Mootummaan Tarsimoo I-komeersiif xiyyeeffannoo kennee ni raawwachiisa

Ebla 21/2016(TOI) -Mootummaan Tarsimoo I-komeersiif  xiyyeeffannoo kennee kan raawwachiisu ta'uu Itti aanaan Ministira Muummee obbo Tamasgeen Xurunee beeksisan.

Itti aanaan Ministira Muummee obbo Tamasgeen Xurunee wixinee Tarsiimoo Daldala I-komeersii Biyyaalessaa qaama Tarsiimoo Dijitaalaa Itoophiyaa ta’e irratti waltajjii marii taasifamu eegalchiisaniiru.

Waltajjii kanarrattis haasa taasisanii tarsiimoon daldala I-koomersii biyyaalessaa xiyyeeffannoo guddadhaan mootummaan hojiirra kan oolu ta’uu ibsaniiru.

Kaayyoon tarsiimoo kanaa inni guddaan caraa teeknooloojii dijitaalaa  jiru hundaa fayyadamuun carraa hojii uumuu fi galii sharafa alaa guddisuun guddina hunda galeessaa fi itti fufiinsa qabuuf haala mijeessuu akka ta’es beeksisaniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015