Tamsaasa Kallatti:
Angafoota Oduu
Afriikaa keessatti taayitaa karaa heera mootummaan alaa to’achuuf yaaluun altasgabbii fi walitti bu’iinsaaf karaa bana
Nov 6, 2026 28
Onkoloolessa 27/2019 (ENA)- Afriikaa keessatti taayitaa karaa heera mootummaan alaa to’achuuf yaaluun altasgabbii fi walitti bu’iinsaaf karaa kan banu ta’uu dura taa’aan komishinii gamtaa Afriikaa Mahammud Alii Yuusuuf ibsan. Yaa’iin paartilee siyaasaa Afriikaa 2ffaan mata duree “guddina hogganuun paartileen siyaasaa akka maandisoota dinagdee Afriikaa egeree” jedhuun yaadannoo Injifannoo Adwaa gaggeeffamuu eegaleera. Dura taa’aan komishinii gamtaa Afriikaa Mahammud Alii Yuusuuf akka ibsanitti, Paartileen siyaasaa Afriikaa ummataa fi dhaabbilee jidduutti akka riqichaa ta’uun tajaajiluu qabu. Ministirri muummee Dr. Abiyyi Ahimad mul’ata siyaasaa jijjiirama Afriikaaf uumaniif galata qabu jedhaniiru. Ajandaan gamtaa Afriikaa 2063 sirni bulchiinsa demokiraasii Afriikaa keessatti sirna siyaasaa qindaa’aa uumuu akka qaban tumamuusaa ibsaniiru. Paartileen siyaasaa Afriikaa tajaajila ummataa imaammataan deeggarame kennuu qabu kan jedhan dura taa’aan komishinii gamtaa Afriikaa Kanaan alattis ummataa fi dhaabbilee jidduutti riqicha ta’uu akka qaban ibsaniiru. Paartileen gaggeessitoonni filannoo amanamaa bulchiinsa heera mootummaa irraa madde qopheessuu qabu jedhaniiru. Mariif waliin dubbachuun paartilee jidduutti murteessaa ta’uu ibsanii, Afriikaa keessatti taayitaa karaa heera mootummaan ala to’achuuf yaaluun sirrii miti jedhaniiru. Kun ta’uunsaa walitti bu’insaa fi altasgabbiif karaa kan banu ta’uusaa eeranii, gamtaan Afriikaa adeemsa heera mootummaan ala adeemamu cimsee akka balaaleffatu ibsaniiru.
Sirni haqaa humna namaa ga’oomeen, teeknooloojii ammayyaa fi hojmaata gurmaa’een ijaaramaa jira
Nov 6, 2026 59
Onkoloolessa 27/2019 (ENA)- Sirni haqaa Itiyoophiyaa humna namaa ga’oomeen, dhaabbilee cimoon, teeknooloojii ammayyaa fi hojmaata gurmaa’een ijaaramaa jiraachuu daarektarri olaanaa inistiitiyuutii seeraa fi haqaa federaalaa ambaasaaddar Daggefee Bulaa ibsan. Inistiitiyuutichi mata duree Itiyoophiyaatti hammattoo seeraa abbaa seerummaa fi hojiirra oolmaasaa jedhuun qooda fudhattoota waliin simpooziyeemii marii gaggeessaa jira. Daarektarri olaanaa inistiitiyuutii seeraa fi haqaa federaalaa ambaasaaddar Daggefee Bulaa Simpooziyeemicharratti akka ibsanitti, sirni abbaa seerummaa hawaasa keessatti bu’ura cimaa kan qabu wabii kabaja heera mootummaa fi namoomaati. Sirni haqaa abbootii murtii qofaan osoo hin ta’iin dhaabbilee cimootiin,humna namaa ga’oomaa , teeknooloojii ammayyaa fi hojmaata gurmaa’een ijaaramaa akka jiru ibsaniiru. Abbootiin murtii seera hojiirra kan oolchan qofa osoo hin ta’iin utubaa cimaa hawaasa biratti wal amantaa kan eeganii fi haqa cimsanii dhaabanidha. Hawaasni ol’aantummaa seeraa eegsisuuf, sirna seeraa irratti amantaa akka qabaatuu fi sirna haqaa ammayyeessuuf, nageenya qaamolee abbaa seerummaa mirkaneessuu akkasumas sirna seeraa fi hojimaataa cimsuun barbaachisaa ta’uu ibsaniiru. Kanaafis, dhaabbatichi qaamolee dhimmi ilaallatu waliin qindoominaan hojjechuun, hayyoota seeraa, qaamolee imaammata baasanii fi hoggantoota dhaabbilee haqaa walitti fiduun nageenya abbootii seeraa fi dhaabbilee haqaa cimsuuf hojjechaa jiraachuu ibsaniiru. Hojimaata abbaa seerummaa teeknooloojii dijitaalaatiin kan deeggarame gochuun sirna odeeffannoo ammayyeessuu fi ba’aa hojii hir’isuu waan dandeessuuf, irratti xiyyeeffatanii hojjechuun barbaachisaa ta’uu akeekkachiisaniiru. Biyya Guddoo, Ummata Guddaa , Mul’ata Guddaa
Kan mul'ate

Pulse Of Africa

POA English

POA English

Pulse Of Africa - English Language

Your news, current affairs and entertainment channel

Join us on

POA Arabic

POA Arabic - عربي

Pulse Of Africa - Arabic Language

قناتكم الاخبارية و الترفيهية

Join us on

Siyaasa
Afriikaa keessatti taayitaa karaa heera mootummaan alaa to’achuuf yaaluun altasgabbii fi walitti bu’iinsaaf karaa bana
Nov 6, 2026 28
Onkoloolessa 27/2019 (ENA)- Afriikaa keessatti taayitaa karaa heera mootummaan alaa to’achuuf yaaluun altasgabbii fi walitti bu’iinsaaf karaa kan banu ta’uu dura taa’aan komishinii gamtaa Afriikaa Mahammud Alii Yuusuuf ibsan. Yaa’iin paartilee siyaasaa Afriikaa 2ffaan mata duree “guddina hogganuun paartileen siyaasaa akka maandisoota dinagdee Afriikaa egeree” jedhuun yaadannoo Injifannoo Adwaa gaggeeffamuu eegaleera. Dura taa’aan komishinii gamtaa Afriikaa Mahammud Alii Yuusuuf akka ibsanitti, Paartileen siyaasaa Afriikaa ummataa fi dhaabbilee jidduutti akka riqichaa ta’uun tajaajiluu qabu. Ministirri muummee Dr. Abiyyi Ahimad mul’ata siyaasaa jijjiirama Afriikaaf uumaniif galata qabu jedhaniiru. Ajandaan gamtaa Afriikaa 2063 sirni bulchiinsa demokiraasii Afriikaa keessatti sirna siyaasaa qindaa’aa uumuu akka qaban tumamuusaa ibsaniiru. Paartileen siyaasaa Afriikaa tajaajila ummataa imaammataan deeggarame kennuu qabu kan jedhan dura taa’aan komishinii gamtaa Afriikaa Kanaan alattis ummataa fi dhaabbilee jidduutti riqicha ta’uu akka qaban ibsaniiru. Paartileen gaggeessitoonni filannoo amanamaa bulchiinsa heera mootummaa irraa madde qopheessuu qabu jedhaniiru. Mariif waliin dubbachuun paartilee jidduutti murteessaa ta’uu ibsanii, Afriikaa keessatti taayitaa karaa heera mootummaan ala to’achuuf yaaluun sirrii miti jedhaniiru. Kun ta’uunsaa walitti bu’insaa fi altasgabbiif karaa kan banu ta’uusaa eeranii, gamtaan Afriikaa adeemsa heera mootummaan ala adeemamu cimsee akka balaaleffatu ibsaniiru.
Hirmaattonni yaa’ii Paartilee Siyaasaa Afrikaa 2ffaa Waajjira Muummee Paartii badhaadhinaa daawwataniiru
Nov 5, 2026 371
Onkoloolessa 26/2019 (ENA)- Hirmaattonni yaa’ii Paartilee Siyaasaa Afrikaa 2ffaa, yaa’iisaa akka ardiitti Finfinneetti gaggeessaa jiran cinaatti, Waajjira Muummee Paartii Badhaadhinaa daawwataniiru. Daawwannichaa irratti Daayirektarri Olaanaa Dhimmoota Hariiroo Idil-addunyaa Paartii Badhaadhinaa Obbo Nabiyyuu Sihuul garee jila daawwannaa kanaaf ibsa kennaniiru. Daayirektarri Olaanaa kun ibsa isaaniin caasaa gurmaa'inaa, hojiiwwan siyaasaa fi riifoormii Paartii Badhaadhinaa, akkasumas yaadama Ida'amuu bu'uura godhachuun Itoophiyaan dameewwan hawaasummaa fi dinagdee keessatti milkaa'inoota itti fufiinsa qaban galmeessaa jirtu ibsaniiru.   Hirmaattonni yaa’ichaa waajjira muummee paartichaatti turtii taasisan keessatti sochii hojii waliigalaa paartichaa, sirna hojii ammayyaa fi caasaa dijitaalaa isaa daawwataniiru. Kana waliin walqabatee, paartilee siyaasaa gidduutti tumsa ardii fi hariiroo gama hundaan jiru cimsuun kan danda'amu irratti dhimmoota ijoo waliinii ilaalchisee mariin bu'aa qabeessa ta'e gaggeeffameera. Hirmaattonni yaa’ichaa gama isaaniitiin ibsa waliigalaa waajjira muummee paartichaa keessatti isaaniif kennameen gammachuu itti dhaga'ame ibsaniiru. wal-Jijjiirraan muuxannoo akkanaa biyyoota Afrikaa gidduutti walitti dhufeenya siyaasaa fi misoomaa sadarkaa olaanaatti ceesisuuf gahee guddaa akka qabu hubachiisaniiru. yaa’iin Paartilee Siyaasaa Afrikaa, dhaabbilee siyaasaa fi hoggantoota siyaasaa garaagaraa ardichaa keessatti argaman gidduutti tumsa cimsuu, ijaarsa sirna dimokiraasii saffisiisuu fi misooma waliinii Afrikaa gara fuulduraa bocuuf waltajjii ijoo ta'uun isaa ni beekama.
Humni Galaanaa Itiyoophiyaa galaana, qilleensaa fi lafa irratti ergama raawwachuu isa dandeessisurra jira
Nov 5, 2026 329
Onkoloolessa 26/2019 (ENA)-Humni Galaanaa Itiyoophiyaa galaana, qilleensaa fi lafa irratti ergama kennameef raawwachuu isa dandeessisurra jiraachuu miseensonnii fi hoggantoonni humna galaanaa ibsan. Kutaaleen humna galaanaa naannoo Hidha Haaromsaa Guddicha Itiyoophiyaa jiran sochiiwwan seeraan alaa naannichatti uumamuu danda’an dhabamsiisuuf hojiiwwan nageenyaa qindoominaan raawwachaa jiru. Itti gaafatamaan Miidiyaa Humna Galaanaa Itiyoophiyaa Komaandar Kaasaahuun Kidaanee akka ibsanitti, Itiyoophiyaan hulaa galaanaa qofa osoo hin taane, humna galaanaa ishees haala sirrii hin taaneen dhabdee turte. Erga riifoormiin Raayyaa Ittisa Biyyaa taasifamee as humni galaanaa haaraa gurmaa’uun, galaana, qilleensaa fi lafa irratti ergama guutuu raawwachuu kan danda’u ta’ee ijaarameera jedhaniiru.   Hooggantoonniifi miseensonni humna galaanaa naannolee hojii hundatti argaman, seera idil-addunyaa hordofuun hojii barbaachaa fi lubbuu baraaruu galaana irratti raawwatamuuf qophii gahaa irra jiraachuu ibsaniiru. Kana malees, humni galaanaa itti gaafatamummaa kennameef gahumsaan bahachuuf qophii qaamaa fi sammuu taasisuu isaa ibsaniiru. Leenjiin qindaa’aan galaanaa, qilleensaa fi lafa irratti kennamaa jiru, gara fuulduraatti gara hula galaanaa Itiyoophiyaa yeroo deebinu hojii barbaachaa fi lubbuu baraaruu galaana irratti xiyyeeffate ta’uu odeeffannoon Miidiyaa Onlaayinii Ministeera Raayyaa Ittisa Biyyaa ni mul’isa.
Dhaabbileen miidiyaa fi ogeeyyiin miidiyaa faayidaa biyyaalessaaf dursa kennuu qabu
Nov 5, 2026 253
Onkololessa 26/2019 (ENA): Daarektarri Olaanaa Tajaajila Odeeffannoo fi Nageenya Biyyaalessaa fi Dura Taa’aan Boordii Abbaa Taayitaa Miidiyaalee Itiyoophiyaa Ambaasaaddar Reedwaan Huseen, miidiyaalee fi ogeessonni miidiyaa hojii isaanii keessatti faayidaa biyyaalessaaf dursa kennuu akka qaban ibsaniiru. Sirni eebbaa Giddugala Gahumsa Miidiyaa Itiyoophiyaa Abbaa Taayitaa Miidiyaa Itoophiyaan ijaarame gaggeeffamaa jira. Sirna eebbaa kanarratti Daarektarri Olaanaa Tajaajila Odeeffannoo fi Nageenya Biyyaalessaa fi Dura Taa’aan Boordii Abbaa Taayitaa Miidiyaalee Itiyoophiyaa Ambaasaaddar Reedwaan Huseen, miseensonni Mana Maree Bakka Bu’oota Ummatootaa fi hoggantoonni miidiyaa adda addaa, akkasumas keessummoonni affeeramanii argamaniiru. Giddugalichi dandeettii damee gaazexeessummaa fi miidiyaa cimsuuf kan kaayyeffate yoo ta’u, beekumsa, dandeettii fi naamusa gaazexeessitootaa fi hoggantoota miidiyaa fooyyessuunis kaayyoo isaa keessaa isa tokkodha. Qorannoodhaan damee miidiyaa deeggaruun leenjii itti fayyadama teeknooloojii guddisu argachuun galma giddugalichaa isa biraati. Oduu sobaa fi haasaa jibbiinsaa adda baasuuf ummataaf hubannoo uumuun hojiiwwan giddugalichi raawwatu keessaa isa tokko. Ambaasaaddar Reedwaan Huseen, akka ibsanitti Bilisummaan dubbii itti gaafatamummaa waliin wal cinaa deemuu qaba jedhan. Ambaasaaddarichi akka jedhanitti, mootummaan haala mijataa uumuuf waan guddaa hojjechuu eeranii; adeemsa kana keessatti warri seera hordofan yoo jiraatanillee muraasni seera bu’uuraa hin hordofne akka jiran hubachiisaniiru. Hojimaata diriirfameen alatti qaamota hojjetan hordoffiin seeraan akka walsimsiisu taasifamaa jira jedhan. Ogeeyyiin miidiyaas ta’e dhaabbileen hojii isaanii tamsaasuun dura fedhii Itiyoophiyaa fi dantaa ummataatiin madaalamuu akka qaban cimsanii dubbataniiru. Adeemsa ijaarsa biyyaa keessatti gaheen ijaarsa miidiyaa murteessaa ta’uu hubachiisuu, kana keessatti dhaabbilee fi ogeessonni miidiyaa gahee olaanaa akka qaban ibsaniiru. Daarektarri Olaanaa Abbaa Taayitaa Miidiyaalee Itiyoophiyaa Haymaanot Zallaqaa gama isaaniitiin giddugalichi leenjii kennuuf qophii xumuruusaa akeekuun, yeroo dhiyootti leenjii kennuu akka eegalu ibsaniiru. Kanaafis moojuulonni leenjii barbaachisoo ta’an qophii ta’uu ibsanii, leenjiin hubannoo namtolcheen gargaaramanis ni kennama jedhaniiru. #Biyya Guddoo, Ummata Guddaa # Mul'ata Guddaa #Mootummaa Ida’amuu
Manni marichaa badhaadhina hunda galeessa Itiyoophiyaa dhugoomsuuf የitti gaafatama adda durummaa qaba-Af-yaa’ii Ahimad Shidee
Nov 4, 2026 418
Onkoloolessa 25 /2019 (ENA)- Manni maree bakka bu’oota ummataa badhaadhina hunda galeessa Itiyoophiyaa dhugoomsuuf itti gaafatama adda durummaa qaba jedhan Af-yaa’ii mana maree bakka bu’oota ummataa Ahimad Shidee. Waltajjiin leenjii miseensota mana maree bakka bu’oota ummataa 7ffaa fi hoggantoota waajjira mana marichaaf qophaa’e gaggeeffameera. Af-yaa’iin mana maree bakka bu’oota ummataa Ahimad Shidee wayita kana akka jedhanitti, waggoottan saddet darban badhaadhina biyyattii mirkaneessuuf damee dinagdee garagaraarratti fooyyessi taasifamameera kanaanis jijjiiramni galmaa’eera. Itiyoophiyaa gara sadarkaa misoomaa olaanaatti ceesisuuf hojiileen hojjetaman namarratti kan xiyyeeffatanii fi tattaaffii taasifamu bifa qindaa’aan bu’aa qabatamaatti kan jijjiiran ta’uu qabu jedhaniiru. Haala Kanaan qabeenya biyyattii, beekumsaa fi kaka’umsa ummataa, akkasumas dandeettii dhaabbilee walitti fiduu fi qindeessuun barbaachisaa ta’uu dubbataniiru. Misoomnii fi guddinni Itiyoophiyaa milkaa’ina karooraa fi raawwiin qofa osoo hin taane jijjiirama jireenya namaarratti fiduun madaalamuu akka qabu af-yaa’ichi himaniiru. Haala Kanaan manni maree bakka bu’oota ummataa to’annaa seera baastuu, bakka bu’ummaa ummataa fi hojii raawwachiistotarratti taasisuun, mul’anni biyyaalessaa gara raawwii qindaa’aa fi faayidaa lammiilee waaraa ta’eetti akka jijjiiramu qoodasaa bahachuun akka irraa eegamuhubachiisaniiru. See less  

Hawaasummaa
Sirni haqaa humna namaa ga’oomeen, teeknooloojii ammayyaa fi hojmaata gurmaa’een ijaaramaa jira
Nov 6, 2026 59
Onkoloolessa 27/2019 (ENA)- Sirni haqaa Itiyoophiyaa humna namaa ga’oomeen, dhaabbilee cimoon, teeknooloojii ammayyaa fi hojmaata gurmaa’een ijaaramaa jiraachuu daarektarri olaanaa inistiitiyuutii seeraa fi haqaa federaalaa ambaasaaddar Daggefee Bulaa ibsan. Inistiitiyuutichi mata duree Itiyoophiyaatti hammattoo seeraa abbaa seerummaa fi hojiirra oolmaasaa jedhuun qooda fudhattoota waliin simpooziyeemii marii gaggeessaa jira. Daarektarri olaanaa inistiitiyuutii seeraa fi haqaa federaalaa ambaasaaddar Daggefee Bulaa Simpooziyeemicharratti akka ibsanitti, sirni abbaa seerummaa hawaasa keessatti bu’ura cimaa kan qabu wabii kabaja heera mootummaa fi namoomaati. Sirni haqaa abbootii murtii qofaan osoo hin ta’iin dhaabbilee cimootiin,humna namaa ga’oomaa , teeknooloojii ammayyaa fi hojmaata gurmaa’een ijaaramaa akka jiru ibsaniiru. Abbootiin murtii seera hojiirra kan oolchan qofa osoo hin ta’iin utubaa cimaa hawaasa biratti wal amantaa kan eeganii fi haqa cimsanii dhaabanidha. Hawaasni ol’aantummaa seeraa eegsisuuf, sirna seeraa irratti amantaa akka qabaatuu fi sirna haqaa ammayyeessuuf, nageenya qaamolee abbaa seerummaa mirkaneessuu akkasumas sirna seeraa fi hojimaataa cimsuun barbaachisaa ta’uu ibsaniiru. Kanaafis, dhaabbatichi qaamolee dhimmi ilaallatu waliin qindoominaan hojjechuun, hayyoota seeraa, qaamolee imaammata baasanii fi hoggantoota dhaabbilee haqaa walitti fiduun nageenya abbootii seeraa fi dhaabbilee haqaa cimsuuf hojjechaa jiraachuu ibsaniiru. Hojimaata abbaa seerummaa teeknooloojii dijitaalaatiin kan deeggarame gochuun sirna odeeffannoo ammayyeessuu fi ba’aa hojii hir’isuu waan dandeessuuf, irratti xiyyeeffatanii hojjechuun barbaachisaa ta’uu akeekkachiisaniiru. Biyya Guddoo, Ummata Guddaa , Mul’ata Guddaa
Sagantaan nyaata barattootaa ittifufinsaan hojiirra ooluun bu’aan argamaa jira- Pirezidaanti Ordiin Badrii
Nov 4, 2026 281
Onkoloolessa 25/2019 (ENA): Naannoo Harariitti sagantaan nyaata barattootaa ittifufinsaan hojiirra ooluun bu’aan argamaa jiraachuu Pirezidaanti Ordiin Badrii beeksisan. Pirezidaanti Ordiin Badrii mana barumsaa magalaa fi baadiyyaa naannichaa keessatti sagantaa nyaata barattootaa bara barnootaa 2019 eegalchiisaniiru. Pirezidaantichi akka ibsanitti, mootummaan ida’amuu qulqullina barnootaa, hirmaannaa fi bu'aa barattootaa irratti xiyyeeffannoo kennuudhaan hojjechaa jira.   Naannichatti waggoottan darbanitti damichaan hojiiwwan hojjetaman jajjabeessaa ta'uu isaanii dubbataniiru. Keessattuu manneen barnootaa keessatti sagantaan nyaata barattootaa hojjetamu hirmaannaa barnoota barattootaa dabaluu fi addaan kutinsa barnootaa barattootaa hanbisuun bu'aa fidaa jiraachuu ibsaaniiru. Sagantichi dandeettii barnoota fudhachuu barattootaa akka dabalu gochuu irrattis bu'aa fidaa jiraachuu eeraniiru. Mootummaan Naannichaa bara barnootaa 2019f sagantaa nyaataaf baajata birrii miliyoona 46 ol ramaduusaa ibsaaniiru. Kanaan cinaatti sagantichi haadholii waldaan gurmaa'aniif carraa hojii uumuu dhaan galii mataa isaanii akka guddisan dandeessisuu ibsaniiru. Sagantichi baajata mootummaa naannichaatiinii fi hirmaannaa hawaasaatiin cimeen hojiirra oolaa akka jiru kan ibsan pirezidaantichi, itti fufiinsa sagantichaa mirkaneessuuf abbootin qabeenyaa, dhaabbileen deeggarsa kennanii fi qooda fudhattonni deeggarsa meeshaa fi maallaqaa jalqaban akka cimsaanii itti fufan dhaamaniiru. Naannichatti maneen barnootaa magalaa fi baadiyyaa 68 keessatti barattoota mana mabumsaa idileen duraatii hanga kutaa 4ffatti barattoota kuma 40 fi 672 saganticha irraa fayyadamaa akka ta'an odeeffannoon Biiroo Barnoota Naannichaa irraa argame ni mul’isa.
Diinagdee
Finfinneen፡ waltajjii abdiin waloo Afriikaa fi carraan waloo keessatti mari’atamudha!
Nov 5, 2026 221
Onkoloolessa 26/2019 (ENA) -Finfinneen magaalaa muummee Itiyoophiyaa qofa osoo hin ta’iin, magaalaa muummee Afriikaanotaa, wiirtuu marii, tumsaa, dippilomaasii fi furmaanni waloo Afriikaanotaa keessaa maddan ta’aa dhufteetti. Ilaalama mootummaa Ida’amuu keessatti guddinni misooma magaalotaa Finfinneen yeroo gabaabaa keessatti galmeessite, bifa magaalattii jijjiiruu bira darbee dandeettii idil-addunyaatti bakka filatamaa ta’uu ishee guddisuu danda’eera. Kooridooroonni magaalotaa ammayyaa, misoomni qarqara laggeenii, misoomni magariisaa fi bu’uuraaleen geejjibaa magaalattii bakka taateewwan idil-addunyaa itti gaggeeffamaniif filatamaa taasisaa jiru. Finfinneen hoggantoota Afrikaa, dhaabbilee idil-addunyaa, invastaroota, turistootaa fi michoota misoomaa walitti fiduu qofa osoo hin taane, giddugala marii fi tumsa waliinii ardii Afrikaa taateetti. Kunis turizimii konfiraansii, sochii dinagdee fi carraa hojii guddisuu keessatti gahee olaanaa qaba. Kanaafis, paartileen siyaasaa Afrikaa golambaa Yaadannoo Injifannoo Adwaa seena-qabeessa ta’e keessatti walgahii isaanii gaggeessuun hiika seenaa fi ardii bal’aa qaba. Adawaan mallattoo tokkummaa, bilisummaa, gootummaa fi dandeettii ofiin of murteessuu ummattoota Afrikaati. Bakka seenaa qabeessa kanatti humnoonni siyaasaa Afrikaa walitti dhufuun isaanii injifannoo waliinii darbe yaadachuu qofa osoo hin taane, rakkoolee waliinii ardichaa marii, waliigaltee fi tumsa waliin furuuf kutannoo qabaachuu isaanii agarsiisa. Finfinneen duudhaa seenaa fi aadaa ishee misooma magaalaa ammayyaa wajjin walitti qindeessuun giddugala taateewwan siyaasaa, dipilomaasii, dinagdee, aadaa fi saayinsii ta'uu ishee cimsaa jirti. Finfinneen magaalaa addunyaan keessatti wal argu, irratti mari'atuu fi furmaata waliinii itti maddisiiu; magaalaa Afriikaanotaati!
Viidiyoo
Saayinsii fi teeknooloojii
Bulchiinsa magaalaa Adaamaatti tajaajila wiirtuu tokkoo Masoob babal’isuuf xuyyeeffatameera
Nov 1, 2026 447
Onkoloolessa 22/2019 (ENA)- Bulchiinsa magaalaa Adaamaatti tajaajila dijitaalaa wiirtuu tokkoo Masoob babal’isuuf xuyyeeffatamuu tajaajilli wiirtuu tokkoo magaalichaa beeksise. Bulchiinsa magaalaa Adaamaatti hawaasni bakka jirurraa karaa intarneetii tajaajila akka argatu kan gargaaru tajaajila wiirtuu tokkoo dijitaalaa Masoob babal’isuuf xiyyeeffatamee hojjetamaa jiraachuu qindeessaan tajaajila wiirtuu tokkoo magaalichaa obbo Makuraa Dinquu ibsaniiru. Yeroo ammaa magaalattii fi kutaalee magaalaa sadii keessatti wiirtuulee tajaajila Mesob banaman keessatti kanneen akka lafa, hayyama ogummaa, galii fi baankii dabalatee tajaajiloonni 138 teeknooloojii ammayyaatiin kennamaa akka jiran kaasaniiru. Kurmaana jalqabaa bara baajataa kanatti, tajaajila hayyama daldalaa (E-TRADE) qofaan maamiltoonni kuma 37 karaa intarneetii bakka jiranitti tajaajila argachuusaanii kaasaniiru. Tajaajilicha kutaalee magaalaa hunda keessatti qaqqabamaa taasisuuf gamoowwan ijaaramaa kan jiran yoo ta’u, hanga walakkaa lammaffaa bara baajataatti tajaajiloota hunda karaa intarneetii kennuu fi tajaajila bakkaa bakkatti deemuun kennamu jalqabuuf hojjetamaa jira jedhaniiru. Hawaasni magaalattii ENA’f yaada kennan wiirtuun Masoob tajaajiloonni wiirtuu tokkotti kennaman deddeebii, yeroo qisaasamuu fi malaammaltummaa hir’isuu isaa ibsaniiru. Obbo Gadiyoon Maaree hayyama babal’ina invastimantii gaafachuuf gara wiirtichaa dhufuu isaanii ibsanii, kanaan dura tajaajila mootummaa argachuuf waajjira irraa gara waajjiraatti deddeebi’uun yeroo dheeraa akka fudhatu, amma garuu tajaajila saffisaa fi bu’a qabeessa argachaa akka jiran dubbataniiru. Aadde Tasfuu Birruu gama isaaniitiin, dhimma taatee bu’uraa isaanii daqiiqaa muraasa keessatti xumuruun bahuu isaanii ibsanii, saffisa fi tajaajila rakkoo deddeebii irraa bilisa ta’e argachuu isaaniitti gammaduu isaanii ibsaniiru. Maamiltoonni tajaajilichi saffisa hojii, iftoomina, itti gaafatamummaa fi bulchiinsa gaarii cimsuuf murteessaa ta’uu ibsuun, cimee akka itti fufu gaafataniiru.
Itoophiyaan yakkoota daangaa ce'an ittisuuf teeknoolojii qunnamtii Imaltoota Idil-Addunyaa hojiirra oolchuufi
Oct 31, 2026 544
  Onkoloolessa 21/2019 (ENA) Itoophiyaan yakkoota daangaa ce'an ittisuuf yakkamtoota dabarsanii kennuuf teeknoolojii walqunnamtii imaltoota idil-addunyaa hojiirra oolchuuf ta'uu Ajajaan Waliigalaa Poolisii Federaalaa Itoophiyaa Komishinar Jeneraal Damallaash Gabramikaa’el ibsan. Sirni teeknoolojii walqunnamtii imaltoota idil-addunyaa Interpooliin hojjetame kun, shororkeessummaa fi yakkoota daangaa ce'anii raawwatanii kan dhokatan yakkamtoota seera hordofuun biyyoota miseensaatiif dabarsanii kennuuf kan dandeessisudha.   Ajajaan Waliigalaa Poolisii Federaalaa Itoophiyaa Komishinar Jeneraal Damallaash Gabramikaa’el ENA'f akka ibsanitti; yakkoonni idil-addunyaa teeknoolojiidhaan deeggaruun hordofuun seeratti dhiheesuun murteessaa ta’uu ibsaniiru. Yakkoota idil-addunyaa xaxamaa ta'an kana to'achuufi yakkamtoota to'annoo jala oolchuuf dandeettii teeknoolojii yericha waliin deemu ijaaruun barbaachisaadha jedhaniiru.   Teeknoolojiin kun qaamolee shororkeessummaadhaan yookaan yakka daangaa ce'u birootiin barbaadaman biyya kamiyyuu keessatti salphaatti to'achuuf ni dandeessisa jedhaniiru. Poolisiin Federaalaa Itoophiyaa yakkamtoota bakka jiranitti qabuuf Imigireeshiinii fi Daandii Qilleensaa waliin qindoomina deemu irratti hojjechaa akka jiru ibsaniiru. Teeknoolojiin kun yakkaamaan bakka kamittuu dhokachuu akka hin dandeenye kan taasisu ta'uu ibsuun; hojiirra oolchuuf adeemsa irra jira jedhaniiru.
Ispoortii
Eegumsa naannoofi haala qilleensaa
Babal'achuun buufataalee chaarjii konkolaattota elektirikii sochii misooma turizimii fi misooma margaatiin magaalaa Bishooftuu ni gargaara
Oct 31, 2026 847
Onkoloolessa 21/2019 (ENA): Babal'achuun buufataalee chaarjii konkolaattota elektirikii magaalaa Bishooftuutti sochii turizimiifi misooma margaa fooyyessuuf ni gargaara jechuun Kantiibaan Magaalaa Bishooftuu Obbo Alamaayyoo Asaffaa ibsan. Tajaajilli Elektiriikii Itoophiyaa buufataalee chaarjii elektirikii Bishooftuu, Moojoo, Adaamaa, Baatuu fi Hawaasaa akkasumas bakkeewwan shan Finfinneetti ijaarsise eebbisiisaa jira. Kantiibaan Magaalaa Bishooftuu Obbo Alamayyoo Asaffaa sirna eebba buufataalee chaarjii elektriikii Bishooftuutti ijaaramaanii irratti haasaa taasisaniin akka ibsanitti; Bishooftuun Finfinnee irraa kiilomeetira 47 fagaattee kan argamtu, qabeenya uumamaa fi haroowwan isheetiin kan beekamtu wiirtuu turizimii fi diinagdeeti jedhaniiru. Buufataaleen magaalattiitti ijaaramaan kun konkolaattota elektirikii salphaatti chaarjii gochuuf kan dandeessisan ta'uu yaadachiisuun, imaltoonni sababoota adda addaatiin gara Bishooftuu dhufan magaalattii keessa akka turan ni gargaara jedhaniiru.   Konkolaattota elektiriikii fayyadamuun fedhii boba'aa xiqqeessuuf, faalama qilleensaa hir'isuufi misooma margiisaa cimsuuf filannoo barbaachisaa ta'uu dubbataniiru. Fuulduraafis Bishooftuu fi naannoo isheetti buufataaleen chaarjii elektriikii dabalataa yeroo ijaaraman, bakka pirojektoota kanaatiif barbaachisu qopheessuu irraa eegalee hanga hojii jalqabsiisuutti bulchiinsi magaalichaa deeggarsa irraa eegamu hunda akka taasisu mirkaneessaniiru. hojii raawwachiisaa Olaanaa Tajaajila Elektriikii Itoophiyaa Injiinar Geetuu Garramaawu gamasaaniin; magaalota gurguddoo ja'a keessatti buufataaleen chaarjii saffisaa konkolaattota elektriikii ammayyaa 11 ijaaraman yeroo tokkotti konkolaattota 96 chaarjii gochuu kan danda'an ta'uu ibsaniiru. Dhaabbichi yeroo tokkotti hanga konkolaattota 150 chaarjii elektiriikii taasisuu kan dandeessisu uumuu isaas eeraniiru.   Babal'achuun buufataalee chaarjii konkolaattota elektriikii fayyadama anniisaa qulqulluu jajjabeessuu bira darbee, faalama qilleensaa fi boba'aa irratti hirkattummaa jiru hir'isuuf akka gargaaru ibsaniiru. Fuulduraafis Maqalee, Baahir Daar, Gondar, Jigjigaa, Dirredawaa, Jimmaa, Arbaa Minchii fi magaalota biroo keessatti buufataalee chaarjii elektriikii dabalataa babal'isuuf karoorri qabamuu isaa beeksisaniiru. #Biyya Guddoo, Ummata Guddaa # Mul'ata Guddaa  
Marsareetiin Itoophiyaa beeksisu ifoome
Oct 28, 2026 853
Addunyaan Itoophiyaa maqaa qofaan ishee beeka malee haala gaariin seenaa fi qabeenya ishee sirriitti hin hubanne. Kunis karaalee ittiin Itoophiyaan beeksifamtu dhibuu isaati. Har'a garuu Marsareetiin Itoophiyaa fi qabeenya ishee addunyaatti sirriitti beeksisu ifatti eegaleera. Itoophiyaan, lafa argama buna buna bosonaa addunyaaf gumaachitedha. Maal kana qofaree Itoophiyaan bakka madda dhala namaatis. Maddi dhala namaa kuni immoo yeroo ammaa kana qilleensa qulqulluu ashaaraa magariisaa isaan dhaabeen aara galfachaa jira. Itoophiyaan laggeen ishee, qilleensaa fi humna aduu gara anniisaatti jijjiirtee of bira darbitee ollaa isheef ifa taateetti. Magaalonni Itoophiyaa miidhaganii abaaboo Afrikaa ta’anii mul’achaa jiru. Itoophiyaan fakkeenya gootummaa, Boonsituu Afriikaanotaa, sagalee tokkummaa Paan Afriikaa taateetti. Itoophiyaan qaroomina ishee durii har’as siidaan, barreeffama mataa isheen, weedduu fi sirbootaan fi pirojektii isheetiin dhalootaaf kaa’aa jirti. Atileetonni ishee miira injifannootiin bakka deeman maratti kan injifatan, Itoophiyaa fi faajjii ishee addunyaaf beeksisaniiru. Imala seena qabeessa gara ‘COP32’tti, marsariitiin kun waltajjii birmadummaa, qabeenyaa fi abdii Itoophiyaa, seenaa keenya irraa kaasee hanga raawwii keenya ammaatti, qaroomina keenya irraa eegalee hanga mul’ata egeree keenyaatti addunyaaf itti dhiheessinudha. Hambaa ishee durii beekaa; Seenaa Itoophiyaa dhugaa ba'aa! #Mootummaa Ida’amuu #Biyya Guddoo, Ummata Guddaa # Mul'ata Guddaa Miseensa Maatii Miidiyaa Dijiitaalaa ENA ta’aa https://www.ena.et/web/links
Ergaa Ministira Muummee Dr.Abiyyi Ahimad dabarsan:
Oct 13, 2026 1642
Inistitiyuutii Metiworooloojii Itoophiyaa daawwachuuf carraa argadheen ture. Dhaabbatichi tajaajila raaga qilleensaa guutuu kennuudhaan dhaabbata humna misoomaa biyyattiif hojiiwwan murteessaa ta'an hojjechuudhaan umurii bara dheeraa qabudha. Daawwannichaan haala qilleensaafi amala qilleensaa jijjiiramaa jiru ilaalchisee haalota hubachuufi deebii kennuudhaan humna qabnu cimsuudhaaf odeeffannoo meetiriiwooloojii funaanuun, qorannoon saayinsaawaafi guddinni teknooloojii faayidaa olaanaa qabu kan mirkaneesse ta'uu argeera.   Dhaabbilee akka Inistitiyuutii Metiworooloojii Itoophiyaa jiran cimsuun baay'ee barbaachisaadha. Tajaajiloota dameewwan ijoo akka qonnaa, bishaan, fayyaa, aviyeeshiniifi hooggansi hojii yaaddoo balaa itti hirkatan fooyyessuuf ijaarsa dandeettii humna namaa, teknooloojiiwwan ammayyaafi misooma bu'uraa odeeffannoo irratti qabeenya ramadanii hojechuun murteessaadha. Keessaayyuu balaawwan dursanii tilmaamuuf, naannaawwan kamitti dafanii qaqqabuun caalaatti akka barbaachisu murteessuuf akkasumas karaa wayitawaa fi bu'a-qabeessa ta'e akka sochoonu gochuuf faayidaa sirnoonni dursanii akeekkachiisuu qaban najajjabeesseera. Odeeffannoo amansiisaan gara qajeelfamoota qabatamaatti yoo jijjiiramu lubbuu baraara; qabeenya kunuunsa, akkasumas murtii fooyya'aa kennuuf gargaara. Hojiin akkasii saatalaayitii ilaaluu bira kan darbudha. Hojichi odeeffannoowwan funaanamanii, qindaawwaaniifi qaacceffamanii tarkaanfii wayitaawaa fudhachuuf akka gargaaran, buufatawwan funaansa odeeffannoofi man'ee giddugala odeeffannoo ciccimoo guutummaa biyyattiitti argaman irraattis kan hundaa'edha.
Baay’inaan Kan Dubbifaman
Komishiniin Naamusaa fi Farra Malaammaltummaa Federaalaa 'Appilikeeshinii' namoonni eeruu kennaniifi ragaa kennaan itti fayyadamuu danda'an ifa godhe.
Mar 3, 2023 33950
Guraandhala 24/2015(TOI) - Komishiniin Naamusaa fi Farra Malaammaltummaa Federaalaa guyyaa har'aa 'Appilikeeshinii' namoonni eeruu ittiin kennaniifi ragaa ittiin eeraan fayyadamuu danda'an 'Public Feedback System' jedhamu ifa godhe. Komishinichi Bulchiinsa Nageenya Odeeffannoo waliin ta’uun Appilikeeshinii kana akka hojjete eerameera. Appichi afaanota biyya keessaa shaniin tajaajila kan kennu ta'uun himaeera. Komishinarri Komishinii Naamusaa fi Farra Malaammaltummaa Federaalaa Dooktar Saamu’eel Urqatoo akka jedhanitti, komishinichi hojiiwwan jijjiramaa hojjechaa jiru milkeesuuf teeknooloojiiwwan fayyadamaa jiraachuu ibsaniiru. Appilikeeshinichi hojii kan ariifachiisuufi haleellaa fi sodaachisaa ragaa eertootaa fi odeeffannoo kennitootarra gahu kan ittisu ta'uu himaniiru. Kana hordofuun hawaasni karaa appilikeshinii 'Public Feedback System'' yaada kennuudhaan itti gaafatamummaa biyyaalessaa isaa ba'uu qabu gaafataniiru. Daarektarri Olaanaa Bulchiinsa Nageenya Odeeffannoo Obbo Solomoon Sookaa akka jedhanitti, appilikeeshinii kana haleellaa saayibarii eegumsii cimaan kan taasifamuuf ta'uu himaniiru. Waajjira Ministira Muummeetti deetaan dhimmoota Kaabinee obbo Tasfaayee Dhaabaa akka jedhanitti, malaammaltummaa ittisuuf dhaabbanni tokko qofaan hojjetee milkaa'uu hin danda'u. Kanaaf lammileen hunduu miira itti gaafatamummaa qabuun malaan maltummaa ittisuuf hirmaachuu qabu jedhaniiru.
Gabaasa addaa
Itiyoophiyaan liqaa ishee hurgufachaa,abdii ishee horachaa gara fuula duraatti tarkaanfachaa jirti - Itti aanaa Ministira Muummee obbo Tamasgeen Xurunaa
Jun 9, 2026 24310
Waxabajji 2 /2018 (ENA): Itiyoophiyaan liqaa ishee hurgufachaa,abdii ishee horachaa gara fuula duraatti tarkaanfachaa jirti jedhani itti aanaan Ministira Muummee obbo Tamasgeen Xurunaa. Itti aanaan muummee ministiraa Pirojektoota misoomaa adda addaa magaalaa Woldiyaatti ijaaraman eebbisuun tajaajilaaf bananiiru. Yeroo eebba kanaatti pirojektoonni misoomaa eebbifaman imala biyyattiin gara fuulduraatti taasiftu kan agarsiisan yoo ta’u, guddinni Itiyoophiyaa eenyullee dhaabuu akka hin dandeenye kuni ragaadha jedhan. Itti aanaan ministira muummee kun ummanni magaalaa Woldiyaa finxaaleyyii fi qoqqoodinsa mormuudhaan kan beekamu ta’uu ibsuun, filannoon isaanii irra deddeebiin nagaa fi mootummaa cimaa ta’uu isaa kan argisiisu ta’uu ibsaniiru.   Mootummaan baandota irratti qabsaa’aa jira jedhani. Waggoota 50 fi 60 darbaniif warri yaada dulloomaatiin qabaman guddina ariifataa biyyattii hubachuu akka hin dandeenyes ibsaniiru. Warri bosona keessa jiran jijjiirama guddaa biyyatti dhufe kan akka misooma koridarii, maaddii guutuu, pirojektoota misoomaa fi oomisha qamadii arguu akka hin dandeenye dubbataniiru. Misoomni koridarii magaalota keessatti gaggeeffamaa jiru dhimma bareedinaa qofa osoo hin taane magaalota ammayyeessuun sadarkaa jireenyaa ummataa ol kaasuuf kaayyoo ta’uu ibsaniiru. Magaalonni Itiyoophiyaa magaalota Baha Afriikaa fi addunyaa waliin dorgomuu akka qaban ibsaniiru; akkasumas tajaajila ammayyeessuuf tajaajilli giddugala tokkoo guutuu biyyattiitti babal’achaa akka jiru hubachiisaniiru. Manneen kitaabaa ummataa, manneen kitaabaa dijitaalaa fi kaffeewwan saayinsii magaalaa Woldiyaatti ijaaraman odeeffannoo guyyaa guyyaa irraa gara beekumsaa fi qorannoo gadi fagootti kan ceesisu ta’uu ibsaniiru. Mootummaan, abbootii qabeenyaa fi ummanni pirojektoota misoomaa eegalaman gara baadiyyaatti babal’isuun badhaadhina biyyattii dhugoomsuuf waliin hojjechuu akka qaban waamicha dhiyeessaniiru.
Yaa’ichi dhimmoota Afrikaarratti sagalee tokko dhageessisuun akka danda’amu carraa uumuudha
May 6, 2026 20313
Ebla 28/2018 (ENA)- Kaayyoon guddaan yaa’ii dhiibbaa uumtota miidiyaa hawaasaa Afriikaa (ASMIS) dhiibbaa uumtota jidduutti tumsa cimaa uumuudhaan dhimmoota Afrikaarratti sagalee tokko dhageessisuun akka danda’amu carraa uumuu akka ta’e qindeessaan Palsi oof Afriikaa(POA) obbo Barakat Sisaayi ibsan. Ajandaawwan Afriikaa qabsiisuu fi sagalee waloo dhageessisuuf carraa kan uumu ta’uu dabalanii ibsaniiru. Palsi oof Afriikaan (Pulse of Africa-POA) intarpiraayizii teknolojii E.ji.e waliin ta’uun mata duree “dhiibbaa uumtonni Afriikaa fooyyee qabduuf” jedhuun yaa’iin qophaa’u kun, Ebla 29 fi 30 2018 Finfinnee yaadannoo injifannoo Adwaatti ni gaggeeffama. Yaa’iin kun dhiibbaa uumtota miidiyaa hawaasaa jajjabeessuuf, dinagdee dijitaalaa cimsuuf, tumsa uumuu fi wiirtuu dijitaalaa gochuuf kan kaayyeffateha. Qopheessitoonni yaa’ii kanaa, dhiibbaa uumtonni miidiyaa hawaasaa Itiyoophiyaa yeroo yaa’ii kanaa maqaa gaarii biyyasaanii guddisuu fi tumsasaanii cimsuun haala danda’amurratti ibsa kennaniiru. Qindeessaan Palsi oof Afriikaa obbo Barakat Sisaayi wayita kana akka jedhanitti, Palsi Oof Afriikaan seenessa Afriikaa jallate jijjiiruuf kan hundeeffame miidiyaa Paan Afriikaati. Yaa’iin kun intarpiraayizii teeknooloojii E.ji.e waliin ta’uun qophaa’uusaa eeranii, qajeelfama “seenessa Afriikaa namoota keenyaan dubbachuu qabna” kan jedhu akka bu’uureffate ibsaniiru. Kaayyoon ijoo yaa’ii kanaas dhiibbaa uumtota jidduutti tumsa cumaa uumuun dhimmoota Afriikaarratti sagalee waloo dhageessisuuf carraa uumuu akka ta’e dubbataniiru. Ajandaan gamtaa Afriikaa 2063 karoora wagga 50 Afriikaan ittiin gaggeeffamtu ta’uu eeranii, ummattoota jidduutti walii galtee uumuuf dhiibbaa uumtonni miidiyaa hawaasaa waloomaan akka hojjetan carraa uumuuf waltajjichi faayidaa akka qabu ibsaniiru. Kanaaf yaa’iin kun Afriikonni galmoota ajandaasaanii milkeessuuf waltajjii waloon hojjetan ta’a jedhaniiru. Miidiyaan dijitaalaa waltajjii guddaa kan dinagdee sochoosudha kan jedhan obbo Barakat, dhiibbaa uumtonni miidiyaa hawaasaa karaa faayidaa qabuun akka itti fayyadaman hubannoo waloo uumuu akka barbaachisu hubachiisaniiru. Hojii raawwachiisaan intarpiraayizii E.ji.e obbo Gammadaa olaanaa gamasaaniin, yaa’iin kun maqaa gaarii Itiyoophiyaa akkasumas Afriikaa guddisuuf waltajjii murteessaa ta’uu dubbataniiru. Dhiibbaa uumtonni miidiyaa hawaasaa waa’ee qabiyyee uumuu, wa’ee ijaarsa seenessa Afriikaa fi waa’ee galmoota ajandaa 2063 ejjennoo ifaa akka qabatan godha jedhaniiru. Dhiibbaa uumtonni yaa’ii kanaaf biyyoota Afriikaa garagaraarraa filataman, qaqqabama miidiyaa hawaasaatiin qabanii fi maqaa gaarii Afriikaa guddisuuf gumaacha qabaniin madaalamanii kan filataman ta’uu mirkaneessaniiru.
Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015