Baatiiwwan sagal darban dhaabbilee dhiibbaa faalama naannawaa geessisan kuma 1 fi 720 irratti tarkaanfiin fudhatameera-abbaa taayitichaa

204

Ebla 10/2016(TOI)- Baatiiwwan sagal darban dhaabbilee dhiibbaa faalama naannawaa geessisan kuma 1 fi 720 irratti tarkaanfiin fudhatamuusaa abbaan taayitaa taayitaa eegumsa naannoo Finfinnee beeksise.

Hojii gaggeessaan olaanaa abbaa taayitichaa obbo Didhaa Dirribaa TOItti akka himanitti, abbaan taayitichaa baatiiwwan sagal darban hojii to’annoo addaddaa taasisaa tureera

Haala Kanaan baatilee sagalitti dhaabbilee kuma 7 fi 294 to’achuuf karoorsee dhaabbilee kuma 7 fi 598 to’achuun karoorasaa harka dhibbaa ol  milkessuusaa dubbataniiru.

To’annoo fi hordoffii cimaa taasifameen dhaabbilee naannawa faalan kuma 1 fi 720 irratti tarkaanfii fudhachuusaa mirkaneessaniiru.

Kanneen keessaa kuma 1 fi 661 ofeeggannoon kan kennameef yoo ta’u kanneen kallattii kennameefiin osoo hin hojjetiin hafan dhaabbilee 59 saamsamamuusaanii dubbataniiru.

Abbaan taayitichaa dhaabbileen akkaataa ergama dhiibbaa naannawaa to’achuuf kennameefiin seera kabajanii akka hojjetan to’annaa fi hordoffii taasisu cimsee itti fufuusaa ibsaniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015