Jalqabaa - ENA Afaan Oromoo
Angafoota Oduu
Deeggarsi Namoomaa kaayyoo barbaadameef akka oolu qindoominaan hojjetamaa jira
Jun 1, 2023 205
Caamsaa 24/2015 (TOI) – Deeggarsi Namoomaa kaayyoo barbaadameef akka oolu dhaabbilee deeggartootaa waliin qindoominaan hojjetamaa jiraachuu Komishiniin Hoggansa Sodaa Balaa beeksiise. Komishinich ibsa dhimmicha ilaalchisee baaseen,Waliigalteen Piriitooriyaa lammiilee sababa waraanaan miidhamaniif deeggarsa namoomaa dhiyeessuuf haala mijataa uumuu himeera. Mootummaan Itoophiyaa Dhaabbata Mootummoota Gamtoonaanii fi dhaabbilee deeggartootaa biro waliin ta’uun lammiilee rakkoof saaxilamaniif deeggarsa namoomaa tumsaan dhiyeessaa jiraachuu ibseera. Qaamolee deeggarsa namoomaa kana kaayyoo barbaadameef ala oolchaan seeraaf dhiyeessuuf Mootummaan Itoophiyaa hoggantoota naannolee waliin xiyyeeffannoon hojjetaa jiraachuu mirkaneesseera. Deeggarsi namoomaa kun lammiilee miidhamaniif karaa sirrii ta’een akka qaqqabuuf hojmaanni to’annoo fi hordoffii diriiree hojjetamaa jiraachuu eereera.
Dantaa biyyaa kabachiisuuf carraaqqii taasifamu keessatti ogeeyyiin miidiyaa gahee isaanii bahachuu qabu
Jun 1, 2023 37
Caamsaa 24/2015 (TOI) :- Faayidaa biyyaa kabachiisuuf tattaaffii godhamu keessatti ogeeyyiin miidiyaa gahee isaanii sirnaan bahuu akka qaban Minsteerri dhimma alaa beeksise. Ministeerri Dhimma Alaa, Abbaa Taayitaa Misooma Baha Afrikaa (IGAD) waliin ta’uun gaazexeessitoota biyya keessaa fi biyya alaatiif leenjii guyyoota lamaaf kennaa jira. Leenjichi ogeeyyiin miidiyaa dhimmoota tasgabbii fi nageenya mirkaneessuu akkasumas yakkoota daangaa qaxxaamuraan ittisuu keessatti haala gahee isaanii cimsuu danda’an irratti kan xiyyeeffate ta’uu himameera. Dubbi himaan Ministeera Dhimma Alaa obbo Mallas Alam waltajjii leenjii kanarratti, hojiiwwan dantaa biyyaa eegsisuuf hojjetaman keessatti dippilomaatota qofa osoo hin taane gaazexeessitoonni itti gaafatamummaa akka qaban dubbataniiru. Kanaaf gaazexeessitoonni itti gaafatamummaa isaanii bahachuu fi keessumattuu odeeffannoo sirrii qopheessuun hawaasa biraan gahuun barbaachisaadha jedhaniiru. Keessattuu leenjiin kun dhimmoota walitti bu’iinsaa fi nageenyaa irratti gabaasa sirrii fi madaalawaa ta’e dhiyeessuuf beekumsaa fi dandeettii barbaachisu akka horatan kan isaan gargaaru ta’uu ibsaniiru.
Godina Shawaa Lixaatti ganna dhufu dubartiitaa fi daa’imman harkaqalleeyyii f tajaajila tola ooltummaa birrii miiliyoona 225tti shalagamu hojjechuuf qophiin taasifamaa jira
Jun 1, 2023 45
Caamsaa 24/2015 (TOI)- Godina Shawaa Lixaatti ganna dhufu dubartiitaa fi daa’imman harkaqalleeyyii f tajaajila tola ooltummaa birrii miiliyoona 225tti shalagamu hojjechuuf qophiin taasifamaa akka jiru waajjirri dubartootaa fi daa’immanii godinichaa ibse. Waajjirichatti dursituun garee sosochii dubartootaa adde Askaalech Qana’aa TOI’f akka himanitti, ganna dhufu dubartootaa fi daa’imman sababa addaddaatiin rakkoof saaxilaman tajaajila tola ooltummaandeeggaruuf qophiin taasifameera. Haala Kanaan godinichatti dubartootaa fi daa’imman baadiyyaa fi magaalaa kuma 176 fi 546 fayyadamoo taasisuuf yaadamee sochiin jalqabamuusaa himaniiru. Tajaajila tola ooltummaa Kanaan hojiiwwan tola ooltummaa birrii miiliyoona 225tti tilmaamamu tola ooltotaan hojjechuuf hojjtamaa jira jedhaniiru. Haala Kanaan ijaarsa mana jireenyaa dubartoota harka qalleeyyii 177, dubartoota qoraan dugdatti baatanii jiraatan 585’f gaarii fardaan harkifamu bituun deeggaruuf karoorfamuusaa beeksisaniiru. Kana malees dubartootaa fi daa’imman mana sirreessaa godina Shawaa lixaatti argamaniif uffannaa dabalatee deeggarsa addaddaa taasisuuf karoorfamuusaa dubbataniiru. Akkasumas dubartootaa fi daa’imman 184 daanddiirraa kaasuun akka bayyanatan taasisuuf yaadamuusaa dubbataniiru. Dabalataanis daa’imman barnootarra jiran kanneen nama isaan hingargaaran hinqabne meeshaa barnootaa guutuun akka baratan gochuunis akkanuma. Jiraataan magaalaa Amboo barataan kutaa sagalii Alamuu Mararaa waggaa darbe tola ooltotaan deeggarsa meeshaa barnootaa argachuusaa ibseera. Haala Kanaan barumsasaa xiyyeeffannaan hoordofuusaa dubbatee, tajaajilli tola ooltummaa cimuu qaba jedheera. Adde Amanush Nugusee gamasaaniin daa’imasaanii waliin mana diigamaa jiru keessatti rakkachaa akka turan yaadatanii, ganna darbe dargaggoonni manasaanii akka haaromsaniif ibsaniiru.
Qaamolee ta’e jedhanii odeeffannoo sobaa tamsaasan irratti tarkaanfiin fudhatamaa jiru cimee itti fufa
Jun 1, 2023 19
Caamsaa 24/2015(TOI) - Qaamolee ta’e jedhanii odeeffannoo sobaa tamsaasuun hawaasa burjaajesuuf yaalan irratti tarkaanfiin fudhatamaa jiru cimee kan itti fufu ta’uu Poolisiin Federaalaa beeksise. Jijjiirama biyyaalessaa hordofee mootummaan gaaffilee ummaataaf deebii laachuuf tarkaanfiwwan fudhataa jiru keessaa tokkoo bakka mirgi namoomaa itti sarbamaa ture Giddu gala qorannoo yakkaa 'Maakalaawwii' jedhamu cuufuu eerera. Kana hordofee Poolisiin federaalaa hojii qorannoo yakkaa iftoominaa fi itti gaafatamummaa qabu taasiisuuf jijjiirama bu’uuraa taasiseera. Yaa ta’uutii tibbana namoonni tokko tokko miidiyaa hawaasummaa fayyadamuun ololaa sobaan Poolisiin Fedeeralaa Ajajni qorannoo yakka waliigalaa, shakkamtoota irratti sarbama mirga namoomaa qaqabsiiseera jechuun maqaa gaarii dhaabbaticha balleessaa jiraachuu himeera. Namonni kunneen kanneen yakka shororkeessumman shakkamanii barbadaman keessaa isaan tokko ta’uu himeera. Namoota dhuunfaa yakka shororkeessummaan shakkamanii to'annoo jala oolan irratti qorannoo gaggeeffamaa jiru gufachiisuuf tarkaanfii raawwatamaa jiru ta’uus hubachiiseera. Haa ta’uu malee Poolisiin Fedeeralaa Qorannoo shororkeessitoota irratti eegalee cimsee kan itti fufu ta’uu ibsuun, hawwasni ololaa sobaan oso hin burjaajai’in odeffaannoo sirrii qaama dhimmi ilalaaturraa argachuu akka danda’u yaadachiisuu ragaan Poolisii Fedeeralaarra argame ni mul’isa.
Finfinneetti caalbaasiin liizii lafaa waggoota shaniif adda citee ture jalqabame.
Jun 1, 2023 21
Caamsaa 24/2015 (TOI):- Bulchiinsa magaalaa Finfinneetti biroon bulchiinsaafi misooma lafaa waggoota shanaan darbaniif adda citee kan ture caalbaasii liizii lafaa har'a jalqabsiiseera. Kana hordoofuun biirichi kutaa magaaloota hundaatti lafa heekataara 14.13 caalbaasii liiziif dhiheesuuf qophaa'uu beeksiseera. Lafti caalbaasiif qophaa'ee kun bakka hojii faayidaa biyyaaf oluu yoo ta'u tajaajila adda addaaf kan ooluu kan danda'udha jedhameera. Kutaa magaalootaa kudha tokko keessatti sanadni caalbaasii kuma 24 erga qophaa’ee booda guyyoota kudhaniin booda sanadoonni caalbaasii kuma 21 fi 636 gurguramuu isaaniis eerameera. Caalbaasiin jalqabaa har'a kutaa magaalota torba keessatti; Kutaa magaalaa Boolee, Nifaas silki Laaftoo, Lidataa Addis Katamaa, Qirqoos Gulallee Eekkaatti eegalameera. Kutaalee magaaloota kanatti, dorgomtoonni kuma 2 fi 852 sanada caalbaasii isaanii saanduqa caalbaasiitti galchaniiru.
Siyaasa
Manni marichaa wixinee labsii gibira osoo hin kaffalamiin bubbule hambisuu fi waliin dhahiinsa taaksii irratti raawwatamu ittisuuf dhiyaate qorachuun sagalee guutuun raggaase
May 30, 2023 331
Caamsaa 22/2015(TOI) – Manni maree Bakka Bu'oota Uummataa wixinee labsii gibira osoo hin kaffalamiin bubbule hambisuu fi waliin dhahiinsa taaksii irratti raawwatamu ittisuuf dhiyaate qorachuun sagalee guutuun raggaase. Mana Maree Bakka Bu'oota Uummataatti Walitti Qabaan Koree Dhaabbii Pilaanii, Baajataafi Faayinaansii Obbo Dassaaleny Wadaajee wixinee labsichaa ilaalchisuun gabaasafi yaada murtee dhiyeessaniiru. Mootummaan Itoophiyaa fi mootummaan Giraand Duuchii Lukzambargii giddutti gibira galii osoo hin kaffalamiin bubbule hambisuu fi waliin dhahii taaksii irratti raawwatamu ittisuuf waliigaltee dhiyaate cimsuuf wixinee labsii hamattoo seeraa uumuuf kan yaaddame ta’uu obbo Dassaaleny eeraniiru. Barbaachisummaa wixinee labsicharratti Walitti Qabaan Koree Dhaabbichaa, Gorsaa Ministeera Maallaqaa waliin waltajjii gara garaarratti mari’achuun eerameera. Mana Maree Bakka Bu'oota Uummataarraa odeeffanne.
Koreen Hojii Raawwachiiftuu Paartii Badhaadhinaa walgahii idilee isaa geggessaa jira.
May 30, 2023 45
Caamsaa 22/2015 (TOI): Koreen Hojii Raawwachiiftuu Paartii Badhaadhinaa walgahii idilee isaa gaggeessuu eegaleera. Korichi miseensa koree hojii raawwachiiftuu dhaabichaa kan turan obbo Girmaa Yashixilaa kan dhiheenya kana haala gaddisiisaa ta'een lubbuu isaanii darbeef yaaddannoo sammuu taasisuun marii kana eegale. Korichi walgahii isaan dhimmoota biyyaalessaa fi paartii irratti marii gadi fageenyaa gaggeessuun murteewwanii fi kallattii itti aanan ni kaa'a jedhamee eegama.
Manni marichaa yaa'ii idileesaa taa'aa jira
May 30, 2023 56
Caamsaa 22/2015(TOI):- Manni Maree Bakka Bu'oota Uummataa Yaa'ii idileesaa 23ffaa taa'aa jira. Manni marichaa wixinee labsii gibira walirra bu'u hambisuu fi gibira galii irratti kaffalamu ilaalchisee mootummoota Itoophiyaa, Lukismbargiifi Siwiizilaand gidduutti yakkaa gibirarratti raawwatamu ittisuuf dhiyaate ilaalchisee gabaasaa fi yaada koreen dhaabbii karoora, baajataa fi faayinaansii dhiheesse qorachuun ni raggaasisa jedhamee eeggama.
Komishinichi dhimmoota garaa garummaa lammilee gidduutti uuman mariidhaan furuun tokkummaa fi nageenya biyyaalessaa uumuuf hojjechaa jira
May 29, 2023 76
Caamsaa 21/2015 (TOI)- Komishiniin marii biyyoolessaa dhimmoota garaa garummaa lammilee gidduutti uuman mariidhaan hiikuun tokkummaa fi nageenya biyyaalessaaf hojjechaa akka jiru Komishinarri Olaanaan Komishinichaa Piroofeesar Masfiin araayaa himan. Komishinichi kutaalee hawaasaa adda addaa Naannoo Ummatoota Kibba Lixa Itoophiyaa irraa walitti dhufan waliin magaalaa Boongaatti mari'achaa jira. Waltajjicharratti haasawa kan taasisan Komishinarri Olaanaa Komishinii Marii Biyyaalessaa Piroofeesar Masfiin Araayaa akka biyyaatti waliigaltee uumuuf tattaaffiin taasifamaa jira jedhaniiru. Komishinichi dhimmoota garaagarummaa lammilee gidduutti uuman irratti mari’achuun rakkooleen jiran karaa itti hiikkatan irratti xiyyeeffachuun tokkummaa biyyaalessaa fi nageenya waaraa fiduuf hojjechaa jiraachuu himaniiru. "Waan hunda caalaa nageenya nu barbaachisa" kan jedhan komishinarchi, yeroo nageenyi jiru hariiroon waliin jirenyaafi waljijjiirraa aadaa dabalatee bu'aawwaan misoomaa biroo ni jiraatu jedhaniiru. Walhubannoon tokko tokkoonii hawaasa keessatti wal kabajuu waan fiduuf gama kanaan hirmaattonni marii kanaa, naannawwaa tokkoon tokkoon isaaniitti bakka bu’uun gahee olaanaa taphachuu akka qaban ibsaniiru. Komishiinichi waggaa 1 fi ji’oota 4 darban keessatti yaad-rimee komishinichaa irratti mariyachuun cinaatii, aadaa naannoo fi haalota jiraan qorachuu akkasuma hojiiwwan qophii biroo hojjechaa turuu himaniiru. Mariin kun caasaa gadii irraa jalqabee kan gaggeeffamu ta’uun dhimmoota wal-hubannoo dogoggoraa ummata gidduutti uuman adda baasuuf akka ta’u hubachiisaniiru. Itoophiyaa biyya lammileen ishee hunduu wal qixa bakka bu’ummaa qabaniifi walqixa fayyadamtoota ta’an taasisuuf waltajjiin marii kun ga’ee olaanaa akka qabu ibsaniiru. Waltajjii marii guyyoota lamaaf gaggeeffamu kana irratti komishinichi ajandaa walitti qabamuu fi filannoo miseensota hawaasaa marii kana irratti hirmaatan irratti ni mari'ata jedhameera. Waltajjii marii magaalaa Boongaatti gaggeeffamaa jiru kana irratti miseensonni ummataa aanaalee fi bulchiinsa magaalota naannichaa hunda irraa hirmaachaa jiru.
Ministirri muummee Abiyyi Ahimad Pirezidaant Reesiip Xayiib Erdohaaniif ergaa gammachuu dabarsan
May 29, 2023 113
Caamsaa 21/2015 (TOI) - Ministirri muummee Abiyyi Ahimad Pirezidaantiin Turkii Reesiip Xayiib Erdohaan irra deebi’anii filatamuusaaniif ergaa gammachuu dabarsan. Ministirri muummee Abiyyi Ahimad odeeffannoo fuula tiwiitariisaaniirratti baasaniin pirezidaantichi irra deebi’anii filatamuunsaanii hariiroon Itiyoophiyaa fi Turk jidduu jiru cimee akka itti fufu amantaa qaban ibsaniiru.
Dooktar Abrahaam Balaay hiriira deeggarsa Raayyaa Ittisa Biyyaaf taasifameef galateeffatan
May 28, 2023 98
Caamsaa 20/2015(TOI)- Ministirri Ministeera Raayyaa Ittisa Biyyaa Dooktar Abrahaam Balaay hiriira deeggarsa guutuu biyyattiitti Raayyaa Ittisa Biyyaaf taasifameef galateeffataniiru. Dooktar Abrahaam Balaay ergaa gama miidiyaa hawaasummaa isaaniin dabarsaniin, hiriirri deeggarsaa Raayyaa Ittisa Biyyaaf taasifame kutaalee biyyattii hafanittis cimee kan itti fufuufi tattaaffiiwwan nageenyaafi tasgabbii biyyaalessaa babal’isuu fudhatamummaa uummataa argachuun isaan amumarraa kan mul’isu ta’uu ibsaniiru. Raayyaan Ittisa Biyyaa biyyiifi uummanni nagaan akka jiraataniif halkaniifi guyyaa kan hojjetu, birmadummaan biyyaafi nageenyi lammiilee akka mirkanaa’uuf lubbuu isaa kennaa kan jiru ta’uu eeraniiru. Sochii qaamolee badii alaafi keessaa maqaa Raayyaa Ittisa Biyyaa balleessuufi biyya gara jeequmsaatti oofuuf taasisan uummata waliin ta’uun fashaleessaa badhaadhina Ityoophiyaa ni dhugoomsina jedhaniiru.
Jijjigaatti hiriirri deeggarsa Raayyaa Ittisa Biyyaaf bahame.
May 28, 2023 93
Caamsaa 20/2015 (TOI)፦ Naannoo Somaale magaalaa Jijjigaafi naannawwaa isheetti hawaasni walitti babahe deeggarsa Raayyaa Ittisa Biyyaf hiriira baheera. Hiriiricharratti kanneen hirmaatan maqa balleessiin Raayyaa Ittisa Biyyaarratti geggeeffamu haa dhaabatu, Finxaaleeyyiin gochaa maqa balleessii kana raawwatan seeraan haa gaafataman, Finxaaleyyiin daldaltoota siyaasaati malee saba kamiyyuu bakka hin bu'an dhaadannoo jedhu qabatanii bahaniiru.
Hiriirri deeggarsaa Raayyaa Ittisa Biyyaa magaalaa Asoosaatti geggeeffameera.
May 28, 2023 101
Caamsaa 20 /2015 (TOI) - Hiriirri deeggarsa Raayyaa Ittisa Biyyaa naannoo Beenishaangul Gumuz magaalaa Asoosaatti geggeeffameera. Hiriira kanarratti jiraatoonni magaalichaafi naannaawwa ishee hedduun hirmaataniiru. Kanneen hiriira kanarratti hirmaatanis harka keessaa raayyaa ittisa biyyaa sabdaneessa ta'erra harka keessan kaasaa, Finxaaleeyyiin tokkummaan uummata akka diigamuuf hojjetan seeraan haa gaafataman ergaa jedhu qabatanii bahaniiru. Hoggantoonni mootummaa naannichaas hiriira kanarratti ergaa dabarsaniiru.

Hawaasummaa
Deeggarsi Namoomaa kaayyoo barbaadameef akka oolu qindoominaan hojjetamaa jira
Jun 1, 2023 205
Caamsaa 24/2015 (TOI) – Deeggarsi Namoomaa kaayyoo barbaadameef akka oolu dhaabbilee deeggartootaa waliin qindoominaan hojjetamaa jiraachuu Komishiniin Hoggansa Sodaa Balaa beeksiise. Komishinich ibsa dhimmicha ilaalchisee baaseen,Waliigalteen Piriitooriyaa lammiilee sababa waraanaan miidhamaniif deeggarsa namoomaa dhiyeessuuf haala mijataa uumuu himeera. Mootummaan Itoophiyaa Dhaabbata Mootummoota Gamtoonaanii fi dhaabbilee deeggartootaa biro waliin ta’uun lammiilee rakkoof saaxilamaniif deeggarsa namoomaa tumsaan dhiyeessaa jiraachuu ibseera. Qaamolee deeggarsa namoomaa kana kaayyoo barbaadameef ala oolchaan seeraaf dhiyeessuuf Mootummaan Itoophiyaa hoggantoota naannolee waliin xiyyeeffannoon hojjetaa jiraachuu mirkaneesseera. Deeggarsi namoomaa kun lammiilee miidhamaniif karaa sirrii ta’een akka qaqqabuuf hojmaanni to’annoo fi hordoffii diriiree hojjetamaa jiraachuu eereera.
Godina Shawaa Lixaatti ganna dhufu dubartiitaa fi daa’imman harkaqalleeyyii f tajaajila tola ooltummaa birrii miiliyoona 225tti shalagamu hojjechuuf qophiin taasifamaa jira
Jun 1, 2023 45
Caamsaa 24/2015 (TOI)- Godina Shawaa Lixaatti ganna dhufu dubartiitaa fi daa’imman harkaqalleeyyii f tajaajila tola ooltummaa birrii miiliyoona 225tti shalagamu hojjechuuf qophiin taasifamaa akka jiru waajjirri dubartootaa fi daa’immanii godinichaa ibse. Waajjirichatti dursituun garee sosochii dubartootaa adde Askaalech Qana’aa TOI’f akka himanitti, ganna dhufu dubartootaa fi daa’imman sababa addaddaatiin rakkoof saaxilaman tajaajila tola ooltummaandeeggaruuf qophiin taasifameera. Haala Kanaan godinichatti dubartootaa fi daa’imman baadiyyaa fi magaalaa kuma 176 fi 546 fayyadamoo taasisuuf yaadamee sochiin jalqabamuusaa himaniiru. Tajaajila tola ooltummaa Kanaan hojiiwwan tola ooltummaa birrii miiliyoona 225tti tilmaamamu tola ooltotaan hojjechuuf hojjtamaa jira jedhaniiru. Haala Kanaan ijaarsa mana jireenyaa dubartoota harka qalleeyyii 177, dubartoota qoraan dugdatti baatanii jiraatan 585’f gaarii fardaan harkifamu bituun deeggaruuf karoorfamuusaa beeksisaniiru. Kana malees dubartootaa fi daa’imman mana sirreessaa godina Shawaa lixaatti argamaniif uffannaa dabalatee deeggarsa addaddaa taasisuuf karoorfamuusaa dubbataniiru. Akkasumas dubartootaa fi daa’imman 184 daanddiirraa kaasuun akka bayyanatan taasisuuf yaadamuusaa dubbataniiru. Dabalataanis daa’imman barnootarra jiran kanneen nama isaan hingargaaran hinqabne meeshaa barnootaa guutuun akka baratan gochuunis akkanuma. Jiraataan magaalaa Amboo barataan kutaa sagalii Alamuu Mararaa waggaa darbe tola ooltotaan deeggarsa meeshaa barnootaa argachuusaa ibseera. Haala Kanaan barumsasaa xiyyeeffannaan hoordofuusaa dubbatee, tajaajilli tola ooltummaa cimuu qaba jedheera. Adde Amanush Nugusee gamasaaniin daa’imasaanii waliin mana diigamaa jiru keessatti rakkachaa akka turan yaadatanii, ganna darbe dargaggoonni manasaanii akka haaromsaniif ibsaniiru.
Qaama pirojektii ministira muummee Abiyyi Ahimad‘Gabataan biyyaaf’ jedhuu kan ta’ee fi riizoortii Halaalaa Keellaa pirojektii kilaastara Koyishaa jalatti misoome mootummaan naannoo kibba lixaa Itiyoophiyaa fudhate
Jun 1, 2023 62
Caamsaa 24/2015(TOI)- Qaama pirojektii ministira muummee Abiyyi Ahimad‘Gabataan biyyaaf’ jedhuu kan ta’ee fi riizoortii Halaalaa Keellaa pirojektii kilaastara Koyishaa jalatti misoome mootummaan naannoo kibba lixaa Itiyoophiyaa ifatti fudhateera. Mootummaan naannichaa Riisoortii kana maqaa ‘Halaalaa Keellaa’ jedhuun bulchuuf maaneejmantii loojiiwwan Paaraadaayiz, riizoortiiwwan fi hoteelotaa waldaa dhuunfaa ittigaafatamummaansaa murtaa’e waliin waliigaltee rra gaheera.
Itoophiyaan qorannoo ummataa fi dhimmootaa misoomaa walqabatoo karoora ishee keessatti hammachiisuun hojiirra oolchaa jirti
May 31, 2023 150
Caamsaa 23/2015 (TOI)- Itoophiyaan qorannoo ummataa fi dhimmoota misoomaa walqabatoo karoora ishee keessatti hammachiisuun hojiirra oolchaa jiraachuu Ministeerri Pilaanii fi misoomaa beeksise. Gabaasni qorannoo ummataa addunyaa 2023 Itoophiyaatti ifoomeera. Sagantichi mata duree “Lubbuu biiliyoona 8, filmaatawwaan dhuma hinqabne dhimma filannoo fi mirgaa” jedhuun qophaa’erratti kan ifoomeedha. Saganticharratti Deetaan miinistira Pilaanii fi Misoomaa Obbo Sandookaan Dabbabaan akka himanitti, Ityoophiyaan biyyoota addunyaa 14 keessaa biyyaa ummataa miiliyoona 100 ol qabdu keessaa ishee tokko. Mootummaan carraalee baay’inaa ummataa dabalanii fi rakkoolee jiran kan hubatu ta’uu eeruun galmoota misooma karoora waggoota 10 ajandaa Gamtaa Afrikaa 2063 waliin akka walsimu taasisfameera jedhan. Qorannoo Ummataa fi dhimmoota misoomaan walqabte karoora misoomaa biyyattii keessatti hammatamee hojiirra oolfamaa jiraachuu kaasaniiru. Waa’ee qorannoo ummataa irratti mari’achuu qofa utuu hintaane namni kamuu, keessumaa fayyadamummaa dubartootaa fi daa’immanii mirkaneessuun barbaachisaa ta’uu eeraniiru. Imaammata qorannoo ummataa fooyyessuu fi hojiilee biroo tumsitoota misoomaa waliin ta’uun hojiirra oolchaa jiraachuu kaasaniiru.
Diinagdee
Finfinneetti caalbaasiin liizii lafaa waggoota shaniif adda citee ture jalqabame.
Jun 1, 2023 21
Caamsaa 24/2015 (TOI):- Bulchiinsa magaalaa Finfinneetti biroon bulchiinsaafi misooma lafaa waggoota shanaan darbaniif adda citee kan ture caalbaasii liizii lafaa har'a jalqabsiiseera. Kana hordoofuun biirichi kutaa magaaloota hundaatti lafa heekataara 14.13 caalbaasii liiziif dhiheesuuf qophaa'uu beeksiseera. Lafti caalbaasiif qophaa'ee kun bakka hojii faayidaa biyyaaf oluu yoo ta'u tajaajila adda addaaf kan ooluu kan danda'udha jedhameera. Kutaa magaalootaa kudha tokko keessatti sanadni caalbaasii kuma 24 erga qophaa’ee booda guyyoota kudhaniin booda sanadoonni caalbaasii kuma 21 fi 636 gurguramuu isaaniis eerameera. Caalbaasiin jalqabaa har'a kutaa magaalota torba keessatti; Kutaa magaalaa Boolee, Nifaas silki Laaftoo, Lidataa Addis Katamaa, Qirqoos Gulallee Eekkaatti eegalameera. Kutaalee magaaloota kanatti, dorgomtoonni kuma 2 fi 852 sanada caalbaasii isaanii saanduqa caalbaasiitti galchaniiru.
Hooggantoonni mootummaa olaanoo federaalaa fi naannoo agarsiisa saayinsii qonnaa daawwatan
Jun 1, 2023 45
Caamsaa 24/2015 (TOI)- Hooggantoonni mootummaa olaanoo federaalaa fi naannoo agarsiisa saayinsii qonnaa muuziyeemiitti baname daawwatan Ministirri maallaqaa obbo Ahimad Shiidee, ministirri pilaanii fimisoomaa doktar Fitsum Asaffaa, pirezidaantiin naannoo Sidaamaa obbo Dastaa Leedaamoo fi itti aanaan pirezidaantii naannoo kibba lixaa Itiyoophiyaa doktar Injiinar Nagaash Wageeshoo dabalatee hooggantoonni mootummaa olaanoo kanneen biraa daawwannaa kanarratti argamaniiru. Daawwannaa Kanaan cinaatrtis agarsiisa bu’aalee dhaala leemaataa naannolee Sidaamaa fi ummattoota kibba lixaa Itiyoophiyaan dhihaate muuziyeemii saayinsiitti eebisanii bananiiru. Qurxummii, damma, kuduraa fi muduraa dabalatee bu’aaleen qonnaa kanneen biroo agarsiisa naannolee lamaan qophaa’e kanarratti dhihaataniiru. Agarsiifni saayinsii qonnaa mata duree “laaboraatooriirraa maasaatti” jedhuun qophaa’e torbee sadan darbaniif muuziyeemii saayinsiitti adeemsifamaa jira. Ministeerri qonnaa, Inistiitiyuutiin tiraanisfoormeeshinii qonnaa fi Itiyoo Telekoom waliin ta’uun adgarsiisa kana qopheessaniiru. Oomishoonni, teeknooloojiiwwan qonnaa fi bu’aaleen qorannoo agarsiisa kanarratti daawwattootaaf banaa taasifamaniiru.
Naannoo kibbaatti lafa hektaara miliyoona 1.2 irraatti midhaan gosa adda addaa misoomsuuf karoorfameera
May 31, 2023 133
Caamsaa 23/2015 (TOI): Naannoo kibbaatti bara oomishaa 2015/2016 lafa heektaara miiliyoona 1.2 irratti midhaan gosa adda addaa misoomsuuf karoorfamuu Biiroon qonnaa naannichaa beeksise. Waltajjiin sosochii qonna waqtii gannaa kan bara 2015/2016 magaalaa Buttaajiraatti geggeeffama jira. Waltajjii sosochii kanarratti Sadarkaa itti aanaa Pireezidaantiitti qindeessaan kilaastera misooma baadiyyaafi hogganaan biiroo Qonnaan naannichaa obbo Usmaan Suruur akka jedhanitti, hojii qonna yeroo gannaaf qophiin gahaan taasifamaa jira jedhaniiru. Waqtii kana naannichatti lafa heektaara kuma 951 irratti midhaan gosa adda addaa, kan hafemmoo kuduraaleefi mudaralee addaan kan misooman ta'uu himaniiru. Laftii misoomni midhaanii bara kana irratti geggeeffamuuf karoorfame kan bara darbeen wal bira qabamee yoo ilaalamu heektaara kuma 200 caalmaa kan qabu ta'uu himaniiru. Akka obbo Usmaan himanitti muuxannoo gaarii bara darbee fudhachuun rakkoowwan turan immoo furuun bu'aa caalmaaf hojjetamaa jiraachuu waltajjicharratti himaniiru. Milkaa’ina karoorichaaf sanyii filatamaafi xaa'oon dursa akka rabsamu taasifamuu eeranii, hanqina xaa’oo biyyee jiru furuuf hojjetamaa jiraachuu ibsaniiru. Oomisha waqtii gannaa oomishuuf karoorfamerra callaa kumtaala miliyoona 97.5 walitti qabuuf karoorfamuu himaniiru. Waltajjicharratti hoggantoonni fi ogeeyyiin damee hojii qonnaa, godinaalee, Aanaaleefi gandootarraa walitti dhufan hirmaataniiru.
Ogeeyyiin Kominikeeshiniifi Miidiyaa milkaa’ina sosochii Itoophiyaan haa oomishituuf gahee ogummaa isaanii bahachuu qabu
May 31, 2023 45
Caamsaa 23/2015 (TOI):- Ogeeyyiin Kominikeeshiniifi Miidiyaa milkaa’ina sosochii Itoophiyaan haa oomishituuf gahee ogummaa isaanii bahachuu akka qaban Ministeerri Industirii hubachiise. Waggaa tokko darbe keessaatti milkaa'ina Itoophiyaan haa oomishituufi kallatti gara fuula duraatti waltajjiin hubannoo uumuu ogeeyyii miidiyaaleefi kominikeeshinii Adaamaatti qophaa'eera. Ministeera Indaastiriitti Daarekatarri olaanaa Instiitituyitii misooma Indaatiriifi bakka bu'aan ministirichaa doktar Milkeessaa Jaagamaa waltajjii kanarratti akka himaniitti, sosochiin Itoophiyaan haa oomishituu waggaa tokko darbe kana keessatti akka milkaa'uuf gaheen ogeeyyiin miidiyaafi Kominikeeshiinii bahatan guddadha. Sosochiin kun osoo hin jalqabiin dura sababa humna dhabuun, hanqina dhiheessii galteewwaniin, rakkoo dhiheessii lafaafi faayinaansiin humni oomishitummaa indastiriiwwanii harka 50 gad akka ture himaniiru. Sosochii kanaan ijaarsa dandeettii walitti hidhame, deeggarsa maallaqaa fi galteewwa industirii fi dhaabbileef taasifameen dandeettiin oomishaa isaanii guddisuu qofa osoo hin taane, oomisha bakka bu’aa qulqullina qabu oomishuuf danda’aniiru jedhaniiru. Milkaa'ina Sosochii Itoophiyaan haa oomishituu kana gara fuula duraattis ogeeyyiin miidiyaafi kominkeeshinii gahee ogummaa isaanii akka bahan gaafataniiru. See insights and ads Boost post Like Comment Share
Saayinsii fi teeknooloojii
Dantaa biyyaa kabachiisuuf carraaqqii taasifamu keessatti ogeeyyiin miidiyaa gahee isaanii bahachuu qabu
Jun 1, 2023 37
Caamsaa 24/2015 (TOI) :- Faayidaa biyyaa kabachiisuuf tattaaffii godhamu keessatti ogeeyyiin miidiyaa gahee isaanii sirnaan bahuu akka qaban Minsteerri dhimma alaa beeksise. Ministeerri Dhimma Alaa, Abbaa Taayitaa Misooma Baha Afrikaa (IGAD) waliin ta’uun gaazexeessitoota biyya keessaa fi biyya alaatiif leenjii guyyoota lamaaf kennaa jira. Leenjichi ogeeyyiin miidiyaa dhimmoota tasgabbii fi nageenya mirkaneessuu akkasumas yakkoota daangaa qaxxaamuraan ittisuu keessatti haala gahee isaanii cimsuu danda’an irratti kan xiyyeeffate ta’uu himameera. Dubbi himaan Ministeera Dhimma Alaa obbo Mallas Alam waltajjii leenjii kanarratti, hojiiwwan dantaa biyyaa eegsisuuf hojjetaman keessatti dippilomaatota qofa osoo hin taane gaazexeessitoonni itti gaafatamummaa akka qaban dubbataniiru. Kanaaf gaazexeessitoonni itti gaafatamummaa isaanii bahachuu fi keessumattuu odeeffannoo sirrii qopheessuun hawaasa biraan gahuun barbaachisaadha jedhaniiru. Keessattuu leenjiin kun dhimmoota walitti bu’iinsaa fi nageenyaa irratti gabaasa sirrii fi madaalawaa ta’e dhiyeessuuf beekumsaa fi dandeettii barbaachisu akka horatan kan isaan gargaaru ta’uu ibsaniiru.
'Jii Ayi Teeks Afriikaa'Moorookoo magaalaa Maaraakaashitti adeemsifamuu jalqabe
Jun 1, 2023 30
Caamsaa 24/2015 (TOI):-'Jii Ayi Teeks Afriikaa' 2023 /GITEX Africa 2023/ Moorookoo magaalaa Maaraakaashitti adeemsifamuu jalqabeera. Itiyoophiyaan Afriikaatti yeroo jalqabaaf adeemsifamaa kan jiru 'Jii Ayi Teeks Afriikaa' irratti garee jilaa ministirri innoveeshinii fi teeknooloojii doktar Ballaxaa Mollaadhaan durfamu kan hooggantoonni ministeerichaa fi kaampaanonno (Istaartaapponni) teeknooloojii jalqabaa keessatti argamaniin hirmaachaa jirti. Kaayyoon ‘Jii ayi Teeks Afriikaa’ Ardii Afriikaatti yeroo jalqabaaf adeemsifamu olaanaa warraaqsa teeknooloojii Afriikaatti adeemsifamaa jiru addunyaaf beeksisuudha. Kaampaniiwwan jalqabxoota kalaqxoota teeknooloojii teessoonsaanii Afriikaa ta’e hedduun waltajjii idil addunyaa bal’inaan mul’achuun dhiibbaa uumuu jalqabaniiru. Itiyoophiyaan imala tiraanisfoormeeshinii dijitaalaa dhugoomsuuf waggoota sadan darban yaaliiwwan taasisaa turte, bu’aalee argamanii fi rakkoolee mudatan ilaalchisuun doktar Ballaxeen ibsa kennuusaanii odeeffannoon ministeera Innoveeshinii fi teeknooloojiirraa argame nimul’isa. Fuulduras dhimmoota akka Afriikaatti qindoominaan adeemsifamuu qabu jedhanirratti ministeerichi waltajjichaaf qoodaniiru. Itti fufuunis Itiyoophiyaan dargaggoota hojiif qophaa’an hedduu, Yunivarsiitiiwwan teeknooloojiirratti xiyyeeffatan, seera Invastimantii damee dijitaalaa jajjabeessuu fi paarkii aayisiitii hojiif qopheeffame akka qabdus beeksisaniiru. Kaampaaniiwwan teeknooloojii Itiyoophiyaatti Invast gochuun fayyadamaa akka ta’anii fi akka hirmaatan waamicha dhiheessaniiru.
Itiyoo telekoomfi Yuunivarsiitiin Finfinnee waliigaltee tajaajila dijitaalaa kennuu dandeesisu walii mallatteessan.
May 31, 2023 30
Caamsaa 23/2015 (TOI):- Itiyoo telekoomfi Yuunivarsiitiin Finfinnee waliigaltee tajaajila dijitaalaa kennuu dandeesisu walii mallatteessan. Waliigaltee kana hoji gaggeessituun Itiyoo Telekoom Aadde Firehiwoot Taammiruu fi Pireezidaantiin Yuunivarsiitii Finfinnee piroofesar Xaasoo Waldaahaannaa mallatteessaniiru. Waliigaltichi Itiyoo Teleekoom yuunivarsiitichatti tajaajila 'Tele Birr' dabalatee tajaajila 'walqunnamtii' fi dijitaalaa biroo akka kennu kan dandeessisudha jedhameera. Tajaajilli kun mooraa 18 interneetii saffisa olaanaa qabuun kan walqunnamsiisu, daree barnootaa ismaartii ijaaruu, beekumsaa fi muuxannoo dabarsuu, teknooloojii fi ijaarsa bu’uuraalee misoomaa qorannoo fi kalaqaaf gargaaran hojiirra oolchuu, akkasumas barattoonni kaffaltii barnootaa isaanii karaa 'Tele Birr' salphaatti akka kaffalan kan taasisu ta’uu ibsameera. Hojii gaggeessituun Itiyoo Telekoom Firehiwoot Tammiruu akka jedhanitti, dhaabbatichi Itiyoophiyaa dijitaalaa dhugoomsuuf hojjechaa jira. Keessattuu Yuunivarsiitiin Finfinnee bakka beekumsi itti wal jijjiramuu waan ta'eef kana teeknooloojii fi 'walitti hidhamiinsan deeggaruun bu'a qabeessa taasisuuf waliigaltichi gahee olaanaa qaba jedhaniiru. Pireezidaantiin Yuunivarsiitii Finfinnee Piroofeesar xaasoo Waldahaannaa gama isaaniin, yunivarsiitichi humna namaa barate teeknooloojiin deeggaramee uumuuf walitti dhufeenya Itiyoo Teeleekoom waliin qabu caalaatti cimsee kan itti fufu ta’uu ibsaniiru. Yuunivarsiitichi duraanuu dhaabbaticha waliin ta’uun daree barnootaa ismaartii hojiirra oolchuuf hojjechaa akka jiru ibsaniiru. Itti fayyadama tajaajila dijitaalaa babal’isuun dhaabbata barnootaa sadarkaa idil-addunyaatti dorgomaa ta’e ta’uuf ciminaan kan hojjetan ta’uus eeraniiru.
Itoophiyaa bakka bu’uun dorgommii ICT Huwaawwee 7ffaarratti kan hirmaatan sadarkaa 3ffaan xumuran
May 29, 2023 67
Caamsaa 21/2015 (TOI) - Itoophiyaa bakka bu’uun dorgommii ICT Huwaawwee 7ffaarratti kan hirmaatan sadarkaa 3ffaan xumuran Dorgommichi Caamsaa 16 hanga caamsaa 20/2015tti Chaayinaa magaalaa Sheenzaanitti kan geggeeffame yoo ta'u, dorgommii kanarratti biyyoota 36 irraa gareen dorgomtootaa 146 hirmaataniiru. Baratoonnii Itoophiyaa dorgommicharrtti garee sadi kan tokkoon tokkoon isaanii miseensoota sadi sadi ofkeessaa qabu ta'uu 'Piraaktikaal Tiraak(Daataakoom,Sakuriitii, Netiworkii kompuutaraa funyoo malee, Big Daataa Istooreej, kuusaa odeeffannoo ‘OpenEuler’ fi ‘OpenGauss’ jedhamuufi kanneen biroon hirmaataniiru. Barattoonnis, bu’aa galmeessaniitti gammachuu itti dhaga’ame ibsuun muuxannoo idil addunyaas argachuu himaniiru. Dorgommiin ICT huwaawwee qulqullina kennaa addaa ICT saffisiisuuf, indaastirichaaf kennaa ga’umsa qabu qopheessuu fi filachuuf, kennaa addaa kan qaban walitti dhiyeessuun ce’umsa dijitaalaaf hirmaannaa dammaqaa akka taasisan, dhiyeessii fi fedhii damichaaf ga’oo akka ta’an jajjabeessuu fi gumaacha waaraa taasisuuf ni hojjeta jedhamera.
Ispoortii
Taphoonni xumuraa piriimer liigii Itiyoophiyaa torbee 25ffaa har’a nitaphatamu
May 23, 2023 143
Caamsaa 15/2015(TOI)- Taphoonni xumuraa Sagantaa piriimer liigii torbee 25ffaa har’a Istaadiyeemii yunivarsiitii Hawaasaatti nitaphatamu. Akkaataa sagantaa kanaatiin guyyaa keessaa sa’aatii 9:00tti magaalaan Hawaasaa Madin Itiyoophiyaa waliin nitaphatu. Magaalaan Hawaasaa qabxii 33’n sadarkaa 8ffaarratti yemmuu argamu, Madin Itiyoophiyaan qabxii 44’n sadarkaa 2ffaarratti argama. Magaalaan Hawaasaa taphoota liigichaa shan Kanaan dura taphateen homaa hinmo’anne . Al lma mo’amee, al lama mo’ameera, sadii ammoo walqixa baheera. Gama biraatiin Madin Itiyoophiyaan taphoota shan kanaan dura taphateen lama mo’atee lamaan mo’amee al tokko qabxii qooddateera. Kilaboonni lamaan tapha marsaa jalqabaa taasisaniin goolii malee walqixa xumuramuunsaa niyaadatama. Taphoonni xumuraa sagantaan piriimer liigii Beetkiing Itiyoophiyaa 25faa kan biraan Itiyoo elektiriikii fi Machaal jidduutti galgala sa’aatii 12:00tti nitaphatama. Itiyoo elektiriik qabxii 11’n sadarkaa xumuraa 16ffaa qabatee sadarkaa gadibu’aarratti argama. Machaal ammoo qabxii 32’n sadarkaa 11ffaarra jira. Itiyoo elektiriik taphoota shan walitti aanan taphateen homaa hinmo’annee. Afur mo’amee tokkoon walqixa baheera. Morkataansaa Machaal taphoota shan walitti aanan taphateen al sadii mo’atee, al lama mo’ameera. Itiyoo elektiriik tapha har’aatiin yoo mo’ame ykn walqixa yoo bahe piriimer liigiirraa gadi bu’uusaa kan mirkaneeffate kilaba lammaffaa nita’a. Lagaxaafoo Lagadaadhii dhihoo kana Piriimer liigiirraa gadi bu’uunsaa niyaadatama. Kilaboonni lamaan taphni marsaa jalqabaa taasisan qabxii tokkoo fi tokkoon walqixa xumuramuunsaa nibeekama. Haala walfakkaatuun taphoota torbee 25ffaa kaleessa taphatamaniin Bunni Sidaamaa Faasiil Kanamaa goolii 1 fi 0’n akkasumasa magaalaan Dirreedawaa magaalaa Walqixxee goolii 2 fi 1’n mo’ateera.
Taphoonni Piriimer liigiin Itiyoophiyaa torbee 25ffaa har’as nitaphatau
May 22, 2023 116
Caamsaa 14/2015 (TOI) – Sagantaa piriimer liigii torbee 25ffaan oolmaa guyyaa sadaffaatiin har’a taphoonni lama Istaadiyeemii Yunivarsiitii Hawaasaatti nitaphatamu. Guyyaa keessaa sa’aatii 9tti Faasiil Kanamaan Buna Sidaamaa waliin nitaphatu. Faasiil Kanamaan qabxii 37’n sadarkaa shanaffaa akkasumas Bunni Sidaamaa qabxii 30’n sadarkaa 12ffaarratti argama. Faasiil Kanamaan taphoota liigichaa shan Kanaan dura taphateen sadii mo’atee tokko mo’amee al tokko walqixa baheera. Morkataansaa Bunni Sidaamaa taphoota shan keessaa sadii mo’atee lama mo’ameera. Kilaboonni lamaan tapha marsaa jalqabaa taphataniin Faasiil Kanamaan goolii 4 fi 2’n mo’achuunsaa niyaadatama. Sagantaa Piriimer liigii Beetkiingii Itihioophiyaa torbee 25ffaa kan biraatiin magaalaan Walqixxee galgala sa’aatii 12tti magaalaa Dirreedawaa waliin nitaphatu. Magaalaan Walqixxee qabxii 29’n sadarkaa 13ffaarratti yemmuu argamu magaalaan Dirreedawaa qabxii 30’n sadarkaa 11ffaarra jira. Magaalaan Walqixxee taphoota liigichaa darbe shan taphateen lama mo’atee, tokkoon mo’amee al lama qabxii qooddateera. Morkataansaa magaalaan Dirreedawaa taphoota shan darbaniin al lama mo’atee sadii mo’atameera. Kilaboonni lamaan tapha marsaa jalqabaa taasisaniin goolii lamaa fi lamaan xumuramuunsaa niyaadatama. Haala wal fakkaatuun piriimer liigii Beetkiingii Itiyoophiyaa torbee 25ffaan Hadiyyaa Hoosaa’inaa magaalaa Bahaardaar akkasumas Liigicha dursaa kan jiru Qiddus Goorgis Walaayittaa Diichaa goolii Walfakkaataa 2 fi 1’n mo’ataniiru.
Taphoonni piriimer liigii Itiyoophiyaa torbee 25ffaa har’aa kaasee nitaphatamu
May 20, 2023 179
Caamsaa 12/ 2015 (TOI) – Sagantaan piriimer liigii Itiyoophiyaa torbee 25ffaa taphoota lama har’a taphatamaniin nijalqabama. Magaalaan Adaamaa magaalaa Arbaa Minci waliin guyyaa keessaa sa’aatii 9:00tti Istaadiyeemii Yunivarsiitii Hawaasaatti nitaphatu. Magaalaan Adaamaa qaxii 32’n sadarkaa 8ffaa akkasumas magaalaan Arbaa Minci qabxii 25niin sadarkaa 14ffaa qabatee sadarkaa gadu bu’aa keessatti argama. Magaalaan Adaamaa taphoota piriimer liigii walitti aansee taphate shaniin lama mo’atee, tokkoon mo’amee, al lama walqixa baheera. Morkataansaa magaalaan Arbaa Miinci taphoota shan taphateen homaa hinmo’anne. Al tokko mo’ateera, al afur ammoo qabxii qooddateera. Kilaboonni lamaan tapha marsaa jalqabaa taphataniin magaalaan Arbaa Minci goolii 1 fi 0’n mo’achuunsaa niyaadatama. Taphni piriimer liigii beetkiing Itiyoophiyaa torbee 25ffaa marsaa lammaffaa buna Itiyoophiyaa fi Lagaxaafoo Lagadaadhii jidduutti galgala sa’aatii 12:00tti taphatama. Bunni Itiyoophiyaa qabxii 34’n sadarkaa 5ffaa akkasumas Lagaxaafoo Lagadaadhii qabxii 11’n sadarkaa 16ffaa isa dhumaa qabatee sadarkaa gadi bu’aarratti argama. Bunni Itiyoophiyaa taphoota shaman darban taphateen lama mo’atee, tokkoon mo’ameera. Al lama ammoo Walqixa baheera. Morkataansaa Lagaxaafoo Lagadaadhii taphoota shan taasiseen homaa hinmo’anne. Afuriin mo’atee altokko ammoo qabxii qooddateera. Kilaboonni lamaan tapha marsaa jalqabaa taasisaniin goolii 2 fi 2 walqixa xumuramuunsaa niyaadatama. Bunni Itiyoophiyaa Lagaxaafoo Lagadaadhii mo’atee magaalaan Arbaa Minci magaalaa Adaamaa yoo mo’ate Lagaxaafoo Lagadaadhii taphni shan osoo hafuu kilaba piriimer liigiirra bu’u kan jalqabaa ta’a. Sagantaan piriimer liigii Beetkiing Itiyoophiyaa torbee 25ffaa amma Caamsaa 15 bara 2015tti nitura.
Shaampiyoonaan Atileetiksii Itiyoophiyaa 52ffaa boru xumurama
May 20, 2023 131
Caamsaa 12/2015 (TOI) - Shaampiyoonaan Atileetiksii Itiyoophiyaa 52ffaa boru xumurama Shaampiyoonaan kun Caamsaa 8 bara 2015 irraa kaasee akkaadaamii Ispoortii Itiyoophiyaatti adeemsifamaa jira. Dorgommii kanarratti atileetonni dhiiraa 743 akkasumas atileetonni dubaraa 527 walumaa gala atileetonni kuma 1 fi 270 hirmaachaa akka jiran federeeshiniin atileetiksii Itiyoophiyaa beeksiseera. Atileetonni kunneen naannolee fi bulchiinsota magaalaa, kilabootaa fi dhaabbilee addaddaarraa kan walitti babahan tahuun ibsameera. Kaayyoon shaampiyoonaa kanaa shaampiyoonaa atileetiksii addunyaa 19ffaa baatii Hagayyaa bara 2015 Haangaarii Budaapeestitti adeemsifamuuf atileetonni gahumsasaanii akka madaalanii fi atileetota naannolee, bulchiinsota magaalaa, kilabootaa fi jiddugaleessota leenjiitti argamaniif carraa dorgommii uumuu akkasumas atileetota bakka bu’uu danda’an horachuu ta’uun beekameera. Federeeshiniin atileetiksii Itiyoophiyaa shaampiyoonaa atileetiksii kanaaf bajata birrii miiliyoona 2 fi kuma 700 ol ramaduunsaa eerameera. Kana keessaa birriin kuma 541 badhaasa dorgomtootaak kennamu ta’uu beeksiseera. Shaampiyoonaa Kanaan har’aa fi boru dorgommiiwwan calallii fi xumuraa nitaasifamu. Shaampiyoonaan atileetiksii Itiyoophiyaa bara 1963 irraa kaasee dorgomamaa jira.
Eegumsa naannoofi haala qilleensaa
Hojiin Itoophiyaan sagantaa ashaaraa magariisaan hojjechaa jirtu biyyoota Afrikaa biroof fakkeenya kan ta'udha.
Jun 1, 2023 21
Caamsaa 24/2015 (TOI) - Hojiin Itoophiyaan sagantaa ashaaraa magariisaan hojjechaa jirtu biyyoota Afrikaa biroof fakkeenya kan ta'u ta'uu Dhaabbata Mootummoota Gamtoomaniitti Komishiinii Dinagdee Afrikaatti daareektarri tekinolojii, jijjirama qilleensaafi qabeenya uumamaa Zoon Pool Adaam himan. Daarekatarichii TOItti akka himanitti, sagantaan Ashaaraa magariisaa Itoophiyaan hojjechaa jirtu kununsa heddummina qabeenya umamaaf gahee olaanaa qaba. Kana qofaa osoo hin taane fayyadamummaa dinagdee mirkaneesuufi haala jireenyaa foyyeessuu hojii hojjetamu kan of keessatti hammatedha jedhaniiru. Akka fakkenyaatti hojiin kun carraa hojii namoota hedduuf uumuu dandeesisufi buna oomishufi fayidaa dinagdee biroof kan oolu ta'uu eeraniiru. Kana cinaattis hojii Itoophiyaan kununsa sululaawwaniin qabeenya bishaanii kununsuuf hojjechaa jirtu kan dinqisiifatan ta'uu eeraniiru. Kanaaf hojiin sagantaa ashaaraa magariisaan Itoophiyaan hojjechaa jirtu kun hojii biyyoonni Afrikaa biroon akka fakkeenyaatti fudhachuu qabanidha jedhaniiru. Dhaabbanni isaanis ifaajee Itoophiyaan gama kanaan gochaa jirtu akka deeggaru himaniiru.
Naannoo Oromiyaatti sagantaa ashaaraa magariisaa baranaaf biqiltuun biiliyoona 4 ol qophaa’eera-Biiroo qonnaa naannichaa
May 25, 2023 96
Caamsaa 17/2015 (TOI)- Naannoo Oromiyaatti sagantaa ashaaraa magariisaa baranaaf biqiltuun biiliyoona 4 ol qophaa’uusaa biiroon qonnaa naannichaa beeksise. Itti aanaa itti gaafatamaan biiroo qonnaa naannoo Oromiyaa Eliyaas Kadir, sagantaa ashaaraa magariisaa marsaa 4ffaaf naannoo Oromiyaatti biqiltuuwwan biiliyoona 4 ol dhaabamuusaanii dubbataniiru. Biqiltuuwwan ashaaraa magariisaan dhaabaman madaallii naannawaa eeguun hojii eegumsa biyyoo fi bishaanii fooyyessuun qooda olaanaa bahaa akka jiran ibsaniiru. Sagantaa ashaaraa magariisaa baranaatiif naannichatti biqiltuuwwan biiliyoona 4 tuqaa 9 qophaa’uusaa eeranii, biqiltuuwwan fuduraaf xiyyeeffannoon kennamee qophiin taasifamaa akka ture dubbataniiru. Bakka biqiltuun dhaabamu filachuu fi qophiin boollaa dursee jalqabamuusaa ibsaniiru. Waggoottan arfan darban sagantaa ashaaraa magariisaatiin naannichatti biqiltuuwwan biiliyoona 13 tuqaa 6 dhaabamuu eeranii, kana keessaa dhibbantaan 88 tuqaa 6 qabateera jedhan. Yuunivarsiitii Haroomayaa waliin ta’uun baatii bonaa sululoota kuma 6 fi 450 irratti hojiin eegumsa biyyoo fi bishaanii hojjetamuusaa dabalanii ibsaniiru. Kana malees lafti heektaarri kuma 500 ol kan qullaatti hafe tuttuqaan ala taasisuun akka danda’ame Waxabajjii 15 bara 2015 irraa kaasee sadarkaa naannootti sagantaan ashaaraa magariisaa akka adeemsifamu eeranii, kanaafis kutaalee hawaasaa hedduu tola ooltummaan hirmaachisuuf haaldureen xumuramuu dubbataniiru. Sagantaa ashaaraa magariisaa bara kanaatiin sadarkaa biyyaalessaatti qophiin biqiltuu biiliyoona 6 tuqaa 5 taasifamaa akka jiru ministirri muummee doktar Abiyyi Ahimad beeksisuunsaanii niyaadatama.
Fooramiin raaga haala qilleensaa Afriikaa bahaa 64ffaa Finfinneetti adeemsifamaa jira
May 24, 2023 116
Caamsaa 16/2015(TOI)- Fooramiin raaga haala qilleensaa Afriikaa bahaa 64ffaa Finfinneetti adeemsifamaa jira. Inistiitiyuutiin Meetirooloojii Itiyoophiyaa jiddu galeessa raga qilleensaa ‘IGAD’ waliin ta’uun fooramii kana qopheessaniiru. Ministirri bishaanii fi inarjii Injiinar Habtaamuu Ittafaa, daarektara itti aanaa inistiitiyuutii meetirooloojii Itiyoophiyaa Kinfee Hayilamaaram dabalatee miseensonni biyya ‘IGAD’ fi qooda fudhattoonni damee kanaa baniinsa fooramii kanarratti argamaniiru. Fooramiin waggaatti al sadii adeemsifamu kanarratti barreeffamoonni qorannoo jijjiirama haala qilleensaarratti xiyyeeffatan, mariin paanaalii ni adeemsifamu. Fooramiin kun saayintistoota,qorattoota, fayyadamtoota damee hawaasummaa fi dinagdee, dhaabbilee mootummaa fi mit mootummaa, deeggartoota misoomaa, kanneen murtee kennan, dhaabbilee miidiyaa fi dhaabbilee hawaasa hawaasa siviilii ofjalatti qabateera. Fooramichi biyyoonni miseensotaa balaa sababa jijjiirama haala qilleensaan mudachuu danda’an hojmaata qindoominaa raga qilleensaatiin dursanii hojjechuuf akka gargaaru ibsameera. Fooramiin raaga jjjiirama haala qilleensaa Afriikaa Bahaa 64ffaa sadarkaa ogeessotaan guyyoota lamaan darban adeemsifamaa ture mariihooggantoota olaanoo har’a adeemsifamuun nixumurama.
Balaa uumamaa ittisuuf sirni akeekkachiisa dursaa cimaan diriirfamuu qaba jedhame.
May 23, 2023 125
Caamsaa 15/2015 (TOI): Balaa uumamaa sababa jijjiirama qilleensaatiin mudatan ittisuuf sirni akeekkachiisa dursaa cimaan diriirfamuu qaba jedhame. Yaa'ii Kongireesii Dhaabbata Meetirooloojii Addunyaa 19ffaa Siwiizarlaand Jeeneevaatti gaggeeffamaa jiru irratti hirmaataa kan jira Deetaan Ministira Bishaaniifi Inarjii doktar Abrihaam Addunyaa jijjiiramni qilleensaa balaa uumamaa kanneen akka hongee, lolaa, ibidda bosona, fi sigiga lafaa fiduu rakkoo dinagdeefi hawaasumma cimaan akka umamu sababa ta’uu ibsaniiru. Itoophiyaatti Kibbaafi Kibba bahaatti akkasuma biyyoota ollaatti hongeen walitti aansee waggoota shaniif ture namootaafi qabeenyaarraan miidhaa guddaa geesisuu akka fakkeenyaatti eeraniiru. Balaawwaan tasaa ittisuuf sirna akeekkachiisaa dursaa diriirsuun cinaatti eegumsafi kununsaa naannoof xiyyeeffannoon addaa kennamuu akka qabu eeranii, hojiin ashaaraa magariisaa Itoophiyaan hojjechaa jirtu akka fakkeenyaatti fudhatamuu qaba jedhaniiru. Sirna akeekkachiisa dursaa cimaa diriirsuu fi odeeffannoo dafanii kennuunis rakkoolee jijjiirama qilleensaatiin mudatu furuuf tarkaanfiiwwan fudhatamuu qaban keessaa isa tokko ta’uu ibsaniiru. Itti dabaluunis sirni akeekkachiisa dursaa hordoffii fi to’annoo haayidiroo-meetirooloojikaalaa cimaa, bu’uuraalee misoomaa fi qindoomina qooda fudhattoota damichaa akka barbaadu ibsaniiru. Odeeffannoon fuula miidiyaa hawaasaa Ministeera Bishaanii fi Inarjii irraa argame akka mul’isutti, Kongireessiin Dhaabbata Meetirooloojii Addunyaa 19ffaan Siwiizarlaand Jeeneevaatti gaggeeffamaa jiru guyyoota 10 dhufaniif itti fufa.
Gabaasa addaa
Balaa konkolaataan lubbuun namoota 6 darbe
May 29, 2023 63
Caamsaa 21/2015 (TOI) – Naannoo Harariitti balaa Tiraafikaa qaqqabeen lubbuun namoota 6 darbuu Komishiniin Poolisii naannichaa beeksiise. Balaan kun kan qaqqabee kaleessa galgala harkan saatii 4:30tti ganda Soofa qilee bakka jedhamutti akka ta'ee Komishiinii poolisii naannichaatti qorataan olaanaa balaa Saajin olaanaa Raastaam Mazihaar himaniiru. Konkolaataan fe'umsaa Azuuzuu lakkoofsa gabatee 3- 88036( Oro) meeshaa fe'ee Awwadaay irraa gara Jijjigaadeemu jiraatoota naannaawwichaa hamaamoota missirroo cidharra jiran waliin jiranitti bu'uun daandiirra bahee garagaluun balaa kun mudachuu himaniiru. Balaa kanaan namoota umuriin isaanii waggaa 20 hanga 25 ta'uu kanneen cidharra jiran jaha lubbuun isaanii darbuu himanii kanneen keessaas shan dubartoota ta'uu himaniiru. Dabalataan namoota 8 irra balaan salphaafi cimaan kan gahe yoo ta'u hospitaalatti waldhaansi fayyaa taasifamaafii jiraachuu himaniiru. Yeroodhaaf konkolaachisaan konkolaticha oofuu kan miliqe yoo ta'uu to'annaa jala oolchuuf hordoffiin taasifamaa jiraachuu himaniiru. Sababni balichaas qoratama jiraachuu himaniiru.
Hojjetoonni ittisa balaa lubbuu oolchuuf jecha kan lubbuu isaanii kan kennitan waan ta'eef galatatu malaaf
May 14, 2023 189
Caamsaa 6/ 2015 (TOI)፦ Kantiibaan Bulchiinsa magaalaa Finfinnee aadde Adaanech Abeebee hojjetoonni ittisa balaa lubbuu oolchuuf jecha kan lubbuu isaanii kan kennitan waan ta'eef galatatu malaaf jedhan. Aadde Adaanech sirni kabaja guyyaa ittisa balaa tasaafi ibiddaa Finfinneetti kabajamaa jirurratti Waggoota lamaan darban balaa tasaafi ibiddaa ittisuuf xiyyeeffannoon kennamee, dhaabbata ammayyaa humna namaafi sirna cimaa qabu guddina magaalichaa waliin kan deemu meeshaalee galteef oolan gahaa akka qabaatu xiyyeeffannoon hojjetameera jedhaniiru. Guyyaan ittisa balaa tasaafi Ibiddaa akka idil addunyaatti yeroo 24ffaaf akka Itoophiyaatti immoo yeroo 2ffaaf Finfinneetti kabajamuu ragaan miidiyaa hawaasummaa waajjira kantiibaa magaalichaarra argame ni mul'isa.