannoo Aadde Tigisti Haamiidii fi jilli isaanii hirmaataniiru. Aadde Tigisti Haamiid akka jedhanitti, yeroo ammaa biyyooni miseensa ‘BRICS’ fi biyyoonni addunyaa dhimma haleellaa saayibariirratti xiyyeeffannaan hojjechaa jiru. Dhimmi nageenya odeeffannoo ajandaa murteessaa biyyootaa miseensa BRICS ta’ee itti fufuu akka qabu eeran. Biyyonnni miseensa garichaas dandeettii yaaddoowwan haleellaa dandamachuun isaanii cimsuun naannawaa dijitaalaa nageenyi isaa amansiisaa uumuu akka qaban ibsuu ragaan bulchiinsicharraa argame ni mul’isa. Yaa’ichaan biyyoonni miseensaa, nageenya kominikeeshinii fi odeeffannoo, waljijjiirraa odeeffannoo, yaaddoowwan nageenya saayibarii ittisuuf akkasumas muuxannoo waljijjiiruuf waliigalteerra ga’uun ibsameera. Aadde Tigisti waltajjiichaan cinaatti biyyoota miseensa garichaa waliin haalaa nageenyaa saayibariirratti hojjechuu danda’amurratti mari’achuun ibsameera.
Itoophiyaatti sirna bulchiinsa ammaayyaafis ta'ee argannoo saayinsiif sabdaneesummaan aadaa fi beekumsi dhalootaan biyya keessaa gahee olaanaa qabu.
Apr 16, 2024 279
Ebala 8/2016(TOI) - Itoophiyaatti sirna bulchiinsa ammaayyaafis ta'ee argannoo saayinsiif sabdaneesummaan aadaa fi beekumsi dhalootaan biyya keessaa gahee olaanaa qabaachuu namni damee qorannoo taasisuun beekaman tokko ibsan. Yuunivarsiitii Jinkaatti korri qorannoo Aadaa fi Seenaa irratti xiyyeeffate geggeeffameera. Kora qorannoo kanarratti kan hirmaataan Yuunivarsiitii Kaalfoorniyaatti qorataan Sooshaal Antiropolojii Pirofeesar Doonaald L Donaahaam akka himanitti; Itoophiyaan aadaawwanii fi beekumsoota xabboo hedduu ajaa'ibsiisoo qabdi. Itoophiyaa dabalatee biyyoota Afrikaa adda addaatti waggoota 50'f hojii qorannoo fi qo'annoo hojjechaa turuu himanii; qoarnnoo hawaasaa fi ilaalcha siyaasaa irratti Kitaaboota xiyyeeffatan hedduus barreesuu isaanii himaniiru. Waggoota qorannoo fi qo'annoof biyyoota Afrikaa keessa turan keessaa kan Itoophiyaa keessa turan guddaa ta'uu eeranii Itoophiyaan haala teesuma alafaa ja'ibsiisaa fi aadaa hedduun kan badhaatedha jedhaniiru. Qoratichi kora qorannoo kanarratti mata duree '' Hundeeffama Itoophiyaa fi beekumsoota xabboo walitti bu'insa furuuf'' jedhuun qorannoo dhiheesaniiru. Qoratichi qorannoo dhiheesaniin Itoophiyaatti sirna bulchiinsa ammaayyaafis ta'ee argannoo saayinsiif sabdaneesummaan aadaa fi beekumsi dhalootaan biyya keessaa gahee olaanaa qabu jedhaniiru. Itoophiyaatti walooma cimsuufi nageenya waaraa taasisuuf beekumsi xabboo karaa walitti bu'insa karaa aadaa furaniin gahee olaanaa qabu jedhaniiru. Duudhaawwan kana Yuunivarsiitonnii fi dhaabbileen qorannoo qorannoo fi qo'annoon gabbisuun fayidaarra oolchuu qabus jedhaniiru.
Dhaabbileen tajaajila miidiyaa hawaasummaa kennan haasawa jibbiinsaa ittisuuf hojii irraa eegamu hin hojjenne
Apr 16, 2024 249
Ebla 8/2016 (TOI) – Dhaabbileen tajaajila miidiyaa hawaasummaa kennan haasawa jibbiinsaa ittisuuf hojii irraa eegamu hin hojjenne ta'uu Abbaan Taayitaa Miidiyaalee Itoophiyaa beeksise. Abbaan Taayitaa Miidiyaalee Itoophiyaa gabaasa biyyaalessaa haasawa jibbiinsaa fi odeeffannoo sobaa miidiyaalee hawaasummaa ifoomsera. Odeeffannoon Sobaa fi Haasofni jibbiinsaa babal’achuun nageenya hawaasarratti dhiibaa uumuu gabaasa isaan ifa godheera. Maddii haasawaa jibbiinsaa miidiyaaleen hawaasaa qoodaan ijoon Abbootii Amantii tokko tokko, Aktiivistoota, qaamoleen siyaasaa fi rogeeyyiin miidiyaalee hawaasummaa fi qaamoleen dhuunfaa ta'uu gabaasa isaa kanaan ifoomseera. Haasofni jibbiinsaa kunneen saba, Amantii, afaan, eenyummaa, namoota dhuunfaa, garee, namoota bebbeekkamoo, namooa siyaasaa fi aanga’ootarratti kan xiyyeeffatan ta’uu abbaan taayitichaa gabaasa isaan eerera. Dhaabbileen tajaajila miidiyaa hawaasummaa dambii fi qajeelfama kabajuun itti gaafatamummaan hojjechuu akka qaban Abbaan Taayitaa Miidiyaalee Itoophiyaa gaafateera.
Ispoortii
Ispoortii Biskileetiin Olompiikii Paarisirratti hirmaachuuf qophiin tasifamaa jira
Apr 26, 2024 308
Ebla 18/2016(TOI)-Dorgomtoonni Itiyoophiyaa biskileetiin dorgomanOlpmpiikii Paarisirratti hirmaachuuf Maqaleetti shaakalaa akka jiran federeeshiniin Biskileetii Itiyoophiyaa ibse. Hoogganaan waajjira federeeshinichaa obbo Fitsum Walda’aab akka ibsanitti, dorgomtoonni biskileetii dhiirri jahaa fi dubartoonni shan kilaboota addaddaarraa waliti dhufan hirmaannaa Olompiikii argachuuf Maqaleetti shaakalaa akka jiran ibsaniiru. Kana malees Itiyoophiyaanonni dorgomtoota Biskileetii kilabii Awurooppaa keessa jiran, dorgommiiwwan addaddaarratti hirmaachuun qabxii ida’amaatiin qabxii Olompiikiirratti hirmaachuu isaan dandeessisu argachuuf hojjechaa jiru jedhaniiru. Olompiikii Paarisiif darbuuf dursee qophiin eegalamuu fi dorgomtoonni Biskileetii waltajjii dorgommii argachuunsaanii jalqabbii gaarii ta’uu dubbataniiru. Leenjisaan muummee garee biyyaalessaa Biskileetii Nugusee Gabrayohaannis gamasaatiin, dorgommii tapha guutuu Afriikaa Gaanaa Akraatti hirmaatan caalaa qophiin taasisaa akka jiran dubbateera. Yeroo ammaa dorgommii biskileetii waggaa naannoon Tigraay qopheessurratti hirmaachuuf dorgomtoonni Biskileetii 11 magaalaa Aksum akka jiran ibseera. Dorgomtoonni kunneen taphoota guutuu Afriikaa Gaanaa Akraatti taasifamerratti hirmaatanii kan turan ta’uu fi dorgommii Kanaan kilabasaanii bakka bu’anii akka hirmaatan beeksisaniiru. Itiyoophiyaan akka lakkoofsa Awurooppaatti Olompiikii Riyoo bara 2016 qophaa’ee fi Olompiikii Tookiyoo bara 2021 qophaa’erratti Ispoortii Olompiikiin hirmaachuunshee niyaadatama. Waltajjii Afriikaarrattis tapha guutuu Afriikaa Gaanaa Akraatti barana taasifamerratti, dhiira jahaa fi dubartii shaniin hirmaachuun meedaaliyaa meetii tokkoon Afriikaarraa torbaffaa bahuun xumuruunshee niyaadatama.
Sagantaan torbee 22ffaa piriimerliigii Itiyoophiyaa har’a jalqabama
Apr 18, 2024 260
Ebla 10/2016(TOI)- Taphoonni guyyaa jalqabaa torbee 22ffaa piriimerliigii Itiyoophiyaa har’a nitaphatamu. Tapha jalqabaa torbee 22ffaan Magaalaan Walqixxee Itiyoophiyaa Madin waliin sa’aatii 10tti Istaadiyeemii Dirreedawaatti nitaphatu. Magaalaan Walqixxee taphaoota liigichaa walitti aansee taphate shaniin altokko mo’atee altooko mo’amee alsadii walqixa baheera. Magaalaan Walqixxee qabxii 16’n sadarkaa 14ffaa qabatee qaxanaa gadibu’aarra jira. Itiyoophiyaa Nadin taphoota shan darbaniin altokko mo’atee altokko mo’ameera. Taphoota sadii walqixa baheera. Itiyoophiyaa Mqabxii 19’n sadarkaa 13ffaarra jira. Tapha lammaffaa galgala sa’aatii 1tti taphatamuun magaalaan Bahaardaarii fi Hadiyyaa Hoosaa’inaa nimorkatu. Magaalaan Bahaardaar taphoota walitti aanan shan taphateen hinmo’amne. Sadii mo’atee lamaan walqixa baheera. Magaalaan Bahaardaar qabxii 33’n sadarkaa 5ffaarra jira. Hadiyyaa Hoosaa’inaan taphoota shan taphateen lama mo’atee tokkoon mo’amee lamaan walqixa baheera. Hadiyyaa Hoosaa’inaan qabxii 30’n sadarkaa 8ffaarratti argama. Sagantaan torbee 22ffaa borus ittifufuun Hambarichoo Duraamee magaalaa Hawaasaa waliin sa’aatii 10tti, Faasiil Kanamaan magaalaa Adaamaa waliin galgala sa’aatii 1tti nitaphatu. Taphoonni torbee 22ffaan amma Ebla 13tti nitura. Piriimiyeer liigii kana baankiin daldala Itiyoophiyaa qabxii 43’, dursaa jira. Taphataan sarara duraa magaalaa Hawaasaa Alii Suleyimaan goolii 12 galchuun dursaa jira. Taphataan magaalaa Dirreedawaa lammii Yugaandaa Chaarlis Musiigee, taphataan Qiddus Giyoorgis Amaanu’eel Orboo, taphataan magaalaa Bahaardaar Charinnat Gugsaa fi taphataan magaalaa Adaamaa Yooseef Taarraqany qabxii walfakkaataa goolii 9’n hordofaa jiru. Taphoonni piriimiyer Liigii torbee 23ffaa amma 27ffaatti istaadiyeemii Yuunivarsiitii Hawaasaatti akka taphataman waldaan aksiyoonaa liigichaa beeksiseera.
Sagantaan piriimiyeerliigii Itiyoophiyaa torbee 21ffaan har’a jalqabama
Apr 11, 2024 355
Ebla 03/2016(TOI)- Sagantaan piriimiyeerliigii Itiyoophiyaa torbee 21ffaan taphoota lama taphatamaniin har’a nijalqabama. Dursaan liigicha Baankiin daldalaa Itiyoophiyaa magaalaa Hawaasaa waliin sa’aatii 10tti nitaphatu. Baankiin daldalaa taphoota shan darbaniin lama mo’atee tokkoon mo’amee lama walqixa baheera. Morkataansaa magaalaan Hawaasaa taphoota shan keessaa lama mo’atee lama mo’amee tokko ammoo qabxii qooddatee qabxii 26’n sadarkaa 10ffaarratti argama. Walaayittaa Diichaan magaalaa Dirreedawaa waliin galgala sa’aatii 1tti nitaphatu. Walaayittaa Diichaan taphoota liigichaa shan taphateen sadiin mo’amee al lama walqixa bahee qabxii 24’n sadarkaa 12ffaarratti argama. Morkataansaa magaalaan Dirreedawaa taphoota liigichaa shan taphateen sadii mo’atee tokko walqixa nahe tokko ammoo mo’ameera. Magaalaan Dirreedawaa qabxii 29’n sadarkaa 9ffaarratti argama. Sagantaan torbee 21ffaa kanaan boru Faasiil KanamaaHambarichoo Duraamee waliin guyyaa keessaa sa’aatii 10tti, magaalaan Bahaardaar Qiddus Goorgis waliin galgala sa’aatii 1tti nitaphatu. Taphni torbee 21ffaa kun amma Ebla 6 bara 2016tti nitura. Piriimiyeerliigii kana taphataan sarara duraa magaalaa Hawaasaa Alii Suleyimaan galchii 11’n yemmuu dursu taphataan magaalaa Dirreedawaa lammii Yugaandaa Chaarlis Musiigee galchiii 9’n hordofa jira.
Eegumsa naannoofi haala qilleensaa
Sababa rooba waqtii Arfaasaan miidhaan guddaan akka hin mudanne hojiiwwan ofeeggannoo bal'inaan hojjetamaa jiru
Apr 30, 2024 59
Ebla 22/2016(TOI) - Sadarkaa biyyatti naannaawwa adda addaatti sababa rooba waqtii Arfaasaan balaan cimaan akka hin mudannee hojiin ofeeggannoo duraa bal'inaan hojjetama jirachuu Komishiiniin bulchiinsa hoggansa yaaddoo balaa beeksise. Komishinarri komishinicha ambaasaaddar doktar Shifarrawu Takilemaariyaam TOI'tti akka himaniitti; akka raaga Instiitiyutii Metirolojii Itoophiyaatti bara kana waqtii arfaasaatti roobni idilee olii mudachuu danda'a. Naannawwaa rooba arfaasaa argatan kanatti sababa lolaan lammileerra miidhaan akka hin geenye qophiin duraa fi hojiin ittisuu hojjetamaa jira jedhaniiru. Hojiiwwaan kanneen milkaa'a taasisuuf sadarkaa sadarkaan koreen ijaaramee hojiiwwaan adda addaa hojjechaa jirachuu himaniiru. Rooba idilee oliin lolaa uumamuun daandiirrattilee balaan mudachuu waan danda'uuf galteewwaan qonnaa fi meeshaaleen adda addaa dursanii akka gahan taasifamuu eeraniiru. Lammilee naannaawwa qarqara lagaa jiraatan naannolee waliin ta'uun bakka biraa akka qubatan taasisuu fi hordoffiin barbachisaan tasiifama jira jedhaniiru. Naannawwaa irra deddebiin balaa lolaaf saaxilamoo ta'an mootummaa Federaalaa fi dhaabbilee deeggarsa taasisan waliin ta'uun furmaata waaraa kennuuf hojjetama jirachuus himaniiru.
Roobni guyyoota kurnan dhufu roobuu naannaawwaa rooba arfaasaan oomishaniif mijataadha
Apr 22, 2024 388
Ebla 14/2016 (TOI) - Roobni guyyoota kurnan dhufu roobuu naannaawwaa rooba arfaasaan oomishaniif mijata ta'uu Inistiitiyuutiin Meetirooloojii Itoophiyaa beeksisee. Ibsa inistiitiyuutichi TOI'ttiif ergeen guyyoota kurnan dhufanitti naannaawwaa kibba, bahaa, kaaba bahaa fi giddu galeessa biyyattiitti roobni salphaa hanga cimaa ta'u akka roobu ibsameera. Haala kanaan, jiidhinni eegamu fedhii bishaanii oomisha waqtii arfaasaa kanaan dura facaafamee fi biqiltoota kanaan dura dhaabamanii jiraniif mijataa akkasuma oomisha watii gannaaf haala kan mijeesuu kan danda'udha jedheera. Qonnaan bulaan jiidhina jirutti fayyadamuuf oomisha isaa oomishuuf galteewwan barbaachisu akka qopheeffachuu qabu eerera. Naannaawwaa hanqina roobaa qabanitti roobni guyyoota kurnan dhufan jiru nyaata beelladaa fi hanqina bishaan dhugaatii furuuf gahee olaanaa waan qabuuf bishaan ooyiruu qonnaa fi bakka birootti kuusuun hojii jallisiifis dhimma itti bahuun barbaachisaadha jedhameera. Gama biraatiin naannoolee kaaba bahaa, bahaa fi kibba bahaa biyyattiitti jiidhinni olaanaan akka eegamu raagni meetirooloojii ni mul’isa. Haalli kun ooyiruu irra dalaliin akkachiisuu fi biyyeen lolaan akka dhiqamu gochuu waan danda'uuf ofeeggannoon barbaachisaan taasifamuu akka qabu instiitiyutichi beeksiseera. Hojii ofeeggannoo cinaattis jiidha jiru dhimma itti bahuuf tattaaffiin taasifamuu qaba jedheera.
Baatiiwwan sagal darban dhaabbilee dhiibbaa faalama naannawaa geessisan kuma 1 fi 720 irratti tarkaanfiin fudhatameera-abbaa taayitichaa
Apr 18, 2024 235
Ebla 10/2016(TOI)- Baatiiwwan sagal darban dhaabbilee dhiibbaa faalama naannawaa geessisan kuma 1 fi 720 irratti tarkaanfiin fudhatamuusaa abbaan taayitaa taayitaa eegumsa naannoo Finfinnee beeksise. Hojii gaggeessaan olaanaa abbaa taayitichaa obbo Didhaa Dirribaa TOItti akka himanitti, abbaan taayitichaa baatiiwwan sagal darban hojii to’annoo addaddaa taasisaa tureera Haala Kanaan baatilee sagalitti dhaabbilee kuma 7 fi 294 to’achuuf karoorsee dhaabbilee kuma 7 fi 598 to’achuun karoorasaa harka dhibbaa ol milkessuusaa dubbataniiru. To’annoo fi hordoffii cimaa taasifameen dhaabbilee naannawa faalan kuma 1 fi 720 irratti tarkaanfii fudhachuusaa mirkaneessaniiru. Kanneen keessaa kuma 1 fi 661 ofeeggannoon kan kennameef yoo ta’u kanneen kallattii kennameefiin osoo hin hojjetiin hafan dhaabbilee 59 saamsamamuusaanii dubbataniiru. Abbaan taayitichaa dhaabbileen akkaataa ergama dhiibbaa naannawaa to’achuuf kennameefiin seera kabajanii akka hojjetan to’annaa fi hordoffii taasisu cimsee itti fufuusaa ibsaniiru.
Naannoo Somaaleetti biqiltuuwwan faayidaa addaddaa qaban miiliyoona 1 tuqaa 4 ol dhaabbiif qophaa’aniiru
Apr 13, 2024 330
Ebla 05/2016 (TOI)-Naannoo Somaaleetti biqiltuuwwan faayidaa addaddaa qaban miiliyoona 1 tuqaa 4 ol dhaabbiif qopheessuusaa biiroon eegumsa naannoo fi bulchiinsa lafa baadiyyaa naannichaa beeksise. Daarektarri hariiroo ummataa biirichaa obbo Yuusuuf Mahaammad TOI’f akka ibsanitti, biirichi biqiltuuwwan rakkoolee sababa jijjiirama haala qilleensaan uumaman qolachuuf gargaaran baay’isuun sagantaa ashaaraa magariisaa milkeessuuf hojjechaa jira. Haala Kanaan biirichi jiddugaleessota moodelaa Jigjigaa biqiltuun itti baay’ifamu, Godee, Doolloo Addoo fi Dagaahaabuuritti hundeeffamanitti biqiltuu qopheessuusaa ibsaniiru. Naannawoota naannichaa rooba arfaasaa argatanitti Ebla 15 bara 2016 irraa kaasee biqiltuun akka dhaabamu daarektarichi beeksisaniiru. Kana malees ganna dhufu biqiltuuwwan addaddaa naannichatti dhaabaman miiliyoona lama dhaabuuf qophiirra aka jiran ibsaniiru. Hojii gaggeessaan jiddugala biqiltuu moodelaa Jigjigaa obbo Ayyaanlee Hasan, buufanni biqiltuu jiddugaleessicha jalatti hundaa’e biqiltuu baay’isuun kutaalee hawaasaa fi dhaabbileef tolaan akka raabsu beeksisaniiru. Buufanni kun yeroo ammaa akaakuu biqiltuu 32 baay’isaa akka jiru dubbataniiru. Namoota jiddugaleessichatti carraan hojii uumameef keessaa adde Zayinab Ahimad yaada kennaniin kunuunsa biqiltuu jiddugaleessichatti tasisaa jiranitti akka gammadan ibsaniiru. Waggoottan darba naannoo Somaaleetti sagantaa ashaaraa magariisaatiin biqiltuuwwan mukaa miiliyoona 51 ol dhaabaman keesaa harki 71 qabachuusaa odeeffannoon biiroo eegumsa naannoo fi bulchiinsa lafa baadiyyaarraa argame nimul’isa.
Gabaasa addaa
Hawaasni yeroo ayyaana Faasikaa kabaju balaa Ibiddaa fi balaan tasaa biroon akka hin mudannee ofeeggannoo barbaachisaa gochuu qaba
May 1, 2024 51
Ebla 23/2016(TOI) - Hawaasni ayyaana Faasikaa fuula dura keenya kabajamu yeroo kabaju balaa Ibiddaa fi balaan tasaa biroon akka hin mudannee ofeeggannoo barbaachisaa gochuu akka qabu Komishiiniin hoggansa sodaa balaa fi Ibiddaa magaalaa Finfinnee hubachiise. Dubbi himaan Komishiinii Hoggansa balaa fi Ibiddaa Magaalaa Finfinnee obbo Nigaatuu Maammoo akka himanitti hawaasni qophii ayyaanichaaf yeroo waantoota barbaachisan raawwatu balaan Ibiddaa fi kanneen biroon akka hin mudannee ofeeggannoo barbaachisaa gochuu qaba jedhaniiru. Komishinichis ayyaanicha ilaalchisee qophii dursaa barbaachisaa taasisuu himaniiru. Kana keessaas bakka sosochiin uummataa itti baay'atutti hojiin hubannoo uumuu sababa balaa ibiddaa fi kanneen biroo fi ogeeggannoo ta'uu qabu akkasuma yoo balaan mudatees waan gochuu qaban irratti kennama jira jedhaniiru. Hawaasni ofeeggannoo barbaachisaa taasisee akka tasaa yoo balaan uumamee immoo komishiinichi galteewwanii fi humna namaa barbaachisaan yeroo kamiyyuu caalaa qophii taasisuu beeksisaniiru. Hojii ariitiin xumuruuf jecha rabsiituu elektirikaa tokko tajaajila adda addaaf fayyadamuun balaaf nama saaxiluu waan danda'uuf ofeeggachuun barbaachisaadha jedhaniiru. Yeroo Nyaata bilcheesanii fi tajaajiloota biroo yeroo raawwatan waantoonni Ibidda uumuu danda'anirra fagachuu akkasuma Shaamaa fi waantoota biroo qabsiisanii deemuu sababa balaa ta'uu danda'a waan ta'eef irra ofgeeguun barbaachisadha jedhaniiru. Hawaasni yeroo balaan mudate karaa toora bilbila tolaa 939 ykn karaa sarara bilbilaa kallatti 0111555300 bilbiluun beeksisuu danda'a jedhaniiru.
''Magaalichaatti balaa ibiddaa fi balaa tasaa mudatan ittisuuf hojii hojjetameen qabeenya birrii biliyoona 7 olitti tilmaamu mancaatiirra baraaruun danda'ameera''
Mar 26, 2024 646
Bitootessa 17/2016(TOI) - Magaalaa Finfinneetti ji'oota jahan darban balaa ibiddaa fi balaa tasaa mudatan ittisuuf hojii hojjetameen qabeenya birrii biliyoona 7 olitti tilmaamu mancaatiirra baraaruun danda'amuu Komishiniin bulchiinsa sodaa balaa bulchiinsa magaalaa Finfinnee beeksise. Komishinichatti itti aanaan komishinaraa damee balaa hir'isuu Yikifawuu Waladamsqal TOI'tti akka himaniitti; balaa ibiddaa, balaa yeroo ijaarsaa mudatu, sigigaachuu lafaa fi balaan lolaa irra deddebiin magaalichaatti yeroo baay'ee kan uumamaan ta'uu himaniiru. Magaalichatti ji'oota jahan darban balaan Ibiddaa fi balaan tasaa 239 mudachuu eeranii; hojii ittisuu Komishiinichi hojjeteen qabeenya birrii biliyoona 7'tti tilmaamamu balaa mancaatiirra baraaruun danda'amuu himaniiru. Balaawwaan mudatan kanaan qabeenyi birri miliyoona 467'tti dhihaatu mancaa'uu himanii; balaa ibiddaan ala balaawwaan biroo mudataniin lubbuun namoota 31 darbuus eeraniiru. Komishiinichi waan balaa durasanii ittisuu fi balaan erga mudatee qolachuu irratti xiyyeeffatee hojjeteef malee kanaa ol miidhaan qabeenyaa fi lubbuu namarran gahuu danda'u jedhaniiru. Guddinaa fi baay'ina uummataa magaalichaa hordofee balaawwaan mudataniif deebii hatattamaa kennuuf adeemsa tekinolojiiwwan deeggarame diriirsuuf hojiin rifoormiiwwan adda addaa hojjetama turuu himaniiru. Kanaanis jiddugala eeruu balaa gara dijitaalaatti jijjiruun danda'uu himanii, kunis eeruu sobaa kanaan dura turan hambisuu keessaatti gahee olaanaa kan bahedha jedhaniiru. Jiddugalicha dameewwan isaa salganuu waliin kaameeraa CCTV'n wal qunnamsiisuun sochiiwwan isaanii walii galaa to'achuuf adeemsi dandeesisuu uumameera jedhaniiru. Hojii riifoormii taasifameen baay'ina jiddugalawwan isaa babal'isuu, naannawwaa hojii mijataa uumuu, lakkoofsa konkolaatoota yeroo balaan mudatan dhimma itti bahanii dabaluu fi hojiin biroon hojjetamuu himaniiru.