ENA - ENA Afaan Oromoo
Angafoota Oduu
Waggoota jijjiiramaa darban keessa Dabra Maarqos dabalatee buufatni xiyyaaraa biyya keessaa shan ijaaramanii tajaajila jalqabaniiru
Jul 12, 2026 243
Adoolesa 5/2018 (ENA): Waggoota jijjiiramaa darban keessa Dabra Maarqos dabalatee buufatni xiyyaaraa biyya keessaa shan ijaaramanii tajaajila eegaluu isaanii Daandiin Qilleensa Itiyoophiyaa beeksise. Ministirri Muummee Dr. Abiyyi Ahimad Buufata Xiyyaaraa Mootii Taklahayimaanot Dabra Maarqos eebbisuun hojii eegalchiisaniiru. Hoji-geessisaan Ol'aanaan Daandii Qilleensa Itiyoophiyaa Masfin Xaasawu sirna kanarratti; daandiin qilleensichaa bu'uura misoomaa guddaa kana ijaaree magaalaa Dabra Maarqosii fi jiraattota naannichaatiif tajaajila geejjiba qilleensaa amansiisaa dhiyeessuu isaa ibsaniiru. Hoji-geessisaan Ol'aanaan kun akka ibsanitti, Daandiin Qilleensa Itiyoophiyaa magaalaa Dabra Maarqosiif tajaajila balallii kennuu kan eegale waggoota 50 dura ture. Ta'us, daandiin qilleensichaa xiyyaarota "DC-6" tajaajilaan ala yeroo taasisutti, balalliin sun waggoota dheeraaf addaan citee turuu isaa ibsaniiru. Sababiin guddaan balalliin sun addaan citeef, xiyyaarotni daandiin qilleensichaa balallii biyya keessaatiif ramade gurguddoo ta'uu isaanii fi buufatni xiyyaaraa Dabra Maarqos yeroo sana ture xiyyaarota sana keessummeessuuf dandeettii dhabuu isaan akka ture ibsaniiru. Sababa kanaanis, uummanni naannichaa gara Finfinneetti imaluu yeroo barbaadutti, sulula laga Abbayyaa kan nuffisiisaa ta'e qaxxaamuree kiiloo meetra 300 konkolaataadhaan imaluun filannoo tokkicha ta'ee turuu isaa yaadachiisaniiru. Yeroo dhihoo asittis rakkoolee daandii irratti darbee darbee mudatan jalaa ba'uuf, jiraattonni konkolaataadhaan gara Baahir Daaritti imaluun, karaa sanaan xiyyaaraan gara Finfinneetti imaluuf dirqamaa akka turan eeraniiru. Hojii jalqabuun buufata xiyyaaraa gaaffii seenaa uummataa deebise kun, uummanni gara Finfinnee ykn Baahir Daaritti sa'aatii tokkoo gadi keessatti geejjiba qilleensaa nageenyisaa eegamee fi mijataa ta’een imaluuf kan dandeessisudha jedhaniiru.
Ministirri Muummee Dr.Abiyyi Ahimad du'aan boqochuu Amiira duraa Kaataar Sheek Hamaad Biin Kaliifaa Al Taaniin gadda itti dhaga'ame ibsan
Jul 12, 2026 212
Adoolessa 5/2018 (ENA): Ministirri Muummee Dr. Abiyyi Ahimad Amiirri duraanii Kaataar Sheek Hamad Biin Kaliifaa Al Taanii lubbuun darbuutti gadda itti dhagahame ibsuun, mootummaa biyyattii fi uummata Kaataariif jajjabina hawwaniiru. Ministirri Muummee ergaa isaaniitiin, "Amiira " Sheek Hamaad Biin Kaliifaa Al Taanii keessattuu gaanfa Afriikaa keessatti nageenya buusuuf, mariidhaaf bu'uura kaa'uu irratti gahee guddaa kan gumaachan gaggeessaa ogeessa akka turan ibsaniiru. Keessattuu Itiyoophiyaadhaaf xiyyeeffannoo addaa kennaa akka turanii fi michummaan biyyoota lamaanii jalqaba Hijiraa irraa eegalee bu'uura seenaa dheeraa akka qabu deddeebisanii ibsaa akka turan Ministirri Muummee yaadachiisaniiru. Daawwannaan hojii isaan Itiyoophiyaatti taasisan immoo michummaa tarsiimawaa biyyoota lamaanii fi waliigalteewwan tumsaa mallatteeffamaniif bu'uura kan kaa'e akka ture ibsaniiru. Hariiroon seenaa biyyoota lamaanii kun gaggeessummaa Amiira ammaa Sheek Taamiim Biin Hamaad Al Taaniitiin caalaatti cimee akka itti fufu Ministirri Muummee Dr. Abiyyi Ahimad amantaa qaban ibsuun; gaggeessaa du'aan boqotan kanaaf boqonnaa, maatii isaanii fi uummata Kaataariif jajjabina hawwaniiru.
Ergaa Ministirri Muummee Dr. Abiyyi Ahimad Dabarsan:
Jul 12, 2026 229
Buufata Xiyyaaraa Mootii Takilahaymaanot kan uummani Dabre Maarqoosii fi naannawa ishee waggoota hedduuf hawwiin eegaa turee fi waggoota 30f addaan citee ture, bifa ammayyaa fi sadarkaansaa fooya’ee ijaaramee har'a ifatti eebbisiisneerra. Buufanni Xiyyaaraa dheerina meetira kuma 2fi 400 bal'ina meetira 30 irratti ijaarame kun, xiyyaarota gurguddoo uummataa fi meeshaalee fe'an kanneen akka Q400 fi B737 qubachiisuuf dandeettii ol'aanaa uumeera. Buufatni xiyyaaraa kun hojii eegaluunsaa sochii Daldalaa, Investimentii fi Turizimii naannichaa haala ol'aanaan kakaasuun, guddina dinagdee naannichaa fi guutuu biyya keenyaatiif boqonnaa haaraa bana. Qormaatilee gara carraatti jijjiiruudhaan, gaaffiwwan misoomaa uummata keenyaa sadarkaan deebisuufi pirojektoota gurguddoo eegalle qulqullinaa fi ariitiin xumurre eebbaaf geessisuuf kutannoo qabnu gochaan argisiisuu keenya itti fufna.
Magaalaan Finfinnee Ijaarsa Seenessa Waloo Cimsuun gidduu-gala nageenyaa fi misoomaa ta'aa jirti
Jul 12, 2026 382
Adoolessa 5 / 2018 (ENA): Magaalaan Finfinnee ijaarsa seenessa waloo fi tokkummaa cimsuudhaan gidduu-gala nageenyaa fi misoomaa ta'aa dhufuushee Kantiibaan Magaalaa Finfinnee Adaanech Abeebee ibsan. Manni Maree Magaalaa Finfinnee yaa'ii idilee 4ffaa bara hojii 5ffaa isaa galma yaa'ii mana marichaa Giddu-gala Yaadannoo Injifannoo Adwaatti gaggeessaa jira. Kantiibaan Magaalaa Finfinnee Adaanech Abeebee yaa'ii idilee mana marichaa kana irratti gabaasa raawwii hojii waggaa kan bara baajataa 2018 Bulchiinsa Magaalichaa dhiyeessaa jiru. Kantiibaa Adaanech Abeebee gabaasa isaaniitiin; Finfinnee akka maqaa ishiitti miidhagsuuf waadaa gallerratti hundaa'uun, waggoottan shanan darban keessatti jijjiiramoota bu'uuraa fi hundee-qabeessa ta'an hedduu raawwachuu dandeenyee jirra jedhaniiru. Dabalataanis, ilaalchota boodatti hafoo fi rakkoolee hundee gadi fageeffatanirratti, jabeenyaan qabsaa’uun, Finfinnee siyaasa faayidaa hin qabne wal-dhiibuu fi wal-harkisuurraa walaba kan taate, gidduu-gala nageenyaa fi misoomaa gochuun akka danda'ame dubbataniiru. Akka fakkeenyaattis, Gidduu-gala Yaadannoo Injifannoo Adwaa ijaaruudhaan, bu'uura seenessa waloo fi walitti qabaa ta'e ijaaruu dandeessisu ta’uusaa akka ragaatti hubachiisaniiru. Finfinneetti nageenyi fulla'aan akka mirkanaa'u, miidhagduu, magariisaa fi qulqulluu gochuun, fakkeenya badhaadhina Itiyoophiyaa akka taatuuf bu'uuraaleen dandeessisan lafa qabachaa jiraachuu ibsaniiru. Magaalattii jijjiiruudhaan, magaalittiin Afriikaa keessaa magaalota qulqulluu kudhan keessaa tokko ta'uun beekamtii idil-addunyaa argachuu ishee kaasaniiru. Uwwisni Magariisummaa Magaalattii dhibbeentaa 2tuqaa8 irra ture gara dhibbeentaa 24tti ol guddachuun isaas ragaa jijjiirama bu'uuraa kan biroo ta'uusaa eeraniiru. Daandileen Finfinnee bal'aa, dukkana magaalittii dura ture ifaatti jijjiiramuu kan ibsan kantiiba Adaanech; kunis dandeettii Magaalittiin yaa'iiwwanii fi daawwattootaa hedduu keessumsiisuuf qabdu akka dabale ibsaniiru. Giddu-gala dippilomaasii ta'uunshees caalaatti cimee, Itiyoophiyaanota qofa osoo hin taane, Afriikaanotni hundi 'Magaalaa guddoo keenya' jedhanii kan waamanii fi hunda keenyaa kan boonsu ta'uu ishee ibsaniiru.
Dorgommiin Fiigicha kiiloomeetira 5 Komishiniin Marii Biyyaalessaa Itiyoophiyaa qopheesse gaggeeffamaa jira
Jul 12, 2026 260
Adoolessa 5 / 2018 (ENA): Fiigichi guddaan kiiloomeetira 5 Komishiniin Marii Biyyaalessaa Itiyoophiyaa qopheesse Finfinnee Addabaabayii Masqalaatti gaggeeffamaa jira. Mata-duree "Itiyoophiyaan mari'achaa jirti" jedhuun sagantaa Addabaabayii Masqalaatti gaggeeffamaa jiru kanarratti Dubartoota, Daa'immanii fi Dargaggoota dabalatee kutaaleen hawaasaa hedduun hirmaachaa jiru. Mariin biyyaalessaa Itiyoophiyaa kan walii galaa(guddaan) Adoolessa 8 bara 2018 irraa eegalee Finfinneetti kan gaggeeffamu yoo ta'u; bakka bu'oonni uummataa biyya keessaa fi alaa yaa’ii walii galaa kana irratti hirmaatanis gara Finfinnee seenaa jiru. Marii walii galaa (guddaa) kanarratti, bakka bu'oonni uummataa dhimmoota guguddoo saddeet kanneen armaan gadii irratti kan mari'atan ta'a: Ijaarsa biyyaa, Caasaa fi gurmaa’insa Mootummaa, Sirna siyaasaa, bakka bu'ummaa fi sirna filannoo, Dhimma Magaalota Federaalaa (Finfinnee fi Dirree Dhawaa), Dhimmoota Amantii, Ijaarsa dhaabbilee, olaantummaa Seeraa fi mirga namoomaa, Dhimmoota hawaasummaa fi dinagdee (dhimma qonnaan bulaa fi horsiisee-bulaa dabalatee), Akkasumas Malaammaltummaa, Bulchiinsa gaarii fi ijaarsa nageenyaa dabalatee dhimmoota ijoo saddeet irratti bakka bu’oonni uummataa kan marii’atan ta’a. Sagantaa fiigicha kiiloomeetira 5 Addabaabayii Masqalaatti qophaa'e kana irratti, Itti-aanaan Walitti-qabaa Koree Dhaabbii Dhimmoota Dimokiraasii Mana Maree Bakka Bu'oota Uummataa Obbo Azmiraawu Andamoo, Komishinarri olaanaan Komishinii Marii Biyyaalessaa Itiyoophiyaa Piroofeesar Masfin Ari'aayaa, akkasumas hoggantoonni olaanoo fi Komishineeroonni Komishinichaa argamaniiru.
Siyaasa

Mariin biyyaalessaa rakkoolee hidda gad-fageeffatan karaa qaroomeen furuun ijaarsa biyyaa cimaa fi waliigaltee biyyaalessaaf boqonnaa guddaa kan banudha
Jul 11, 2026 1006
Adoolessa 4/2018(ENA)- Mariin biyyaalessaa rakkoolee hidda gad-fageeffatan karaa qaroomeen furuun ijaarsa biyyaa cimaa fi waliigaltee biyyaalessaaf boqonnaa guddaa kan banu ta’uusaa hayyoonni ibsan. Yaa’iin seena qabeessi adeemsa marii biyyaalessaa Itiyoophiyaa waggootaaf gaggeeffamaa ture eegalamuuf guyyoota muraasatu hafe. Yaa’ii murteessaa Adoolessa 8 bara 2018 wiirtuu konveenshinii idil addunyaa Addisitti eegalamurratti mari’achuuf mari’attoonni guutuu biyyaarraa walitti dhufan kuma 4 Finfinnee dhufaniiru. Komishinichi adeemsa marichaa ilaalchisuun yaadannoo injifannoo Adwaatti mari’attootaaf ibsa mariin duraa gochaa jira. Barsiiftonnii fi barattoonni dhaabbilee barnootaa olaanoo ENA’f yaada kennan akka jedhanitti, mariin biyyaalessaa kun rakkoo jiran mariin furuun nagaa fi tokkummaa biyyaa ni cimsa. Kanneen keessaa piroofeesar Alamaayyoo Gabramaaram akka ibsanitti, Itiyoophiyaan komishinii marii hundeessitee marii qabatamaatti seenuuf murteessuunshee tarkaanfii guddaadha. Adeemsi kun nageenya waaraa Itiyoophiyaa mirkaneessuuf shoora olaanaa akka qabaatu beeksisaniiru. Komishinichi aanaarraa eegalee kutaalee hawaasaa garagaraa mari’achiisuudhaan ajandaawwan ijoo saddet adda baasuunsaa bu’a qabeessummaa marichaaf gumaacha olaanaa akka qabaatu piroofeesar Alamaayyoon eeraniiru. Ajandaawwan filataman kunneen Itiyoophiyaanonni ijaarsaa fi misooma biyyaalessaa waloo irratti xiyyeeffatanii akka hojjetan haala akka mijeessuuf dabalanii eeraniiru. Adeemsi marichaa komishinii seeraa fi labsiidhaan hundeeffameen kan durfamuu fi walii galtee biyyaalessaa fulla’aa uumuuf kan kaayyeffate waan ta’eef, Afriikaa fi Addunyaan muuxannoo irraa fudhachuu kan danda’u hojii fakkeenyummaa qabu ta’uu hayyuun kun ibsaniiru. Adeemsi qaroomaan kun Itiyoophiyaanonni rakkoosaanii ofiisaanii furuu akka danda’an waltajjii addunyaarratti kan itti agarsiisan akka ta’u ibsaniiru. Yunivarsiitii Paabiliik Sarviisii Itiyoophiyaatti barsiisaan kutaa barnootaa bulchiinsaa fi hoggansaa Dr. Ujuluu Ukook gamasaaniin, mariin biyyaalessaa kun garaagarummaa mariidhaan furuun nageenya waaraa buusuuf qooda guddaa akka bahu dubbataniiru. Mariin kun lammiileen dhimmoota biyyaalessaa ijoorratti mari’achuudhaan waldhabdeen akka furamanii fi misooma waloorratti dammaqinaan akka hirmaatan carraa akka uumu amantaa qaban ibsaniiru. Haala wal fakkaatuun Yunivarsiitichatti barsiisaa fi qorataan komunikeeshinii misoomawaa fi qorannoo miidiyaa Dr. Zallaqaa Tashoomaa, mariin biyyaalessaa kun Itiyoophiyaa badhaatuu tokkummaanshee cimaa ta’ee fi nageenyi waaraan keessatti ciime uumuuf kan kaa’amu bu’ura cimaa ta’uusaa ibsaniiru. Milkaa’ina carraa seena qabeessa kanaaf kutaan hawaasaa hundi hirmaannaa fi tattaaffiisaa cimsuu akka qabu hubachiisaniiru.
Mariin Biyyaalessaa ijaarsa sabaa cimaa fi tokkummaa waaraaf bu’uura kaa’aa jira
Jul 10, 2026 1620
Adoolessa 3/2018 (ENA): Mariin biyyaalessaa kun ijaarsa biyyaa cimaa fi tokkummaa waaraaf bu’uura kaa’aa akka jiru pirezidaantonnii fi hoggantoonni dhaabbilee barnoota olaanoo ibsaniiru. Komishiniin marii biyyaalessaa Itiyoophiyaa hundeeffamee waggoota darbaniif ajandaa walitti qabuu fi hirmaattota adda baasuu irratti hojii bal’aa hojjechaa tureera. Komishinichi konfiraansii biyyaalessaa guddicha Adoolessa 8, 2018 irraa eegalee gaggeeffamuuf ajandaawwan gurguddoo saddeet ifoomseera. Ijaarsa biyyaa, gurmaa’ina mootummaa fi caasaa, sirna siyaasaa, bakka bu’ummaa siyaasaa fi sirna filannoo, dhimmi magaalota federaalaa Finfinnee fi Dirree Dhawaa fi dhimmoonni amantaa ajandaalee keessaa kanneen eeramanidha. Ijaarsa dhaabbilee, olaantummaa seeraa fi mirga namoomaa, dhimma hawaasummaa, diinagdee, fi qonnaan bultootaa fi horsiisee bultootaa, malaammaltummaa fi bulchiinsa gaarii, akkasumas dhimmoonni ijaarsa nageenyaa konfiraansii guddicha irratti mariidhaaf ajandaa ta’aniiru. Itti aanaan Daarektarri Olaanaa Inistiitiyuutii Leenjii Tuurizimii Federaalaa Yittaassab Siyyum Itiyoophiyaan biyya ijaarsa mootummaa bara dheeraa qabdu ta’uu hubachiisaniiru. Haa ta’u malee, adeemsa seenaa keessatti wal faallessuun siyaasaa, hawaasummaa, diinagdee mudate sababa walitti bu’iinsaa fi waliigaltee dhabuu adda addaa ta’eera jedhan. Walitti dhufeenya waliinii cimaa fi duudhaalee aadaa guddatan fayyadamuun rakkoon kamiyyuu minjaala irratti mari’achuun furmaata argachuu akka danda’u ibsaniiru. Adeemsi marii kanaaf eegalame waliigaltee biyyaalessaa fi nageenyi waaraa mirkaneessuuf gumaacha guddaa akka qabus hubachiisaniiru. Pireezidaantiin Yuunivarsiitii Samaraa Dr. Mahaammad Usmaan Itiyoophiyaa keessatti rakkoon jaarraa hedduuf deemaa turee fi marii barbaadu hedduun akka jiran hubachiisaniiru. Tokkummaa fi birmadummaa biyyattiif dandeettiin garaagarummaa jiru waliigalteedhaan furuu danda’uun iddoo guddaa qaba jedhaniiru. Adeemsi marii biyyaalessaa kun itti fufiinsa adeemsa ijaarsa biyyaa fi ce’umsa dhalootaa fayya qabeessa ta’eef murteessaa ta’uus dubbataniiru. Kanaaf, mariin amma taasifamaa jiru ce’umsa dhalootaa milkaa’aa ta’eef akkasumas aadaa marii fi nageenya dhaloota egeree dagaagsuuf gumaacha kan taasisu ta’uu ibsaniiru. Mariin biyyoolessaa kun tokkummaa biyyaa fi ijaarsa biyyaa cimaaf bu’uura kaa’aa akka jiru Pireezidaantiin Yuunivarsiitii Dabaarqi Doktar Asmamaawu Zagayyee himaniiru. Mariin kun rakkoo yeroo ammaa furuu qofa osoo hin taane biyya tasgabbaa'aa fi badhaate dhaloota dhufuuf dabarsee kennuuf kan gargaaru ta'uu ibsaniiru. Adeemsa marii kanarratti dhaabbileen barnootaa dammaqinaan hirmaachaa turuu isaanii ibsuun, kun cimee itti fufuu qaba jedhan. #Ena Afaan Oromoo #TOI
Gareen Hidhataa TPLF daa'immaniifi dargaggoota humnaan butuunsaa, fudhatama dhabuu garichaa agarsiisa- Ogeeyyii Miidiyaa
Jul 8, 2026 2516
Adooleessa 1/2018(ENA): Gochoonni ukkaamsuu fi humnaan daa'immanii fi dargaggoota butuu garee seeraan alaa TPLF’n raawwatamaa jiru murnichi guutummaan guutuutti fudhatama dhabuu isaa agarsiisa jechuun Rogeeyyii fi Ogeeyyiin miidiyaa ibsan. Naannoo Tigraay keessatti faayidaa dhuunfaa isaanii milkeessuuf uummata irratti gochoonni ukkaamsuu fi humnaan butuu bal'inaan itti fufaniiru jedhan Rogeeyyiin kunneen. Gochoonni kunneen uummata biratti mormii cimaa akka kaasan eeruun, hawaasni naannichaas gareewwan kanneeniif deeggarsa duraan kennaa ture guutummaatti dhaabuusaa ibsaniiru. Gaazexeessaan Awuraambaa Taayims Daawwit Kabbadaa, qaamoleen gocha kana raawwataa jiran daldala warqee fi albuudaa waliin walqabatee faayidaa dhuunfaa hedduu akka qaban dubbateera. Faayidaa isaanii eegsisuuf jecha buqqaatota deebisuuf hojjechaa jirra jedhanii akka haguuggiitti fayyadamaa jiru jedheera. "Isaan yaroo tokkoof waa'ee uummataa yaadu jedhee hin amanu" kan jedhe Daawwit Kabbadaan, sochiin yeroo ammaa taasisaa jiran hawaasa biratti fudhatama dhabuu ibseera. Sababa kanaanis dargaggoota humnaan butuun gara leenjii waraanaatti galchuu jalqabuu isaanii eeruun, konkolaattota geejjibaa uummataa illee dhaabsisuun dargaggoota ittiin deemsisaa jiraachuu ibseera. Gaazexeessituun Heermoon Fiqaaduu gamasheetiin, hoggantoota TPLF fi humnoota gocha badii kana raawwataa jiran cimsitee balaaleffatteetti. Bara ammaa keessatti fedhii isaaniifi pirooppaagaandaa sobaa milkeessuuf jecha, gochoota ukkaamsuu fi humnaan dargaggoota butuun fudhatama kan hin qabneefi baay'ee gaddisiisaa ta'uu ibsiteetti. Itti gaafatamaa Hariiroo Hawaasaa Paartii Tinsa'ee kan ta’an Indartaa Abrahaam Tsiggee, gareen kun dogoggora yeroo darbe irraa barachuu dadhabuu isaa ibsaniiru. Uummanni "kan darbe nu gaheera, dogoggora keessa deebinee hin seennu" jechuun garichaaf fudhatama guutummaatti dhaabuu isaa agarsiiseera jadhaniru. #Ena Afaan Oromoo #TOI #Ena
Jilli Konfiraansii Marii Biyyaalessaa irratti hirmaatu Finfinnee gala jalqabe
Jul 8, 2026 1652
Adoolessa 1/2018 (ENA): Konfiraansii Marii Biyyaalessaa Adoolessa 8 irraa eegalee gaggeeffamuuf bakka bu’oonni Finfinnee seenuu jalqabaniiru. Adeemsi Yaa’ii Marii Biyyaalessaa Itiyoophiyaan waggoota darbaniif geggeessaa turte amma marsaa xumuraa fi murteessaa irra ga’eera. Yaa’ii Marii Biyyaalessaa kanarratti ajandaaleen gurguddoon saddeet mariidhaaf kan adda baafaman yoo ta’u, bakka bu’oonni 4,000 ta’an golee biyyattii hundarraa gara Finfinnee galuun kanneen irratti bal’inaan mari’achuun furmaata waaraa kaa’uuf qophiitti jiru. Komishinii marii biyyaalessaatti Qindeessaan Naannoo, Bulchiinsa Magaalaa fi Diyaaspooraa Rattaa Geeraa ibsa miidiyaaleef kennaniin akka jedhanitti, miseensonni hawaasa diyaaspooraa naannoolee fi kutaalee addunyaa adda addaa irraa gara konfiraansii marii guddichaaf gara magaalaa Finfinnee seenaa jiru. Hirmaattota kana Yuunivarsiitii Pabliik Sarvisii Itiyoophiyaa fi iddoowwan mijatoo birootti akka keessummeessuu komishinichi beeksiseera. Konfiraansiin seena qabeessa kun Adoolessa 8, 2018 irraa eegalee Giddugala Walgahii Addis Konveenshinii keessatti ni gaggeeffama. Hirmaattonni ENA waliin turtii taasisan waltajjii seena qabeessa kana irratti mari’achuun waldhabdee yeroo dheeraaf ture haala qaroominaan hiikuuf carraa argachuu isaaniitti gammaduu isaanii ibsaniiru. Mariin seena qabeessa kun biyya badhaatuu fi tasgabbii qabdu ijaaruuf bu’uura cimaa akka ta’es hubachiisaniiru. Yeroo murteessaa kanatti mari’achuu, walii galuu fi walitti dhufnee biyya cimtuu dhaloota dhufuuf dabarsuuf abdii guddaa qabna jedhan. #Ena Afaan Oromoo #TOI #Ena
Filannoon Waliigalaa 7ffaan Guddinaa fi kutannoo uummata Itiyoophiyaa kan agarsiisedha – Ministira Muummee Dr.Abiyyi Ahimad
Jul 7, 2026 2646
Waxabajjii 30 /2018 (ENA): Filannoon waliigalaa torbaffaan uummanni Itiyoophiyaa guddinaa fi dandeettii qorumsa danda'uuf qabu kan agarsiisedha jedhan Ministirri Muummee Dr. Abiyyi Ahimad Ministirri Muummee Dr. Abiyyi Ahimad gaaffilee miseensota Mana Maree Bakka Bu'oota Uummataa biraa ka'aniif deebii fi ibsa kennaa jiru. Ibsa kennaniinis, filannoon waliigalaa 7ffaan qaama siyaasaa barachuuf fedha qabu kamiyyuuf barumsa guddaa kan kenne, uummanni Itiyoophiyaa immoo ogummaa fi qabeenya kuufamaa jaarraa dheeraa kan qabu ta'uu isaa kan mirkaneessedha jedhaniiru. Ministirri Muummee filannichi kanneen kanaan dura gaggeeffaman mara irraa adda kan isa taasisan keessaa gurguddoo ibsuun; mormitoonni ‘hin galmaa’iinaa, hin deeggarinaa fi hin filatinaa" jedhanii doorsisaa fi dhorkaa itti fe'an osoo hin sodaatin, uummanni gurmaayee bahuun hamma halkanitti kan filatee fi gootummaan guddaan kan keessatti argame ta'u ibsaniiru. Qaamoleen filannoon kun akka hin milkoofne barbaadan, filannicharratti xiyyeeffatee socho'aa akka turan yaadachiisaniiru. Humnoonni Baandotaa fi ergamtoota bobbaasan hundi filannoo waan hin jaallanneef, adeemsichi akka hin gaggeeffamneef waan danda'an mara gochuu isaanii ibsuun; ta'us hin milkoofneef jedhaniiru. Uummanni Itiyoophiyaa rakkina ce'uu fi dhimmoota ogummaan dabarsuu beeku, qorumsa kana hundumaa ce'ee filachuu fi injifachuu isaatiif kabajni guddaan isaaf mala jedhaniiru. Itiyoophiyaanonni sagalee tokkoon finxaalessummaa, gandummaa fi qomoon wal-qooduu hin barbaannu; biyya waliinii misoomsuu fi badhaadhomsuudha kan barbaannu dhaamsa jedhu filannichaan waliin calaqqisiisuu isaanii Ministirri Muummee ibsaniiru. Yeroo filannichaa ijoolleen isaanii biyya fi mootummaa jabaataa fi nagaa qabu argachuu qabu ejjennoo jedhu kan qabatan Itiyoophiyaanonni miiliyoonaan lakkaa'aman, keessumattuu maanguddoonni, dhukkubsattoonni fi haadholiin, osoo rasaasni itti dhuka'uu kanaan osoo hin na’iin gara buufata filannoo deemuun sagalee isaanii kennuu isaanii yaadachiisaniiru. Kutannoon lammiilee kun namoota filatamanii fi mootummaaf imaanaa guddaa kan kenne ta'uus ibsaniiru. Uummanni jalqabbii keessan jaallanneerra; hattoota isin keessa jiran qulqulleessitanii, tajaajila fooyyessitanii, Itiyoophiyaa jabduu fi badhaate ijoollee keessaniif dabarsuu dandeessu carraa jedhu waan nuuf kenneef, uummata keenya sirriitti tajaajiluu itti-gaafatamummaa guddaa qabna jedhaniiru. Seenaa filannoo Itiyoophiyaa fi Afrikaa keessatti, akkasumas qaamolee "filannoon nuun ala hin jiru" jedhanii, Paartiin Badhaadhinaa falmii fi mormii guddaa gaggeessuun murtoo guddaa dabarsuu isaa ifa taasisaniiru. Haaluma kanaan, paartichi filannichaan teessuma parlaamaa dhibbantaa 85 irratti qofa dorgomuun, teessoo hafe dhibbenta 15 immoo paartilee dorgomtootaaf qofatti akka irratti dorgomaniif carraa kennuu isaa dubbataniiru. Filannicharratti sagaleen hedduun akka hirmaatu fedhiin akka turee fi kanaanis paartileen siyaasaa dorgomtoota ta'an hedduun hirmaachuu isaanii ibsuun; waliigala filannichi nagaa, diimokiraatawaa fi Eeyyama uummataa kan argate ta'uun milkiidhaan xumurameera jedhaniiru.
Gareen ABUT duraanii dargaggoota Tigraay waraana Sudaan keessatti gaggeeffamaa jirutti gurguraa jira
Jul 7, 2026 2246
Waxabajjii 30/2018 (ENA): Gareen seeraan alaa ABUT dargaggoota Tigraay waraana Sudaan keessatti gaggeeffamaa jirutti gurguraa jiraachuu ministirri muummee Dr. Abiyyi Ahimad himan. Ministirri Muummee Dr. Abiyyi Ahimad gaaffilee miseensonni Mana Maree Bakka Bu’oota Ummataa raawwii hojii mootummaa bara baajataa 2018, yaa’ii idilee 30ffaa bara hojii waggaa 5ffaa ilaalchisee kaasaniif deebii kennaa jiru. Naannoo Tigraay ilaalchisee ibsa kennaniin MM Dr. Abiyyi Ahimad akka dubbatanitti, Waliigaltee Nageenyaa Piriitooriyaa dhimma salphaa osoo hin taane tarkaanfii guddaa nagaa waaraa ijaaruuf fudhatamedha jedhani. Carraan kun kan argame naannoo Tigraay keessatti bulchiinsi yeroo hundeeffamee, bu’uuraaleen misoomaa jeequmsaa fi miidhaman deebisuuf ta’uu ibsaniiru. Piritooriyaan akka mariitti ilaalamuu hin qaba kan jedhan Ministirri Muummee Dr. Abiyyi, mootummaan nageenya buusuuf gatii guddaa akka kaffale ibsaniiru. Haa ta'u malee, warri naannicha keessatti nageenya hin barbaanne ammas jireenya nagaa ummata Tigraay booressaa akka jiran dubbataniiru. Humnoonni nageenya diiguu kunneen maatii ofii Finfinnee, biyya alaa nagaa fi tasgabbiin eegaa kan jiran yoo ta’u, lubbuu namoota qulqulluu naannichaa irratti hookkara geessisaa akka jiran himaniiru. Keessattuu yeroo ammaa kana dargaggoonni Tigraay hedduun garee wayyaanee seeraan ala Sudaan keessatti butamanii waraanaaf gurguramaa akka jiran ibsaniiru. Ministirri Muummee Doktar Abiyyi Ahimad tarkaanfiin kun hatattamaan dhaabbachuu qaba kan jedhan yoo ta’u, harki mootummaan nagaaf diriirfame jabaa ta’uu mirkaneessaniiru. Kana malees, hidhattoonni kuma 60 gadi hin taane kaffaltii (DDR) erga argataniin booda raayyaa ittisa biyyaa irraa gad lakkifamuu, hidhamtoonni fi booji’amtoonni hedduun akka gadi lakkifaman ibsaniiru. #Ena Afaan Oromoo #TOI #Ena
Waliigalteen Nageenyaa Piriitooriyaa nageenya waaraaf gatii guddaa kaffalamedha - Ministira Muummee Dr. Abiyyi Ahimad
Jul 7, 2026 1973
Waxabajjii 30/2018 (ENA): Ministirri Muummee Dr. Abiyyi Ahimad Waliigaltee Nageenyaa Piriitooriyaa gatii guddaa nageenyaaf waaraaf kaffalame ta’uu ibsan. Ministirri Muummee Dr. Abiyyi Ahimad gaaffilee miseensonni Mana Maree Bakka Bu’oota Ummataa raawwii hojii mootummaa bara bajataa 2018 ilaalchisee kaasaniif deebii fi ibsa kennaa kennaa jiru. Kanuma waliin Ministirri Muummee Dr. Abiyyi Ahimad ibsa isaanii keessatti Waliigaltee Nageenyaa Piriitooriyaa ilaachisuun ibsa kennaniin, waliigalteen nageenyaa kun nagaa waaraa fiduu fi walitti bu’iinsa Itiyoophiyaa keessatti dhaabbachuuf gatii guddaa kaffalamedha jedhani. Naannoo Tigraayitti mootummaan yeroo hundeeffamu eeruun, Hidhattoota deebisanii dhaabuu hidhattoota duraanii kuma 60 ol leenjisuu fi deebisanii dhaabuun akka raawwatame ibsaniiru. Bu’uuraalee misoomaa fi dhaabbilee hawaasummaa naannicha keessa jiran deebisanii ijaaruun ummanni fayyadamoo akka ta’uuf tattaaffiin taasifamaa jira jedhan. Naannichatti ammas tattaaffiin nageenya booressuu akka jiru eeruun, ummanni Tigraay karaa nagaa bahee fi bahuu akka hin dandeenyee fi rakkoon kun hammaataa dhufuu dubbatani. Warri jeequmsa kakaasan ijoollee isaanii biyya alaa fi Finfinnee keessa kaa’anii, dargaggoota Tigraay hedduu waraana Sudaan keessatti hirmaachisuun fi kasaaraa guddaa irraan geessisaa akka jiran hubachiisaniiru. Ministirri Muummee ibsa kennaniin, waraana kakaasuuf irra deddeebiin tattaaffiin godhamus, mootummaan obsaan irra darbaa jira jedhan. Madda nageenya booressan mootummaan akka gaariitti akka beeku ibsaniiru, rakkoo kana madda irraa maqsuuf tarkaanfii barbaachisu akka fudhatu himaniiru. Mootummaan birmadummaa Itiyoophiyaa fi nageenya waaraa hundeessuuf dandeettii amanamaa akka qabus ibsaniiru. Ministirri Muummee Dr. Abiyyi Ahimad humnoonni nageenyaa fi seera kabachiisan biyyattii yeroo kamuu caalaa dandeettii lakkoofsa, qulqullinaa fi teeknooloojiin qaban ijaaruun haala kamiinuu ejjennoo nageenya qabu keessa akka jiraatan mirkaneessaniiru. #Ena Afaan Oromoo #TOI #Ena

Hawaasummaa
Ministirri Muummee Dr.Abiyyi Ahimad du'aan boqochuu Amiira duraa Kaataar Sheek Hamaad Biin Kaliifaa Al Taaniin gadda itti dhaga'ame ibsan
Jul 12, 2026 212
Adoolessa 5/2018 (ENA): Ministirri Muummee Dr. Abiyyi Ahimad Amiirri duraanii Kaataar Sheek Hamad Biin Kaliifaa Al Taanii lubbuun darbuutti gadda itti dhagahame ibsuun, mootummaa biyyattii fi uummata Kaataariif jajjabina hawwaniiru. Ministirri Muummee ergaa isaaniitiin, "Amiira " Sheek Hamaad Biin Kaliifaa Al Taanii keessattuu gaanfa Afriikaa keessatti nageenya buusuuf, mariidhaaf bu'uura kaa'uu irratti gahee guddaa kan gumaachan gaggeessaa ogeessa akka turan ibsaniiru. Keessattuu Itiyoophiyaadhaaf xiyyeeffannoo addaa kennaa akka turanii fi michummaan biyyoota lamaanii jalqaba Hijiraa irraa eegalee bu'uura seenaa dheeraa akka qabu deddeebisanii ibsaa akka turan Ministirri Muummee yaadachiisaniiru. Daawwannaan hojii isaan Itiyoophiyaatti taasisan immoo michummaa tarsiimawaa biyyoota lamaanii fi waliigalteewwan tumsaa mallatteeffamaniif bu'uura kan kaa'e akka ture ibsaniiru. Hariiroon seenaa biyyoota lamaanii kun gaggeessummaa Amiira ammaa Sheek Taamiim Biin Hamaad Al Taaniitiin caalaatti cimee akka itti fufu Ministirri Muummee Dr. Abiyyi Ahimad amantaa qaban ibsuun; gaggeessaa du'aan boqotan kanaaf boqonnaa, maatii isaanii fi uummata Kaataariif jajjabina hawwaniiru.
Dorgommiin Fiigicha kiiloomeetira 5 Komishiniin Marii Biyyaalessaa Itiyoophiyaa qopheesse gaggeeffamaa jira
Jul 12, 2026 260
Adoolessa 5 / 2018 (ENA): Fiigichi guddaan kiiloomeetira 5 Komishiniin Marii Biyyaalessaa Itiyoophiyaa qopheesse Finfinnee Addabaabayii Masqalaatti gaggeeffamaa jira. Mata-duree "Itiyoophiyaan mari'achaa jirti" jedhuun sagantaa Addabaabayii Masqalaatti gaggeeffamaa jiru kanarratti Dubartoota, Daa'immanii fi Dargaggoota dabalatee kutaaleen hawaasaa hedduun hirmaachaa jiru. Mariin biyyaalessaa Itiyoophiyaa kan walii galaa(guddaan) Adoolessa 8 bara 2018 irraa eegalee Finfinneetti kan gaggeeffamu yoo ta'u; bakka bu'oonni uummataa biyya keessaa fi alaa yaa’ii walii galaa kana irratti hirmaatanis gara Finfinnee seenaa jiru. Marii walii galaa (guddaa) kanarratti, bakka bu'oonni uummataa dhimmoota guguddoo saddeet kanneen armaan gadii irratti kan mari'atan ta'a: Ijaarsa biyyaa, Caasaa fi gurmaa’insa Mootummaa, Sirna siyaasaa, bakka bu'ummaa fi sirna filannoo, Dhimma Magaalota Federaalaa (Finfinnee fi Dirree Dhawaa), Dhimmoota Amantii, Ijaarsa dhaabbilee, olaantummaa Seeraa fi mirga namoomaa, Dhimmoota hawaasummaa fi dinagdee (dhimma qonnaan bulaa fi horsiisee-bulaa dabalatee), Akkasumas Malaammaltummaa, Bulchiinsa gaarii fi ijaarsa nageenyaa dabalatee dhimmoota ijoo saddeet irratti bakka bu’oonni uummataa kan marii’atan ta’a. Sagantaa fiigicha kiiloomeetira 5 Addabaabayii Masqalaatti qophaa'e kana irratti, Itti-aanaan Walitti-qabaa Koree Dhaabbii Dhimmoota Dimokiraasii Mana Maree Bakka Bu'oota Uummataa Obbo Azmiraawu Andamoo, Komishinarri olaanaan Komishinii Marii Biyyaalessaa Itiyoophiyaa Piroofeesar Masfin Ari'aayaa, akkasumas hoggantoonni olaanoo fi Komishineeroonni Komishinichaa argamaniiru.
Godina Baaleetti filmaattota carraa hojii uuman bal’isuudhaan fayyadama dinagdee dargaggootaa guddisuun danda’ameera
Jul 11, 2026 489
Adoolessa 4/2018 (ENA)- Naannoo Oromiyaa Godina Baaleetti filmaattota carraa hojii uuman bal’isuudhaan fayyadama dinagdee dargaggootaa guddisuuf hojii hojjetameen bu’aan qabatamaan mul’achuusaa waajjirri carraa hojii uumuu fi dandeettii godinichaa beeksise. Bara bajatichaa godinichatti dargaggoota kuma 89 fi 500 caalaniif carraan hojii uumamuun beekameera. Hogganaan waajjirichaa obbo Tashoomaa Lammii ENA’f addatti akka ibsanitti, godinichatti filmaattota carraa hojii uumuu bal’isuudhaan fayyadama dinagdee dargaggootaa guddisuuf hojii hojjetamaniin bu’aan qabatamaan argameera. Bara bajatichaatti dargaggoota kuma 89 fi 500 caalaniif damee garagaraan carraan hojii uumamuu dubbataniiru. Carraan hojii dargaggootaaf uumame dameewwan misooma qonna magaalaa, hojii sibiilaa fi mukaa, horsiisa lukkuu fi beelladaan akka ta’e ibsaniiru. Hojii kanaaf liqiin birria miiliyoona 964 ol kan mijeeffameef yoo ta’u, lafa qonnaa hektaara kuma 4 fi 540 akka argatan godhamuu dabalanii ibsaniiru. Liqii mijeeffame Kanaan tiraakterri qonnaa 50 akka bitameef dubbataniiru. Bulchaan aanaa Agaarfaa obbo Abdulqaadira Usmaan gamasaaniin, aanichatti inisheetiiviin qonna magaalaa fi industirii godoo dargaggoota hedduuf madda galii ta’aa dhufeera jedhan. Bara bajatichaatti aanichatti dargaggoota kuma 10 ol damee Kanaan carraa hojii fayyadamoo ta’aniif liqii birrii miiliyoona 185 caalu akka argatan godhamuu dubbataniiru. Aanaa Agaarfaatti carraa hojii kan fayyadaman keessaa Adam Abdallaa yaada kenneen,, hojii mukaa fi sibiilaarratti bobba’uudhaan bu’a qabeessa ta’uudhaan dargaggoota biroof carraa hojii uumuusaa dubbateera. Fuulduras Invastimantii caalutti cehuuf cimee akka hojjetu ibseera. Dargaggoo Abdullaxiif Abdulmanaan gamasaatiin, magaalichatti loon aannanii horsiisuudhaan bu’a qabeessa ta’aa dhufuusaa dubbateera. Hojii Kanaan bu’a qabeessa ta’uun maatiisaa bulchuurra darbee guduunfaa horachuusaa dubbateera. Bara bajataa darbe godina Baaleetti dargaggoota kuma 75 ta’aniif carraan hojii uumamee akka ture eerameera. See less
Tajaajilli tola ooltummaa gannaa ummattoota jidduutti walitti hidhamiinsa hawaasummaa cimaa uumuuf faayidaa olaanaa qaba
Jul 11, 2026 429
Adoolessa 4/2018 (ENA)- Tajaajilli tola ooltummaa gannaa harka qalleeyyii deeggaruun gamatti, ummattoota jidduutti walitti hidhamiinsa hawaasummaa cimaa uumuuf faayidaa olaanaa akka qabu hoogganaan waajjira paartii badhaadhinaa damee naannoo Hararii obbo Geetuu Wayyeessaa ibsan. Hoogganaan waajjira paartii badhaadhinaa damee naannoo Hararii obbo Geetuu Wayyeessaa,tajaajila tola ooltummaa ganaa bara kanaa ilaalchisuun ilaalchisuun ibsa kennaniiru. Tajaajilli tola ooltummaa gannaa harka qalleeyyii deeggaruun gamatti, ummattoota jidduutti walitti hidhamiinsa hawaasummaa cimaa uumuuf faayidaa olaanaa akka qabu ibsasaaniin eeraniiru. Tajaajila tola ootummaa gannaa baranaatiin hojiiwwan tola ooltummaa garagaraa 14 karoorfamanii hojiitti galamuu ibsaniiru. Tajaajilli tola ooltummaa gannaa mana manguddootaa fi harka qalleeyyii suphuu, haaromsuu fi maneen haaraa ijaaruu akka of keessaa qaba jedhaniiru. Akkasumas biqiltuuwwan mandhalee fi muduraa dhaabuudhaan hojiiwwan eegumsa naannoo fi qonnaa akka raawwataman dubbataniiru. Dabalataanis humna ummataa fi qaamolee deeggartootaa qindeessuudhaan, ijaarsi kutaalee barnootaa haaraa fi kutaalee barnootaa turan haaromsuun akka raawwatamu ibsaniiru. Tajaajila tola ooltummaa Kanaan sagantaan deeggarsa meeshaalee barnootaa fi maaddii qooduu dabalatee qorannoo bilisaa, tajaajilli waldhaansaa akkasumas dhiiga arjoomuun akka gaggeeffamu ibsaniiru. Hojiileen tajaajila tola ooltummaa magaalaa mijataa fi jireenyaaf akka mijatu godhan akka raawwataman eeraniiru. Sagantaa tajaajila tola ooltummaa gannaa Kanaan kutaalee hawaasaa kuma 344 fi 614 fayyadamoo gochuuf karoorfamee hojiitti galamuu ibsaniiru.
Diinagdee
Waggoota jijjiiramaa darban keessa Dabra Maarqos dabalatee buufatni xiyyaaraa biyya keessaa shan ijaaramanii tajaajila jalqabaniiru
Jul 12, 2026 243
Adoolesa 5/2018 (ENA): Waggoota jijjiiramaa darban keessa Dabra Maarqos dabalatee buufatni xiyyaaraa biyya keessaa shan ijaaramanii tajaajila eegaluu isaanii Daandiin Qilleensa Itiyoophiyaa beeksise. Ministirri Muummee Dr. Abiyyi Ahimad Buufata Xiyyaaraa Mootii Taklahayimaanot Dabra Maarqos eebbisuun hojii eegalchiisaniiru. Hoji-geessisaan Ol'aanaan Daandii Qilleensa Itiyoophiyaa Masfin Xaasawu sirna kanarratti; daandiin qilleensichaa bu'uura misoomaa guddaa kana ijaaree magaalaa Dabra Maarqosii fi jiraattota naannichaatiif tajaajila geejjiba qilleensaa amansiisaa dhiyeessuu isaa ibsaniiru. Hoji-geessisaan Ol'aanaan kun akka ibsanitti, Daandiin Qilleensa Itiyoophiyaa magaalaa Dabra Maarqosiif tajaajila balallii kennuu kan eegale waggoota 50 dura ture. Ta'us, daandiin qilleensichaa xiyyaarota "DC-6" tajaajilaan ala yeroo taasisutti, balalliin sun waggoota dheeraaf addaan citee turuu isaa ibsaniiru. Sababiin guddaan balalliin sun addaan citeef, xiyyaarotni daandiin qilleensichaa balallii biyya keessaatiif ramade gurguddoo ta'uu isaanii fi buufatni xiyyaaraa Dabra Maarqos yeroo sana ture xiyyaarota sana keessummeessuuf dandeettii dhabuu isaan akka ture ibsaniiru. Sababa kanaanis, uummanni naannichaa gara Finfinneetti imaluu yeroo barbaadutti, sulula laga Abbayyaa kan nuffisiisaa ta'e qaxxaamuree kiiloo meetra 300 konkolaataadhaan imaluun filannoo tokkicha ta'ee turuu isaa yaadachiisaniiru. Yeroo dhihoo asittis rakkoolee daandii irratti darbee darbee mudatan jalaa ba'uuf, jiraattonni konkolaataadhaan gara Baahir Daaritti imaluun, karaa sanaan xiyyaaraan gara Finfinneetti imaluuf dirqamaa akka turan eeraniiru. Hojii jalqabuun buufata xiyyaaraa gaaffii seenaa uummataa deebise kun, uummanni gara Finfinnee ykn Baahir Daaritti sa'aatii tokkoo gadi keessatti geejjiba qilleensaa nageenyisaa eegamee fi mijataa ta’een imaluuf kan dandeessisudha jedhaniiru.
Ergaa Ministirri Muummee Dr. Abiyyi Ahimad Dabarsan:
Jul 12, 2026 229
Buufata Xiyyaaraa Mootii Takilahaymaanot kan uummani Dabre Maarqoosii fi naannawa ishee waggoota hedduuf hawwiin eegaa turee fi waggoota 30f addaan citee ture, bifa ammayyaa fi sadarkaansaa fooya’ee ijaaramee har'a ifatti eebbisiisneerra. Buufanni Xiyyaaraa dheerina meetira kuma 2fi 400 bal'ina meetira 30 irratti ijaarame kun, xiyyaarota gurguddoo uummataa fi meeshaalee fe'an kanneen akka Q400 fi B737 qubachiisuuf dandeettii ol'aanaa uumeera. Buufatni xiyyaaraa kun hojii eegaluunsaa sochii Daldalaa, Investimentii fi Turizimii naannichaa haala ol'aanaan kakaasuun, guddina dinagdee naannichaa fi guutuu biyya keenyaatiif boqonnaa haaraa bana. Qormaatilee gara carraatti jijjiiruudhaan, gaaffiwwan misoomaa uummata keenyaa sadarkaan deebisuufi pirojektoota gurguddoo eegalle qulqullinaa fi ariitiin xumurre eebbaaf geessisuuf kutannoo qabnu gochaan argisiisuu keenya itti fufna.
Bu’uraaleen misoomaa kooriidaraa fi daandii Finfinneetti ijaaraman sochii tiraafikaaf gumaacha olaanaa taasisaa jiru
Jul 11, 2026 654
Adoolessa 4/2018(ENA)- Bu’uraaleen misoomaa kooriidaraa fi daandii Finfinneetti ijaaraman sochii tiraafikaaf gumaacha olaanaa taasisaa akka jiran namoonni yaada kennan dubbatan. Misoomni kooriidarii magaalattii miidhagsuunii fi bu’uraalee misoomaa daandii ammayyaa diriirsuudhaan, sochii tiraafikaa si’achiisuurra darbee jiraattotaaf bakka mijataa, nageenyisaa eegamee fi si’ataa uumeera. Konkolaachiftoonni yaada kennan daandiiwwanii haaraa fi misoomni kooriidaraa magaalattiitti hojjetaman sochii tiraafikaa si’achiisuudhaan jijjiirama gaarii fidaniiru jedhaniiru. Konkolaachisaan Hayilee Zamadkuu fi Xeenaayee Xankir akka ibsanitti, misoomni kooriidaraa sochii tiraafikaaf mijataa fi daandiiwwan ammayyaa uumuudhaan konkolaachisuuf haala mijataa yaaddoo hin qabne uumeera. Daandiiwwan miidhagaa fi bal’aan bifa magaalattii jijjiiran kunneen qulqullinni diizaayiniisaanii fi mallattoon daandiirraa guutuu ta’an balaan tiraafikaa akka hir’atu gumaacha olaanaa taasisaa jiru jedhaniiru. Konkolaachisaan Buruuk Giruum misoomni kooriidaraa muddama tiraafikaa Kanaan dura ture furuudhaan konkolaachiftoonni bilisa ta’anii akka oofan gochuusaatiin yeroo imalaa gabaabaa fi haala mijataa ta’een socho’uun danda’eera jedhaniiru. Dandeettiin daandii dabaluunsaa sochiin tiraafikaa fooyya’uu qofa osoo hin taane, balaa hir’isuudhaan konkolaachiftootaaf aara galfii guddaa uumuusaa eeraniiru. Jiraattota magaalichaaf bakkee jireenyaa fi sochii mijataa uumuudhaaf gumaacha olaanaa qabu. Itti aanaan daarektara olaanaa abbaa taayitaa maanajmantii tiraafikaa Finfinnee obbo Eliyaas Zargaa akka ibsanitti, hojiiwwan misooma kooriidaraa hojjetaman sochii tiraafikaa si’achiisuunii fi sochii geejjibaa magaalattii nagaa qabeessa gochuudhaan qooda olaanaa bahachaa jiru. Daandiin ammayyaa kun nageenyi lafoo deemtotaa eegamee akka deeman haala mijataa uumuusaatiin balaa namaa fi qabeenyarra gahaa ture guddaa hir’isuun danda’ameera jedhaniiru.
Bu’aa daldala alergiin argame caalaa guddisuuf ququllina oomishaa fi sona dabaluurratti xiyyeeffatameera-Ministira Dr. Kaasahuun Goofee
Jul 11, 2026 526
Adoolessa 4/2018 (ENA)- Bu’aa daldala alergiin biyyattiitti argame caalaa guddisuuf ququllina oomishaa fi sona dabaluurratti xiyyeeffatamee akka hojjetamu Ministirri daldalaa fi walitti hidhamiinsa riijinii Dr. Kaasahuun Goofeei bsan. Ministirichi paarkii industirii oomisha qonnaa qiqindeessuu Yirgaalamiin wayita daawwatan kaampaaniiwwan paarkicha keessatti Avokaadoo, Zayitaa fi Buna qiqindeesan ilaalaniiru. Ministirri daldalaa fi walitti hidhamiinsa riijinii Dr. Kaasahuun Goofee wayita kana akka jedhanitti, mootummaan galii daldala alergii guddisuuf sona dabaluurratti tattaaffiiwwan taasifaman cimsuuf xiyyeeffannoo addaa kennee hojjechaa jira. Keessumaa dandeettii dame qonnaatiin jiru sirnaan itti gargaaramuunii fi akkaataa gabaan barbaaduun sona itti dabaluudhaan erguurratti tattaaffiiwwan eegalaman kan jajjabeeffamanidha jedhaniiru. Paarkicha keessatti kaampaaniiwwan avokaadoo fi Buna irratti sona dabaluun argannoo galii alaa fi oomisha bakka bu’an hojjetanii ilaaluusaanii eeranii, hojii kana cimsanii akka itti fufan dubbataniiru. Barana Itiyoophiyaan daldala alergiirraa galii doolaara biiliyoona 11 ol argachuudhaan bu’aa olaanaa galmeessisuushee ministirichi ibsanii, soochiiwwan paarkii kana keessatti argaman guddisuu barbaachisa jedhaniiru. Adeemsa amma ammaatti jiruun bu’aawwan akka biyyaatti oomishaalee bakka bu’anirratti argaman cimsuuf tattaaffiiwwan taasifaman jajjabeessaa ta’uusaanii eeraniiru. Adeemsa Kanaan ammo paarkiiwwan oomishaalee qonnaa qiqindeessan dhaabbachuusaanii gumaacha olaanaa gumaachaa akka jiru dubbataniiru. Hojii gaggeessaan “buna qiqindeessaa Mayi Mayi” waldaa dhuunfaa itti gaafatamnisaa murtaa’ee paarkii industiricha keessatti Buna qiqindeessuu Mister Jeeyi San, deeggarsa mootummaarraa argataniin hojiitti galuusaanii eeraniiru.
Saayinsii fi teeknooloojii
Itiyoophiyaan dandeettii hojmaataa fi teeknooloojii nageenya saayibarii eegsisuu dandeessisu horatteetti
Jul 11, 2026 804
Adoolessa 4/2018 (ENA)- Itiyoophiyaan dandeettii seeraa, hojmaataa fi teeknooloojii nageenya saayibarii eegsisuu dandeessisu horachuushee bulchiinsi nageenya neetwoorkii odeeffannoo ibse. Foramiin nageenya odeeffannoo paarlaamaa idil addunyaa kaleessa Adoolessa 3 bara 2018 irraa eegalee guyyoota lamaaf galma wal gahii mana maree bakka bu’oota ummataatti gaggeeffamaa ture xumurameera. Itti fayyadamni hubannoo nam-tolchee , nageenyi saayibarii, eegumsi bu’uraalee misoomaa ijoo, namoota seeraan ala deddeebisuu fi dhimmoota akka addunyaatti yaaddoo ta’an irratti waltajjii kanaan bal’inaan mari’atameera. Itti aanaan daarektara bulchiinsa nageenya neetwoorkii odeeffannoo Daani’eel Guutaa wayita kana akka jedhanitti, yaaddoowwan nageenya Saayibarii daangaa kan cehan waan ta’eef yaaddoo qolachuuf seerota idil addunyaa wal simsiisuu fi hojiin qindoominaa murteessaadha. Biyyoonni nageenya saayibarii eegsisuu fi haleellaawwan aggaamaman seera wal siman qabaachuu akka qaban kaasanii, Itiyoophiyaanis haala Kanaan hojjechaa akka jirtu ibsaniiru. Itiyoophiyaan nageenya saayibarii eegsisuu kan ishee dandeessisu dandeettii seeraa, hojmaataa fi teeknooloojii horatteetti. Foramiin kun Itiyoophiyaan waltajjiiwwan idil addunyaa qophheessuuf dandeettii qabdu agarsiisuu fi biyya beeksisuuf gumaacha kan taasisu ta’uu dubbataniiru. Miseensi mana maree bakka bu’oota ummataa Naayijeeriyaa fi foramichaa Dr. Agbadii Yeetiiyenee Fireedriik foramii Itiyoophiyaatti qophaa’erratti hirmaachuunsaanii biyyoota garagaraa irraa muuxannoo wal jijjiiruuf kan gargaaru ta’uu dubbataniiru. Inistiitiyuutii teeknooloojii industirii kaaliingaa Hinduutti argamutti daarektarri hariiroo idil addunyaa Dr. Vaaruun Sutraa gamasaaniin, Itiyoophiyaan foramii kana karaa ogummaatiin gaggeessuunshee kan dinqisiifamu ta’uu ibsaniiru.
Naannoo Oromiyaatti Tajaajilli Wiirtuu Tokkoo 'Masoob' Wiirtuulee 53 Keessatti kennamaa jira
Jul 8, 2026 1264
Adoolessa 1/2018 (ENA): Naannoo Oromiyaatti bara baajataa 2018 keessa tajaajila wiirtuu tokkoo 'Masoob' gara wiirtuulee 53tti bal'isuun, hawaasaaf tajaajila si’ataan kennamaa jiraachuu Biroon Paablik Sarviisii fi Misooma Qabeenya Namaa Naannichaa beeksise. Tajaajilli wiirtuu tokkoo 'Masoob' rakkoolee kenniinsa tajaajila mootummaa Itiyoophiyaa keessa jiran haala waaraan hiikuuf gara hojiitti gale kun, yeroo ammaa naannolee hundatti babal'achaa jira. Tajaajilli Naannoo Oromiyaatti jalqabame kun naannichatti haalaan qaqqabamaa dhufuu isaa fi kenninsi tajaajilasaas si’ataa fi qulqulluu ta'uunsaa ibsameera. Itti-aanaan Hogganaa Biiroo Paablik Sarviisii fi Misooma Qabeenya Namaa Naannichaa obbo Daamxoo Gammachuu ENA’f akka ibsanitti, bara baajataa 2018tti tajaajilicha caalaatti qaqqabamaa gochuun hawaasaaf deebii si’ataa kennuuf hojiilee hedduun hojjetamaa jiru jedhani. Tekinooloojiin deggaramuun magaalota gurguddoo shan keessatti hojiin eegale kana bal'isuun, yeroo ammaa kanatti naannicha keessatti Godinaalee hundatti wiirtuuleen 53 banamanii tajaajila kennaa jiraachuu ibsaniiru. Qulqullina tajaajiloota wiirtuulee kanaan kennaman caalaatti fooyyessuuf xiyyeeffannoon hojjetamaa akka jiru eeraniiru. Tajaajila kanaan hawaasni yeroo gabaabaa keessatti dhimma barbaadu galmaan ga’achuu danda'eera; kunis lammiilee deddeebbiifi baasii hintaaneerraa oolchuu bira darbee, hojiilee misoomaa irratti akka xiyyeeffatan isaan dandeessiseera jedhaniiru. Hojmaatni kun naannichatti sektera tajaajilaa irratti fooyya'iinsa guddaa fidaa akka jiru eeranii, keessattuu tajaajilichi wiirtuu tokko keessatti kan gurmaa'e, si’ataa, mijataafi iftoomina kan qabu waan ta'eef, sochii investimentii haala gaariin kakasaa jiraachuu ibsaniiru. Tajaajila kanaan gammachuu hawaasaa dabaluun kan danda'ame yoo ta'u, hamma ammaatti miseensonni hawaasaa kumni 700 ol tajaajilichaarraa fayyadamoo ta'aniiru. Wiirtuuleen kun Godinaalee bira dabranii gara aanaaleettis qaqqabaa waan jiraniif, gara fuulduraatti aanaalee naannichaa hundatti tajaajilicha dhaqqabsiisuuf hojjetamaa jira. Dabalataanis, gara fuulduraatti hojmaata dijiitaalaayizeeshinii (digitalization) guutummaatti dhugoomsuun, hawaasni tajaajilicha bakka jirutti sarara qunnamtii (Online) kanaan akka argachuu danda'uuf xiyyeeffannoon kan hojjetamu ta'uu eeraniiru.
Wiirtuun kenninsa Tajaajila iddoo tokkoo ‘Masoob’ Magaalaa Shaambuutti eebbifamuun hojii eegale
Jul 6, 2026 1361
Waxabajji 29/2018 (ENA): Godina Horroo Guduruu Wallaggaa Magaalaa Shaambuutti wiirtuu kenninsa tajaajila iddoo tokkoo ‘Masoob’ xumuramuun eebbifamee tajaajilaaaf banaa ta’uun ibsameera. Bulchaan Godina Horroo Guduruu Wallaggaa obbo Mirreessaa Fiixee sirna eebbaa kanarratti tajaajilli wiirtuu tokkoo ‘Masoob’ haqummaa fi amanamuummaa akkasumas walqixxummaan tajaajila si'ataa, qulqulluu uummanni Mootummaa irraa barbaadu kennuuf murteessaa ta'uu ibsaniiru. Mootummaan Inisheetiviiwwan fayyadamummaa uummataa mirkaneessan hojiirra oolchaa kan jiru yommuu ta'u, Inisheetiviin Tajaajila iddoo tokkotti karaa ammayyaa'aa ta'een hawaasatti siquun Tajaajila Walqixaa kennuu irrattis xiyyeeffannoon hojjetamaa jiraachuus himaniiru. Kantiibaan Magaalaa Shaambuu obbo Nagaroo Baanee ‘Masoob’ tajaajilli wiirtuu tokkoo kenninsa tajaajila ammayyeessuun rakkoolee bulchiinsa gaarii turan furuun amantaa uummanni mootummaarraa qabu kan dabalu ta'uu himaniiru. Masoob tajaajila wiirtuu tokkoon Tajaajiloota sekterootaa mootummaa fi dhaabbilee dhuunfaan hawaasaaf kennaman 90 foddaawwan 12'n tekinoloojiin deeggaruun kennamuu har’a eebbifamuun hojii eegale rakkoowwan ammaan dura turan akka furu ibsaniiru. Tajaajilli Wiirtuu tokkoo ‘Masoob’ hojii eegaluun deddeebii fi qisaasama yeroo hambisuun tajaajila qulqulluu fi ammayya'aa ta'e kan isaaniif kennu ta'uu jiraattootni Magaalaa Shaambuu sirna eebbaa kanarratti argaman himaniiru jechuun Waajjrri Komunikeeshinii Godina Horroo Guduruu gabaaseera.
Yuunivarsiitichi sanyii saawwan aannan fooyya’an horsiisuun qonnaan bulaa naannoosaatiif raabsaa jira
Jun 30, 2026 4318
Waxabajjii 23/2018 (ENA): Yuunivarsiitiin Amboo sanyii saawwan Aannan fooyya’an horsiisuun qonnaan bulaan naannichaa akka irraa fayyadamuuf deeggarsa gama isaatiin taasisaa jiraachuu beeksise. Yuunivarsiitii Amboo Kaampasii Gudar Maammoo Mazammiritti Itti Aanaan daarektara dhimmoota akkaadaamii Dr. Amaan Riqituu ENA’f akka ibsanitti, yuunivarsiitichi hojii baruu fi barsiisuu cinaatti, qorannoodhaan deeggaruun sanyii saawwan aannan fooyya’an horsiisee qonnaan bulaa naannoo sanaatiif akka qaqqaban taasisaa jira jedhan. Yuunivarsiitichi Aanaa Tokkee Kuttaayee waliin qindoomuun, kutaalee hawaasaa deeggarsi isaaniif malu adda baasuun, haala saawwan aannan fooya’aa kunneen itti dhiyaatan mijeessuun deeggarsa akka taasisan dubbataniiru. Kunis galii qonnaan bultootaa dabaluu bira darbee, naannichatti dhiyeessiin aannanii fi bu’aalee aannanii bal’inaan gabaadhaf akka dhiyaatu gochuu keessatti gahee guddaa taphachaa akka jiru ibsaniiru. Yuunivarsiitichi bara 2015 irraa eegalee hanga ammaatti saawwan aannan sanyiin isaanii fooyya’e 15 qonnaan bultoota naannoo sanatiif kennuu isaa dubbataniiru. Gama biraatiin, kaampasichatti hogganaan garee qorannoo horsiisa sawwan aannanii Obbo Tarreessaa Tamasgeen, yuunivarsiitichi omisha aannanii hawaasaa guddisuuf sanyii saawwan Horroo, Booranaa fi sanyii biyya alaa qorannoodhaan makuunii fi horsiisuun qonnaan bultoota naannootiif raabsaa akka jiru eeraniiru. Yeroo ammaa kanatti saawwan Aannan qorannoodhaan sanyiin isaanii fooyya’e 170 akka jiran kaasanii, isaan keessaas kurnan isaanii bara kana qonnaan bultootaaf qaqqabsiisuuf xiyyeeffannoodhaan hojjetamaa akka jiru ibsaniiru. Godina Shawaa Lixaa Aanaa Tokkee Kuttaayee irraa qonnaan bulaan Misgaanaa Lataa akka dubbatanitti, saawwan Aannanii Yuunivarsiiticha irraa isaaniif kenname irraa guyyaatti aannan hanga liitira 15 argachaa jiru. Omisha aannanii kana hawaasa naannootiif dhiyeessuun galii argataniin maatii isaanii haala gaariidhaan bulchaa akka jiran dubbataniiru.
Ispoortii
Ciminni Ispoortii ummataa dhaloonni fayyaa buleessi akka jiraatu gochuun olitti duudhaa waloomaa niguddisa
Jul 11, 2026 503
Adoolessa 4/2018 (ENA)- Ciminni Ispoortii ummataa dhaloonni fayyaa buleessi akka jiraatu gochuun olitti duudhaa waloomaa kan guddisu ta’uu komishiniin ispoortii naannoo Hararii beeksise. Magaalaa Hararitti kan argamu bakka bashannanaa Abaadir Pilaazaatti sosochiin qaamaa gaggeeffameera. Hoggantoonni olaanoo naannichaa, qopheessitoonni fiigicha guddichaa Itiyoophiyaa, hojjettoonni waajjiraalee sektarootaa, dargaggoonni, daa’immanii fi jiraattonni magaalaa hedduun saganticharratti argamaniiru. Komishinariin komishinii ispoortii naannichaa obbo Muraad Abdii wayita kana akka jedhanitti, sosochiin ga’umsa qaamaa cimina qaamaa guddina sammuu akkasumas lammii fayya buleessaa fi ga’oomaa horachuuf faayidaa inni qabu ibsaniiru. Sosochiin ga’umsa qaamaa faayidaa fayyaarra darbee duudhaa waloomaa lammiilee kan guddisuu fi dhaloota ofitti amanu bocuuf faayidaa olaanaa akka qabu dubbataniiru. Hojiiwwan ispoortii kana fakkaatan cimanii akka itti fufan komishinarichi hubachiisaniiru. Komishinariin komishinii turizimii naannoo Hararii Saamii Abdulwaasii gamasaaniin, damee turizimii naannichaa guddisuuf misoomni kooriidarii fi hojiiwwan eegumsa hambaa bal’inaan hojjetamaniiru jedhaniiru. Haala Kanaan hambaalee balaarra jiran baraaruuf gargaaruurra darbee, magaalaa Harar jiraattotaa fi daawwattootaaf caalaatti miidhagduu, hawattuu gochuun danda’amuusaa eeraniiru. Adoolessa 12 bara 2018 naannichatti mata duree “Fiigicha golambaa jiraataatti” jedhuun dorgommiin sadarkaa guutuu biyyaatti akka gaggeeffamu eeranii dorgommichi turizimii ispoortii beeksisuuf hojii hojjetamu keessaa tokko ta’uu dubbataniiru.
Tapha mo’anii darbuu waancaa addunyaa 23 har’a galgalaa
Jun 30, 2026 4499
Waxabajjii 23/2018(ENA): Taphoota moo’anii darbuu Waancaa Addunyaa morkiin har’a Kootdivuwaar Noorweey waliin taasiftu ni eegama. Biyyoonni lamaan morkiin har’a galgala sa’aatii 2:00 eegalee waliin taasisan hawwiin eegama. Yeroo jalqabaaf har’a kan waliin taphatan biyyoonni kunneen marsaa itti aanutti darbuuf morkii cimaa taasisuun eegama. Akkasuma halkan sa’aatii 6:00 eegalee Faransaay Siwiidiin waliin taphatti. Biyyoonni lamaan taphoota kana dura waliin taphatan 24 keessaa Faransaay yeroo 12 yoo injifattu, Siwiidiin si’a 6 injifachuun, taphoota 6 ammoo qabxii qooddataniiru. Taphoota halkan edaa fi barii kana taphatamaniin Paaraaguwaay Jarman injifachuun, Moorokoon ammoo Neezarlaandis injifachuun marsaa itti aanuuf darbaniiru.
Ijaarsi Bu'uuraalee misoomaa Itiyoophiyaa gidduu-gala ispoortii Afriikaa fi Addunyaa taasisan cimee itti fufeera
Jun 29, 2026 2675
Waxabajjii 22/2018 (ENA): Itiyoophiyaa giddu-gala ispoortii Afriikaa fi Addunyaa taasisuuf hojiileen misooma dippilomaasii fi bu'uuraalee misooma ispoortii raawwatamaa jiraachuu Ministeerri Aadaa fi Ispoortii beeksise. De’eetaan Ministira Aadaa fi Ispoortii Makiyyuu Mahaammad ENA’f akka ibsanitti,jijjiirramaa booda damee misooma ispoortiif xiyyeeffannoon kenname jijjiirrama dachaa galmeessisuu danda’eera jedhani. Waltajjiiwwan Idil-Addunyaa irratti bakka bu'insa Itiyoophiyaa guddisuudhaan bifa biyyattii ijaaruu fi dippilomaasii ispoortii jabeessuuf hojjetamaa jira jedhaniiru. Kanaanis hoggantoonni waldaalee Ispoortii biyyaalessaa 14 sadarkaa Ardii fi Idil-Addunyaatti hogganaa ta'anii tajaajilaa akka jiranii fi hojiin kun cimee akka itti fufu dubbataniiru. Itiyoophiyaanonni waltajjii dorgommii ispoortii Idil-addunyaa irratti hirmaannaa fi bu'aa qabeessummaan isaanii dabalaa jiraachuu isaas ibsaniiru. Itiyoophiyaan sagantaalee Ispoortii sadarkaa Ardii fi Idil-Addunyaa keessummeessaa jiraachuu ishee eeranii, kunis bifa biyyattii ijaaruu keessatti shoora olaanaa akka qabu ibsaniiru. Finfinnee giddu-galeessa sagantaalee isportii Afriikaa fi addunyaa gochuudhaan Itiyoophiyaa damee kanaan caalaatti fayyadamtuu taasisuuf xiyyeeffannoodhaan hojjetamaa jira jedhan. Kanaafis hojiileen babal'isuu bu'uuraalee misooma ispoortii sadarkaa isaanii eeggatan raawwatamaa jiraachuu kaasanii, Istadiyeemoonni gurguddoon shan sadarkaa idil-addunyaa akka guutan hojjetamaa jira jedhaniir
Taphoota waancaa addunyaa mo’anii darbuu 32
Jun 28, 2026 3620
Waxabajjii 21/ 2018 (ENA): Taphoonni ramaddii waancaa addunyaa 2026 qopheessummaa Ameerikaa, Kaanaadaa fi Meeksiikoon taphatamaa turan xumurameera. Ramaddii isaaniirraa biyyoonni sadarkaa 1ffaafi 2ffaan xumuran kallattiin akkasumas biyyoonni dabalataa 8 ammoo sadarkaa 3ffaa filatamoo ta’uun taphoota mo’anii darbuu 32’tti makamaniiru. Haaluma Kanaan taphni mo’anii darbuu tapha’a har’a galgala sa’aatii 4:00 irraa eegalee Kaanaadaafi Afrikaan Kibbaa taphataniin eegala. Ramaddii 3ffaa irraa olaantummaan kan xumurte Biraazil Jaappaan waliin akkasumas ramaddii 5ffaa irraa mo’attee kan darbite Jarman Paaraaguwaay waliin ramadamaniiru. Kana malees Neezerlaandii fi Moorookoo, Kootdiivaar fi Noorweey, Faransaay fi ISwiidiin, Meeksiikoofi Ikkuwaadoor, Ingiliz fi RD Koongoo akkasumas Beeljiyeem fi Seenegaal kan waliin taphatan ta’u. Ameerikaa fi Boosniyaan, Ispeen fi Oostiriyaan, Poorchugaal fi Kirooshiyaan, Siwiizarlaandii fi Aljeeriyaan, Awustaraaliyaafi Ijipt, Arjentiinaafi Keeppi Verdeen akkasumas Kolombiyaafi Gaanaan waliin ramadamaniiru.
Eegumsa naannoofi haala qilleensaa
ENA’n hirmaannaa qabatamaa ashaaraa magariisaarratti qabu cimsee itti ni fufa
Jul 11, 2026 615
Adoolessa 4/2018(ENA)-Tajaajilli oduu Itiyoophiyaa sagantaa ashaaraa magariisaa milkeessuuf hawaasa dammaqsuun gamatti qabatamaan irratti hirmaachuun qooda adda durummaasaa cimsee akka itti fufu hojii raawwachiisaan olaanaa Seeyifee Darribee ibsan. Hoggantoonnii fi hojjettoonni ENA mata duree “abdii haa dhaabnu” jedhuun Paarkii Inxooxxootti ashaaraa magariisaa kaa’aniiru. Hojii raawwachiisaan olaanaa dhaabbatichaa Seeyifee Darribee wayita kana akka ibsanitti, Itiyoophiyaan waggoottan jijjiiramaa darban ashaaraa magariisaaf xiyyeeffannoo addaa kennitee biqiltuu dhaabuu aadaa godhatteetti. Itiyoophiyaan milkaa’ina ashaaraa magariisaan galmeessisaa jirtu itti fufsiisuuf akkasumas jijjiirama haala qilleensaa addunyaa yaaddessaa jiru qolachuuf ga’ee bahachaa jirtu addunyaaf beeksisuudhaan ENA’n qoodasaa akka bahu dubbataniiru. Galmi biyyaalessaa akka milkaa’u ENA’n hawaasa dadammaqsuu fi odeeffannoo dabarsuun gamatti, adda durummaan qabatamaan hirmaachuudhaan qoodasaa akka cimsu beeksisaniiru. Keessumaa hojiiwwan Itiyoophiyaan wiirtuu ashaaraa magariisaa akka taatu hojjetaman beeksisuu fi hubannoo uumuuf hojii itti jiru cimsee akka itti fufu dubbataniiru. Hoggantoonnii fi hojjettoonni ENA saganticharratti hirmaatan gamasaaniin, dhaloota dhufuuf biyya fooyyofte dabarsuuf ashaaraasaanii kaa’uusaaniif gammaduusaanii ibsaniiru. ENAtti daarektarri sagantaa qabiyyee Raahel Abbabaa, sagantichi bosona biyyattii dabaluurra darbee Itiyoophiyaan dippilomaasii magariisaatiin akka beekamtu humna guddaa uumaa akka jiru ibsaniiru. Itti aantuun qopheessituu kitaabee Nagaariit Yeshiimmabeet Dammaqaa gamasaaniin, ogeeyyonni Miidiyaaleen odeeffannoo tamsaasuun cinaatti qabatamaan hirmaachuudhaan itti gaafatama biyyaalessaa bahachuu akka qaban dubbataniiru. Biqiltuu dhaabuun cinaatti firii akka kennan kunuunsuun barbaachisaa akka ta’e hubachiisaniiru. Qopheessaan olaanaa deeskii afaan biyya alaa Heenook Taaddalaa yaada kenneen, Itiyoophiyaan bosonashee guddisuuf hojiin hojjettu addunyaaf fakkeenya ta’aa jiraachuusaa eereera. Ogeeyyonni ENA Reedwaan Shamdasir fi Sarkaalam Zallaqaa gamasaaniin, Itiyoophiyaa lalistuu uumuuf ashaaraasaanii kaa’uusaaniitti gammaduusaanii ibsaniiru.
Sagantaan ashaaraa magariisaa Itiyoophiyaa furmaata jijjiirama haala qilleensaa addunyaaf agarsiiftuu adda dureedha
Jul 11, 2026 335
Adoolessa 4/2018 (ENA)- Sagantaan ashaaraa magariisaa Itiyoophiyaa furmaata jijjiirama haala qilleensaa addunyaaf agarsiiftuu adda dureedha jedhan ambaasaaddaroonni biyyoota garagaraa ibsan. Balaawwan uumamaa addunyaa qoraa jiran keessaa jijjiiramni haala qilleensaa adda durummaan eerama. Dhiimmaa kana qolachuuf yaada ministirri muummee Dr. Abiyyi Ahimad maddisiisaniin bara 2011 irraa eegalee hojiirra oolaa kan jiru sagantaan ashaaraa magariisaa qabatamaan jijjiirama agarsiisaa barana wagga saddettaffaa qabateera. Sagantaawwan dhaabbii biqiltuu waggoottan kanneen keessatti dhaabamaniin bosona biyyattii akka dabaluu fi haalli qilleensaa mijataan akka uumamu gochuun olitti guddina oomishaa fi oomishtummaa damee qonnaaf qooda olaanaa gumaachuusaa qaamonni garagaraa ni ibsu. Itiyoophiyaan waggoottan darban biqiltuuwwan biiliyoona 48 ol dhaabuudhaan hojii fakkeenyummaa qabu kan raawwate yoo ta’u bara kanas mata duree “abdii haa dhaabnu” jedhuun biqiltuu biiliyoona saddet dhaabuuf hojiitti galameera. Ambaasaaddaroonni biyyoota garagaraa ENA’n dubbise, hojiin Itiyoophiyaan sagantaa ashaaraa magariisaatiin hojjechaa jirtu hawaasa addunyaaf fakkeenya guddaa kan ta’u milkaa’ina olaanaadha jechuun dinqisiifataniiru. Itiyoophiyaatti ambaasaaddarri Israa’el Dr. Abrihaam Nugusee akka dubbatanitti, Imaammanni ashaaraa magariisaa fi adeemsi dhaabbii biqiltuu Itiyoophiyaan gaggeessitu guddaa barbaachisaa ta’uu ibsaniiru. Dhimmi haala qilleensaa guutuu addunyaa kan yaaddessu mudannoo idil addunyaa waan ta’eef Itiyoophiyaan adeemsa kana keessumaa ardii Afriikaarraa adda durummaan dursaa akka jirtu ibsaniiru. Itiyoophiyaatti ambaasaaddarri Siriilaankaa Niirmallaa Paranaviitaa akka dubbatanitti, Itiyoophiyaan sagantaa misooma magariisaa akkasii hojiirra oolchuunshee adeemsa abshaalummaa ta’uu ibsaniiru. Sagantaan ashaaraa magariisaa guddina dinagdee biyyaaf gumaacha olaanaa qabaachuusaa ibsuudhaan, Siriilaankaan damee Kanaan Itiyoophiyaa waliin tumsaan hojjechuuf fedhii qabdu karaa hojiira oolchitu qorachaa akka jirtu ta’uushee eeraniiru. Itiyoophiyaatti bakka bu’aan daldalaa fi dhimmoota Invastimantii Paakistaan Baasiit Saaliim Shaah gamasaaniin, sagantaan ashaaraa magariisaa Itiyoophiyaaf miidhaginaa fi hanannaa addaa gumaachuun olitti, naannawa faalama qilleensaarraa qulqullqq’e babal’isuuf gimaacha guddaa taasisuusaa eeraniiru. Ummannii fi mootummaan Itiyoophiyaa yeroo gabaabaa keessatti sadarkaa guddaa kanarraa ga’uunsaanii dinqisiifatamuu qaba jedhaniiru.
Sagantaan Ashaaraa Magariisaa Eegumsa Naannoo fi Haaromsa Sirna-Ikkoolojiitiif gumaacha olaanaa taasisaa jira
Jul 5, 2026 2360
Waxabajjii 28/2018 (ENA):- Sagantaan Ashaaraa Magariisaa hanga bosona biyyattii dabaluudhaan eegumsa naannoo fi haaromsa sirna-ikoolojiitiif gumaacha olaanaa taasiisaa akka jiru Daarektarri Olaantuu Abbaa Taayitaa Eegumsa Naannoo Itiyoophiyaa Dr. Injiiner Lalisee Namee ibsan. Itiyoophiyaan miidhaa jijjiirama haala qilleensaarraa maddu dandamachuuf, Uwwisa bosonaa guddisuufi wabii nyaataa mirkaneessuuf kan dandeessisu sagantaa Ashaaraa Magariisaa innisheetivii Ministira Muummee Dr. Abiyyi Ahimadiin bara 2011 irraa eegalee sadarkaa biyyaalessaatti hojiirra oolchaa jirti. Hirmaannaa biyyaalessaa guddaa kanaan dura waggoottan dabran keessatti biqiltuuwwan bosonaa, fuduraalee fi gaaddisaa biliyoona 48 ol misoomsuun danda'ameera. Sagantaa Ashaaraa Magariisaa bara kanaan mata duree "Abdii haa dhabbannu " jedhuun sadarkaa biyyaalessaatti biqiltuuwwan biliyoona saddeet dhaabuuf karoorfamee gara hojiitti galamuun isaa ibsameera. Har'as Eejensiin Bulchiinsa Qulqullina Magaalaa Finfinnee bakka kosii gogaa itti gatan Raphii jedhamutti sagantaa Ashaaraa Magariisaa gaggeesseera. Daarektarri Olaantuu Abbaa Taayitaa Eegumsa Naannoo Itiyoophiyaa Dr. Injiiner Lalisee Namee wayita kanatti akka jedhanitti; sagantaan Ashaaraa Magariisaa naannoo faalamaa fi manca'iinsa irraa kan itti eegnu keessaa tokkodha jedhan. Waggoottan dabran keessa sagantaan Ashaaraa Magariisaa hojiirra ooleen uwwisni bosona biyyattii akka dabale ibsaniiru. Kunis eegumsa qilleensa addunyaatiif fala ta'aa dhufuu isaa dubbachuun; birmadummaa wabiinyaataa mirkaneessuu keessattis qoodasaa ba’achaa akka jiru ibsaniiru. Uwwisa bosona biyyattii dabaluudhaan eegumsa naannoo fi haaromsa sirna-ikoolojiitiif gumaacha olaanaa gumaacha akka jiru eeraniiru. Sadarkaa Itti aanaa Kantiibaatti Hojii gaggeessaa Olaanaan Magaalaa Finfinnee Injiiner Wandimmuu Seettaa gama isaaniitiin; bakka gatinsa kosii gogaa Raphiitti yeroo ammaa hojii deebisanii misoomsuu hojjetameen sodaa balaa irraa gara qabeenyummaatti jijjiiramaa dhufeera jedhaniiru. Daarektarri Olaanaan Eejensii Bulchiinsa Qulqullina Magaalaa Finfinnee Gazzaahenyi Deesisaa gama isaaniitiin; Raphiin bakka kosii gogaa itti gatan yeroo ammaa biqiltuudhaan uwwifamaa akka jiru dubbataniiru. Kanaanis yeroo ammaa deebisanii fayyadamuun gara qabeenyummaatti jijjiiramaa akka jiru eeraniiru. Hirmaattonni sagantichaa ENA’f yaada kennan; erga Ashaaraan Magariisaa jalqabamee kaasee waggaa waggaan dammaqinaan hirmaachaa akka jiran ibsuun; kanaan dura naannoo isaaniitti bakkeewwan kosii itti gatamaa turan amma deebi'anii dandamachuun biqiltuuwwan magariisaan uwwifamuusaanii dubbataniiru.
Hambaa guddaan Ijoollee keenyaaf dabarsinu Itiyoophiyaa Qulqulluu, Lalistuu, Fayyaaleettii fi Waaraa taate ta'uu qaba – Itti Aanaa ministira Muummee Tamasgeen Xurunaa
Jul 5, 2026 1562
Waxabajjii 27/2018 (ENA): Hambaa guddaan ijoollee keenyaaf hafu Itiyoophiyaa qulqulluu, lalistuu fi fayyaaleessaa taate ta'uu qaba jedhan Itti Aanaan ministira Muummee Tamasgeen Xurunaa. Itti Aanaan Ministira Muummee sosochii biyyaalessaa "Itiyoophiyaa Qulqulluu Dhalootaaf" 3ffaa har'a jalqabsiisaniiru. Itti Aanaan ministira Muummee ergaa isaaniitiin; sochiin kun ijoollee keenyaa fi dhaloota dhufuuf biyya qulqulluu, fayyaaleessaa fi lalistuu ijaaruuf waadaa waliinii galle bifa haaraa dhaan kan haaromsinedha jedhaniiru. Faalamni pilaastikii, kosii fi sagalee dhimmoota eegumsa naannoo qofa akka hin taane ibsuun; fayyaa uummataa, indaastirii Tuuriizimii, investimentii fi carraa egeree biyya keenyaa waliin kallattiin kan walqabatan dhimmoota nageenya biyyaalessaa fi misoomaa ta'uu isaanii ibsaniiru. Marsaan sochii kanaa inni amma Axaraashaa Magariisaa (Ashaaraa Magariisaa), misooma Koriidarii fi misooma qarqara laggeenii waliin qindaa'ee kan raawwatamu yoo ta'u; jechootaan alatti bu'aawwan lakkaa'amuu danda'an, itti-gaafatamummaa dhaabbataa fi jijjiirama amala waaraa irratti akka xiyyeeffatu eeraniiru.
Gabaasa addaa
Itiyoophiyaan liqaa ishee hurgufachaa,abdii ishee horachaa gara fuula duraatti tarkaanfachaa jirti - Itti aanaa Ministira Muummee obbo Tamasgeen Xurunaa
Jun 9, 2026 12986
Waxabajji 2 /2018 (ENA): Itiyoophiyaan liqaa ishee hurgufachaa,abdii ishee horachaa gara fuula duraatti tarkaanfachaa jirti jedhani itti aanaan Ministira Muummee obbo Tamasgeen Xurunaa. Itti aanaan muummee ministiraa Pirojektoota misoomaa adda addaa magaalaa Woldiyaatti ijaaraman eebbisuun tajaajilaaf bananiiru. Yeroo eebba kanaatti pirojektoonni misoomaa eebbifaman imala biyyattiin gara fuulduraatti taasiftu kan agarsiisan yoo ta’u, guddinni Itiyoophiyaa eenyullee dhaabuu akka hin dandeenye kuni ragaadha jedhan. Itti aanaan ministira muummee kun ummanni magaalaa Woldiyaa finxaaleyyii fi qoqqoodinsa mormuudhaan kan beekamu ta’uu ibsuun, filannoon isaanii irra deddeebiin nagaa fi mootummaa cimaa ta’uu isaa kan argisiisu ta’uu ibsaniiru. Mootummaan baandota irratti qabsaa’aa jira jedhani. Waggoota 50 fi 60 darbaniif warri yaada dulloomaatiin qabaman guddina ariifataa biyyattii hubachuu akka hin dandeenyes ibsaniiru. Warri bosona keessa jiran jijjiirama guddaa biyyatti dhufe kan akka misooma koridarii, maaddii guutuu, pirojektoota misoomaa fi oomisha qamadii arguu akka hin dandeenye dubbataniiru. Misoomni koridarii magaalota keessatti gaggeeffamaa jiru dhimma bareedinaa qofa osoo hin taane magaalota ammayyeessuun sadarkaa jireenyaa ummataa ol kaasuuf kaayyoo ta’uu ibsaniiru. Magaalonni Itiyoophiyaa magaalota Baha Afriikaa fi addunyaa waliin dorgomuu akka qaban ibsaniiru; akkasumas tajaajila ammayyeessuuf tajaajilli giddugala tokkoo guutuu biyyattiitti babal’achaa akka jiru hubachiisaniiru. Manneen kitaabaa ummataa, manneen kitaabaa dijitaalaa fi kaffeewwan saayinsii magaalaa Woldiyaatti ijaaraman odeeffannoo guyyaa guyyaa irraa gara beekumsaa fi qorannoo gadi fagootti kan ceesisu ta’uu ibsaniiru. Mootummaan, abbootii qabeenyaa fi ummanni pirojektoota misoomaa eegalaman gara baadiyyaatti babal’isuun badhaadhina biyyattii dhugoomsuuf waliin hojjechuu akka qaban waamicha dhiyeessaniiru.
Yaa’ichi dhimmoota Afrikaarratti sagalee tokko dhageessisuun akka danda’amu carraa uumuudha
May 6, 2026 14191
Ebla 28/2018 (ENA)- Kaayyoon guddaan yaa’ii dhiibbaa uumtota miidiyaa hawaasaa Afriikaa (ASMIS) dhiibbaa uumtota jidduutti tumsa cimaa uumuudhaan dhimmoota Afrikaarratti sagalee tokko dhageessisuun akka danda’amu carraa uumuu akka ta’e qindeessaan Palsi oof Afriikaa(POA) obbo Barakat Sisaayi ibsan. Ajandaawwan Afriikaa qabsiisuu fi sagalee waloo dhageessisuuf carraa kan uumu ta’uu dabalanii ibsaniiru. Palsi oof Afriikaan (Pulse of Africa-POA) intarpiraayizii teknolojii E.ji.e waliin ta’uun mata duree “dhiibbaa uumtonni Afriikaa fooyyee qabduuf” jedhuun yaa’iin qophaa’u kun, Ebla 29 fi 30 2018 Finfinnee yaadannoo injifannoo Adwaatti ni gaggeeffama. Yaa’iin kun dhiibbaa uumtota miidiyaa hawaasaa jajjabeessuuf, dinagdee dijitaalaa cimsuuf, tumsa uumuu fi wiirtuu dijitaalaa gochuuf kan kaayyeffateha. Qopheessitoonni yaa’ii kanaa, dhiibbaa uumtonni miidiyaa hawaasaa Itiyoophiyaa yeroo yaa’ii kanaa maqaa gaarii biyyasaanii guddisuu fi tumsasaanii cimsuun haala danda’amurratti ibsa kennaniiru. Qindeessaan Palsi oof Afriikaa obbo Barakat Sisaayi wayita kana akka jedhanitti, Palsi Oof Afriikaan seenessa Afriikaa jallate jijjiiruuf kan hundeeffame miidiyaa Paan Afriikaati. Yaa’iin kun intarpiraayizii teeknooloojii E.ji.e waliin ta’uun qophaa’uusaa eeranii, qajeelfama “seenessa Afriikaa namoota keenyaan dubbachuu qabna” kan jedhu akka bu’uureffate ibsaniiru. Kaayyoon ijoo yaa’ii kanaas dhiibbaa uumtota jidduutti tumsa cumaa uumuun dhimmoota Afriikaarratti sagalee waloo dhageessisuuf carraa uumuu akka ta’e dubbataniiru. Ajandaan gamtaa Afriikaa 2063 karoora wagga 50 Afriikaan ittiin gaggeeffamtu ta’uu eeranii, ummattoota jidduutti walii galtee uumuuf dhiibbaa uumtonni miidiyaa hawaasaa waloomaan akka hojjetan carraa uumuuf waltajjichi faayidaa akka qabu ibsaniiru. Kanaaf yaa’iin kun Afriikonni galmoota ajandaasaanii milkeessuuf waltajjii waloon hojjetan ta’a jedhaniiru. Miidiyaan dijitaalaa waltajjii guddaa kan dinagdee sochoosudha kan jedhan obbo Barakat, dhiibbaa uumtonni miidiyaa hawaasaa karaa faayidaa qabuun akka itti fayyadaman hubannoo waloo uumuu akka barbaachisu hubachiisaniiru. Hojii raawwachiisaan intarpiraayizii E.ji.e obbo Gammadaa olaanaa gamasaaniin, yaa’iin kun maqaa gaarii Itiyoophiyaa akkasumas Afriikaa guddisuuf waltajjii murteessaa ta’uu dubbataniiru. Dhiibbaa uumtonni miidiyaa hawaasaa waa’ee qabiyyee uumuu, wa’ee ijaarsa seenessa Afriikaa fi waa’ee galmoota ajandaa 2063 ejjennoo ifaa akka qabatan godha jedhaniiru. Dhiibbaa uumtonni yaa’ii kanaaf biyyoota Afriikaa garagaraarraa filataman, qaqqabama miidiyaa hawaasaatiin qabanii fi maqaa gaarii Afriikaa guddisuuf gumaacha qabaniin madaalamanii kan filataman ta’uu mirkaneessaniiru.