ENA - ENA Afaan Oromoo
Angafoota Oduu
Ayyaana Faasikaatiif hanqinni oomisha qonnaa akka hin mudanneef hojiileen adda addaa hojjetamaa turaniiru
Apr 8, 2026 412
Bitootessa 30/2018 (ENA): Hanqinni oomishaalee qonnaa ayyaana Faasikaatiif barbaachisan akka hin uumamneef magaalaa Hararitti hojiin hojjetamaa jiraachuu Ejensiin Misooma Daldala Naannichaa beeksise. Shamattoonnii fi daldaltoonni akka jedhanitti dhiyeessiin oomisha qonnaa ayyaana kanaaf barbaachisu gahaa ta’e dhiyaatera. Hogganaan Ejensii Misooma Daldalaa Naannoo Hararii obbo Shariif Muummee ENAtti akka himanitti, hanqinni oomishaalee ayyaana kanaaf barbaachisan akka hin uumamneef hawaasa daldalaa hunda waliin mariin gaggeeffameera jedhani. Dhiyeessii oomishaa haala mijeessuun Oomishaalee godinaalee baadiyyaa naannichaa keessatti oomishaman gara magaalatti fiduudhaan dhiyeessitoota adda addaa waliin walitti dhufeenya uumuun oomisha gara magaalatti fidameera jedhan. Oomishaalee iizii Bahaatiin oomishaman waldaalee shamattootaaf dhiyeessuun hawaasni gatii madaalawaadhaan akka argatu taasisaa akka jiranis himaniiru. Gabaa Sanbataa fi Dilbataa magaalattii cimsuuf hojjetamaa akka jirus akeekaniiru. Daldaltoota seeraan ala gatii dabalan hordofuu fi to’achuuf hojjetamaa jiraachuu fi yeroo ammaa kana omishaaleen ayyaana kanaaf barbaachisan gatii madaalawaadhaan gurguramaa akka jiran hubachiisaniiru. Gabaa aadaa Dilbataa fi Sanbataa magaalattii “Mobil” jedhamutti gurgurtaa kuduraalee irratti kan bobba’an Aadde Baqqalech Nigusee, kuduraalee naannoo sanaa fi iddoowwan biroo irraa fayyadamtootaaf dhiyeessaa akka jiran eeraniiru. Daldala oomisha qonnaa irratti kan bobba’an obbo Isaayyaas Alamaayyoo gama isaaniin, gabaa ayyaanaa irratti dhiyeessiin oomishaa fooyya’aa ta’uu ibsuun, gatii Waajjirri Daldala Naannichaa kaa’e irratti hundaa’uun gatii madaalawaadhaan fayyadamtootaaf gurguraa akka jiran himaniiru. Bakka sanatti kuduraalee bitachaa kan turan aadde Haymaanot Yashiixilaan, ayyaana Faasikaa kanaaf kuduraalee, hanqaaquu fi oomishaalee biroo dhiyeessiin akka jiru himaniiru. Daldaltoota gatii hin malle dabalanirratti tarkaanfiin cimee akka itti fufu eeraniiru. #Ena Afaan Oromoo #TOI #Ena
Konfiraansiin Nageenyaa biyyaalessaa 7ffaan Naannoo Beenshaangul Gumuuzitti gaggeeffama
Apr 8, 2026 224
Bitootessa 30/2018(ENA) : Konfiraansiin nageenyaa biyyaalessaa 7ffaan Naannoo Beenshangul Gumuuzitti akka adeemsifamu Barreessaan Olaanaan Mana Maree Dhaabbilee Amantaa Itiyoophiyaa Lubni Taagaay Taaddalaa ibsan. Barreessaan Olaanaa Mana Maree Dhaabbilee Amantaa Itiyoophiyaa lubni Taagaay Taaddalaa, konfiraansii nageenyaa biyyaalessaa 7ffaa ilaalchisuun ibsa kennaniiru. Ibsasaaniin konfiraansichi Eebila 7 hanga 8 bara 2018tti akka adeemsifamu eeraniiru. Konfiransii kanaaratti nageenya waaraa biyyattii keessatti mirkaneessuu fi dhimmoota biroo irratti mariin paanaalii fi Mariin uummataa qooda fudhattoonni adda addaa irratti hirmaatan akka gaggeeffamu ibsaniiru. Marii kanaan alatti, hojiiwwan misoomaa naannichatti hojjetaman daawwachuu, sagantaa dhaabbii biqiltuu fi taateewwan biroo adda addaa akka raawwataman ibsaniiru. Konfiraansii guyyoota lamaaf turu kanarratti, Abbootii Amantaa kutaalee biyyaa adda addaa irra dhufan, Hoggantoota Olaanoo Mootummaa Federaalaa fi Naannoo, Kutaalee Hawaasaa garaagaraa fi keessummoonni waamichi taasifameef akka hirmaatan eeraniru. Manni Marichaa kanaan dura naannoolee adda addaa keessatti konfiransiiwwan nageenyaa 6 gaggeessuun nageenya waaraa Itiyoophiyaa mirkaneessuu keessatti qooda olaanaa taphateera jedhaniiru. Akkasumas, Abbootiin Amantaa fi jaarsoliin biyyaa waamicha nagaa dabarsuu fi barsiisuun, dhaloota nagaaf dhaabbatu uumuu keessatti shoora olaanaa taphachuusaanii dubbataniiru. Dhumarrattis, Hordoftoota Amantaa Kiristaanaa hundaaf baga nagaan torban dhiphuu fi Fannoo Gooftaa fi Fayyisaa keenya Yesuus Kiristoosiin isin gahe jechuun ergaa dabarsaniiru.
Sagantaa Ashaaraa Magariisaa barakanaaf biqiltuuwwan faayidaa hedduu qaban qophaa’aa jiru
Apr 8, 2026 219
Bitootessa 30/2018(ENA): Sagantaa Ashaaraa Magariisaa bara kanaaf biqiltuuwwan faayidaa hedduu qaban qophaa’aa jiraachuu Bulchaan Naannoo Benishaangul Gumuuz Ashaadilii Hasan ibsan. Bulchaan Naannichatti Buufatalee Biqiltuu Aanaa Uraatti argamuun qophii biqiltuu Sagantaa Ashaaraa Magariisaa baranaatiif taasifamaa jiru irra deemanii daawataniiru. Daawwannaa isaanii booda haasaa taasisaniin, naannichaattis ta’e akka biyyaatti sagantichi cimee itti fufuu isaa ibsaniiru. Hojiin misoomaa kun baranas xiyyeeffannoon addaa kennameefii biqiltuuwwan gahaan naannichatti qophaa’aa jiraachuu dubbataniiru. Sagantaa Ashaaraa Magariisaa baranaatiif biqiltuuwwan faayidaa garaagaraa qaban qophaa’aa jiraachuu daawwannaa keenyaan mirkaneessineerra jedhaniiru. Dabalataanis, biqiltuuwwan kanaan dura dhaabaman sadarkaa irra jiranii fi hojiiwwan Misooma Eegumsa Naannoo Aanichatti hojjetamaa jiran bulchaan kun daawataniiru.
Itiyoophiyaan himata Invastimentii Idil-Addunyaa gurguddaa lama Injifannoon xumurteetti – Ministeera Haqaa
Apr 8, 2026 263
Bitootessa 30/2018(ENA) : Itiyoophiyaan garaagarummaa baatiiwwan muraasa keessatti himata invastimentii Idil-Addunyaa gurguddoo lama irratti dhihaate injifannoon xumuruu ishee Ministeerri Haqaa ibse. Deetaan Ministeera Haqaa obbo Balaayihuun Yirgaa, Itiyoophiyaan waltajjii Idil-Addunyaa mana murtii irratti argatte ilaalchisuun ibsa miidiyaaf kennaniiru. kennaniiru. Ibsa isaaniitiinis, injifannoowwan walitti aananii biyyattiin argatte kaffaltii Beenyaa Doolaara Miiliyoonaan lakkaawamu oolchuu bira darbee, faayidaa birmadummaa biyyaa kan kabachiisan ta’uu dubbataniiru. Ministeerri Haqaa bu’uura labsii lakkoofsa 943/2008tiin aangoo kennameefiin, faayidaa siivilii(hariiroo) uummataa fi mootummaa eegsisuu, gorsaa olaanaa Mootummaa Federaalaa ta’uu fi waltajjii Idil-Addunyaa irratti yommuu biyyattiin himatamtu ittisuuf ittigaafatamummaa akka qabu ibsaniiru. Himata gurguddoo injifannoon xumuraman keessaa inni jalqabaa, Kaampaanii ijaarsaa (konistiraakshinii) Turkii ‘Akgun Insaat Makina Sanayii ve Dis Ticaret Ltd. Sti.’ jedhamuun kan dhihaate yoo ta’u, walumaagalatti himannaa doolaara Miiliyoona 500 ol ta’uu dubbataniiru. Himanni lammataa, Kubbaaniyaa biyya Neezerlaanditti galmaa'e “African Asset Finance Company Holding B.V.) yeroo baay'ee “Ethio Lease” jedhamuun kan beekamu dhiheesse dha. Kuubbaaniyichi dirqama biyyaalessaa akka kabaju akeekkachiisni kennameef mirgi invastimentiikoo sarbeera jechuun kaffaltii Beenyaa Doolaara Miiliyoona 334 hanga miiliyoona 400 ol ta'u gaafatee akka ture yaadachiisaniiru. Falmii Afaanii Biyya Neezerlaand, Magaalaa Heeg keessatti gaggeeffameen, ogeessota seeraa Itiyoophiyaan falmii cimaa dhiheessaniin, himannaan kun sagalee guutuu abbootii seeraa walabaa sadiiniin guutummaatti kufaa ta’eera. Itiyoophiyaan falmii kanaaf baasii baastee fi kisaaraa ishee irra gahe hunda kuubbaaniyichi akka kaffalu murtaa'eera. Himannaa kana kuffisuun kaffaltii doolaara miiliyoona dhibbootaan lakkaawamu hambisuun, qabeenya uummataa harka mootummaa keessatti hambiseera. Injifannichi, dureeyyiin tokko tokko himannaa akka meeshaa sodaachisaatti (threatening tool) fayyadamuun seeraa jalaa miliquu barbaadaniif, Itiyoophiyaan seera kabachiisuu irratti ejjennoo cimaa qabaachuu ishee kan barsiisuu ta’uu eeraniiru. Dabalataanis Itiyoophiyaan waliigalteewwan Idil-Addunyaa mallatteessite hunda kan kabajju ta’uu ishee mirkaneessuusaa eeraniiru.
Gaaffiin seena qabeessi Abbummaa Ulaa Galaanaa Itiyoophiyaa seera qabeessaa fi ajandaa dhalootaati
Apr 8, 2026 272
Bitootessa 30/2018(ENA) : Gaaffiin seena qabeessi Abbummaa Ulaa Galaanaa Itiyoophiyaa gaaffii seeraa fi dippilomaasii kan barbaadu dhimma dhalootaa ta'uu hayyoonni damee bishaanii beeksisan. Hayyoonni damee bishaanii Yuunivarsiitii Finfinnee ENA waliin turtii taasisaniin akka himanitti, gaaffiin abbummaa seena qabeessi Ulaa Galaanaa Itiyoophiyaa dhimma qananii osoo hin taane dhimma dhalootaa fi dhimma jiraachuuti jedhani. Barsiisaan Kutaa Barnoota Siivilii fi Injiinariingii Naannoo Yuunivarsiitichaa Doktar Ballaxaa Birhaanuu, Qaroominni Itiyoophiyaa bu'aa ida’ama bishaanota Abbayyaa fi Galaana Diimaati jedhaniiru. Qaamonni Bishaanota lamaan kanaa (Abbayyaa fi Galaanni Diimaan) utubaa ijaarsa biyyaa fi guddina Dinagdee naannawaa ,Ardii fi Addunyaa ta'uusaanii ibsaniiru. Gaaffiin Abbummaa Ulaa Galaanaa Itiyoophiyaas dhimma dhalootaa, seeraa, seenaa, dinagdee fi haala teessuma lafaatiin ilaalamaa jiru ta'uu eeraniiru. Kanaan walqabatee, gaaffichi Seenaa, Qaroomina, Hawaasummaa fi dinagdee waliin hidhata cimaa kan qabu dhimma jiraachuu fi dhalootaa ta'uusaas ibsaniiru. Qorataan Haayidiroo-politiksii fi dhimma Bishaanii Idil-Addunyaa Yuunivarsiitichaa kan ta’an Doktar Yaa’iqoob Arsanoo, Abbummaan Ulaa Galaanaa Seenaa Itiyoophiyaa keessatti bakka guddaa kan qabu dhimma ijoodha jedhaniiru. Diinonni Itiyoophiyaa jeequmsa shiftootaa fayyadamuun Eertiraa kutanii gargar baasuun, biyyattiin ulaa galaanaa isa madda qaroomina ishee ta'e irraa akka fagaattu taasifamuushee yaadachiisaniiru. Hayyoonni kun dabalataan, dhimmi qaama bishaanota lamaan Itiyoophiyaa dhimma kabaja uummataa fi birmadummaa biyyaa mirkaneessuudha jedhaniiru. Dhaloonni Abbayya irratti Hidha Haaromsaa dhugoomse kun, ijaarsa seeraa fi dippilomaasii hordofuun gaaffii abbummaa Ulaa Galaanaa Itiyoophiyaatiif deebii argamsiisuu akka qabu hubachiisaniiru.
Siyaasa
Filannoon lammiileen biyya isaanii keessatti ijaarsa aadaa dimokiraatawaa keessatti dammaqinaan akka hirmaatan kan taasisu kabaja ibsituu lammummaati – Gootota Abbootii fi haadholii
Apr 8, 2026 897
Bitootessa 30/2018 (ENA): Filannoon waliigalaa Itiyoophiyaa mul’ata kabaja lammummaa lammiileen ijaarsa aadaa dimokiraatawaa biyya isaanii keessatti dammaqinaan akka itti hirmaatan kan taasisu ta’uu Abbootii fi Haadholiin goototaa ibsaniiru. Boordiin Filannoo Biyyaalessaa Itiyoophiyaa filannoo waliigalaa bara kanaa Guraandhala 28, 2018 hanga Bitootessa 28/2018tti galmee filattotaa gaggeessaa tureera. Kana malees, boordichi guyyoota ayyaanaa lama osoo hin dabalatiin hanga Eebila 14, 2018tti galmee filattotaa dheeresseera. Filannoo waliigalaa torbaffaa gaggeeffameen paartileen siyaasaa dorgoman 47 kaadhimamaa 10,934 galmeessuun filannoo imaammataa isaanii karaa miidiyaa ummataaf dhiheessaa jiru. Miseensonni Waldaa Goototaa Itiyoophiyaa duraanii ENAtti himan, Filannoon waltajjii waloo lammiileen aadaa dimokraatawaa Itiyoophiyaa ijaaruun jaalalaa fi kabaja biyya isaaniif qaban itti ibsatanidha jedhani. Baa shaa Shimallis Walda-Takilee, filannoo waliigalaa Itiyoophiyaa irratti kaardii sagalee isaanii itti kennan fudhachuu himaniiru. Koloneel Ayyaaloo Balaay gama isaaniin, Filannoon mul’ata lammummaa fi dhimma mirga filachuu fi filatamuu heera mootummaatiin mirkaneessu ta’uu ibsaniiru. Filannoon waliigalaa biyyoolessaa meeshaalee aadaa dimokraatawaa biyyattii ijaaruuf gargaaran keessaa tokko ta’uu kan ibsan Koloneel Ayyaaloo, aadaa dimokraatawaa biyyattii cimsuu keessatti hirmaannaan filannoo iddoo guddaa akka qabu hubachiisaniiru. Goota duraanii keessaa tokko kan ta’an Almaaz Anbarbar gama isaaniitiin, filannoon misoomaa fi guddina biyyattii itti fufsiisuuf waltajjii waloo lammiileen ifatti akka hirmaatan ta’uu ibsaniiru. Lammiin umuriin isaanii filachuuf gahe kamiyyuu kaardii sagalee kennuudhaan kabaja biyya isaaf qabu agarsiisuu akka qabu dubbataniiru. #Ena Afaan Oromoo #TOI #Ena
Dr. Abiyyi Ahimad muudama Leetenaal Jeneraal Taaddasaa Warradee waggaa tokkoof dheeressan
Apr 8, 2026 603
Bitootessa 30/2018 (ENA) : Dr. Abiyyi Ahimad Eebila 1, 2018 irraa eegaluun muudama Pirezidaantii Bulchiinsa Yeroo Naannoo Tigiraay Leetenaal Jeneraal Taaddasaa Warradee waggaa tokkoof dheeressaniiru. Waajjirri Ministira Muummee gama miidiyaa hawaasummaa isaan dabarseen, bu’uura heera mootummaa RDFI keeyyata 62(9) fi labsii lakkoofsa 359/1995 keeyyata 14 keeyyata xiqqaa 2(B)’n Bulchiinsa Yeroo Tigiraay Pirezidaantummaan akka gaggeessaniif danbii lakkoofsa 479/2013 keeyyata 4(2) Mana Maree Ministirootaan ragga’eefi gabaasa raawwii waggaa dhiyeessaniin Ministirri Muummee RDFI Dr. Abiyyi Ahimad Eebila 1, 2018 irraa eegalee muudama Leetenaal Jeneraal Taaddasaa Warradee waggaa tokkoof dheeressaniiru. #PMOEthiopia
Erga jijjiiramni kun dhufee as dhaabbileen poolisii nageenya biyyaa fi nagaa ummataa eeguu keessatti gahee boonsaa ba’aniiru - Itti aanaa Ministira Muummee Tamasgeen Xurunaa
Apr 7, 2026 2001
Bitootessa 29/2018 (ENA): Itti aanaan Ministira Muummee obbo Tamasgeen Xurunaa erga jijjiiramni dhufee as dhaabbileen poolisii tokkummaa isaanii cimsuu fi nageenya biyyaa fi nageenya ummataa eeguu keessatti gahee boonsaa ba’aniiru jedhan. Yaa’iin Komishinarota Poolisii Itiyoophiyaa 20ffaan mata duree “Tokkummaa Poolisummaa Nageenya Itti Fufiinsa Qabuuf” jedhuun magaalaa Finfinneetti eegalameera. Waltajjicha irratti argamuun haasaa kan taasisan obbo Tamsgeen Xurunaa akka jedhanitti, galmi guddaan riifoormii damee poolisii bara 2010 irraa eegalee gaggeeffamaa ture dhaabbata cimaa ijaaruu fi ogeessota gahumsa qaban teeknooloojiin deeggaraman oomishuudha. Mootummaan Ida’amuu Poolisiin Itiyoophiyaa tajaajila kennu keessatti amanamaa ta’uu qaba jedhee akka amanu hubachiisaniiru. Poolisiin yakkamtoota ergama diinaa fudhatan adamsee seeratti dhiyeessuun sochii siyaasaa fi diinagdee biyyattii gufuu tokko malee itti fufsiisuu danda’uu isaa eeruun milkaa’ina hundee haaromsa kanaa ta’uu eeraniiru. Kanaafis gaheen hoggansa poolisii fi miseensonni raayyaa ittisa biyyaa bakka hin bu’u jedhaniiru. Poolisiin ergama biyyaalessaa hedduu raawwachuu akka qabuu fi filannoo waliigalaa 7ffaa baatii Caamsaa dhufuuf xiyyeeffannoo addaa kennuu akka qabu ibsaniiru. #Ena Afaan Oromoo #TOI #Ena
Waggoota Jijjiiramaa keessatti milkaa’inoonni lammiilee fayyadamoo taasisan galmaa’aniiru
Apr 7, 2026 1005
Bitootessa 29/2018(ENA) : Waggoota jijjiiramaa keessatti dameelee hundaan milkaa'inoonni lammiilee fi biyya fayyadamoo taasisan galmeeffamuusaanii Ittiwaamama olaanaan Mootummaa Naannoo Kibba Itiyoophiyaa obbo Gabramasqal Caalaa beeksisan. Jijjiirama biyyaalessaa waggaa 8ffaa sababeeffachuun, hiriirri deeggarsaa guyyaa har’aa milkaa'ina argameef beekamtii kennuuf Naannoo Kibbaa Itiyoophiyaa Magaalaa Walayittaa Soddootti gaggeeffameera. Saganticharratti argamuun ergaa kan dabarsan obbo Gabramasqal Caalaa, waggoota jijjiiramaa darban keessatti dameelee hundaan milkaa'inni lammiilee fi biyya fayyadamoo taasisan galmeeffamuusaanii ibsaniiru. Bitootessi 24 Seenaa biyya keenyaa keessatti guyyaa jijjiiramni siyaasaa itti taasifamee fi ilaalchi haaraan itti dhugoome ta'uu himaniiru. Waggaa 8ffaa Mootummaa jijjiiramaa yommuu kabajnu, milkaa'ina dameelee Dinagdee, Siyaasaa fi Hawaasummaan galmeeffaman itti fufsiisuun ta'uu akka qabus dubbataniiru. Mootummaan jijjiiramaa dirree siyaasaa hirmaachisaa ta'e uumuun, haasaa walitti qabaa ijaaruurratti xiyyeeffannoon hojjechaa turuusaas akeekaniiru. Injifannoon Bitootessa 24 dhalootaaf seenaa, biyyaaf immoo guyyaa abdii haaraa uumedha kan jedhan ammoo Bulchaa Zoonii Walayittaa Gargaaraa Piroofeesaraa Saamu'eel Tasammaati. Bitootessi 24 hundee ijaarsa sirna siyaasaa hirmaachisaa fi saba-daneessaa ta'eef bu'uura kan kaa'e ta'uu eeranii, damee hundaan bu'aan galmeeffame fayyadamummaa lammiilee hunda kan mirkaneessudha jedhaniiru. Kantiibaan Magaalaa Walayitta Sooddoo Aadde Itaagany Haayilamaariyaam gamasaaniin, Bitootessi 24 mootummaa biyya diigumsa irraa oolchuun imalli jijjiiramaa akka itti fufu kan taasisedha jedhaniiru. Magaalaan Wolayitta Sooddoos tajaajila kanaan fayyadamtuu waan taateef, ijaarsi daandii Aspaaltii, misooma kooriidarii fi hojiiwwan misoomaa biroon hedduun hojjetamaa jiraachuu ibsaniiru. Magaalichatti hojiiwwan fakkeenya jijjiiramaa ta'an jalqabaman itti fufsiisuuf Bulchiinsi Magaalichaa jiraattota waliin qindoominaan akka hojjetu dubbachuun, uummataanis deeggarsa isaa akka cimsatu gaafataniiru. Hiriira kanarratti Hoggantoonni Mootummaa Naannoo, Zoonii, Aanaa fi Bulchiinsa Magaalaa, Hojjettoonni akkasumas kutaaleen hawaasaa biroon hirmaataniir
Filannoo walii galaan hojiileen hirmaannaa dubartootaa guddisan hojjetamaa jiru
Apr 7, 2026 935
Bitootessa 29/2018(ENA) : Filannoo waliigalaa 7ffaa keessatti hirmaannaa dubartootaa guddisuuf hojiilee dandeessisan raawwachaa akka jiran dhaabbileen siivikii ENA’f yaada kennan beeksisan. Ittaantuun Pirezidaantii Federeeshinii Dubartoota Itiyoophiyaa Injiinar Tigisti Tarrafaa akka jedhanitti, Federeeshinichi milkaa’ina filannoo waliigalaa baranaatiif gaheesaa ba’achaa jira. Keessattuu dubartoonni filannicharratti hirmaannaa ho’aa akka taasisaniif hojiin hubannoo uumuu bal’aan hojjetamaa jiraachuu eeraniiru. Dubartoonni kallattii biyyaa gara fuulduraa murteessuuf shoora olaanaa qaban akka itti fayyadamaniif hojjetamuu eeraniiru. Rakkoolee hirmaannaa Siyaasaa Dubartootaa duubatti harkisan hiikuufis hojii qindoominaatiif xiyyeeffannoon kennamuusaa ibsaniiru. Filannicha Milkaa’inaan xumuramuun nageenya biyyaa fi aadaa dimookiraasii gabbisuuf shoora murteessaa waan qabuuf, Federeeshinichi hojiirra oolmaa isaatiif cimsee hojjechaa jiraachuu dubbataniiru. Gama biraatiin, Hojii Gaggeessituun Federeeshinii Dubartoota Finfinnee Aadde Itsagannat Mulugeetaa, filannoon waliigalaa 7ffaan haqa-qabeessa, dimookiraatawaa fi hirmaachisaa akka ta’uuf dubartoonni dammaqinaan akka hirmaatan hojiin hubannoo uumuu hojjetamaa jiraachuu beeksisaniiru. Dubartoonni filannicharratti akka filataa, filatamaa fi taajjabdummaatti akka hirmaataniif hojiin hubannoo uumuu raawwatamaa jiraachuu mirkaneessaniiru. Hoggantuun Federeeshinii Waldaalee Qaama Miidhamtoota Oromiyaa Aadde Jamiilaa Abdallaa gama isaaniin, qaama miidhamtoonni naannichatti argaman filannicha keessatti hirmaannaa ho’aa akka taasisaniif hojjetamaa jiraachuu dubbataniiru. Qaama miidhamtoonni paartii siyaasaa guddina fi nageenya biyyaatiif imaammata fooyya’aa qabu akka filataniif kan filatan ta’uu eeraniiru. Keessattuu dubartoonni qaama miidhamtoota ta’an akka filataa, kaadhimamaa fi taajjabdummaatti hirmaachuun dirqama lammummaasaanii akka ba’ataniif haalli mijataan uumamuusaa dinqisiifataniiru.
Paartii Siyaasaa Imaammata Fayyadamummaa Dargaggootaa mirkaneessuu qabu filachuuf qophoofneerra – Dargaggoota Magaalaa Jimmaa
Apr 7, 2026 820
Bitootessa 29/2018(ENA): Paartii Siyaasaa Imaammata Fayyadamummaa Dargaggootaa mirkaneessuu qabu filachuuf qophaa’uusaanii dargaggoonni Magaalaa Jimmaa dubbatan. Boordiin Filannoo Biyyaalessa Itiyoophiyaa filannoon waliigalaa 7ffaan guutuu biyyattiitti Caamsaa 24 bara 2018 akka gaggeeffamu beeksisuun isaa ni yaadatama. Boordichi sagantaa kaardii filannoo fudhachuu duraan baase hanga Eebila 14 bara 2018tti dheeressuunsaas ni yaadatama. Dargaggoonni Magaalaa Jimmaas mirga filachuu isaaniitti fayyadamuun, paartii biyyaaf ni fayyada jedhan filachuuf kaardii filannoo fudhachuusaanii ibsaniiru. Filannoo kanaan carraa biyya isaanii sagalee isaaniitiin murteessuuf kaardii filattummaa fudhachuusaanii dubbataniiru. Dargaggoonni kunneen yeroo jalqabaatiif kaardii filannoo fudhatanii filannoof qophaa'uunsaanii miira addaa akka itti uume dubbataniiru. Warreen yaada kennan keessaa shamarree Diibooraa Taayyee, yeroo jalqabaatiif filachuuf kaardii fudhachuushee ibsuun, barbaachisummaa filannoo hubachuun akka galmoofte ibsiteetti. Carraa biyya koo murteessuuf sagaleen koos gatii qaba kan jettu shamarreen kuni, "Paartiin Itiyoophiyaaf fayyadu gara aangootti akka dhufuuf dargaggoonni hundi sagalee isaanii kennuu qabu" jechuun gorsiteetti. Dargaggeessi biraan Abdulbaasiix Raayyaa, yeroo jalqabaatiif kaardii filannoo fudhachuusaan gammachuu addaa akka itti uume dubbateera. Itti dabaluunis Abdulbaasiix, Kaardii filannoo fudhateen qaama fayyadamummaa dargaggootaa mirkaneessu filachuuf murteessuusaa ibseera. “Kaardii fudhachuun carraa ofii murteessuuf faayidaan inni qabu guddaadha” kan jedhu ammoo dargaggoo Maatiwoos Garashuu dha. Filannoo waliigalaa kanaan Paartii Siyaasaa dargaggootaaf carraa hojii bal'aa mijeessuu fi fudhatama Itiyoophiyaan sadarkaa Idil-Addunyaatti qabdu kan ol kaasu filachuuf qophaa'uusaa ibseera. Shamarree Ijjigaayyoo Asfaawuu gama isheetiin, filannoo waliigalaa kanaan dubartoonnii fi dargaggoonni carraa barnootaa akka argatan paartii hojjetu filachuuf kaardii fudhachuu ishee ibsiteetti.
Naannoo Kibba Itiyoophiyaa magaalota adda addaa keessatti Hiriirri deeggarsaa waggaa 8ffaa jijjiirama biyyaalessaa sababeeffachuun gaggeeffamaa jira
Apr 7, 2026 843
Bitootessa 29/2018 (ENA): Naannoo Kibba Itiyoophiyaa magaalota adda addaa keessatti Hiriirri deeggarsaa waggaa 8ffaa jijjiirama biyyaalessaa sababeeffachuun gaggeeffamaa jira. Jijjiiramni biyyaalessaa Bitootessi 24, 2010 erga dhufee waggoota saddeet darban keessatti bu’aawwan dinqisiisoo guutuu biyyattiitti galmaa’e yaadachuu fi beekamtii kennuuf kan qophaa’e ta’uu ibsameera. Hiriirtonni ganama irraa eegalee magaalota naannichaa Walaayittaa Sooddoo, Arbaamincii fi kanneen biroo keessatti bahanii jiran ergaawwan akka “Ijaarsa waloof abdii Itiyoophiyaa keenyaaf”, “Gootummaa keenya itti aanuuf birmadummaa diinagdee keenyaaf”, “Itiyoophiyaa gara fakkeenyummaatti”. Dabalataanis ergaawwan akka "Afaan qawween aangoo qabachuu yaaduun yeroon isaa irra darbeera," "Kaayyoo waloo keenya, eenyummaa Afrikaa keenyaa," "Nageenyi keenya harka keenya jira" kanneen jedhamanii fi kanneen biroo keessatti argamu. #Ena Afaan Oromoo #TOI #Ena
Waggoonni jijjiiramaa Dameelee Hundaan Milka’inoonni gurguddoon kan itti galmaa’anidha – Bulchaa Doktar Injiinar Nagaash Waageeshoo
Apr 6, 2026 1593
Bitootessa 28/2018(ENA): Waggoonni jijjiiramaa dameelee hundaan milkaa'inni gurguddoon kan itti galmaa'an ta'uu Bulchaan Naannoo Ummattoota Kibba Lixa Itiyoophiyaa doktar Injiinar Nagaash Waageeshoo ibsan. Waggaa 8ffaa Guyyaa jijjiiramni biyyaalessaa Itiyoophiyaa itti dhufe sababeeffachuun,Godina Kafaa Magaalaa Boongaatti hiriirri deeggarsaa uummataa gaggeeffameera. Saganticharratti argamuun haasaa kan taasisan Bulchaan Naannoo Ummattoota Kibba Lixa Itiyoophiyaa doktar Injiinar Nagaash Waageeshoo, Bitootessi 24 bara 2010 guyyaa bu'uurri dimookiraasii itti kaa'amee fi yaadni ‘Ida'amuu’ kan itti bu’uureffame guyyaa seena qabeessa ta'uu ibsaniiru. Adeemsa jijjiiramaa qormaatileen adda addaa kan qunnaman ta'us, rakkoolee gara carraatti jijjiiruun dameelee hundaan milkaa'ina gurguddoon galmaa'uu dubbataniiru. Kanaanis dameelee dinagdee hedduumminaa garaagaraa gaggeessuun fayyadamummaa uummataa mirkaneessuu fi oomishtummaa guddisuun kan itti danda'ame ta’uu ibsaniiru. Magaalotattis ta'e baadiyyaa keessatti gaaffiiwwan misoomaa fi bulchiinsa gaarii yeroo dheeraaf turan sadarkaan deebii kennuun, guddinaa fi bayyanachuun akka dhugoomu waggoota jijjiiramaan milkaa’inoota bu'a-qabeessa irratti hojjetaman ta'uu kaasaniiru. Bulchaan Olaanaa Godina Kafaa Obbo Indaashaaw Kabbadaa gama isaaniin, waggoota jijjiiramaa keessatti akka biyyaatti Hidha Haaromsaa Guddicha Itiyoophiyaa dabalatee pirojektoota gurguddoo biroo xumuruu fi kanneen biroo calqabsiisuun abdii biyyaalessaa guddaan kan itti qabatame ta'uu ibsaniiru. Kantiibaan Bulchiinsa Magaalaa Boongaa Doktar Takla'aab Buuloo milkaa'inni damee hundaan galmaa'e deeggarsa cimaa uummataatiin kan argame ta'uu eeruun, kunis cimee akka itti fufuuf ni hojjenna jedhaniiru. Hiriira deeggarsaa kana irratti jiraattonni magaalattii fi kutaaleen hawaasaa aanaalee Godinichaa garaagaraarraa dhufan hirmaataniiru.

Hawaasummaa
Konfiraansiin Nageenyaa biyyaalessaa 7ffaan Naannoo Beenshaangul Gumuuzitti gaggeeffama
Apr 8, 2026 224
Bitootessa 30/2018(ENA) : Konfiraansiin nageenyaa biyyaalessaa 7ffaan Naannoo Beenshangul Gumuuzitti akka adeemsifamu Barreessaan Olaanaan Mana Maree Dhaabbilee Amantaa Itiyoophiyaa Lubni Taagaay Taaddalaa ibsan. Barreessaan Olaanaa Mana Maree Dhaabbilee Amantaa Itiyoophiyaa lubni Taagaay Taaddalaa, konfiraansii nageenyaa biyyaalessaa 7ffaa ilaalchisuun ibsa kennaniiru. Ibsasaaniin konfiraansichi Eebila 7 hanga 8 bara 2018tti akka adeemsifamu eeraniiru. Konfiransii kanaaratti nageenya waaraa biyyattii keessatti mirkaneessuu fi dhimmoota biroo irratti mariin paanaalii fi Mariin uummataa qooda fudhattoonni adda addaa irratti hirmaatan akka gaggeeffamu ibsaniiru. Marii kanaan alatti, hojiiwwan misoomaa naannichatti hojjetaman daawwachuu, sagantaa dhaabbii biqiltuu fi taateewwan biroo adda addaa akka raawwataman ibsaniiru. Konfiraansii guyyoota lamaaf turu kanarratti, Abbootii Amantaa kutaalee biyyaa adda addaa irra dhufan, Hoggantoota Olaanoo Mootummaa Federaalaa fi Naannoo, Kutaalee Hawaasaa garaagaraa fi keessummoonni waamichi taasifameef akka hirmaatan eeraniru. Manni Marichaa kanaan dura naannoolee adda addaa keessatti konfiransiiwwan nageenyaa 6 gaggeessuun nageenya waaraa Itiyoophiyaa mirkaneessuu keessatti qooda olaanaa taphateera jedhaniiru. Akkasumas, Abbootiin Amantaa fi jaarsoliin biyyaa waamicha nagaa dabarsuu fi barsiisuun, dhaloota nagaaf dhaabbatu uumuu keessatti shoora olaanaa taphachuusaanii dubbataniiru. Dhumarrattis, Hordoftoota Amantaa Kiristaanaa hundaaf baga nagaan torban dhiphuu fi Fannoo Gooftaa fi Fayyisaa keenya Yesuus Kiristoosiin isin gahe jechuun ergaa dabarsaniiru.
Itiyoophiyaan himata Invastimentii Idil-Addunyaa gurguddaa lama Injifannoon xumurteetti – Ministeera Haqaa
Apr 8, 2026 263
Bitootessa 30/2018(ENA) : Itiyoophiyaan garaagarummaa baatiiwwan muraasa keessatti himata invastimentii Idil-Addunyaa gurguddoo lama irratti dhihaate injifannoon xumuruu ishee Ministeerri Haqaa ibse. Deetaan Ministeera Haqaa obbo Balaayihuun Yirgaa, Itiyoophiyaan waltajjii Idil-Addunyaa mana murtii irratti argatte ilaalchisuun ibsa miidiyaaf kennaniiru. kennaniiru. Ibsa isaaniitiinis, injifannoowwan walitti aananii biyyattiin argatte kaffaltii Beenyaa Doolaara Miiliyoonaan lakkaawamu oolchuu bira darbee, faayidaa birmadummaa biyyaa kan kabachiisan ta’uu dubbataniiru. Ministeerri Haqaa bu’uura labsii lakkoofsa 943/2008tiin aangoo kennameefiin, faayidaa siivilii(hariiroo) uummataa fi mootummaa eegsisuu, gorsaa olaanaa Mootummaa Federaalaa ta’uu fi waltajjii Idil-Addunyaa irratti yommuu biyyattiin himatamtu ittisuuf ittigaafatamummaa akka qabu ibsaniiru. Himata gurguddoo injifannoon xumuraman keessaa inni jalqabaa, Kaampaanii ijaarsaa (konistiraakshinii) Turkii ‘Akgun Insaat Makina Sanayii ve Dis Ticaret Ltd. Sti.’ jedhamuun kan dhihaate yoo ta’u, walumaagalatti himannaa doolaara Miiliyoona 500 ol ta’uu dubbataniiru. Himanni lammataa, Kubbaaniyaa biyya Neezerlaanditti galmaa'e “African Asset Finance Company Holding B.V.) yeroo baay'ee “Ethio Lease” jedhamuun kan beekamu dhiheesse dha. Kuubbaaniyichi dirqama biyyaalessaa akka kabaju akeekkachiisni kennameef mirgi invastimentiikoo sarbeera jechuun kaffaltii Beenyaa Doolaara Miiliyoona 334 hanga miiliyoona 400 ol ta'u gaafatee akka ture yaadachiisaniiru. Falmii Afaanii Biyya Neezerlaand, Magaalaa Heeg keessatti gaggeeffameen, ogeessota seeraa Itiyoophiyaan falmii cimaa dhiheessaniin, himannaan kun sagalee guutuu abbootii seeraa walabaa sadiiniin guutummaatti kufaa ta’eera. Itiyoophiyaan falmii kanaaf baasii baastee fi kisaaraa ishee irra gahe hunda kuubbaaniyichi akka kaffalu murtaa'eera. Himannaa kana kuffisuun kaffaltii doolaara miiliyoona dhibbootaan lakkaawamu hambisuun, qabeenya uummataa harka mootummaa keessatti hambiseera. Injifannichi, dureeyyiin tokko tokko himannaa akka meeshaa sodaachisaatti (threatening tool) fayyadamuun seeraa jalaa miliquu barbaadaniif, Itiyoophiyaan seera kabachiisuu irratti ejjennoo cimaa qabaachuu ishee kan barsiisuu ta’uu eeraniiru. Dabalataanis Itiyoophiyaan waliigalteewwan Idil-Addunyaa mallatteessite hunda kan kabajju ta’uu ishee mirkaneessuusaa eeraniiru.
Ayyaanota yeroo kabajnu warra rakkatan yaadachuu fi qooduufiin ta’uu qaba- Kantiibaa Adaanech Abeebee
Apr 8, 2026 90
Bitootessa 30/2018 (ENA): Yeroo ayyaana kabajnu namoota rakkatan yaadachuu fi waan qabnu waliif qooduu qabna jedhan Kantiibaan Bulchiinsa Magaalaa Finfinnee aadde Adaanech Abeebee. Kantiibaan magaalattii aadde Adaanech Abeebeen ayyaana Faasikaa dhufu sababeeffachuun kutaalee hawaasaa galii gadi aanaa qabanii fi rakkoof saaxilamoo ta’an waliin maaddii qooddataniiru. Sagantaa maaddii qooddachuu kana irratti ergaa dabarsaniin kantiibaan magaalattii yeroo ayyaana kabajnu namoota rakkatan yaadachuu fi waan qabnu waliif qooduu akka qabnu dubbataniiru. Bulchiinsi magaalichaa waggaa waggaan hojii kana kan raawwatu lammiileen ayyaana kana gammachuudhaan akka dabarsan ta’uu ibsaniiru. Namoota rakkoof saaxilamoo fi maanguddoota deeggaruun ayyaana waliin kabajuun Itiyoophiyaanotaaf gatii gaarii akka ta’e hubachiisuun, Bulchiinsi magaalichaa hojii gaarii kana akka itti fufu mirkaneessaniiru. Kantiibaan kun abbootii qabeenyaa fi dhaabbilee deeggarsa kanaaf gumaacha taasisan galateeffataniiru. Komishinarri Komiishinii Hirmaannaa Hawaasaa fi Tola Ooltummaa Magaalaa Finfinnee, Komishinar Yimar Kabbadaa gama isaaniin,bulchiinsi magaalichaa hojiilee nama irratti xiyyeeffate wal deeggarsa irratti kan xiyyeeffate babal’isaa jira jedhani. Sagantaa har’aatiin magaalittii kutaa magaalaa hundatti lammiilee galii gadi aanaa qabanif Kuma 200 fi Kuma 33'f maaddiin akka qoodamu himaniiru. #Ena Afaan Oromoo #TOI #Ena
Hojiilee Riifoormii dhaabbilee nageenyaan dandeettiin dhaabbilee Poolisii gara Sadarakaa haaraatti ce’eera - Komishinar Jeneraal Dammallaash Gabramikaa’el
Apr 7, 2026 1160
Bitootessa 29/2018(ENA): Hojiilee Riifoormii dhaabbilee nageenyaa waggoottan darban hojjetamaniin dandeettii dhaabbatummaa Poolisii gara boqonnaa haaraatti ceesisuusaanii Komishinaarri Jeneraalaa Dammallaash Gabramikaa’el ibsan. Yaa’iin Komishinaroota Poolisii Federaalaa fi Naannolee 20ffaan mata-duree "Tokkummaa Poolisummaa Nageenya ittifufinsa qabuuf" jedhuun Finfinneetti gaggeeffamaa jira. Sirna baniinsa yaa’ichaarratti Itti-Aanaan Ministira Muummee obbo Tamasgeen Xuruunaa, akkasumas komishinaroonni poolisii Federaalaa fi Naannolee argamaniiru. Komishinar Jeneraal Damallaash Gabramikaa’el wayita sana akka himanitti, hojiileen riifoormii waggoottan darban keessa raawwataman dandeettii dhaabbatummaa poolisii gara boqonnaa haaraatti ceesisaniiru jedhani. Komishinaar Jeneraalichi akka ibsanitti, erga riifoormiin dhaabbilee nageenyaa jalqabamee as, poolisiin gama humna namaa, leenjii fi loojistiikiitiin jijjiirama guddaa galmeessiseera jedhani. Poolisiin kanaan dura walitti dhufeenyi inni teknooloojii waliin qabu gad-aanaa akka ture eeruun, wayita ammaa garuu teknooloojiiwwan ittisaa fi qorannoo yakkaa ammayyaa Afrikaatti dursa ta’anii fi sadarkaa Addunyaatti akka fakkaanyaatti kan fudhataman ta’uu danda'eera jedhan. Hoggansa Jijjiiramaa Ministira Muummee Doktar Abiyyi Ahimadiin Poolisiin Itiyoophiyaa Doktiriinii akka qabaatu taasifameera jedhani. Poolisiin biyyattii yaada waliigalaa,qajeelfama walfakkaatuu fi mul’ata tarsiimo’aa akka qabaatu taasifameera. Qophii poolisiin filannoon waliigalaa 7ffaan nagaadhaan akka xumuramuuf itti-gaafatamummaa isaa bahachuuf qabu waltajjii kanaan akka madaalamuus akeekaniiru. Komishinar Jeneraal Damallaash itti dabaluun akka jedhanitti, shororkeessitootnii fi finxaaleyyiin diinota alaa waliin qindaa’uun balaa biyya irratti aggaaman fashaleessuuf, Poolisiin Raayyaa Ittisa Biyyaa fi Dhaabbilee Nageenyaa waliin qindoominaan akka hojjetu mirkaneessaniiru. Tarkaanfii Mootummaan jijjiiramaatiin humni poolisii meeshaa ammayyaa, loojistiikii fi teknooloojiidhaan akka ijaaramuuf deeggarsa olaanaa taasiseef galateeffataniiru.
Diinagdee
Ayyaana Faasikaatiif hanqinni oomisha qonnaa akka hin mudanneef hojiileen adda addaa hojjetamaa turaniiru
Apr 8, 2026 412
Bitootessa 30/2018 (ENA): Hanqinni oomishaalee qonnaa ayyaana Faasikaatiif barbaachisan akka hin uumamneef magaalaa Hararitti hojiin hojjetamaa jiraachuu Ejensiin Misooma Daldala Naannichaa beeksise. Shamattoonnii fi daldaltoonni akka jedhanitti dhiyeessiin oomisha qonnaa ayyaana kanaaf barbaachisu gahaa ta’e dhiyaatera. Hogganaan Ejensii Misooma Daldalaa Naannoo Hararii obbo Shariif Muummee ENAtti akka himanitti, hanqinni oomishaalee ayyaana kanaaf barbaachisan akka hin uumamneef hawaasa daldalaa hunda waliin mariin gaggeeffameera jedhani. Dhiyeessii oomishaa haala mijeessuun Oomishaalee godinaalee baadiyyaa naannichaa keessatti oomishaman gara magaalatti fiduudhaan dhiyeessitoota adda addaa waliin walitti dhufeenya uumuun oomisha gara magaalatti fidameera jedhan. Oomishaalee iizii Bahaatiin oomishaman waldaalee shamattootaaf dhiyeessuun hawaasni gatii madaalawaadhaan akka argatu taasisaa akka jiranis himaniiru. Gabaa Sanbataa fi Dilbataa magaalattii cimsuuf hojjetamaa akka jirus akeekaniiru. Daldaltoota seeraan ala gatii dabalan hordofuu fi to’achuuf hojjetamaa jiraachuu fi yeroo ammaa kana omishaaleen ayyaana kanaaf barbaachisan gatii madaalawaadhaan gurguramaa akka jiran hubachiisaniiru. Gabaa aadaa Dilbataa fi Sanbataa magaalattii “Mobil” jedhamutti gurgurtaa kuduraalee irratti kan bobba’an Aadde Baqqalech Nigusee, kuduraalee naannoo sanaa fi iddoowwan biroo irraa fayyadamtootaaf dhiyeessaa akka jiran eeraniiru. Daldala oomisha qonnaa irratti kan bobba’an obbo Isaayyaas Alamaayyoo gama isaaniin, gabaa ayyaanaa irratti dhiyeessiin oomishaa fooyya’aa ta’uu ibsuun, gatii Waajjirri Daldala Naannichaa kaa’e irratti hundaa’uun gatii madaalawaadhaan fayyadamtootaaf gurguraa akka jiran himaniiru. Bakka sanatti kuduraalee bitachaa kan turan aadde Haymaanot Yashiixilaan, ayyaana Faasikaa kanaaf kuduraalee, hanqaaquu fi oomishaalee biroo dhiyeessiin akka jiru himaniiru. Daldaltoota gatii hin malle dabalanirratti tarkaanfiin cimee akka itti fufu eeraniiru. #Ena Afaan Oromoo #TOI #Ena
Gaaffiin seena qabeessi Abbummaa Ulaa Galaanaa Itiyoophiyaa seera qabeessaa fi ajandaa dhalootaati
Apr 8, 2026 272
Bitootessa 30/2018(ENA) : Gaaffiin seena qabeessi Abbummaa Ulaa Galaanaa Itiyoophiyaa gaaffii seeraa fi dippilomaasii kan barbaadu dhimma dhalootaa ta'uu hayyoonni damee bishaanii beeksisan. Hayyoonni damee bishaanii Yuunivarsiitii Finfinnee ENA waliin turtii taasisaniin akka himanitti, gaaffiin abbummaa seena qabeessi Ulaa Galaanaa Itiyoophiyaa dhimma qananii osoo hin taane dhimma dhalootaa fi dhimma jiraachuuti jedhani. Barsiisaan Kutaa Barnoota Siivilii fi Injiinariingii Naannoo Yuunivarsiitichaa Doktar Ballaxaa Birhaanuu, Qaroominni Itiyoophiyaa bu'aa ida’ama bishaanota Abbayyaa fi Galaana Diimaati jedhaniiru. Qaamonni Bishaanota lamaan kanaa (Abbayyaa fi Galaanni Diimaan) utubaa ijaarsa biyyaa fi guddina Dinagdee naannawaa ,Ardii fi Addunyaa ta'uusaanii ibsaniiru. Gaaffiin Abbummaa Ulaa Galaanaa Itiyoophiyaas dhimma dhalootaa, seeraa, seenaa, dinagdee fi haala teessuma lafaatiin ilaalamaa jiru ta'uu eeraniiru. Kanaan walqabatee, gaaffichi Seenaa, Qaroomina, Hawaasummaa fi dinagdee waliin hidhata cimaa kan qabu dhimma jiraachuu fi dhalootaa ta'uusaas ibsaniiru. Qorataan Haayidiroo-politiksii fi dhimma Bishaanii Idil-Addunyaa Yuunivarsiitichaa kan ta’an Doktar Yaa’iqoob Arsanoo, Abbummaan Ulaa Galaanaa Seenaa Itiyoophiyaa keessatti bakka guddaa kan qabu dhimma ijoodha jedhaniiru. Diinonni Itiyoophiyaa jeequmsa shiftootaa fayyadamuun Eertiraa kutanii gargar baasuun, biyyattiin ulaa galaanaa isa madda qaroomina ishee ta'e irraa akka fagaattu taasifamuushee yaadachiisaniiru. Hayyoonni kun dabalataan, dhimmi qaama bishaanota lamaan Itiyoophiyaa dhimma kabaja uummataa fi birmadummaa biyyaa mirkaneessuudha jedhaniiru. Dhaloonni Abbayya irratti Hidha Haaromsaa dhugoomse kun, ijaarsa seeraa fi dippilomaasii hordofuun gaaffii abbummaa Ulaa Galaanaa Itiyoophiyaatiif deebii argamsiisuu akka qabu hubachiisaniiru.
Tajaajilli Geejjibaa Veloosiitii yaa’insa geejjiba ummataa magaalaa haala mijeessuu fi dhaqqabamummaa isaa babal’isuu keessatti gahee olaanaa taphachaa jira
Apr 8, 2026 78
Bitootessa 30/2018 (ENA): Tajaajilli Geejjibaa Veloosiitii yaa’insa geejjiba ummataa magaalaa haala mijeessuu fi dhaqqabamummaa isaa babal’isuu keessatti gahee olaanaa taphachaa jiraachuu Hogganaan Biiroo Geejjibaa Bulchiinsa Magaalaa Finfinnee obbo Yaabbibaal Addis ibsaniiru. Dhaabbanni Tajaajila Geejjibaa Veeloosiitii walta’iinsa mootummaa fi deeggars dhaabbata dhuunfaan bu’uura godhachuun tajaajila kennaa jiru har’a waggaa 1ffaa isaa kabajeera. Hogganaan Biiroo Geejjibaa Bulchiinsa Magaalaa Finfinnee Yaabbibaal Addis dhaabbatichi waggaa tokko dura otoobisoota elektirikii 100’n hojii eegaluu isaa yaadachiisaniiru. Waggaa darbe keessa guyyaatti lammiilee hanga kuma 120, waggaatti ammoo hanga miiliyoona 40 geejjibsiisuun gumaacha taasisuu himan. Sochii guyyaa guyyaa jiraattotaa saffisaa fi bu’a qabeessa taasisuu fi dhaqqabummaa geejjibaa ummataa babal’isuufis gumaacha olaanaa taasisaa jiraachuu hubachiisaniiru. Kunis qooda geejjibaa ummataa magaalattii dhibbantaa 36 irraa gara dhibbeentaa 42tti ol guddiseera jedhan. Bulchiinsi magaalichaa geejjibni magariisaa faalama irraa bilisa ta’e babal’isuuf hojjechaa jiraachuu eeruun, gama kanaan geejjibni Veeloositii konkolaattota elektirikiitiin tajaajila kennuudhaan gahee olaanaa taphachaa jiraachuu eeraniiru. Bulchiinsi magaalattii lakkoofsa otoobisoota Veeloositii Geejjibaa filannoo jalqabaa geejjibaa magariisaa ta’e gara 500tti guddisuuf karoorfachuu isaa ibsaniiru. Agarsiisa geejjibaa magariisaa kan ta’e Veeloosiitii lammiilee hedduuf carraa hojii akka uumees eeraniiru. Dhaabbata Balaayinee Kindee Giruuppiitti Gorsaan Daldala Geejjibaa fi Hojii Gaggeessaan Waliigalaa Geejjibaa Gireet Gizaawuu Alamuu gama isaaniin akka himanitti, Giruuppiin Blaaynee Kindee qindeessa hojii fi tajaajila otobusii ni bulcha jedhani. Haaluma kanaan, sirna dijitaalaa bobbii waliigalaa fi kenniinsa tajaajila otoobisoota hordofuu fi to’achuu dandeessisu hojiirra ooluun hojiitti galuu ibsani. Sirna tikkeettii fi kaffaltii guutummaatti teeknooloojiin hojiirra ooluu eeraniiru. #Ena Afaan Oromoo #TOI #Ena
Daandiin Qilleensaa Itiyoophiyaa waggoota 80 darbaniif mallattoo guddinaa fi fakkeenya boonsaa biyyaalessaa ta’ee itti fufeera
Apr 8, 2026 126
Bitootessa 30/2018 (ENA): Daandiin Qilleensaa Itiyoophiyaa waggoota 80 darbaniif mallattoo guddinaa, bu’aa fi fakkeenya boonsaa biyyaalessaa ta’uu hoji gaggeessaan olaanaa garee Daandii Qilleensaa Itiyoophiyaa obbo Masfin Xaasoo ibsaniiru. Daandiin xiyyaaraa kun qormaata bara baraan Afrikaa addunyaa waliin walqunnamsiisu dhaabbata aviyeeshinii adda duree ta’uu isaa mirkaneessee akka jirus hubachiisaniiru. Hojii gaggeessaan olaanaa Garee Daandii Qilleensaa Itiyoophiyaa obbo Masfin Xaasoo waggaa 80ffaa Daandii Qilleensaa Itiyoophiyaa ilaalchisee miidiyaaleef ibsa kennaniiru. Hojii gaggeessaan kun daandiin xiyyaaraa kun balallii jalqabaa isaa Bitootessa 30, 1938 Ergasii as guddinni isaa wal irraa hin cinne ta’ee amma daandii xiyyaaraa guddaa ta’ee addunyaa guutuutti bakkeewwan 145tti balallii isa guddisuu ibasaniiru. Daandiin xiyyaaraa kun xiyyaarota yeroo isaa ammayyaa ta’an fayyadamuun maamiltoota isaaf tajaajila olaanaa kennaa akka jiru, keessumaa gama ijaarsa dhaabbileetiin bu’aa jajjabeessaa galmeessuu isaa hubachiisaniiru. Amma xiyyaara mataa isaa irratti suphaa raawwachuuf dandeettii guutuu uumuun isaa guddina itti fufiinsa qabu dhaabbatichaaf bu’uurri guddaan akka kaa’ame kan agarsiisu ta’uu ibsaniiru. Daandiin xiyyaaraa kun ogeessota aviyeeshinii oomishuuf Akkaadaamii Aviyeeshinii mataa isaa kan qabu yoo ta’u, Yuunivarsiitii Aviyeeshinii guddicha Afrikaa ijaaruun seenaa isaa keessatti milkaa’ina guddaa galmeessee jira jedhan. Daandiin xiyyaaraa kun humna namaa gahumsa qabu kan mul’ata isaa raawwachuu danda’u oomishuuf akkasumas hojjettoota ciccimoo naamusa hojii qaban uumuu keessatti bu’a qabeessa ta’uu ibsaniiru. Dandeettii tajaajila fe’umsaa guddisuu bira darbee bu’uuraalee misoomaa deeggarsaa hedduu ijaareera jedhan. Misoomni bu’uuraalee misoomaa qindaahee fi hojmaatni maamila giddu galeessa godhate kunneen daandiin xiyyaaraa kun gabaa addunyaa keessatti dorgomaa ta’ee akka turuu fi guddina itti fufiinsa qabu akka argatu taasiseera jedhan. Daandiin xiyyaaraa kun xiyyaarota 150 kan qabu yoo ta’u, dhaqqabummaa fi qulqullina balallii isaa daran guddisuuf xiyyaarota haaraa 117 bitachuuf adeemsa irra jiraachuu himaniiru. Waggoonni saddeettaman darban daandiin xiyyaaraa kanaaf yeroo of kennuu, hojii cimaa fi milkaa’ina itti argatan ta’uu ibsaniiru. Daandiin Qilleensaa Itiyoophiyaa qormaata mudate dandamachuun Afrikaa addunyaa waliin walqunnamsiisu dhaabbata aviyeeshinii adda duree ta’uu isaa mirkaneessee akka jiru hubachiisaniiru. #Ena Afaan Oromoo #TOI #Ena
Saayinsii fi teeknooloojii
Naannoo Oromiyaatti Hojiiwwan gaaffii Bulchiinsa Gaarii uummataa deebisan cimanii ittifufaniiru
Apr 4, 2026 295
Bitootessa26/2018(ENA)- Naannoo Oromiyaatti hojiiwwan gaaffii bulchiinsa gaarii uummataa deebisan cimanii itti fufuusaanii waajjira Paartii Badhaadhinaa Naannichatti Itti Gaafatamaan Damee Siyaasa Namarraa Bulii ibsan. Godina Jimmaa, Aanaa OmooNaadaa Magaalaa Asandaabootti, giddugalli tajaajila wiirtuu Masoob Sadarkaa Aanaatti isa jalqabaa ta’e har’a eegalameera. Obbo Namarraa Bulii wayita sanatti ergaa dabarsaniin, tajaajilli Masoob Naannichatti bal’inaan hojiirra oolaa jiraachuu fi gaaffiiwwan bulchiinsa gaarii uummataa adeemsaan deebisuuf hojiiwwan hojjetamaa jiran keessaa tokko ta’uu ibsaniiru. Akka Itti gaafatamichi Jedhanitti, tajaajilli kun hoj-maata badaa ittisuu bira darbee, gaaffiiwwan uummataa tokko tokkoon deebisaa jiraachuu keenyaaf ragaadhajechuun; gara fuulduraattis tajaajilicha ammayyeessuun lammiilee hedduuf akka gahuuf xiyyeeffannoon ni hojjetama jedhaniiru. Bulchaan Godina Jimmaa Obbo Tijjaanii Naasir gamasaaniitiin, gaaffiiwwan misoomaa fi tajaajilaa jiraattonni Godinichaa yeroo adda addaa kaasan furuuf tajaajilli Masoobii sadarkaa Aanaatti babal’achaa jiraachuu eeraniiru. Kantiibaan Magaalaa Asandaaboo Obbo Naziif Sheek Kamaal, giddugala kanatti dhaabbileen 11 gosa tajaajila 52 foddaawwan 8’n akka kennan ibsuun, Ogeessonni tajaajila qulqulluu fi saffisaa kennuuf leejii fudhatanii gara hojiitti galaniiru jechuun ibsaniiru.
Leenjiin koodarsii dhaloota dorgomaa fi bu’a qabeessa, beekumsaa fi gahumsa teeknooloojii hidhate uumaa jira
Mar 31, 2026 252
Bitootessa 22/2018 (ENA): Leenjiin koodaroota Itiyoophiyaa miiliyoona 5 ta’an dhaloota dorgomaa fi bu’a qabeessa beekumsaa fi dandeettii teeknooloojii hidhate uumaa jira jedhan Itti Aanaan Kantiibaa Bulchiinsa Dirree Dawaa Harbii Buhi. Leenjiin koodaroota Itiyoophiyaa miiliyoona 5, jalqabbii Ministira Muummee Dr. Abiyyi Ahimad ta’e, dargaggoonni guutuu biyyattii keessatti argaman dameewwan teeknooloojii adda addaatiin beekumsaa fi dandeettii horachuun gahumsaa fi dorgomaa akka ta’an taasisaa jira. Bulchiinsi Dirree Dawaas bara kana dargaggoota kuma 36 fayyadamoo taasisuuf hojiiwwan hojjete keessatti bu’aa jajjabeessaa galmeessisaa jiraachuun himameera. Akka Itti Aanaan Kantiibaa Bulchiinsa magaalichaa Harbii Buhii ENAtti himanitti, Leenjiin koodarootaa dhaloota dorgomaa fi bu’a qabeessa ta’e uumaa jira jedhani. Dargaggoonni leenjii kanaaf galmaa’an kuma 36 keessaa dhibbeentaan 70 bu’a qabeessaa fi dammaqinaan leenjicha irratti kan hirmaatan yoo ta’u, isaan keessaa dhibbeentaan 59 ragaa fudhataniiru jedhani. Karoora leenjii kanaaf kaa’amee ture dhuma bara bajataa kanaatti guutummaatti galmaan ga’uuf tattaaffiin taasifamaa jira jedhan. Dargaggoonni Itiyoo Koodarsii beekumsaa fi dandeettii horataniin carraa hojii uumuu, qabeenya maddisiisuu, gahumsaa fi bu’a qabeessummaa isaanii mirkaneessaa akka jiran himaniiru. Itti dabaluunis dargaggoonni leenjicha xumuran tajaajila dhaabbata iddoo tokkoo(Masoob) fi waajjira sivil sarvisii keessatti kennamu qindeessuun gahumsa isaanii qabatamaan mirkaneessaa jiru jedhan. Hojiiwwan hojjetamanis Dirree Dawaan sadarkaa biyyaatti bu’aa fooyya’aa akka argamsiisu kan dandeessisan ta’uu hubachiisuudhaan, ji’oota baajataa hafan keessatti hojii bu’a qabeessa ta’e hojjechuuf tattaaffiin taasifamaa akka jiru eeraniiru. Leenjitoonnis leenjichi ergama isaanii bu’a qabeessaa fi gahumsaan akka raawwatan kan isaan dandeessise ta’uu ibsaniiru. Shamarreen Saaraa Huseen wiirtuu tajaajilaa magaalaa Dirree Masob keessatti kan hojjettu yoo taatu, beekumsaa fi dandeettii leenjicha irraa argatte gahumsaa fi saffisa guddaadhaan itti gaafatamummaa ishee raawwachuuf kan ishee gargaaru ta’uu ibsiteetti. Leenjii kana milkaa'inaan xumuree Biiroo Pablik Sarvisii fi Misooma Qabeenya Humna Namaa irraa waraqaa ragaa kan argate Fiqiruu Zawudee leenjiin Itiyoo koodarsii dandeettii teeknooloojii dhaloota haaraa fooyyessaa jiraachuu himani. Leenjichi ergama kana qulqullinaa fi saffisaan akka xumuran, itti quufinsa maamiltootaa akka dabalu isaan dandeessisuu eeraniiru.
Leenjiin koodarsii kalaqa hojiiwwan dijitaalaa guddisuuf gumaachaa buusaa jira
Mar 28, 2026 273
Bitootessa 19/2018 (ENA): Leenjiin Itiyoo-Koodarsii carraa hojii uumuu dijitaalaa fi kalaqa babal’isuun dorgomtummaa idil addunyaa guddisaa jira jedhan Deetaan Ministira Hojjetaa fi Ogummaa obbo Salamoon Sookaa. Leenjiin koodaroota Itoophiyaa miiliyoona shan kaka’umsa ministira muummee Doktar Abiyyi Ahimadiin eegalame kun, keessumattuu dargaggootaaf dorgomtummaa idil addunyaa isaanii babal’isuuf kan kaayyeffatedha. Haaluma kanaan lammiileen Itiyoophiyaa godinaalee adda addaa leenjii fudhatanii of bira darbanii hojiirra oolmaa tarsiimoo misooma dijitaalaa biyya isaaniif taasifamu irratti ashaaraa isaanii kaa’aa jiru. Deetaan Ministira Hojjetaa fi Ogummaa obbo Salamoon Sookaa ENAtti akka himanitti; Leenjichi dandeettii dijitaalaa lammiilee guddisuu fi dandeettii jireenya isaanii guddisu horachuuf kan gargaaru ta’uu ibsaniiru. Dargaggoonni damee teeknooloojii irratti bobba’an dandeettii isaanii akka guddifatanii gara hojii kalaqaatti akka ce’an gargaareera jedhan. Kunis dorgomtummaa biyyattii fi gara diinagdee beekumsa irratti hundaa'etti ce'uuf gumaacheera jedhan. Barnoota, qonna, industirii, turizimii fi dameewwan birootiin dijitaalaayizeeshiniif haala mijataa uumeera jedhaniiru. Inistiitiyuutii Leenjii Teeknikaa fi Ogummaa Federaalaatti Daayreektarri Ayisiitii(ICT) Naa'ol Anbassee akka jedhanitti, inistiitiyuutichi barattootaa fi hojjettoonni leenjii kana akka fudhatan deeggarsa taasisaa jira. Leenjiin Itiyoo koodarsii(Ethio-Coders) dandeettii dabalataa horachuuf waan gargaaruuf lammiileen carraa argame sirnaan fayyadamuu akka qaban ibsaniiru. Ogeessi kun hojii lammiilee ogummaa kamiinuu bobba’an fooyyessuu keessatti gahee leenjiin kuni qabu ibsaniiru. Barattuu Baayyush Tasfaayee fi fayyadamaan barnoota tolaa (scholarship) Sudaan Kibbaa Laadulii Moorii akka jedhanitti leenjiin kun bara dijitaalaa waliin deemuuf dandeettii horachuu keessatti faayidaa qabaachuu himani.
Magaala Jimmaatti Tajaajilli wiirtuu tokkoo “Masoob” manguddootaa fi qaama miidhamtootaaf haala mijataa uumeeta
Mar 25, 2026 497
Bitootessa16/2018(ENA)-Magaalaa Jimmaatti Tajaajilli wiirtuu tokkoo Masoob Manguddootaa fi qaama miidhamtootaaf haala mijataa uumuusaa jiraattonni magaalichaa ibsan. Magaalaa Jimmaatti Tajaajilli wiirtuu tokkoo Masoob erga eegalamee ji’oota 6 lakkoofsiserra. Tajaajilichaan hawaasni Magaalichaa tajaajiloota hunda bakka tokkotti argachuu isaaniitiin yeroo fi maallaqa isaanii qusachuu danda’uusaa ibsaniiru. Jiraataan Magaalaa Jimmaa Obbo Nuurii Yesuuf kanaan dura kaffaltii bishaanii fi ibsaa raawwachuuf guyyoota hedduu itti fudhachaa turuu ibsuun, amma garuu Masoob giddugala tajaajila tokkootti yeroo gabaabaa keessatti xumurachuusaanii ibsaniiru. Tajaajilichi yeroo fi baasii kan qusatu ta’uusaa obbo Nuuriin ibsaniiru. Jiraataan Magaalatti biroon Obbo Muktaar Ibraahim tajaajila qabiyyee lafaa wajjin walqabatu argachuuf gara gidduugalichaa dhufuu isaanii ENA’f ibsaniiru. Ammaan dura tajaajila kana argachuuf seektaroota garagaraa irraa deddeebi’aa akka turan dubbachuun amma garuu guyyaa tokko keessatti xumuramaafii akka jiru dubbataniiru. Itti Aanaan Hoji Gaggeessaa Giddugalichaa Obbo Abdii Salamoon gidduugalli tajaajila wiirtuu tokkoo Masoob ji’oota 6n darban keessatti tajaajiloota kuma 84 ol kennuu dubbataniiru. Sektaraaleen 25 giddu galichaa keessatti hammatamuu ibsuun, hojjettoonni 103 hawaasa tajaajilaa jiru jedhaniiru. Tajaajilli Maanguddootaa fi qaama miidhamtoota giddu galeessa godhates kennamaa jirachuus ibsaniiru. Hojjettoonni tajaajila kennan gara manguddootaa fi qaama miidhamtootaatti dhiyaatanii tajaajiluun alatti, tajaajilli liiftii addaa qophaa'uus Obbo Abdiin dubbatan. Fuuladurattis dameewwan giddugalichaa ganda magaalatti keessatti banuun caalaatti hawaasatti dhiyaachuuf karoorfamuusaas ibsaniiru. Kana malees, tajaajila gidduugalichaa socho'aa taasisuuf hojjetamaa akka jiru ibsaniiru.
Ispoortii
Festivaalichi Tokkummaan Sab-daneessummaa kan itti cimuu fi waloominni kan itti Calaqqisiisudha
Mar 29, 2026 469
Bitootessa 20/2018(ENA)- Festivaalli Ispoortiiwwan aadaa tokkummaan sabdaneessummaa kan itti jabaatuu fi duudhaan waliin jireenya sabootaa, sablammootaa fi ummattootaa kanitti calaqqisu ta’uu Pireezidantiin Naannoo Hararii Obbo Ordiin Badrii ibsan. Dorgommiin Isportii Aadaa biyyaalessaa 23ffaanii fi Festivaliin Isportii Aadaa 19ffaan mata-duree duree "Misoomni Ispoortii aadaa ol-ka'iinsa Itiyoophiyaatiif" jedhuun Magaalaa Hararitti jalqabeera. Pireezidantichi wayita sana akka jedhanitti; eegumsii fi mirkanaa’uun tokkummaa Sab-daneessummaa akkasumas waliin jireenyaa, Isportiiwwan aadaa guddisanii agarsiisuuf iddoo guddaa qaba jedhaniiru. Motummaan gama kanaan isportiin kun akka guddatu xiyyeeffannoo addaa kennuusaas dubbataniiru. Deetaa Ministira Damee Misooma Isportii Obbo Makiyyuu Mohammad gamasaanitiin; Mootummaan Isportii Aadaa walitti hidhaminsa naannawaa fiduuf,obbolummaa fi waliin jireenya cimsuuf itti fayyadamaa jiraachuu ibsaniiru. Itiyoophiyaan Festivalii Isportii Aadaa Afrikaa kan bara 2026 qopheessuuf carraa argachuu ishee yaadachiisaniiru. Carraa kanatti fayyadamuun ispoortiiwwan aadaa keenya obboloota keenya Afrikaatiif beeksisuuf hojjetamaa jiru jedhaniiru. Biyyaatti keessatti Isportiiwwan fi taphoota aadaa galmaa'an 293 ol qorannoon adda baafamuu mirkaneessaniiru. Haata’u malee dambii fi seera taphaa dhiyaatee dorgommiidhaaf kan gahan gosa isportii 11 qofa akka hin caalle eeranii; fuulduratti kana babal’isuuf akka hojjetamu hubachiisaniiru. Prezidaantiin Mana Maree Federeeshinii Isportii Aadaa Itiyoophiyaa Aadde Hayiwaat Mohammad gamasaaniitiin, ispoortiin aadaa walitti hidhamiinsa ummataa haala fulla’aa ta’een cimsuu keessatti gahee olaanaa qaba jedhaniiru. Magaalaa Hararitti kan jalqabame dorgommii fi Festivaliin Isportii aadaa kun guyyoota 8f kan turu yoo ta’u, guutuu biyyattiirraa ispoortessitoonni kuma tokkoo fi 500 ol ni hirmaatu jedhameera.
Dorgaommiin Ispoortii Aadaa fi Feestivaalli Ispoortiiwwan Aadaa Sadarkaa Biyyaalessaa har'a Magaalaa Harariitti ni jalqabama
Mar 29, 2026 492
Bitootessa 20/2018(ENA)- Dorgommiin Ispoortii Aadaa biyyaalessaa 23ffaan fi Feestivaalli Ispoortii Aadaa 19ffaan har'aa eegalee Magaalaa Hararitti ni gaggeeffama. Federeeshiniin Ispoortii Aadaa Itiyoophiyaa fi Ministeerri Aadaa fi Ispoortii qophicha( taatee kana) waliin ta'uun qopheessaniiru. Dorgommiinii fi Feestivaalli kun mata-duree "Misoomni Ispoortii aadaa ol-ka'iinsa Itiyoophiyaatiif" jedhuun kan gaggeeffamudha. Dorgommii gosoota Ispoortii 11n gaggeeffamu kanarratti Naannolee fi Bulchiinsa Magaalota hundaarraa Isportessitoonni kuma tokkoo fi 500 ol ni hirmaatu jechuun Ministeerri Aadaa fi Ispoortii beeksiseera. Dorgommii fi Feestivaala kanarratti keessummoonni kabajaa Konfedereeshinii Ispoortii fi Taphoota Aadaa Afrikaa irraa affeeraman ni argamu. Sagantichi tokkummaa, garaagarummaa fi waliin jireenya Sab-daneessummaa Itiyoophiyaa kan calaqqisiisudha. Feestivaalichi Hawaasa Ispoortii Aadaa irratti hirmaachisuu fi fayyadamaa taasisuun alatti, Ispoortii Aadaa Hawaasummaa taasisuu dandeessisuuf kaayyoo akka qabu ragaan Ministeerichaa ni mul’isa. Mootummaan xiyyeeffannoo addaa Misooma Ispoortiitiif kenneen, Imaammata Ispoortii haaraatiin Ispoortiiwwan Aadaa misoomsuuf hojjechaa akka jirus ibsameera.
Hojiin bu'a qabeessa damee ispoortii naannichatti hojjetamaa jiru cimee itti fufa - Bulchaa Ordiin Badirii
Mar 28, 2026 457
Bitootessa 19/2018 (ENA): Bulchaan Naannoo Hararii Ordiin Badirii akka ibsanitti, damee ispoortii naannoo Hararii keessatti hojiiwwan bu’a qabeessa ta’an cimee itti fufu jedhan. Bulchaan naannoo Hararii Ordiin Badirii qophii Dorgommii Ispoortii Aadaa Biyyaalessaa 23ffaa fi Feestivaala Ispoortii Aadaa 19ffaa boru naannichatti eegaluuf taasifamaa jiru daawwataniiru. Hojiin damee ispoortii naannicha keessatti hojjetamaa jiru sadarkaa fooyya’aa irra akka jiru bulchaan kun eerruun, damee kanarratti hojiiwwan bu’a qabeessa ta’an cimanii itti fufu jedhaniiru. Dargaggoota atileetota damee ispoortii adda addaa naannichaa fi naannawaa keessatti dandeettii qaban guddisuuf xiyyeeffannaan addaa kennamuu qaba jedhan. Ispoortii sarkasii guddisuuf hojiin bal’aa qabeessi hojjetamuu akka qabus dubbataniiru. Dorgommiin Ispoortii Aadaa Biyyaalessaa 23ffaa fi Feestivaalli Ispoortii Aadaa 19ffaa Boru irraa eegalee Naannoo Harariitti ni gaggeeffama. Dorgommii fi ayyaanni ispoortii aadaa torban tokkoof turu kun mata duree "Misooma Ispoortii Aadaa olka’insa Itiyoophiyaaf" jedhuun gaggeeffama.
Mahaammad Saalaah Liiverpuuliin dhuma waggichaatti ni gad-lakkisa
Mar 25, 2026 372
Bitootessa16/2018(ENA)-Taphataan Sarara fuulduraa Liivarpuul Mahaammad Saalaah xumura morkii waggaa kanaatti kilabicha akka gad-lakkisu ifatti beeksiseera. Saalaah Murtoo kana kan beeksise ergaa viidiyoon deeggartootasaaf dabarseeni . “Guyyaan kun gahuusaatti nangadda---xumura morkii waggaa kanaatti Liivarpuul gad-nan lakkisa. Kilabni kun, magaalittiin kunii fi deeggartoonnishee jireenya koo keessatti iddoo guddaa hangam akka qaban ibsuun na rakkisa” jedheera. Ibsa kilabiin Liivarpuul baaseen Saalaah turtiisaa kilabii waggaa 9 waxabajjii bara 2026(A.L.A)tti akka xumuramu beeksiseera. Taphatichi deeggartoota isaatiif iftoomina uumuuf jecha, murtoosaa beeksisuu akka filate (BBC)n gabaaseera. Ji’oota darban keessa hariiroon Saalaah fi Leenjisaa Arnee Siloot gidduu ture hammaachaa dhufuusaa fi carraan taphatichi tapharatti hirmaachuuf qabu xiqqaachuunsaa akka sababa murtoo kanaatti eeramu. Kilabichii fi taphataichi walii galteen walirraa adda bahuuf murteessaniiru. Saalaah kilabinsaa itti aanau ifatti beekamuu baatus, Kilaboonni Saawud Arabiyaa (keessattuu AL-Itihaad) taphaticha fudhachuuf fedhii guddaa akka qabanii fi mariirra jiraachuunsaanii bal’inaan gabaafamaa jira. Saalaah turtiisaan Taphoota 435n Liivarpuuliif taphate keessaa galchii 255 galmeessiseera. Kunis galchii Iyaan Raashii (346) fi Roojeer Haanti (285)tti aanuun sadarkaa 3ffaan tarree galchii baay’ee Liivarpuul keessatti galmaa’ee akka argamu isa taasiseera.
Eegumsa naannoofi haala qilleensaa
Sagantaa Ashaaraa Magariisaa barakanaaf biqiltuuwwan faayidaa hedduu qaban qophaa’aa jiru
Apr 8, 2026 219
Bitootessa 30/2018(ENA): Sagantaa Ashaaraa Magariisaa bara kanaaf biqiltuuwwan faayidaa hedduu qaban qophaa’aa jiraachuu Bulchaan Naannoo Benishaangul Gumuuz Ashaadilii Hasan ibsan. Bulchaan Naannichatti Buufatalee Biqiltuu Aanaa Uraatti argamuun qophii biqiltuu Sagantaa Ashaaraa Magariisaa baranaatiif taasifamaa jiru irra deemanii daawataniiru. Daawwannaa isaanii booda haasaa taasisaniin, naannichaattis ta’e akka biyyaatti sagantichi cimee itti fufuu isaa ibsaniiru. Hojiin misoomaa kun baranas xiyyeeffannoon addaa kennameefii biqiltuuwwan gahaan naannichatti qophaa’aa jiraachuu dubbataniiru. Sagantaa Ashaaraa Magariisaa baranaatiif biqiltuuwwan faayidaa garaagaraa qaban qophaa’aa jiraachuu daawwannaa keenyaan mirkaneessineerra jedhaniiru. Dabalataanis, biqiltuuwwan kanaan dura dhaabaman sadarkaa irra jiranii fi hojiiwwan Misooma Eegumsa Naannoo Aanichatti hojjetamaa jiran bulchaan kun daawataniiru.
Itiyoophiyaan ulaagaalee bittaa fi gurgurtaa kaarbooniin wal simsiisuun bosonaa kunuunsa jirti
Apr 4, 2026 922
Bitootessa 26/2018(ENA)- Itiyoophiyaan ulaagaalee idil addunyaa bittaa fi gurgutaa kaarbooniin kan wal siman muuxannoowwan bulchiinsa lafaa fi bosonaa guddisaa jiraachuu qindeessaan koree teekniikaa ashaaraa magariisaa Dr. Adafris Warquu ibsan. Doktar Adafris Warquu turtii ENA waliin taasisaniin, Itiyoophiyaan kuusaa kaarboonii guddaa akka qabdu kaasanii, irra caalaan bosona keessatti akka argamu eeraniiru. Sagantaan ashaaraa magariisaa bosona dabaluurra darbee galiin biyyattiin gurgurtaa kaarbooniirraa argattu akka dabalu qooda olaabaa bahachaa akka jiru dubbataniiru. Itiyoophiyaan lubbu qabeeyyii garagaraa hedduu waan qabduuf kuusaa kaarboonii fooyya’aa of keessatti qabachuuf teessuma lafaa mijataa akka qabdu doktar Adafris ibsaniiru. Itiyoophiyaan eegumsa haala qilleensaa fi naannawaa irratti dammaqinaan hirmaachaa akka jirtu eeranii, kun ammoo kaarboonii qilleensarraa dhabamsiisuudhaan karaa uumamaa fi nam-tolcheen akka kuufamu gochaa jira jedhaniiru. Gaaziin ho’a of keessatti qabatu kan kana dura bosonni ciramuu fi qabiinsa lafaa hin malleen gara hawaatti gadi lakkifamu ittisuuf karaa sagantaa ashaaraa magariisaatiin hojjetamaa akka jiru himaniiru. Haala Kanaan muuxannoowwan bulchiinsa lafaa fi bosonaa fulla’aa ta’an kan ulaagaalee bittaa fi gurgurtaa kaarbooniin wal siman guddisuuf gargaaran hojjetamaa akka jiran ibsaniiru. Kan lammataa ammoo yeroo biqiltuuwwan dhaabaman kaarboonii Kanaan dura gara hawaa seene walitti qabuun kan itti deebi’an kan godhu hojmaata hojiirra oolchuunii fi kaarboonii gadhiisiirraa eegame gabaaf dhiheessuuf xiyyeeffannoon kennamuu dubbataniiru. Sagantaa ashaaraa magariisaa Itiyoophiyaan raawwachaa jirtuun gurgurtaa kaarboonii cimsuuf hojjetamaa jiraachuu fi biyyoonni garagaraa Itiyoophiyaa waliin walii galtee bittaa taasisaa akka jiran ibsaniiru. Haala Kanaan mootummaan Norweeyi ka’umsaaf bittaa kaarboonii doolaara miiliyoona 75 akkasumas Baankiin addunyaas walii galtee bittaa raawwachuu dubbataniiru. Itiyoophiyaan Norweeyii fi Baankiin addunyaa bituuf kan barbaadanii ol Kaarboonii maddisiisuushee eeranii, qabeenyi kaarboonii doolaara biiliyoona tokko baasu akka jiru ibsaniiru. Addunyaarratti Bajata guddaa bittaa kaarbooniif ramadamu gara gurgurtaa kaarboonii Itiyoophiyaatti fiduuf hojjetamaa akka jiru eeraniiru. Faayinaansii kaarboonii addunyaarratti argamu gara Itiyoophiyaa fiduuf sagantaa ashaaraa magariisaa cimsuun olitti sanadoota qindeessuunii fi hojiileen biro hojjetamaa akka jiran beeksisaniiru.
Itiyoophiyaatti baatii Eebila dhufu kanatti naannoolee baay’ee rooba Arfaasaa fayyadaman irra caalaan isaanii qilleensa jiidha qabu argatu
Apr 3, 2026 711
Bitootessa 25/2018 (ENA): Itiyoophiyaatti baatii Eebila dhufu kanatti naannoolee baay’ee rooba Arfaasaa fayyadaman irra caalaan isaanii qilleensa jiidha qabu akka argatan Inistiitiyuutiin Meetirooloojii Itiyoophiyaa beeksise. Ibsa Inistiitiyuutichi ENA’f ergeen, rooba Arfaasaa Bitootessa 23 hanga Eebila 22/2018tti, hangi jiidhinsa qilleensaa ol’aanaa akka ta’u ibseera. Kana waliin roobni Arfaasaa Itiyoophiyaa irra caalaan isaa ji’a Eebilaa keessa baay’inaa fi raabsa isaatiin ji’oota Arfaasaa lamaan caalaa jiidha ni qabaata. Haalli qilleensaa kun naannolee rooba Arfaasaan oomishan keessatti hojii qonnaaf haala mijataa ni uuma jedhamee eegama jechuun inistiitiyuutichi ibsa baaseen beeksiseera. Haalli qilleensaa jiidhinni walitti fufiinsaan jiru ji’a Bitootessaa keessa oomishtummaa midhaan Arfaasaa sadarkaa guddinaa adda addaa irra jiruuf iddoo guddaa qaba jedheera. Akkasumas qilleensi jiidhaan Kibbaa fi Kibba Baha Itiyoophiyaa irraa eegamu oomisha midhaanii, lafa dheedichaa fi dhiyeessii bishaanii naannoo walakkaa horsiisee bulaa kan akka Booranaa, Gujii fi kanneen kana fakkaatan keessatti murteessaa ta’uu himameera. Qonnaan bultoonnii fi horsiisee bultoonni naannoo Arfaasaa oyiruu isaanii qopheessuun haala jiidhinsa mijataa eegamutti akka fayyadaman dhaameera inistitiyuuchi. Inistiitiyuutichi naannoleen rooba gabaabaa ta’an haala gogiinsa walitti fufiinsa qabu kan sababa jijjiirama rooba Arfaasaatiin rooba uumamuu danda’u dandamachuuf jiidhina oyiruu keessa tursiisuuf tarkaanfii barbaachisaa fudhachuu akka qabanis hubachiiseera. Gama biraatiin, sigiga lafaa, dhiqama biyyee fi lolaa cimaa naannoo tokko tokkotti sababa rooba cimaatiin uumamuu malu irraa of eeggannoon akka taasifamu hubachiiseera. #Ena Afaan Oromoo #TOI #Ena
Itiyoophiyaan jijjiirama qabeenya qilleensaa dandamachuuf tattaaffiin taasisaa jirtu qorannoodhaan deeggaramuu qaba
Mar 31, 2026 212
Bitootessa 22/2018 (ENA): Itiyoophiyaan jijjiirama qabeenya qilleensaa dandamachuuf tattaaffii taasisaa jirtu dhaabbileen barnoota olaanoo qorannoo fi saayinsiidhaan deeggaruu akka qaban Deetaan Ministeera Pilaanii fi Misoomaa Siyyum Mokonnon ibsani. Fooramiin waliigalaa jalqabaa sirna jalqabsiisa Tarkaanfii Haala Qilleensaa Yuunivarsiitiiwwan Itiyoophiyaa gaggeeffamaa jira. Deetaan Ministira Pilaanii fi Misoomaa obbo Siyyum Mokonnon, jijjiirama qilleensaa ittisuuf tattaaffii biyyaalessaa keessatti gahee tarsiimoo dhaabbileen barnoota olaanoo qabaachuu qaban dubbataniiru. Furmaata saayinsaawaa qopheessuun waliin hojjechuun akka isaan irraa eegamus hubachiisaniiru. Itiyoophiyaan jijjiirama qilleensaa ittisuuf tarsiimoo dinagdee magariisaa haala qilleensaa dandamatu hojiirra oolchuurratti adda duree ta’uu hubachiisaniiru. Biqiltuu biiliyoona 48 ol dhaabuu fi anniisaa haaromfamuu danda’u misoomsuu dabalatee hojiiwwan waggoota darban keessa Sagantaa Ashaaraa Magariisaa keessatti galmaa’e Itiyoophiyaan Afrikaa fi Addunyaaf fakkeenya ta’uu agarsiisa jedhan. Dhaabbileen barnoota olaanoo qorannoo isaanii fi barruulee qorannoo fi barruulee barattoota digrii lammaffaa jijjiirama qilleensaa fi dhimmoota kanaan walqabatan irratti xiyyeeffachuu qabu jedhani. Dabalataanis waltajjiin kun waltajjii hojii qindoominaa qaamolee imaammata baasanii fi dhaabbilee barnootaa cimsu ta’uu ibsaniiru. Deetaan Ministeera Pilaanii fi Misoomaa akka dhaabbata dhimma haala qilleensaa to’atutti qindoomina yunivarsiitiiwwan waliin eegale cimsee akka itti fufu mirkaneessaniiru. Yuunivarsiitiiwwan jijjiirama qilleensaa ittisuuf furmaata saayinsaawaa maddisiisuu keessatti gahee guddaa qabu kan jedhan immoo eeggataa Pireezidaantii Yuunivarsiitii Finfinnee Dr. Saamu’eel Kifilee dha. Akkasumas hojiiwwan misooma Ashaaraa magariisaa fi ijaarsa dandamachuu haala qilleensaa akka biyyaatti hojjetamaa jiran keessatti hirmaannaan yuunivarsiitiiwwan qaban ti’oorii irraa gara hojiitti jijjiiramuu akka qabus ibsaniiru. Waltajjichi hundeeffamuun jijjiirama qilleensaa furmaata barbaaduu keessatti milkaa’ina guddaa ta’uu ibsuun, tattaaffii akka biyyaatti jalqabame kan deeggaru ta’uu ibsaniiru.
Gabaasa addaa
Poolisiin Magaalaa Finfinnee Tajaajilasaa guddina Magaala waliin wal-simsiisee guddisuuf teekinooloojii ammayyaa fi humna namaa gahoome gurmeessuun hojiisaa cimsee itti fufeera
Nov 22, 2025 2594
Sadaasa 13/2018(TOI )-Poolisii Magaalaa Finfinnee Tajaajilasaa guddina magaala waliin wal-simsiisee guddisuuf Teekinooloojii Ammayyaa fi humna namaa gahoomeen hojii gurmeessuusaa cimsee itti fufuu Kantiibaan Bulchiinsa Magaala Finfinnee Adaanechi Abeebee ibsan. Qajeelchi Kolleejjii Poolisii Magaala Finfinnee yeroo jalqabaatiif humnasaan kaadimamtoota qodaaltota leenjise eebbisiiseera. Sirna eebbaa kanarratti Kantibaan Magaala Finfinnee Adaanechi Abeebee, Itti Aanaan Komishinar jeneraaliin Poolisii federaalaa Malaakuu Fantaa, Ajaajaa qajeelcha poolisii waliigalaa magaalaa Finfinnee Komishinar Geetuu Argaaw fi keessummoonni waamichi tassifameefii argamaniiru. Kantibaa Adaanech Abeebee wayita kana akka dubbatanitti, xiyyeeffannoo guddan Bulchinsichaa Dinagdee jiraattota magaalichaa ijaaruu fi jireenya hawaasummaa fooyyessuun misooma fulla’aa fi bulchiinsa gaarii, badhaadhina hunda galeessa mirkaneessuudha. Magaalittii jireenyaa fi hojiif kan mijatte akka taatuu fi dorgomaa idil-addunyaa fi filatamtuu, magaala konfiraansii taassisuuf bu’aa qabeessummaan hojiiwwan misoomaa eeggalamanii cimanii itti fufuu beeksisaniiru. Hojiiwwan misooma kunneen fulla’aa gochuuf nagaa fi tasgabbin mirkanaa’uun murteessaa fi dhimma ijoo ta’uu hubachiisaniiru. Gama Kanaan Qajeelchi Poolisii Magaala Finfinnee Nageenyaa fi tasgabbii magaalittii mirkaneessuuf hojiiwwan jijiiramaa hojjechaa jiru kan jajjabeeffamu ta’uu dubbataniiru. Qajeelchichi guddina magaalichatti argamaa jiru u’uureffachuun tajaajilasaa guddisuuf teekinooloojii ammayyaa fi humna namaa gahoomeen of gurmeessuun hojiisaa hojjechuu dubbataniiru. Kunis ergama poolisiif kenname sirnaan raawwachuuf kan isa dandeessisu ta’uu ibsaniiru. Gama Kanaan Qajeelchichi humna namaa gahoome horachuu dabalatee teekinoolojin of gurmeessuuf hojjechaa turuu mirkaneessaniiru. Qondaaltonni eebbifamtoonni nagaa fi tasgabbii magaalittii eegsisuuratti itti gaafatamummaa guddaa qabaachuusaanii kaasuun seeraa fi sirna magaala kabachiisuun kutannoon akka hojjetan hubachiisaniiru.
Humna elektirikii guutuu biyyattiitti addaan cite deebisuuf tattaaffiin taasifama
Dec 7, 2024 10758
Sadaasa 27/2017(TOI) - Humna elektirikii guutuu biyyattiitti addaan cite deebisuuf tattaaffiin taasifamaa jiraachuu Humni Elektiriikii Itoophiyaa beeksise. Har'a galgala kana tasgabbii dhabuu sistamaatiin rakkoo mudateen guutuu biyyattiitti humni elektirikii addaan citeera. Rakkoo kana hiikuufi humnicha deebisuuf buufatalee maddoota humnaafi raabsaatti tattaaffiin olaanaa taasifamaa jira. Rakkoo umame Humni Elektiriikii Itoophiyaa hiikee hanga bakkasaatti deebisutti obsaan akka nu eegdan kabajaan gaafachaa, odeeffannoowwan jiran hatattaamaan kan isiniin biraan geenyu ta'a jechuun Tajaajilli Elektiriikii Itoophiy karaa miidiyaa hawaasummaa isaa beeksiseera.