Itoophiyaan guddina dinagdee tasgabbawaa qormaata hundaa injifatee fi hojii rifoormii dinagdee oomishitummaaf dursa kenneen ibsamti.

Ebla 21/2016(TOI) - Itoophiyaan guddina dinagdee tasgabbawaa qormaata hundaa injifatee fi hojii rifoormii dinagdee oomishitummaaf dursa kenneen ibsamti jedhan Ministirri Muummee FDRI doktar Abiy Ahimad.

Hojii Komishinii Marii Biyyaalessaatiin hoogganamu keessatti marii fi araarri fedhii fi abdii nagaa qabnu cimsaa jiras jedhaniiru.

 Ministirri Muummee Doktar Abiy Ahimad akka ibsanitti, barnoota dhaqqabamaa taasisuu fi dargaggoota humneessuun Itoophiyaan hojii haaraa miliyoona lama uumuuf akka karoorfatte ibsaniiru.

Sochiiwwan akka ashaaraa magariisaa humna ibsaa hundaan gahuu, ce'umsa dijitalaa fi kununsa qabeenya uumamaa irratti akka xiyyeeffattu himaniiru.

Itoophiyaan Waldaan Misooma Idil Addunyaa deeggarsa ardichaaf taasisu cimsee akka itti fuftu gaafachuu odeeffannoon midiyaa hawaasummaa Ministira Muummee doktar Abiy Ahimad irraa argame ni mul'isa.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015