Tamsaasa Kallatti:
Angafoota Oduu
Bara bajataa xumurame sagantaa barnoonni dhalootaaf naannoo Harariitti hojjetameen hojiin bu’a qabeessi raawwatameera
Jul 13, 2026 89
Adoolessa 6/2018 (ENA): Bara bajataa xumurame sagantaa barnoonni dhalootaaf naannoo Harariitti hojjetameen hojiin bu’a qabeessi raawwatamuusaa biiroon barnootaa naannichaa ibse. Ministirri muummee Dr. Abiyyi Ahimad wal gahii idilee 30ffaa bara hojii wagga 5ffaa mana maree bakka bu’oota ummataa irratti raawwii mootummaa bara bajataa 2018 ilaalchisuun gaaffilee miseensota mana mareerraa gaafatamaniif deebii fi ibsa kennaniin, hojiilee damee barnootaan hojjetamaniin jijjiiramni dhufaa jiraachuu ibsaniiru. Barnoonni jalqabarraa bu’urri yoo hin jabaanne kan gubbaa bu’a qabeessa akka hin taane kan eeran ministirri muummee, oolmaa daa’immanii babal’isuuf xiyyeeffannoo addaa kennameen oolmaa daa’immanii kuma 35 ijaaramuu eeraniiru. Itti aanaan hogganaa biiroo barnootaa naannoo Hararii obbo Arsalaan Abdii dhimma kanarratti yaada kennaniin, naannoo Harariitti bara bajataa xumurame sagantaa barnoonni dhalootaaf naannichatti hojjetameen hojiin bu’a qabeessi raawwatameera. Hojii qindaa’aa sosochii ummataa fi ogeeyyota barnootaan hojjetameen qulqullina barnootaa mirkaneessuuf hirmaannaa dabaluu fi qabxii barattootaa gama fooyyessuutiin hojiin fooyyee qabu hojjetamuu eeraniiru. Keessumaa bara bajatichaa hojii mana barumsaa idileen duraarratti hojjetameen maneen barnootaa sadarkaa tokkoffaa magaalaa fi baadiyyaatti argaman keessatti barnoota idileen duraa kennuun akka danda’ame ibsaniiru. Barattoota barnoota idileen duraa fi amma kutaa afuriitti jiran hunda keessatti sagantaan nyaataa gaggeeffamuu beeksisaniiru. Bara barnootaa 2019tti barattoonni kuma 20 ol barnoota mana barumsaa idileen duraa akka hirmaatan karoorri qabamuu ibsuun, kanaafis godinaalee baadiyyaa naannichaa keessatti manneen barnootaa barnoota idileen duraa haaraa 6 ijaaramaa jiraachuu himani. Hojiileen sagantaa “Barnoota Dhalootaaf” jedhuun naannichatti hojjetamaa jiran sadarkaa manneen barnootaa fooyyessuu qofa osoo hin taane, barattoonni barnoota isaanii sirnaan akka hirmaatan gochuudhaan qulqullina barnootaa mirkaneessuuf gumaacha olaanaa taasisaa akka jiran ibsaniiru. Bara baajataa darbe keessa hojiin birrii miiliyoona 38tti tilmaamamu gama maallaqaa, gosaafi beekumsaan hojjetamuusaa ibsuun, akkasumas hojiiwwan misoomaa birrii miiliyoona 42 ol ta’u waqtii Gannaa bara kanaa keessatti akka hojjetamu beeksisaniiru. Hojiileen bal’aa damee barnootaa naannichatti hojjetaman bara barnootaa kana keessatti cimanii kan itti fufan ta’uus itti aanaan hogganaa Biiroo kun mirkaneessaniiru. #Ena Afaan Oromoo #TOI #Ena#
Naannoo Oromiyaatti hojiiwwan damee Qonnaa guddisuuf hojjetaman bu’aa gaarii argamsiisaniiru
Jul 13, 2026 131
Adoolessa 6/2018 (ENA): Naannoo Oromiyaatti bara baajataa kanatti hojiiwwan damee Qonnaa keessatti hojiirra oolan bu'aa argamsiisuu isaanii Komishinarri Komishinii karooraafi Misooma Naannichaa Dr. Abdii Yaayyuu ibsan. Gamaggamni raawwii hojii damee dinagdee bara baajataa 2018 Mootummaa fi paartii naannichaa gaggeeffamaa jira. Waltajjicharratti gabaasa kan dhiheessan Komishinarri karooraa fi Misooma Naannichaa Dr. Abdii Yaayyuu akka jedhanitti; naannichatti oomishtummaa sektera qonnaa guddisuuf tekinoolojiiwwan qonnaa hojiirra oolanii fi deeggarsa hunda-galeessa taasifaman bu’aa guddaa argamsiisaniiru. Kanaafis ragaa kan ta'u, magaalotaa fi baadiyyaa keessatti horsiisni saawwan Aannanii karaa ammayyaa’aatiin hojiirra ooluusaa fi Lukkuun sanyiin filataman qonnaan bultootaaf raabsamuu isaanii dubbataniiru. Kana malees, damee horsiisa qurxummiitiin cuuciin qurxummii miiliyoona 1tuqaa 9 ol ta'an qonnaan bultootaa fi horsiisee bultootaaf raabsamuun gara kuusawwan (harawwan) horsiisaatti akka galan ibsaniiru. Oomishtummaa midhaanii qonnaan bultootaa guddisuun wabii nyaataa mirkaneessuu fi dhiheenyaatti walitti hidhamiinsa gabaa akka argataniif wiirtuuleen gabaa mijatoon ijaarramuu isaanii komishinarichi eeraniiru. Kunis fayyadamummaa dinagdee qonnaan bultootaa guddisuu bira darbee, carraa hojii uumuu fi qaala'iinsa jireenyaa dandamachuuf gargaarsa guddaa taasisuusaa ibsaniiru. Rakkoo hojii dhabdummaa naannicha keessatti mul'atu furuuf tattaaffii bal'aa taasifameen, bara baajataa kanatti lammiilee miiliyoona 2tuqaa 7 ol ta'aniif carraan hojii haaraan uumamuun danda'eera jedhan. Misooma hunda-galeessa naannichaa dandeettii ofiitiin uwwisuuf yaalii walitti qabinsa galii keessaa guddisuuf taassifameenis galiin fooyya’aan walitti qabamuun danda'amuun ibsameera.   Bara baajataa kanatti investimantii babal’isuuf carraaqqii qindoominaa taasifameen abbootii qabeenyaa haaraan misoomsan kuma13fi147 hawwachuu akka danda'an dubbataniiru. Dhaqqabamummaa tajaajila hawaasummaa uummataa mirkaneessuuf yaalii taasifameenis Sekteroota Barnootaa, Fayyaa, Bishaan dhugaatii qulqulluu fi misooma daanditiin raawwiin baay'ee fooyya'aanii fi jajjabeessaan galmeeffamuu isaa kaasaniiru. Gamaggamni Raawwii hojii mootummaa fi paartii Magaalaa Adaamaa Galma Abbaa Gadaatti gaggeeffamaa jiru kun guyyoota dhufanittis kan ittifufu ta'uu sagantaa bahe irraa beekuun danda'ameera.
Misoomni qabeenya beelladaa Itiyoophiyaa fayyadama qonnaan bulaa fi horsiisee bulaa fooyyassuudhaan bu’aa agarsiisaa jira
Jul 13, 2026 91
Adoolessa 6/2018 (ENA)- Misoomni qabeenya beelladaa Itiyoophiyaa fayyadama qonnaan bulaa fi horsiisee bulaa fooyyassuudhaan bu’aa agarsiisaa jiraachuu de’eetaan ministira qonnaa Dr. Fiqruu Raggaasaa ibsan. Yaa’iin ministeerri qonnaa gamtaa Afriikaatti biiroo qabeenya beelladaa guutuu Afriikaa waliin ta’uun qopheesse Finfinneetti gaggeeffamaa jira. De’eetaan ministira qonnaa Dr. Fiqruu Raggaasaa wayita kana akka jedhanitti, foramichi misooma beelladaa Afriikaa keessatti gabbisuudhaan kallattii imaammataa jijjiirama haala qilleensaa damdamachuu danda’u, horsiisee bultoonni gabaa fooyya’aa akka argatanii fi fayyadama biyyootaa guddisuuf kaa’uuf kan akeekamedha. Itiyoophiyaan misooma qabeenya beelladaa guddisuudhaaf tarkaanfiiwwan fayyadama qonnaan bulaa fi horsiisee bulaa mirkaneessan fudhachuudhaan hojjechaa akka jirtu ibsaniiru. Akka Kanaan hanqina bishaanii fi nyaata beelladaa qonnaan bulaa fi horsiisee bulaa mudatan fulla’insaan kan furan akkasumas dhaabbilee beelladni itti waldhaanaman babal’ifamaa akka jiran eeraniiru. Gamtaa Afriikaatti daarektarri biiroo qqabeenya beelladaa Dr. Huyaam Saaliih Afriikaan qabeenya beellada addunyaa keessatti qooda guddaa qabaattus, sona kanarraa kan isheen argattu baay’ee xiqqaadha. Fuulduras qabeenya beelladaa Afriikaa misoomsuudhaan fayyadama qonnaan bulaa fi horsiisee bulaa fooyyessuuf gama hundaanuu filmaattota invastimantii jiran bal’isuun akka barbaachisu ibsaniiru. See less
Kan mul'ate

Qulqullinaa fi dhaqqabummaa barnootaa Afrikaa fooyyessuuf ijaarsi dandeettii dijitaalaa barbaachisaadha - Gamtaa Afrikaa
Jul 13, 2026 120
Adoolessa 6/2018 (ENA): Gamtaan Afrikaa sirna dijitaalaa qulqullinaa fi dhaqqabummaa barnootaa Afrikaa fooyyessuu danda’u ijaaruun barbaachisaa ta’uu ibseera. Ekspoon Kalaqa Barnoota Afrikaa 2026 Waajjira Muummee Gamtaa Afrikaatti gaggeeffamaa jira. Ekspoon guyyoota lamaaf turu kun mata duree "Jijjiirama Dijiitaalaa Barnootaa fi Furmaata Kalaqaa Guddisuu" jedhuun, kalaqxoota, dhaabbilee qorannoo fi qooda fudhattoota walitti fide gaggeeffameera. Gamtaa Afrikaatti Komishinarri barnoota, Saayinsii, Teeknooloojii fi Innooveeshinii Piroofeesar Gaaspardi Baaniyan Kimbiinaa yeroo kanatti akka dubbatanitti, Afrikaan humna hojjetaa ogummaa qabu damee ogummaa adda addaa irratti ijaaruu qabdi jedhani. Kanaafis waadaa siyaasaa Gamtaan Afrikaan galame waliin walsimsiisuun Afrikaanonni addunyaa jijjiiramaa jirtu keessatti beekumsaa fi dandeettii dhaloota isaanii guddisuuf ciminaan hojjechuu akka qaban ibsaniiru. Afrikaatti sirna barnoota dijitaalaa hunda hammate hundeessuun qulqullina barnootaa mirkaneessuun, galtee barnootaa dijitaalaa dhiyeessuu irrattis caalaatti hojjechuun barbaachisaa ta’uu dubbataniiru. Itti dabaluunis, barnoota dhala namaatiif dhaqqabamaa taasisuu fi dandeettii teeknooloojii barsiisotaa guddisuun barnoota jijjiiruuf furtuudha jedhan. Dandeettii dhaabbilee qorannoo guddisuunis xiyyeeffannoo biyyootaa ta’uu akka qabu hubachiisaniiru. Gamtaan Afrikaa barnoota ardii kana ammayyeessuuf qooda fudhattoota waliin hojii isaa cimsuus mirkaneessaniiru. #Ena Afaan Oromoo #TOI #Ena#  

Pulse Of Africa

POA English

POA English

Pulse Of Africa - English Language

Your news, current affairs and entertainment channel

Join us on

POA Arabic

POA Arabic - عربي

Pulse Of Africa - Arabic Language

قناتكم الاخبارية و الترفيهية

Join us on

Siyaasa
Naannoo Oromiyaatti Hojiiwwan Misoomaa gaaffiiwwan bu’uuraa uummataa furuu dandeessisan raawwatamaniiru
Jul 13, 2026 269
Adoolessa 6/2018 (ENA) : Naannoo Oromiyaatti waggoota shanan darban keessatti hojiiwwan misoomaa gaaffiiwwan bu’uuraa uummataa furuu dandeessisan raawwatamuu isaanii Pireezidantiin Naannichaa Obbo Shimallis Abdiisaa ibsan. Gamaggamni raawwii karoora hojii mootummaa fi paartii kan bara baajataa 2018 Naannoo Oromiyaa Magaalaa Adaamaa Galma Abbaa Gadaatti gaggeeffamaa jira.   Wayita sana Pireezidantiin Naannichaa Obbo Shimallis Abdiisaa, waggoottan shanan darbanitti gaaffiiwwan misoomaa uummata naannichaan ka'aa turan qabatamaan deebii argataniiru jedhan. Keessattuu bara baajataa xumurame keessa dameewwan hundaan bu'aawwan milkaa'oon galmeeffamuu isaanii ibsuun; adeemsa kanaan hoggansi nageenya naannichaa mirkaneessuu dhaan, misoomni hawaasummaa fi dinagdee akka ariifatu taasiseera jedhaniiru. Baajata mootummaa fi hirmaannaa uummataa qindeessuudhaan gaaffii misoomaa uummataa deebisuuf carraaqqiin taasifame bu'a qabeessa akka turees kaasaniiru. Kanaanis, hoggansi naannichaa injifannoowwan argaman cimsanii itti fuufsiisuuf tooftaawwan dandeessisan sakatta'uu fi hanqinoota mul'atan adda baasuun hojiiwwan itti aananiif qophaa'uu akka qaban ibsaniiru. Bara baajataa itti aanuttis poteenshaala jiruu fi fedhii misoomaa naannicha jiruun kan walsimu karoora hiixataa qopheessuun,filannoowwan jiran hundatti guutummaatti fayyadamuun akka barbaachisu ibsaniiru. Keessattuu badhaadhina maatii mirkaneessuuf qusannaa irratti xiyyeeffannoon hojjechuun kan qaban yoo ta'u; yaa'insa investimantii ariifachiisuuf godinaalee ,Aanaalee fi magaalota keessa haalawwan mijatoo jiran sakatta'uu fi hojii irra oolchuun akka qaban hubachiisaniiru. Dabalataanis, dandeettii fi gahumsa hoggansa ganda irraa kaasee hanga naannootti jiru gamaggamaan sakatta'uun, bu'aawwan murtaa'a argamaniin osoo hin dagatiin ammas dandeettii guutuun socho'uun akka barbaachisu dubataniiru. Itti gaafatamaan Waajjira Paartii Badhaadhinaa damee Naannoo Oromiyaa Obbo Kafyaalawu Tafarraa gama isaaniitiin, bara baajataa kanatti riifoormii siyaasaa, hawaasummaa fi dinagdee gara qabatamaatti jijjiiruu keessatti injifannoowwan abdii namatti horan galmeeffamuu ibsaniiru. Bara baajataa xumurame qofa keessatti pirojeektonni gara kuma 21 ta'an ijaaramanii tajaajila uummataaf akka oolan taasifamuu kaasanii; kunis raawwii karoora waggichaa bu'a qabeessa kan taasise yoo ta'u, raawwiinsaa guutuu Godinaalee fi magaalotaatti wal-fakkaataa ta'uu dhabuu isaa eeraniiru. Filannoo biyyaalessaa torbaffaa irratti uummatni ba’ee hirmaachuun fedhii jabaa dimokiraasiif qabu kan agarsiise fi injifannoon siyaasaa guddaan kan galmeeffame ta’uu kan eeran hoggantoonni kun; bara baajataa haaraa qabame kanatti hoggansi guutummaa dandeettii fi kutannoon socho'uu akka qabu dhaamaniiru.    
Magaalaan Finfinnee Ijaarsa Seenessa Waloo Cimsuun gidduu-gala nageenyaa fi misoomaa ta'aa jirti
Jul 12, 2026 1205
Adoolessa 5 / 2018 (ENA): Magaalaan Finfinnee ijaarsa seenessa waloo fi tokkummaa cimsuudhaan gidduu-gala nageenyaa fi misoomaa ta'aa dhufuushee Kantiibaan Magaalaa Finfinnee Adaanech Abeebee ibsan. Manni Maree Magaalaa Finfinnee yaa'ii idilee 4ffaa bara hojii 5ffaa isaa galma yaa'ii mana marichaa Giddu-gala Yaadannoo Injifannoo Adwaatti gaggeessaa jira. Kantiibaan Magaalaa Finfinnee Adaanech Abeebee yaa'ii idilee mana marichaa kana irratti gabaasa raawwii hojii waggaa kan bara baajataa 2018 Bulchiinsa Magaalichaa dhiyeessaa jiru. Kantiibaa Adaanech Abeebee gabaasa isaaniitiin; Finfinnee akka maqaa ishiitti miidhagsuuf waadaa gallerratti hundaa'uun, waggoottan shanan darban keessatti jijjiiramoota bu'uuraa fi hundee-qabeessa ta'an hedduu raawwachuu dandeenyee jirra jedhaniiru. Dabalataanis, ilaalchota boodatti hafoo fi rakkoolee hundee gadi fageeffatanirratti, jabeenyaan qabsaa’uun, Finfinnee siyaasa faayidaa hin qabne wal-dhiibuu fi wal-harkisuurraa walaba kan taate, gidduu-gala nageenyaa fi misoomaa gochuun akka danda'ame dubbataniiru. Akka fakkeenyaattis, Gidduu-gala Yaadannoo Injifannoo Adwaa ijaaruudhaan, bu'uura seenessa waloo fi walitti qabaa ta'e ijaaruu dandeessisu ta’uusaa akka ragaatti hubachiisaniiru. Finfinneetti nageenyi fulla'aan akka mirkanaa'u, miidhagduu, magariisaa fi qulqulluu gochuun, fakkeenya badhaadhina Itiyoophiyaa akka taatuuf bu'uuraaleen dandeessisan lafa qabachaa jiraachuu ibsaniiru. Magaalattii jijjiiruudhaan, magaalittiin Afriikaa keessaa magaalota qulqulluu kudhan keessaa tokko ta'uun beekamtii idil-addunyaa argachuu ishee kaasaniiru. Uwwisni Magariisummaa Magaalattii dhibbeentaa 2tuqaa8 irra ture gara dhibbeentaa 24tti ol guddachuun isaas ragaa jijjiirama bu'uuraa kan biroo ta'uusaa eeraniiru. Daandileen Finfinnee bal'aa, dukkana magaalittii dura ture ifaatti jijjiiramuu kan ibsan kantiiba Adaanech; kunis dandeettii Magaalittiin yaa'iiwwanii fi daawwattootaa hedduu keessumsiisuuf qabdu akka dabale ibsaniiru. Giddu-gala dippilomaasii ta'uunshees caalaatti cimee, Itiyoophiyaanota qofa osoo hin taane, Afriikaanotni hundi 'Magaalaa guddoo keenya' jedhanii kan waamanii fi hunda keenyaa kan boonsu ta'uu ishee ibsaniiru.
Mariin biyyaalessaa rakkoolee hidda gad-fageeffatan karaa qaroomeen furuun ijaarsa biyyaa cimaa fi waliigaltee biyyaalessaaf boqonnaa guddaa kan banudha
Jul 11, 2026 1366
Adoolessa 4/2018(ENA)- Mariin biyyaalessaa rakkoolee hidda gad-fageeffatan karaa qaroomeen furuun ijaarsa biyyaa cimaa fi waliigaltee biyyaalessaaf boqonnaa guddaa kan banu ta’uusaa hayyoonni ibsan. Yaa’iin seena qabeessi adeemsa marii biyyaalessaa Itiyoophiyaa waggootaaf gaggeeffamaa ture eegalamuuf guyyoota muraasatu hafe. Yaa’ii murteessaa Adoolessa 8 bara 2018 wiirtuu konveenshinii idil addunyaa Addisitti eegalamurratti mari’achuuf mari’attoonni guutuu biyyaarraa walitti dhufan kuma 4 Finfinnee dhufaniiru. Komishinichi adeemsa marichaa ilaalchisuun yaadannoo injifannoo Adwaatti mari’attootaaf ibsa mariin duraa gochaa jira. Barsiiftonnii fi barattoonni dhaabbilee barnootaa olaanoo ENA’f yaada kennan akka jedhanitti, mariin biyyaalessaa kun rakkoo jiran mariin furuun nagaa fi tokkummaa biyyaa ni cimsa. Kanneen keessaa piroofeesar Alamaayyoo Gabramaaram akka ibsanitti, Itiyoophiyaan komishinii marii hundeessitee marii qabatamaatti seenuuf murteessuunshee tarkaanfii guddaadha. Adeemsi kun nageenya waaraa Itiyoophiyaa mirkaneessuuf shoora olaanaa akka qabaatu beeksisaniiru. Komishinichi aanaarraa eegalee kutaalee hawaasaa garagaraa mari’achiisuudhaan ajandaawwan ijoo saddet adda baasuunsaa bu’a qabeessummaa marichaaf gumaacha olaanaa akka qabaatu piroofeesar Alamaayyoon eeraniiru. Ajandaawwan filataman kunneen Itiyoophiyaanonni ijaarsaa fi misooma biyyaalessaa waloo irratti xiyyeeffatanii akka hojjetan haala akka mijeessuuf dabalanii eeraniiru. Adeemsi marichaa komishinii seeraa fi labsiidhaan hundeeffameen kan durfamuu fi walii galtee biyyaalessaa fulla’aa uumuuf kan kaayyeffate waan ta’eef, Afriikaa fi Addunyaan muuxannoo irraa fudhachuu kan danda’u hojii fakkeenyummaa qabu ta’uu hayyuun kun ibsaniiru. Adeemsi qaroomaan kun Itiyoophiyaanonni rakkoosaanii ofiisaanii furuu akka danda’an waltajjii addunyaarratti kan itti agarsiisan akka ta’u ibsaniiru. Yunivarsiitii Paabiliik Sarviisii Itiyoophiyaatti barsiisaan kutaa barnootaa bulchiinsaa fi hoggansaa Dr. Ujuluu Ukook gamasaaniin, mariin biyyaalessaa kun garaagarummaa mariidhaan furuun nageenya waaraa buusuuf qooda guddaa akka bahu dubbataniiru. Mariin kun lammiileen dhimmoota biyyaalessaa ijoorratti mari’achuudhaan waldhabdeen akka furamanii fi misooma waloorratti dammaqinaan akka hirmaatan carraa akka uumu amantaa qaban ibsaniiru. Haala wal fakkaatuun Yunivarsiitichatti barsiisaa fi qorataan komunikeeshinii misoomawaa fi qorannoo miidiyaa Dr. Zallaqaa Tashoomaa, mariin biyyaalessaa kun Itiyoophiyaa badhaatuu tokkummaanshee cimaa ta’ee fi nageenyi waaraan keessatti ciime uumuuf kan kaa’amu bu’ura cimaa ta’uusaa ibsaniiru. Milkaa’ina carraa seena qabeessa kanaaf kutaan hawaasaa hundi hirmaannaa fi tattaaffiisaa cimsuu akka qabu hubachiisaniiru.
Mariin Biyyaalessaa ijaarsa sabaa cimaa fi tokkummaa waaraaf bu’uura kaa’aa jira
Jul 10, 2026 1972
Adoolessa 3/2018 (ENA): Mariin biyyaalessaa kun ijaarsa biyyaa cimaa fi tokkummaa waaraaf bu’uura kaa’aa akka jiru pirezidaantonnii fi hoggantoonni dhaabbilee barnoota olaanoo ibsaniiru. Komishiniin marii biyyaalessaa Itiyoophiyaa hundeeffamee waggoota darbaniif ajandaa walitti qabuu fi hirmaattota adda baasuu irratti hojii bal’aa hojjechaa tureera. Komishinichi konfiraansii biyyaalessaa guddicha Adoolessa 8, 2018 irraa eegalee gaggeeffamuuf ajandaawwan gurguddoo saddeet ifoomseera. Ijaarsa biyyaa, gurmaa’ina mootummaa fi caasaa, sirna siyaasaa, bakka bu’ummaa siyaasaa fi sirna filannoo, dhimmi magaalota federaalaa Finfinnee fi Dirree Dhawaa fi dhimmoonni amantaa ajandaalee keessaa kanneen eeramanidha. Ijaarsa dhaabbilee, olaantummaa seeraa fi mirga namoomaa, dhimma hawaasummaa, diinagdee, fi qonnaan bultootaa fi horsiisee bultootaa, malaammaltummaa fi bulchiinsa gaarii, akkasumas dhimmoonni ijaarsa nageenyaa konfiraansii guddicha irratti mariidhaaf ajandaa ta’aniiru. Itti aanaan Daarektarri Olaanaa Inistiitiyuutii Leenjii Tuurizimii Federaalaa Yittaassab Siyyum Itiyoophiyaan biyya ijaarsa mootummaa bara dheeraa qabdu ta’uu hubachiisaniiru. Haa ta’u malee, adeemsa seenaa keessatti wal faallessuun siyaasaa, hawaasummaa, diinagdee mudate sababa walitti bu’iinsaa fi waliigaltee dhabuu adda addaa ta’eera jedhan. Walitti dhufeenya waliinii cimaa fi duudhaalee aadaa guddatan fayyadamuun rakkoon kamiyyuu minjaala irratti mari’achuun furmaata argachuu akka danda’u ibsaniiru. Adeemsi marii kanaaf eegalame waliigaltee biyyaalessaa fi nageenyi waaraa mirkaneessuuf gumaacha guddaa akka qabus hubachiisaniiru. Pireezidaantiin Yuunivarsiitii Samaraa Dr. Mahaammad Usmaan Itiyoophiyaa keessatti rakkoon jaarraa hedduuf deemaa turee fi marii barbaadu hedduun akka jiran hubachiisaniiru. Tokkummaa fi birmadummaa biyyattiif dandeettiin garaagarummaa jiru waliigalteedhaan furuu danda’uun iddoo guddaa qaba jedhaniiru. Adeemsi marii biyyaalessaa kun itti fufiinsa adeemsa ijaarsa biyyaa fi ce’umsa dhalootaa fayya qabeessa ta’eef murteessaa ta’uus dubbataniiru. Kanaaf, mariin amma taasifamaa jiru ce’umsa dhalootaa milkaa’aa ta’eef akkasumas aadaa marii fi nageenya dhaloota egeree dagaagsuuf gumaacha kan taasisu ta’uu ibsaniiru. Mariin biyyoolessaa kun tokkummaa biyyaa fi ijaarsa biyyaa cimaaf bu’uura kaa’aa akka jiru Pireezidaantiin Yuunivarsiitii Dabaarqi Doktar Asmamaawu Zagayyee himaniiru. Mariin kun rakkoo yeroo ammaa furuu qofa osoo hin taane biyya tasgabbaa'aa fi badhaate dhaloota dhufuuf dabarsee kennuuf kan gargaaru ta'uu ibsaniiru. Adeemsa marii kanarratti dhaabbileen barnootaa dammaqinaan hirmaachaa turuu isaanii ibsuun, kun cimee itti fufuu qaba jedhan. #Ena Afaan Oromoo #TOI
Gareen Hidhataa TPLF daa'immaniifi dargaggoota humnaan butuunsaa, fudhatama dhabuu garichaa agarsiisa- Ogeeyyii Miidiyaa
Jul 8, 2026 2869
‎Adooleessa 1/2018(ENA): ‎Gochoonni ukkaamsuu fi humnaan daa'immanii fi dargaggoota butuu garee seeraan alaa TPLF’n raawwatamaa jiru murnichi guutummaan guutuutti fudhatama dhabuu isaa agarsiisa jechuun Rogeeyyii fi Ogeeyyiin miidiyaa ibsan. ‎ ‎Naannoo Tigraay keessatti faayidaa dhuunfaa isaanii milkeessuuf uummata irratti gochoonni ukkaamsuu fi humnaan butuu bal'inaan itti fufaniiru jedhan Rogeeyyiin kunneen. ‎ ‎Gochoonni kunneen uummata biratti mormii cimaa akka kaasan eeruun, hawaasni naannichaas gareewwan kanneeniif deeggarsa duraan kennaa ture guutummaatti dhaabuusaa ibsaniiru. ‎ ‎Gaazexeessaan Awuraambaa Taayims Daawwit Kabbadaa, qaamoleen gocha kana raawwataa jiran daldala warqee fi albuudaa waliin walqabatee faayidaa dhuunfaa hedduu akka qaban dubbateera. ‎ ‎Faayidaa isaanii eegsisuuf jecha buqqaatota deebisuuf hojjechaa jirra jedhanii akka haguuggiitti fayyadamaa jiru jedheera. ‎ ‎"Isaan yaroo tokkoof waa'ee uummataa yaadu jedhee hin amanu" kan jedhe Daawwit Kabbadaan, sochiin yeroo ammaa taasisaa jiran hawaasa biratti fudhatama dhabuu ibseera. ‎ ‎Sababa kanaanis dargaggoota humnaan butuun gara leenjii waraanaatti galchuu jalqabuu isaanii eeruun, konkolaattota geejjibaa uummataa illee dhaabsisuun dargaggoota ittiin deemsisaa jiraachuu ibseera. ‎ ‎Gaazexeessituun Heermoon Fiqaaduu gamasheetiin, hoggantoota TPLF fi humnoota gocha badii kana raawwataa jiran cimsitee balaaleffatteetti. ‎ ‎Bara ammaa keessatti fedhii isaaniifi pirooppaagaandaa sobaa milkeessuuf jecha, gochoota ukkaamsuu fi humnaan dargaggoota butuun fudhatama kan hin qabneefi baay'ee gaddisiisaa ta'uu ibsiteetti. ‎ ‎Itti gaafatamaa Hariiroo Hawaasaa Paartii Tinsa'ee kan ta’an Indartaa Abrahaam Tsiggee, gareen kun dogoggora yeroo darbe irraa barachuu dadhabuu isaa ibsaniiru. ‎ ‎Uummanni "kan darbe nu gaheera, dogoggora keessa deebinee hin seennu" jechuun garichaaf fudhatama guutummaatti dhaabuu isaa agarsiiseera jadhaniru. #Ena Afaan Oromoo #TOI #Ena

Hawaasummaa
Bara bajataa xumurame sagantaa barnoonni dhalootaaf naannoo Harariitti hojjetameen hojiin bu’a qabeessi raawwatameera
Jul 13, 2026 89
Adoolessa 6/2018 (ENA): Bara bajataa xumurame sagantaa barnoonni dhalootaaf naannoo Harariitti hojjetameen hojiin bu’a qabeessi raawwatamuusaa biiroon barnootaa naannichaa ibse. Ministirri muummee Dr. Abiyyi Ahimad wal gahii idilee 30ffaa bara hojii wagga 5ffaa mana maree bakka bu’oota ummataa irratti raawwii mootummaa bara bajataa 2018 ilaalchisuun gaaffilee miseensota mana mareerraa gaafatamaniif deebii fi ibsa kennaniin, hojiilee damee barnootaan hojjetamaniin jijjiiramni dhufaa jiraachuu ibsaniiru. Barnoonni jalqabarraa bu’urri yoo hin jabaanne kan gubbaa bu’a qabeessa akka hin taane kan eeran ministirri muummee, oolmaa daa’immanii babal’isuuf xiyyeeffannoo addaa kennameen oolmaa daa’immanii kuma 35 ijaaramuu eeraniiru. Itti aanaan hogganaa biiroo barnootaa naannoo Hararii obbo Arsalaan Abdii dhimma kanarratti yaada kennaniin, naannoo Harariitti bara bajataa xumurame sagantaa barnoonni dhalootaaf naannichatti hojjetameen hojiin bu’a qabeessi raawwatameera. Hojii qindaa’aa sosochii ummataa fi ogeeyyota barnootaan hojjetameen qulqullina barnootaa mirkaneessuuf hirmaannaa dabaluu fi qabxii barattootaa gama fooyyessuutiin hojiin fooyyee qabu hojjetamuu eeraniiru. Keessumaa bara bajatichaa hojii mana barumsaa idileen duraarratti hojjetameen maneen barnootaa sadarkaa tokkoffaa magaalaa fi baadiyyaatti argaman keessatti barnoota idileen duraa kennuun akka danda’ame ibsaniiru. Barattoota barnoota idileen duraa fi amma kutaa afuriitti jiran hunda keessatti sagantaan nyaataa gaggeeffamuu beeksisaniiru. Bara barnootaa 2019tti barattoonni kuma 20 ol barnoota mana barumsaa idileen duraa akka hirmaatan karoorri qabamuu ibsuun, kanaafis godinaalee baadiyyaa naannichaa keessatti manneen barnootaa barnoota idileen duraa haaraa 6 ijaaramaa jiraachuu himani. Hojiileen sagantaa “Barnoota Dhalootaaf” jedhuun naannichatti hojjetamaa jiran sadarkaa manneen barnootaa fooyyessuu qofa osoo hin taane, barattoonni barnoota isaanii sirnaan akka hirmaatan gochuudhaan qulqullina barnootaa mirkaneessuuf gumaacha olaanaa taasisaa akka jiran ibsaniiru. Bara baajataa darbe keessa hojiin birrii miiliyoona 38tti tilmaamamu gama maallaqaa, gosaafi beekumsaan hojjetamuusaa ibsuun, akkasumas hojiiwwan misoomaa birrii miiliyoona 42 ol ta’u waqtii Gannaa bara kanaa keessatti akka hojjetamu beeksisaniiru. Hojiileen bal’aa damee barnootaa naannichatti hojjetaman bara barnootaa kana keessatti cimanii kan itti fufan ta’uus itti aanaan hogganaa Biiroo kun mirkaneessaniiru. #Ena Afaan Oromoo #TOI #Ena#
Qulqullinaa fi dhaqqabummaa barnootaa Afrikaa fooyyessuuf ijaarsi dandeettii dijitaalaa barbaachisaadha - Gamtaa Afrikaa
Jul 13, 2026 120
Adoolessa 6/2018 (ENA): Gamtaan Afrikaa sirna dijitaalaa qulqullinaa fi dhaqqabummaa barnootaa Afrikaa fooyyessuu danda’u ijaaruun barbaachisaa ta’uu ibseera. Ekspoon Kalaqa Barnoota Afrikaa 2026 Waajjira Muummee Gamtaa Afrikaatti gaggeeffamaa jira. Ekspoon guyyoota lamaaf turu kun mata duree "Jijjiirama Dijiitaalaa Barnootaa fi Furmaata Kalaqaa Guddisuu" jedhuun, kalaqxoota, dhaabbilee qorannoo fi qooda fudhattoota walitti fide gaggeeffameera. Gamtaa Afrikaatti Komishinarri barnoota, Saayinsii, Teeknooloojii fi Innooveeshinii Piroofeesar Gaaspardi Baaniyan Kimbiinaa yeroo kanatti akka dubbatanitti, Afrikaan humna hojjetaa ogummaa qabu damee ogummaa adda addaa irratti ijaaruu qabdi jedhani. Kanaafis waadaa siyaasaa Gamtaan Afrikaan galame waliin walsimsiisuun Afrikaanonni addunyaa jijjiiramaa jirtu keessatti beekumsaa fi dandeettii dhaloota isaanii guddisuuf ciminaan hojjechuu akka qaban ibsaniiru. Afrikaatti sirna barnoota dijitaalaa hunda hammate hundeessuun qulqullina barnootaa mirkaneessuun, galtee barnootaa dijitaalaa dhiyeessuu irrattis caalaatti hojjechuun barbaachisaa ta’uu dubbataniiru. Itti dabaluunis, barnoota dhala namaatiif dhaqqabamaa taasisuu fi dandeettii teeknooloojii barsiisotaa guddisuun barnoota jijjiiruuf furtuudha jedhan. Dandeettii dhaabbilee qorannoo guddisuunis xiyyeeffannoo biyyootaa ta’uu akka qabu hubachiisaniiru. Gamtaan Afrikaa barnoota ardii kana ammayyeessuuf qooda fudhattoota waliin hojii isaa cimsuus mirkaneessaniiru. #Ena Afaan Oromoo #TOI #Ena#  
Lammiileen Itiyoophiyaa 1,971 Sa'udii Arabiyaatti dhiifamni godhameef balalii walduraa duubaan gara biyyaatti deebifamaa jiru
Jul 13, 2026 194
Adoolessa 6/2018 (ENA): Lammiileen Itiyoophiyaa dhiifama mootii aangawoonni Sa’uudii biyya isaaniif kennan fayyadamoo ta’an 1,971 balalii walduraa duubaan gara biyyaatti deebisuu Ministeerri Dhimma Alaa beeksise. Ministeerri Dhimma Alaa haala Itiyoophiyaanota Sa’uudii Arabiyaa keessattuu kanneen murtii seeraa fi murtii mana murtii irratti murteeffame irratti qaamolee dhimmi ilaallatu Sa’uudii waliin walitti dhiyeenyaan hojjechaa jiraachuu ibseera. Ministeerri kun lammiilee Itiyoophiyaa Sa’uudii Arabiyaa keessatti haala rakkisaa keessa jiran ilaalchisee ibsa kenneera. Barreeffamni ibsichaa guutuun akka armaan gadiitti dhiyaateera: Ministeera Dhimma Alaa Rippabiliika Dimookiraatawaa Federaalaa Itiyoophiyaa; Haala lammiilee Itiyoophiyaa Saawud Arabiyaatti, keessumattuu dhimmoota adeemsa seeraa fi murtii abbaa seerummaa waliin walqabatan irratti aangawoota Saawud Arabiyaa dhimmi ilaallatu waliin walitti dhiyeenyaan hojjechuu itti fufee jira. Mootummaan Itiyoophiyaa nageenya, tasgabbii fi deeggarsa qoonsilaa lammiilee isaa biyya alaa jiraataniif iddoo guddaa kenna. Mootummaan karaa hoggansa olaanaa isaatiinis dhimma lammiilee Sa’uudii Arabiyaa keessatti haala rakkisaa keessa jiran irratti aanga’oota biyyattii waliin marii walduraa duubaan gaggeessee jira. Akkasumas, karaa Imbaasii Itiyoophiyaa Riyaad jiruu fi Qoonsilaa Jeneraalaa Jiddaatti argamuun, lammiilee Itiyoophiyaa haala rakkisaa keessa jiraniif araara namoomaa gaafachuu, deeggarsa qoonsilaa kennuu fi furmaata barbaachisaa ta’e barbaaduuf aanga’oota Sa’uudii dhimmi ilaallatu waliin taasifamu cimsee jira. Tattaaffiin dippilomaasii fi qoonsilaa itti fufee jiru kun bu’aa namoomaa gaarii argamsiiseera. Hanga har’aatti lammiileen Itiyoophiyaa 1,971 dhiifama mootii aanga’oonni Sa’uudii kennan irraa fayyadamoo ta’aniiru; mootummaan Itiyoophiyaa balalii idileetiin lammiilee kana gara biyya isaaniitti deebisaa jira. Adeemsi kun tumsaa fi hariiroo biyyoota lamaanii yeroo dheeraaf dhimma qoonsilaa fi namoomaa irratti mul’ate kan calaqqisiisu ta’uu Ministeerichi ni hubata. Ministeerri Dhimma Alaa filannoowwan dippilomaasii fi qoonsilaa jiran hunda fayyadamuun dantaa, mirgaa fi nageenya lammiilee Itiyoophiyaa biyya alaa jiraatan kabachiisuuf kan itti fufu yoo ta’u, dhimmoota lammiilee isaa ilaallatan hafan irrattis qaamota dhimmi ilaallatu mootummaa Sa’uudii Arabiyaa waliin hariiroo qabu cimsuu itti fufa. Adoolessa , 2018 Ministeera Dhimma Alaa Rippabiliika Dimookiraatawaa Federaalaa Itiyoophiyaa #Ena Afaan Oromoo #TOI #Ena#
Diinagdee
Naannoo Oromiyaatti hojiiwwan damee Qonnaa guddisuuf hojjetaman bu’aa gaarii argamsiisaniiru
Jul 13, 2026 131
Adoolessa 6/2018 (ENA): Naannoo Oromiyaatti bara baajataa kanatti hojiiwwan damee Qonnaa keessatti hojiirra oolan bu'aa argamsiisuu isaanii Komishinarri Komishinii karooraafi Misooma Naannichaa Dr. Abdii Yaayyuu ibsan. Gamaggamni raawwii hojii damee dinagdee bara baajataa 2018 Mootummaa fi paartii naannichaa gaggeeffamaa jira. Waltajjicharratti gabaasa kan dhiheessan Komishinarri karooraa fi Misooma Naannichaa Dr. Abdii Yaayyuu akka jedhanitti; naannichatti oomishtummaa sektera qonnaa guddisuuf tekinoolojiiwwan qonnaa hojiirra oolanii fi deeggarsa hunda-galeessa taasifaman bu’aa guddaa argamsiisaniiru. Kanaafis ragaa kan ta'u, magaalotaa fi baadiyyaa keessatti horsiisni saawwan Aannanii karaa ammayyaa’aatiin hojiirra ooluusaa fi Lukkuun sanyiin filataman qonnaan bultootaaf raabsamuu isaanii dubbataniiru. Kana malees, damee horsiisa qurxummiitiin cuuciin qurxummii miiliyoona 1tuqaa 9 ol ta'an qonnaan bultootaa fi horsiisee bultootaaf raabsamuun gara kuusawwan (harawwan) horsiisaatti akka galan ibsaniiru. Oomishtummaa midhaanii qonnaan bultootaa guddisuun wabii nyaataa mirkaneessuu fi dhiheenyaatti walitti hidhamiinsa gabaa akka argataniif wiirtuuleen gabaa mijatoon ijaarramuu isaanii komishinarichi eeraniiru. Kunis fayyadamummaa dinagdee qonnaan bultootaa guddisuu bira darbee, carraa hojii uumuu fi qaala'iinsa jireenyaa dandamachuuf gargaarsa guddaa taasisuusaa ibsaniiru. Rakkoo hojii dhabdummaa naannicha keessatti mul'atu furuuf tattaaffii bal'aa taasifameen, bara baajataa kanatti lammiilee miiliyoona 2tuqaa 7 ol ta'aniif carraan hojii haaraan uumamuun danda'eera jedhan. Misooma hunda-galeessa naannichaa dandeettii ofiitiin uwwisuuf yaalii walitti qabinsa galii keessaa guddisuuf taassifameenis galiin fooyya’aan walitti qabamuun danda'amuun ibsameera.   Bara baajataa kanatti investimantii babal’isuuf carraaqqii qindoominaa taasifameen abbootii qabeenyaa haaraan misoomsan kuma13fi147 hawwachuu akka danda'an dubbataniiru. Dhaqqabamummaa tajaajila hawaasummaa uummataa mirkaneessuuf yaalii taasifameenis Sekteroota Barnootaa, Fayyaa, Bishaan dhugaatii qulqulluu fi misooma daanditiin raawwiin baay'ee fooyya'aanii fi jajjabeessaan galmeeffamuu isaa kaasaniiru. Gamaggamni Raawwii hojii mootummaa fi paartii Magaalaa Adaamaa Galma Abbaa Gadaatti gaggeeffamaa jiru kun guyyoota dhufanittis kan ittifufu ta'uu sagantaa bahe irraa beekuun danda'ameera.
Misoomni qabeenya beelladaa Itiyoophiyaa fayyadama qonnaan bulaa fi horsiisee bulaa fooyyassuudhaan bu’aa agarsiisaa jira
Jul 13, 2026 91
Adoolessa 6/2018 (ENA)- Misoomni qabeenya beelladaa Itiyoophiyaa fayyadama qonnaan bulaa fi horsiisee bulaa fooyyassuudhaan bu’aa agarsiisaa jiraachuu de’eetaan ministira qonnaa Dr. Fiqruu Raggaasaa ibsan. Yaa’iin ministeerri qonnaa gamtaa Afriikaatti biiroo qabeenya beelladaa guutuu Afriikaa waliin ta’uun qopheesse Finfinneetti gaggeeffamaa jira. De’eetaan ministira qonnaa Dr. Fiqruu Raggaasaa wayita kana akka jedhanitti, foramichi misooma beelladaa Afriikaa keessatti gabbisuudhaan kallattii imaammataa jijjiirama haala qilleensaa damdamachuu danda’u, horsiisee bultoonni gabaa fooyya’aa akka argatanii fi fayyadama biyyootaa guddisuuf kaa’uuf kan akeekamedha. Itiyoophiyaan misooma qabeenya beelladaa guddisuudhaaf tarkaanfiiwwan fayyadama qonnaan bulaa fi horsiisee bulaa mirkaneessan fudhachuudhaan hojjechaa akka jirtu ibsaniiru. Akka Kanaan hanqina bishaanii fi nyaata beelladaa qonnaan bulaa fi horsiisee bulaa mudatan fulla’insaan kan furan akkasumas dhaabbilee beelladni itti waldhaanaman babal’ifamaa akka jiran eeraniiru. Gamtaa Afriikaatti daarektarri biiroo qqabeenya beelladaa Dr. Huyaam Saaliih Afriikaan qabeenya beellada addunyaa keessatti qooda guddaa qabaattus, sona kanarraa kan isheen argattu baay’ee xiqqaadha. Fuulduras qabeenya beelladaa Afriikaa misoomsuudhaan fayyadama qonnaan bulaa fi horsiisee bulaa fooyyessuuf gama hundaanuu filmaattota invastimantii jiran bal’isuun akka barbaachisu ibsaniiru. See less
Waggoota jijjiiramaa darban keessa Dabra Maarqos dabalatee buufatni xiyyaaraa biyya keessaa shan ijaaramanii tajaajila jalqabaniiru
Jul 12, 2026 1037
Adoolesa 5/2018 (ENA): Waggoota jijjiiramaa darban keessa Dabra Maarqos dabalatee buufatni xiyyaaraa biyya keessaa shan ijaaramanii tajaajila eegaluu isaanii Daandiin Qilleensa Itiyoophiyaa beeksise. Ministirri Muummee Dr. Abiyyi Ahimad Buufata Xiyyaaraa Mootii Taklahayimaanot Dabra Maarqos eebbisuun hojii eegalchiisaniiru. Hoji-geessisaan Ol'aanaan Daandii Qilleensa Itiyoophiyaa Masfin Xaasawu sirna kanarratti; daandiin qilleensichaa bu'uura misoomaa guddaa kana ijaaree magaalaa Dabra Maarqosii fi jiraattota naannichaatiif tajaajila geejjiba qilleensaa amansiisaa dhiyeessuu isaa ibsaniiru. Hoji-geessisaan Ol'aanaan kun akka ibsanitti, Daandiin Qilleensa Itiyoophiyaa magaalaa Dabra Maarqosiif tajaajila balallii kennuu kan eegale waggoota 50 dura ture. Ta'us, daandiin qilleensichaa xiyyaarota "DC-6" tajaajilaan ala yeroo taasisutti, balalliin sun waggoota dheeraaf addaan citee turuu isaa ibsaniiru. Sababiin guddaan balalliin sun addaan citeef, xiyyaarotni daandiin qilleensichaa balallii biyya keessaatiif ramade gurguddoo ta'uu isaanii fi buufatni xiyyaaraa Dabra Maarqos yeroo sana ture xiyyaarota sana keessummeessuuf dandeettii dhabuu isaan akka ture ibsaniiru.   Sababa kanaanis, uummanni naannichaa gara Finfinneetti imaluu yeroo barbaadutti, sulula laga Abbayyaa kan nuffisiisaa ta'e qaxxaamuree kiiloo meetra 300 konkolaataadhaan imaluun filannoo tokkicha ta'ee turuu isaa yaadachiisaniiru. Yeroo dhihoo asittis rakkoolee daandii irratti darbee darbee mudatan jalaa ba'uuf, jiraattonni konkolaataadhaan gara Baahir Daaritti imaluun, karaa sanaan xiyyaaraan gara Finfinneetti imaluuf dirqamaa akka turan eeraniiru. Hojii jalqabuun buufata xiyyaaraa gaaffii seenaa uummataa deebise kun, uummanni gara Finfinnee ykn Baahir Daaritti sa'aatii tokkoo gadi keessatti geejjiba qilleensaa nageenyisaa eegamee fi mijataa ta’een imaluuf kan dandeessisudha jedhaniiru.  
Viidiyoo
Saayinsii fi teeknooloojii
Itiyoophiyaan dandeettii hojmaataa fi teeknooloojii nageenya saayibarii eegsisuu dandeessisu horatteetti
Jul 11, 2026 1122
Adoolessa 4/2018 (ENA)- Itiyoophiyaan dandeettii seeraa, hojmaataa fi teeknooloojii nageenya saayibarii eegsisuu dandeessisu horachuushee bulchiinsi nageenya neetwoorkii odeeffannoo ibse. Foramiin nageenya odeeffannoo paarlaamaa idil addunyaa kaleessa Adoolessa 3 bara 2018 irraa eegalee guyyoota lamaaf galma wal gahii mana maree bakka bu’oota ummataatti gaggeeffamaa ture xumurameera. Itti fayyadamni hubannoo nam-tolchee , nageenyi saayibarii, eegumsi bu’uraalee misoomaa ijoo, namoota seeraan ala deddeebisuu fi dhimmoota akka addunyaatti yaaddoo ta’an irratti waltajjii kanaan bal’inaan mari’atameera. Itti aanaan daarektara bulchiinsa nageenya neetwoorkii odeeffannoo Daani’eel Guutaa wayita kana akka jedhanitti, yaaddoowwan nageenya Saayibarii daangaa kan cehan waan ta’eef yaaddoo qolachuuf seerota idil addunyaa wal simsiisuu fi hojiin qindoominaa murteessaadha. Biyyoonni nageenya saayibarii eegsisuu fi haleellaawwan aggaamaman seera wal siman qabaachuu akka qaban kaasanii, Itiyoophiyaanis haala Kanaan hojjechaa akka jirtu ibsaniiru. Itiyoophiyaan nageenya saayibarii eegsisuu kan ishee dandeessisu dandeettii seeraa, hojmaataa fi teeknooloojii horatteetti. Foramiin kun Itiyoophiyaan waltajjiiwwan idil addunyaa qophheessuuf dandeettii qabdu agarsiisuu fi biyya beeksisuuf gumaacha kan taasisu ta’uu dubbataniiru. Miseensi mana maree bakka bu’oota ummataa Naayijeeriyaa fi foramichaa Dr. Agbadii Yeetiiyenee Fireedriik foramii Itiyoophiyaatti qophaa’erratti hirmaachuunsaanii biyyoota garagaraa irraa muuxannoo wal jijjiiruuf kan gargaaru ta’uu dubbataniiru. Inistiitiyuutii teeknooloojii industirii kaaliingaa Hinduutti argamutti daarektarri hariiroo idil addunyaa Dr. Vaaruun Sutraa gamasaaniin, Itiyoophiyaan foramii kana karaa ogummaatiin gaggeessuunshee kan dinqisiifamu ta’uu ibsaniiru.  
Naannoo Oromiyaatti Tajaajilli Wiirtuu Tokkoo 'Masoob' Wiirtuulee 53 Keessatti kennamaa jira
Jul 8, 2026 1426
Adoolessa 1/2018 (ENA): Naannoo Oromiyaatti bara baajataa 2018 keessa tajaajila wiirtuu tokkoo 'Masoob' gara wiirtuulee 53tti bal'isuun, hawaasaaf tajaajila si’ataan kennamaa jiraachuu Biroon Paablik Sarviisii fi Misooma Qabeenya Namaa Naannichaa beeksise. Tajaajilli wiirtuu tokkoo 'Masoob' rakkoolee kenniinsa tajaajila mootummaa Itiyoophiyaa keessa jiran haala waaraan hiikuuf gara hojiitti gale kun, yeroo ammaa naannolee hundatti babal'achaa jira. Tajaajilli Naannoo Oromiyaatti jalqabame kun naannichatti haalaan qaqqabamaa dhufuu isaa fi kenninsi tajaajilasaas si’ataa fi qulqulluu ta'uunsaa ibsameera. Itti-aanaan Hogganaa Biiroo Paablik Sarviisii fi Misooma Qabeenya Namaa Naannichaa obbo Daamxoo Gammachuu ENA’f akka ibsanitti, bara baajataa 2018tti tajaajilicha caalaatti qaqqabamaa gochuun hawaasaaf deebii si’ataa kennuuf hojiilee hedduun hojjetamaa jiru jedhani. Tekinooloojiin deggaramuun magaalota gurguddoo shan keessatti hojiin eegale kana bal'isuun, yeroo ammaa kanatti naannicha keessatti Godinaalee hundatti wiirtuuleen 53 banamanii tajaajila kennaa jiraachuu ibsaniiru. Qulqullina tajaajiloota wiirtuulee kanaan kennaman caalaatti fooyyessuuf xiyyeeffannoon hojjetamaa akka jiru eeraniiru. Tajaajila kanaan hawaasni yeroo gabaabaa keessatti dhimma barbaadu galmaan ga’achuu danda'eera; kunis lammiilee deddeebbiifi baasii hintaaneerraa oolchuu bira darbee, hojiilee misoomaa irratti akka xiyyeeffatan isaan dandeessiseera jedhaniiru. Hojmaatni kun naannichatti sektera tajaajilaa irratti fooyya'iinsa guddaa fidaa akka jiru eeranii, keessattuu tajaajilichi wiirtuu tokko keessatti kan gurmaa'e, si’ataa, mijataafi iftoomina kan qabu waan ta'eef, sochii investimentii haala gaariin kakasaa jiraachuu ibsaniiru. Tajaajila kanaan gammachuu hawaasaa dabaluun kan danda'ame yoo ta'u, hamma ammaatti miseensonni hawaasaa kumni 700 ol tajaajilichaarraa fayyadamoo ta'aniiru. Wiirtuuleen kun Godinaalee bira dabranii gara aanaaleettis qaqqabaa waan jiraniif, gara fuulduraatti aanaalee naannichaa hundatti tajaajilicha dhaqqabsiisuuf hojjetamaa jira. Dabalataanis, gara fuulduraatti hojmaata dijiitaalaayizeeshinii (digitalization) guutummaatti dhugoomsuun, hawaasni tajaajilicha bakka jirutti sarara qunnamtii (Online) kanaan akka argachuu danda'uuf xiyyeeffannoon kan hojjetamu ta'uu eeraniiru.    
Wiirtuun kenninsa Tajaajila iddoo tokkoo ‘Masoob’ Magaalaa Shaambuutti eebbifamuun hojii eegale
Jul 6, 2026 1521
Waxabajji 29/2018 (ENA): Godina Horroo Guduruu Wallaggaa Magaalaa Shaambuutti wiirtuu kenninsa tajaajila iddoo tokkoo ‘Masoob’ xumuramuun eebbifamee tajaajilaaaf banaa ta’uun ibsameera. Bulchaan Godina Horroo Guduruu Wallaggaa obbo Mirreessaa Fiixee sirna eebbaa kanarratti tajaajilli wiirtuu tokkoo ‘Masoob’ haqummaa fi amanamuummaa akkasumas walqixxummaan tajaajila si'ataa, qulqulluu uummanni Mootummaa irraa barbaadu kennuuf murteessaa ta'uu ibsaniiru. Mootummaan Inisheetiviiwwan fayyadamummaa uummataa mirkaneessan hojiirra oolchaa kan jiru yommuu ta'u, Inisheetiviin Tajaajila iddoo tokkotti karaa ammayyaa'aa ta'een hawaasatti siquun Tajaajila Walqixaa kennuu irrattis xiyyeeffannoon hojjetamaa jiraachuus himaniiru. Kantiibaan Magaalaa Shaambuu obbo Nagaroo Baanee ‘Masoob’ tajaajilli wiirtuu tokkoo kenninsa tajaajila ammayyeessuun rakkoolee bulchiinsa gaarii turan furuun amantaa uummanni mootummaarraa qabu kan dabalu ta'uu himaniiru. Masoob tajaajila wiirtuu tokkoon Tajaajiloota sekterootaa mootummaa fi dhaabbilee dhuunfaan hawaasaaf kennaman 90 foddaawwan 12'n tekinoloojiin deeggaruun kennamuu har’a eebbifamuun hojii eegale rakkoowwan ammaan dura turan akka furu ibsaniiru. Tajaajilli Wiirtuu tokkoo ‘Masoob’ hojii eegaluun deddeebii fi qisaasama yeroo hambisuun tajaajila qulqulluu fi ammayya'aa ta'e kan isaaniif kennu ta'uu jiraattootni Magaalaa Shaambuu sirna eebbaa kanarratti argaman himaniiru jechuun Waajjrri Komunikeeshinii Godina Horroo Guduruu gabaaseera.
Yuunivarsiitichi sanyii saawwan aannan fooyya’an horsiisuun qonnaan bulaa naannoosaatiif raabsaa jira
Jun 30, 2026 4472
Waxabajjii 23/2018 (ENA): Yuunivarsiitiin Amboo sanyii saawwan Aannan fooyya’an horsiisuun qonnaan bulaan naannichaa akka irraa fayyadamuuf deeggarsa gama isaatiin taasisaa jiraachuu beeksise. Yuunivarsiitii Amboo Kaampasii Gudar Maammoo Mazammiritti Itti Aanaan daarektara dhimmoota akkaadaamii Dr. Amaan Riqituu ENA’f akka ibsanitti, yuunivarsiitichi hojii baruu fi barsiisuu cinaatti, qorannoodhaan deeggaruun sanyii saawwan aannan fooyya’an horsiisee qonnaan bulaa naannoo sanaatiif akka qaqqaban taasisaa jira jedhan. Yuunivarsiitichi Aanaa Tokkee Kuttaayee waliin qindoomuun, kutaalee hawaasaa deeggarsi isaaniif malu adda baasuun, haala saawwan aannan fooya’aa kunneen itti dhiyaatan mijeessuun deeggarsa akka taasisan dubbataniiru. Kunis galii qonnaan bultootaa dabaluu bira darbee, naannichatti dhiyeessiin aannanii fi bu’aalee aannanii bal’inaan gabaadhaf akka dhiyaatu gochuu keessatti gahee guddaa taphachaa akka jiru ibsaniiru. Yuunivarsiitichi bara 2015 irraa eegalee hanga ammaatti saawwan aannan sanyiin isaanii fooyya’e 15 qonnaan bultoota naannoo sanatiif kennuu isaa dubbataniiru. Gama biraatiin, kaampasichatti hogganaan garee qorannoo horsiisa sawwan aannanii Obbo Tarreessaa Tamasgeen, yuunivarsiitichi omisha aannanii hawaasaa guddisuuf sanyii saawwan Horroo, Booranaa fi sanyii biyya alaa qorannoodhaan makuunii fi horsiisuun qonnaan bultoota naannootiif raabsaa akka jiru eeraniiru. Yeroo ammaa kanatti saawwan Aannan qorannoodhaan sanyiin isaanii fooyya’e 170 akka jiran kaasanii, isaan keessaas kurnan isaanii bara kana qonnaan bultootaaf qaqqabsiisuuf xiyyeeffannoodhaan hojjetamaa akka jiru ibsaniiru. Godina Shawaa Lixaa Aanaa Tokkee Kuttaayee irraa qonnaan bulaan Misgaanaa Lataa akka dubbatanitti, saawwan Aannanii Yuunivarsiiticha irraa isaaniif kenname irraa guyyaatti aannan hanga liitira 15 argachaa jiru. Omisha aannanii kana hawaasa naannootiif dhiyeessuun galii argataniin maatii isaanii haala gaariidhaan bulchaa akka jiran dubbataniiru.
Ispoortii
Ciminni Ispoortii ummataa dhaloonni fayyaa buleessi akka jiraatu gochuun olitti duudhaa waloomaa niguddisa
Jul 11, 2026 809
Adoolessa 4/2018 (ENA)- Ciminni Ispoortii ummataa dhaloonni fayyaa buleessi akka jiraatu gochuun olitti duudhaa waloomaa kan guddisu ta’uu komishiniin ispoortii naannoo Hararii beeksise. Magaalaa Hararitti kan argamu bakka bashannanaa Abaadir Pilaazaatti sosochiin qaamaa gaggeeffameera. Hoggantoonni olaanoo naannichaa, qopheessitoonni fiigicha guddichaa Itiyoophiyaa, hojjettoonni waajjiraalee sektarootaa, dargaggoonni, daa’immanii fi jiraattonni magaalaa hedduun saganticharratti argamaniiru. Komishinariin komishinii ispoortii naannichaa obbo Muraad Abdii wayita kana akka jedhanitti, sosochiin ga’umsa qaamaa cimina qaamaa guddina sammuu akkasumas lammii fayya buleessaa fi ga’oomaa horachuuf faayidaa inni qabu ibsaniiru. Sosochiin ga’umsa qaamaa faayidaa fayyaarra darbee duudhaa waloomaa lammiilee kan guddisuu fi dhaloota ofitti amanu bocuuf faayidaa olaanaa akka qabu dubbataniiru. Hojiiwwan ispoortii kana fakkaatan cimanii akka itti fufan komishinarichi hubachiisaniiru. Komishinariin komishinii turizimii naannoo Hararii Saamii Abdulwaasii gamasaaniin, damee turizimii naannichaa guddisuuf misoomni kooriidarii fi hojiiwwan eegumsa hambaa bal’inaan hojjetamaniiru jedhaniiru. Haala Kanaan hambaalee balaarra jiran baraaruuf gargaaruurra darbee, magaalaa Harar jiraattotaa fi daawwattootaaf caalaatti miidhagduu, hawattuu gochuun danda’amuusaa eeraniiru. Adoolessa 12 bara 2018 naannichatti mata duree “Fiigicha golambaa jiraataatti” jedhuun dorgommiin sadarkaa guutuu biyyaatti akka gaggeeffamu eeranii dorgommichi turizimii ispoortii beeksisuuf hojii hojjetamu keessaa tokko ta’uu dubbataniiru.
Ijaarsi Bu'uuraalee misoomaa Itiyoophiyaa gidduu-gala ispoortii Afriikaa fi Addunyaa taasisan cimee itti fufeera
Jun 29, 2026 2825
Waxabajjii 22/2018 (ENA): Itiyoophiyaa giddu-gala ispoortii Afriikaa fi Addunyaa taasisuuf hojiileen misooma dippilomaasii fi bu'uuraalee misooma ispoortii raawwatamaa jiraachuu Ministeerri Aadaa fi Ispoortii beeksise. De’eetaan Ministira Aadaa fi Ispoortii Makiyyuu Mahaammad ENA’f akka ibsanitti,jijjiirramaa booda damee misooma ispoortiif xiyyeeffannoon kenname jijjiirrama dachaa galmeessisuu danda’eera jedhani. Waltajjiiwwan Idil-Addunyaa irratti bakka bu'insa Itiyoophiyaa guddisuudhaan bifa biyyattii ijaaruu fi dippilomaasii ispoortii jabeessuuf hojjetamaa jira jedhaniiru. Kanaanis hoggantoonni waldaalee Ispoortii biyyaalessaa 14 sadarkaa Ardii fi Idil-Addunyaatti hogganaa ta'anii tajaajilaa akka jiranii fi hojiin kun cimee akka itti fufu dubbataniiru. Itiyoophiyaanonni waltajjii dorgommii ispoortii Idil-addunyaa irratti hirmaannaa fi bu'aa qabeessummaan isaanii dabalaa jiraachuu isaas ibsaniiru. Itiyoophiyaan sagantaalee Ispoortii sadarkaa Ardii fi Idil-Addunyaa keessummeessaa jiraachuu ishee eeranii, kunis bifa biyyattii ijaaruu keessatti shoora olaanaa akka qabu ibsaniiru. Finfinnee giddu-galeessa sagantaalee isportii Afriikaa fi addunyaa gochuudhaan Itiyoophiyaa damee kanaan caalaatti fayyadamtuu taasisuuf xiyyeeffannoodhaan hojjetamaa jira jedhan. Kanaafis hojiileen babal'isuu bu'uuraalee misooma ispoortii sadarkaa isaanii eeggatan raawwatamaa jiraachuu kaasanii, Istadiyeemoonni gurguddoon shan sadarkaa idil-addunyaa akka guutan hojjetamaa jira jedhaniir
Eegumsa naannoofi haala qilleensaa
ENA’n hirmaannaa qabatamaa ashaaraa magariisaarratti qabu cimsee itti ni fufa
Jul 11, 2026 907
Adoolessa 4/2018(ENA)-Tajaajilli oduu Itiyoophiyaa sagantaa ashaaraa magariisaa milkeessuuf hawaasa dammaqsuun gamatti qabatamaan irratti hirmaachuun qooda adda durummaasaa cimsee akka itti fufu hojii raawwachiisaan olaanaa Seeyifee Darribee ibsan. Hoggantoonnii fi hojjettoonni ENA mata duree “abdii haa dhaabnu” jedhuun Paarkii Inxooxxootti ashaaraa magariisaa kaa’aniiru. Hojii raawwachiisaan olaanaa dhaabbatichaa Seeyifee Darribee wayita kana akka ibsanitti, Itiyoophiyaan waggoottan jijjiiramaa darban ashaaraa magariisaaf xiyyeeffannoo addaa kennitee biqiltuu dhaabuu aadaa godhatteetti. Itiyoophiyaan milkaa’ina ashaaraa magariisaan galmeessisaa jirtu itti fufsiisuuf akkasumas jijjiirama haala qilleensaa addunyaa yaaddessaa jiru qolachuuf ga’ee bahachaa jirtu addunyaaf beeksisuudhaan ENA’n qoodasaa akka bahu dubbataniiru. Galmi biyyaalessaa akka milkaa’u ENA’n hawaasa dadammaqsuu fi odeeffannoo dabarsuun gamatti, adda durummaan qabatamaan hirmaachuudhaan qoodasaa akka cimsu beeksisaniiru. Keessumaa hojiiwwan Itiyoophiyaan wiirtuu ashaaraa magariisaa akka taatu hojjetaman beeksisuu fi hubannoo uumuuf hojii itti jiru cimsee akka itti fufu dubbataniiru. Hoggantoonnii fi hojjettoonni ENA saganticharratti hirmaatan gamasaaniin, dhaloota dhufuuf biyya fooyyofte dabarsuuf ashaaraasaanii kaa’uusaaniif gammaduusaanii ibsaniiru. ENAtti daarektarri sagantaa qabiyyee Raahel Abbabaa, sagantichi bosona biyyattii dabaluurra darbee Itiyoophiyaan dippilomaasii magariisaatiin akka beekamtu humna guddaa uumaa akka jiru ibsaniiru. Itti aantuun qopheessituu kitaabee Nagaariit Yeshiimmabeet Dammaqaa gamasaaniin, ogeeyyonni Miidiyaaleen odeeffannoo tamsaasuun cinaatti qabatamaan hirmaachuudhaan itti gaafatama biyyaalessaa bahachuu akka qaban dubbataniiru. Biqiltuu dhaabuun cinaatti firii akka kennan kunuunsuun barbaachisaa akka ta’e hubachiisaniiru. Qopheessaan olaanaa deeskii afaan biyya alaa Heenook Taaddalaa yaada kenneen, Itiyoophiyaan bosonashee guddisuuf hojiin hojjettu addunyaaf fakkeenya ta’aa jiraachuusaa eereera. Ogeeyyonni ENA Reedwaan Shamdasir fi Sarkaalam Zallaqaa gamasaaniin, Itiyoophiyaa lalistuu uumuuf ashaaraasaanii kaa’uusaaniitti gammaduusaanii ibsaniiru.
Sagantaan ashaaraa magariisaa Itiyoophiyaa furmaata jijjiirama haala qilleensaa addunyaaf agarsiiftuu adda dureedha
Jul 11, 2026 487
Adoolessa 4/2018 (ENA)- Sagantaan ashaaraa magariisaa Itiyoophiyaa furmaata jijjiirama haala qilleensaa addunyaaf agarsiiftuu adda dureedha jedhan ambaasaaddaroonni biyyoota garagaraa ibsan. Balaawwan uumamaa addunyaa qoraa jiran keessaa jijjiiramni haala qilleensaa adda durummaan eerama. Dhiimmaa kana qolachuuf yaada ministirri muummee Dr. Abiyyi Ahimad maddisiisaniin bara 2011 irraa eegalee hojiirra oolaa kan jiru sagantaan ashaaraa magariisaa qabatamaan jijjiirama agarsiisaa barana wagga saddettaffaa qabateera. Sagantaawwan dhaabbii biqiltuu waggoottan kanneen keessatti dhaabamaniin bosona biyyattii akka dabaluu fi haalli qilleensaa mijataan akka uumamu gochuun olitti guddina oomishaa fi oomishtummaa damee qonnaaf qooda olaanaa gumaachuusaa qaamonni garagaraa ni ibsu. Itiyoophiyaan waggoottan darban biqiltuuwwan biiliyoona 48 ol dhaabuudhaan hojii fakkeenyummaa qabu kan raawwate yoo ta’u bara kanas mata duree “abdii haa dhaabnu” jedhuun biqiltuu biiliyoona saddet dhaabuuf hojiitti galameera. Ambaasaaddaroonni biyyoota garagaraa ENA’n dubbise, hojiin Itiyoophiyaan sagantaa ashaaraa magariisaatiin hojjechaa jirtu hawaasa addunyaaf fakkeenya guddaa kan ta’u milkaa’ina olaanaadha jechuun dinqisiifataniiru. Itiyoophiyaatti ambaasaaddarri Israa’el Dr. Abrihaam Nugusee akka dubbatanitti, Imaammanni ashaaraa magariisaa fi adeemsi dhaabbii biqiltuu Itiyoophiyaan gaggeessitu guddaa barbaachisaa ta’uu ibsaniiru. Dhimmi haala qilleensaa guutuu addunyaa kan yaaddessu mudannoo idil addunyaa waan ta’eef Itiyoophiyaan adeemsa kana keessumaa ardii Afriikaarraa adda durummaan dursaa akka jirtu ibsaniiru. Itiyoophiyaatti ambaasaaddarri Siriilaankaa Niirmallaa Paranaviitaa akka dubbatanitti, Itiyoophiyaan sagantaa misooma magariisaa akkasii hojiirra oolchuunshee adeemsa abshaalummaa ta’uu ibsaniiru. Sagantaan ashaaraa magariisaa guddina dinagdee biyyaaf gumaacha olaanaa qabaachuusaa ibsuudhaan, Siriilaankaan damee Kanaan Itiyoophiyaa waliin tumsaan hojjechuuf fedhii qabdu karaa hojiira oolchitu qorachaa akka jirtu ta’uushee eeraniiru. Itiyoophiyaatti bakka bu’aan daldalaa fi dhimmoota Invastimantii Paakistaan Baasiit Saaliim Shaah gamasaaniin, sagantaan ashaaraa magariisaa Itiyoophiyaaf miidhaginaa fi hanannaa addaa gumaachuun olitti, naannawa faalama qilleensaarraa qulqullqq’e babal’isuuf gimaacha guddaa taasisuusaa eeraniiru. Ummannii fi mootummaan Itiyoophiyaa yeroo gabaabaa keessatti sadarkaa guddaa kanarraa ga’uunsaanii dinqisiifatamuu qaba jedhaniiru.
Sagantaan  Ashaaraa Magariisaa Eegumsa Naannoo fi Haaromsa Sirna-Ikkoolojiitiif gumaacha olaanaa taasisaa jira
Jul 5, 2026 2504
Waxabajjii 28/2018 (ENA):- Sagantaan Ashaaraa Magariisaa hanga bosona biyyattii dabaluudhaan eegumsa naannoo fi haaromsa sirna-ikoolojiitiif gumaacha olaanaa taasiisaa akka jiru Daarektarri Olaantuu Abbaa Taayitaa Eegumsa Naannoo Itiyoophiyaa Dr. Injiiner Lalisee Namee ibsan. Itiyoophiyaan miidhaa jijjiirama haala qilleensaarraa maddu dandamachuuf, Uwwisa bosonaa guddisuufi wabii nyaataa mirkaneessuuf kan dandeessisu sagantaa Ashaaraa Magariisaa innisheetivii Ministira Muummee Dr. Abiyyi Ahimadiin bara 2011 irraa eegalee sadarkaa biyyaalessaatti hojiirra oolchaa jirti. Hirmaannaa biyyaalessaa guddaa kanaan dura waggoottan dabran keessatti biqiltuuwwan bosonaa, fuduraalee fi gaaddisaa biliyoona 48 ol misoomsuun danda'ameera. Sagantaa Ashaaraa Magariisaa bara kanaan mata duree "Abdii haa dhabbannu " jedhuun sadarkaa biyyaalessaatti biqiltuuwwan biliyoona saddeet dhaabuuf karoorfamee gara hojiitti galamuun isaa ibsameera. Har'as Eejensiin Bulchiinsa Qulqullina Magaalaa Finfinnee bakka kosii gogaa itti gatan Raphii jedhamutti sagantaa Ashaaraa Magariisaa gaggeesseera. Daarektarri Olaantuu Abbaa Taayitaa Eegumsa Naannoo Itiyoophiyaa Dr. Injiiner Lalisee Namee wayita kanatti akka jedhanitti; sagantaan Ashaaraa Magariisaa naannoo faalamaa fi manca'iinsa irraa kan itti eegnu keessaa tokkodha jedhan. Waggoottan dabran keessa sagantaan Ashaaraa Magariisaa hojiirra ooleen uwwisni bosona biyyattii akka dabale ibsaniiru. Kunis eegumsa qilleensa addunyaatiif fala ta'aa dhufuu isaa dubbachuun; birmadummaa wabiinyaataa mirkaneessuu keessattis qoodasaa ba’achaa akka jiru ibsaniiru. Uwwisa bosona biyyattii dabaluudhaan eegumsa naannoo fi haaromsa sirna-ikoolojiitiif gumaacha olaanaa gumaacha akka jiru eeraniiru. Sadarkaa Itti aanaa Kantiibaatti Hojii gaggeessaa Olaanaan Magaalaa Finfinnee Injiiner Wandimmuu Seettaa gama isaaniitiin; bakka gatinsa kosii gogaa Raphiitti yeroo ammaa hojii deebisanii misoomsuu hojjetameen sodaa balaa irraa gara qabeenyummaatti jijjiiramaa dhufeera jedhaniiru. Daarektarri Olaanaan Eejensii Bulchiinsa Qulqullina Magaalaa Finfinnee Gazzaahenyi Deesisaa gama isaaniitiin; Raphiin bakka kosii gogaa itti gatan yeroo ammaa biqiltuudhaan uwwifamaa akka jiru dubbataniiru. Kanaanis yeroo ammaa deebisanii fayyadamuun gara qabeenyummaatti jijjiiramaa akka jiru eeraniiru. Hirmaattonni sagantichaa ENA’f yaada kennan; erga Ashaaraan Magariisaa jalqabamee kaasee waggaa waggaan dammaqinaan hirmaachaa akka jiran ibsuun; kanaan dura naannoo isaaniitti bakkeewwan kosii itti gatamaa turan amma deebi'anii dandamachuun biqiltuuwwan magariisaan uwwifamuusaanii dubbataniiru.
Baay’inaan Kan Dubbifaman
Komishiniin Naamusaa fi Farra Malaammaltummaa Federaalaa 'Appilikeeshinii' namoonni eeruu kennaniifi ragaa kennaan itti fayyadamuu danda'an ifa godhe.
Mar 3, 2023 28000
Guraandhala 24/2015(TOI) - Komishiniin Naamusaa fi Farra Malaammaltummaa Federaalaa guyyaa har'aa 'Appilikeeshinii' namoonni eeruu ittiin kennaniifi ragaa ittiin eeraan fayyadamuu danda'an 'Public Feedback System' jedhamu ifa godhe. Komishinichi Bulchiinsa Nageenya Odeeffannoo waliin ta’uun Appilikeeshinii kana akka hojjete eerameera. Appichi afaanota biyya keessaa shaniin tajaajila kan kennu ta'uun himaeera. Komishinarri Komishinii Naamusaa fi Farra Malaammaltummaa Federaalaa Dooktar Saamu’eel Urqatoo akka jedhanitti, komishinichi hojiiwwan jijjiramaa hojjechaa jiru milkeesuuf teeknooloojiiwwan fayyadamaa jiraachuu ibsaniiru. Appilikeeshinichi hojii kan ariifachiisuufi haleellaa fi sodaachisaa ragaa eertootaa fi odeeffannoo kennitootarra gahu kan ittisu ta'uu himaniiru. Kana hordofuun hawaasni karaa appilikeshinii 'Public Feedback System'' yaada kennuudhaan itti gaafatamummaa biyyaalessaa isaa ba'uu qabu gaafataniiru. Daarektarri Olaanaa Bulchiinsa Nageenya Odeeffannoo Obbo Solomoon Sookaa akka jedhanitti, appilikeeshinii kana haleellaa saayibarii eegumsii cimaan kan taasifamuuf ta'uu himaniiru. Waajjira Ministira Muummeetti deetaan dhimmoota Kaabinee obbo Tasfaayee Dhaabaa akka jedhanitti, malaammaltummaa ittisuuf dhaabbanni tokko qofaan hojjetee milkaa'uu hin danda'u. Kanaaf lammileen hunduu miira itti gaafatamummaa qabuun malaan maltummaa ittisuuf hirmaachuu qabu jedhaniiru.
Gabaasa addaa
Itiyoophiyaan liqaa ishee hurgufachaa,abdii ishee horachaa gara fuula duraatti tarkaanfachaa jirti - Itti aanaa Ministira Muummee obbo Tamasgeen Xurunaa
Jun 9, 2026 13261
Waxabajji 2 /2018 (ENA): Itiyoophiyaan liqaa ishee hurgufachaa,abdii ishee horachaa gara fuula duraatti tarkaanfachaa jirti jedhani itti aanaan Ministira Muummee obbo Tamasgeen Xurunaa. Itti aanaan muummee ministiraa Pirojektoota misoomaa adda addaa magaalaa Woldiyaatti ijaaraman eebbisuun tajaajilaaf bananiiru. Yeroo eebba kanaatti pirojektoonni misoomaa eebbifaman imala biyyattiin gara fuulduraatti taasiftu kan agarsiisan yoo ta’u, guddinni Itiyoophiyaa eenyullee dhaabuu akka hin dandeenye kuni ragaadha jedhan. Itti aanaan ministira muummee kun ummanni magaalaa Woldiyaa finxaaleyyii fi qoqqoodinsa mormuudhaan kan beekamu ta’uu ibsuun, filannoon isaanii irra deddeebiin nagaa fi mootummaa cimaa ta’uu isaa kan argisiisu ta’uu ibsaniiru.   Mootummaan baandota irratti qabsaa’aa jira jedhani. Waggoota 50 fi 60 darbaniif warri yaada dulloomaatiin qabaman guddina ariifataa biyyattii hubachuu akka hin dandeenyes ibsaniiru. Warri bosona keessa jiran jijjiirama guddaa biyyatti dhufe kan akka misooma koridarii, maaddii guutuu, pirojektoota misoomaa fi oomisha qamadii arguu akka hin dandeenye dubbataniiru. Misoomni koridarii magaalota keessatti gaggeeffamaa jiru dhimma bareedinaa qofa osoo hin taane magaalota ammayyeessuun sadarkaa jireenyaa ummataa ol kaasuuf kaayyoo ta’uu ibsaniiru. Magaalonni Itiyoophiyaa magaalota Baha Afriikaa fi addunyaa waliin dorgomuu akka qaban ibsaniiru; akkasumas tajaajila ammayyeessuuf tajaajilli giddugala tokkoo guutuu biyyattiitti babal’achaa akka jiru hubachiisaniiru. Manneen kitaabaa ummataa, manneen kitaabaa dijitaalaa fi kaffeewwan saayinsii magaalaa Woldiyaatti ijaaraman odeeffannoo guyyaa guyyaa irraa gara beekumsaa fi qorannoo gadi fagootti kan ceesisu ta’uu ibsaniiru. Mootummaan, abbootii qabeenyaa fi ummanni pirojektoota misoomaa eegalaman gara baadiyyaatti babal’isuun badhaadhina biyyattii dhugoomsuuf waliin hojjechuu akka qaban waamicha dhiyeessaniiru.
Yaa’ichi dhimmoota Afrikaarratti sagalee tokko dhageessisuun akka danda’amu carraa uumuudha
May 6, 2026 14331
Ebla 28/2018 (ENA)- Kaayyoon guddaan yaa’ii dhiibbaa uumtota miidiyaa hawaasaa Afriikaa (ASMIS) dhiibbaa uumtota jidduutti tumsa cimaa uumuudhaan dhimmoota Afrikaarratti sagalee tokko dhageessisuun akka danda’amu carraa uumuu akka ta’e qindeessaan Palsi oof Afriikaa(POA) obbo Barakat Sisaayi ibsan. Ajandaawwan Afriikaa qabsiisuu fi sagalee waloo dhageessisuuf carraa kan uumu ta’uu dabalanii ibsaniiru. Palsi oof Afriikaan (Pulse of Africa-POA) intarpiraayizii teknolojii E.ji.e waliin ta’uun mata duree “dhiibbaa uumtonni Afriikaa fooyyee qabduuf” jedhuun yaa’iin qophaa’u kun, Ebla 29 fi 30 2018 Finfinnee yaadannoo injifannoo Adwaatti ni gaggeeffama. Yaa’iin kun dhiibbaa uumtota miidiyaa hawaasaa jajjabeessuuf, dinagdee dijitaalaa cimsuuf, tumsa uumuu fi wiirtuu dijitaalaa gochuuf kan kaayyeffateha. Qopheessitoonni yaa’ii kanaa, dhiibbaa uumtonni miidiyaa hawaasaa Itiyoophiyaa yeroo yaa’ii kanaa maqaa gaarii biyyasaanii guddisuu fi tumsasaanii cimsuun haala danda’amurratti ibsa kennaniiru. Qindeessaan Palsi oof Afriikaa obbo Barakat Sisaayi wayita kana akka jedhanitti, Palsi Oof Afriikaan seenessa Afriikaa jallate jijjiiruuf kan hundeeffame miidiyaa Paan Afriikaati. Yaa’iin kun intarpiraayizii teeknooloojii E.ji.e waliin ta’uun qophaa’uusaa eeranii, qajeelfama “seenessa Afriikaa namoota keenyaan dubbachuu qabna” kan jedhu akka bu’uureffate ibsaniiru. Kaayyoon ijoo yaa’ii kanaas dhiibbaa uumtota jidduutti tumsa cumaa uumuun dhimmoota Afriikaarratti sagalee waloo dhageessisuuf carraa uumuu akka ta’e dubbataniiru. Ajandaan gamtaa Afriikaa 2063 karoora wagga 50 Afriikaan ittiin gaggeeffamtu ta’uu eeranii, ummattoota jidduutti walii galtee uumuuf dhiibbaa uumtonni miidiyaa hawaasaa waloomaan akka hojjetan carraa uumuuf waltajjichi faayidaa akka qabu ibsaniiru. Kanaaf yaa’iin kun Afriikonni galmoota ajandaasaanii milkeessuuf waltajjii waloon hojjetan ta’a jedhaniiru. Miidiyaan dijitaalaa waltajjii guddaa kan dinagdee sochoosudha kan jedhan obbo Barakat, dhiibbaa uumtonni miidiyaa hawaasaa karaa faayidaa qabuun akka itti fayyadaman hubannoo waloo uumuu akka barbaachisu hubachiisaniiru. Hojii raawwachiisaan intarpiraayizii E.ji.e obbo Gammadaa olaanaa gamasaaniin, yaa’iin kun maqaa gaarii Itiyoophiyaa akkasumas Afriikaa guddisuuf waltajjii murteessaa ta’uu dubbataniiru. Dhiibbaa uumtonni miidiyaa hawaasaa waa’ee qabiyyee uumuu, wa’ee ijaarsa seenessa Afriikaa fi waa’ee galmoota ajandaa 2063 ejjennoo ifaa akka qabatan godha jedhaniiru. Dhiibbaa uumtonni yaa’ii kanaaf biyyoota Afriikaa garagaraarraa filataman, qaqqabama miidiyaa hawaasaatiin qabanii fi maqaa gaarii Afriikaa guddisuuf gumaacha qabaniin madaalamanii kan filataman ta’uu mirkaneessaniiru.
Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015