Tamsaasa Kallatti:
Angafoota Oduu
Itiyoophiyaan pirojektoota Gibtsiin gufachiifaman kan gamaaggamu koree beenyaa hundeessite
Oct 1, 2026 50
Fulbaana 21/2019 (ENA) - Itiyoophiyaan pirojektoota bishaanii Gibtsiin gufachiifamanii kasaaraawwanii fi carraalee misoomaa jala darban kan gamaaggamu koree biyyaalessaa hundeessuushee ministirri bishaanii fi inarjii Injiinar Habtaamuu Ittafaa beeksisan. Ministirri bishaanii fi inarjii Injiinar Habtaamuu Ittafaa ENA wliin turtii taasinaniin akka ibsanitti, hidha haaromsaa Itiyoophiyaa guddicha dabalatee pirojektoonni misoomaa Gibtsiin gufachiifaman 22 ol koree Kanaan adda baafamanii hojiitti galameera. Yaaddoowwan Itiyoophiyaa bara dheeraa misooma yaa’a Abbayyaarratti wal hin gitne ilaalchisee deeggarsi hayyootaa guddachaa dhufe jiraachuu himanii, kun ammoo kasaaraa dinagdee seenaa keessatti irra gahee fi carraalee misoomaa jala darbeef beenyaa akka argattu gaaffiishee ni cimsa jedhaniiru. Koreen haaraa hundeeffame kun pirojektootarratti ragaalee qindeessaa fi gaaffiiwwan beenyaa Itiyoophiyaan gaafattu bu’urasaanii qorachaa akka jiru ministirri Injiinar Habtaamuun dubbataniiru. Korichi ogeeyyota, ministiroota duraanii, gorsitootaa fi ogeeyyota seeraa kasaaraa qaqqabee fi kana furuuf kan gargaaran akkaataa itti dhiheeffamu qorachaa jiran akka of keessaa qabu eeraniiru. Yeroo ammaa hidha haaromsaa dabalatee pirojektoota Gibtsiin gufachiifaman ilaalchisee ragaawwan walitti qabamuusaanii dubbatanii, hawaasa addunyaa fuulduratti wantoota yakka ta’aniin Itiyoophiyaa doorsisuuf yaalaa turuusaanii kaasaniiru. Gamaaggamni Koreen kun gaggeessu akka hin hojjetamne kan taasifaman pirojektoota qofaa osoo hin taane tattaaffii eegumsa naannoo Itiyoophiyaan itti jirtuu fi bu’uraaleen bulchiinsa bishaanii faayidaa yaa’a gajjallaaf kennan akka xiinxalu ibsaniiru. Sagantaa biqiltuu ashaaraa magariisaatiin mukkeen biiliyoona 50 caalan dhaabamuusaanii yaadachiisanii, Baaroo, Abbayya fi Takazee dabalatee laggeen gurguddoorratti hojiin misooma sululaa gaggeeffamuu eeraniiru. Hojiiwwan eegumsa naannoo kunneen qabeenya bishaanii Itiyoophiyaa eeguu fi yaa’a Abbayyaa keessatti dhiibbaawwan haala qilleensaa qolachuuf gumaacha taasifte akka xiinxalu injiinar Habtaamuun ibsaniiru. Akkasumas hidhi haaromsaa guddichi yaa’a laga Abbaayyaa to’achuudhaan qooda guddaa inni qabu kan ibsan ministirichi, akkaataan hidhi kun itti hojjetame biyyoota yaa’a gadii balaa lolaarraa baraaruu fi yeroo roobni xiqqaatutti bishaan akka addaan hin cinne akka gargaaru ibsaniiru. Haalawwan roobaa elniinoon walqabatanii amma jiran bulchiinsa bishaanii qindaa’aa akka barbaachisu kan eeran ministirichi, yaa’a bishaanii to’achuun Sudaanii fi Gibtsi dabalatee biyyoota yaa’a gadiif faayidaa kennuu akka danda’u eeraniiru. Adeemsi Itiyoophiyaa boqonnaawwan ifa ta’an akka qabaatan akka ta’u, mari’achuunii fi walii galtee waloorra gahuun filmaata yoo ta’u, kanneen biroo ammoo Itiyoophiyaan tarkaanfiiwwan dabalataa kan taasisan beenyaa argachuuf filmaattota hordofamuu qaban akka ta’an ministirri injiinar Habtaamuun ibsaniiru.
Fiigichi guddichi Irreechaa duudhaalee ayyaana Irreechaa addunyaatti beeksisuuf gahee olaanaa qaba
Oct 1, 2026 40
Fulbaana 21/2019 (ENA) — Fiigichi Guddichi Irreechaa, fageenya kiilomeetira 10n magaalaa Bishooftuutti gaggeeffame, faayidaa ispoortii, hawaasummaa fi biyyaalessaa cimsuu bira darbee, Ayyaana Irreechaa sadarkaa addunyaatti beeksisuuf gahee olaanaa qabaachuun ibsame.   Hoggantuun Biiroo Aadaa fi Ispoortii Oromiyaa, Aadde Rozaa Biyyaa, sagantaa jalqabbii fiigichaa guddicha Irreechaa irratti ergaa dabarsaniin, ispoortiin nagaa, jaalala, tokkummaa fi obbolummaa ummatootaa cimsuuf gahee olaanaa akka qabu ibsaniiru. Aadde Rozaan, fiigichi guddaan kun duudhaalee, aadaa fi seenaa Ayyaana Irreechaa hawaasa addunyaatti bal’inaan beeksisuuf waltajjii guddaa ta’uu himaniiru. Kanaaf fiigicha kana osoo walirra hin kutiin waggaa waggaan akka gaggeeffamu kan hojjetamu ta'uu himaniiru. Kantiibaan Magaalaa Bishooftuu, Obbo Alamayyoo Asaffaa, gamasaaniin, fiigichi kun Bishooftuu giddugala turiizimii caalaatti taasisuuf hojiiwwan hojjetamaa jiran saffisiisuufi cimsuuf gumaacha olaanaa qabaachuu ibsaniiru. Fiigichi kun waggoota torba booda yeroo lammaffaaf, mata-duree “Irreechaa Waliigaltee Biyyaalessaaf” jedhuun gaggeeffame.   Fuuldurattis addaan osoo hin cinne, waggaa waggaadhaan akka gaggeeffamu himaniiru. Dorgommicharratti hoggantoonni olaanoon mootummaa federaalaa fi naannoo, Abbootiin Gadaa, maatii atileetota beekamoo addunyaa kanneen akka Xuruneesh Dibaabaa, atileetonni profeeshinaalaa 1,400 ol, akkasumas jiraattonni Magaalaa Bishooftuu fi deeggartoonni 50,000 ol hirmaataniiru.
Fayyadamummaa uummataa mirkaneessuuf rifoormiin haaraan mootummaa jabaa hundeessuu hojiitti hiikameera- Obbo Hayiluu Addunyaa
Oct 1, 2026 48
Fulbaana 21/2019 (ENA): Fayyadamummaa uummataa mirkaneessuuf rifoormiin haaraan mootummaa jabaa hundeessuu hojiitti hiikamuusaa hogganaan Tajaajila koomunikeeshinii Oromiyaa Obbo Hayiluu Addunyaa ibsaniiru. Mootummaan Naannoo Oromiyaa fayyadamummaa uummataa mirkaneessuuf rifoormii haaraa ijaarsa sirnaa cimaa fi mootummaa jabaa bu'uuressuu dandeessisu hojiitti hiikee jiraachuu hoogganaan Tajaajila Kominikeeshinii Oromiyaa Obbo Hayiluu Addunyaa ibsa miidiyaaleef kennaniin himaniiru. Rifoormii haaraan Mootummaa Naannoo Oromiyaa Caffee Oromiyaan ragga'ee hojiirra oole kun imala badhaadhinaa milkeessuuf karoora of danda'uuf qophaa'e ta'uu ibsuun, gurmaa'insi kunis sadarkaa naannoo irraa eegalee hanga Gandaatti ijaarsa mootummaa, sirnaaafi fayyadamummaa uummataa milkaa'aa kan taasisu ta'uu kaasaniiru. Riifoormii kanaan sadarkaa Naannootti Manneen hojii mootummaa 58 turan gara 41 gadi buusuu fi haala hojiin walfakkaatuun gurmeessuu kaasuun, sadarkaa Godinaattis Godinaalee 21 kan ture gara Godina 6tti gurmaa'ee jiraachuu ibsaniiru.   Galmi rifoormii haaraa kanaas aangoon murteessummaa hanga sadarkaa Gandaatti kan gadi bu'u ta'uu, tajaajilli sadarkaa naannootti daangeffame kan gadi bu'uu fi uummanni tajaajila barbaadu dhiyeenya isaatti akka argatuuf ta'uu obbo Hayiluun himaniiru. Mootummaan Naannoo Oromiyaa injifannoo roga hundaan galmaa'aa jiru sadarkaa olaanaatti ceesisuuf karoora of-danda'uu bara 2019-2023 turu Caffeen Oromiyaatiin raggaasisuu kaasuun, karoorri of danda'uu yaadama Ida'amuu irraa kan madde horata karoora xiiqiin kan masakame ce'umsa tirannaarraa gara utaalchootti taasifamu mirkaneessuun Imala Badhaadhinaa bu'uuressuuf kan gargaaru ta'uu eeraniiru. Dhimmoonni bu'uuraa karoora of danda'uu kunis nyaataan of-danda'uu, Faayinaansiin of-danda'uu, Beekumsaa fi Ogummaan of-dandauu, Bu'uuraalee Misoomaan of-danda'uu, Hoggansaan of-danda'uu, Nageenyaan of-danda'uu, Industiriin of-danda'uu, Teeknooloojiin of-danda'uu Sirnaan of-danda'uu Humna Anniisaan of-danda'uufi Jaarmayaaleen of-danda'uu kan hammate ta'uu ibsa kennaniin dubbataniiru.   karoorri of-danda'uu kallattiiwwan bu'uuraa gurguddoo Itoophiyaa diinagdeen utubuuf sekteroota hundaan ce'umsa mirkaneessuu, hawaasummaan dursuu, beekumsa, saayinsii fi teeknoloojiin dorgomaa ta'uu, Nageenya Oromiyaa mirkaneessuun nageenya Itoophiyaa hoogganuu fi naannoo nageenyaan fakkeenyummaa qabduu ijaaruu akka ta'e obbo Hayiluun ibsa kanaan himaniiru. Karoora of-danda'uu bara 2019-2023 turuun dinagdeen Oromiyaa karaa itti fufiinsa qabuun akka guddatuuf kan hojjetamu ta'uu eeruun, Dinagdeen naannichaa bara 2018 dhibentaa 10.7 irra kan ture giddugaleessaan waggoota Shanan dhufan keessatti dhibbentaa 12.5 akka guddatuu kan hojjetamu ta’uu ibsaniiru. Guddinni waliigalaa kun damee dameen wayiita ilaalamus: Qonni 41.5 irraa gara 32.6, Indastiriin 19.5 irraa gara 33.5, Tajaajilli 39.3 irraa gara 34.5fi hiyyummaa hir'isuun %37.4 irraa gara 20.5 akka ta'u dubbataniiru. Galmoota kanneen milkeessuufis Qonna Bonaa, Arfaasaa fi Gannaatiin lafa hekt. Mil.17.3 irraa gara 19.08fi Oomisha kunt. Mil. 511.34 irraa gara 712.61 ol guddisuuf karoorfamee hojjetamaa jiraachuu kaasuun, Simannaa Investimantii ilaalchisee humna simannaa keessaa fi alaa guddisuun Oromiyaa jiddugala investimentii taasisuu fi Simannaa pirojektoota investimentii bara 2018 kuma 13 fi414 irra ture gara kuma 77 fi 656 ol guddisuuf kan hojjetamu ta'uu eeraniiru. Misooma Albuudaa ilaalchisee seeraan alummaa misooma albuudaa keessa jiiru maksuun dinagdee naannichaa utubuuf xiyyeeffannoo addaan kan hojjetamuu fi Galii Alergii albuuda $ mil. 770 ture $Bil 2.64 Oomisha gabaa biyya keessaaf dhiyaatu Qr. Bil 4.3 gara bil. 13.9 ol guddisuuf kan hojjetamu ta'uu ibsaniiru. Galiin guddina biyya tokkoof dhimma murteessaa waan ta'eef Mootummaan sirna galii sassaabuu ammayyeessuun baasii naannichaa ofiin of danda'uuf xiyyeeffannaa kennee kan hojjetuu fi Galii waliigalaa Naannoo Oromiyaa qarshii bil. 494.35 irra kan ture gara Qarshii Tir.2.3 irraan ga'uuf kan hojjetamu ta'uu obbo Hayiluun ibsaniiru.   Carraa Hojii Uumuu ilaalchisee bara 2018 dhaabbiidhaan mil. 2.79 irra ture bara 2023 gara mil. 18.3 kan guddatu ta'uu kaasuun, misooma Barnootaan wal qabatee cabinsa barnootaa qolachuun dhaloota saayinsii fi tekinoolojiin dorgomaa ta'e horachuuf Mana Barumsaa bara 2018 kuma 37fi 121 irra ture gara kuma 42fi 052 guddisuufi Barattoota mil. 12.4 irraa gara mil. 15.3 oliitti ol guddisuuf kan hojjetamu ta'uu himaniiru. Misooma Fayyaan wal qabatees tarsiimoo dhibee dursanii ittisuu fi yaalanii fayyisuu mirkaneessaa deemuun hawaasa fayya buleessa utubaa egeree ta'e horachuuf kan hojjetamu ta'uu eeruun, uwwisa IFH Mil. 32 irra ture gara mil. 35, Kellaa Fayyaa dhaloota 2ffaa 184 irraa gara 871fi kenna tajaajila fayyaa gama hundaan fooyyesuuf kan hojjetamu ta'uu ibsaniiru. Cabinsa Aadaa fi Duudhaa Oromoo qolachuuf hojiin haaromsa aadaa eegalamee jiru cimee kan itti fufu ta'uu fi galma kana milkeessuuf hojii hojjetamaa dhufeen Dagaagina Aadaa Oromoo sadarkaa ol'aanatti ceesisuu, gufuu beekumsaa fi barmaatilee furuun diinagdee baadiyaa ceesisuu fi Ogummaa fi beekumsa hawaasaa bu'uura cimaa Sirna Gadaa irratti ijaaruuf kan hojjetamu ta'uu himaniiru. Misooma Magaalaa fi magaaloomsuu Magaalota guddisuu, miidhaksuu, duudhaa ganamaa eegee akka ijaaramu taasisuuf hojii hojjetameen injifannoon galmaa'aa dhufeeuu himuun, waggoota Shanan dhufan keessatti Magaalomsuu Naannoo Oromiyaa dhibbentaa 23 irra gara 30 ol guddisuu fi dhiyeessii Manneen jireenyaa kuma 232 fi 510 irra ture gara kuma 440 fi 683 Mandaroota ammayyaa Qonnaan bulaa 5 irra ture gara 500 olguddisuuf kan hojjetamu ta'uus dubbataniiru. Nageenya Oromiyaa Mirkaneessuun wal qabatee Godinaalee Oromiyaa hundatti nageenyi waara'ee uummanni nagaan ba'ee akka galuuf bara kana kutannoo cimaan kan hojjetamu ta'uu ibsa isaaniin kaasaniiru. Hanga ammaatti waamicha uummataa fi mootummaan taasifameen qaamoliin hidhatanii bosona jiran Waraana gad qabanii harka nagaa olqabanii baayinaan gala turuufi ammas galaa jiraachuufi imalli nagaa waaressuu kunis siyaasni qe'ee Oromoo afaan qawwee irraa gara morkii yaadaatti akka ce'uuf boqonnaa haaraa saaqaa dhufee jiraachuu ibsaniiru. Imala kana namni hunduu deeggaruu fi fiixaan ba'iinsa isaaf hojjechuu akka qabuu kaasuun, qaamoliin ergamtummaa jalaa ba'uuf fedhii hin qabne dantaa uummata Oromoo dura kan dhaabbatan gocha badii isaanii itti fufanii jiraachuu fi Qaamolee keessaa fi alaa waliin firooma waloo “Tsimdoo” jedhamu uumanii jeequmsaaf haala mijeessaa kan jiran akkasumas humni kun injifannoo Oromoo kopha kophaa dhiibuun jiksuu waan dadhabaniif humna waloo kana gurmeessan Tsimdoo garee finxaalessa Oromoo, Oromummaa fi sabdaneessummaa hadheeffatee jibbu ta'uu kaasaniiru. Injifannoo Oromoon galmeessaa dhufee fi jiru dhoksuu, saamuu fi cilee dibaa kan dhufe humna finxaalessaa garee kanaan of gurmeesse ta'uu fi Shaneen araara diduu qofa osoo hin taane Tsimdoo udeellattee Oromiyaa galchuuf hojjechaa jiraachuu eeruun, ejjennoon Mootummaa Naannoo Oromiyaa injifannoo uummataa aarsaa qaaliin dhufe sadarkaa boodatti deebi'uu hin dandeenye irraa ga'uu, hiyyummaafi boodatti hafummaa qolachuu ta'uu dubbataniiru. Kanaafis garaagarummaan yaadaa akkuma jirutti ta'ee dhimmoota bu'uura tokkummaa Oromoof bu'uura ta'e ijaaruufi Oromiyaa keessattis sagalee qawwee callisiisuuf tarkaanfii barbaachisu hunda kan fudhatuufi badhaadhina milkeessuufis halkaniifi guyyaa kan hojjetu ta'uu ibsaniiru. Oromoon akkatti qabsaa'uufi eenyu waliin akka qabsaa'u cimsee hubatee jiraachuu himuun, qaamoleen dogoggoraaniis ta'ee sababoota garaagaraan garee Tsimdootti makaman qabsoo karaa nagaatti akka deebi'an waamicha mootummaafi uummataaf kabaja malu akka laatan hubachiisaniiru.
Kan mul'ate

Pulse Of Africa

POA English

POA English

Pulse Of Africa - English Language

Your news, current affairs and entertainment channel

Join us on

POA Arabic

POA Arabic - عربي

Pulse Of Africa - Arabic Language

قناتكم الاخبارية و الترفيهية

Join us on

Siyaasa

Hawaasummaa
Irreechi walitti dhufeenya Hawaasaa cimsuu fi duudhaalee biyyaalessaa ibsuu keessatti gahee olaanaa qaba
Oct 1, 2026 49
Fulbaana 21/2019 (ENA ) Irreechi walitti dhufeenya Hawaasaa cimsuu fi duudhaalee biyyaalessaa calaqqisiisuu keessatti gahee olaanaa qabaachuusaa qorattoonni Inistitiyuutii Qorannoo Oromoo ibsan. Itoophiyaan biyya guddoo ummata guddaa fi agarsiiftuu milkaa'ina olaanaa kan ta'e mul'ata aadaa kan qabdu ta'uun ishee ni beekama. Guddummaashee kana karaa hundagaleessa ta'een milkeessuu fi walitti dhufeenya ummataa cimsuu keessatti dameen aadaa adda durummaan kan eeramudha. Ayyaana Aadaa Itoophiyaanotaa addabaabayitti kabajaman miidhagaa fi ummatni bal'aan irratti hirmaatu keessaa ayyaanni Irreechaa uummata Oromoo biratti waggaa waggaadhaan gammachuu guddaan kan kabajamudha. Ayyaanni kun hawaasni dukkanaa fi rooba gannaa nagaan darbee, uumaa isaa ifa isa agarsiisee galateeffachuuf ayyaana galateeffannaa guddaa kabajamudha. Waggaa waggaan sirna hawaasummaa fi aadaan miidhagee kabajamu Ayyaana addabaabaayii guddaa dha. Baranas fulbaana 23 Finfinneetti (Hora Finfinnee) akkasumas guyyaa itti aanu fulbaana 24 Bishooftuutti (Hora Arsadee) sirna adda addaan haala duudhaa isaa eeggateen ni kabajama. Hayyoota damichaa ENA’f yaada kennanis faayidaa biyyaalessaa Ayyaana Irreechaa ilaalchisee qorattoota Inistitiyuutii Qorannoo Oromoo irraa dubbiseera. Qorataan artii inistitiyuutichaa obbo Maammoo Sabbooqsaa ENA'f akka ibsanitti, ayyaana dirree hawaasa Oromoo biratti kabajaman keessaa Irreechi tokko ta’uu ibsuun, Ayyaanni kun kutaa hawaasaa adda addaa waltajjii tokko irratti kan wallitti fidu , aadaa fi duudhaa walii beekuuf haala mijataa kan uumu ta'uus dubbataniiru. Qorataan seenaa Inistitiyuutii Qorannoo Oromoo obbo Girmaa Nammaraa gama isaaniitiin Irreechi Itoophiyummaa kan calaqqisu ta'uu ibsaniiru. Qophii kana irratti lammiileen kutaa biyyaa adda addaa irraa dhufan aadaa, safuu fi duudhaa isaanii qabatanii kan argaman waan ta'eef, lammiilee jiddutti wal- jijjiirraa aadaa gochuuf carraa uuma jedhan. Ayyaanonni Irreechaa namoota jiddutti walitti dhiyeenya uumuuf, tokkummaa ummataa cimsuu keessatti gaheen isaanii olaanaadha jechuun ibsan.
Dorgommiin Miss Irreechaa Marsaa 2ffaan Bishooftuutti gaggeeffame
Oct 1, 2026 37
Bishooftuu, Fulbaana 21/2019 (ENA) – Dorgommiin Bareedduu Irreechaa (Miss Irreechaa) marsaa 2ffaan kaleessa galgala magaalaa Bishooftuutti sirna ho’aa fi hawwataa ta’een gaggeeffameera. Dorgommicha Biiroon Aadaa fi Turizimii Oromiyaa fi Hoteelaa fi Riizoortii Shanan waliin ta’uun qopheessuun ibsameera. Saganticharratti haasaa baniinsaa kan taasisan Gorsaan Biiroo Aadaa fi Turizimii Oromiyaa, Obbo Biraanuu Buuxee, filannoon injifattuu Miss Irreechaa bareedina qaamaa qofarratti kan hundaa’e akka hin taane ibsaniiru. Filannoon kun beekumsa sirnaa fi duudhaa Irreechaa, aadaa fi seenaa Oromoo, akkasumas naamusaa fi ilaalcha gaarii dorgomtootaa kan ilaallatu ta’uu dubbataniiru. Durbeen Miss Irreechaa taatee filatamtu Ambaasaaddara Irreechaa ta’uun, duudhaa fi ulfoo ayyaanichaa addunyaatti beeksisuuf hojiiwwan gara garaa kan hojjetu ta’uu ibsaniiru. Sagantaan Miss Irreechaa kun dhaloota haaraa Irreechaa waliin wal barsiisuu, aadaa fi duudhaa Oromoo cimsuu, akkasumas kabaja ayyaanichaa daran miidhagsuu fi fakkeenya gaarii uumuu keessatti gahee olaanaa qaba jedhameera. Dabalataanis, Irreechi ayyaana galataa, nagaa, jaalalaa fi tokkummaa waan ta’eef, injifattoonni dorgommichaa duudhaalee kanneen hawaasa keessatti beeksisuu fi babal’isuurratti xiyyeeffatanii hojjechuu akka qaban hubachiisaniiru. Abbaan Qabeenyaa Hoteelaa fi Riizoortii Shanan, Obbo Boonaa Daabalaa, gama isaaniin akka jedhanitti, kaayyoon guddaan dorgommichaa damee kanaan seenaa, aadaa fi akkaataa jireenyaa Oromoo beeksisuu, akkasumas hawaasa keessatti hubannoo bal’aa uumuu dha. Dorgommiin Miss Irreechaa kunis aadaa fi duudhaa Oromoo dhaloota haaraatti dabarsuu keessatti shoora olaanaa qaba jedhaniiru. Dorgommii Miss Irreechaa marsaa 2ffaa bara kanaa gaggeeffameen Durbee Urjii Biqilaa injifattuu ta’uun filatamteetti.
Naannoo Harariitti sagantaa soorata barattootaa eegalchiisuuf qophiin taasifameera
Sep 30, 2026 183
Fulbaana 20/2019(ENA)- Bara barnootaa kana naannoo Harariitti maneen barnootaa idileen duraa fi sadarkaa tokkoffaa 68 keessatti sagantaa soorata barattootaa eegalchiisuuf qophiin taasifamuusaa biiroon barnootaa naannichaa ibse. Hogganaan biiroo barnootaa naannichaa obbo Geetuu Nagawoo ENA’f akka ibsanitti, naannichatti qulqullina barnootaa mirkaneessuudhaan lammii bu’a qabeessa, ga’oomaa fi dorgomuu danda’u horachuuf hojiileen hedduun hojjetamaa jiru. Kanneen keessaa sagantaan soorata barattootaa tokko ta’uu eeraniiru. Sagantaan kun maneen barnootaatti erga hojiirra ooluu eegalee asitti barattoonni kufanii fi barumsa addaan kutan hir’achaa dhufuusaa fi qabxiinsaaniis fooyya’aa dhufuusaa dubbataniiru. Bara barumsaa baranaatti sagantaan kun maneen barnootaa idileen duraa fi sadarkaa tokkoffaa magaalaa fi baadiyyaa naannichaa 68 keessatti akka gaggeeffamu dubbataniiru. Sagantaan kun bajata mootummaan naannichaa ramade birrii miiliyoona 46 fi hirmaannaa ummataan akka gaggeeffamu eeraniiru. Sagantaa kana baatii dhufu eegalchiisuuf galtee guutuun, kutaalee barattoonni itti sooratan mijeessuun akkasumas haadholii barattoota sooran leenjisuunii fi qophiileen biroo taasifamuu eeraniiru. Barattoonni kuma 40 sagantaa kanatti akka gargaaraman beeksisaniiru. Bara barnoota kanatti naannoo Harariitti barumsa idileen duraa irraa amma sadarkaa lammaffaatti barattoonni kuma 91 ol akka baratan beekameera.
Magaalli Shaggar keessummoota Ayyaana Irreechaa kabajuuf dhufan   simachuuf qophii xumuruu ishee ibsite
Sep 29, 2026 338
Fulbaana 19/2019 (ENA) – Magaalli Shaggar keessummoota ayyaana Irreechaa bara kanaa kabajuuf kallattii garaa garaatiin keessummoota dhufan simachuuf qophii xumuruusaanii Kantiibaan magaalichaa Dr. Tashoomaa Addunyaa ibsaniiru. Ayyaanni Irreechaa kan waggaa waggaatti keessummoota biyya keessaa fi biyya alaa hirmaachisu, waggoota dhihoo keessa ummata Itoophiyaa biratti Waltajjii guddaa tokkummaa fi wal-jijjiirraa aadaa ta'aa dhufeera. Magaalli Shaggar namoota gara Hora Finfinnee fi Hora Arsadii deemaniif harki caalaan isaanii magaalicha keessa waan darbaniif simachuun qophii xumereera.   Simannaa keessummootaa cinaatti oomisha qonnaa, beelladaa fi bu'aalee beelladaa, lukkuu, akkasumas oomishaalee harkaa, bu’aalee mukaa beeksisuu fi hawaasaf gatii madaalawaan dhiheessuuf kutaa magaalichaa hunda keessatti baazaarii fi agarsiisni ni banamu. Magaalaa Shaggar Kutaa Magaalaa Koyyee Faccee keessattis meeshaaleen ayyaana Irreechaa miidhagsan dhihaatanii baazaarii fi agarsiisni banameera. Sagantaa baniinsa baazaarii fi agarsiisarratti kan argaman Kantiibaan magaalichaa Dr. Tashoomaa Aduunyaa akka jedhanitti, Shaggar bara kana keessummoota ishee simachuuf qaamolee dhimmi ilaalu wajjin qindoominaan hojjechuun qophii xumuruu ibsaniiru. Ayyaanni Irreechaa bara kanaa akka biyyaatti yeroo itti milkaa'inoonni hedduun itti galmaa'anitti kabajamuun isaa adda isa taasisa kan jedhaniiru. Kantiibaan kun, ayyaanicha yeroo kabajnu abdii guddaan, tokkummaa cimaa fi wal-jaalala agarsiisuun ta'uu qaba jedhaniiru.
Diinagdee
Itiyoophiyaan pirojektoota Gibtsiin gufachiifaman kan gamaaggamu koree beenyaa hundeessite
Oct 1, 2026 50
Fulbaana 21/2019 (ENA) - Itiyoophiyaan pirojektoota bishaanii Gibtsiin gufachiifamanii kasaaraawwanii fi carraalee misoomaa jala darban kan gamaaggamu koree biyyaalessaa hundeessuushee ministirri bishaanii fi inarjii Injiinar Habtaamuu Ittafaa beeksisan. Ministirri bishaanii fi inarjii Injiinar Habtaamuu Ittafaa ENA wliin turtii taasinaniin akka ibsanitti, hidha haaromsaa Itiyoophiyaa guddicha dabalatee pirojektoonni misoomaa Gibtsiin gufachiifaman 22 ol koree Kanaan adda baafamanii hojiitti galameera. Yaaddoowwan Itiyoophiyaa bara dheeraa misooma yaa’a Abbayyaarratti wal hin gitne ilaalchisee deeggarsi hayyootaa guddachaa dhufe jiraachuu himanii, kun ammoo kasaaraa dinagdee seenaa keessatti irra gahee fi carraalee misoomaa jala darbeef beenyaa akka argattu gaaffiishee ni cimsa jedhaniiru. Koreen haaraa hundeeffame kun pirojektootarratti ragaalee qindeessaa fi gaaffiiwwan beenyaa Itiyoophiyaan gaafattu bu’urasaanii qorachaa akka jiru ministirri Injiinar Habtaamuun dubbataniiru. Korichi ogeeyyota, ministiroota duraanii, gorsitootaa fi ogeeyyota seeraa kasaaraa qaqqabee fi kana furuuf kan gargaaran akkaataa itti dhiheeffamu qorachaa jiran akka of keessaa qabu eeraniiru. Yeroo ammaa hidha haaromsaa dabalatee pirojektoota Gibtsiin gufachiifaman ilaalchisee ragaawwan walitti qabamuusaanii dubbatanii, hawaasa addunyaa fuulduratti wantoota yakka ta’aniin Itiyoophiyaa doorsisuuf yaalaa turuusaanii kaasaniiru. Gamaaggamni Koreen kun gaggeessu akka hin hojjetamne kan taasifaman pirojektoota qofaa osoo hin taane tattaaffii eegumsa naannoo Itiyoophiyaan itti jirtuu fi bu’uraaleen bulchiinsa bishaanii faayidaa yaa’a gajjallaaf kennan akka xiinxalu ibsaniiru. Sagantaa biqiltuu ashaaraa magariisaatiin mukkeen biiliyoona 50 caalan dhaabamuusaanii yaadachiisanii, Baaroo, Abbayya fi Takazee dabalatee laggeen gurguddoorratti hojiin misooma sululaa gaggeeffamuu eeraniiru. Hojiiwwan eegumsa naannoo kunneen qabeenya bishaanii Itiyoophiyaa eeguu fi yaa’a Abbayyaa keessatti dhiibbaawwan haala qilleensaa qolachuuf gumaacha taasifte akka xiinxalu injiinar Habtaamuun ibsaniiru. Akkasumas hidhi haaromsaa guddichi yaa’a laga Abbaayyaa to’achuudhaan qooda guddaa inni qabu kan ibsan ministirichi, akkaataan hidhi kun itti hojjetame biyyoota yaa’a gadii balaa lolaarraa baraaruu fi yeroo roobni xiqqaatutti bishaan akka addaan hin cinne akka gargaaru ibsaniiru. Haalawwan roobaa elniinoon walqabatanii amma jiran bulchiinsa bishaanii qindaa’aa akka barbaachisu kan eeran ministirichi, yaa’a bishaanii to’achuun Sudaanii fi Gibtsi dabalatee biyyoota yaa’a gadiif faayidaa kennuu akka danda’u eeraniiru. Adeemsi Itiyoophiyaa boqonnaawwan ifa ta’an akka qabaatan akka ta’u, mari’achuunii fi walii galtee waloorra gahuun filmaata yoo ta’u, kanneen biroo ammoo Itiyoophiyaan tarkaanfiiwwan dabalataa kan taasisan beenyaa argachuuf filmaattota hordofamuu qaban akka ta’an ministirri injiinar Habtaamuun ibsaniiru.
Daandiin qilleensaa Itiyoophiyaa kaampaanii Booyingi waliin walii galtee bittaa xiyyaarotaa mallatteesse
Sep 30, 2026 223
Fulbaana 20/2019 (ENA) - Daandiin qilleensaa Itiyoophiyaa dandeettii kaargoo haala olaanaan kan guddisuuf xiyyaarotaa fe’isaa booyingi 777 jedhamu 10 bituuf kaampaanii Booyiingi waliin walii galtee mallatteesse. Milkaa’ina biyya guddoo, ummata guddaa fi mul’ata guddaaf gumaacha olaanaa taasisaa kan jiru daandiin qilleensaa Itiyoophiyaa walii galtee bittaa xiyyaaraa gara boqonnaa milkaa’inaa haaraatti isa ceesisu har’a mallatteesseera. Hojii raawwachiisaan olaanaa garee daandii qilleensaa Itiyoophiyaa obbo Masfin Xaasoo fi itti aanaan pirezidaantii olaanaa gurgurtaa daldalaa fi maarkeetiingii kaampaanii Booyingi Biraad Makmulan walii galtee kana mallatteessaniiru. Walii galtichi qooda geejjiba fe’isa qilleensaa naannoo fi idil addunyaa Itiyoophiyaan qabdu cimsuuf akkasumas daandiin qilleensichaa fedhii maamilootaa dabalaa dhufe guutuuf humnasaa cimsuuf kan akeekamedha. Kana malees daandiin qilleensaa Itiyoophiyaa qaqqabummaa fe’isaa bal’isuuf tarsiimoo yeroo dheeraaf karoorfate kan deeggaru ta’uun ibsameera. Hojii raawwachiisaan olaanaa garee daandii qilleensaa Itiyoophiyaa obbo Masfin Xaasoo sirna mallattoorratti akka ibsanitti, walii galteen har’a taasifame saddettansaa xiyyaarota ammayyaa B777-8F fi xiyyaarota fe’isaa B777 lama bituuf kan dandeessisudha. Walii galteen bittaa xiyyaaraa kun tarsiimoo guddinaa daandiin qilleensichaa bara 2040 qabate keessatti baayina xiyyaarotaa dabaluu fi teeknooloojiin ammayyeessuun utubaawwan ijoo keessaa tokko ta’uu dubbataniiru. Tokkoon tokkoon xiyyaarotaa fe’isa toonii 117 ta’u baachuu kan danda’anii fi boba’aa kan qusatan ta’uun hojii raawwachiisaa olaanaan kun eeraniiru. Daandiin qilleensichaa xiyyaarota teeknooloojiin deeggaraman harkatti galfachuun Afriikaarraa tajaajila adda duree kennaa jiru cimsee akka itti fufsiisu ta’uu ibsaniiru. itti aanaan pirezidaantii olaanaa gurgurtaa daldalaa fi maarkeetiingii kaampaanii Booyingi Biraad Makmulan gamasaaniin, tumsi daandii qilleensaa Itiyoophiyaa fi kaampaanii Booyingi jidduu jiru waggaa 80 guutuusaa ibsaniiru. Waggaa lama dura xiyyaara booyingi 777-9 ajajuusaa yaadachiisanii, daandiin qilleensaa Itiyoophiyaa xiyyaara kana ajajuudhaan Afriikaarraa kan jalqabaa akka ture eeraniiru. Daandiin qilleensichaa guyyaa har’aas xiyyaara fe’isaa 777-8f ajajuudhaan daandii qilleensaa Afriikaa kan jalqabaa ta’uu ibsaniiru. Walii galteen kun dandeettii dorgommii daandii qilleensichaa kan guddisuu fi fedhii kaargoo dabalaa dhufe guutuuf kan dandeessisu ta’uu ibsaniiru.
Kallattiiwwan misoomaa Itoophiyaa guddina biyyaa ijaaruu keessatti milkaa'ina bu'uuraa galmeessisaa jiru- Itti Aanaa Ministira Muummee Tamasgeen Xurunaa
Sep 29, 2026 251
Fulbaana 19/2019 (ENA) Kallattiiwwan misoomaa Itoophiyaa guddina biyyaa ijaaruu keessatti milkaa'ina bu’uuraa galmeessaa jiraachuu Itti Aanaan ministira Muummee obbo Tamesgeen Xurunaa ibsan. Fooramiin Faayinaansii Itoophiyaa 2026 lammaaffaan Yaadannoo Injifannoo Adwaatti gaggeeffamaa jira. Itti Aanaan Minisira muummee Tamasgeen Xurunaa wayita sana akka jedhanitti, seenaan Itoophiyaa yeroo hunda rakkoolee obsaanii fi injifannoon darbuun ijaaruu ta'uu isaa yaadachiisaniiru. Yeroo ammataas Itoophiyaan damee dinagdeetiin boqonnaa guddaa irra akka jirtu ibsaniiru. Riifoormiiwwan waggoottan darbanitti taasifaman sirna gabaa jijjiirraa sharafa alaa fooyyessuu fi dhiheessii dabaluu, qaala’insi hir'achaa dhufuu, gurgurtaan alaa fi galii mootummaa dabaluu, gufuuwwan invesitmantii dhuunfaa furamuu, ammayyummaa imaammata maallaqaa, fooyya'insa faayinaansii fi seera damee faayinaansii cimsuun bu'aawwan qabatamaa galmeessisuu addeessaniiru. Milkaa'innooni fooyya'insa dinagdee kunniin biyyattii gara ce’umsa dinagdee guddaatti gaggeessaa akka jiranis dubbataniiru. Safartuun sirrii jijjiirama dinagdee gabaasa waraqaa irra kaa'amu qofa osoo hin ta’iin, bu'aawwan qabatamaa lafa irraatti mul'atan ta'uu Itti Aanaan ministira Muummee hubachiisaniiru. Qonnaan bultoonni Omisha fi omishtummaa dabaluuf, faayinaansii argachuu kan danda'an, dargaggoonni dhaabbata hundessuuf tattaafatan,dubartoonni liqaa argatanii daldala isaani dhaweesummaan invesitmantii yeroo dheeraa kan taasisan abbootii qabeenyaa jiraachuun isaanii safartuu dhugaa jijjiiramaati jedhaniiru. Kallattiin dinagdee Itoophiyaa taateewwan yeroo tokkoo qofaan kan ijaarame osoo hin ta'in; dhaabbileen, seerota, gabaan, bu'uuraalee misoomaa, dandeettii namootaanii fi adeemsa jijjiirama cimaa siyaasa guyyaa guyyaa irra caalu irratti kan hundaa'e ta'uu addeessaniiru.   Kanafis mootummaan guddina, ariitii jijjiiramaa fi naamusa diinagdee gooroon eeguu, balaawwan dursuun tilmaamuun haala sirnaan bulchuu irratti kutannoo qabaachuu mirkaneessaniiru. Hammatamuummaan tarsiimoo dinagdee guddaa ta'ee; dubartoonni, dargaggoonni, qonnaan bultoonnii fi dhaabbileen daldalaa xixiqqaan fayyadamtoota guddina kanaa ta'uu akka qaban ibsaniiru. Kunis mootummaan seerota yeroo qopheessu, to'attoonni kalaqa osoo hin daangessin tasgabbii dinagdee yeroo mirkaneessan, baankonni faayinaansii yeroo dhiheessanii fi abbootiin qabeenyaa obsa argarsiisuun kutannoo yeroo dheeraa yeroo agarsiisan jijjiirama dhugaatuu milkaa'a jedhaniiru.
Viidiyoo
Saayinsii fi teeknooloojii
Dhaabbatichi kalaqoota teeknooloojii fi intarpiraayizoota of danda’an horachuun qoodasaa bahachaa jira
Sep 25, 2026 738
Fulbaana 15/2019 (ENA)- Inistiitiyuutiin leenjii teekniikaa fi ogummaa FDRI kalaqoota teeknooloojii fi intarpiraayizoota of danda’an horachuun qoodasaa bahachaa jiraachuu ibse. Dhaabbatichi hojiisaa hawaasaaf beeksisuuf kan isa gargaaruu fi guyyoota 15’f kan turu ‘torban odeeffannoo’ ilaalchisee ibsa kenneera ‎‎Itti aanaan daarektara olaanaa inistiitiyuutichaa Dr. Habtaamuu Mulugeetaa wayita kana, dhaabbatichi woorkishooppiiwwan gurmaa’an, laaboraatooriiwwanii fi bakka itti shaakalamu qabaachuunsaa dargaggootaaf dandeettii fi carraa guddaa akka uumu ibsaniiru. Dhaabbatichi dargaggoonni carraa hojii uumuu isaan dandeessisu akka isaaniif argamsiise eeraniiru. Haala Kanaan dhaabbatichi kalaqoota teeknooloojii biyyattii guddisuu danda’anii fi በintarpiraayizoota of danda’an horachuudhaan qoodasaa bahachaa akka jiru ibsaniiru. Barattoota bara 2019 simatuuf barnoota bu’a qabeessa kennuuf qophii ga’aa taasisuusaa dubbataniiru. Waggoottan lamaan darban qofa fedhii yeroon barbaadu kan guute sagantaawwan haaraa 11 ta’aneegaluusaanii beeksisaniiru. Kanneen keessaa sagantaan leenjii hubannoo nam-tolchee(AI) isa tokko yoo ta’u, sagantaa Kanaan bara 2018 irraa eegalee barattoota simatee leenjisaa akka jiru ibsaniiru. Itti aantuun daarektara olaanaa inistiitiyuutichaa Tsadaalee Takluu gamasaaniin, inistiitiyuutichi xiyyeeffannoon qulqullina barnootaaf kenne bu’aa qabatamaa fidaa jiraachuu ibsaniiru. Dhaabbatichi kaampaasiisaa muummeetti beekamtii ISO 9001:2015 mirkaneessuusaa dubbataniiru.
Tajaajilli qorannoo fi hawaasaa Yunivarsiitichi gaggeessu hawaasa naannawichaa gargaaraa jira
Sep 21, 2026 1062
Fulbaana 11/2019 (ENA)- Tajaajilli qorannoo fi hawaasaa Yunivarsiitiin Madda Walaabuu gaggeessu hawaasa naannawichaa gargaaraa jiraachuu pirezidaantiin Yunivarsiitichaa Dr. Biraanamasqal Xannaa ibsan. Yunivarsiitichi yaad-rimeewwan qorannoo fi misooma hawaasaa mata-duree ijoo irratti xiyyeeffatan kan qoratu workshopii ijaarsa dandeettii gaggeessaa jira. Pirezidaantiin Yunivarsiitichaa Dr. Biraanamasqal Xannaa akka jedhanitti, Yunivarsiitichi hojii baruu fi barsiisuu cinaatti qorannoowwan rakkoo hawaasaaf furmaata ta’u jedhu gaggeessaa jira. Xiyyeeffannoon qorannoo yunivarsiitichi gaggeessuu wiirtuu ga’oomaa kan ta’an qonna, fayyaa, turizimii, sirna ikoo fi eegumsa uumamaarratti ta’uu dabalanii ibsaniiru. Hayyoonni Yunivarsiitichaa tajaajiloota qorannoo fi hawaasaa waggoottan darban gaggeessaniin fayyadama hunda galeessa lammiilee hedduu kan mirkaneessan bu’aaleen guddaan argamuusaanii ibsaniiru. Keessumaa gama qonnaatiin hojmaata kilaastaraa, waldhaansa kaansarii fi hawaasa hubannoo qabsiisuun hojii hojjrtameen jijjiiramni qabatamaa galmaa’uu wabeeffataniiru. Tajaajiloonni qorannoo fi hawaasaa rakkoo ummataa furuu akka danda’an qorattootaa fi gamaaggamtootaaf leenjiin gabbisa dandeettii itti fufiinsaan kennamaa jiru cimee akka itti fufu pirezidaantichi dubbataniiru. Itti aanaan pirezidaantii akkaadaamikii, qorannoo fi cehumsa teeknooloojii Yunivarsiitichaa Dr. Bazzaabih Wandimmuu workishooppiin gabbisa dandeettii kun rakkoolee gama qorannootiin jiran adda baasuudhaan qorannoo dhiibbaa bu’aa fooyya’aa Fidan gaggeessuuf akka gargaaru ibsaniiru. Hojiiwwan misooma hawaasaa irratti xiyyeeffatan keessatti qophii yaad-rimeewwanii fi haala qabatamaa addunyaa irratti hubannoo gahaa akka argatan ibsaniiru. Hayyoonni Yunivarsiitichaa bara bajataa 2018 dameewwan xiyyeeffannoo garagaraa irratti xiyyeeffatan qorannoowwan 24 ol gaggeessuusaanii eeraniiru. Bara bajataa kana ammoo yaad-rimeewwan qorannoo 96 gamaaggamaaf dhihaachuusaanii dubbataniiru.
Wiirtuun hubannoo nam-tolchee Yunivarsiitii Jimmaa barattoonni hojii kalaqaarratti akka hirmaatan deeggaraa jira
Sep 18, 2026 1003
Fulbaana 8/2019 (ENA)- Wiirtuun hubannoo nam-tolchee Yunivarsiitii Jimmaa barattoonni beekumsaa fi hubannoo damee kanarratti qaban guddisuun hojiilee qorannoo fi kalaqaarratti akka hirmaatan deeggaraa jiraachuu ibse. Hubannoon nam-tolchee (AI) yeroo ammaa sadarkaa idil addunyaarratti dameelee teeknooloojii, dinagdee, fayyaa qonnaa fi barnootaarratti jijjiirama si’ataa fidaa kan jiru meeshaa kalaqaa isa ijoo ti. Itiyoophiyaatti karoora tiraanisfoormeeshinii dijitaalaa biyyaalessaa milkeessuu fi hirmaannaa industirii warraaqsaa guddisuuf dargaggoota beekumsa teeknooloojii olaanaa ta’e qaban horachuun dhimma murteessaa ta’a. Yunivarsiitiin Jimmaa cehumsa teeknooloojii idil addunyaa fi fedhii biyyaalessaa yaada keessa galchuun, dandeettii kalaqaa fi qorannoo barattootaa guddisuuf wiirtuu hubannoo nam-tolchee hundeessee hojjechaa jira. Yunivarsiitichatti daarektarri wiirtuu kanaa Injiinar Jaarmiyaa Baay’isaa akka jedhanitti, Hubannoon nam-tolchee Yunvarsiitichaa erga hundeeffamee kaasee beekumsaa fi hubannoo barattoonni dame Kanaan agarsiisan guddisuuf deeggarsa itti fufaa gochaa tureera. Barattoonni hojiilee kalaqaa fi moosaajii hubannoo nam-tolcheerratti hundaa’an akka hojjetan wiirtuun kun deeggarsa barbaachisu gochaa jiraachuu dubbataniiru. Barattoonni beekumsaa fi hubannoo garagaraa qaban bakka hojii tokkotti walitti dhufanii muuxannoo akka wal jijjiiran haala mijeessuusaa eeraniiru. Kana malees barattoonni wiirtuu kana keessatti shaakallii hojiirraa akka taasisan haala mijeessuudhaan, pirojektoota garagaraa hubannoo nam-tolcheen deeggaraman hojjechuun muuxannoo fi beekumsa qabatamaa akka argatan gochaa akka jiru daarektarichi dubbataniiru. Waggaatti al lama hubannoo nam-tolchee ilaalchisee dorgommii hakatoon qopheessuun, barattoonni kalaqaan akka dorgomanii fi badhaasa garagaraa akka argatan haala mijeessaa akka jiru ibsaniiru. Barattoonni mooraa Yunivarsiitichaan alattis hojiilee qorannoo fi kalaqaa hubannoo nam-tolcheen deeggaraman kan rakkoo hawaasaa furan irratti hirmaachaa akka jiran ibsaniiru. Kanneen keessaa dhibee Bunarratti mudatan dursanii adda baasuuf, furmaata kennuu fi sadarkaa Bunaa murteessuuf kan tajaajilu kalaqa “appii Daboo Bunaa” fakkeenya kaasaniiru. Pirojektii taphoota aadaa Roobootiksii fi hubannoo nam-tolcheen walitti qindeessuun dhiheessu, qabiyyee biyyoo adda baasuun akaakuu oomishaa mijataa kan agarsiisu “omishtuu Jooyi aappii” fi kalaqoonni fayyaa fi dhukkuba beelladaa hordofuuf hojjetaman akka keessatti argaman dubbataniiru. Hojiiwwan kunneen biyya keessaa fi sadarkaa idil addunyaatti badhaasa hedduu akka argamsiisan eeraniiru. Yunivarsiitii Jimmaarraa damee Kanaan kan eebbifamtee fi hojiiwwan kalaqaa garagaraa irratti hirmaachaa kan turte shamarree Ikraam Alqaadir, wiirtuu kana keessa turuunshee beekumsaa fi muuxannoo guddaa akka argattu akka ishee gargaare ibsiteetti. Yeroo ammaa dhaabbata dhuunfaa keessatti damee Kanaan hojii bu’a qabeessa hojjechuurratti argamti. Dargaggoo Adam Sa’id beekumsaa fi muuxannoo wiirtuu kanarraa argatetti fayyadamuun dhaabbata ‘kireetiiv hab’ keessa hojjechaa jira. Yeroo ammaa hojiilee moosaajii hojjechuurratti bobba’ee akka argamu ibsuun, wiirtuun hubannoo nam-tolchee Yunivarsiitii Jimmaa milkaa’ina argateef beekumsa bu’uraa guddaa akka gumaacheef eereera.
Tajaajilli wiirtuu tokkoo Masoob bakkaa bakkatti socho’uun kennu deebii hatattamaa mootummaan ummataaf kennedha-tajaajilamtoota
Sep 18, 2026 834
Fulbaana 8/2019 (ENA)-Tajaajilli wiirtuu tokkoo Masoob bakkaa bakkatti socho’uun kennu deebii hatattamaa fi kutannoo mootummaan ummataaf kenne kan mirkane ta’uu tajaajilamtoonni ibsan. Tajaajila wiirtuu tokkoo dijitaalaa bakkaa bakkatti socho’uun kennamu ministirri muummee Dr. Abiyyi Ahimadiin Ebla 14 bara 2018 eebbifamee hojii eegaluunsaa ni beekama. Tajaajilli ammayyaa kun jiraattonni biirolee mootummaa garagaraa osoo hin dhaqiin, bakka jiranitti yeroo gabaabaatti dhimmasaanii raawwachuu akka danda’an haala mijataa uumeera uumeera. Dhimma kanarratti ENA’f yaada kan kennan keessaa obbo Taammiruu Asaffaa akka ibsanitti, tajaajilli Kanaan dura mootummaan kennu yeroo dheeraa kan fudhatuu fi bu’aa bayiif kan nama saaxilu ture. Amma garuu hojmaanni dijitaalawaa waan ta’eef daqiiqaa muraasa keessatti tajaajila si’ataa argachuu akka danda’an ibsaniiru. Keessumaa hojmaanni tajaajila dijitaalaa masoob bakkaa bakkatti socho’uun kennamu naannawa jiraatanitti tajaajila si’ataa akka argatan carraan argamuunsaa itti quufinsa caalaa akka uumeef dubbataniiru. Obbo Taammiraat Kabbadaa gamasaaniin, kenniinsi tajaajila dijitaalaa masoob bakkaa bakkatti deemuun kennamu simannaarraa eegalee hojmaata Kanaan dura turerraa si’ataa ta’uusaa eeranii, tajaajila argatanitti gammaduusaanii ibsaniiru. Obbo Waabalaa Hajiikadir tajaajila dijitaalaa Masoob bakkaa bakkatti deemuun tajaajila kennutti yeroo jalqabaaf tajaajilamuusaanii dubbatanii, tajaajila gama Kanaan kennamu yeroo gabaabaa fi hatattamaan argachuusaanii ibsaniiru. Tajaajila si’ataa kanaaf mootumma galateeffataniiru. Tajaajila dijitaalaa masoob bakkaa bakkatti deemuun kennamutti ogeessi kaawuntaraa immigireeshinii fi tajaajila lammummaa Darribee Faantaahun, Kanaan dura tajaajilamtoonni tajaajila argachuuf qaamaan gara dhaabbatichaa deemuuf akka dirqaman yaadataniiru. Tajaajila dijitaalaa masoob bakkaa bakkatti deemuun amma kennamaa jiruun dhaabbilee hedduu bakka tokkotti fiduun bakka tajaajila kennaa akka jiran ibsaniiru. Tajaajila dijitaalaa FDRI bakkaa bakkatti deemuun kennamutti ogeessa tajaajila yehulluu kan ta’an Haannaa Tafarraa, amma ammaatti kutaalee magaalaa Hunda dhaquun tajaajila kennuudhaan itti quufinsa tajaajilamtootaa mirkaneessaa jirra jedhaniiru. Hojii raawwachiisaan tajaajila masoob FDRI Yoonaas Alamaayyoo akka ibsanitti, tajaajiloota mootummaa Kanaan dura bittinnaa’anii turan dijitaalaayiz gochuun wiirtuu tokkotti kennuuf kan eegalame tajaajilli masoob akka biyyaatti bu’aa olaanaa fidaa jira. Namoonni gara wiirtuu Masoob qaamaan dhaquun tajaajilamu hin dandeenye bakka jiraatan dhaquun tajaajiluun haalli dandeessisu uumamuu dubbataniiru. Hojmaanni kun namoota qaamaan argamuu hin dandeenyeef carraa guddaa kan uume waan ta’eef fuulduras tajaajila kana bal’isuudhaaf xiyyeeffatamee akka hojjetamu obbo Yoonaas Alamaayyoo mirkaneessaniiru.
Ispoortii
Fiigichi guddichi Irreechaa duudhaalee ayyaana Irreechaa addunyaatti beeksisuuf gahee olaanaa qaba
Oct 1, 2026 40
Fulbaana 21/2019 (ENA) — Fiigichi Guddichi Irreechaa, fageenya kiilomeetira 10n magaalaa Bishooftuutti gaggeeffame, faayidaa ispoortii, hawaasummaa fi biyyaalessaa cimsuu bira darbee, Ayyaana Irreechaa sadarkaa addunyaatti beeksisuuf gahee olaanaa qabaachuun ibsame.   Hoggantuun Biiroo Aadaa fi Ispoortii Oromiyaa, Aadde Rozaa Biyyaa, sagantaa jalqabbii fiigichaa guddicha Irreechaa irratti ergaa dabarsaniin, ispoortiin nagaa, jaalala, tokkummaa fi obbolummaa ummatootaa cimsuuf gahee olaanaa akka qabu ibsaniiru. Aadde Rozaan, fiigichi guddaan kun duudhaalee, aadaa fi seenaa Ayyaana Irreechaa hawaasa addunyaatti bal’inaan beeksisuuf waltajjii guddaa ta’uu himaniiru. Kanaaf fiigicha kana osoo walirra hin kutiin waggaa waggaan akka gaggeeffamu kan hojjetamu ta'uu himaniiru. Kantiibaan Magaalaa Bishooftuu, Obbo Alamayyoo Asaffaa, gamasaaniin, fiigichi kun Bishooftuu giddugala turiizimii caalaatti taasisuuf hojiiwwan hojjetamaa jiran saffisiisuufi cimsuuf gumaacha olaanaa qabaachuu ibsaniiru. Fiigichi kun waggoota torba booda yeroo lammaffaaf, mata-duree “Irreechaa Waliigaltee Biyyaalessaaf” jedhuun gaggeeffame.   Fuuldurattis addaan osoo hin cinne, waggaa waggaadhaan akka gaggeeffamu himaniiru. Dorgommicharratti hoggantoonni olaanoon mootummaa federaalaa fi naannoo, Abbootiin Gadaa, maatii atileetota beekamoo addunyaa kanneen akka Xuruneesh Dibaabaa, atileetonni profeeshinaalaa 1,400 ol, akkasumas jiraattonni Magaalaa Bishooftuu fi deeggartoonni 50,000 ol hirmaataniiru.
Maratoonii Barliin Atleetonni Itoophiyaa hawwiin kan Eegaman
Sep 27, 2026 288
Fulbaana 17 / 2019 (ENA) Maratoonii Barliin 52ffaan har'a waaree dura ni gaggeeffama. Dorgommiin koornyaawwan lamaaniinuu taasifamu kun xiyyeeffannoo jaallattoota atileetiksii addunyaa harkiseera. Dorgommii dubartootaan Tigist Asaffaa, Deeraa Diidhaa, Badhaatuu Hirphaa, Zaynabaa Yimar, Bosonaa Mulaatee, Misgaanaa Alamaayyoo, Baqqalech Guddataa, Gaaddisee Muluu, Eebbisee Addunyaa, Aminaat Ahimad fi Alam addis Iyyaayyuu atIleetota Itoophiyaa dorgommicharratti hirmaatanidha.   Atileet Tigist Asaffaa A.L.A bara 2022 fi 2023tti dorgommii Maratoonii Barliin mo’achuun ishee ni yaadatama. Dorgommii bara 2023 irratti sa'aatii 2:11:53n xumuruun, rikkoordii addunyaa Atileet Keeniyaa Birjid Kosgeyi sa'aatii 2:14:04n qabamee ture daqiiqaa 2 fi sakondii 11n fooyyessuun rikkoordii addunyaa haaraa galmeessuun ishee ni yaadatama. Haa ta’u malee rikkoordiin kun yeroo ammaa sababa qoricha humna dabaluun kan dhorkamte lammii Keeniyaa Ruut Cheppingetichiin A.L.A bara 2024 dorgommii Maratoonii Chikagoo irratti cabeera. Yeroo sanatti sa'aatiin ishee galmeessite sa'aatii 2:09:56 ture.   Atileet Tigist Asaffaa yeroo sadaffaaf dorgommicha ni moo'atti jedhamee tilmaamni kennameera. Dorgommii Maratoonii Barliin bara darbee irratti dorgommii xumuruun sadarkaa 2ffaa kan baate Deeraa Diidhaa atleetii biraa kan eeggamtudha. Injifattuu dorgommii Maratoonii Barliin kan yeroo ammaa kan taate atleet Keeniyaa Rozimarii Wanjiruu dorgoommii cimaa ni taasisti jedhamee eeggama. Dhiiraan dorgommii kanaan Geetaaneh Mollaa, Shuraa Qixxaataa, Milkeessaa Mangashaa, Guyyee Adoolaa, Salomoon Bareegaa fi Cimdeessaa Dabalee ni hirmaatu. Maratoonii Barliin 51ffaa irratti Cimdeessaa Dabalee sadarkaa 3ffaa, Guyyee Adoolaa immoo sadarkaa 4ffaa ba'uun isaanii ni yaadatama. Mootichi dorgommii fageenya dheeraa atleet Qananiisaa Baqqalaa jalqaba irratti dorgommicha irratti ni hirmaata jedhamee kan ture yoota’u , odeeffannoowwan ba'aniin garuu dorgommii har'aa irratti akka hin hirmaanne ibsameera. Maratoonii Barliin 51ffaa irratti kan mo'atte atileetii Keeniyaa Saabaasiistiyaan Saawees dorgommicha irratti ni hirmaata jedhamee yoo eeggamuus, yeroo shaakalaatti miila isaa irratti miidhaa qaqqabeen dorgommichaa ala ta'uuf dirqameera. Eerik Saangii fi Riichaard Yaatoor atleetota Keeniyaa irraa eeggamanidha. Koorniyaawwan lamaaniinuu atleetotni Itoophiyaa ni eeggamu. Atleetota dorgommicha irratti hirmaataniif badhaasni Yuuroo kumaa 230 ol qophaa'eera. Itti dabalees, atleetii rikkoordii bakki dorgommiichaa qabu fooyyesseef yuuro doolaara kuma 30, Atileetii rikkoordeii Idil- addunyaa cabseef immoo badhaasa dabalataa yuuroo kuma 50 ni argata Maratooniin Barliin A.L.A bara 1974 jalqabame, dorgommiiwwan maratoonii gurguddoo addunyaa ja'an keessaa isa tokko ta'uun kan beekamudha.
Eegumsa naannoofi haala qilleensaa
Harka Lammiilee isheen Dachee Laliste -Itoophiyaa
Sep 22, 2026 1166
Waggoota kurnan darban keessa uwwisni bosonaa ishee baay’ee haphatee ture. Haalli kunis biyyattii jijjiirama haala qilleensaa fi eegumsa naannoof qormaata itti ta’aa tureera. Kaka’umsa Ministira Muummee Dr. Abiyyi Ahimadiin ifatti bara 2011 kan jalqabame sagantaan ashaaraa magariisaa bu’aa olaanaa fidaa jira. Sagantaa ashaaraa magariisaa kanas ummanni Itoophiyaa qajeelfama hoggansa isaa fudhachuun duulaan biqiloota dhaabuun adda duree akka ta’e Zegaardiyaan gabaasa isaa keessatti bal’inaan ibseera. Haliimaa Kadir yeroo jalqabaaf gaafa biqiltuu dhaabuu jalqabdu namoonni akka ishee shakkanii fi itti qoosan akka turte illee Zegaardiyaan gabaasa isaa keessatti eereera. Biqiloonni dhaabaman kunniin muuzii,zayituunaafi Giraaviiliyaa, akkasumas gosoota kuduraa fi muduraa adda addaan oyiruu uwwifame bira teessoo mukaarra teessee gaafa biqiltuu dbaabuuf jettu sana gara duubatti yaadatti. Olloonni koo abdii na kutachiisanii ture jetti. Garuu waan ajaa’ibaa hojjette. Namoota Tokkoo tokkoo isaaniif ifaajii homaa hin baafne itti fakkaatee ture;garuu booda biqiloonni dhaabaman kunniin jijjiirama qilleensaa fi wabii nyaataa mirkaneessuuf furmaata ta’ee gaafa argamu dhugaa jiru hubachaa dhufuu isaanii ibsiti. Naannoo Oromiyaa aanaa Barbareetti kan kan argamtu Haliimaa Kadir umuriin waggaa 35 kan taate,biqiloota kumaatamaan lakkaa’aman dhaabuun eegumsa naannoof modeela taateetti. Biyya akka Itoophiyaa mancaatiin bosonaa mudatuti hojiin Haalimaa salphaa hin turre; ija jabina naamusaa fi cimina guddaa gaafata ture. Amma garuu wanti hundi jijjiirameera jetti Haalimaan. Biqiltoonni isheen dhaabde guddachuu fi naannoon ishee magariisa ta'aa dhufuun, warri jalqaba abdii kutachiisuuf yaalan illee hojii cimaa fi kutannoo ishee akka dinqisiifatan ibsiteetti. Haalimaaf biqiltuun isheen dhaabdu muka ofii isaatii irra darbee hiika qaba; isaanis hiriyyoota ishee dhiyootiin akkasumas qormaata hawaasa ishee addunyaa irratti jijjiirama qilleensaaf saaxilamoo ta’an keessaa tokko ta’eef furmaata ta’anii ilaalamu. Akkuma ‘The Guardian’ gabaasetti; Itiyoophiyaan babal’ina qonnaa, biqiltuu qoraaniif oolan fi itti fayyadama cileef irraa kan ka’e uwwisa bosona ishee bal’aa dhabdeetti. Kunis heddummina lubbu qabeeyyii, gabbina biyyee fi qabeenya bishaanii irratti miidhaa guddaa kan geessise yoo ta’u, balaawwan haala qilleensaatiin walqabatan hammeesseera. Inishiyeetiiwwan hedduu mootummaan Itiyoophiyaan eegalte keessaa tokko kan ta’e Ashaaraa Magariisaan, jijjiirama qilleensaa fi mancaatii bosonaa hir’isuu keessatti gahee olaanaa taphateera. Gabaasni kun akka mul’isutti waggoota torban darban keessatti biqiltuun biiliyoona 48 ta’u sagantaa kanaan dhaabameera, kan amma jiru osoo hin dabalatiin jechuudha. Ollaan Haalimaa Faxee Abdullaahi milkaa’ina Haalimaa erga argitee booda eegumsa naannoo irratti hirmaattetti. Isheenis nuti akka hin dogoggorre nutti agarsiifte jechuun Haalimaa jajuun, rakkoon furmaata biyya keessaatiin rakkoo addunyaa furuun furuun akka danda’amu agarsiisuudhaan fakkeenya taatee jirti jette. Hawaasni Oromoo daa’ima nama biraa irraa dhalate abbaa fi haadha uumamaa ykn walitti dhufeenya dhalootaa tokko malee fudhachuun akka dhala ofiitti guddifachuun, akka ilmoo ofiitti guddisee, faayidaa dinagdee fi hawaasummaa isaa eeguun aadaa qaba. Ummanni Oromoo biqiltuu akka ilmoo isaatti ilaala. Haalimaan duudhaa kana irraa ka’uun biqiloota dhaabuun kunuunsuun akka ishee gargaare ibsiteetti. Akkasumas walitti dhufeenya ijoollee ishee waliin qabdu miira haadhummaa waliin walqabsiistee jirti. ''Akkuma aadaa keenya keessatti ijoollee guddifnu, biqiltuus akka ijoollee kootti nan ilaala,'' jetteetti. Naannoo hanqinni bishaanii hamaan jiru keessa kan jiraattu Haalimaan gara sa'aatii tokkoo deemtee biqiltuu ishee bishaan obaasti. Ilmi Haalimaa ganna 13, Anwaar Hasan, haadha isaatti akka boonu ibsuun, kaayyoo ishee hordofuu akka barbaadu dubbata. Jijjiirama qilleensaa ittisuuf umurii guutuu waadaa galuu akka barbaadus himeera. Maatiin fi dubartoonni kumaatamaan lakkaa’aman ganda naannoo sana jiranis sagantaa biqiltuu dhaabuu kana irratti hirmaataniiru. Akka qorattoonni naannoo fi ogeeyyiin jedhanitti, gosoonni mukaa dhalootaan maatii fi dhaabbilee adda addaatti raabsaman hedduun isaanii guddataniiru. Naannolee gammoojjii fi haala qilleensaaf miira qaban keessatti tattaaffiin kun hawaasni jijjiirama qilleensaa caalaatti akka dandamatu gargaaruu danda’a. Qindeessaan Sagantaa Biyyaalessaa ‘REDD+’ Misooma Bosonaa Itiyoophiyaa Doktar Xibabuu Mogas sagantaa dhaabbii biqiltuu hanga ammaatti milkaa’inni guddaan argame badda dareetti ta’uu dubbatu. Itiyoophiyaan jijjiirama qilleensaa ittisuuf kutannoon hin raafamne akka biyyaattis ta’e idil-addunyaatti guddachaa fi babal’achaa dhufeera. Miidiyaa Dijitaalaa ENA hordofaa- https://www.ena.et/web/links
Raaga haala Qilleensaa bal'inaan dhaqqabamaa taasisuun qophii gahaan akka jiraatuuf dhiheenyaan hojjetamaa jira
Sep 18, 2026 1123
Fulbaana 8/2019 (ENA) Odeeffannoo raaga haala qilleensaa bal'inaan dhiyeessuun qophii fi offeeggannoo duraa akka jiraatuuf dhiyeenyaan hojjetamaa jiraachuusaa Inistitiyuutiin Meetiroloojii Itoophiyaa beeksise. Inistitiyuutichi gamaggama haala qilleensa gannaa fi raaga haala qilleensa bonaa fuulduraa hirmaannaa qooda fudhattootaatiin Adaamaatti gaggeessaa jira. Daarektarri Olaanaan Inistitiyuutichaa Dr.Faxxanaa Tashoomaa akka jedhanitti, Inistitiyuutichi misoomawwan hawaasummaafi dinagdee biyyaattif faayidaa kan qaban raaga haala qilleensaa yeroo gabaabaa fi dheeraa yeroosaa eeggatee dhiyeessuun gaheesaa ba'achaa jira.   Odeeffannoon kunneen keessattuu dameelee Qonnaafi misooma jallisiif, Bulchiinsa qabeenya bishaaniif, hir’ina sodaa balaatiif,Aviyeeshinii fi geejibaatiif ,Barnootaafi fayyaaf gaggeesuuf murteessaa ta’uusaanii ibsaniiru. Akkasumas,odeeffannoo haala qilleensaa yeroosaa eeggatee fi amansiisaa ta'e uummataafi qooda fudhattootaaf dhiyeessuun misoomaa fi guddina biyyaatiif murteessaa ta'uu isaafi hojiin kun cimee kan ittifufu ta'uu ibsaniiru. odeeffannoo raaga haala qilleensaa yeroodhaan dhiyeessuun qophii fi deebii sirrii kennuuf kan gargaaruudhas jedhan. Qooda fudhattoonnis odeeffannoo kanatti fayyadamanii tarkaanfii qophiitiif akka itti fayyadaman waamicha dhiyeessaniiru. Gara biraatiin, raaga haala qilleensa Bonaa kan dhiyeessan Itti Aanaa Daarektara Inistitiyuutichaa Dr.Asaamminnoo Tashoomaa akka ibsanitti,Bona dhufu kanatti naannowwan horsiise bulaatti haalli qilleensaa misooma qonnaatiif mijaawaa ta'ee fi roobni gaariin akka jiraatu ibsaniiru. Naannoowwan kunniin rooba kana jalqaba baatii Onkololeessaatii jalqabanii kan argatan ta'uun ibsameera. See less  
Naannoo Harariitti Biqiltuuwwan Ashaaraa Magariisaan dhaabaman kunuunsuun cimee itti fufa
Sep 16, 2026 1131
Fulbaana 6/2019 (ENA) — Naannoo Harariitti biqiltuuwwan Sagantaa Ashaaraa Magariisaan dhaabaman kunuunsuun cimee akka itti fufu Pirezidaantiin Naannichaa Obbo Ordiin Badirii ibsan. Pirezidaantiin Naannoo Hararii Ordiin Badirii fi hoggantoonni naannichaa biqiltuuwwan ji’oota gannaa keessa dhaabaman kunuunsaniiru. Hoggantoonni kunneen biqiltuuwwan dhaabaman haala gaariin akka guddatan taasisuuf hojii kunuunsaa barbaachisaa ta’e irratti xiyyeeffachuun hojiiwwan adda addaa raawwataniiru. Naannichatti sagantaalee dhaabbii biqiltuu Ashaaraa Magariisaan biqiltuuwwan faayidaa hedduu qaban dhaabamuu isaanii ni yaadatama. Hojii dhaabbii biqiltuuwwanii irratti hoggantoonni olaanoo naannichaa, qaamoleen ittisaa fi nageenyaa, hojjettoonni mootummaa, dargaggoonni fi dubartoonni, qonnaan bultoonni akkasumas kutaaleen hawaasaa gara garaa hirmaataniiru. Har’as Pirezidaantiin Naannichaa Obbo Ordiin Badirii fi hoggantoonni olaanoo naannichaa Gaara “Haakim” irratti biqiltuuwwan yeroo gannaa dhaabaman bishaan obaasuu fi kunuunsuu isaanii ibsameera. Naannicha keessatti biqiltuuwwan yeroo ji’oota gannaa dhaabaman hanga muka guddaa ta’anitti kunuunsi barbaachisaa ta’ee xiyyeeffannaan kennamee hojjetamaa jira. Pirezidaantiin Naannichaa Obbo Ordiin Badirii yeroo kanatti akka jedhanitti, biqiltuuwwan yeroo gannaa naannichatti dhaabaman sirnaan akka latanii fi guddatan gochuuf kunuunsa barbaachisaa ta’e taasisuun murteessaadha. Yeroo ammaa kanas, keessumaa biqiltuuwwan dhaabaman kaayyoo barbaadameef akka oolan qaamoleen adda addaa hojii kunuunsaa hojjechaa jiran jajjabeeffamuu akka qaban hubachiisaniiru. Itti aansuunis biqiltuuwwan bishaan obaasuu fi marga irraa qulqulleessuun sirnaan akka latanii fi guddatan gochuun barbaachisaa ta’uu Pirezidaantiin Naannichaa hubachiisaniiru. Kana malees, Pirezidaantiin Naannichaa Obbo Ordiin Badirii hojii pirojektii Inisheetivii gaara Haakim daawwachuu isaanii ibsameera. Hojiin pirojektichaa karoora yeroo qabame keessatti saffisaa fi qulqullinaan raawwatamaa jiraachuu isaa eeraniiru.
Itoophiyaan sirna geejjibaa magariisaa jijjiirama haala qilleensaa dandamatuu fi itti fufinsa qabu ijaaruuf xiyyeeffannoon hojjechaa jirti
Sep 16, 2026 1054
Fulbaana 05 /2019 (ENA) Itoophiyaan sirna geejjibaa magariisaa jijjiirama haala qilleensaa dandamatuu fi itti fufinsa qabu ijaaruuf xiyyeeffannoon hojjechaa jiraachuu Ministirri Geejjibaa fi Loojistiksii Dr. Alamuu Simee ibsan. Sagantaan jalqabsiisa workshooppii Nordiik Afrikaa Elektiriik Mobiliitii magaalaa Finfinneetti gaggeeffamera. Sagantaa kanarratti doktara Alamuu Simee haasaa taasisaniin; Itoophiyaan hoggansa Ministira Muummee Dr. Abiyyi Ahimadiin tarsiimoo misoomaa magariisaa fi jijjiirama haala qilleensaa dandamatu karoora misooma biyyaalessaa isheen bu’uura godhattee hojjechaa jirti jedhaniiru. Sagantaan Ashaaraa Magariisaa, humna haaromfamaa babal’isuu fi dinagdee kaarboonii gadi aanaa qabu ijaaruuf tattaaffiin taasifamu, xiyyeeffannoo kanaaf agarsiistota ta’uu ibsaniiru. Damee geejjibaa kaarboonii irraa bilisa taasisuun dinagdee itti fufinsa qabu ijaaruuf hojiiwwan ijoo hojjetaman keessaa tokko ta’uu eeruun, biyyattiin murtee kana gara hojiiitti hiikuuf geejjiba uummataa Elektirikii, Koridariiwwan Magaalaa fi sirna geejjibaa qilleensa qulqulluu humna haaromfamuu danda’u waliin walitti hidhuun ijaaramaa jiraachuu ibsaniiru. Gara geejjiba elektirikiitti ce’uun kun eegumsa naannoo qofaaf osoo hin taane, jijjiirama dinagdee, wabii humnaa, kalaqa teeknooloojii fi qulqullina jireenyaa lammiilee fooyyeessuuf gumaacha olaanaa qabaachuu eeraniiru. Konkolaattota qofa gara biyyaatti galchuun sirna geejjiba elektirikii guutuu uumuu akka hin dandeenye kan ibsan Ministirichi, bu’aa guutuu galmeessuuf bu’uuraalee misoomaa fi sirnoota hojii barbaachisan guutuu akka qaban hubachiisaniiru. Haaluma kanaan, bu’uuraalee misoomaa chaajii bakka itti taasisan babal’isuu fi sirna hojii dijitaalaa diriirsuu, Istaandardoota waliigalaa qopheessuu, humna namaa leenji’e horachuu, akkasumas sirna baatiriiwwan irra deebi’anii itti fayyadamu diriirsuun barbaachisaa ta’uu ibsaniiru. Kanaaf, sirna qindoomionaa ijaaruu, fayyadamaa teekinooloojii ta’uu irraa gara dandeettii biyya keessaa ijaaruutti ce’uu, akkasumas tumsa Riijinii fi Ardichaa cimsuun barbaachisaa ta’uu waamicha dhiyeessaniiru. Itoophiyaa fi Afrikaan biyyoota Noordik irraa muuxannoowwan gaarii fudhachuu akka danda’an kan eeran Ministirichi, furmaatoonni Afrikaa garuu dhugaa jiruufi fedhii geejjibaa ardichaa kan bu’uureffataan ta’uu akka qaban ibsaniiru. Ce’umsa Afrikaan gara sochii elektriikiitti taasiftu guddina industiriitiif human ta'uu malee, dhiheessii meeshaalee alaa qofa ta'uu akka hin qabne hubachiisaniiru. Afrikaanonni walitti hidhaminsa kana keessatti akka hirmaataniif, dhaabbilee suphaa fi walitti qabiinsa meeshaalee (assemblers) dhiyootti argamanii fi oomishtoota cimsuu, qorannoo fi misooma keessatti invesiti gochuu, akkasumas sirna geejibaa daangaa ce'uu walitti hidhuun akka barbaachisu ibsaniiru. Ce’umsa kanaaf qabeenyi mootummaa qofti gahaa akka hin taane kan eeran yoo ta'u; mootummaan, dhiheessitoota misoomaa, baankota daldalaa fi abbootii qabeenya dhuunfaa dhugaatiin tumsa cimaa uumuun akka barbaachisu dubbataniiru. Yaa’ichi mariin olitti gara tarkaanfii qabatamaatti kan ce'amu, galmootni ifa ta'an kan kaa'aman, akkasumas tumsi michoota misoomaa fi teekinoolojii kan itti cimu akka ta'u abdiin qaban ibsaniiru.
Baay’inaan Kan Dubbifaman
Komishiniin Naamusaa fi Farra Malaammaltummaa Federaalaa 'Appilikeeshinii' namoonni eeruu kennaniifi ragaa kennaan itti fayyadamuu danda'an ifa godhe.
Mar 3, 2023 32044
Guraandhala 24/2015(TOI) - Komishiniin Naamusaa fi Farra Malaammaltummaa Federaalaa guyyaa har'aa 'Appilikeeshinii' namoonni eeruu ittiin kennaniifi ragaa ittiin eeraan fayyadamuu danda'an 'Public Feedback System' jedhamu ifa godhe. Komishinichi Bulchiinsa Nageenya Odeeffannoo waliin ta’uun Appilikeeshinii kana akka hojjete eerameera. Appichi afaanota biyya keessaa shaniin tajaajila kan kennu ta'uun himaeera. Komishinarri Komishinii Naamusaa fi Farra Malaammaltummaa Federaalaa Dooktar Saamu’eel Urqatoo akka jedhanitti, komishinichi hojiiwwan jijjiramaa hojjechaa jiru milkeesuuf teeknooloojiiwwan fayyadamaa jiraachuu ibsaniiru. Appilikeeshinichi hojii kan ariifachiisuufi haleellaa fi sodaachisaa ragaa eertootaa fi odeeffannoo kennitootarra gahu kan ittisu ta'uu himaniiru. Kana hordofuun hawaasni karaa appilikeshinii 'Public Feedback System'' yaada kennuudhaan itti gaafatamummaa biyyaalessaa isaa ba'uu qabu gaafataniiru. Daarektarri Olaanaa Bulchiinsa Nageenya Odeeffannoo Obbo Solomoon Sookaa akka jedhanitti, appilikeeshinii kana haleellaa saayibarii eegumsii cimaan kan taasifamuuf ta'uu himaniiru. Waajjira Ministira Muummeetti deetaan dhimmoota Kaabinee obbo Tasfaayee Dhaabaa akka jedhanitti, malaammaltummaa ittisuuf dhaabbanni tokko qofaan hojjetee milkaa'uu hin danda'u. Kanaaf lammileen hunduu miira itti gaafatamummaa qabuun malaan maltummaa ittisuuf hirmaachuu qabu jedhaniiru.
Gabaasa addaa
Itiyoophiyaan liqaa ishee hurgufachaa,abdii ishee horachaa gara fuula duraatti tarkaanfachaa jirti - Itti aanaa Ministira Muummee obbo Tamasgeen Xurunaa
Jun 9, 2026 20727
Waxabajji 2 /2018 (ENA): Itiyoophiyaan liqaa ishee hurgufachaa,abdii ishee horachaa gara fuula duraatti tarkaanfachaa jirti jedhani itti aanaan Ministira Muummee obbo Tamasgeen Xurunaa. Itti aanaan muummee ministiraa Pirojektoota misoomaa adda addaa magaalaa Woldiyaatti ijaaraman eebbisuun tajaajilaaf bananiiru. Yeroo eebba kanaatti pirojektoonni misoomaa eebbifaman imala biyyattiin gara fuulduraatti taasiftu kan agarsiisan yoo ta’u, guddinni Itiyoophiyaa eenyullee dhaabuu akka hin dandeenye kuni ragaadha jedhan. Itti aanaan ministira muummee kun ummanni magaalaa Woldiyaa finxaaleyyii fi qoqqoodinsa mormuudhaan kan beekamu ta’uu ibsuun, filannoon isaanii irra deddeebiin nagaa fi mootummaa cimaa ta’uu isaa kan argisiisu ta’uu ibsaniiru.   Mootummaan baandota irratti qabsaa’aa jira jedhani. Waggoota 50 fi 60 darbaniif warri yaada dulloomaatiin qabaman guddina ariifataa biyyattii hubachuu akka hin dandeenyes ibsaniiru. Warri bosona keessa jiran jijjiirama guddaa biyyatti dhufe kan akka misooma koridarii, maaddii guutuu, pirojektoota misoomaa fi oomisha qamadii arguu akka hin dandeenye dubbataniiru. Misoomni koridarii magaalota keessatti gaggeeffamaa jiru dhimma bareedinaa qofa osoo hin taane magaalota ammayyeessuun sadarkaa jireenyaa ummataa ol kaasuuf kaayyoo ta’uu ibsaniiru. Magaalonni Itiyoophiyaa magaalota Baha Afriikaa fi addunyaa waliin dorgomuu akka qaban ibsaniiru; akkasumas tajaajila ammayyeessuuf tajaajilli giddugala tokkoo guutuu biyyattiitti babal’achaa akka jiru hubachiisaniiru. Manneen kitaabaa ummataa, manneen kitaabaa dijitaalaa fi kaffeewwan saayinsii magaalaa Woldiyaatti ijaaraman odeeffannoo guyyaa guyyaa irraa gara beekumsaa fi qorannoo gadi fagootti kan ceesisu ta’uu ibsaniiru. Mootummaan, abbootii qabeenyaa fi ummanni pirojektoota misoomaa eegalaman gara baadiyyaatti babal’isuun badhaadhina biyyattii dhugoomsuuf waliin hojjechuu akka qaban waamicha dhiyeessaniiru.
Yaa’ichi dhimmoota Afrikaarratti sagalee tokko dhageessisuun akka danda’amu carraa uumuudha
May 6, 2026 18383
Ebla 28/2018 (ENA)- Kaayyoon guddaan yaa’ii dhiibbaa uumtota miidiyaa hawaasaa Afriikaa (ASMIS) dhiibbaa uumtota jidduutti tumsa cimaa uumuudhaan dhimmoota Afrikaarratti sagalee tokko dhageessisuun akka danda’amu carraa uumuu akka ta’e qindeessaan Palsi oof Afriikaa(POA) obbo Barakat Sisaayi ibsan. Ajandaawwan Afriikaa qabsiisuu fi sagalee waloo dhageessisuuf carraa kan uumu ta’uu dabalanii ibsaniiru. Palsi oof Afriikaan (Pulse of Africa-POA) intarpiraayizii teknolojii E.ji.e waliin ta’uun mata duree “dhiibbaa uumtonni Afriikaa fooyyee qabduuf” jedhuun yaa’iin qophaa’u kun, Ebla 29 fi 30 2018 Finfinnee yaadannoo injifannoo Adwaatti ni gaggeeffama. Yaa’iin kun dhiibbaa uumtota miidiyaa hawaasaa jajjabeessuuf, dinagdee dijitaalaa cimsuuf, tumsa uumuu fi wiirtuu dijitaalaa gochuuf kan kaayyeffateha. Qopheessitoonni yaa’ii kanaa, dhiibbaa uumtonni miidiyaa hawaasaa Itiyoophiyaa yeroo yaa’ii kanaa maqaa gaarii biyyasaanii guddisuu fi tumsasaanii cimsuun haala danda’amurratti ibsa kennaniiru. Qindeessaan Palsi oof Afriikaa obbo Barakat Sisaayi wayita kana akka jedhanitti, Palsi Oof Afriikaan seenessa Afriikaa jallate jijjiiruuf kan hundeeffame miidiyaa Paan Afriikaati. Yaa’iin kun intarpiraayizii teeknooloojii E.ji.e waliin ta’uun qophaa’uusaa eeranii, qajeelfama “seenessa Afriikaa namoota keenyaan dubbachuu qabna” kan jedhu akka bu’uureffate ibsaniiru. Kaayyoon ijoo yaa’ii kanaas dhiibbaa uumtota jidduutti tumsa cumaa uumuun dhimmoota Afriikaarratti sagalee waloo dhageessisuuf carraa uumuu akka ta’e dubbataniiru. Ajandaan gamtaa Afriikaa 2063 karoora wagga 50 Afriikaan ittiin gaggeeffamtu ta’uu eeranii, ummattoota jidduutti walii galtee uumuuf dhiibbaa uumtonni miidiyaa hawaasaa waloomaan akka hojjetan carraa uumuuf waltajjichi faayidaa akka qabu ibsaniiru. Kanaaf yaa’iin kun Afriikonni galmoota ajandaasaanii milkeessuuf waltajjii waloon hojjetan ta’a jedhaniiru. Miidiyaan dijitaalaa waltajjii guddaa kan dinagdee sochoosudha kan jedhan obbo Barakat, dhiibbaa uumtonni miidiyaa hawaasaa karaa faayidaa qabuun akka itti fayyadaman hubannoo waloo uumuu akka barbaachisu hubachiisaniiru. Hojii raawwachiisaan intarpiraayizii E.ji.e obbo Gammadaa olaanaa gamasaaniin, yaa’iin kun maqaa gaarii Itiyoophiyaa akkasumas Afriikaa guddisuuf waltajjii murteessaa ta’uu dubbataniiru. Dhiibbaa uumtonni miidiyaa hawaasaa waa’ee qabiyyee uumuu, wa’ee ijaarsa seenessa Afriikaa fi waa’ee galmoota ajandaa 2063 ejjennoo ifaa akka qabatan godha jedhaniiru. Dhiibbaa uumtonni yaa’ii kanaaf biyyoota Afriikaa garagaraarraa filataman, qaqqabama miidiyaa hawaasaatiin qabanii fi maqaa gaarii Afriikaa guddisuuf gumaacha qabaniin madaalamanii kan filataman ta’uu mirkaneessaniiru.
Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015