ENA - ENA Afaan Oromoo
Angafoota Oduu
Godina Baaleetti barattoota 800 caalaniif meeshaan barnootaa deeggarsaan kennameef
Sep 12, 2025 104
Fulbaana 02/2018(TOI)- Godina Baaleetti barattoota 800 caalaniif meeshaan barnootaa fi yuunifoormiin deeggarsaan kennameef. Deeggarsa kana kan taasisan waldaa misooma Oromiyaatti damee Baalee fi Itiyoo Telekoomitti waajjira riijinii kibba kibba bahaa ta’uun beekameera. Hooganaan waajjira barnootaa godinichaa obbo Tashaalaa Disaasaa, deeggarsi taasifame barattoonni sababa hanqina meeshaan barnootarraa akka hin hafne akka taasisu ibsaniiru. Deeggarsa Itiyoo telekoom fi waldaan misooma Oromiyaa taasisaniif galateeffataniiru. Bulchaan godinichaa obbo Abdulhakiin Aliyyi gamasaaniin, godinichatti daa’imni umriinsaanii barnootaaf gahe hundi barnoota idilee akka hordofan qooda fudhattoonni damichaa akka tumsan gaafataniiru. Deeggarsa waldaa misooma Oromiyaatti damee Baalee fi Itiyoo Telekoomitti waajjira riijinii kibba kibba bahaa taasisaniif dhaabbilee biroof muuxannoo kan ta’udha jedhaniiru. Qindeessaan waldaa misooma Oromiyaatti damee Baalee obbo Maasrashaa Tolaa, waldichi damee garagaraan tajaajila hawaasummaa bahachaa akka jiru yaadatanii, deeggarsi meeshaalee barnootaa taasifames qaama kanaati jedhaniiru. Fuulduras deeggarsi kun cimee akka itti fufu mirkaneessaniiru. Bakka bu’aan riijinii kibba kibba bahaa obbo Mahaammad Huseen Abdallaa, kaampaanichi tajaajila telekoomii kennuun gamatti tajaajila hawaasummaatiin deeggarsaa fi tumsa kan taasisu ta’uu kaasaniiru. Barataa Sumayyaa Mu’aaz, deeggarsa dhaabbileen taasisaniif galateeffataniiru.
Shaampiyoonaan Atileetiksii Addunyaa 20ffaan Boru eegala
Sep 12, 2025 71
Fulbaana 02/2018 (TOI)- Shaampiyoonaan Atileetiksii Addunyaa 20ffaan Jaappaan Tookiyootti gaggeeffamu Boru eegala. Itiyoophiyaa dabalatee biyyoonni 200 ta’an Shaampiyoonaa kanarratti akka hirmaatan odeeffannoon Shaampiyoonaa Atileetiksii addunyaa nimul’isa. Atileetonni akaakuu dorgommii 49’n nihirmaatu. Guyyaan Shaampiyoonaan kun itti eegalamu Atileetonni Itiyoophiyaa dorgommiiwwan ittiin eegaman tidorgomu. Atileet Gudaaf Tsaggaayi, Tsiggee Gabrasalaamaa, Foyitan Tasfaayi fi Ijjigaayyoo Taayyee dorgommii xumuraa meetira kuma 10 dubartootaa guyyaa keessaa sa’aatii 9 fi daqiiqaa 30tti taasifamurratti nidormau. Atileet Tigist Asaffaa, Suutumee Asaffaa fi Tigist Katamaa dorgommii Xumuraa maaraatoonii dubartootaa halkan keessaa sa’aatii 8tti dorgomamurratti nihirmaatu. Shaampiyoonaan Atileetiksii addunyaa kun amma Fulbaana 11 bara 2918tti nigaggeeffama.
Nageenya Magaalichaa Cimsuun hojiin Misooma Saffisiisuun Cimee itti fufa- Dursaa Itti Aanaa Kantiibaa Magaalaa Bahaar Daara Goshuu Indaalammaawu
Sep 12, 2025 169
Fulbaana 02/2018(TOI)-Nageenya Magaalaa Bahaar Daara cimsuunii fi Misoomaaf tattaafachun hojiin fayyadamummaa uummataa mirkaneessu cimee Akka Ittifufu Dursaan Itti Aantaa Kantiibaa Magaalichaa Goshuu Indaalammaawu Ibsan. Paartii Badhaadhinaatti Hoggantonni Magaalaa Bahaar Daara hojiiwwan Misoomaa fi Bulchiinsa gaarii waggoottan darban paartichaan galmaa’an akkasumas dhimmoota biroo ilaalchisee waltajjiin marii gaggeeffamaa jira. Saganticharratti Haasaa baninsaa kan taassisan dursaan Itti Aanaa Kantiibaa Magaalaa Bahaar Daara Goshu Indalammaawu, waggoottan Jijiiramaa gama Hawaasummaan, Dinagdeenii fi Siyaasaan milkaa’inoonni fooya’oon galmaa’uusaanii kaasaniiru. Ta’us bu’aawwan kana caalaa itti fufusiisuuf keessumaa miseensi hoggansaa fakkeenya nageenyaa fi misoomaa ta’uun bu’aa caaluuf tattaafachuun akka irraa eeggamu dubbataniiru. Gaaffiiwwan Misoomaa fi Bulchiinsa gaarii deebisuuf yeroo kamiyyuu caalaa qophaa’oo ta’uu hunda keenyarraa eegama jechuun kaasaniiru. Dandeettii humna raawwachiisummaa gaggeessa fi hirmaannaa ho’aa Hawaasaan dabalamee imala badhaadhinaa eegalame fi milkaa’ina galma karoorfameef qindoominaan hojjechuun nurraa eegama jedhaniiru. Gama Kanaan nageenya Magaalichaa cimsuun misoomaaf dhimmuun fayyadamummaa hawaasaa mirkaneessuuf akka hojjetamu dubbataniiru. Waltajjiin marii gaggeessitoota paartii kun har’aa eegalee guyyoota sadan itti aanaaniif kan gaggeefamau ta’uun beekameera
Hidhi haaromsaa Itiyoophiyaanotarra darbee walitti hidhamiinsa riijinii nicimsa-Itiyoophiyaatti itti aanaa ambaasaaddara Jarman Dr. Fardinaand Vaahee
Sep 12, 2025 137
Fulbaana 02/2018 (TOI)- Hidhi haaromsaa Itiyoophiyaa guddichi xumuramuunsaa guddina dinagdeerra darbee biyyoota riijinichaa walitti hidhuuf dandeettii guddaa akka qabu Itiyoophiyaatti itti aanaa ambaasaaddara Jarman Dr. Fardinaand Foon Vaahee ibsan. Itiyoophiyaan Invastimantii kallattii alaaf akka mijattu ibsaniiru. Ministirri muummee Dr. Abiyyi Ahimad Qaammee 4 bara 2017 hidha haaromsaa Itiyoopphiyaa guddicha ifatti eebbisuunsaanii niyaadatama. Hidhi haaromsaa xumuramee eebbifamuusaa ilaalchisuun TOI’n Itiyoophiyaatti itti aanaa ambaasaaddara Jarman Dr. Fardinaand Foon Vaahee dubbiseera. Itti aanaan abmaasaaddaraa kun akka ibsantti, hidhi haaromsaa Itiyoophiya guddichi Itiyoophiyaa qofaaf osoo hintaane riijinichaa fi biyyoota biroo waan fayyaduuf walitti hidhamiinsa kan cimsudha. Hidhi haaromsaa guddichi anniisaa elektiriikii olaanaa maddisiisuu akka danda’u ibsanii, biyyoonni ollaas ta’an kanarra darbees tumsaan yoo hojjetan fayyadamummaasaanii guddisuu akka danda’an ibsaniiru. Hidhi haaromsaa tumsa Itiyoophiyaanotaan dhugoomuusaa beeka kan jedhan ambaasaaddarichi, yeroo ammaa ijaarsisaa xumuramee eebbaaf gahuunsaa kan nama boonsuu fi gammachiisudha jedhaniiru. Itiyoophiyaa fi Jarman humna haaromfamaa aduu fi kanneen biroorratti qorannoo fi qu’annoo gochaa akka jiran kaasaniiru. Fooyyessoonni dinaggdee Itiyoophiyaatti taasifaman invastimantii kallattii alaa babal’isuuf abdii kan kennan akka ta’e dubbataniiru. #Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa #TOI#Itiyoophiyaa
Hidhi Haaromsa Itiyoophiyaa Guddichi walitti hidhamiinsa cimaa riijinichaaf qooda olaanaa qaba–Lawureensi Firiiman
Sep 12, 2025 108
Fulbaana 02/2018(toi)- Bu’aan hidha Haaromsa Itiyoophiyaa Guddichi biyyoota ollaafis kan fayyadu walitti hidhamiinsa cimsuun qooda guddaa akka qabu xiinxalaa Siyaas- Dinagdee Ameeriikaa Lawureensi Firiiman ibsan. Hidhi Haaromsa Itiyoophiyaa Guddicha Qaammee 4 bara 2017 Ministira Muummee Dr.Abiyyi Ahimadiin eebbifamuun ni beekama. Lawureensi Firiiman turtii TOI waliin taassisaaniin madda Aannisaa Guddaa Afriikaa milkaa’inaan Xumuruun Cimina addaa akka barbaadu kaasaniiru. Ijaarsi Hidha Haaromsa Itiyoophiyaa Guddichi xumuramee eebbifamuun Afriikaan akka dandeessu akka ragaatti kan ka’u ta’uu eeraniiru. Hidhichi Meeggaa waattii kuma 5 fi 150 maddisiisuu akka danda’u eerun, kunis biyyoonni Riijinichaa Itiyoophiyaarraa humna ibsaa dabalataa akka argatan carraa gaarii kan uumu ta’uu kaasaniiru. Gama biroon akka biyyaatti Aannisaa dabalataa argachuun fayyadamuurra darbee biyyoota ollaatti gurguruun fayyadamummaa Dinagdee guddisuuf qooda mataashaa qabaachuu dubbataniiru. Itiyoophiyaan dhaqqabummaa Aannisaa dabalatee fedhiiwwan jiran humna ofiin guutachuuf tattaaffii taassifamuun Ardii Afriikaaf hojiiwwan fakkeenyummaan ka’an raawwachaa jiraachuu kaasaniiru. Dhugaan beekamuu qabu jira kan jedhan Laawureensi Firiiman, Hidhichi Biyyoota Suluulaa Gibtsii fi Sudaan irratti miidhaa kamiyyuu hin geessisu jechuun cimsanii ibsaniiru. Kanaafis bishaanichi guutumaa guutuun Itiyoophiyaa keessatti akka hin hafne argeera jechuun kaayyoon Hidhichaa bishaan hanbisuu akka hin taane hubachiisaniiru. Bishaanichi Yaa’insa uumamaan gara biyyoota sululaa Gibtsii fi Sudaanitti yaa’u osoo hin dhaabiin itti fufuusaa dubbataniiru. Namoonni uumama waan fooya’aaf oolchuu akka danda’an Hidhi Haaromsa Itiyoophiyaa guddicha agarsiistuu ta’uu eeruun, isaanis yeroo lama daawwachuu fi Afriikanonni akkasumas Awurooppaanonni hidha raajeffachiisaa kana daawwachuu akka qaban dhaamaniiru. #Bifa Itiyoophiyaa #fakkeenya walta’insaa#abjuu bara dheeraa#Kennaa dhaloota haaraa #Faaya eenyummaa keenyaa#ifa abdii#bu’ura guddooma keenyaa#walharkaa fuudhinsa dhalootaa
Siyaasa

Eebba Hidha Haaromsa Itiyoophiyaa Guddicharraatti kan argaman Pirezidaant Salvaakeer gara biyya saaniitti gaggeeffaman
Sep 10, 2025 477
Qaammee 5/2017(TOI)-Sirna Eebba Hidha Haaromsa Itiyoophiyaarraa Guddichatti kan argaman Pirezidaantiin Sudaan kibbaa Salvaakeer Miyaardiit turtiisaanii Itiyoophiyaa xumuranii gara biyya saaniitti gaggeeffamaniiru. De’eetaan Ministira nageenyaa Dr. Keyreddin Tazarraa fi De’eetaan Ministira dhimma Alaa Ambaasadder Biraanuu Tsaggaayee Buufata Xiyyaaraa Idil Addunyaa Booleetti argamuun Pirezidaanticha gaggeessaniiru.
Itiyoophiyaa fi Somaaliyaan Nagaa fi Tas-gabbii Riijinichaaf akkasumas Misoomaa Mirkaneessuuf Ejjennoo Cimaa qaban mirkaneessan
Sep 10, 2025 307
Qaammee 5/2017(TOI)-Itiyoophiyaa fi Somaaliyaan nagaa fi tas-gabbii Riijinichaaf akkasums misoomaa Mirkaneessuuf Ejjennoo Cimaa qaban mirkaneessaniiru. Ministirri Muummee Dr.Abiyyi Ahimad Pirezidaantii Ripaabilikaa Federaalaa Somaaliyaa Hassan Sheek Mahaamad har’a ganama Waajjirasaaniitti simatanii marii’ataniiiru. Kanaanis nagaa fi tsa-gabbii Riijinii, akkasumas misooma mirkaneessuuf ejjennoo cimaa qabnu irra deebinee Mirkaneessineerra jedhaniiru ergaa fuula miidiyaa hawaasummaasaaniin dabarsaniin.
Itiyoophiyaa fi Giriinaadaan dhimmoota tumsaan hojjechuu danda’anirratti mari’atan
Sep 7, 2025 640
Qaammee 2/2017 (TOI)-Ministirri dhimma alaa Dr. Geediyoon Ximootiwoos ministira dhimma alaa Giriinaadaa Jooseef Andil waliin dhimmoota gamlamee biyyaarratti mari’ataniiru. Mariin kun yaa’ii hooggantoota hawaasa Afriikaa Kaariibiyaan lammaffaa Finfinneetti taa’amaa jiru cinaatti taasifame. Walitti hidhamiinsa seena qabeessa Afriikaa fi Kaariibiyaan jidduu jiru gara tumsa qabatamaatti jijjiiruun akka barbaachisu ministiroonni marii taasisaniin kaasaniiru. Akkasumas Itiyoophiyaa fi Giriinaadaan fuuldura, dameelee fayyaa, dippilomaasii, human nama baratee bobbaasuu fi Aviyeeshiniin tumsa gochuun haala danda’amurratti mari’ataniiru.
Ejjennoon guddina Ardiif qabnu chichee itti nifufa-ministira muummee Dr. Abiyyi Ahimad
Sep 7, 2025 476
Qaammee 2/2017(TOI)- Ejjennoon guddina Ardiif qabnu chichee itti nifufa jedhan ministirri muummee Dr. Abiyyi Ahimad. Ministirri muummee Dr. Abiyyi Ahimad yaa’iin AfriikaaKariikoom cinaatti pirezidaantii rippaabiliikii Angoolaa fi dura taa’aa gamtaa Afriikaa kan yeroo Ju’aawoo Looreenchoo waliin mari’ataniiru. Marii kanaanis dhimmoota gamlamee fi riijinii dhimmoota waloorratti hundaa’anirratti mari’anneerra jechuun fuula marsariitiisaaniirratti beeksisaniiru. Ejjennoon guddina Ardiif qabnu cichee itti fufa jechuun mirkaneessaniiru.
Qormaattota sadarkaa idil addunyaatti mudachaa jiraniif sagalee tokko dhageessisuutu barbaachisa-ministira muummee Dr. Abiyyi Ahimad
Sep 7, 2025 480
Qaammee 2/2017 (TOI)- Qormaattota sadarkaa idil addunyaatti mudachaa jiraniif sagalee tokko dhageessisuutu barbaachisa jechuun ibsan ministirri muummee Dr. Abiyyi Ahimad. Yaa’iin lammaffaa biyyoota Afriikaa Kaariibiyaan Finfinneetti gaggeeffamaa jira. Yaa’iin kun mata duree “Afrikaanotaa fi sanyii Afriikaanotaaf haqa kiisii barbaaduuf tumsa Ardii cehu” jedhuun gaggeeffamaa jira. Ministirri muummee Dr. Abiyyi Ahimad dubbii yaa’icharratti dubbataniin, addunyaan jijjiiramaa akka jirtu ibsaniiru. Sagaleeweewan wayita tokko dagataman amma dhagahamuu akka barbaadan hubachiisaniiru. Yeroo ammaa qofa qofaatti yaada ibsuu mannaatii, tokkummaan human ta’uusaa hubachuun tokko taanee sagalee dhageessisuu qabna jechuun ibsaniiru. Kanaaf ammo akka yaa’ii biyyoota Afriikaa Kaariibiyaan kanaatti walitti dhufuun murteessaa ta’uu hubachiisaniiru. Kanaaf qormaattona sadarkaa idil addunyaatti mudachaa jiraniif deebii kennuuf tokkummaan ardii barbaachisaa ta’uu eeraniiru.
Guyyaan gamtoominaa mata duree “sabdaneessummaan faayaa fi human Itiyoophiyaati” jedhuun jedhuun Dirree Dawaatti kabajamaa jira
Sep 7, 2025 428
Qaammee 2/2017(TOI Guyyaan gamtoominaa mata duree “sabdaneessummaan faayaa fi human Itiyoophiyaati” jedhuun Dirree Dawaatti taateewwan garagaraan kabajamaa jira Guyyaan klun imala miilaa Itti aanaan kantiibaa bulchiinsichaa Harbii Buh fi miseensonni kaabinee akkasumas kutaaleen hawaasaa garagaraa itti hirmaataniin barii kabajamuu kan eegale. Yeroo ammaa taateewwan garagaraa tokkummaa sabdaneessummaa Dirree Dawaa cimsanii fi marii paanaaliin kabajamaa jira.
Walgahiin hooggantoota hawaasa Afriikaa Kaariibiyaa lammaffaan eegale
Sep 7, 2025 455
Qaammee 2/2017 (TOI)- Walgahiin hooggantoota hawaasa Afriikaa Kaariibiyaa lammaffaan galma walgahii gamtaa Afriikaatti gaggeeffamuu eegaleera. Ministirri muummee RDFI Dr. Abiyyi Ahimad. Pirezidaantii Angoolaa fi dura taa’aan gamtaa Afriikaa Jaa’oo Lorenezoo, dura taa’aan komishinii gamtaa Afriikaa, barreessaan olaana hawaasa biyyoota Kaariibiyaan, ministirri muummee Baarbaadoos Miiyaa Amoor Kaarlaa baarinet Moteelii dabalatee hooggantoonnii fi ministiroonni biyyoota Kaariibiyaan biroon saganticharratti argamaniiru. Yaa’iin hawaasa Afriikaa Kaariibiyaan yaada “Afriikaanotaa fi sanyii Afriikaaf haqa kiisii barbaaduuf tumsa Ardii cehu” ofkeessaa qaba. Yaa’iin kun biyyoonni Afriikaa fi Karibiyaan miira tumsaa kibba kibbaan hariiroosaanii cimsuu fi sagalee tokko dhageessisuuf bu’ura ta’uuf kan akeekamedha. Afriikaan hariiroo biyyoota Kaariibiyaan waliin qabdu gara dippilomaasii dinagdeefi tumsa cimaatti jijjiiruuf nidandeessisa. Bakka namni itti argame, mallattoo bilisummaa ummattoota gurraachaa kan taate Itiyoophiyaan yaa’ii kanarratti qoodashee adda durummaa bahachaa jirti.

Hawaasummaa
Godina Baaleetti barattoota 800 caalaniif meeshaan barnootaa deeggarsaan kennameef
Sep 12, 2025 104
Fulbaana 02/2018(TOI)- Godina Baaleetti barattoota 800 caalaniif meeshaan barnootaa fi yuunifoormiin deeggarsaan kennameef. Deeggarsa kana kan taasisan waldaa misooma Oromiyaatti damee Baalee fi Itiyoo Telekoomitti waajjira riijinii kibba kibba bahaa ta’uun beekameera. Hooganaan waajjira barnootaa godinichaa obbo Tashaalaa Disaasaa, deeggarsi taasifame barattoonni sababa hanqina meeshaan barnootarraa akka hin hafne akka taasisu ibsaniiru. Deeggarsa Itiyoo telekoom fi waldaan misooma Oromiyaa taasisaniif galateeffataniiru. Bulchaan godinichaa obbo Abdulhakiin Aliyyi gamasaaniin, godinichatti daa’imni umriinsaanii barnootaaf gahe hundi barnoota idilee akka hordofan qooda fudhattoonni damichaa akka tumsan gaafataniiru. Deeggarsa waldaa misooma Oromiyaatti damee Baalee fi Itiyoo Telekoomitti waajjira riijinii kibba kibba bahaa taasisaniif dhaabbilee biroof muuxannoo kan ta’udha jedhaniiru. Qindeessaan waldaa misooma Oromiyaatti damee Baalee obbo Maasrashaa Tolaa, waldichi damee garagaraan tajaajila hawaasummaa bahachaa akka jiru yaadatanii, deeggarsi meeshaalee barnootaa taasifames qaama kanaati jedhaniiru. Fuulduras deeggarsi kun cimee akka itti fufu mirkaneessaniiru. Bakka bu’aan riijinii kibba kibba bahaa obbo Mahaammad Huseen Abdallaa, kaampaanichi tajaajila telekoomii kennuun gamatti tajaajila hawaasummaatiin deeggarsaa fi tumsa kan taasisu ta’uu kaasaniiru. Barataa Sumayyaa Mu’aaz, deeggarsa dhaabbileen taasisaniif galateeffataniiru.
Ayyaana bara haaraa sababeeffachuun kantiibaa Adaanech Abeebee kutaalee hawaasaa garagaraaf maddii qoodan
Sep 11, 2025 329
Fulbaana 01/2018 (TOI)- Ayyaana bara haaraa sababeeffachuun kantiibaan bulchiinsa magaalaa Finfinnee Adaanech Abeebee kutaalee hawaasaa garagaraaf maddii qoodaniiru. Kantiibaa Adaanech Abeebee harka qalleeyyii nama isaan kunuunsu, isaan deeggaru hinqabne, manguddoota biyyaaf oolmaa oolan, qaama miidhamtootaa fi lammiilee rakkoo hawaasaa garagaraaf miidhamaniif jiddugaleessa soorataa 26 keessatti maaddii qoodaniiru.
Dura taa’aan komishinii gamtaa Afriikaa Mahaammad Alii Yuusuuf baga bara haaraa 2018 geessan jechuun ergaa dabarsan
Sep 11, 2025 220
Fulbaana 01/2018(TOI)- Dura taa’aan komishinii gamtaa Afriikaa Mahaammad Alii Yuusuuf baga bara haaraa 2018 geessan jechuun ergaa dabarsaniiru. Ergaa dabarsaniin, maqaa komishinii gamtaa Afriikaatiin mootummaa fi ummata Itiyoophiyaan baga bara haaraan isin gahe jechuun barbaada jedhaniiru. Barri haaraa Itiyoophiyaa fi ummatasheef kan nagaa fi badhaadhinaa akka ta’u hawwii gaarii qaban ibsaniiru. Itiyoophiyaan tokkummaa fi jijjiirama Afriikaaf gumaacha taasisaa jirtu cimsitee akka ittifuftu dura taa’aan kun waamicha taasisaniiru.
Barri haaraa 2018 guddooma biyya keenyaa caalaatti kan itti gabbifnu ta’a-Kantiibaa Adaanech Abeebee
Sep 11, 2025 230
Fulbaana 01/2018(TOI)-Barri haaraa 2018 bayyanachuun Itiyoophiyaa bu’ura cimaarra kan dhaabatu, guddoomni biyya keenyaa olka’ee kan itti mul’atuu fi fayyadamni lammiilee caalaa kan itti mirkanaa’u ta’a jedhan kantiibaan bulchiinsa magaalaa Finfinnee Adaanech Abeebee. Kantiibaa Adaanech Abeebee Itiyoophiyaanota hundaa fi jiraattota magaalaa Finfinneef bara haaraa 2018 baga gessan jechuun ergaa dabarsaniiru. Bara haaraa 2018 kan simanne hidha haaromsaa Itiyoophiyaa guddicha ashaaraan hunda keenyaa irra kaa’ame injifannoon xumuruun waan ta’eef baga gammaddan, baga gammanne jedhaniiru. Ashaaraa magariisaan, Qamadiin, misooma magaalaan keessumaa milkaa’inoonni gurguddoon Finfinnee akkuma maqaashee miidhagduu taasisan galmaa’uunsaanii caalaa harka walqabannee akka hojjennu hidhannoo fi bu’ura ta’uusaanii ibsaniiru. Barri 2018 bu’urri bayyanachuu Itiyoophiyaa olka’ee kan itti ijaaramu, imalli badhaadhina waliigalaa saffisiisuu milkaa’inaan kan ittifufsiifnudha jedhaniiru. Guddooma biyya keenyaa fi fayyadama lammiilee kana caalaa mul’isuun Itiyoophiyaa hiyyummaa jalaa baasuuf waltaanee hojjechuu qabna jedhaniiru. Hojiilee seenaa jijjiiran irra deddeebi’uun injifannoon akka galmeessifnun gaafadha jedhaniiru. Barri haaraan hojjennee bu’a qabeessa kan itti taanu, nageenya keenya ittifufaa fi amansiisaa kan itti taasifnu, bara hunda keenyaaf mijatuu fi milkaa’inoonni keenya plka’anii itti mul’atan akka ta’u hawwii gaarii ibsaniiru.
Diinagdee
Hidhi haaromsaa Itiyoophiyaanotarra darbee walitti hidhamiinsa riijinii nicimsa-Itiyoophiyaatti itti aanaa ambaasaaddara Jarman Dr. Fardinaand Vaahee
Sep 12, 2025 137
Fulbaana 02/2018 (TOI)- Hidhi haaromsaa Itiyoophiyaa guddichi xumuramuunsaa guddina dinagdeerra darbee biyyoota riijinichaa walitti hidhuuf dandeettii guddaa akka qabu Itiyoophiyaatti itti aanaa ambaasaaddara Jarman Dr. Fardinaand Foon Vaahee ibsan. Itiyoophiyaan Invastimantii kallattii alaaf akka mijattu ibsaniiru. Ministirri muummee Dr. Abiyyi Ahimad Qaammee 4 bara 2017 hidha haaromsaa Itiyoopphiyaa guddicha ifatti eebbisuunsaanii niyaadatama. Hidhi haaromsaa xumuramee eebbifamuusaa ilaalchisuun TOI’n Itiyoophiyaatti itti aanaa ambaasaaddara Jarman Dr. Fardinaand Foon Vaahee dubbiseera. Itti aanaan abmaasaaddaraa kun akka ibsantti, hidhi haaromsaa Itiyoophiya guddichi Itiyoophiyaa qofaaf osoo hintaane riijinichaa fi biyyoota biroo waan fayyaduuf walitti hidhamiinsa kan cimsudha. Hidhi haaromsaa guddichi anniisaa elektiriikii olaanaa maddisiisuu akka danda’u ibsanii, biyyoonni ollaas ta’an kanarra darbees tumsaan yoo hojjetan fayyadamummaasaanii guddisuu akka danda’an ibsaniiru. Hidhi haaromsaa tumsa Itiyoophiyaanotaan dhugoomuusaa beeka kan jedhan ambaasaaddarichi, yeroo ammaa ijaarsisaa xumuramee eebbaaf gahuunsaa kan nama boonsuu fi gammachiisudha jedhaniiru. Itiyoophiyaa fi Jarman humna haaromfamaa aduu fi kanneen biroorratti qorannoo fi qu’annoo gochaa akka jiran kaasaniiru. Fooyyessoonni dinaggdee Itiyoophiyaatti taasifaman invastimantii kallattii alaa babal’isuuf abdii kan kennan akka ta’e dubbataniiru. #Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa #TOI#Itiyoophiyaa
Hidhi Haaromsa Itiyoophiyaa Guddichi walitti hidhamiinsa cimaa riijinichaaf qooda olaanaa qaba–Lawureensi Firiiman
Sep 12, 2025 108
Fulbaana 02/2018(toi)- Bu’aan hidha Haaromsa Itiyoophiyaa Guddichi biyyoota ollaafis kan fayyadu walitti hidhamiinsa cimsuun qooda guddaa akka qabu xiinxalaa Siyaas- Dinagdee Ameeriikaa Lawureensi Firiiman ibsan. Hidhi Haaromsa Itiyoophiyaa Guddicha Qaammee 4 bara 2017 Ministira Muummee Dr.Abiyyi Ahimadiin eebbifamuun ni beekama. Lawureensi Firiiman turtii TOI waliin taassisaaniin madda Aannisaa Guddaa Afriikaa milkaa’inaan Xumuruun Cimina addaa akka barbaadu kaasaniiru. Ijaarsi Hidha Haaromsa Itiyoophiyaa Guddichi xumuramee eebbifamuun Afriikaan akka dandeessu akka ragaatti kan ka’u ta’uu eeraniiru. Hidhichi Meeggaa waattii kuma 5 fi 150 maddisiisuu akka danda’u eerun, kunis biyyoonni Riijinichaa Itiyoophiyaarraa humna ibsaa dabalataa akka argatan carraa gaarii kan uumu ta’uu kaasaniiru. Gama biroon akka biyyaatti Aannisaa dabalataa argachuun fayyadamuurra darbee biyyoota ollaatti gurguruun fayyadamummaa Dinagdee guddisuuf qooda mataashaa qabaachuu dubbataniiru. Itiyoophiyaan dhaqqabummaa Aannisaa dabalatee fedhiiwwan jiran humna ofiin guutachuuf tattaaffii taassifamuun Ardii Afriikaaf hojiiwwan fakkeenyummaan ka’an raawwachaa jiraachuu kaasaniiru. Dhugaan beekamuu qabu jira kan jedhan Laawureensi Firiiman, Hidhichi Biyyoota Suluulaa Gibtsii fi Sudaan irratti miidhaa kamiyyuu hin geessisu jechuun cimsanii ibsaniiru. Kanaafis bishaanichi guutumaa guutuun Itiyoophiyaa keessatti akka hin hafne argeera jechuun kaayyoon Hidhichaa bishaan hanbisuu akka hin taane hubachiisaniiru. Bishaanichi Yaa’insa uumamaan gara biyyoota sululaa Gibtsii fi Sudaanitti yaa’u osoo hin dhaabiin itti fufuusaa dubbataniiru. Namoonni uumama waan fooya’aaf oolchuu akka danda’an Hidhi Haaromsa Itiyoophiyaa guddicha agarsiistuu ta’uu eeruun, isaanis yeroo lama daawwachuu fi Afriikanonni akkasumas Awurooppaanonni hidha raajeffachiisaa kana daawwachuu akka qaban dhaamaniiru. #Bifa Itiyoophiyaa #fakkeenya walta’insaa#abjuu bara dheeraa#Kennaa dhaloota haaraa #Faaya eenyummaa keenyaa#ifa abdii#bu’ura guddooma keenyaa#walharkaa fuudhinsa dhalootaa
Injifannoon hidha haaromsaa Itiyoophiyaa guddichaan galmaa’e milkaa’inoota biroof kaka’umsa uumeera
Sep 12, 2025 117
Fulbaana 02/2018 (TOI)- Injifannoon hidha haaromsaa Itiyoophiyaa guddichaan galmaa’e kaka’umsa kan uumee fi pirojektoota biroof yaadama guddaa kan gonfachiise ta’uu itti aanaan kantiibaa fi hoogganaan biiroo industirii bulchiinsa magaalaa Finfinnee obbo Jaanxiraar Abbaayi ibsan. Pirojektiin hidha haaromsaa Itiyoophiyaa guddichi xumuramuu sababeeffachuun hooggantoonni olaanoo bulchiinsa magaalichaa bakka argamanitti maas Ispoortiin gaggeeffameera. Hooggantoonni olaanoo bulchiinsa magaalichaa, dargaggoonni, maatiin Ispoortii akkasumas kutaleen hawaasaa garagaraa saganticharratti argamaniiru. Itti aanaan kantiibaa fi hoogganaan biiroo industirii bulchiinsa magaalaa Finfinnee obbo Jaanxiraar Abbaayi wayita kana, hidhi haaromsaa pirojektii Itiyoophiyaanonni waloomaan abjuusaanii ittiin milkeessanidha. Hidhi kun akka milkaa’u jiraataan magaalichaa tumsa guddaa gochuun hidhichi akka dhugoomu gumaacha olaanaa gumaachuusaa dubbataniiru. Injifannoon hidha Kanaan galmaa’e milkaa’inoota biroof kaka’umsa kan uumu ta’uu dubbatanii, pirojektoota kana booda ijaaramaniif yaadama guddaa kan uumedha jedhaniiru. Saganticharratti kan dubbifne Saamu’eel Baqqalaa fi Itsagannat Waldee hidhi kun xumuramuusaatti gammachuu ittidhaga’ame ibsaniiru. Hidhi haaromsaa Itiyoophiyaa guddichi Itiyoophiyaanotaaf mallattoo tokkummaa ta’uu dubbataniiru.
Hidhi Haaromsa Itiyoophiyaa Guddichi pirojeektii Abjuu keenya waloon Milkeessinedha
Sep 12, 2025 113
Fulbaana 02/2018(TOI)-Hidhi Haaromsa Itiyoophiyaa Guddichi pirojeektii Abjuu keenya waloon Milkeessinedha jechuun Itti Aanaa Kantiibaa Magaalaa Finfinnee fi Itti gaafatamaan Biiroo Misooma Industirii obbo Jaanxiraar Abbay ibsan. Bulchiinsi Magaalaa Finfinnee xumuramuu Hidha Haaromsa Itiyoophiyaa Guddicha sababeeffachuun Qondaaaltonni Olaanoon Bulchiinsa Magaalichaa bakka argamanitti Mas-Ispoortii gaggeesseera. Saganticharratti itti Aanaa Kantiibaa Magaalaa Finfinnee fi Itti gaafatamaan Biiroo Misooma Industirii obbo Jaanxiraar Abbay dabalatee, Qondaaaltonni Olaanoon Bulchiinsa Magaalichaa,Dargaggoonni,matiiwwanispoortii, akkasumas kutaan Hawaasa adda addaa argamaniiru. Obbo Jaanxiraar Abbay Saganticharratti akka jedhanitti Hidhi Haaromsaa Guddichi Itiyoophiyaa Pirojeektii Abjuu keenya waloon milkeessinedha. Hidhi Haaromsaa Itiyoophiyaa Guddichi xiqqaatii hanga Guddaatti, duuressaa hanga Itiyoophiyaanota galii gad- aanaa qabaniitti waliin hirmaachuun injifannoo waloon milkeessani ta’uu dubbataniiru. Aarsaa dafqa dhiigaa fi Imimmaanii Itiyoophiyaanonni itti kaffalan ta’uu ibsuun, misooma fulla’aa biyya keenyaaf ammas aarsaa ta’aa waloon dhaabbanna jedhaniiru. Jiraattonni magaalichaa saganticharratti hirmaatanis eebbifamuu Hidha Haaromsa guddicha Itiyoophiyaatti gammachuu isaanitti dhagahame kallattii adda addaan ibsaniiru.
Saayinsii fi teeknooloojii
Har’a cimnee hojjennee, boruu keenya caalaatti kaaneerra-ministira muummee Dr. Abiyyi Ahimad
Sep 10, 2025 213
Hagayya 5 /2017 (TOI)-Kaleessastti fayyadamuu fi sirreessuun, har’a cimnee hojjechuun, bouu keenya ammoo caalaatti fooyya’aa gochuuf kaaneerra jedhan minisirri muummee Dr. Abiyyi Ahimad. Ministirri muummee Guyyaa borumtaa sababeeffachuun dijitaal Itiyoophiya gama dhugoomsuun ergaa dabarsaniin rakkooleen bara anaaloogii turan bara dijitaalaatti hindabalaman jedhaniiru. Boru “dijitaal Itiyoophiyaa” ta’uurra darbee aadaa akka ta’u fuula marsariitiisaaniirratti eeraniiru. Daldalaa fi tajaajiloota keenya si’achiisuun, odeeffannoowwan keenya qaqqabsiisuun namni tokko nama tokko akka ta’u gochuun, sirna faayinaansii keenya caalaatti qaqqabaa fi si’ataa akka ta’u gochuun, tajaajiloota barnootaa fi fayyaa kallattii hundaan bal’isuun, dijitaal Itiyoophiyaan akka milkaa’u tattaaffii fi xiyyeeffannoo akka barbaadu ibsaniiru.
Qorannoon dhukkuba sombaa hubannoo namtolcheen deeggarame godina Boorana Bahaatti gaggeeffamaa jira
Sep 4, 2025 460
Hagayya 29/2017(TOI)- Qorannoon dhukkuba sombaa hubannoo namtolcheen deeggarame godina Boorana Bahaatti yeroo jalqabaaf gaggeeffamaa akka jiru waajjirri fayyaa godinichaa beeksise. Waajjrichatti qondeessaan sagantaa ittisa dhukkuba sombaa obbo Abarraa Siyyum akka jedhanitti, qorannoon kun godinicha aanaalee Areeroo, Gooroo Doolaa, Walaabuu Bahaa fi Daasfi magaalaa Nagallee Booranaatti nigaggeeffama. Ogeeyyonni fayyaa olaanoo 10 damee Kanaan leenji’anii fi hojjettoonni deeggarsaa hedduun qorannoo kana gaggeessan hojiitti jiru. Sagantaa Kanaan namoota kuma sadii caalaniif qorannoo dhukkuba sombaa tolaan taasisuuf karoorfamee hojiitti galamuusaas dabalanii ibsaniiru. Qorannoo amma ammaatti taasifameen 135 kan ta’an meeshaa hubannoo nam tolcheen qorannoon X-ray akka taasifameef beeksisaniiru. Mootummaan lammiilee galii xiqqaan jiraataniif qorannoo fayyaa toolaan taasisuun tamsa’ina dhukkuba kanaa qolachuuf hojjechaa akka jiru eeraniiru. Qindeessaan kun akka jedhanitti, ministeerri fayyaas gammoojii naannawichaatti tajaajila qorannoof kan oolan meeshaa X-ray qoratu kan birrii miiliyoona toorbatti tilmaamamu deeggarsa taasiseera. Meeshaan qorannoo kun hubannoon namtolchee kan itti maxxanfamee fi bu’a qabeessa akka ta’es qabatamaan ilaalamuusaa beeksisaniiru. Qorannoon dhukkuba sombaa godinichatti gaggeeffamaa jiru baatii tokkoof nitura jedhameera.
Hojiilee damee Innoveeshinii fi Teeknooloojiin hojjetamaniin bu’aaleen jajjabeessoon argamaniiru
Aug 28, 2025 668
Hagayya 22/2017(TOI)-Bu’aalee teeknooloojii guddina biyyaaf hojiirra oolchuun bu’aaleen jajjabeessoon argamuusaanii ministirri Innoveeshinii fi Teeknooloojii Dr. Ballaxaa Mollaa dubbatan. Ministeerri Innoveeshinii fi Teeknooloojii fi dhaabbileen itti waamamtootaa akkasumas dhaabbileen naannolee dmichaa raawwii hojii bara 2017 fi karoora bara 2018 irratti Dirreedawaatti mari’achaa jiru. Ministirri Innoveeshinii fi Teeknooloojii Dr. Ballaxaa Mollaa marii kanarratti akka jedhanitti, guddinaa fi guddummaa biyyaa mirkaneessuuf bu’aalee teeknooloojii baay’inaa fi qulqullinaan hojiirra oolchuun xiyyeeffannoo argateera. Bara bajataa xumurame bu’aalee teeknooloojii fi hojiilee kalaqaa hojiitti galchuun tajaajiloonni teeknooloojiin deeggaraman kennuun bu’aan argamuu ibsaniiru. Bu’uraalee misoomaa diriirsuun fi naannolee waliin qindaa’iin hojii hojjitameen hojiileen fakkeenya qaban hojjetamuu yaadahiisaniiru. Kana malees labsiin ‘staar aappii’ mirkanaa’ee hojiitti cehuusaa dubbataniiru. Misoomaa fi ogummaa humna namaan lammiilen leenjii Itiyoo-koodiing miiliyoona shanii fudhachuun beekumsa dijitaalaa akka guddifatan hojjetamaa jiraachuu eeraniiru. Mariin Dirree Dawaatti eegalame akka biyyaattis ta’e akka Dirree Dawaatti bu’aalee argaman cimsuu fi jijjiirama fooyya’aa fiduuf haala mijataa uuma kan jedhan ammoo maricharratti kan hirmaatan itti aanaa kantiibaa bulchiinsa Dirree Dawaa Harbii Buh dha. Itti fufuun akka jedhanitti dhaabbileen bulchiinsa Dirree Dawaa teeknooloojii dijitaalaa fi bu’aalee kalaqaa haaraa fayyadamuun tajaajilli si’ataa fi hatattamaa ummata qaqqabaa jira. Hooggantoonni olaanoo ministeera Innoveeshinii fi Teeknooloojii fi dhaabbileen itti waamamtootaa akkasumas hooggantoonni naannolee damichaa waltajjii guyyoota lamaaf turu kanarratti nihirmaatu.
Itiyoo-teleekoom tarsiimoo waggaa sadii Addis Admaas namarratti xiyyeeffate kan Fayyadamummaa Lammiilee Bu’uura godhatee ifoomse
Aug 26, 2025 694
Hagayya 20/2017(TOI)-Itiyoo-teleekoom tarsiimoo waggaa sadii Addis Admaas namarratti xiyyeeffate kan Fayyadamummaa Lammiilee Bu’uura godhatee ifoomse Dhaabbatichi tarsiimoo Addis Admaas waggoota sadii itti aanu bara 2018 amma 2020tti hojiirra oolu ifoomseera. Hojii raawwachiistuu olaanaan Itiyoo Telekoom Fireehiywoot Taammiruu wayita kana akka ibsanitti, Addis Admaas tarsoomoo waggaa sadan dhufanii jalqabbii haaraa, abdii haaraa fi ilaalcha haaraa kan qabatedha. Tarsiimoon kun tarsiimoo biyyoolessaa fi karoora, taateewwan Idil Addunyaa akkasumas, hirmaachisummaa faayinaansii gidduugaleeffatee kan qophaa’e ta’uu ibsaniiru. Tarsiimoon Addis Adimaas Mul’ata nama irratti xiyyeefate qabatee karoora damee dameen qabaman akka milkaa’aniif kan deeggaru ta’uu ibsaniiru. Tarsiimichi tumsaa fi tokkummaa, olaantummaa, wal-amantaa fi tumsa, kalaqaa fi Itti Gaafatamummaa Hawaasaa galmaan ga’uuf kan kaayyeffate ta’uu ibsaniiru. Cehumsa Dijiiaala Itiyophiyaa cimsuuf Teekinooloojii Dijiitaalaaf dursa kennuu fi fedhii maamiltootaa bu’uura godhachuun kallattii fuulduraati jedhaniiru. Humna namaa Teekinooloojiiwwa Beekumsa haaraa fi dandeettii gaafatu madaalu horachuu, kalaqa nam-tolcheen tajaajila saffisaa kennuu, dhaabbata namoonni itti amanuu danda’an ijaaruun xiyyeeffannoo tarsiimoo kanaa ta’uu ibsaniiru. Itti quufinsa maamilaa guddisuu, gahumsa hojii guddisuu, raawwii hojjettootaa Madaaluu, fi gaggeeessummaa gabaa mirkaneessuun safartuu milkaa’ina tarsiimoo kanaa ta’uu eeraniiru.
Ispoortii
Shaampiyoonaan Atileetiksii Addunyaa 20ffaan Boru eegala
Sep 12, 2025 71
Fulbaana 02/2018 (TOI)- Shaampiyoonaan Atileetiksii Addunyaa 20ffaan Jaappaan Tookiyootti gaggeeffamu Boru eegala. Itiyoophiyaa dabalatee biyyoonni 200 ta’an Shaampiyoonaa kanarratti akka hirmaatan odeeffannoon Shaampiyoonaa Atileetiksii addunyaa nimul’isa. Atileetonni akaakuu dorgommii 49’n nihirmaatu. Guyyaan Shaampiyoonaan kun itti eegalamu Atileetonni Itiyoophiyaa dorgommiiwwan ittiin eegaman tidorgomu. Atileet Gudaaf Tsaggaayi, Tsiggee Gabrasalaamaa, Foyitan Tasfaayi fi Ijjigaayyoo Taayyee dorgommii xumuraa meetira kuma 10 dubartootaa guyyaa keessaa sa’aatii 9 fi daqiiqaa 30tti taasifamurratti nidormau. Atileet Tigist Asaffaa, Suutumee Asaffaa fi Tigist Katamaa dorgommii Xumuraa maaraatoonii dubartootaa halkan keessaa sa’aatii 8tti dorgomamurratti nihirmaatu. Shaampiyoonaan Atileetiksii addunyaa kun amma Fulbaana 11 bara 2918tti nigaggeeffama.
Gareen biyyaalessaa Itiyoophiyaa tapha gulaallii tWaancaa addunyaa Gibxi waliin taphatu gaggeessuuf Kaayiroo dhaqeera
Sep 3, 2025 719
Hagayya 28/2017 (TOI)- Gareen biyyaalessaa Itiyoophiyaa tapha gulaallii Waancaa addunyaa Fiifaa 23ffaa Gibxi waliin taphatu gaggeessuuf Kaayiroo dhaquusaa federeeshiniin kubbaa miilaa Itiyoophiyaa beeksise. Tapha Fiifaa 23ffaa A.L.Atti bara 2026tti gaggeeffamu Ameerikaa, Kaanaadaa fi Meeksikootu waliin qindaa’uun qopheessa. Itiyoophiyaan ramaddii tokkoon Gibxi, Burkiinaafaassoo, Seraaliyoon, Giinii Bisaawu fi Jibutii waliin ramadamtee amma ammaatti tapha taphoota jaaha taphatteetti. Gareen biyyaalesaa Itiyoophiyaa tapha ramaddii toorbaffaa Jimaata dhufu Gibxi waliin nitaphata. Gareen jilaaa Itiyoophiyaa tapha kana taphatu kaleessa halkan walakkaa booda buufata xiyyaaraa idil addunyaa Kayiroo qaqqabuusaa odeeffannoon TOI’n federeeshinii kubbaa miilaa Itiyoophiyaarraa argate nimul’isa. Gareen Waaliyaa tapha gulaallii saddettaffaa Qaammee 4 bara 2017 Seraaliyoon waliin nitaphata.
Piriimer Liigii Ingiliziin Taphi Liivarpuul fi Arenaal taphatan ni’eegama
Aug 31, 2025 781
Hagayya 25/2017(TOI)- Sagantaa turban sadaffaa Piriimer Liigii Ingiliziin Taphi Liivarpuul fi Arenaal har’a taphatan ni’eegama. Taphni garee lamaanii daawwattoota kuma 61 fi 276 kan qabatu Istaadiyeemii Anfiildi Rooditti har’a galgala sa’aatii 12:30tti nitaphatama. Bardheengaddaa waancaa Liigichaaf kan dorgoman taphi garee lamaanii kun guddaa eegameera. Bara dorgommii darbe tapha lama gareen lamaan taasisan qabxii walfaskkaataa lamaa fi lamaan adda bahuunsaanii niyaadatama. Biraayiten Maanchastar siitii, Noniingihaam Forest Weestihaam Yunaayitid guyyaa keessaa sa’aatii 10tti akkasumas Astonviilaan Kiristaal Paalaas waliin har’a galgala sa’aatii 3tti nitaphatu.
Maanchastar Yunaayitid taphaa liigiitiin injifannoo jalqabaa galmeessise
Aug 30, 2025 717
Hagayya 24 /2017(TOI)-Sagantaa turban sadaffaa Piriimer liigii Ingiliziin Maanchastar Yunaayitid Barnileeyi goolii 3 fi 2’n mo’ateera. Tapha olditiraafoorditti gaggeeffameen Biraayan Mibeemoo taphaan, Biruunoo Fernaandeez rukuttaa adabbiin fi taphataan sarara ittisaa Barnleey Joosh Kulen goolii ofiirratti galchuun yuunaayitidiif lakkoofsisaniiru. Galchiin Farnaandeez daqiiqaa 97ffaarratti galche murteessaa ture. Laayil Foster fi Jeyiden Antoonii Bernleeyyiif galchaniiru. Manchastra Yuunaayitid tapha gaarrii kan taasise yoo ta’u taphicha yeroo lama dursee dogoggora sarara ittisatiin itti galeera. Akkaataa qabxii kanaatiin Maanchastar Yuunaayitid liigichaan injifannoo jalqabaa galmeessisuun qabxii afuriin sadarkaa 9ffaa irra jira. Bernileeyi qabxiiwalfakkaataa afuriin kaffaltii gooliin caalamee sadarkaa 11ffaarratti argama. Taphoota biroon Beniwaawuz Totanihaam Hotsipersinin 1 fi 0’n, Everten Wolvisiin 3 fi 2’n fi sandarlaand Bireentifoordiin 2 fi 1’n mo’ataniiru.
Eegumsa naannoofi haala qilleensaa
Innisheetiivoota Itiyoophiyaan Dhiibbaa Haala Qilleensaa dandamachuuf Jalqabde tumsa kibba-kibbaan jabeessuu barbaachisa
Sep 12, 2025 96
Fulbaana 02/2018(TOI)- Innisheetiivoota Itiyoophiyaan Dhiibbaa Haala Qilleensaa dandamachuuf Jalqabde tumsa kibba-kibbaan jabeessuun akka barbaachisu hoggantoonni dhaabbilee Idil-Addunyaa ibsan. Hangi Faalama gaazii Afriikaan gallakkiftu dhibbentaa afur caaluu baatus dhiibbaa haala jijiirama qilleensaan baay’ee Miidhamtuu ta’uunshee hin oolle. Keessumaa Afriikaa dabalatee biyyoonni guddachaa jiran rakkoo dhiibbaa jijiirama Haala Qilleensaan isaanirra gahu gaaffii dhimma jiraachuu keessa kan galu ta’eera. Afriikaan Dhiibbaa Haala Qilleensaa dandamachuuf biyyoota gaazii qilleensa faalu guddaa dad-lakkisan eeggachuuurra , furmaata mataashee barbaaduu qabdi kan jedhu yaada dhaabbilee Idil-addunyaa hedduuti. Kanarra darbee biyyootaTeekinooloojiin badhaadhan kanneen akka Chaayinaa fi Jaappaan waliinTumsa waloo Kibba-kibbaa taassisuun humna Teekinooloojii guddifachuu akka qabdu ibsaniiru. Gargaaraan Barreessaa dhaabbata Meetiworooloojii Addunyaa Toomaas Asaaree TOI’f akka ibsanitti , Hidhi Haaromsa Itiyoophiyaa Guddicha faayinaansii haala Qilleensaa maddisiisuu fi biyyoonni ollaa humna Haaromfamaan walitti hidhuun gumaacha guddaa qaba. Itiyoopiyaan sagantaa Ashaaraa Magariisaan biqiltuuwwan biiliyoonaan lakka’aman dhaabuun Dinagdee magariisaa Jijiirama Haala Qilleensaan hinraafamne ijaaraa jiraachuu ibsaniiru. Kanaafis Kutannoon gaggeessummaa Ministira Muummee Dr.Abiyi Ahimadii fi Hirmaannaan ummata Itiyoophiyaa qooda olaanaa qabachuu dubbataniiru. Ta’us Itiyoophiyaan Jijiirama Haala Qilleensaa dandamachuuf tattaaffii taassistu tumsa kibba -kibbaan jabeessuutu barbaachisa jedhaniiru. Gargaaraa Daarekteer Jeneraalaa dhaabbata qonnaa fi nyaataa addunyaa fi itti waamamaan Afriikaa Dr. Abbabaa Hayilagabreel gamasaaniin, waliigalteewwan Paarisii fi idil addunyaa kanneen biroo biyyoonni gaazii qilleensa faalu guddaa gad-lakkisan faayinaansii jijjiirama qilleensaa akka danda’an taasisuuf bahan sirnaan hojiirra hin oolle jedhaniiru. Dhiibbaa jijiirama haala Qilleensaa dandamachuuf tumsa kibba-kibbaa cimsuun humna teekinooloojiisaanii guddisuu akka qaban ibsaniiru. Afriikaan ardii humna haaromfamaa, qabeenyota albuudaa fi dilbii uumamaa kanneen biroo qabdu ta’uushee eeruun, teeknooloojii dilbii kana ittiif fayyadamtu tumsa kibba-kibbaan madaqsuu qabdi jedhaniiru. Hammattoo waliigaltee Kibba -Kibbaan biyyoon akka chaayinaa waan hedduun qoramanii humna teekinooloojii bu’uura qabatan ijaaraniiru kan jedhan Dr.Abbabaan , Afriikaan turtee seenuushee, /latecomer advantage/ akka carraatti fayyadamuu akka qabdu ibsaniiru. Biyyoonni akka Chaayinaa hammattoo tumsa tumsaan dandeettii teeknooloojii hedduu qoramanii bu’ura qabate ijaaraniiru kan jedhan Dr. Abbabaan, Afriikaan turtee itti seenuunshee /late comer advantage/ akka carraatti fayyadamuu akka qabdu ibsaniiru.
Afriikaan jijjiirama haala qilleensaaf gargaarsa osoo hintaane Invastimantii waloo barbaaddi-Ministira muummee Dr. Abiyyi Ahimad
Sep 8, 2025 352
Qaammee 3/2017(TOI)- Afriikaan jijjiirama haala qilleensaaf gargaarsa osoo hintaane Invastimantii waloo barbaaddi jedhan Ministirri muummee Dr. Abiyyi Ahimad. Yaa’iin jijjiirama haala qilleensaa Afriikaa lammaffaan jiddugala konveenshinii idil addunyaa Addisitti eegalameera. Ministira muummee Dr. Abiyyi Ahimad dabalate hooggantoonni riijinichaa fi biyyoota Afriikaa garagaraa, hooggantoonni dhaabbilee idila addunyaa akkasumas qorattoonni jijjiirama haala qilleensaa yaa’icharratti hirmaataniiru. Ministirri muummee Dr. Abiyyi Ahimad dubbii baniinsa yaa’ichaarratti dubbataniin, qormaata jijjiirama haala qilleensaa damdamachuuf hir’uu keenyarraa osoo hinta’iin kan qabnurraa eegaluu qabna jedhaniiru. Haala Kanaan Afriikaan dargaggoota hedduu, lafa misoomuu danda’u akkasumas humna haaromfamaaf wantoota hedduu qabdi jedhaniiru. Waan ta’eef asitti kan argamne jijjiirama haala qilleensaa addunyaaf furmaata kaa’uufi jechuun ibsan ministirri muummee. Kanaaf Afriikaan laftishee osoo hinmiidhamiin guddachuu akka dandeessu ibsaniiru. Afriikaan jijjiirama haala qilleensaaf kan barbaaddu gargaarsa osoo hintaane Invastimantii walooti kan jedhan ministirri muummee, invastimantiin jijjiirama haala qilleensaarratti taasifamu faayidaa guddaa akka qabu kaasaniiru. Afriikaan jijjiirama haala qilleensaaf furmaata ijoo ta’uu akka qabdus dubbataniiru.’ Afriikaan jijjiirama haala qilleensaarratti birmadummaa odeeffannoo mataashee qabaachuu akka qabdu kaasaniiru. Hammattoon Yuunivarsiitiiwwanii fi qorattoota Afriikaa akkasumas qooda fudhattoota biroo hirmaachisee fi jijjiirama haala qilleensaaf furmaata qindaa’e diheessu akka hindeeffamu yaada dhiheessaniiru. Haala Kanaan Itiyoophiyaan karaa ashaaraa magariisaa waggoottan toorba dura eegalameen biqiltuu biiliyoona 48 dhaabuushee eeraniiru. Sagantaan ashaaraa magariisaa naannawa eeguurra darbee bakkeewwan miidhaman akka bayyanatan, wabii nyaataa fi carraa hojii uumuuf carraa guddaa uumuusaa eeraniiru. Itiyoophiyaan misooma jallisii rakkoo jjjiirama haala qilleensaan walsime hojjechuun oomisha Qamadiin jijjiirama olaanaa fiduushee ibsaniiru. Hidhi haaromsaa Itiyoophiyaa guddichi tibbana eebbifamu anniisaa haaromfamu meegaa waattii kuma shan caalaa maddisiisuunItiyoophiyaa fi riijinicha fayyadamoo anniisaa akka taasisu ministirri muummee dubbataniiru. Itiyoophiyaan yaa’ii jijjiirama haala qilleensaa dhaabbata mootummoota gamtoomanii keessummeessuu akka barbaaddus eeraniiru.
Afriikaan ardii galmoonni haala qilleensaa ittimilkaa’an gochuun addunyaaf agarsiisuu qabna-Ministira muummee Dr. Abiyyi Ahimad
Sep 8, 2025 237
Qaammee 3/2017(TOI)- Afriikaan ardii galmoonni haala qilleensaa ittimilkaa’an gochuun addunyaaf agarsiisuu qabna jedhan Ministirri muummee Dr. Abiyyi Ahimad. Ministirri muummee Dr. Abiyyi Ahimad ergaa fuula marsariitiisaaniirratti barreessaniin, Bosona deebisanii misoomsuun pirojektii yaalii osoo hinta’iin aadaa ta’uusaa ibsaniiru. Qonni ammayyaa miiliyoonota kan sooruu fi magaalaawwanii fi naannawoota baadiyyaa misooma kooriidaraa magariisaa walsimsiisuun fayyadama dinagee waloo kan taasisudha jedhaniiru.
Yaa’iin haala qilleensaa Afriikaa 2ffaan har’a eegalama
Sep 8, 2025 177
Qaammee 3/2017(TOI)-Yaa’iin jijjiirama haala qilleensaa Afriikaa lammaffaan har’a irraa eegalee guyyoota sadiif Finfinneetti nitaa’ama. Yaa’iin kun mata duree “furmaatilee haala qilleensaa idil addunyaa saffisiisuu, misooma magariisaa Afriikaa faayinaansiin deeggaruu” jedhuun har’arraa eegalee guyyoota sadiif Finfinneetti gaggeeffama. Yaa’ii muummeen dura dura guyyoota muraasa darban haaldureewwan haala milakaa’aan gaggeeffamuusaanii fi yaadonni imaammataaf galtee ta’an kaafamuunsaanii ibsameera. Itiyoophiyaan rakkoo jijjiirama haala qilleensaa waloomaan ittisuun ejjennoo bu’aa caalaa fiduuf qabduu fi hojiilee hojjette yaa’iirratti nidhiheessiti. Furmaatilee naannawaa tarsiimoo haala qilleensaa ardii waliin walitti hidhuun haala danda’amurratti nimari’atama. Afriikaanonni jijjiirama haala qilleensaa ittisuuf kutannoon kan ittiin hojjetan “waliigalteen tumaa Finfinnee” yaa’ii kanarratti akka mirkanaa’u ni’eegama. Tattaaffii Afriikaan bulchiinsa haala qilleensaan bakka sirrii qabachuuf taasiftu kan gargaaran murteewwan akka darban ni’eegama. በHooggantoota biyyoota garagaraa dabalatee hirmaattonni kuma 25 caalan yaa’icharratti nihirmaatu.
Gabaasa addaa
Humna elektirikii guutuu biyyattiitti addaan cite deebisuuf tattaaffiin taasifama
Dec 7, 2024 6128
Sadaasa 27/2017(TOI) - Humna elektirikii guutuu biyyattiitti addaan cite deebisuuf tattaaffiin taasifamaa jiraachuu Humni Elektiriikii Itoophiyaa beeksise. Har'a galgala kana tasgabbii dhabuu sistamaatiin rakkoo mudateen guutuu biyyattiitti humni elektirikii addaan citeera. Rakkoo kana hiikuufi humnicha deebisuuf buufatalee maddoota humnaafi raabsaatti tattaaffiin olaanaa taasifamaa jira. Rakkoo umame Humni Elektiriikii Itoophiyaa hiikee hanga bakkasaatti deebisutti obsaan akka nu eegdan kabajaan gaafachaa, odeeffannoowwan jiran hatattaamaan kan isiniin biraan geenyu ta'a jechuun Tajaajilli Elektiriikii Itoophiy karaa miidiyaa hawaasummaa isaa beeksiseera.
Hoggantoonni hojii bulchiinsa magaalaa Finfinnee balaa Ibiddaa Markaatoo naannaawwa Shammaa taraa jedhamutti mudateen miidhaa qaqqabe daawwata.
Oct 22, 2024 5288
Onkoloolessa 12/2017(TOI) - Hoggantoonni hojii bulchiinsa magaalaa Finfinnee balaa Ibiddaa Markaatoo naannaawwa Shammaa taraa jedhamutti mudateen miidhaa qabeenyarra gahee bakkatti argamuun ilaalaniiru. Paartii Badhaadhinaatti hogganaan damee wajjira Finfinnee obbo Mogas Baalchaa wayita kana akka himanitti; gamoo balaan ibiddaa irratti mudatee qaama isaa gar tokko balaa kanarraa baraaruun danda'ameera. Kutaaleen hawaasaa fi qaamoleen nageenyaa karaa qindaa'een balaa kana to'achuu fi balaan kun gara biraatti akka hin babal'anneef hojii hojjetaniif galateeffataniiru. Bulchiinsi magaalichaa balaa ibiddaa mudate kanaan kanneen miidhaman deebisee dhaabuuf xiyyeeffannoon akka hojjetu obbo Mogos Baalchaa ibsuu isaanii Odeeffannoon Waajjira Kantiibaarra argame ni mul'isa.