El Salvaadoor imbaasii ishee Finfinneetti banachuufi

Ebla 21/2016(TOI) -Elsalvaadoor imbaasii ishee Finfinneetti banachuufi jedhame.

Jilli ministira dhimma alaa Elsaalvaadoor Elkisaandiraa Hil Tinooriin durfamu ministira dhimma alaa Itoophiyaa ambaasaaddar Taayyee Atsiqasilaasee waliin mari'ateera.

Ministiroonni lamaan marii isaaniin dhimmoota hariiroo biyyoota lamaanii fi tumsa waltajjiiwwan hedduu cimsuu irratti yaada wal jijjiraniiru.

El Salvaador Afriikaatti Imbaasii ishee lammaffaa Finfinneetti banuuf murteessuu ishee ministirri dhimma alaa biyyattii beeksise.

 Ambaasaaddar Taayyeenis kanaaf mootummaan Itoophiyaa guutummaatti akka isaan deeggaru mirkaneessaniirifiru.

Odeeffannoon Ministeera Dhimma Alaa irraa argame akka mul’isutti, biyyoonni lamaan tumsa barnootaa, qonnaa, ispoortii fi dameelee adda addaa irratti qaban cimsuuf marii dandeesisu taasisaniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015