Tamsaasa Kallatti:
Angafoota Oduu
Eeggattummaa Jalaa bahuuf Tarsiimoo qonnaa Mootummaan bocee gadi buuseen bonaa fi ganna qamadii oomishanee fayyadamoo taaneerra
Nov 14, 2026 63
Sadaasa 5/2019(ENA)-Akkaataa tarsiimoo qonnaa mootummaan bocee gadi buuseen eeggattummaa Jalaa bahuuf bonaa fi ganna qamadii oomishanee fayyadamoo taaneerra jedhan Qonnaan Bultootni godina lixa Oromiyaa aanaa Jimmaa Gannat Wiirtuu Shaambuu.   Godina Lixa Oromiyaa Aanaa Jimmaa Gannatiitti Oomishni Inisheetivii Misooma Qamadii Jallisii Bonaan lafa hektaara kuma 24 ol misoomsuuf karoorfamee hojjetamaa jira. Jiruu fi jireenya qonnaan bulaa jijjiiruuf Inisheetiviiwwan misooma qamadii bal'inaan qotuun Qonnaan bulaan eeggattummaa fi gargaaramtummaa jalaa bahu gochuuf hojjetamaa jira. Aanaa Jimmaa Gannatii Ganda Guddattuu Jimmaatti Qonnaan bultootni waliin gurmaa'uun lafa hektaara 116 olirratti Qamadii Jallisii Bonaan facaasuu eegalanii jiru Waktiin Bonaa aadaa yeroo boqonnaa godhamee ilaalamu keessaa bahuun oomisha roobaan oomishatan cinaatti Qamadii jallisiin erga oomishuu jalqabanii jiruuf jireenya isaanii fooyyeffachaa jiraachuu qonnaan bultootni gandichaa obbo Shibbiruu Hordofaa fi Mokonnon Nagarii himanii jiru. Bulchaa itti aanaa fi Itti gaafatamaa Waajjira Qonnaa fi lafaa Aanaa Jimmaa Gannatii obbo Gaaromsaa Darajjee tarsimoo mootummaan oomisha alergii guddisuu fi kan alaa galu xiqqeessuu akkasumas wabii midhaan nyaataa mirkaneessuuf hojjechaa jiru galmaan gahuuf gandoota aanichaa 12 keesatti lafa hektaara kuma 24 fi 640 irratti qamadii facaasuuf karoorsanii hojjechaa jiraachuu himaniiru. Hogganaa itti aanaan waajjira qonnaa godina lixa Oromiyaa fi itti gaafatamaan damee misooma qonnaa doktar Warqinaa Galataa akka jedhanitti, lafa hektaara kuma 900 fi kuma 11 olirratti misooma Qamadii Jallisii bonaa oomishuuf karoorsuun hojjetamaa jirurraa callaa kuntaala Miliyoona 36 walitti qabuuf hojjetamaa jiraachuu himaniiru.
Baay’inaa fi qulqullina bunaa guddisuuf tattaaffii qindaa’aan mootummaa,oomishtootaa fi daldalaa barbaada- hogganaa damee siyaasaa paartii badhaadhinaa godina kibba lixaa Oromiyaa obbo Mahaammad Xahaa Abbaafiixaa
Nov 14, 2026 60
Sadaasa 5/2o19(ENA)- Baay’inaa fi qulqullina bunaa guddisuuf tattaaffii qindaa’aan mootummaa,oomishtootaa fi daldalaa akka barbaachisu hogganaa damee siyaasaa paartii badhaadhinaa godina kibba lixaa Oromiyaa obbo Mahaammad Xahaa Abbaafiixaa ibsan. Eksipoon Bunaa Idil-addunyaa 2026 har’a magaalaa Jimmaatti banameera. Ekspoon kun bunni Itiyoophiyaa gabaa addunyaatti caalaatti beeksisuun gamatti invastimantii fi tuurizimiin bunaa akka babal’atuuf carraa guddaa akka uumu ibsameera. Obbo Mahaammad Xahaa wayita kana ergaa dabarsaniin, bunni utubaa dinagdee Itiyoophiyaa waan ta’eef misooma damee kanaa cimsuun, deeggarsa ogummaa babal’isuu fi qulqullina bunaa irratti xiyyeeffachuun barbaachisaa ta’uu ibsaniiru. Abbootiin qabeenyaa fi warri buna gara biyya alaa erganis qulqullina oomishaa irratti xiyyeeffachuu akka qaban hubachiisaniiru. Godina Oromiyaa Kibba Lixaatti bara kana bunaa toonii kuma 700 walitti qabuuf karoorfame keessaa toonii kuma 195 gabaa alaa irratti dhiyeessuuf karoorfamuu eeruun, kana milkeessuuf oomishaa fi qulqullina bunaa dabalataan guddisuun akka barbaachisu dubbataniiru. Pirezidaantiin Mana Maree Daldalaa fi Waldaalee Dameewwanii Jimmaa Obbo Najiib Kadir gama isaaniin, qulqullina bunaa mirkaneessuu fi oomishtummaa guddisuun hojii dursa kennamuu qabu ta’uu ibsaniiru. Qonnaan bultoonni bunaa qulqullinaan akka oomishaniif mootummaan deeggarsa ogummaa fi hordoffii akka itti fufu mirkaneessaniiru. Ekspoon kun ogeessota bunaa, daldaltoota fi dhaabbilee idil-addunyaa 100 ol kan hirmaachisu yoo ta’u, mi’aa fi qulqullina bunaa Itoophiyaa beeksisuu, akkasumas Godina Oromiyaa Kibba Lixaatti invastimantii, tuurizimii bunaa fi carraawwan dinagdee biroo hawwachuuf gahee olaanaa qaba. Sagantaan kun qindoomina Mana Maree Daldalaa Naannoo Oromiyaa, deeggarsa Mootummaa Naannoo Oromiyaa fi Mana Maree Daldalaa Itiyoophiyaatiin, akkasumas tumsa Godina Oromiyaa Kibba Lixaa fi Bulchiinsa Magaalaa Jimmaatiin qophaa’e.
Yaadama mootummaa Ida’amuu keessatti ispoortiin meeshaa guddaa guddina dinagdee biyyaaf gumaachuudha – Doktar Akliiluu Taaddasaa
Nov 14, 2026 81
Sadaasa 5/2019 (ENA)-Yaada mootummaa Ida’amuu keessatti ispoortiin meeshaa guddaa dinagdee biyya tokkoo guddisuu danda’u ta’uu ministirri dargaggootaa fi Ispoortii Doktar Akliiluu Taaddasaan ibsan. Ministirichi milkaa’inni dorgommii Olompikii Dargaggootaa Daakaar irratti galmaa’e milkaa’ina injifannoo Itiyoophiyaan yeroo hunda galmeessisaa turte ta’uu ibsaniiru. Atileetonni Itiyoophiyaa dorgommii Olompikii Dargaggootaa Daakaar irratti carraaqqii cimaa taasisuun bu’aa galmeessisan duuba wanti guddaan mul’atu obsaa fi hafuurri injifannoo ta’uu Ministirichi dubbataniiru. Hafuurri obsaa fi injifannoo duuba meedaaliyaa warqee jiru kun dameewwan hojii hundatti akka dagaaguuf mootummaan xiyyeeffannoo addaa kennee akka hojjetu ibsaniiru. Itiyoophiyaan damee ispoortii keessattis biyya injifattuu ta’uu seenaa atileetota durii ragaa godhachuun, dhaloota atileetota haaraa irratti hojjechuun bu’aa fi seenaa atileetota duraanii itti fufsiisuun barbaachisaa ta’uu kaasaniiru. Kanaafis mootummaan baay’ina atileetota dargaggootaa guddisuu fi akadamiileen itti gaafatamummaa isaanii akka bahan irratti hojjechuu akka itti fufu ibsaniiru. Kana malees, iddoowwan shaakala ispoortii atileetota oomishan babal’isuu, waldaalee ispoortii cimsuu fi iftoomina hojii akka mirkanaa’u ni hojjetama jedhaniiru. Ministirichi yaadama mootummaa Ida’amuu keessatti ispoortiin meeshaa guddaa guddina dinagdee biyyaaf gumaachuudha jedhamee akka amanu ibsuun, fayyadamummaa dargaggootaa mirkaneessuuf mootummaan cimee akka hojjetu dubbataniiru. Pirezidaantiin Koree Olompikii Itiyoophiyaa Doktar Ashebir Waldaqgiyoorgis, injifannoon galmaa’e abdii haaraa fi milkaa’ina haaraa kan uume ta’uu ibsuun, ummata Itiyoophiyaa yeroo warqee ispoortii isaa waliin deebisee walitti hidhuuf boqonnaa guddaa ta’uu dubbataniiru. Itoophiyaan dorgommii Daakaar irratti hirmaatteen atileetiksii keessatti meedaaliyaa warqee 5 fi meetii 3, waliigala meedaaliyaa 8 argachuun addunyaa irratti sadarkaa tokkoffaa qabattee xumuruu dandeesseetti.
Sagantaa misooma avokaadootiin qabame milkeessuuf koreen tekiniikaa sagantichaa deeggersa ogummaa itti fufiinsa qabu taasisuun gahee isaanii bahachuu
Nov 14, 2026 70
Sadaasa 5/2019(ENA)-Sagantaa misooma avokaadootiin qabame milkeessuuf koreen tekiniikaa sagantichaa deeggersa ogummaa itti fufiinsa qabu taasisuun gahee isaanii bahachuu akka qaban hoogganaa itti aanaan biiroo qonnaa Oromiyaa Obbo Dassaaleny Dhugumaa ibsan. Koreen tekiniikaa Sagantaa Misooma Avokaadoo karoora Sagantaa Misooma Avokaadoo bara 2019 milkeessuuf mari'ate. Avokaadoon oomisha bu'a-qabeessaafi gabaa biyya keessaafi biyya alaarratti baayyee barbaadamaa ta'ee wabii nyaataa mirkaneessuun madda galii guddaa argamsisaa jira caalmaan itti fufsiisuuf Sagantaan Misooma Avokaadoo Waggaa 15niif hojiirra oolu bara darberraa eegalee labsamee jira. Biiroo qonnaa Oromiyaatti qindeessaa sagantaa misooma Avokaadoo Obbo Mangistuu Olii sagantichi Godinaalee 6 keessatti kan argaman aanaalee 63 keessatti kaayyoowwan oomishaa fi oomishtummaa avukaadoo guddisuun gabaa biyya keessaa fi biyya alaatti baayyinaafi qulqullinaan dhiheessuun madda galii taasisuu, avokaadoo sassaabbiif gahe qulqullina isaa eeguun sassaabuu fi qisaasama yeroo sassaabbiirratti jiru xiqqeessuu, walitti hidhamiinsa gabaa avokaadoo cimsuufi misooma avokaaadoorratti tekinooloojii jiru babal'isuun sona itti dabaluun gabaaf dhiheessuurratti hojiiwwan Qorannoo, Leenjiifi Exteenshiniidhaan deeggeruurratti kan hojjetu ta'uu ibsaniiru. Koreewwan tekiniikaa sekteroota qooda fudhattoota irraa walitti dhufan kaayyoo Sagantaa misooma avokaadootiin qabame milkeessuuf deeggersa ogummaa itti fufiinsa qabu taasisuurratti gahee isaanii akka bahataniif Obbo Dassaalrny kallattii kaa'aniiru. Koreen tekiniikaa kunis, gahee hojii sagantichaan sekteroota irraa bakka bu'aniif kennamerratti hundaa'uun karoora bu'a-qabeessummaa sagantichaa mirkaneessuun raawwii isaatiif gumaacha isaanii akka bahataniif kallattiin kaa'ameera.
Kan mul'ate

Itiyoophiyaan hariiroo michoomaa seenaa qabeessa Turkiyyee waliin qabdu damee invastimantii fi waltajjiiwwan idil-addunyaa irratti cimsuuf kutannoo qabdi
Nov 14, 2026 105
Sadaasa 4/2019 (ENA) – Itiyoophiyaan hariiroo michoomaa seenaa qabeessa Turkiyy waliin qabdu damee invastimantii fi waltajjiiwwan idil-addunyaa irratti cimsuuf kutannoo qabaachuushee Ministirri Dhimma Alaa fi Pirezidaantiin COP32 ta’uun kan filataman Dr. Geediyoon Ximootiwoos ibsan. Yaa’iin 31ffaa Dhaabbata Mootummoota Gamtoomanii Jijjiirama Qilleensaa COP31 Turkiyyee, Antaaliyaa keessatti gaggeeffamaa jira. Ministirri Dhimma Alaa fi Pirezidaantiin COP32 ta’uun kan filataman Dr. Geediyoon Ximootiwoos yaa’ichaan cinaatti turtii TRT World waliin taasisaniinakka ibsanitti, hariiroon dippilomaasii seenaa qabeessaa fi cimaa Itiyoophiyaa fi Turkiyyee gidduu jiru gara tumsa dinagdee olaanaatti ce'uu akka qabu ibsaniiru. Invastaroonni damee dhuunfaa Turkii dinagdee Itiyoophiyaa guddachaa jiru keessatti hirmaannaa bal'aa akka taasisan waamicha dhiyeessaniiru. Hariiroon biyyoota lamaanii sadarkaa hoggantootaa qofa irratti kan hundaa'e osoo hin taane, walitti dhufeenya ummattoota biyyoota lamaanii irratti kan hundaa'e michooma cimaa ta'uu ibsaniiru. Dhaabbileen Turkiyyee dameewwan tajaajilaa, oomishaa fi ijaarsaan muuxannoo fi dandeettii olaanaa qaban irratti bobba'uun guddina dinagdee Itiyoophiyaa keessatti jijjiirama guddaa fiduu akka danda'an ibsaniiru. Kunis biyyoota lamaaniif faayidaa waliinii kan mirkaneessu ta'uu eeraniiru. Kana malees, Itiyoophiyaan milkaa'ina yaa’ii COP31 Turkiyyeen keessummeessituu fi gaggeessummaa marii Awustiraaliyaan gaggeessuu keessatti deeggarsa guutuu akka kennitu ibsaniiru. Tumsi biyyoota lamaanii daldalaa fi invastimantii biyyoota lamaanii qofa irratti osoo hin daangeffamiin, waltajjiiwwan dippilomaasii idil-addunyaa irrattis cimee akka itti fufu ministirichi mirkaneessaniiru.
Bu’uuraaleen misoomaa qindaa’aan Finfinneetti hojjetaman sirna ramaddii fi to’annoo konkolaattotaa ammayyaa uumaniiru
Nov 13, 2026 121
Sadaasa 4/2019 (ENA)- Bu’uraaleen misoomaa qindaa’aan Finfinneetti hojjetaman sirna ramaddii fi to’annoo konkolaattotaa ammayyaa uumuu isaa, dura taa’aan koree dhaabbataa dhimma bu’uuraalee misoomaa fi mana qopheessaa mana Maree bulchiinsa magaalaa Finfinnee doktar Gizaachoo Ayikaa ibsaniiru. Biiroon Geejjibaa Magaalaa Finfinnee sirna haaraa qindaa’aa ramaddii fi to’annoo konkolaattotaa eebbisiisuu fi beeksisuuf sagantaa qopheesseera. Saganticharratti kan argaman dura taa’aan koree dhaabbataa bu’ura misoomaa fi dhimmoota mana qopheessaa bulchiinsa magaalaa Finfinnee doktar Gizaachoo Ayikaa, sirni hojii dijitaalaa qisaasama qabeenyaa, malaammaltummaa fi dararama ummataa hambisuun tajaajila saffisaa kennuuf akka dandeessisu ibsaniiru. Magaalaan Finfinnee wiirtuu tajaajila bakka tokkoo Mesob hojiirra oolchuun tajaajiloota iftoominaa fi saffisa qaban kennuun quufinsa jiraattotaa mirkaneessaa fi bu’aawwan galmeessaa akka jirtu eeraniiru. Sirni haaraan ramaddii fi to’annoo konkolaattotaa kunis qaama hojii kanaa ta’uu ibsuun, damee geejjibaa magaalattii ammayyeessuu fi saffisiisuu keessatti gahee olaanaa akka qabu dubbataniiru. Itti gaafatamaan biiroo geejjibaa magaalaa Finfinnee, Doktar Tafarraa Molaa, yeroo ammaa itti quufinsa hawaasaa mirkaneessuu fi tajaajila saffisaa kennuuf teeknooloojii fayyadamuun dirqama ammaa ta’uu ibsaniiru. Sirni haaraan kun rakkoolee duraan ramaddii fi to’annoo konkolaattotaa keessatti mudachaa turan furuun adeemsi hojii teeknooloojiin akka deeggaramu ni taasisa jedhaniiru. Kunis sochiin tiraafikaa mijataa akka jiraatuuf haala mijeessuun tajaajilli geejjibaa saffisaa, amanamaa fi nageenya qabu akka ta’u ni gargaara jedhaniiru. Dabalataanis, sirni kun konkolaattota seeraan alaa hordofuu fi cufamuu tiraafikaa hir’isuu keessatti gahee olaanaa akka qabu hundeessaan akkasumas hoji gaggeessaan dhaabbata AG Technology, dargaggoo Getaasaaw Ababa ibsaniiru. Sirni kun ramaddii konkolaattotaa, ramaddii to’attootaa, galmee argama konkolaattotaa, yaada tajaajilamtootaa, gabaasa dhaabbilee dhimmi ilaallatuu fi gabaasa taateewwan guyyaa guyyaa of keessatti akka hammatu ibsaniiru. Hogganaan Waldaa Taaksii Nagaa Finfinnee, Obbo Geetuu Tasfaayee, sirni kun rakkoo fi walitti bu’iinsa to’attootaa fi konkolaachistoota taaksii gidduutti uumamaa ture furuuf akka gargaaru dubbataniiru. Miseensi Waldaa aksiyoona geejjiba Aday Abbaa, Birhaanee Yehuwaalaasheet, sirnichi mala hojii tuttuqaa harkaa hambisuun sirna dijitaalaa akka babal’isu ibsaniiru.

Pulse Of Africa

POA English

POA English

Pulse Of Africa - English Language

Your news, current affairs and entertainment channel

Join us on

POA Arabic

POA Arabic - عربي

Pulse Of Africa - Arabic Language

قناتكم الاخبارية و الترفيهية

Join us on

Siyaasa
Itiyoophiyaan hariiroo michoomaa seenaa qabeessa Turkiyyee waliin qabdu damee invastimantii fi waltajjiiwwan idil-addunyaa irratti cimsuuf kutannoo qabdi
Nov 14, 2026 105
Sadaasa 4/2019 (ENA) – Itiyoophiyaan hariiroo michoomaa seenaa qabeessa Turkiyy waliin qabdu damee invastimantii fi waltajjiiwwan idil-addunyaa irratti cimsuuf kutannoo qabaachuushee Ministirri Dhimma Alaa fi Pirezidaantiin COP32 ta’uun kan filataman Dr. Geediyoon Ximootiwoos ibsan. Yaa’iin 31ffaa Dhaabbata Mootummoota Gamtoomanii Jijjiirama Qilleensaa COP31 Turkiyyee, Antaaliyaa keessatti gaggeeffamaa jira. Ministirri Dhimma Alaa fi Pirezidaantiin COP32 ta’uun kan filataman Dr. Geediyoon Ximootiwoos yaa’ichaan cinaatti turtii TRT World waliin taasisaniinakka ibsanitti, hariiroon dippilomaasii seenaa qabeessaa fi cimaa Itiyoophiyaa fi Turkiyyee gidduu jiru gara tumsa dinagdee olaanaatti ce'uu akka qabu ibsaniiru. Invastaroonni damee dhuunfaa Turkii dinagdee Itiyoophiyaa guddachaa jiru keessatti hirmaannaa bal'aa akka taasisan waamicha dhiyeessaniiru. Hariiroon biyyoota lamaanii sadarkaa hoggantootaa qofa irratti kan hundaa'e osoo hin taane, walitti dhufeenya ummattoota biyyoota lamaanii irratti kan hundaa'e michooma cimaa ta'uu ibsaniiru. Dhaabbileen Turkiyyee dameewwan tajaajilaa, oomishaa fi ijaarsaan muuxannoo fi dandeettii olaanaa qaban irratti bobba'uun guddina dinagdee Itiyoophiyaa keessatti jijjiirama guddaa fiduu akka danda'an ibsaniiru. Kunis biyyoota lamaaniif faayidaa waliinii kan mirkaneessu ta'uu eeraniiru. Kana malees, Itiyoophiyaan milkaa'ina yaa’ii COP31 Turkiyyeen keessummeessituu fi gaggeessummaa marii Awustiraaliyaan gaggeessuu keessatti deeggarsa guutuu akka kennitu ibsaniiru. Tumsi biyyoota lamaanii daldalaa fi invastimantii biyyoota lamaanii qofa irratti osoo hin daangeffamiin, waltajjiiwwan dippilomaasii idil-addunyaa irrattis cimee akka itti fufu ministirichi mirkaneessaniiru.
Ayyaana Sabaaootaa, Sablammootaa fi ummattootaa akka biyyaalessaatti Magaalaa Jimmaatti kabajamu milkeessuuf hunduu tamsuu qaba
Nov 13, 2026 108
Sadaasa 4/2019(ENA)-Ayyaana Sabaaootaa, Sablammootaa fi ummattootaa akka biyyaalessaatti Magaalaa Jimmaatti kabajamu milkeessuuf hunduu tamsuu akka qabu dhaamame. Godina Kibba Lixa Oromiyaatti qophii kabaja ayyaana saboota, sablammootaa fi ummattootaa 21ffaa irratti hoggantoota aanaalee fi godinaa waliin Magaalaa Jimmaatti mariyatameera. Maree kanaaf qabxiin maree ayyaana Sadaasa 29/2019 kabajamu irratti xiyyeeffates Itti gaafatamaa Ittaanaa damee Siyaasaa waajjira Paartii Badhaadhinaa Godinichaa Obbo Ashannaafii Biraanuutiin dhihaatee irratti mariyatameera. Kabaja ayyaanichaa milkeessuuf qaamoleen hawaasa godinichaa tumsa irraa eegamu bahuu akka qabaniif dudhaa keessummaa simachuu uummatni keenya qabuun hirmaattota keessummeessuu akka qabanis ibsameera. Ittigaafatamaan Damee siyaasaa Paartii Badhaadhinaa Godina Kibba Lixa Oromiyaa Obbo Mahammaad Xahaa Abbaa Fiixaa Itiyoophiyaan tokkummaa sabdaneessaa fi walooma lammiilee dimokiraasii bu'uureffate ijaaraa jirtii jedhan. Ayyaanni Saboota sablammootaafi ummattootaa kunis karaa miidhagaaf tokkummaa sabdaneessummaa agarsiiseen kabajamaa jedhan. Ayyaannichi sochii hawaas-diinagdee ummatichaa guddisuu keessatti gahee guddaa qabaachuu ibsuun, hawwattummaa invastimentii fi tuurizimii godinichaa dabaluufis shoora olaanaa qabaa jedhan. Kanaafis qaamoleen hawasaaf hoggansi sadarkaan jiru kabaja ayyaanichi karaa midhagaa fi naga qabeessa ta'een akka a kabajamuuf tumsuu qabaa jedhan. Hirmaattoota ayyaanichaa gara godinicha dhufaniifis simannaa guddummaaf jaalala uummatni Oromoo ilma namaaf qabu kan agarsiisu taasisuu qabus jedhan
Guyyaan Sabootaa, Sablammootaa fi ummattoota Itiyoophiyaa mariin biyya cimsuu fi biyya qaroomtuu ijaaruuf gahee murteessaa qaba
Nov 13, 2026 157
Sadaasa 4/2019 (TOI) – Guyyaan Saboota, Sablammootaa fi ummattoota Itiyoophiyaa qabeenya garaagarummaa fayyadamuun, mariin biyya cimsuu fi biyya qaroomtuu ijaaruuf gahee murteessaa akka qabu af-yaa’iin Mana Maree Federeeshinii Mufarihaat Kaamil ibsan. Guyyaan saboota, sablammootaafi ummattoota Itiyoophiyaa 21ffaan mata duree “Itiyoophiyaa sabdaneessummaan miidhagde, mariidhaan dhaabbattee fi qaroomte” jedhuun Naannoo Oromiyaa, Magaalaa Jimmaatti ni kabajama. Ayyaanni kun guyyoota shaniif kan turu yoo ta’u, Sadaasa 21 Guyyaa Obbolummaa, Sadaasa 26 Guyyaa Waloomaa, Sadaasa 27 Guyyaa Oromiyaa, Sadaasa 28 Guyyaa Marii fi Sadaasa 29 Guyyaa Itiyoophiyaa jedhamee moggaafameera. Af-yaa’ittiin akka ibsanitti, mata dureen bara kanaa waadaa waloo, karooraa fi hubannoo uumuun garaagarummaa akka qabeenyaatti, marii immoo akka qaroominaatti kan ilaaludha. Dabalataanis, Itiyoophiyaa birmadummaa guutuu ishee kan mirkaneessite, oomishtuu, dursituu fi qaroomtuu taate ijaaruuf karoorri dhalootaa waggaa 25 qophaa’uu ibsaniiru. Garaagarummaan yoo sirnaan hogganame kalaqa, gahumsaa fi jijjiirama biyyaaf qabeenya murteessaa ta’uu akka danda’us hubachiisaniiru. Saboonni, sablammootaa fi ummattoonni Itiyoophiyaa ijaarsa sirna federaalaa keessatti gahee murteessaa akka qaban kan ibsan Mufarihaat, garaagarummaa kunuunsuu fi misoomaaf oolchuun madda guddinaa taasisuun akka barbaachisu dubbataniiru. Guyyaan Sabootaa fi Sablammootaa ummattoonni kan ittiin wal baran, garaagarummaa isaanii hubatanii fi mariidhaan waliigaltee waliinii irratti itti uuman ta’uu isaas ibsaniiru. Dhumarrattis, guyyaan kun ayyaana kabajuu qofa osoo hin taane, tokkummaa mariidhaan cime, misooma hirmaachisaa fi hammataa mirkaneessuun badhaadhina waaraa fi ijaarsa biyya qaroomtuuf bu’uura kan kaa’u ta’uu isaa hubachiisaniiru.

Hawaasummaa
Sagantaan nyaata barattootaa naannoo Hararii keessatti barnootaa fi bu'aa barattootaa fooyyessuu danda'eera.
Nov 13, 2026 95
Sadaasa 04/2019 (ENA)- Sagantaan nyaata barattootaa naannoo Hararii keessatti kennamaa jiru adeemsa baruu fi barsiisuu akkasumas bu'aa barattootaa fooyyessuuf gumaacha olaanaa taasisaa jiraachuu barsiisonnii fi maatiin barattootaa ibsan. Naannichatti bara kana barattoonni kuma 40 ol sagantaa nyaata mana barumsaa irraa fayyadamaa jiru. Saganticha manneen barnootaa idileen duraa fi tokkoffaa 67 keessatti raawwatamuuf birriin miliyoona 46 ol ramadamuun ni beekama. Barsiistuun mana barumsaa sadarkaa tokkoffaa Raas Mokonnin, Zinaash Shifarraawu akka jedhanitti, duraan barattoonni mana keessatti nyaata eeggachaa waan turaniif barnootaaf yeroo isaanii irratti dhiyaachuu hin dandeenye. Erga sagantaan nyaata mana barumsaa jalqabee garuu haalli waliigalaa barattootaa fi bu'aan isaanii fooyya'uu ibsaniiru. Qpoheessituun nyaata mana barumsaa Aadde Gannat Kaasaahun gama isaaniitiin, sagantichi barattoota nyaachisuu qofa osoo hin taane, carraa hojii isaaniif uumuu ibsaniiru. Akkasumas, barattoota keessatti turtii barnootaa addaan kutuu fi yeroo barnootaatti tursiisuun hir'achuu eeraniiru. Barattuun kutaa 2ffaa Mana Barumsaa Raas Mokonnon, Helen Girmaa, sagantichi mana barumsaa keessatti nyaata argachuu fi yeroo isaa eeganii barnootaaf dhiyaachuuf akka isaan gargaaru dubbatteetti. Akkasumas, barnoota isaanii hordofanii bu'aa gaarii akka galmeessaniif gargaaraa jiraachuu ibsiteetti. Qindeessaan Sagantaa nyaata Barattootaa Biiroo Barnootaa Naannoo Hararii, Obbo Arab Aliyyi akka jedhanitti, sagantichi jijjiirama guddaa barattoota irratti fiduu bira darbee, barattoota gidduutti tokkummaa fi waliin jireenya, hawaasa keessattis wal-gargaarsaa fi wal-deeggarsa cimsaa jiraachuu eeraniiru. Dabalataanis, barattoonni yaada isaanii barnoota irratti akka xiyyeeffatan fi fedhiin isaanii barachuu akka dabalu taasisaa jira. Sagantaa nyaata barattootaa bara barnootaa 2019 eegalchiisuurratti Pirezidaantiin Naannoo Hararii Obbo Ordiin Badrii, sagantichi hirmaannaa barattootaa barnoota keessatti dabalaa jiraachuu ibsaniiru. Akkasumas, yeroo barnootaa manneen barnootaa keessatti qisaasamaa ture hambisuun bu'aa barattootaa fooyyessuuf gumaacha olaanaa akka qabu hubachiisaniiru. See less
Diinagdee
Eeggattummaa Jalaa bahuuf Tarsiimoo qonnaa Mootummaan bocee gadi buuseen bonaa fi ganna qamadii oomishanee fayyadamoo taaneerra
Nov 14, 2026 63
Sadaasa 5/2019(ENA)-Akkaataa tarsiimoo qonnaa mootummaan bocee gadi buuseen eeggattummaa Jalaa bahuuf bonaa fi ganna qamadii oomishanee fayyadamoo taaneerra jedhan Qonnaan Bultootni godina lixa Oromiyaa aanaa Jimmaa Gannat Wiirtuu Shaambuu.   Godina Lixa Oromiyaa Aanaa Jimmaa Gannatiitti Oomishni Inisheetivii Misooma Qamadii Jallisii Bonaan lafa hektaara kuma 24 ol misoomsuuf karoorfamee hojjetamaa jira. Jiruu fi jireenya qonnaan bulaa jijjiiruuf Inisheetiviiwwan misooma qamadii bal'inaan qotuun Qonnaan bulaan eeggattummaa fi gargaaramtummaa jalaa bahu gochuuf hojjetamaa jira. Aanaa Jimmaa Gannatii Ganda Guddattuu Jimmaatti Qonnaan bultootni waliin gurmaa'uun lafa hektaara 116 olirratti Qamadii Jallisii Bonaan facaasuu eegalanii jiru Waktiin Bonaa aadaa yeroo boqonnaa godhamee ilaalamu keessaa bahuun oomisha roobaan oomishatan cinaatti Qamadii jallisiin erga oomishuu jalqabanii jiruuf jireenya isaanii fooyyeffachaa jiraachuu qonnaan bultootni gandichaa obbo Shibbiruu Hordofaa fi Mokonnon Nagarii himanii jiru. Bulchaa itti aanaa fi Itti gaafatamaa Waajjira Qonnaa fi lafaa Aanaa Jimmaa Gannatii obbo Gaaromsaa Darajjee tarsimoo mootummaan oomisha alergii guddisuu fi kan alaa galu xiqqeessuu akkasumas wabii midhaan nyaataa mirkaneessuuf hojjechaa jiru galmaan gahuuf gandoota aanichaa 12 keesatti lafa hektaara kuma 24 fi 640 irratti qamadii facaasuuf karoorsanii hojjechaa jiraachuu himaniiru. Hogganaa itti aanaan waajjira qonnaa godina lixa Oromiyaa fi itti gaafatamaan damee misooma qonnaa doktar Warqinaa Galataa akka jedhanitti, lafa hektaara kuma 900 fi kuma 11 olirratti misooma Qamadii Jallisii bonaa oomishuuf karoorsuun hojjetamaa jirurraa callaa kuntaala Miliyoona 36 walitti qabuuf hojjetamaa jiraachuu himaniiru.
Baay’inaa fi qulqullina bunaa guddisuuf tattaaffii qindaa’aan mootummaa,oomishtootaa fi daldalaa barbaada- hogganaa damee siyaasaa paartii badhaadhinaa godina kibba lixaa Oromiyaa obbo Mahaammad Xahaa Abbaafiixaa
Nov 14, 2026 60
Sadaasa 5/2o19(ENA)- Baay’inaa fi qulqullina bunaa guddisuuf tattaaffii qindaa’aan mootummaa,oomishtootaa fi daldalaa akka barbaachisu hogganaa damee siyaasaa paartii badhaadhinaa godina kibba lixaa Oromiyaa obbo Mahaammad Xahaa Abbaafiixaa ibsan. Eksipoon Bunaa Idil-addunyaa 2026 har’a magaalaa Jimmaatti banameera. Ekspoon kun bunni Itiyoophiyaa gabaa addunyaatti caalaatti beeksisuun gamatti invastimantii fi tuurizimiin bunaa akka babal’atuuf carraa guddaa akka uumu ibsameera. Obbo Mahaammad Xahaa wayita kana ergaa dabarsaniin, bunni utubaa dinagdee Itiyoophiyaa waan ta’eef misooma damee kanaa cimsuun, deeggarsa ogummaa babal’isuu fi qulqullina bunaa irratti xiyyeeffachuun barbaachisaa ta’uu ibsaniiru. Abbootiin qabeenyaa fi warri buna gara biyya alaa erganis qulqullina oomishaa irratti xiyyeeffachuu akka qaban hubachiisaniiru. Godina Oromiyaa Kibba Lixaatti bara kana bunaa toonii kuma 700 walitti qabuuf karoorfame keessaa toonii kuma 195 gabaa alaa irratti dhiyeessuuf karoorfamuu eeruun, kana milkeessuuf oomishaa fi qulqullina bunaa dabalataan guddisuun akka barbaachisu dubbataniiru. Pirezidaantiin Mana Maree Daldalaa fi Waldaalee Dameewwanii Jimmaa Obbo Najiib Kadir gama isaaniin, qulqullina bunaa mirkaneessuu fi oomishtummaa guddisuun hojii dursa kennamuu qabu ta’uu ibsaniiru. Qonnaan bultoonni bunaa qulqullinaan akka oomishaniif mootummaan deeggarsa ogummaa fi hordoffii akka itti fufu mirkaneessaniiru. Ekspoon kun ogeessota bunaa, daldaltoota fi dhaabbilee idil-addunyaa 100 ol kan hirmaachisu yoo ta’u, mi’aa fi qulqullina bunaa Itoophiyaa beeksisuu, akkasumas Godina Oromiyaa Kibba Lixaatti invastimantii, tuurizimii bunaa fi carraawwan dinagdee biroo hawwachuuf gahee olaanaa qaba. Sagantaan kun qindoomina Mana Maree Daldalaa Naannoo Oromiyaa, deeggarsa Mootummaa Naannoo Oromiyaa fi Mana Maree Daldalaa Itiyoophiyaatiin, akkasumas tumsa Godina Oromiyaa Kibba Lixaa fi Bulchiinsa Magaalaa Jimmaatiin qophaa’e.
Sagantaa misooma avokaadootiin qabame milkeessuuf koreen tekiniikaa sagantichaa deeggersa ogummaa itti fufiinsa qabu taasisuun gahee isaanii bahachuu
Nov 14, 2026 70
Sadaasa 5/2019(ENA)-Sagantaa misooma avokaadootiin qabame milkeessuuf koreen tekiniikaa sagantichaa deeggersa ogummaa itti fufiinsa qabu taasisuun gahee isaanii bahachuu akka qaban hoogganaa itti aanaan biiroo qonnaa Oromiyaa Obbo Dassaaleny Dhugumaa ibsan. Koreen tekiniikaa Sagantaa Misooma Avokaadoo karoora Sagantaa Misooma Avokaadoo bara 2019 milkeessuuf mari'ate. Avokaadoon oomisha bu'a-qabeessaafi gabaa biyya keessaafi biyya alaarratti baayyee barbaadamaa ta'ee wabii nyaataa mirkaneessuun madda galii guddaa argamsisaa jira caalmaan itti fufsiisuuf Sagantaan Misooma Avokaadoo Waggaa 15niif hojiirra oolu bara darberraa eegalee labsamee jira. Biiroo qonnaa Oromiyaatti qindeessaa sagantaa misooma Avokaadoo Obbo Mangistuu Olii sagantichi Godinaalee 6 keessatti kan argaman aanaalee 63 keessatti kaayyoowwan oomishaa fi oomishtummaa avukaadoo guddisuun gabaa biyya keessaa fi biyya alaatti baayyinaafi qulqullinaan dhiheessuun madda galii taasisuu, avokaadoo sassaabbiif gahe qulqullina isaa eeguun sassaabuu fi qisaasama yeroo sassaabbiirratti jiru xiqqeessuu, walitti hidhamiinsa gabaa avokaadoo cimsuufi misooma avokaaadoorratti tekinooloojii jiru babal'isuun sona itti dabaluun gabaaf dhiheessuurratti hojiiwwan Qorannoo, Leenjiifi Exteenshiniidhaan deeggeruurratti kan hojjetu ta'uu ibsaniiru. Koreewwan tekiniikaa sekteroota qooda fudhattoota irraa walitti dhufan kaayyoo Sagantaa misooma avokaadootiin qabame milkeessuuf deeggersa ogummaa itti fufiinsa qabu taasisuurratti gahee isaanii akka bahataniif Obbo Dassaalrny kallattii kaa'aniiru. Koreen tekiniikaa kunis, gahee hojii sagantichaan sekteroota irraa bakka bu'aniif kennamerratti hundaa'uun karoora bu'a-qabeessummaa sagantichaa mirkaneessuun raawwii isaatiif gumaacha isaanii akka bahataniif kallattiin kaa'ameera.
Bu’uuraaleen misoomaa qindaa’aan Finfinneetti hojjetaman sirna ramaddii fi to’annoo konkolaattotaa ammayyaa uumaniiru
Nov 13, 2026 121
Sadaasa 4/2019 (ENA)- Bu’uraaleen misoomaa qindaa’aan Finfinneetti hojjetaman sirna ramaddii fi to’annoo konkolaattotaa ammayyaa uumuu isaa, dura taa’aan koree dhaabbataa dhimma bu’uuraalee misoomaa fi mana qopheessaa mana Maree bulchiinsa magaalaa Finfinnee doktar Gizaachoo Ayikaa ibsaniiru. Biiroon Geejjibaa Magaalaa Finfinnee sirna haaraa qindaa’aa ramaddii fi to’annoo konkolaattotaa eebbisiisuu fi beeksisuuf sagantaa qopheesseera. Saganticharratti kan argaman dura taa’aan koree dhaabbataa bu’ura misoomaa fi dhimmoota mana qopheessaa bulchiinsa magaalaa Finfinnee doktar Gizaachoo Ayikaa, sirni hojii dijitaalaa qisaasama qabeenyaa, malaammaltummaa fi dararama ummataa hambisuun tajaajila saffisaa kennuuf akka dandeessisu ibsaniiru. Magaalaan Finfinnee wiirtuu tajaajila bakka tokkoo Mesob hojiirra oolchuun tajaajiloota iftoominaa fi saffisa qaban kennuun quufinsa jiraattotaa mirkaneessaa fi bu’aawwan galmeessaa akka jirtu eeraniiru. Sirni haaraan ramaddii fi to’annoo konkolaattotaa kunis qaama hojii kanaa ta’uu ibsuun, damee geejjibaa magaalattii ammayyeessuu fi saffisiisuu keessatti gahee olaanaa akka qabu dubbataniiru. Itti gaafatamaan biiroo geejjibaa magaalaa Finfinnee, Doktar Tafarraa Molaa, yeroo ammaa itti quufinsa hawaasaa mirkaneessuu fi tajaajila saffisaa kennuuf teeknooloojii fayyadamuun dirqama ammaa ta’uu ibsaniiru. Sirni haaraan kun rakkoolee duraan ramaddii fi to’annoo konkolaattotaa keessatti mudachaa turan furuun adeemsi hojii teeknooloojiin akka deeggaramu ni taasisa jedhaniiru. Kunis sochiin tiraafikaa mijataa akka jiraatuuf haala mijeessuun tajaajilli geejjibaa saffisaa, amanamaa fi nageenya qabu akka ta’u ni gargaara jedhaniiru. Dabalataanis, sirni kun konkolaattota seeraan alaa hordofuu fi cufamuu tiraafikaa hir’isuu keessatti gahee olaanaa akka qabu hundeessaan akkasumas hoji gaggeessaan dhaabbata AG Technology, dargaggoo Getaasaaw Ababa ibsaniiru. Sirni kun ramaddii konkolaattotaa, ramaddii to’attootaa, galmee argama konkolaattotaa, yaada tajaajilamtootaa, gabaasa dhaabbilee dhimmi ilaallatuu fi gabaasa taateewwan guyyaa guyyaa of keessatti akka hammatu ibsaniiru. Hogganaan Waldaa Taaksii Nagaa Finfinnee, Obbo Geetuu Tasfaayee, sirni kun rakkoo fi walitti bu’iinsa to’attootaa fi konkolaachistoota taaksii gidduutti uumamaa ture furuuf akka gargaaru dubbataniiru. Miseensi Waldaa aksiyoona geejjiba Aday Abbaa, Birhaanee Yehuwaalaasheet, sirnichi mala hojii tuttuqaa harkaa hambisuun sirna dijitaalaa akka babal’isu ibsaniiru.
Viidiyoo
Saayinsii fi teeknooloojii
Bulchiinsa magaalaa Adaamaatti tajaajila wiirtuu tokkoo Masoob babal’isuuf xuyyeeffatameera
Nov 1, 2026 686
Onkoloolessa 22/2019 (ENA)- Bulchiinsa magaalaa Adaamaatti tajaajila dijitaalaa wiirtuu tokkoo Masoob babal’isuuf xuyyeeffatamuu tajaajilli wiirtuu tokkoo magaalichaa beeksise. Bulchiinsa magaalaa Adaamaatti hawaasni bakka jirurraa karaa intarneetii tajaajila akka argatu kan gargaaru tajaajila wiirtuu tokkoo dijitaalaa Masoob babal’isuuf xiyyeeffatamee hojjetamaa jiraachuu qindeessaan tajaajila wiirtuu tokkoo magaalichaa obbo Makuraa Dinquu ibsaniiru. Yeroo ammaa magaalattii fi kutaalee magaalaa sadii keessatti wiirtuulee tajaajila Mesob banaman keessatti kanneen akka lafa, hayyama ogummaa, galii fi baankii dabalatee tajaajiloonni 138 teeknooloojii ammayyaatiin kennamaa akka jiran kaasaniiru. Kurmaana jalqabaa bara baajataa kanatti, tajaajila hayyama daldalaa (E-TRADE) qofaan maamiltoonni kuma 37 karaa intarneetii bakka jiranitti tajaajila argachuusaanii kaasaniiru. Tajaajilicha kutaalee magaalaa hunda keessatti qaqqabamaa taasisuuf gamoowwan ijaaramaa kan jiran yoo ta’u, hanga walakkaa lammaffaa bara baajataatti tajaajiloota hunda karaa intarneetii kennuu fi tajaajila bakkaa bakkatti deemuun kennamu jalqabuuf hojjetamaa jira jedhaniiru. Hawaasni magaalattii ENA’f yaada kennan wiirtuun Masoob tajaajiloonni wiirtuu tokkotti kennaman deddeebii, yeroo qisaasamuu fi malaammaltummaa hir’isuu isaa ibsaniiru. Obbo Gadiyoon Maaree hayyama babal’ina invastimantii gaafachuuf gara wiirtichaa dhufuu isaanii ibsanii, kanaan dura tajaajila mootummaa argachuuf waajjira irraa gara waajjiraatti deddeebi’uun yeroo dheeraa akka fudhatu, amma garuu tajaajila saffisaa fi bu’a qabeessa argachaa akka jiran dubbataniiru. Aadde Tasfuu Birruu gama isaaniitiin, dhimma taatee bu’uraa isaanii daqiiqaa muraasa keessatti xumuruun bahuu isaanii ibsanii, saffisa fi tajaajila rakkoo deddeebii irraa bilisa ta’e argachuu isaaniitti gammaduu isaanii ibsaniiru. Maamiltoonni tajaajilichi saffisa hojii, iftoomina, itti gaafatamummaa fi bulchiinsa gaarii cimsuuf murteessaa ta’uu ibsuun, cimee akka itti fufu gaafataniiru.
Itoophiyaan yakkoota daangaa ce'an ittisuuf teeknoolojii qunnamtii Imaltoota Idil-Addunyaa hojiirra oolchuufi
Oct 31, 2026 769
  Onkoloolessa 21/2019 (ENA) Itoophiyaan yakkoota daangaa ce'an ittisuuf yakkamtoota dabarsanii kennuuf teeknoolojii walqunnamtii imaltoota idil-addunyaa hojiirra oolchuuf ta'uu Ajajaan Waliigalaa Poolisii Federaalaa Itoophiyaa Komishinar Jeneraal Damallaash Gabramikaa’el ibsan. Sirni teeknoolojii walqunnamtii imaltoota idil-addunyaa Interpooliin hojjetame kun, shororkeessummaa fi yakkoota daangaa ce'anii raawwatanii kan dhokatan yakkamtoota seera hordofuun biyyoota miseensaatiif dabarsanii kennuuf kan dandeessisudha.   Ajajaan Waliigalaa Poolisii Federaalaa Itoophiyaa Komishinar Jeneraal Damallaash Gabramikaa’el ENA'f akka ibsanitti; yakkoonni idil-addunyaa teeknoolojiidhaan deeggaruun hordofuun seeratti dhiheesuun murteessaa ta’uu ibsaniiru. Yakkoota idil-addunyaa xaxamaa ta'an kana to'achuufi yakkamtoota to'annoo jala oolchuuf dandeettii teeknoolojii yericha waliin deemu ijaaruun barbaachisaadha jedhaniiru.   Teeknoolojiin kun qaamolee shororkeessummaadhaan yookaan yakka daangaa ce'u birootiin barbaadaman biyya kamiyyuu keessatti salphaatti to'achuuf ni dandeessisa jedhaniiru. Poolisiin Federaalaa Itoophiyaa yakkamtoota bakka jiranitti qabuuf Imigireeshiinii fi Daandii Qilleensaa waliin qindoomina deemu irratti hojjechaa akka jiru ibsaniiru. Teeknoolojiin kun yakkaamaan bakka kamittuu dhokachuu akka hin dandeenye kan taasisu ta'uu ibsuun; hojiirra oolchuuf adeemsa irra jira jedhaniiru.
Ispoortii
Yaadama mootummaa Ida’amuu keessatti ispoortiin meeshaa guddaa guddina dinagdee biyyaaf gumaachuudha – Doktar Akliiluu Taaddasaa
Nov 14, 2026 81
Sadaasa 5/2019 (ENA)-Yaada mootummaa Ida’amuu keessatti ispoortiin meeshaa guddaa dinagdee biyya tokkoo guddisuu danda’u ta’uu ministirri dargaggootaa fi Ispoortii Doktar Akliiluu Taaddasaan ibsan. Ministirichi milkaa’inni dorgommii Olompikii Dargaggootaa Daakaar irratti galmaa’e milkaa’ina injifannoo Itiyoophiyaan yeroo hunda galmeessisaa turte ta’uu ibsaniiru. Atileetonni Itiyoophiyaa dorgommii Olompikii Dargaggootaa Daakaar irratti carraaqqii cimaa taasisuun bu’aa galmeessisan duuba wanti guddaan mul’atu obsaa fi hafuurri injifannoo ta’uu Ministirichi dubbataniiru. Hafuurri obsaa fi injifannoo duuba meedaaliyaa warqee jiru kun dameewwan hojii hundatti akka dagaaguuf mootummaan xiyyeeffannoo addaa kennee akka hojjetu ibsaniiru. Itiyoophiyaan damee ispoortii keessattis biyya injifattuu ta’uu seenaa atileetota durii ragaa godhachuun, dhaloota atileetota haaraa irratti hojjechuun bu’aa fi seenaa atileetota duraanii itti fufsiisuun barbaachisaa ta’uu kaasaniiru. Kanaafis mootummaan baay’ina atileetota dargaggootaa guddisuu fi akadamiileen itti gaafatamummaa isaanii akka bahan irratti hojjechuu akka itti fufu ibsaniiru. Kana malees, iddoowwan shaakala ispoortii atileetota oomishan babal’isuu, waldaalee ispoortii cimsuu fi iftoomina hojii akka mirkanaa’u ni hojjetama jedhaniiru. Ministirichi yaadama mootummaa Ida’amuu keessatti ispoortiin meeshaa guddaa guddina dinagdee biyyaaf gumaachuudha jedhamee akka amanu ibsuun, fayyadamummaa dargaggootaa mirkaneessuuf mootummaan cimee akka hojjetu dubbataniiru. Pirezidaantiin Koree Olompikii Itiyoophiyaa Doktar Ashebir Waldaqgiyoorgis, injifannoon galmaa’e abdii haaraa fi milkaa’ina haaraa kan uume ta’uu ibsuun, ummata Itiyoophiyaa yeroo warqee ispoortii isaa waliin deebisee walitti hidhuuf boqonnaa guddaa ta’uu dubbataniiru. Itoophiyaan dorgommii Daakaar irratti hirmaatteen atileetiksii keessatti meedaaliyaa warqee 5 fi meetii 3, waliigala meedaaliyaa 8 argachuun addunyaa irratti sadarkaa tokkoffaa qabattee xumuruu dandeesseetti.
Eegumsa naannoofi haala qilleensaa
Lammiin Itiyoophiyaa hundi qophiin COP32’f taasifamu bu’a qabeessa akka ta’u itti gaafatamasaa bahu qaba
Nov 13, 2026 130
Sadaasa 4/2019 (ENA)- Lammiin Itiyoophiyaa hundi qophiin COP32’f taasifamu bu’a qabeessa akka ta’u itti gaafatamasaa bahu qaba jedhan itti gaafatamtuun sakireetaariyaatii pireesii waajjira ministira muummee Billanee Siyyum ibsan. Itiyoophiyaanonni biyya keessummaa simannu ta’uu keenya yaa’ii Kanaan agarsiisuu qabna jedhaniiru. Yaa’iin jijjiirama haala qilleensaa dhaabbata mootummoota gamtoomanii 31ffaan Turkiyyee, Antaaliyaatti gaggeeffamaa jira. Itti gaafatamtuun sakireetaariyaatii pireesii waajjira ministira muummee Billanee Siyyum ministirri muummee Dr. Abiyyi Ahimad COP31 irratti hojiiwwan gurguddoo raawwatan akkasumas haal duree biyyattiin COP32 qopheessuuf gochaa jirtuu fi maqaa gaarii biyyaalessaa haala Kanaan hojjetamu ilaalchisuun ibsa kennaniiru. Biilalnee Siyuum akka ibsanitti, hirmaannaan Itiyoophiyaa COP31 irratti taasiftu paaviliyoonii qofa irratti kan daangeffame osoo hin taane, marii fi marii jijjiirama qilleensaa irrattis dammaqinaan hirmaachaa jirti. Itiyoophiyaan gama jijjiirama qilleensaatiin dargaggoota beekumsa teeknikaa fi ogummaa gahaa qaban marii irratti hirmaatan horachaa akka jirtus ibsaniiru. Itiyoophiyaan COP32 kan keessummeessitu yoo ta’u biyyoota Afrikaatiin deeggaramtee filatamuu ishee kan yaadachiisan Billalneen, ajandaa biyyaalessaa qofa osoo hin taane, ajandaa ardichaa gara fuulduraatti dhiyeessuun mariiwwan irratti hirmaachuu akka itti fuftu dubbataniiru. Qophii COP 32’f koreen biyyaalessaa ministira muummee Dr. Abiyyi Ahimadiin durfamu hundaa'uu fi wantoota dhiyaachuu qaban akkasumas qophii barbaachisu irratti gamaaggamni taasifamaa akka jiru ibsaniiru. Yaa’iin kun keessummoota hanga kuma 80tti tilmaamaman kan keessummeessu waan ta'eef, dandeettii hoteelotaa, geejjibaa fi tajaajiloota biroo guddisuun akka barbaachisu hubachiisaniiru. Yaa’iin idil-addunyaa guddaan kun itti gaafatamummaa mootummaa qofa osoo hin taane, itti gaafatamummaa ummata Finfinnee fi ummata Itiyoophiyaa hundaati jedhaniiru. Simannaa keessummootaa gochaan agarsiisuuf, qaamoleen damee turizimii fi tajaajilaa keessatti bobba'an dandeettii gahaa akka horatan qophiin bal'aan taasifamaa jiraachuu ibsaniiru. Adeemsi kun keessummoota simachuu qofa osoo hin taane, biyya ittiin ijaarru, dhaabbilee ittiin cimsinu, akkasumas oomishtoonni biyya keessaa carraa guddaa ittiin argatan ta'uu isaa ibsaniiru. Kanaafuu, ji'oota dhufan keessatti mootummaan qophii saffisaa yeroo taasisaa jiru, ummanni hundi itti gaafatamummaa waliinii isaa akka bahatu waamicha dhiyeessaniiru.
Hariiroon Itiyoophiyaa fi Turkiyyee sadarkaa olaanaatti akka guddatuuf mariin Ministirri Muummee Dr. Abiyyi Ahimad fi Pirezidaantiin Turkiyyee Resiip Xayyib Erdogaan gidduutti taasifame carraa gaarii uumeera
Nov 13, 2026 143
Sadaasa 4/2019 (ENA)- Hariiroon Itiyoophiyaa fi Turkiyyee sadarkaa olaanaatti akka guddatuuf mariin Ministirri Muummee Dr. Abiyyi Ahimad fi Pirezidaantiin Turkiyyee Resiip Xayyib Erdogaan gidduutti taasifame carraa gaarii uumuusaa itti gaafatamaan sekreetariyaatii miidiyaa waajjira ministira muummee Billanee Siyyum ibsaniiru. Yaa’iin jijjiirama haala qilleensaa dhaabbata mootummoota gamtoomanii (COP31) Turkiyyee magaalaa Antaaliyaa keessatti gaggeeffamaa jira. Itti gaafatamtuun waajjira sakireetariyaatii waajjira ministira muummee Billanee Siyyuum hojiiwwan Ministirri Muummee Dr. Abiyyi Ahimad COP31 irratti raawwatanii fi qophii Itiyoophiyaan COP32 keessummeessuuf taasisaa jirtu, akkasumas adeemsa ijaarsa maqaa gaarii biyyaalessaa irratti ibsa kennaniiru. Akka ibsa isaaniitti, Ministirri Muummee Abiyyi Ahimad turtii Turkiyyee marii gamlamee Pirezidaantii Turkii Resiip Xayiip Erdogaan waliin taasisuun jalqabaniiru. Itiyoophiyaa fi Turkiyyeen dameewwan dippilomaasii, diinagdee fi kanneen biroo irratti seenaa dheeraa tumsaa fi hariiroo akka qabanibsaniiru. Ministirri Muummee Dr. Abiyyi Ahimad yeroo garaagaraatti Turkiyyee daawwachuu fi waltajjiiwwan adda addaa irratti hirmaachuu isaanii yaadachiisaniiru. Bara darbes Pirezidaantiin Turkiyyee Resiip Xayyip Erdogaan garee mootummaa olaanaa waliin Itiyoophiyaa daawwachuun hariiroo biyyoota lamaanii sadarkaa olaanaatti guddisuuf mariin taasifamuu ibsaniiru. Mariin Turkiyyee Antaaliyaa keessatti taasifame kunis dhimmoota kanaan dura irratti waliigalame irratti hanga ammaatti guddinni argame maal akka ta'e gamaaggamuuf carraa gaarii ta'uu ibsaniiru. Kana malees, Itiyoophiyaan bara dhufu COP32 keessummeessuuf waan jirtuuf, muuxannoo Turkiyyeerraa argachuu dandeessuu fi deeggarsa barbaachisaa ta'e akkamitti argachuu akka dandeessu irratti mariin bal'aan taasifamuu eeraniiru. Turkiyeen qophii COP32 irratti Iiytoophiyaaf deeggarsa barbaachisaa ta'e hunda gochuuf qophii ta'uu mirkaneessiteetti. Dhimma qophii yaa’ichaa ilaalchisee Turkiyyeen Itiyoophiyaaf kabaja guddaa kennuun deeggarsa barbaachisaa ta'e akka godhan kutannoo qabaachuu ishee ibsuun isaanii Billanee Siyyum himaniiru
Baay’inaan Kan Dubbifaman
Komishiniin Naamusaa fi Farra Malaammaltummaa Federaalaa 'Appilikeeshinii' namoonni eeruu kennaniifi ragaa kennaan itti fayyadamuu danda'an ifa godhe.
Mar 3, 2023 34170
Guraandhala 24/2015(TOI) - Komishiniin Naamusaa fi Farra Malaammaltummaa Federaalaa guyyaa har'aa 'Appilikeeshinii' namoonni eeruu ittiin kennaniifi ragaa ittiin eeraan fayyadamuu danda'an 'Public Feedback System' jedhamu ifa godhe. Komishinichi Bulchiinsa Nageenya Odeeffannoo waliin ta’uun Appilikeeshinii kana akka hojjete eerameera. Appichi afaanota biyya keessaa shaniin tajaajila kan kennu ta'uun himaeera. Komishinarri Komishinii Naamusaa fi Farra Malaammaltummaa Federaalaa Dooktar Saamu’eel Urqatoo akka jedhanitti, komishinichi hojiiwwan jijjiramaa hojjechaa jiru milkeesuuf teeknooloojiiwwan fayyadamaa jiraachuu ibsaniiru. Appilikeeshinichi hojii kan ariifachiisuufi haleellaa fi sodaachisaa ragaa eertootaa fi odeeffannoo kennitootarra gahu kan ittisu ta'uu himaniiru. Kana hordofuun hawaasni karaa appilikeshinii 'Public Feedback System'' yaada kennuudhaan itti gaafatamummaa biyyaalessaa isaa ba'uu qabu gaafataniiru. Daarektarri Olaanaa Bulchiinsa Nageenya Odeeffannoo Obbo Solomoon Sookaa akka jedhanitti, appilikeeshinii kana haleellaa saayibarii eegumsii cimaan kan taasifamuuf ta'uu himaniiru. Waajjira Ministira Muummeetti deetaan dhimmoota Kaabinee obbo Tasfaayee Dhaabaa akka jedhanitti, malaammaltummaa ittisuuf dhaabbanni tokko qofaan hojjetee milkaa'uu hin danda'u. Kanaaf lammileen hunduu miira itti gaafatamummaa qabuun malaan maltummaa ittisuuf hirmaachuu qabu jedhaniiru.
Gabaasa addaa
Itiyoophiyaan liqaa ishee hurgufachaa,abdii ishee horachaa gara fuula duraatti tarkaanfachaa jirti - Itti aanaa Ministira Muummee obbo Tamasgeen Xurunaa
Jun 9, 2026 24672
Waxabajji 2 /2018 (ENA): Itiyoophiyaan liqaa ishee hurgufachaa,abdii ishee horachaa gara fuula duraatti tarkaanfachaa jirti jedhani itti aanaan Ministira Muummee obbo Tamasgeen Xurunaa. Itti aanaan muummee ministiraa Pirojektoota misoomaa adda addaa magaalaa Woldiyaatti ijaaraman eebbisuun tajaajilaaf bananiiru. Yeroo eebba kanaatti pirojektoonni misoomaa eebbifaman imala biyyattiin gara fuulduraatti taasiftu kan agarsiisan yoo ta’u, guddinni Itiyoophiyaa eenyullee dhaabuu akka hin dandeenye kuni ragaadha jedhan. Itti aanaan ministira muummee kun ummanni magaalaa Woldiyaa finxaaleyyii fi qoqqoodinsa mormuudhaan kan beekamu ta’uu ibsuun, filannoon isaanii irra deddeebiin nagaa fi mootummaa cimaa ta’uu isaa kan argisiisu ta’uu ibsaniiru.   Mootummaan baandota irratti qabsaa’aa jira jedhani. Waggoota 50 fi 60 darbaniif warri yaada dulloomaatiin qabaman guddina ariifataa biyyattii hubachuu akka hin dandeenyes ibsaniiru. Warri bosona keessa jiran jijjiirama guddaa biyyatti dhufe kan akka misooma koridarii, maaddii guutuu, pirojektoota misoomaa fi oomisha qamadii arguu akka hin dandeenye dubbataniiru. Misoomni koridarii magaalota keessatti gaggeeffamaa jiru dhimma bareedinaa qofa osoo hin taane magaalota ammayyeessuun sadarkaa jireenyaa ummataa ol kaasuuf kaayyoo ta’uu ibsaniiru. Magaalonni Itiyoophiyaa magaalota Baha Afriikaa fi addunyaa waliin dorgomuu akka qaban ibsaniiru; akkasumas tajaajila ammayyeessuuf tajaajilli giddugala tokkoo guutuu biyyattiitti babal’achaa akka jiru hubachiisaniiru. Manneen kitaabaa ummataa, manneen kitaabaa dijitaalaa fi kaffeewwan saayinsii magaalaa Woldiyaatti ijaaraman odeeffannoo guyyaa guyyaa irraa gara beekumsaa fi qorannoo gadi fagootti kan ceesisu ta’uu ibsaniiru. Mootummaan, abbootii qabeenyaa fi ummanni pirojektoota misoomaa eegalaman gara baadiyyaatti babal’isuun badhaadhina biyyattii dhugoomsuuf waliin hojjechuu akka qaban waamicha dhiyeessaniiru.
Yaa’ichi dhimmoota Afrikaarratti sagalee tokko dhageessisuun akka danda’amu carraa uumuudha
May 6, 2026 20528
Ebla 28/2018 (ENA)- Kaayyoon guddaan yaa’ii dhiibbaa uumtota miidiyaa hawaasaa Afriikaa (ASMIS) dhiibbaa uumtota jidduutti tumsa cimaa uumuudhaan dhimmoota Afrikaarratti sagalee tokko dhageessisuun akka danda’amu carraa uumuu akka ta’e qindeessaan Palsi oof Afriikaa(POA) obbo Barakat Sisaayi ibsan. Ajandaawwan Afriikaa qabsiisuu fi sagalee waloo dhageessisuuf carraa kan uumu ta’uu dabalanii ibsaniiru. Palsi oof Afriikaan (Pulse of Africa-POA) intarpiraayizii teknolojii E.ji.e waliin ta’uun mata duree “dhiibbaa uumtonni Afriikaa fooyyee qabduuf” jedhuun yaa’iin qophaa’u kun, Ebla 29 fi 30 2018 Finfinnee yaadannoo injifannoo Adwaatti ni gaggeeffama. Yaa’iin kun dhiibbaa uumtota miidiyaa hawaasaa jajjabeessuuf, dinagdee dijitaalaa cimsuuf, tumsa uumuu fi wiirtuu dijitaalaa gochuuf kan kaayyeffateha. Qopheessitoonni yaa’ii kanaa, dhiibbaa uumtonni miidiyaa hawaasaa Itiyoophiyaa yeroo yaa’ii kanaa maqaa gaarii biyyasaanii guddisuu fi tumsasaanii cimsuun haala danda’amurratti ibsa kennaniiru. Qindeessaan Palsi oof Afriikaa obbo Barakat Sisaayi wayita kana akka jedhanitti, Palsi Oof Afriikaan seenessa Afriikaa jallate jijjiiruuf kan hundeeffame miidiyaa Paan Afriikaati. Yaa’iin kun intarpiraayizii teeknooloojii E.ji.e waliin ta’uun qophaa’uusaa eeranii, qajeelfama “seenessa Afriikaa namoota keenyaan dubbachuu qabna” kan jedhu akka bu’uureffate ibsaniiru. Kaayyoon ijoo yaa’ii kanaas dhiibbaa uumtota jidduutti tumsa cumaa uumuun dhimmoota Afriikaarratti sagalee waloo dhageessisuuf carraa uumuu akka ta’e dubbataniiru. Ajandaan gamtaa Afriikaa 2063 karoora wagga 50 Afriikaan ittiin gaggeeffamtu ta’uu eeranii, ummattoota jidduutti walii galtee uumuuf dhiibbaa uumtonni miidiyaa hawaasaa waloomaan akka hojjetan carraa uumuuf waltajjichi faayidaa akka qabu ibsaniiru. Kanaaf yaa’iin kun Afriikonni galmoota ajandaasaanii milkeessuuf waltajjii waloon hojjetan ta’a jedhaniiru. Miidiyaan dijitaalaa waltajjii guddaa kan dinagdee sochoosudha kan jedhan obbo Barakat, dhiibbaa uumtonni miidiyaa hawaasaa karaa faayidaa qabuun akka itti fayyadaman hubannoo waloo uumuu akka barbaachisu hubachiisaniiru. Hojii raawwachiisaan intarpiraayizii E.ji.e obbo Gammadaa olaanaa gamasaaniin, yaa’iin kun maqaa gaarii Itiyoophiyaa akkasumas Afriikaa guddisuuf waltajjii murteessaa ta’uu dubbataniiru. Dhiibbaa uumtonni miidiyaa hawaasaa waa’ee qabiyyee uumuu, wa’ee ijaarsa seenessa Afriikaa fi waa’ee galmoota ajandaa 2063 ejjennoo ifaa akka qabatan godha jedhaniiru. Dhiibbaa uumtonni yaa’ii kanaaf biyyoota Afriikaa garagaraarraa filataman, qaqqabama miidiyaa hawaasaatiin qabanii fi maqaa gaarii Afriikaa guddisuuf gumaacha qabaniin madaalamanii kan filataman ta’uu mirkaneessaniiru.
Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015