Tamsaasa Kallatti:
Angafoota Oduu
Inistiitiyuutichi dhiyeessii nyaata beeyladaa guddisuun oomishtummaa damichaa guddisuuf hojiilee qorannoo eegale daran cimsuu qaba.
Jan 21, 2026 8
Amajjii 13/2018(ENA) -Inistiitiyuutii Baayoo fi Teeknooloojii Haaraa rakkoo hanqina nyaata loonii furuufi oomishtummaa damee horsiisa beeyladaafi qurxummii guddisuuf hojii qorannoo eegale caalaatti cimsuun akka barbaachisu Koreen Dhaabbii Dhimma Qabeenya Humna Namaa, Ramaddii Hojii fi Teeknooloojii Mana Maree Bakka Bu’oota Ummataa ibse.   Hoggantoonnii fi miseensonni koree kanaa pirojektoota qorannoo inistiitiyuutichaa Adaamaa yeroo daawwatanitti Pirezidaantiin Koree Dhaabbichaa doktar Nagarii Leencoo qorannoo inistiitiyuutichi rakkoolee hawaasaa furuu taasisaa jiru dinqisiifataniiru. Keessattuu balfa gogaa gara nyaata lukkuufi qurxummiitti jijjiiruun teeknooloojii haaraa hojiirra oolchuun isaa fakkeenya gaarii ta’uu kan ibsan, dargaggoonniifi qonnaan bultoonni magaalaa fi baadiyyaa keessatti horsiisa lukkuu fi qurxummii irratti bobba’an salphaatti galtee nyaataa diinagdee isaanii akka qopheeffatan deggaruu keessatti gaheen inistiitiyuutichaa murteessaa akka ta’e himaniiru. Nyaata beeyladaa biyya keessatti oomishuun sharafa alaa qusachuun oomishaa fi oomishtummaa beeyladaa guddisuuf murteessaa ta’uu himuun, hojii qorannoo kana caalaatti cimsanii akka itti fufanis hubachiisaniiru. Qorataan inistiitiyuutichaa doktar Fireewu Taaffasaa gama isaaniin, ji’oota saddeet darbanitti pirojektiin “Nabsaat” jedhamu balfa gara xaa’oo uumamaafi faayidaa biroo kennutti jijjiiru bocuun bu’aa gaariin akka galmaa’e himaniiru.   Yeroo ammaa kanas torbanitti nyaata lukkuu kuntaala 10 oomishuun Adaamaa keessatti bakka agarsiisaa fi leenjii horsiisa lukkuu jalqabuu isaanii himaniiru. Dabalataanis haftee oomishaa irraa nyaata lukkuu qopheessuu fi fayyadamtoota biraan ga’uuf hojii bal’aa hojjechaa akka jiranis ibsaniiru.
Sirna daldalaa ammayyeessuu fi wiirtuuwwan daldalaa babal’isuuf xiyyeeffannoon kennameera
Jan 21, 2026 15
Amajji 13/2018(ENA) – Gabaa tasgabbeessuuf sirna daldalaa ammayyeessuu fi wiirtuuwwan daldalaa babal’isuuf xiyyeeffannoon kennamee hojjetamaa jiraachuu Ministirri Daldalaa fi Walitti Hidhaminsa Naannawaa doktar Kaasahuun Gofee ibsani. Magaalaa Kombolchaatti Giddugalli Gabaa birrii miliyoona 120’n ijaarame eebbifameera.   Ministirri Daldalaa fi Walitti Hidhaminsa Naannawaa doktar Kaasahuun Gofee akka ibsanitti, daldala adda adda faffaca’ee adeemsifamu walitti qabuuf sirna gabaa ammayyeessuun qaala’insa jireenyaa tasgabbeessuuf hojjetamaa jira. Dabalataanis bakkeewwan gabaa misoomsuu,qabiyyee isaanii kabachiisuu akkasumas sadarkaa isaanii fooyyessuun haala mijataa uumuuf tattaaffiin taasifamaa jiraachuu ibsaniiru. Magaalotatti gabaawwan Sanbataa fi Dilbataa hundeeffamanii oomishaalee gatii madaalawaanii fi gatii gadi aanaan akka dhiyaataniif hojiin jalqabame jabaatee itti fufa jedhan. Guyyaa har’aa giddugalli gabaa eebbifame kuni qaama kanaa ta’uu eeruun,hojiin kuni magaalota kanneen biroottis babal’achuu qaba jedhaniiru.   Sadarkaa itti aanaa hogganaa mootummaa naannoo Amaaraatti qindeessaan damee misooma magaalaa naannoo Amaaraa doktar Ahmaddiin Mahaammad akka jedhanitti, nageenya naannichatti buusuun cinatti piroojektoota nama irratti xiyyeeffataniif xiyyeeffannoon kennamee hojjetamaa jira. Keesumaa gabaa tasgabbeessuun qaala’insa jireenyaa salphisuun akka danda’amuuf hojiin hojjetamaa jira. Kanaan dura giddugalli gabaa oomishtootaa fi fayyadamtoota(shammattoota) kan wal quunnamsiisu bal’inaan waan hin jirreef sirni daldalichaa alseerummaaf kan saaxilame ture jedhani hogganaan Biiroo Daldalaa Naannoo Amaaraa doktar Ibraahim Mahaammad. Rakkina kana furuufis naannoolee adda addaatti giddugalli gabaa ijaaramee gara hojiitti galamuu eeruun,yeroo dhiyootti gara hojiitti kan gale giddugalli gabaa Dassee bu’a qabeessa ta’ee itti fufuu himaniiru. Bara kanas naannichi wiirtuuwwan daldalaa babal’isuu fi sadarkaa isaanii fooyyessuuf birrii biiliyoona walakkaa ol ramaduu isaa ibsaniiru. Kantiibaan Bulchiinsa Magaalaa Kombolchaa obbo Mahaammad Amiin Yesuuf gamasaaniitiin oomisha industirii fi qonnaa giddugalichatti gatii madaalawaadhaan hawaasaaf ni dhiyaata jedhan. Eebba kanarratti hoggantoonni daldalaa Federaalaa, naannolee fi qooda fudhattoonni biroo argamaniiru.
Naannoo Oromiyaatti Omishaa fi Omishtummaa dabaluuf hojii hojetameen bu’aan abdachiisaan argameera
Jan 21, 2026 12
Amajjii 13/2018(ENA)- Naannoo Oromiyaatti Omishaa fi omishtummaa dabaluun gargaaramuu keessaa bahuuf hojii hojjetameen bu’aan abdachiisaan argamuusaa Itti Gaafatamaa Waajjira Pirezidaantii Mootummaa Naannoo Oromiyaa, Doktar Abdulaziiz Daawud ibsan. Hogganaan waajjirichaa gamaggama raawwii hojii baatii ja’aa magaalaa Adaamaatti gaaggeeffamaa jirurratti gabaasa dhiheesaniin, Naannochatti Omishaa fi Omishtummaa dabaluu fi wabii nyaataa Mirkaneessuuf hirmaannaan taasifamaa jiraachuu ibsaniiru.   Qonna Gannaa bara Kanaan lafa hektaara miiliyoona 11 tuqaa 8 sanyiin kan facaafame yoo ta’u, kana keessaa hektaarri miiliyoona 8 tuqaa 7 kilaastaraan misoomaa jiraachuu dubbataniiru. Misoomichaan midhaan gurguddoon omishni fooya’aan argamuu eeruun tajaajila Makaanaayizeeshinii fi dhaqqabamummaan bu’aan abdachiisaan argameera jedhaniiru. Fakkeeenyaaf lafa Ganna misoome hektaara miiliyoona1 tuqaa 9 irraa kompaayineraan haamamaa jiraachuu ibsaniiru. Baatii Bonaa qabametti lafa hanga karoorfame misoomsuuf Motoroota Bishaan harkisan kuma16 fi 500 ol Qonnaan bulaaf dhihaachuu ibsaniiru.   Adeemsa hanga ammaa jiruun Lafa Hektaara Miiliyoona 3 ol Jallisii Boneen sanyiin facaafamuu ibsuun, fooya’insa sanyii Beelladaan Jabbileen kuma 794 tooftaa nam-tolcheen dhalachuusaanii hubachiisaniiru. Hojiiwwan misoma Qonnaa Inisheetiviin qabamanii hojjetamaa jiran keessaa Qophiin biqiltuu Misooma Baala shayii, Misooma fuduraalee fi Bunaa haala gaariin hojjetamaa jiraachuu ibsaniiru. Walii gala naannichatti hojiiwwan walakkaa waggaatti raawwataman omishtummaa dabaluuf galma qabame kan saffisiisanidha jedhaniiru.   Gama biroon lafa magaalaa fi baadiyaatti sirna kaadastara lafaa hojiira oolchuun bu’aan argamuusaa eeruun keessumaa Bulchiinsa qabeeenya lafaa fi sirna itti fayyadamaa Ammayyeessuurratti hojiin abdachiisaan hojjetameera jedhaniiru. Magaalota naanichaatti kenna tajaajila Ammayyeessuu fi Dijiitaala gochuuf dhaqqabamummaa Tajaajila wiirtuu tokkoo Masoob hojiirra ooluu, akkasumas caaseffamni bulchiinsi ganda baadiyaa cimaa jiraachuu ibsaniiru. Qaala’insa Jireenyaa fi daballii gatiin omishaa hir’isuuf gabaa Sanbataa fi Dilbataa babal’isuurra darbee dhiheessii omishaa shammatootaa fi omishtoota waliin kallattiin wal-quunnamsiisuun hojii xiyyeeffannoo barbaadu ta’uu hubachiisaniiru.
Manni Marichaa Labsii Filannoo fooyyessuun filannoo iftoominaa fi haqa qabeessa teeknooloojiin deeggaramee akka gaggeeffamuuf haala dandeessisu uumeera
Jan 21, 2026 16
Amajjii 13/2018(ENA) – Mnni Maree Bakka Bu’oota Uummataa Labsii Filannoo fooyyessuun, filannoo iftoominaa fi haqa qabeessa teeknooloojiin deeggaramee akka gaggeeffamuuf haala dandeessisu uumuu af-yaa’iin mana marichaa Taaggasaa Caafoo ibsan. Boordiin Filannoo Biyyaalessaa Filannoo waliigalaa biyyaalessaa 7ffaaf galmeen filattotaa Guraandhala 7 hanga Eebila 7/2018tti akka gaggeeffamu, Caamsaa 24, 2018 immoo sagalee kennuun akka gaggeeffamu murteessuun isaa ni yaadatama. Boordichi kana ilaacha keessa galchuun hojiilee galteewwan guutuu fi hubannoo uumuu akkasumas qophiiwwan filannoof barbaachisan hojjechaa jiraachuu ibseera. Af-yaa’iin Mana Maree Bakka Bu’oota Uummataa Taagasaa Caafoo ENAtti akka himanitti,Boordiin Filannoo biyyoolessaa Itiyoophiyaa biyyattiitti filannoo fi murtee sagalee kan adeemsisu qaama bilisaa dhaabbata heera mootummaati jedhani. Boordichi bu’uura heera mootummaatiin filannoo biyyaalessaa 7ffaa gaggeessuuf qophii gahaa taasisuu isaa gabaasa isaa keessatti ibseera. Filannoon Waliigalaa Biyyaalessaa 7ffaan haala haqa qabeessa, nagaa fi amansiisaa ta’een akka gaggeeffamuuf Manni Marichaa fooyya’iinsa seeraa barbaachisaa taasisuu isaa hubachiisaniiru. Keessattuu labsii lakkoofsa 1162/2011 fooyyessuun galmeewwan kaadhimamtootaa fi filattootaa akkasumas hojiiwwan boordichaa kan biroo teeknooloojii dijitaalaan akka deeggaramu hojiiwwan dandeessisan hojjetamaniiru jedhan. Dhaabbileen waldaalee siivilii filannicha taajjabuu fi filattootaaf hubannoo uumuu keessatti gahee murteessaa akka qaban ibsaniiru. Mootummaan iftoominaa fi amanamummaa filannoo kana mirkaneessuuf, gaaffii Boordiin Filannoo Biyyaalessaa Itiyoophiyaa dhiheesseen, qophii taasisaa jira jedhan. Adeemsi Filannoo Walii galaa Biyyaalessaa 7ffaa walii galtee biyyaalessaatiin akka gaggeeffamu tattaaffiin taasifamaa akka jiru eeruun, filannoo kana milkeessuu keessatti paartileen hundi gahee isaanii akka bahatan waamicha dhiyeessaniiru.
Waraqaa Eenyummeessaa Dijiitaalaa FaayidaaTajaajila dhaabbilee Faayinaansii maamiltootaa saffisiisuuf  ni deeggara
Jan 21, 2026 19
Amajjii13/2018(ENA)-Waraqaa eenyummeessaa Dijiitaalaa Faayidaa qabannaa ragaaMaamiltoota dhaabbilee Faayinaansii Ammayyeessuuf,tajaajila si’ataa fi nageenyisa eegame kennuuf deeggarsa guddaa akka taassisu ibsame. ENAn Hoggantoota hojii dhaabbilee faayinaansii Magaalaa Cirootti argaman tajaajila waraqaa eenyummeessaa Dijiitaalaa Faayidaa irratti dubbiseera. Akka Hoggantoonni hojii ibsanitti,Waraqaan eenyummeessaa Dijiitaalaa odeeffannoo Ijaa, fuulaa fi Ashaaraa qubaa maamiltootaa meeshaalee Elektirooniksiin qabachuun namni tokko odeeffannoo wal-fakkaatu qabatee tajaajila burjaajjiirraa qulqullaa’e kennuuf kan dandeessisudha. Hojii gaggeessaan Baankii Daldala Itoophiyaa Ciroo damee Odaa bultum Balaayi Yawaalaasheet akka ibsanitti,waraqaan eenyummeessaa Dijiitaalaa Faayidaa waraqaa eenyummeessaa sobaan burjaajjii raawwatamu ittisuuf gargaara. Waraqaan eenyummeessaa Dijiitaalaa odeeffannoo elektirooniksiin qabachuun tajaajilamaan eenyummaa tokko akka qabaatu gochuun dhugummaasaa mirkaneessuuf akka gargaaru dubbataniiru. Waraqaa eenyummeessaa Dijiitaalaa Faayidaa Baankichi kenna Tajaajila Maamilaa haaraa eegale kan saffisiisu ta’uu eeraniiru. Baankii Awaash Damee Ciroo hojii gaggeessaa tajaajila maamiltootaa fi oppireeshinii Tewoodiroos Salamoon gamasaaniin Waraqaan eenyummeessaa Dijiitaalaa Faayidaa Maamiltoonnii fi Baankonni haala guutuu ta’een akka wal beekan gochuun kenna tajaajilaa kan saffisiisudha. Maamililli lakkoofsa faayidaa tokkoon qofaan galmaa’uusaan Baankonni tajaajila liqaa yeroo kennan maamiltootasaanii akka beekanii fi hordoffii liqaa sirnaan akka raawwataniif kan deeggaru ta’uu dubbataniiru. Waraqaan eenyummeessaan Dijiitaalaa FaayidaadhaabbileeFaayinaansii keessatti tajaajila waraqaarraa bilisa ta’e hojiirra oolaa jiru saffisiisuuf kan deeggarudha jedhaniiru. Itiyoo Teeleekoomitti gidduugalli Damee gurgurtaa Ciroo Tonkoluu Baqqalaa Waraqaan eenyummeessa Dijiitaalaa Faayidaa odeeffannoo nama tokkoo haala wal fakkaatuun galmeessuun kenninsa tajaajilaa saffisa fi ammayaa’aa ta’e hojiirra kan oolchu ta’uu ibsaniiru.
Kan mul'ate

Pulse Of Africa

POA English

POA English

Pulse Of Africa - English Language

Your news, current affairs and entertainment channel

Join us on

POA Arabic

POA Arabic - عربي

Pulse Of Africa - Arabic Language

قناتكم الاخبارية و الترفيهية

Join us on

Siyaasa
Manni Marichaa Labsii Filannoo fooyyessuun filannoo iftoominaa fi haqa qabeessa teeknooloojiin deeggaramee akka gaggeeffamuuf haala dandeessisu uumeera
Jan 21, 2026 16
Amajjii 13/2018(ENA) – Mnni Maree Bakka Bu’oota Uummataa Labsii Filannoo fooyyessuun, filannoo iftoominaa fi haqa qabeessa teeknooloojiin deeggaramee akka gaggeeffamuuf haala dandeessisu uumuu af-yaa’iin mana marichaa Taaggasaa Caafoo ibsan. Boordiin Filannoo Biyyaalessaa Filannoo waliigalaa biyyaalessaa 7ffaaf galmeen filattotaa Guraandhala 7 hanga Eebila 7/2018tti akka gaggeeffamu, Caamsaa 24, 2018 immoo sagalee kennuun akka gaggeeffamu murteessuun isaa ni yaadatama. Boordichi kana ilaacha keessa galchuun hojiilee galteewwan guutuu fi hubannoo uumuu akkasumas qophiiwwan filannoof barbaachisan hojjechaa jiraachuu ibseera. Af-yaa’iin Mana Maree Bakka Bu’oota Uummataa Taagasaa Caafoo ENAtti akka himanitti,Boordiin Filannoo biyyoolessaa Itiyoophiyaa biyyattiitti filannoo fi murtee sagalee kan adeemsisu qaama bilisaa dhaabbata heera mootummaati jedhani. Boordichi bu’uura heera mootummaatiin filannoo biyyaalessaa 7ffaa gaggeessuuf qophii gahaa taasisuu isaa gabaasa isaa keessatti ibseera. Filannoon Waliigalaa Biyyaalessaa 7ffaan haala haqa qabeessa, nagaa fi amansiisaa ta’een akka gaggeeffamuuf Manni Marichaa fooyya’iinsa seeraa barbaachisaa taasisuu isaa hubachiisaniiru. Keessattuu labsii lakkoofsa 1162/2011 fooyyessuun galmeewwan kaadhimamtootaa fi filattootaa akkasumas hojiiwwan boordichaa kan biroo teeknooloojii dijitaalaan akka deeggaramu hojiiwwan dandeessisan hojjetamaniiru jedhan. Dhaabbileen waldaalee siivilii filannicha taajjabuu fi filattootaaf hubannoo uumuu keessatti gahee murteessaa akka qaban ibsaniiru. Mootummaan iftoominaa fi amanamummaa filannoo kana mirkaneessuuf, gaaffii Boordiin Filannoo Biyyaalessaa Itiyoophiyaa dhiheesseen, qophii taasisaa jira jedhan. Adeemsi Filannoo Walii galaa Biyyaalessaa 7ffaa walii galtee biyyaalessaatiin akka gaggeeffamu tattaaffiin taasifamaa akka jiru eeruun, filannoo kana milkeessuu keessatti paartileen hundi gahee isaanii akka bahatan waamicha dhiyeessaniiru.
Manni maree ministirootaa dhimmoota garagaraarratti mari’atee murtoo dabarse
Jan 20, 2026 122
Amajjii 12/2018(TOI)- Manni maree ministirootaa guyyaa har’aa wal gahii idilee 52ffaa gaggeesseen dhimmoota garagaraarratti mari’atee murtoo dabarseera. Murtoowwan manni mariachi dabarse akka armaan gadiitti dhihaateera- Murtoo walgahii mana maree ministirootaa idilee 52ffaa Amajjii 12 bara 2018 Finfinnee Manni maree ministirootaa walgahii idilee 52ffaa guyyaa har’aa gaggeesseen dhimmoota garagaraarratti mari’atee murtoo dabarse.   Manni Marichaa jalqaba wixinee labsii, labsii Gumurukii fooyyessuuf dhihaaterratti mari’ate. Labsiin Gumurukii hojiirra jiru waggoota hedduuf kan tajaajile waan ta’eef, tumaalee labsichaa sadarkaa guddinaa hojiin daldalaa idil addunyaa irra gahe waliin wal simsiisuuf, misooma industirii oomishaa biyya keenya keessatti guddachaa dhufe deeggaruuf, akkasumas daldalaa fi invastimantii seera qabeessa jajjabeessuun akka danda’amu labsiin fooyyessaa kun qophaa’ee dhihaateera. Manni marichaa labsii fooyya’ee dhihaate kanarratti erga mari’atee booda galtee itti dabaluun mana maree bakka bu’oota ummataaf akka qajeelfamu sagalee guutuun murteesseera. Manni marichaa itti fufuun wixinee danbii onnachiiftuu taaksii fi qaraxaa Invastimantiif kennamu irratti mari’ateera. Dameelee invastimantii guddina dinagdee biyya keenyaaf gumaacha olaanaa qabanii fi dursi kan kennamuuf, akkasumas kaappitaala olaanaa gaafatamaniif kaappitaala hojiirra oolu tilmaama keessa kan galchuu fi sirna onnachiiftuu Invastimantii raawwiirratti hundaa’e diriirsuun waan barbaachiseef wixineen dambii kun qophaa’ee dhihaateera. Manni marichaas dambicharratti bal’inaan mari’atee galtee itti dabaluun dambiin kun gaazexaa magalataa federaalaarratti guyyaa maxxanfamee eegalee hojiirra akka oolu sagalee guutuun murteesseera. Xumurarrattis manni marichaa wixinee imaammataa misooma dhaweessummaa irratti mari’ateera. Imaammatichi hojiileen damee dhaweessummaan hojjetaman fulla’insa qabaatanii milkaa’ina galmoota misooma biyyaalessaaf qoodasaanii akka bahan, aadaa kalaqaa gabbisuu fi sona dabaluuf dirree dhaweessummaa mijataa ijaaruu akka danda’amu qophaa’ee dhihaateera. Manni marichaas imaammaticharratti mari’atee galtee dabaluun imaammatichi guyyaa mana maree ministirootaan ragga’e Amajjii 12 bara 2018 irraa eegalee hojiirra akka oolu sagalee guutuun murteesseera. #WMMItiyoophiyaa
Mariin biyyaalessaa kutaalee hawaasaa hunda hirmaachisuunii fi hojiilee milkaa’oo hojjechuun boqonna xumuraa isa murteessaarra gaheera-Af-ya’ii Taaggasaa Caafoo
Jan 17, 2026 256
Amajjii 9/2018 (ENA)- Mariin biyyaalessaa kutaalee hawaasaa hunda hirmaachisuunii fi hojiilee milkaa’oo hojjechuun boqonna xumuraa isa murteessaarra gaheera jechuun ibsan Af-ya’iin mana maree bakka bu’oota ummataa Taaggasaa Caafoo. Komishiniin marii biyyaalessaa Itiyoophiyaa garaagarummaawwan yaadaa fi wal dhabdee bu’ura kan biyyattii keessatti mul’atu furuufbifa hammataa ta’een marii taasisuuf lakkoofsa labsii 1265/2014’n mana maree bakka bu’oota ummataatiin kan hundaa’e dhaabbata of danda’edha. Komishinichi garaagarummaa yaadaa fi wal dhabdee biyyaalessaa bu’uraa mariiwwan hammataa fi ummataa gaggeessuudhaan walii galtee biyyaalessaa uumuuf hojjechaa jira. Haala Kanaan komishinichi dhimmoota biyyaalessaa murteessoo irratti hirmaattota adda baasuu fi ajandaa walitti qabuun hojjechuun gara boqonnaa xumuraa gahuunsaa ni beekama. Af yaa’iin mana maree bakka bu’oota ummataa Taaggasaa Caafoo ENA’f akka ibsanitti, komishiniin marii biyyaalessaa Itiyoophiyaa adeemsa marii Itiyoophiyaanonni hundi irratti hirmaatan raawwachaa jira. Komishinichi naannolee fi bulchiinsa magaalotaatti akkasumas biyya alaattillee ajandaa walitti qabaa fi hirmaattota adeemsa marii isa muummeerratti hirmaatan adda baasuudhaan hojii milkaa’aa hojjechaa jira jedhaniiru. Waldaaleen waldaaleen hawaasaa, waldaaleen siviikii, barsiiftonni dhaabbilee barnoota olaanoo kutaaleen hawaasaa biroon adeemsa marii kanarratti hirmaachuusaanii ibsaniiru. Haala Kanaan Lammiileen Itiyoophiyaa yaada biyyasaaniif ni mala jedhan kan walitti fidan adeemsa marii addaa fi milkaa’aan raawwatamuusaa dubbataniiru. Adeemsa boqonnaa marii guduunfaa hojiirra oolchuu fi gaggeessuuf tooftaan dandeessisu bocamuu ibsanii, hojiin hafu akkaataa milkaa’ina ittiin eegaleen akka xumuramu hundi qoodasaa akka bahu waamicha dabarsaniiru. Itiyoophiyaa keessatti dhimmoota seenaa, seera, hojmaataa fi kkf waliin wal qabatanii ka’an mariidhaan furmaata kan argatan ta’uu ibsuun, kanaaf ammo mariin biyyaalessaa carraa murteessaadha jedhaniiru. Naannoo Tigraayi ilaalchisuun gaaffileen marii biyyaalessaan deebi’uu qaban gurmaa’insoota garagaraatiin dhihaachuusaanii ibsaniiru. Bu’aan marii biyyaalessaarraa argamu murtee ummataa ta’uusaa kan ibsan af-yaa’iin kun, mootummaan bu’aa kana hojiirra oolchuuf qophii ta’uusaa dubbataniiru. Gaaffilee ummanni marii Kanaan kaasu kabajaa fi deebii barbaachisu kennuun hundarraa kan eegamu ta’uu kaasaniiru.
Paartiin Badhaadhinaa damee hundaan fayyadamummaa uummataa  guddisuuf  hojiiwwan eegale  ni cimsa- Adam Faaraah 
Jan 16, 2026 165
Amajji 8/2018(ENA)- Paartiin Badhaadhinaa Damee hundaan fayyadamummaa hawaasaa guddisuuf hojiiwwan eegale akka cimsu itti aanaan Pireezidaantii Paartii Badhaadhinaa fi sadarkaa itti aanaa Ministira Muummeetti Hogganaan Waajjira Qindeessaa Ijaarsa Sirna Dimokiraasii Adam Faaraah ibsani. Waltajjiin Gamaaggama raawwii hojii Paartii Badhaadhinaa baatii 6 magaalaa Hosaa’inaatti gaggeefame carraa hojii uumuu fi tasgabbii gabaarratti hojii hojjetame gamaggamuun xumurameera. Waltajjicharratti akka obbo Adam Faaraah ibsanitti,kallattiiwwan dinagdee damdaneessaa hojiirra oolchuun bu’aan qabatamaan argameera. Carraa hojii uumuu ogummaarratti hundaa’e hojiirra oolchuun fayyadamummaa carraa hojii uumuu lammiilee bal’isuuf hojii hojjetameen baatiiwwan 6n darban hojiin abdachiisaan hojjetameera jedhaniiru. Carraawwan argaman guddisuuf filannoowwan teekinooloojiiwwan Qonnaa,Manufaakcheringii sirnaan fayyadamuu akka qaban dubbataniiru. Hojiidhabdoota adda basuu, kanneen hojii keessa jiran cimsuu fi hojiin madaallii gahumsa dhaabbiilee qorannoon akka raawwatamuuf xiyyeeffannoo addaan gaggeessuu akka qaban hubachiisaniiru. Hojii gabaa tsagabbeesuuf hojjetameen foyya’insi jiraachuu ibsuun kana cimsuuf dhiheessii omishaa guddisuuf xiyyeeffannoon hojjetama jedhaniiru. Kanaafis gidduugalawwan gabaa babal’isuu, qulqullina omishaa eegsisuu, waldaalee hojii gamtaa deeggaruu fi Kaayyoo paartichaa kan ta’e ijaarsa giddugala daldalaa ammayyaa, sadarkaa ammayyaan magaalaa tokko keessatti cimsuu akka ta'es hubachiisaniiru. Walumaagalatti Paartiin Badhaadhinaa dameelee adda addaan fayyadamummaa uummataa guddisuuf hojiiwwan eegale ni cimsa jechuun ibsaniiru. Kanaafis milkaa’inoota damichaan baatiiwwan jahan darbanitti argaman cimsuu fi rakkoowwan mudataniif kallattii furmaataa kaa’uun bu’aa eegamu galmeessuuf kutannoon hoggansaa murteessaa ta’uu hubachiisaniiru. Waltajjicharratti hoggantoonni damee Paartii Badhaadhinaa fi gareen dargaggootaa hirmaataniiru.
Mariin Biyyoolessaa Mootummaa cimaa ijaaruuf murteessaadha
Jan 15, 2026 231
Amajjii 7/2018(ENA)- Mariin Biyyoolessaa nageenya waaraa fi mootummaa cimaa ijaaruuf murteessaa ta’uu Mana Maree Bakka Bu’oota Uummataatti itti aanaan walitti qabaa koree dhaabbataa dhimmoota dimookiraasii Azmaraawu Andeemoo ibsan. Mariin Paanaaliii mataduree ““Nageenya itti fufsiisuu, kennaa qabeenya uumamaa misoomsuuf” jedhuun walta’insa ENA fi Biiroo Koomunikeeshinii Naannoo Amaaraan qophaa’e Magalaa Baahirdaaritti gaggeeffamaa jira. Waltajjicharratti Barreeffama marii mata duree ‘’Marii Biyyoolessaa fi Ijaarsa nageenyaa’ jedhu Mana Maree Bakka Bu’oota Uummataatti Itti Aanaan Walitti Qabaa Koree Dhaabbataa Dhimmoota Dimookiraasii Azmaraawu Andamoo dhiheessaniiru. Barreeffamasaaniin Itiyoophiyaatti garaagarummaa karaa nagaan hiikuu fi nageenya itti fufinsa qabu mirkaneessuuf shoorri Marii Biyyoolessaa olaanaa ta’uu ibsaniiru. Mariin Biyyoolessaa Mootummaa cimaa fudhatama qabu ijaaruuf , dhimmoota wal nudhabsiisanirratti mari’achuun walii galuu fi sirna dimokiraasii cimsuuf murteesaadha jedhani. Kanaafis Komishiniin Mariin Biyyoolessaa Itiyoophiyaa kan hundeeffame gad fageenyaa nii fi amala rakkoolee hubachuun,tooftaa fi haala biyyoota biroorraa fooyya’een hojjechaa jirachuu dubbataniiru. Dhaabbilee cimoo ijaaruun hariiroo hawaasummaa cimsuunii fi walii galtee hawaasaa haaraa uumuun garaagarummaa gara tumsaatti jijiiruun nageenya itti fufinsa qabu qooda bakka hin buune akka qabu dubbataniiru. Mariin Biyyoolessaa furmaata ariifachiisaa osoo hin taanee, yero dheeraa kan fudhatu invastimantii akka ta’e eeruun, marichi meeshaa ijaarsa nageenyaa qofa osoo hin taanee, utubaa ijaarsa biyyaa ta’uu hubachiisani. Itiyoophiyaanonni hundi carraa seenaa qabeessa kana fayyadamuun carraasaanii fuulduraa akka murteessanii fi waliigaltee biyyoolessaa uumuuf qoodasaanii akka bahaniif waamicha dhiheessaniiru.
Rasaasni meeshaalee waraanaa garaagaraa kumni 56 ol mootummaan Shaabiyaa shiftoota maqaa Faannoon socho’aniif dhoksaan erge to’atamani.
Jan 14, 2026 335
Amajjii 6/2018 (ENA) – Rasaasni meeshaalee waraanaa garaagaraa kumni 56 ol mootummaan Shaabiyaa baandota keessaa fi diinota seenaa waliin ta’uun nageenya biyyattii booressuuf shiftoota maqaa Faannoon socho’an hidhachiisuuf dhoksaan erge to’achuu Poolisiin Federaalaa ibseera.   Poolisiin Federaalaa qaamolee nageenyaa biroo waliin ta’uun rasaasawwan kanneen shakkamtoota lama waliin buufata sakatta'insaa Waldiyaatti to’achuu beeksiseera. Qorannoo sadarkaa jalqabaa shakkamtoota kanneen irratti gaggeeffameen rasaasonni kunneen mootummaa Shaabiyaa irraa ergamuufi gareen Finxaaleyyii ABUT naannoo Tigraay magaalaa Maqaleetii fuudhee gara naannoo Amaaraa Shawaaroobiit galchuun shiftoota maqaa Faannoon socho’aniif geessuuf socho’aa akka turan mirkanaa’eera.   Gareen Finxaaleyyii mootummaa Shaabiyaaf riqicha ta’ee tajaajilaa jiru ABUT garee shiftootaa maqaa Faannoon socho’an hidhachiisuun nageenya biyya keenyaa booressuuf karoorsee rasaasa Kilaashii kuma 41 fi 999, rasaasa Bireenii kuma 14 fi rasaasa Diishqaa 800 waliigalaan rasaasa kuma 56 fi 799 dhoksaan Eertiraarraa karaa agaalaa Maqaleen konkolaataa fe’umsaa ‘Isuzu’ koodii 3 A.A B94744n simmintoofi bilookkeettii fakkeessuun fe’ee naannoo Amaaraa Waldiyaarraan gara Shawaaroobiititti osoo imalaaa jiranii buufata sakatta'insaa Waldiyaatti to’atameera. Poolisiin Federaalaa qaamolee nageenyaa biroo wajjin qindoomuun hordoffii fi sakatta'insa cimaa taasiseen rasaasota kanneen Amajjii 5 bara 2018 shakkamtoota lama waliin to’achuun qorannoo irratti gaggeessaa jira. Baandonnii fi diinonni qindaa’anii nageenyaa fi tasgabbii biyyattii booressuuf akkasumas misoomaa fi guddina biyyattii danquuf yeroo garaagaraatti yeroo socho’an to’annoo jala ooluun kan yaadatamudha. Yeroo ammaa kanas humnoonni diinotaa kunneen biyyattii irratti miidhaa qaqqbasiisuuf socho’aa waan jiraniif humni nageenyaa oppireeshinii eegale cimsee kan itti fufu ta’uu fi hawaasnis humna nageenyaa tumsuun deeggarsa akka taasisu Poolisiin Federaalaa waamicha dhiyeesseera.

Hawaasummaa
Mariin Biyyoolessaa rakkoolee jiran waliin mari’achuun furuuf biyya waliin ijaaruuf gargaara.
Jan 20, 2026 94
Amajji 12/2018(ENA) – Mariin Biyyoolessaa rakkoolee jiran mari’achuun furuuf waan gargaaruuf milkaa’ina isaaf gahee isaanii bahachaa jiraachuu Abbootiin Gadaa ibsani. Komishiniin Marii Biyyaalessaa Itiyoophiaa rakkoolee bu’uuraa fi adda addummaa yaadaa furuuf marii hunda hirmaachisaa gaggeessuun waliigaltee biyyaalessaa uumuuf hojjecha jira. Dhimma kana irratti Abbootii Gadaa fi Jaarsolii biyyaa magaalaa Amboo ENA’n dubbise bakka bu’aa kutaa hawaasaa kan ta’an Abbaa Gadaa Laggasaa Dhaabaa Marii Biyyoolessaa kan deeggaran ta’uu eeruun, sirna Gadaa keessattis Mariin iddoo olaanaa qabachuu ibsaniiru.   Adeemsa Marii Biyyoolessaa adeemsifamaa jiru keessatti kutaaleen hawaasaa hundi hirmaachaa akka jiran hubachuu isaanii dubbataniiru. Adeemsa marii magaalota Finfinnee fi Adaamaa keessatti hawaasa magaalaa bakka bu’uun hirmaachuu isaanii ibsuun waltajjiiwwan irratti yaada tokkummaa biyyaaf bu’aa ta’e dhiyeessuu isaanii himaniiru. Marii biyyoolessaa kanarratti hawaasaaf hubannoo uumaa akka turan eeruun,marichi akka milkaa’uuf hojii isaanii cimsanii akka hojjetan ibsaniiru. Abbaa Gadaa Taarikuu Turaa gama isaaniin, Mariin Biyyaalessaa rakkoolee furuu irra darbee egeree Itiyoophiyaa biyya mijattuu taasisuuf shoora olaanaa qaba jedhaniiru.   Mariin biyyoolessaa akka biyyaatti adeemsifamu akka milkaa’uuf hunduu gahee isaanii bahachuu akka qaban ibsaniiru. Mariin biyyoolessaa biyya fooyyofte ijaaruuf gahee olaanaa waan qabuuf gahee keenya bahachuu qabna kan jedhan immoo Maanguddoo Biyyaa Baqqalaa Baay’ataa dha.   Mariin biyyaalessaa kun nageenyi waaraan akka bu’uuf akkasumas milkaa’ina piroojektoota biyyoolessaa jalqabamaniif haala mijataa waan uumuuf deggersi nuti milkaa’ina Marii Biyyaalessaatiif taasifnu itti fufa jedhaniiru.
Imbaasiiwwan biyyoota adda addaa ergaa Hawwii Gaarii Ayyaana Cuuphaaf qaban dabarsan   
Jan 19, 2026 97
Amajji11/2018(ENA)-Imbaasiiwwan biyyoota adda addaa Teessoosaanii Finfinnee godhatan Ayyaana Cuuphaaf ergaa baga ittiin isin gahee dabarsaniiru . Itiyoophiyaatti Imbaasiin Ruusiyaa Ayyaanni Cuuphaa kan kabajan hundaaf ergaa hawwii gaarii dabarsaniiru. Ayyaanichi kan Nagaa , Fayyaa, Gammachuu fi Badhaadhina hundaaf fidee kan dhufu akka ta’uuf hawwii gaarii qaban ibsaniiru. Ameerikaatti Imbaasiin Itiyoophiyaa fi hordoftoota Amantichaa guutuu Addunyaatti argamaniif Ayyaanichi kan gammachuu isaaniif haata’u jedhaniiru. Itiyoophiyaatti Imbaasiin Israa’el Horoftoota Amantaa Ortoodooksii guutuu Itiyoophiyaa hundaaf baga ayyaana Cuuphaan nagaan isin gahe,Ayyaanichi kan nagaa,Jaalalaa isiniif haata’u jechuun ergaa hawwii gaarii qabu dabarseera. Itiyoophiyaatti Imbaasiin Yuunaayitid Kingideem Ayyaanni Cuuphaa kan gammachuu fi jaalalaa akka ta’uuf hawweera. Itiyoophiyaatti Imbaasiin Armeeniyaa Ayyaanni Cuuphaa kan gammachuu fi eebbaa akka ta’uuf kan hawwan yoo ta’u, Imbasiin Kanaadaa gamasaan Ayaanichi kan gammachuu, kan nagaa fi badhaadhinaa isiniif haata’u jechuun dhaameera.   DabalataanisImbaasiiwwanJarman,Neezerlaandi, Fiinlaandi,Paakistaanii fi kaneen biroon Ayyaana Cuuphaaf ergaa Hawwii gaarii qaban ibsaniiru. Haaluma wal fakkaatuun Waajjirri Dhaabbata Motummoota Gamtoomanii Itiyoophiyaatti argamu Ayyaanni cuuphaa kan nagaa fi gammachuu akka ta’uuf hawwii gaarii qabu ibseera. Ayyaanni Cuuphaa A.L.A bara 2019 Dhaabbata Barnootaa,Saayinsii, fi Aadaa Mootummoota Gamtoomanii (UNESCO)tiin Hambaa Aadaa ta’ee galmaa’uun ni yaadatama.
Diinagdee
Inistiitiyuutichi dhiyeessii nyaata beeyladaa guddisuun oomishtummaa damichaa guddisuuf hojiilee qorannoo eegale daran cimsuu qaba.
Jan 21, 2026 8
Amajjii 13/2018(ENA) -Inistiitiyuutii Baayoo fi Teeknooloojii Haaraa rakkoo hanqina nyaata loonii furuufi oomishtummaa damee horsiisa beeyladaafi qurxummii guddisuuf hojii qorannoo eegale caalaatti cimsuun akka barbaachisu Koreen Dhaabbii Dhimma Qabeenya Humna Namaa, Ramaddii Hojii fi Teeknooloojii Mana Maree Bakka Bu’oota Ummataa ibse.   Hoggantoonnii fi miseensonni koree kanaa pirojektoota qorannoo inistiitiyuutichaa Adaamaa yeroo daawwatanitti Pirezidaantiin Koree Dhaabbichaa doktar Nagarii Leencoo qorannoo inistiitiyuutichi rakkoolee hawaasaa furuu taasisaa jiru dinqisiifataniiru. Keessattuu balfa gogaa gara nyaata lukkuufi qurxummiitti jijjiiruun teeknooloojii haaraa hojiirra oolchuun isaa fakkeenya gaarii ta’uu kan ibsan, dargaggoonniifi qonnaan bultoonni magaalaa fi baadiyyaa keessatti horsiisa lukkuu fi qurxummii irratti bobba’an salphaatti galtee nyaataa diinagdee isaanii akka qopheeffatan deggaruu keessatti gaheen inistiitiyuutichaa murteessaa akka ta’e himaniiru. Nyaata beeyladaa biyya keessatti oomishuun sharafa alaa qusachuun oomishaa fi oomishtummaa beeyladaa guddisuuf murteessaa ta’uu himuun, hojii qorannoo kana caalaatti cimsanii akka itti fufanis hubachiisaniiru. Qorataan inistiitiyuutichaa doktar Fireewu Taaffasaa gama isaaniin, ji’oota saddeet darbanitti pirojektiin “Nabsaat” jedhamu balfa gara xaa’oo uumamaafi faayidaa biroo kennutti jijjiiru bocuun bu’aa gaariin akka galmaa’e himaniiru.   Yeroo ammaa kanas torbanitti nyaata lukkuu kuntaala 10 oomishuun Adaamaa keessatti bakka agarsiisaa fi leenjii horsiisa lukkuu jalqabuu isaanii himaniiru. Dabalataanis haftee oomishaa irraa nyaata lukkuu qopheessuu fi fayyadamtoota biraan ga’uuf hojii bal’aa hojjechaa akka jiranis ibsaniiru.
Sirna daldalaa ammayyeessuu fi wiirtuuwwan daldalaa babal’isuuf xiyyeeffannoon kennameera
Jan 21, 2026 15
Amajji 13/2018(ENA) – Gabaa tasgabbeessuuf sirna daldalaa ammayyeessuu fi wiirtuuwwan daldalaa babal’isuuf xiyyeeffannoon kennamee hojjetamaa jiraachuu Ministirri Daldalaa fi Walitti Hidhaminsa Naannawaa doktar Kaasahuun Gofee ibsani. Magaalaa Kombolchaatti Giddugalli Gabaa birrii miliyoona 120’n ijaarame eebbifameera.   Ministirri Daldalaa fi Walitti Hidhaminsa Naannawaa doktar Kaasahuun Gofee akka ibsanitti, daldala adda adda faffaca’ee adeemsifamu walitti qabuuf sirna gabaa ammayyeessuun qaala’insa jireenyaa tasgabbeessuuf hojjetamaa jira. Dabalataanis bakkeewwan gabaa misoomsuu,qabiyyee isaanii kabachiisuu akkasumas sadarkaa isaanii fooyyessuun haala mijataa uumuuf tattaaffiin taasifamaa jiraachuu ibsaniiru. Magaalotatti gabaawwan Sanbataa fi Dilbataa hundeeffamanii oomishaalee gatii madaalawaanii fi gatii gadi aanaan akka dhiyaataniif hojiin jalqabame jabaatee itti fufa jedhan. Guyyaa har’aa giddugalli gabaa eebbifame kuni qaama kanaa ta’uu eeruun,hojiin kuni magaalota kanneen biroottis babal’achuu qaba jedhaniiru.   Sadarkaa itti aanaa hogganaa mootummaa naannoo Amaaraatti qindeessaan damee misooma magaalaa naannoo Amaaraa doktar Ahmaddiin Mahaammad akka jedhanitti, nageenya naannichatti buusuun cinatti piroojektoota nama irratti xiyyeeffataniif xiyyeeffannoon kennamee hojjetamaa jira. Keesumaa gabaa tasgabbeessuun qaala’insa jireenyaa salphisuun akka danda’amuuf hojiin hojjetamaa jira. Kanaan dura giddugalli gabaa oomishtootaa fi fayyadamtoota(shammattoota) kan wal quunnamsiisu bal’inaan waan hin jirreef sirni daldalichaa alseerummaaf kan saaxilame ture jedhani hogganaan Biiroo Daldalaa Naannoo Amaaraa doktar Ibraahim Mahaammad. Rakkina kana furuufis naannoolee adda addaatti giddugalli gabaa ijaaramee gara hojiitti galamuu eeruun,yeroo dhiyootti gara hojiitti kan gale giddugalli gabaa Dassee bu’a qabeessa ta’ee itti fufuu himaniiru. Bara kanas naannichi wiirtuuwwan daldalaa babal’isuu fi sadarkaa isaanii fooyyessuuf birrii biiliyoona walakkaa ol ramaduu isaa ibsaniiru. Kantiibaan Bulchiinsa Magaalaa Kombolchaa obbo Mahaammad Amiin Yesuuf gamasaaniitiin oomisha industirii fi qonnaa giddugalichatti gatii madaalawaadhaan hawaasaaf ni dhiyaata jedhan. Eebba kanarratti hoggantoonni daldalaa Federaalaa, naannolee fi qooda fudhattoonni biroo argamaniiru.
Naannoo Oromiyaatti Omishaa fi Omishtummaa dabaluuf hojii hojetameen bu’aan abdachiisaan argameera
Jan 21, 2026 12
Amajjii 13/2018(ENA)- Naannoo Oromiyaatti Omishaa fi omishtummaa dabaluun gargaaramuu keessaa bahuuf hojii hojjetameen bu’aan abdachiisaan argamuusaa Itti Gaafatamaa Waajjira Pirezidaantii Mootummaa Naannoo Oromiyaa, Doktar Abdulaziiz Daawud ibsan. Hogganaan waajjirichaa gamaggama raawwii hojii baatii ja’aa magaalaa Adaamaatti gaaggeeffamaa jirurratti gabaasa dhiheesaniin, Naannochatti Omishaa fi Omishtummaa dabaluu fi wabii nyaataa Mirkaneessuuf hirmaannaan taasifamaa jiraachuu ibsaniiru.   Qonna Gannaa bara Kanaan lafa hektaara miiliyoona 11 tuqaa 8 sanyiin kan facaafame yoo ta’u, kana keessaa hektaarri miiliyoona 8 tuqaa 7 kilaastaraan misoomaa jiraachuu dubbataniiru. Misoomichaan midhaan gurguddoon omishni fooya’aan argamuu eeruun tajaajila Makaanaayizeeshinii fi dhaqqabamummaan bu’aan abdachiisaan argameera jedhaniiru. Fakkeeenyaaf lafa Ganna misoome hektaara miiliyoona1 tuqaa 9 irraa kompaayineraan haamamaa jiraachuu ibsaniiru. Baatii Bonaa qabametti lafa hanga karoorfame misoomsuuf Motoroota Bishaan harkisan kuma16 fi 500 ol Qonnaan bulaaf dhihaachuu ibsaniiru.   Adeemsa hanga ammaa jiruun Lafa Hektaara Miiliyoona 3 ol Jallisii Boneen sanyiin facaafamuu ibsuun, fooya’insa sanyii Beelladaan Jabbileen kuma 794 tooftaa nam-tolcheen dhalachuusaanii hubachiisaniiru. Hojiiwwan misoma Qonnaa Inisheetiviin qabamanii hojjetamaa jiran keessaa Qophiin biqiltuu Misooma Baala shayii, Misooma fuduraalee fi Bunaa haala gaariin hojjetamaa jiraachuu ibsaniiru. Walii gala naannichatti hojiiwwan walakkaa waggaatti raawwataman omishtummaa dabaluuf galma qabame kan saffisiisanidha jedhaniiru.   Gama biroon lafa magaalaa fi baadiyaatti sirna kaadastara lafaa hojiira oolchuun bu’aan argamuusaa eeruun keessumaa Bulchiinsa qabeeenya lafaa fi sirna itti fayyadamaa Ammayyeessuurratti hojiin abdachiisaan hojjetameera jedhaniiru. Magaalota naanichaatti kenna tajaajila Ammayyeessuu fi Dijiitaala gochuuf dhaqqabamummaa Tajaajila wiirtuu tokkoo Masoob hojiirra ooluu, akkasumas caaseffamni bulchiinsi ganda baadiyaa cimaa jiraachuu ibsaniiru. Qaala’insa Jireenyaa fi daballii gatiin omishaa hir’isuuf gabaa Sanbataa fi Dilbataa babal’isuurra darbee dhiheessii omishaa shammatootaa fi omishtoota waliin kallattiin wal-quunnamsiisuun hojii xiyyeeffannoo barbaadu ta’uu hubachiisaniiru.
Naannoo Oromiyaatti walakkaa waggaa kanaatti misoomni fayyadamummaa hawaasummaa fi dinagdee ummataa guddisan galmaa’aniiru
Jan 21, 2026 24
Amajjii 13/2018(ENA)–Naannoo Oromiyaatti walakkaa waggaa kanaatti misoomni fayyadamummaa hawaasummaa fi dinagdee guddisan galmaa’uu isaanii pirezidaantiin bulchiinsa mootummaa naannoo Oromiyaa Shimallis Abdiisaa ibsan. Gamaaggamni raawwii hojii mootummaa fi paartii naannoo Oromiyaa ji'oota jahaa Adaamaa Galma Abbaa Gadaatti eegalameera.   Obbo Shimallis Abdiisaan wayita sana akka jedhanitti naannichatti hiyyummaa dhabamsiisuuf hojiileen misoomaa hawaasumma fi dinagdee hojjetamaniiru. Hojiileen fayyadamummaa hawaasummaa fi diinagdee mirkaneessan misoomni inisheetivii bocaman milkaa’inoonni isaanii sadarkaa fooyya’aa ta’uu dubbataniiru. Keessattuu damee qonnaan hojiileen wabii nyaataa milkaneessuuf jalqabaman, misooma magaalaa akkasumas hojiileen biroo milkaa’inoonni olaanoo kan irraa argaman ta’uu ibsan. Hojiileen milkaa’oon kunniin haa galmaa’aniyyuu malee ammallee hanqinni qulqullinaafi harcaatiin,malaanmaltummaa fi hojmaata badaa,kenniinsa tajaajilaa irratti hanqinoonni jiru jedhan. Hoggansi naannichaas bu’aalee argamanitti gammaduun hojii ofii akka hin daganne eeruun, bu’aa fooyya’aaf fayyadamummaa lammiilee kan mirkaneessu hojjechuuf of qopheessuun hojjechuu akka qaban ibsaniiru. Dabalataanis qaala’insa jireenyaa fi hojii dhabdummaa hir’isuuf cimanii hojjechuu akka qaban eeruun, uummanni hirmaannaa isaa guddisuu akka qabu,galii walitti qabuu,aadaa qusannaa guddisuu fi hojiileen biroos hojii gara fuula duraatti xiyyeeffannoon hojjetamani dha jedhaniiru. Hogganaan Paartii Badhaadhinaa waajjira Damee Naannoo Oromiyaa Kaffaaloo Tafarraa gama isaaniitiin, naannichatti nageenya buusuufi misooma saffisiisuun bu’aa fooyya’aan galmaa’uu ibsaniiru. Keessattuu, mootummaan komii uummataa bulchiinsa gaarii irratti ka’u furuuf karaa (Masoob) kenniinsa tajaajila giddugala iddoo tokkoon kenniinsa tajaajilaa dhaqqabamaa taasisuudhaan hojii fooyya’aan hojjetamuu dubbataniiru.   Haaluma kanaan kenniinsa tajaajila giddugala iddoo tokkoo sadarkaa naannootti magaalota shan irratti kan jalqabame gara magaalota 11tti babal’isuuf hojjetamaa jiraachuu eeraniiru. Waltajjicha irratti pirezidaantiin bulchiinsa mootummaa naannoo Oromiyaa obbo Shimallis Abdiisaa, Af-yaa’ii Caffee Oromiyaa aadde Sa’aadaa Abdurahaman, itti aanaan pirezidaantii naannoo Oromiyaa obbo Awwaluu Abdii, itti gaafatamaan Paartii Badhaadhinaa waajjira Damee Oromiyaa Kaffaaloo Tafarraa dabalatee hoggantoonni sadarkaan jiran argamaniiru.
Viidiyoo
Saayinsii fi teeknooloojii
Waraqaa Eenyummeessaa Dijiitaalaa FaayidaaTajaajila dhaabbilee Faayinaansii maamiltootaa saffisiisuuf  ni deeggara
Jan 21, 2026 19
Amajjii13/2018(ENA)-Waraqaa eenyummeessaa Dijiitaalaa Faayidaa qabannaa ragaaMaamiltoota dhaabbilee Faayinaansii Ammayyeessuuf,tajaajila si’ataa fi nageenyisa eegame kennuuf deeggarsa guddaa akka taassisu ibsame. ENAn Hoggantoota hojii dhaabbilee faayinaansii Magaalaa Cirootti argaman tajaajila waraqaa eenyummeessaa Dijiitaalaa Faayidaa irratti dubbiseera. Akka Hoggantoonni hojii ibsanitti,Waraqaan eenyummeessaa Dijiitaalaa odeeffannoo Ijaa, fuulaa fi Ashaaraa qubaa maamiltootaa meeshaalee Elektirooniksiin qabachuun namni tokko odeeffannoo wal-fakkaatu qabatee tajaajila burjaajjiirraa qulqullaa’e kennuuf kan dandeessisudha. Hojii gaggeessaan Baankii Daldala Itoophiyaa Ciroo damee Odaa bultum Balaayi Yawaalaasheet akka ibsanitti,waraqaan eenyummeessaa Dijiitaalaa Faayidaa waraqaa eenyummeessaa sobaan burjaajjii raawwatamu ittisuuf gargaara. Waraqaan eenyummeessaa Dijiitaalaa odeeffannoo elektirooniksiin qabachuun tajaajilamaan eenyummaa tokko akka qabaatu gochuun dhugummaasaa mirkaneessuuf akka gargaaru dubbataniiru. Waraqaa eenyummeessaa Dijiitaalaa Faayidaa Baankichi kenna Tajaajila Maamilaa haaraa eegale kan saffisiisu ta’uu eeraniiru. Baankii Awaash Damee Ciroo hojii gaggeessaa tajaajila maamiltootaa fi oppireeshinii Tewoodiroos Salamoon gamasaaniin Waraqaan eenyummeessaa Dijiitaalaa Faayidaa Maamiltoonnii fi Baankonni haala guutuu ta’een akka wal beekan gochuun kenna tajaajilaa kan saffisiisudha. Maamililli lakkoofsa faayidaa tokkoon qofaan galmaa’uusaan Baankonni tajaajila liqaa yeroo kennan maamiltootasaanii akka beekanii fi hordoffii liqaa sirnaan akka raawwataniif kan deeggaru ta’uu dubbataniiru. Waraqaan eenyummeessaan Dijiitaalaa FaayidaadhaabbileeFaayinaansii keessatti tajaajila waraqaarraa bilisa ta’e hojiirra oolaa jiru saffisiisuuf kan deeggarudha jedhaniiru. Itiyoo Teeleekoomitti gidduugalli Damee gurgurtaa Ciroo Tonkoluu Baqqalaa Waraqaan eenyummeessa Dijiitaalaa Faayidaa odeeffannoo nama tokkoo haala wal fakkaatuun galmeessuun kenninsa tajaajilaa saffisa fi ammayaa’aa ta’e hojiirra kan oolchu ta’uu ibsaniiru.
Appilikeeshinichi tajaajila si’achiisuu fi deddeebisa maallaqaa seeraan alaa ittisuuf faayidaa guddaa qaba
Jan 20, 2026 59
Amajjii 12/2018(ENA)- Appilikeeshiniin baankiin daldalaa Itiyoophiyaa ifoomse tajaajila si’achiisuu fi deddeebisa maallaqaa seeraan alaa ittisuuf faayidaa guddaa akka qabu daarektarri olaanaa tajaajila diyaasporaa Itiyoophiyaa ambaasaaddar Fitsum Araggaa beeksisan. Baankiin daldalaa Itiyoophiyaa biyya alaarraa maallaqa erguuf kan gargaaru ‎appilikeeshinii haaraa 'CBE Connect Digital Wallet' jedhamu hojii eegalchiiseera. ‎‎Dijitaal teeknooloojiin ifoome diyaasporaan tajaajila si’ataa akka argatuu fi deddeebisa maallaqaa karaa seeraan alaa taasifamu ittisuu fi sharafa biyya alaa biyyattiin argattu guddisuuf faayidaa olaanaa akka qabu daarektarri olaanaa tajaajila diyaasporaa Itiyoophiyaa ambaasaaddar Fitsum Araggaa dubbataniiru. Bakka bu’aan pirezidaantii baankii daldalaa Itiyoophiyaa fi itti aanaan pirezidaantii tajaajila korporeetii Efreem Makuraa gamasaaniin, baankichi hojmaatasaa yeroo yeroon ammayyeessuun tajaajila si’ataa fi bu’a qabeessa kennaa akka jiru dubbataniiru. Baankichi dijitaala Itiyoophiyaa dhugoomsuuf teeknooloojiiwwan dijitaalaa babal’isaa akka jiru beeksisaniiru. Appilikeeshiniin hojiirra oole kun imalaa dijitaalaa baankichi itti jiru sadarkaa olaanaatti akka ceesisu eeranii, maamiltoota biyya keessaa fi biyya alaa caalaatti kan walitti hidhuu fi adeemsa hawaalaa kan si’achiisu ta’uu dubbataniiru. Appilikeeshiniin kun teeknooloojii dijitaalaa sirna faayinaansii Itiyoophiyaatiin jiru irratti jijjiirama guddaa akka fidu appilikeeshinii kana baankii daldalaa waliin walitti hidhuun kan hojjetan hojii raawwachiisaa olaanaa Staar weeyi Bassuufiqaad Geetaachoo ibsaniiru. ‎‎Haalli mijataan mootummaan kaampaaniiwwan teeknooloojiif uume kalaqxoonni akkasii akka danatan gochuusaa eeranii, fuulduras bu’aalee teeknooloojii biro hojjechuuf akka hojjetan dubbataniiru.
Tarsiimoon dijitaala Itiyoophiyaa 2030 magaalaa Finfinnee Ismaarti siitii gochuuf hojii hojjetamu caalaatti kan si’achiisudha
Jan 20, 2026 56
Amajjii 12/2018(ENA)- Tarsiimoon dijitaala Itiyoophiyaa 2030 magaalaa Finfinnee Ismaarti siitii gochuuf hojii hojjetamu caalaatti kan si’achiisu ta’uu biiroon Innoveeshinii fi Teeknooloojii magaalaa Finfinnee beeksise. Ministirri muummee doktar Abiyyi Ahimad hojiirra oolmaa dijitaala Itiyoophiyaa 2030 ifatti wayita jalqabsiisan, dijitaal 2030’n, qaqqabummaa bal’isuu, lammiileef carraa walqixa uumu akkasumas lammiilee fi dhaabbilee jidduutti wal amantaa ijaaruun galmoota tarsiimichaa kanneen ijoo ta’uu himaniiru. Itti aanaa hoogganaan biiroo Innoveeshinii fi Teeknooloojii bulchiinsa magaalaa Finfinnee doktar Tulluu Xilahuun ENA’f akka ibsanitti, waggoottan darban hojiileen bu’ura misoomaa milkaa’oon ijaarsa dinagdee dijitaalaaf murteessaa ta’an magaalaa Finfinneetti hojjetamaniiru. Keessumaa magaalattiitti tarsiimoon dijitaala Itiyoophiyaa 2025 bu’a qabeessummaan raawwatamuu eeranii, Kunis cehumsa dijitaala Itiyoohiyaa 2030’f bu’ura cimaa kaa’uusaa beeksisaniiru. Tarsiimoo dijitaalaa 2025tiin magaalaa Finfinneetti Paarkiin ‘ICT’ babal’achuusaa wabeeffataniiru. ‎Walitti hidhamiinsi neetwoorkii Kanaan dura si’aayina gadi aanaa fi sadarkaa gadi aanaadhaan murtaa’ee ture fooyya’uusaa ibsanii, yeroo ammaa dhaabbileen mootummaa saddettamii jaha bu’ura misoomaa Siitii neet (City Net)dhaan wal qabachuusaanii beeksisaniiru. Dabalataanis qaqqabummaan tajaajilli wiirtuu tokkoo Masoob fi eenyummeessaa biyyaalessaa faayidaa magaalattiiitti hojiirra oolfamaa jiru bu’aa tarsiimichaa ta’uu dubbataniiru. Tajaajila mootummaa magaalattiitti kennaman guutummaatti dijitaalaayiz gochuun lammiilee bakka jiranitti tajaajila si’ataa akka argatan bu’ura kaa’uusaa ibsaniiru. ‎Tarsiimoon dijitaala Itiyoophiyaa 2030 hojii magaalaa Finfinnee Ismaarti siitii gochuuf hojjetamu caalaatti kan ariifachiisuu fi jireenya lammiilee kan si’achiisu ta’uu dubbataniiru. ‎Tarsiimoon kun fayyadamaa teeknooloojii qofa osoo hin taane, kalaqxoota furmaatilee dijitaalaa haaraa ta’an maddisiisan akka ta’an haala mijataa akka uumu dubbataniiru. Walumaa gala tarsiimoon dijitaala Itiyoophiyaa 2030 mul’ata‎ Finfinnee ammayyaa fi Ismaarti siitii badhaate gochuuf qabame akka dhugoomsu beeksisaniiru.
Itiyoophiyaan faayidaa biyyoolessaa ishee eegsisuuf dippilomaasii dijitaalaaf xiyyeeffannoo addaa kennetee hojjechaa jirti.
Jan 20, 2026 46
Amajji 12/2018(ENA) –Ministeerri Dhimma Alaa Itiyoophiyaan guddina teeknooloojii ammayyaa fayyadamuudhaan, dippilomaasii dijitaalaa irratti xiyyeeffannoo addaa kennuun, biyyattii beeksisuuf fi dantaa biyyaalessaa ishee eeguuf hojjechaa akka jirtu ibseera. Ministeera Dhimma Alaatti Daarektarri Dippiloomaasii Dijitaalaa Silaabbaat Maannaayyee ENA waliin turti taasisaniin, dippiloomaasiin dijitaalaa meeshaa murteessaa tarsiimoodhaan faayidaa biyyoolessaa biyya tokkoo eeguuf itti fayyadamaa jiramu ta’uu ibsaniiru. Hojiirra oolmaan Dijitaalaa Itiyoophiyaa 2025 akka biyyaatti dippiloomaasii dijitaalaaf haala mijataa ta’e uumuus yaadachiisaniiru. Daarektarri kun itti dabaluudhaan, Tarsiimoon Dijitaalaa Itiyoophiyaa bara 2030 damee ijaarsa bu’uuraalee misoomaa irratti kan xiyyeeffate waan ta’eef damichaaf carraa guddaa fidee akka dhufus himaniiru. Itiyoophiyaan Afrikaaf wiirtuu humannoo namtolchee ta’uuf tattaaffii taasiftu keessatti haala gaariin kan deeggaru ta’u eeraniiru. Gara fuula duraatti hubannoo namtolcheedhaan tajaajilamtoonni gara qonsiilaatti qaamaan deemuun osoo isaan hin barbaachisiin bilbila isaaniin tajaajila argachuun kan isaan dandeessisu hojiin hojjetamaa jira jedhani. Ijaarsi wiirtuu daataa wayita daawwannaa ministira muummee Hindii Naareendiraa Moodii labsame dippiloomaasii dijitaalaa daran akka cimsu himaniiru. Itiyoophiyaan dippilomaasii biyyoota lamaanii fi biyyoota hedduu keessatti ejjennoo tarsiimoo qabdu ta’uu eeruun, biyyattiin baha Giddugaleessaa, Eeshiyaa fi Awurooppaa keessatti tarsiimoo ta’uun ishee fi Galaana Diimaatti dhihoo ta’uun ishee, michuu dippilomaasii ijoo ishee taasisa jedhaniiru. Hojiiwwan dippiloomaasii turizimiin karaa dippiloomaasii dijitaalaa gaggeeffamaa jira jedhan. Kanaafis, qabeenya uumamaa fi kennaawwan tarsiimawoo akkasumas kaka’umsa Ministira Muummeetiin kan ijaaraman bakkeewwan hawwata turizimii filmaatawwan dijitaalaan addunyaatti beeksisamuu akka fakkeenyaatti ibsaniiru. Jaarraan 21ffaa yeroo dorgommii odeeffannoo to’annoo olaantummaa seeneffamaa ta’uu isaas hubachiisaniiru. Ministirichi teeknooloojii yeroodhaa gara yerootti jijijjiiramu kana keessatti dorgomaa ta’uuf odeeffannoo xiinxaluu fi tilmaamuun dandaa biyyoolessaa eegsisuuf xiyyeeffannoo olaanaan hojjechaa jira jedhani.
Ispoortii
Arsenaal Shaampiyoonsi Liigichaan mo’atanii darbuu seenuun garee jalqabaa ta’eera
Jan 21, 2026 39
Amajjii13/2018(ENA)-Sagantaa tapha Shaampiyoonsi liigii Awurooppaa hawwiin eegamaa tureen Arsenaal Intar Miilaaniin 3 fi 1n injifate. Tapha galgala Istaadiyeemii Saan Siirootti gaggeeffame kanarratti Gaabri'eel Jesuus goolii lama yoo galchu, jijjiiramee kan gale Viiktor Yookeerees ammoo goolii tokko galcheera. Peetaar Suuchiich ammoo Intar Miilaaniif goolii tokko lakkoofsiseera. Bu’aa kana hordofuun Arsenaal taphni tokko isa hafee qabxii 21 galmeessisuun garee mo’atanii darbuutti seene kan jalqabaa ta’eera. Arsenaal tapha shaampiyoonsi Liigii bara Kanaan kilabii qofeessa taphoota hunda injifatedha. Morkichaan yeroo sadaffaa kan mo’ame Intar Miilaan qabxii 12n sadarkaa 8ffaa qabateera. Sagantaawwan biroon injifataan dorgommii yeroo 15ffaa Riyaal maadiriid Monaakoon dirreesaatti garaagarummaa galchii bal’aan 6 fi 1n injifateera. Kiiliiyaan Mibaappee galchiiwwan lama yoo lakkoofsisu Firaankoo Maastantuunoo, Viniishiyeesjuuniyeer, Juudii Belingihaamii fi Tiiloon Monaakoo Kehiraar ammo galchiiwwan hafan biroo ofirratti lakkoofsiseera . Jordaan Teezee Monaakoof galchii tokkicha lakkaoofsiseera. Bu’aa kana hordofuun Riyaal maadriid qabxii 15n sadarkaa 3ffaa Monaakoon qabxii 9n sadrkaa 20ffaa qabateera. Ispoortingi Liizbeen abbaan waancaa warqii PSGn osoo hin eegiin 2 fi 1n injifateera. Luwiis Suwaareez ispootingi Liizbeen galchiiwwan lamaan yoo lakkoofsisu kiviichaa kivartiskeeliyaa PSGtiif galchii tokkicha lakkoofsiseera. Tootenihaam Hotispersiin, Boruusiyaa Doortimundi 2 fi 0n yoo injifatu, Kiristiyaan Roomeeroo fi Doominiik Soolankeen galchii Injifannoo lakkoofsisaniiru. Borusiyaa Doortimundi Daani’eel Siveenseen daqiiqaa 24ffaatti kaardii diimaan dirree keessaa baheera. Koppen Hagenii fi Naappooliin tokko qixaan adda bahaniiru. Jordaan laarsen koppen hageniif, sikoot maaktomiinaay Naappooliif galchii lakkoofsisaniiru. Taphataan kopenhagen ToomaasDelanii daqiiqaa 35ffaatti kaardii diimaan dirree keessa baheera. Olompiyaakoos Baayeer Leverkuseniin2 fi 0n yoo injifatu , Ajaaksi Viiyaariyaaliin 2 fi fi 1n injifateera.
Tapha Shaampiyoonsi liigichaan Intarmiilaan Arsenaal waliin taasisu hawwiin eegama
Jan 20, 2026 74
Amajjii 12/2018(ENA)- Taphoonni Shaampiyoonsi Liigii Awurooppaa 7ffaan har’aa fi booru gaggeeffamu. Taphni har’a galgala sa’aatii shanirratti Istaadiyeemii Saan siirootti kilaba Intar Miilaanii fi Arsenaal gidduutti taassifamu Xiyyeeffannoo daawwattootaa hawateera. Intar Miilaan taphoota jaha hanga ammaatti taasiseen qabxii 12n sadarkaa 6ffaarratti argama. Morkataansaa Arsenaal gamasaan qabxii 18n sadarkaa 1ffaarratti argama. Kanaanis shaampiyoonsi liigii bara Kanaan taphoota hunda kilabii qofeessa injifatedha.   Kilaboonni lameen shaampiyoonsi Liigii Awurooppaan yoo waliin taphatan kun kan 4ffaa yoo ta’u, ammaan dura taphoota 3 gaggeessaniin Arsenaala yeroo 2 yoo injifatu Intarmiilaan yeroo tokko injifateera. Gareewwan kun yeroo dhumaaf waltajjii Awurooppaarratti kan walitti dhufan A.L.A bara 2024/25n kan ture yoo ta’u, yeroo sana Intar miilaan haakan chalaanoglu galchii rukkuttaa adabbiin lakkoofsiseen 1 fi 0n injifateera. Intar Miilaan dursaa garee seerii’aa fi Arsenaal dursaa garee piriimar liigii Inglizi . Kilabiin xaaliyaanii yeroo sadii waancaa shaampiyoonsi liigii Awurooppaa yoo injifatu, faallaasaan Arsenaal Shaampiyoonsi Liigii injifatee hin beeku. Kilaboonni lameen taphichaan morkii cimaa gaggeessu jedhameetu eegama.   Sagantaawwan biroon Ispoortingi Liizban injifataa dorgommii wayita sanaa PSG, Riyaal Maadriid Monakoo waliin, Tootinihaam Hotispersi Boruusiyaa Dortimundi waliin, Koppenhagen Naapoolii waliin, Viyaariyaal Ayaaksii waliin, akkasumas Olompiyaakos Baayer Leverkusen waliin yeroo wal fakkaatu sa’aatii shanitti ni taphatu. Galgala sa’aatii 2 fi 45tti Bodogiliimti Maanchistar Siitii fi Kayraat Almaatii Kilab Biruuzyi waliin taphatu.
Eegumsa naannoofi haala qilleensaa
Misoomni kunuunsa naannoon hojjetaman dhaloota fayyaa qabeessa horachuuf faayidaa olaanaa qabu
Jan 16, 2026 82
Amajjii 8/2018(ENA) – Itiyoophiyaatti hojiiwwan kunuunsa naannoo fi misooma magariisaan hojjetaman dhaloota fayyaa qabeessa horachuu keessatti faayidaa olaanaa akka qaban ogeessonni fayyaa dhaabbilee fayyaa idil-addunyaa keessa hojjetan ibsan.   Sirni hundeeffama Waldaa Daa'immanii Heemaatooloojii fi Onkooloojii Itiyoophiyaa magaalaa Finfinneetti gaggeeffameera. Sirna kana irratti ogeessonni fayyaa ENAtti akka himanitti Itiyoophiyaatti misoomni kunuunsa naannoo fi misoomni magariisaa fayyaa namaa eeguuf, sochii ispoortii fi hariiroo hawaasaaf faayidaan isaan qaban olaanaa jedhan.   Awustiraaliyaatti ogeessa fayyaa kan ta’an doktar Biroonwin Maakinaamaaraa magaalaa Finfinneetti qulqullina naannoon,bakkeewwan magariisaa fi paarkota babal’isuun hojiin hojjetame magaalittiin kan duraarraa adda ta’uu ibsan. Keemikaalonnii fi pilaastikoonni rakkoo fayyaa geessisuu waan danda’aniif, faalama hambisuuf tattaaffiin adeemsifamaa jiru kan ajaa’ibsiifamu ta’uu himan. Hojiiwwan kunuunsa naannoo taasifame eegumsa fayyaaf faayidaa olaanaa qabu jedhan Yunivarsiitii Toroontootti piroofeesara kan ta’an Shiilaa Wayitzimaan.   Magariisnii fi naannoon qulqulluu eegumsa fayyaaf wantoota gargaaruu danda’an keessaa tokko ta’uu eeruun, dhibee dursanii ittisuun brabaachisaadha jedhan.   Daarektarri Piyuur Eerzi (Pure Earth) Baha Afrikaa Fireewu Kaffaaloo gama isaaniin waggoota hedduudhaaf kunuunsaa fi eegumsa qulqullina naannoo irratti dargaggoota hirmaachisuun hojjechaa jiraachuu himan.
Godinichatti lafa heektaara kuma 273 caalu irratti hojiin eegumsa biyyoo fi bishaanii gaggeeffamuu eegaleera
Jan 15, 2026 89
Amajjii 7/2018(ENA)- Godina Shawaa Lixaatti lafa heektaara kuma 273 caalu irratti hojiin eegumsa biyyoo fi bishaanii gaggeeffamuu eegaluusaa bulchaan godinichaa ibse. Hojiin eegumsa biyyoo fi Bishaanii sadarkaa godinaatti gaggeeffamu aanaa Amboo ganda Ilaamuu Goromtiitti ifatti eegalameera. Itti aanaa bulchaan godina Shawaa Lixaa obbo Abbabaa Camadaa wayita sana akka jedhanitti, hojiileen eegumsa biyyoo fi bishaanii waggoottan darban raawwataman lafti deebi’ee akka gabbatu godheera. Bona kanas hojii kana itti fufsiisuudhaan duula eegumsa biyyoo fi bishaanii qindaa’aa baatii lamaaf turu kutaalee hawaasaa garagaraa hirmaachisuun lafa heektaara kuma 273 caalurratti hojiin eegumsa biyyoo fi bishaanii akka raawwatu dubbataniiru. Hojii bifa duulaan gaggeeffamu Kanaan jiraattonni godinichaa kuma 600 caalan ni hirmaatu jedhamee akka eegamus himaniiru. Itti aanaan hoogganaa waajjira qonnaa godina Shawaa Lixaa obbo Abdiisaa Hayiluu gamasaaniin, hojii eegumsa biyyoo fi bishaanii bu’a qabeessa gochuuf ogeeyyota qonnaa sadarkaan jiran, qonnaan bultootaa fi kutaalee hawaasaa biroof leenjiin kennamuu dubbataniiru. Bulchaan aanaa Amboo obbo Masarat Guddisaa akka jedhanitti, hojiilee eegumsa qabeenya uumamaa yeroo darbe aanichatti gaggeeffameen bakkeewwan misoomaan ala turan deebi’anii misoomaa jiru. Hawaasnis faayidaasaa waan hubateef misooma sululaarratti hirmaachaa jiraachuu eeranii, aanichatti lafa km kuma 2 fi 700 ol hojiileen daagaa, lubbu qabeeyyii ni raawwatama jedheera. Qonnaan bultoonni aanaa Amboo ganda Ilaamuu Goromtii hojiin misooma sululaa hojiirra osoo hin ooliin dura lafti qonnaa isaanii biyyoon gabbataan lolaan waan haxaa’ameef oomishtummaansanii hir’achuusaa eeraniiru. Rakkoo kana furuufis hojii eegumsa biyyoo fi bishaanii qindaa’aarratti hirmaachuusaanii ibsaniiru. Hojiileen eegumsa biyyoo fi bishaanii waggoottan darban misooma sululaan raawwataman dhiqama biyyoo oolcheera jedhan. Kunis oomishni midhaanii akka dabalu gochuusaa dubbataniiru.
Misooma Sululaa Qindaa’aa fi eegumsa Qabeenya umamaa galmoota Misoomaa fi guddinaa milkeessuuf gargaaraa jira
Jan 13, 2026 133
Amajjii 5/2018(ENA)-Nannoo Oromiyaatti hojiin misooma sululaa qindaa’aa fi eegumsa Qabeenya uumamaa hojjetamaa jiru galmoota misoomaa fi guddinaa milkeessuuf gargaaraa jiraachuu Biiroon Qonna Naannichaa ibse. Naannoo Oromiyaatti bara kana hojii misoomaa suluulaa baatiiwwan lamaan itti aananitti hojjetaman sadarkaa Naannootti Godina Buunnoo Beddelleetti Aanaa Dabboo Haannaatti eegalameera.   Sagantaa jalqabiisaararatti kan argaman Hogganaan Biiroo Qonna Oromiyaa Obbo Geetuu Gammachuu hojiin misoomaa sululaa bara kanaa suluulawwan kuma 6 fi 300 irratti hojjetama jedhaniiru. Hojii misooma sululaa Qindaa’aa bara darbe hojjetameen uwwisni bosona naannichaa dabaluurratti akka argamu kaasaniiru. Hojiin misooma sululaa milkaa’ina inisheetivoota gama Qonnaan bocamanii hojetamaa jiraniif qooda olaanaa qabaachuusaa dubbataniiru. Walii gala hojiin misooma sululaa Qindaa’aan fi eegumsa qabeenyaa nannichatti hojjetamaa jiran galma misoomaa fi guddinaa milkeessuuf qooda olaanaa qaba jedhaniiru.   Bara kana naannicha bakkeewwan hundatti hojiin misooma sululaa Qindaa’aan hirmaannaa hawaasaa cimaan deeggaramee kan hojjetamu ta’uu dubbataniiru. Bulchaan Godina Buunnoo Beddellee Obbo Amaan Danuu gamasaaniin, hojiin eegumsa Bishaanii fi biyyee Godinichatti eegalame suluulawwan 222 irraatti kan raawwatamu ta’uu ibsaniiru.   Godinichatti sababa jijjiirama haala Qilleensaa fi Asiidummaa biyyeen omishtummaa hir’atu ittisuuf hojiiwwan misooma sululaan hojjetaman cimanii akka itti fufan dubbataniiru. Lafti Hojiin misooma sululaa yeroo bonaa irratti hojjetamu yeroo gannaa sagantaa Ashaaraa Magariisaan biqiltuuwwan adda addaa dhaabuun haaldureen hojii kan hojjetamu ta’uu kaasaniiru. Kanaafis biqiltuuwwan tajaajila adda addaa kennan miiliyoona 200 ol ta’an Godinichatti hojjetamaa jiraachuu eeraniiru. Hojii misooma sululaan qonnaan bultoonni miidhaa Qabeenya bishaanii fi Biyyeerra gahu ittisuun fayyadamummaasaanii kan mirkaneessuu waan ta’eef hirmaannasaanii bara kanaa kan cimsan ta’uu dubbataniiru.
Baay’inaan Kan Dubbifaman
Komishiniin Naamusaa fi Farra Malaammaltummaa Federaalaa 'Appilikeeshinii' namoonni eeruu kennaniifi ragaa kennaan itti fayyadamuu danda'an ifa godhe.
Mar 3, 2023 16531
Guraandhala 24/2015(TOI) - Komishiniin Naamusaa fi Farra Malaammaltummaa Federaalaa guyyaa har'aa 'Appilikeeshinii' namoonni eeruu ittiin kennaniifi ragaa ittiin eeraan fayyadamuu danda'an 'Public Feedback System' jedhamu ifa godhe. Komishinichi Bulchiinsa Nageenya Odeeffannoo waliin ta’uun Appilikeeshinii kana akka hojjete eerameera. Appichi afaanota biyya keessaa shaniin tajaajila kan kennu ta'uun himaeera. Komishinarri Komishinii Naamusaa fi Farra Malaammaltummaa Federaalaa Dooktar Saamu’eel Urqatoo akka jedhanitti, komishinichi hojiiwwan jijjiramaa hojjechaa jiru milkeesuuf teeknooloojiiwwan fayyadamaa jiraachuu ibsaniiru. Appilikeeshinichi hojii kan ariifachiisuufi haleellaa fi sodaachisaa ragaa eertootaa fi odeeffannoo kennitootarra gahu kan ittisu ta'uu himaniiru. Kana hordofuun hawaasni karaa appilikeshinii 'Public Feedback System'' yaada kennuudhaan itti gaafatamummaa biyyaalessaa isaa ba'uu qabu gaafataniiru. Daarektarri Olaanaa Bulchiinsa Nageenya Odeeffannoo Obbo Solomoon Sookaa akka jedhanitti, appilikeeshinii kana haleellaa saayibarii eegumsii cimaan kan taasifamuuf ta'uu himaniiru. Waajjira Ministira Muummeetti deetaan dhimmoota Kaabinee obbo Tasfaayee Dhaabaa akka jedhanitti, malaammaltummaa ittisuuf dhaabbanni tokko qofaan hojjetee milkaa'uu hin danda'u. Kanaaf lammileen hunduu miira itti gaafatamummaa qabuun malaan maltummaa ittisuuf hirmaachuu qabu jedhaniiru.
Gabaasa addaa
Poolisiin Magaalaa Finfinnee Tajaajilasaa guddina Magaala waliin wal-simsiisee guddisuuf teekinooloojii ammayyaa fi humna namaa gahoome gurmeessuun hojiisaa cimsee itti fufeera
Nov 22, 2025 1767
Sadaasa 13/2018(TOI )-Poolisii Magaalaa Finfinnee Tajaajilasaa guddina magaala waliin wal-simsiisee guddisuuf Teekinooloojii Ammayyaa fi humna namaa gahoomeen hojii gurmeessuusaa cimsee itti fufuu Kantiibaan Bulchiinsa Magaala Finfinnee Adaanechi Abeebee ibsan.   Qajeelchi Kolleejjii Poolisii Magaala Finfinnee yeroo jalqabaatiif humnasaan kaadimamtoota qodaaltota leenjise eebbisiiseera. Sirna eebbaa kanarratti Kantibaan Magaala Finfinnee Adaanechi Abeebee, Itti Aanaan Komishinar jeneraaliin Poolisii federaalaa Malaakuu Fantaa, Ajaajaa qajeelcha poolisii waliigalaa magaalaa Finfinnee Komishinar Geetuu Argaaw fi keessummoonni waamichi tassifameefii argamaniiru.   Kantibaa Adaanech Abeebee wayita kana akka dubbatanitti, xiyyeeffannoo guddan Bulchinsichaa Dinagdee jiraattota magaalichaa ijaaruu fi jireenya hawaasummaa fooyyessuun misooma fulla’aa fi bulchiinsa gaarii, badhaadhina hunda galeessa mirkaneessuudha. Magaalittii jireenyaa fi hojiif kan mijatte akka taatuu fi dorgomaa idil-addunyaa fi filatamtuu, magaala konfiraansii taassisuuf bu’aa qabeessummaan hojiiwwan misoomaa eeggalamanii cimanii itti fufuu beeksisaniiru. Hojiiwwan misooma kunneen fulla’aa gochuuf nagaa fi tasgabbin mirkanaa’uun murteessaa fi dhimma ijoo ta’uu hubachiisaniiru. Gama Kanaan Qajeelchi Poolisii Magaala Finfinnee Nageenyaa fi tasgabbii magaalittii mirkaneessuuf hojiiwwan jijiiramaa hojjechaa jiru kan jajjabeeffamu ta’uu dubbataniiru.   Qajeelchichi guddina magaalichatti argamaa jiru u’uureffachuun tajaajilasaa guddisuuf teekinooloojii ammayyaa fi humna namaa gahoomeen of gurmeessuun hojiisaa hojjechuu dubbataniiru. Kunis ergama poolisiif kenname sirnaan raawwachuuf kan isa dandeessisu ta’uu ibsaniiru. Gama Kanaan Qajeelchichi humna namaa gahoome horachuu dabalatee teekinoolojin of gurmeessuuf hojjechaa turuu mirkaneessaniiru. Qondaaltonni eebbifamtoonni nagaa fi tasgabbii magaalittii eegsisuuratti itti gaafatamummaa guddaa qabaachuusaanii kaasuun seeraa fi sirna magaala kabachiisuun kutannoon akka hojjetan hubachiisaniiru.  
Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015