Tamsaasa Kallatti:
Angafoota Oduu
Afrikaan Karoora misoomaa fulla’aa Ajandaa 2030 fi 2063 Hojiirra oolchuun kutannooshee qabatamaan mirkaneessuun agarsiisaa jirti
Apr 28, 2026 296
Ebla 20/ 2018 (ENA): Afrikaan karoora Misoomaa fulla’aa Ajandaa 2030 fi 2063 hojiirra oolchuun guddina fulla’aa mirkaneessuuf kutannoo qabdu qabatamaan agarsiisaa akka jirtu, Itti Aantuun dura taa’aa Komishinii Gamtaa Afrikaa Ambaasaaddar Saalmaa Maalik Hadaadii ibsan. Komishiniin Dinagdee Afrikaa Dhaabbata Mootummoota Gamtoomanii, Gamtaa Afrikaa, Baankii Misooma Afrikaa fi qaamolee biroo waliin ta’uun mata duree "Galma Ajandaa 2030 fi 2063 milkeessuuf adeemsa walta’iinsa qabuu fi ce’umsaa hordofuun" jedhuun yaa’ii Misooma fulla’aa Riijinii 12ffaa qopheesse magaalaa Finfinnee Komishinii Dinagdee Afrikaatti geggeeffamuu eegaleera. Yaa’iin misooma fulla’aa Riijinii Afrikaa waggaa waggaan geggeeffamu raawwii galmoota misooma fulla’aa Ajandaa 2030 fi 2063 Gamtaa Afrikaa ni gamaaggama. Itti Aantuun dura taa’aa Komishinii Gamtaa Afrikaa Ambaasaaddar Saalmaa Maalik Hadaadii yeroo kana akka himanitti, Ajandaa 2030 fi 2063 wal-gargaaraa kan deemani dha jedhaniiru. Akkasumas, Afrikaa keessatti guddina hunda galeessaa fi ce’umsa dinagdee fulla’aa ta’e uumuuf kan mirkaneessu ta’uu ibsaniiru. Gamtaan Afrikaa karoora raawwii Ajandaa 2063 12ffaan Mandhaalee akka ta’u tarkaanfii bu’uuraa fudhachuusaa dubbataniiru. Biyyoonni Miseensa Gamtichaa karoora misooma biyyaalessaa isaanii ajandaa kana wajjin walsimsiisaa dhufuusaanii eeruun, ramaddiin baajataa fi imaammattoota isaanii xiyyeeffannoo Afrikaan itti kenniteef dursi kennamaa jiraachuusaa ibsaniiru. Galma Ajandaa 2030 fi 2063 milkeessuun Afrikaa badhaate dhugoomsuuf, walta’iinsii fi tumsi biyyoota gidduu jiru itti fufinsa qabaachuu akka qabu hubachiisaniiru.
Naannoo Harariitti Misooma Koriidaraa Baadiyyaatiin Ijaarsi Gandoota Qonnaan Bultoota Modalaa Marsaa Lammaffaan Eegalame
Apr 28, 2026 292
Ebla 20/2018(ENA)-Naannoo Harariitti ijaarsi misooma koriidara baadiyyaa gandoota qonnaan bultoota moodeelaa sagantaa misooma koriidara baadiyyaa marsaa lammaffaa, bakka Bulchaan Nannichaa Ordiin Badriin argamanitti eegalameera. Bulchaan Naannichaa Ordiin Badriin ijaarsa gandoota Jireenyaa qonnaan bultoota moodalaa yeroo eegalchiisan akka dubbatanitti, mootummaan nannichaa yeroo kamiyyuu caalaatti hojiilee fayyadama haqa-qabeessa lammiilee mirkaneessan hojjachaa jira. Akkuma hojiiwwan bu’a qabeessi misooma koridarii Magaalaa Harar fakkeenya taasisan raawwataman, mala kana misooma koridaraa baadiyaa Aanaalee Naannichaa gara garaa keessattis irra deebi’uuf hojjetamaa jira jedhan. Hojiiwwan misooma koridaraa baadiyyaa Aanaalee Nannichaa garaagaraa keessatti raawwatamu, bu’uuraalee misoomaa barbaachisoo ta’an guutuun ala, qonnaan bultoonni jireenya ammayyaa fi mijataa ta’e akka jiraatan kan dandeessisu ta’uus himaniiru. Ammaan dura Hojii misooma koriidaraa baadiyyaatiin Manni Jireenyaa ammayyaa meeshaalee manaa kan guutameef ijaaramee qonnaan bultootaaf dabarfamuusaa kaasaniiru. Sagantaa marsaa lammaffaa pirojektii gandoota qonnaan bultoota modalaatiinis Manneen 250 akka ijaaraman eeraniiru. Ijaarsi gandoota qonnaan bultoota modalaa qabeenya naannichaa fayyadamuun akka dhugoomu ibsanii, qonnaan bultoonni naannichaatti argmanis pirojektichi akka milkaa’uuf akkuma kanaan duraa qindoominaan akka hojjetan waamicha dhiheessaniiru. Kana malees bulchaan kun, naannichatti Magaalaa fi baadiyyaatti hojiiwwan hojjetamaa jiran irra deemanii daawwataniiru.
Imaammanni Fayyaa Itiyoophiyaa Bu'aa qabatamaa argamsiisaa jiraachuun ibsame
Apr 28, 2026 367
Ebla 20/ 2018 (ENA)- Imaammanni Fayyaa Itiyoophiyaa ittisa dhukkubaa fi yaala irratti xiyyeeffatee, lammii omishuu fi fayya-qabeessa horachuu dandeessisu bu'aa qabatamaa argamsiisaa jiraachuu ministeerri ibseera. Imaammanni fayyaa ittisa dhukkubaa Itiyoophiyaa waggoota dheeraa, karaa Ekisteenshinii fayyaatiin dhukkuboota daddarboo hir'isuun gumaacha olaanaa gumaacheera. Erga jijjiirama biyyaalessaan asitti, dandeettii ittisa dhukkubaa fi yaala dhaabbilee fayyaa walitti makuun cimsuudhaan, rakkoolee fayyaa walxaxoo ta'aniif furmaanni kennamaajira. De’eetaan Ministira Fayyaa Saahirallaa Abdullaahii ENA’f ibsa kennaniin, Waggoota jijjiiramichaa keessa dandeettii dhaabbilee fayyaa cimsuudhaan, ittisa dhukkubaa fi yaalanii fayyisuurratti bu'aan qabatamaan dhufeera. Imaammanni kunis dandeettii qindoominaa cimsuudhaan lammii omishuu fi fayya-qabeessa horachuu bu’aa dandeessisu argamsiiseera. Hojiiwwan misoomaa keellaa fayyaa irraa hanga Hospitaala Rifeeraaliitti raawwatamaniin, qulqullinaa fi dhaqabamummaa tajaajilaa babal'isuun danda'ameera jedhaniiru. Dandeettii ogeessota fayyaa cimsuuf, dhaabbilee barnootaa biyya keessaa fi biyyoota alaa keessatti carraa barnootaa mijeessuun, dandeettii ogeessotaa guddisuun hojjetamaa jiraachuu ibsaniiru. Tajaajila dhaabbilee fayyaa qulqullina qabu mirkaneessuuf hojiiwwan hojjetamaniin, du'aatii haadholii fi daa'immanii hir'isuun, haadholii dhaabbilee fayyaatti dahan dabalaa jiraachuu dubbataniiru. Sagantaalee Ekisteenshinii Fayyaa Keellaa fayyaan kennaman gara buufata fayyaa waliigalaatti guddisuun, tajaajila yaala qulqullinaa fi sadarkaa isaa eeggate akka kennan taasifamaa jirachuu ibsaniiru. Kana keessattis, tajaajila rifeeraalii, talaallii, hordoffii ulfaa fi deessisuu dabalatee tajaajiloota yaala ammayyaa biroo babal'isuun, hawaasichaaf dhiyeenyaan tajaajilaa mirkaneessaa jira jedhaniiru.
Kan mul'ate

Pulse Of Africa

POA English

POA English

Pulse Of Africa - English Language

Your news, current affairs and entertainment channel

Join us on

POA Arabic

POA Arabic - عربي

Pulse Of Africa - Arabic Language

قناتكم الاخبارية و الترفيهية

Join us on

Siyaasa
Madaalliin raawwii hojii bulchiinsa magaalichaa bara baajataa ji'oota sagal eegalameera
Apr 26, 2026 1727
Ebla 18/2018 (ENA): Madaalliin raawwii hojii bulchiinsa magaalichaa ji'oota sagal bara baajataa 2018 eegaluu kantiibaan magaalattii aadde Adaanech Abeebee beeksisan.   Ergaa fuula miidiyaa hawaasaa isaanii irratti dabarsaniin kantiibaan magaalattii aadde Adaanech Abeebee; Hojii bara baajataa kanaaf karoorfanne keessaa dhibbeentaa 96 xumuruu dandeenyeerra jedhani. Waltajjiin madaallii har’a eegale guyyoota lamaaf kan turu ta’uus akeekaniiru. Waltajjicharrattis, Hojiilee bara baajataa kana keessatti hojiirra oolchuuf karoorfannee fi dhimmoota ji’oota hafan keessatti xiyyeeffannaan itti dhiyeenyaan ni hordofna jedhaniiru. Haaluma kanaan, Madaalliin kun dhimmoota hin xumuramne bulchiinsa gaarii keessatti adda baafaman xumuruu, rakkoolee qaala’insa jireenyaa hammeessan hir’isuun qaala’iinsa jireenyaa ittisuu; gabaatasgabbeessuu, hojii bu’a qabeessa ta’e ji’oota hafan keessatti tajaajila mootummaa dijiitaalaa bakka tokkotti jalqabne kenniinsa tajaajilaatiin xumuruu irratti kan xiyyeeffatu ta’a jedhaniiru. Tajaajila hafe dijiitaala gochuun tajaajila mootummaa bakka tokkotti dijiitaalaa keessa galchuun, pirojektoota bara kana xumuramuu qaban saffisaa fi gahumsaan xumuruun wiirtuu madaallii raawwii hojii keenyaa ta’a jedhaniiru. Waggoota shanan darban keessatti raawwiin karoora keenyaa dhibbeentaa 90 ol dabalee bara 2018tti dhibbeentaa 96 akka ga’e, muuxannoo raawwii guddachaa jiru kanas madaaluun itti fufna jedhaniiru. Filannoon waliigalaa 7ffaa haala haqa qabeessa, bilisaa, amanamaa fi walaba ta’een akka gaggeeffamuuf haala mijataa uumuuf hoggantoonni keenya hundi itti gaafatamummaa guddaa akka ba’ataniif kallattii madaallii kaa’annee jirra jedhan. Ji’oota hafan keessatti cimina jiru eeguu, qaawwa jiru guutuu, raawwii fooyya’aa galmeessisuun xiyyeeffannoo madaallii keenyaa ta’a jedhaniiru. #Ena Afaan Oromoo #TOI #ENA
Itiyoophiyaan imala badhaadhina ishee cichoomaan itti fufsiisaa jirti – Itti Aanaa Ministira Muummee Tamasgeen Xurunaa
Apr 24, 2026 6059
Ebla 16/2018 (ENA)- Itiyoophiyaan Riifoormii Mandhaalee fayyadamuun, imala badhaadhinaa jalqabde cichoomaan itti fufteetti jechuun Itti Aanaan Ministira Muummee Tamasgeen Xurunaa ibsan. Itti Aanaan Ministira Muummee Tamasgeen Xurunaa gamaggama raawwii hojii guyyoota 100 sadaffaa bara baajataa 2018 jalqabsiisaniiru. Itti Aanaan Ministira Muummee Tamasgeen Xurunaa, Itiyoophiyaan biyya guddoodha, kan isheef malus bakka guddaa ta'uu ibsuun, nuyis seenaa kana hojjechuuf carraan harka keenya jira jedhaniiru   Har'a raawwii gabaasa hojii guyyoota 100 sadaffaa bara baajata 2018 hoggantoota dhaabbilee Federaalaa Wajjin gamaggamuun eegalamuusaa Itti Aanaan ministira muummee beeksisaniiru. Waltajjiin kun adeemsa seenaa haaraa Itiyoophiyaa galmeessuu kan itti gamaaggamu, kaleessa har'a wajjin, har'a immoo boru wajjin kan wal-qabsiisu daawwitii guddaa ta'uu itti dabaluun ibsaniiru. Itiyoophiyaan kaleessa sirna ijaarsa biyyaa hin xumuramneen, hanqina demokraasii, walitti bu'iinsa naannoomaa fi biyyaalessummaan qoramti turte; har'a jijjiiramichaan mariin biyyaalessaa kan itti jalqabame, hirmaannaan paartiilee siyaasaa kan itti guddate, seeronni dhiibbaa uuman fooyya'anii imaammanni haqaa ce'umsaa kan itti ragga'ee fi tokkummaan sab-lammootaa kan itti cime boqonnaa siyaasaa haaraa banuushee dubbataniiru. Iitti Aanaan ministira Muummee Tamasgeen Xurunaa Itiyoophiyaan Riifoormii Mandhaaleetiin kufaatii keessaaturte rraa ka'uun, imala badhaadhinaa jalqabde cichoomaan itti fuftetti jedhaniiru ergaa dabarsaniin Jijjiiramicha dura pirojeektonni mallattoo qisaasamaa fi harkifannaa turan, akkasumas abaarsa "akka pirojeektii mootummaa dhaabbadhuu hafi " jedhamuun ture; har'a qulqullina hojii fi hordoffiidhaan cabsuun akka danda'ame ibsaniiru. Yeroo amma pirojeektii jalqabuu, qulqullinaa fi ariitiidhaan xumuruun mallattoo mootummaa ta'uus mirkaneessaniiru. Sochiin bu’uuraalee Misooma koridarii, pirojeektiiwwan maaddii dhalootaa fi damee dijitaalaa Itiyoophiyaan gageeffame maqaa gaarii biyya keenyaa fi magaalota keenyaa akkasumas tajaajila isaa jijjiireera jedhaniiru. Itti dabaluunis, misooma qamadii fi sagantaa maaddii guutuun gabrummaa gargaarsa gaafachuu cabsuun gara wabii nyaataa mirkaneeffachuutti imalaa jirra jedhaniiru. Itiyoophiyaan Damee dippilomaasiinis gargaarsa gaafachuurraa gara Michummaa daldalaa fi invastimantii ce'uun, sadarkaa Idil-Addunyaatti beekamtii ishee sadarkaa ol-aanaatti ol guddisuushee gamaaggama gabaasaa irratti ibsaniiru.
Mootummaan hojii haaromsaa damee hundaan hojiirra oolche bu'aa gaarii galmeessisaa jira - Itti aanaa ministira muummee Tamasgeen Xurunaa
Apr 24, 2026 3415
Ebla 16/2018 (ENA): Itti aanaan ministira muummee obbo Tamasgeen Xurunaa mootummaan hojii haaromsaa fi jalqabbii inisheetivootaa hojjechaa jiruun damee hundaan bu’aa gaarii galmeessisaa jira jedhan. Gamaaggamni raawwii hojii guyyoota 100 bara baajataa 2018 bakka itti aanaa ministira muummee obbo Tamsgeen Xurunaa fi hoggantoonni olaanoo dhaabbilee federaalaa argamanitti gaggeeffamaa jira. Itti aanaan ministira muummee haasaa baniinsaa taasisaniin jijjiirama biyyaalessaa dura Itiyoophiyaan mootummaa guutuu hin taane, waliigaltee biyyaalessaa hin qabne, qoodinsa qabeenya haqa qabeessa hin taanee fi bulchiinsa dinagdeetiin rakkachaa akka turte ibsaniiru. Keessattuu, tasgabbii dhabuun siyaasaa fi oomishtummaan diinagdee gadi aanaa ta’uun biyyattii ba’aa liqaa ol’aanaa fi rakkoof saaxilee akka ture ibsaniiru. Erga jijjiiramni dhufee as mootummaan mul’ata ifa ta’een aangoo qabateera; damee siyaasaa keessatti marii biyyaalessaa, imaammata haqaa ce’umsaa fi fooyya’iinsi seerota mana sirreessaa gaggeeffameera jedhani. Haaromsi biyya keessaa dinagdee keessatti firii agarsiisaa akka jiru hubachiisuun; waggoota saddeet darban keessatti guddinni giddu galeessaa dhibbeentaa 7.5 kan galmaa’e yoo ta’u, bara kana guddinni dhibbeentaa 10.2 ni eegama jedhani. Sagantaan mootummaan qopheesse kanneen akka ashaaraa magariisaa , misooma magariisaa,misooma qamadii fi maaddiin dhalootaa birmadummaa nyaataa mirkaneessuu keessatti gahee murteessaa taphachaa akka jiran himaniiru. Akkasumas pirojektoonni daandii fi misoomni koridaraa bifa biyyattii ijaaruu, jijjiiruu, turizimii guddisuu fi magaalota jireenyaaf akka mijatan taasisuu keessatti gumaacha guddaa akka taasisan hubachiisaniiru. Kana malees, Sagantaan Dijitaalaa Itiyoophiyaa fi Koodaroota Miiliyoona 5 ce'umsa teeknooloojii biyyattii saffisiisaa akka jirus ibsaniiru. Akkasumas kenniinsi Tajaajila Giddugala iddoo tokkoo(masoob) tajaajila mootummaa ammayyeessuufis jijjiirama fiduu isaa hubachiisaniiru. Dabalataan dameen qonnaa gargaarsa makaanaayizeeshinii ammayyaatiin bifa haaraa qabachaa jiraachuu fi sirni kaffaltii dijitaalaa aadaa ta’aa jira jedhan. Gama dippilomaasiitiin Itiyoophiyaan faayidaa biyyaalessaa ishee eegsisuun gargaarsa irraa gara walta’iinsa daldalaa fi invastimantiitti ce’uun Afrikaa keessatti bakka invastimantii alaa adda duree ta’uu ishee eeraniiru. Hoggansa pirojektii ilaalchisee pirojektoonni kanaan dura mallattoo malaammaltummaa fi harkifannaa akka ta’an eeruun, amma ammoo, piroojektiin kamiyyuu osoo hin gamaaggamiinii fi hin xumuramiin gara pirojektii haaraatti kan hin galamne sirni cimaan akka diriire mirkaneessaniiru. Itti aanaan ministira muummee obbo Tamasgeen Xurunaa, ammallee qormaanni akka qaala’iinsa jireenyaa fi walitti bu’iinsa idil-addunyaa akka jiran hubachiisuun, kanneen irra aanuuf sirni “Karoora Tokko - Gabaasa Tokko” cimuu akka qabu dubbataniiru.  
Filannoo waliigalaa kana irratti hirmaannaa dubartootaa guddisuuf hojiin hubannoo uumuu hojjetamaa jira
Apr 24, 2026 2837
Ebla 16/2018 (ENA): Filannoo waliigalaa torbaffaa irratti hirmaannaa dubartootaa fi kutaalee hawaasaa biroo guddisuuf hojii hubannoo uumuu gaggeessaa akka jiru Dhaabbileen Waldaalee Siivilii Itiyoophiyaa beeksise. Boordiin Filannoo Biyyaalessaa Itiyoophiyaa filannoo waliigalaa bara kanaa galmee filattootaa kan Guraandhala 28/2018 eegalee galmeessisaa ture, guyyoota dabalataa 14’f dheeressee Ebla 14/2018 galgala xumurameera. Boordichi ibsa kaleessa Ebla 15/2018 baaseen filannoo waliigalaa torbaffaaf dijiitaalaafi qaamaan buufata filannootti filattootni miiliyoona 50 fi kuma 514 ol galmaa’uu beeksiseera. Akka sagantaa boordii kanaatti sagalee kennuun Caamsaa 24/2018 ni kennama; Paartileen morkattootaa 47 kaadhimamtoota 10,934 galmeessisuun filannoo imaammataa isaanii ummataaf dhiheessaa jiru. Qindeessaan Sagantaa Filannoo Gamtaa Dhaabbilee Waldaalee Siivilii Itiyoophiyaa Iyyuu’el Zalaalam ENAtti akka himanitti, Filannoon meeshaa mootummaa biyya tokko keessatti ummata biratti fudhatama qabu hundeessuuf gargaarudha jedhani. Filannoo waliigalaa 7ffaa Itiyoophiyaa haqummaa, dimokiraatawaa fi hunda hammate cimsuuf gamtaan filannoo hirmaannaa ummataa guddisuuf deeggarsa taasisaa akka jirus ibsaniiru. Adeemsi filannoo diimokiraatawaa,fi hirmaachisaa ta’e mirkaneessuuf, hojiin hirmaannaa dubartootaafi kutaalee hawaasaa garaagaraa kakaasuun hojjetamaa jiraachuu ibsaniiru. Keessattuu, dubartoonni taajjabdummaan, filachuu fi filatamuurratti akka hirmaatan, hojiin hubannoo uumuu leenjiinii fi miidiyaalee kennaa jiraachuu isaanii kaasaniiru. Filannoo waliigalaa 7ffaa irratti hirmaannaa dubartootaa fi kutaalee hawaasaa biroo mirkaneessuuf,mata duree "Ani nan filadha" jedhuun duulli barnoota filattootaa eegalamuu isaas ibsaniiru. Paartiileen dorgomtoota filannoo waliigalaa 7ffaa, dhimmoota dubartootaan kaasan imaammatasaanii keessatti hammatan sirnaan beeksisuu akka qaban hubachiisaniiru. Kunis dubartoonni paartii siyaasaa isaan fayyada jedhaniif sagalee kennuuf hubannoo isaanii guddisuuf gahee olaanaa akka qabu ibsaniiru. Qaamolee qooda fudhattootaa waliin ta’uun milkaa’ina filannichaa irratti hojjechaa jiraachuu eeranii, fuuldurattis dubartoonni adeemsa filannoo keessatti hirmaannaa cimaa gochuun gahee isaan irraa eegamu akka bahatan waamicha dhiyeessaniiru.

Hawaasummaa
Imaammanni Fayyaa Itiyoophiyaa Bu'aa qabatamaa argamsiisaa jiraachuun ibsame
Apr 28, 2026 367
Ebla 20/ 2018 (ENA)- Imaammanni Fayyaa Itiyoophiyaa ittisa dhukkubaa fi yaala irratti xiyyeeffatee, lammii omishuu fi fayya-qabeessa horachuu dandeessisu bu'aa qabatamaa argamsiisaa jiraachuu ministeerri ibseera. Imaammanni fayyaa ittisa dhukkubaa Itiyoophiyaa waggoota dheeraa, karaa Ekisteenshinii fayyaatiin dhukkuboota daddarboo hir'isuun gumaacha olaanaa gumaacheera. Erga jijjiirama biyyaalessaan asitti, dandeettii ittisa dhukkubaa fi yaala dhaabbilee fayyaa walitti makuun cimsuudhaan, rakkoolee fayyaa walxaxoo ta'aniif furmaanni kennamaajira. De’eetaan Ministira Fayyaa Saahirallaa Abdullaahii ENA’f ibsa kennaniin, Waggoota jijjiiramichaa keessa dandeettii dhaabbilee fayyaa cimsuudhaan, ittisa dhukkubaa fi yaalanii fayyisuurratti bu'aan qabatamaan dhufeera. Imaammanni kunis dandeettii qindoominaa cimsuudhaan lammii omishuu fi fayya-qabeessa horachuu bu’aa dandeessisu argamsiiseera. Hojiiwwan misoomaa keellaa fayyaa irraa hanga Hospitaala Rifeeraaliitti raawwatamaniin, qulqullinaa fi dhaqabamummaa tajaajilaa babal'isuun danda'ameera jedhaniiru. Dandeettii ogeessota fayyaa cimsuuf, dhaabbilee barnootaa biyya keessaa fi biyyoota alaa keessatti carraa barnootaa mijeessuun, dandeettii ogeessotaa guddisuun hojjetamaa jiraachuu ibsaniiru. Tajaajila dhaabbilee fayyaa qulqullina qabu mirkaneessuuf hojiiwwan hojjetamaniin, du'aatii haadholii fi daa'immanii hir'isuun, haadholii dhaabbilee fayyaatti dahan dabalaa jiraachuu dubbataniiru. Sagantaalee Ekisteenshinii Fayyaa Keellaa fayyaan kennaman gara buufata fayyaa waliigalaatti guddisuun, tajaajila yaala qulqullinaa fi sadarkaa isaa eeggate akka kennan taasifamaa jirachuu ibsaniiru. Kana keessattis, tajaajila rifeeraalii, talaallii, hordoffii ulfaa fi deessisuu dabalatee tajaajiloota yaala ammayyaa biroo babal'isuun, hawaasichaaf dhiyeenyaan tajaajilaa mirkaneessaa jira jedhaniiru.
Diinagdee
Naannoo Harariitti Misooma Koriidaraa Baadiyyaatiin Ijaarsi Gandoota Qonnaan Bultoota Modalaa Marsaa Lammaffaan Eegalame
Apr 28, 2026 292
Ebla 20/2018(ENA)-Naannoo Harariitti ijaarsi misooma koriidara baadiyyaa gandoota qonnaan bultoota moodeelaa sagantaa misooma koriidara baadiyyaa marsaa lammaffaa, bakka Bulchaan Nannichaa Ordiin Badriin argamanitti eegalameera. Bulchaan Naannichaa Ordiin Badriin ijaarsa gandoota Jireenyaa qonnaan bultoota moodalaa yeroo eegalchiisan akka dubbatanitti, mootummaan nannichaa yeroo kamiyyuu caalaatti hojiilee fayyadama haqa-qabeessa lammiilee mirkaneessan hojjachaa jira. Akkuma hojiiwwan bu’a qabeessi misooma koridarii Magaalaa Harar fakkeenya taasisan raawwataman, mala kana misooma koridaraa baadiyaa Aanaalee Naannichaa gara garaa keessattis irra deebi’uuf hojjetamaa jira jedhan. Hojiiwwan misooma koridaraa baadiyyaa Aanaalee Nannichaa garaagaraa keessatti raawwatamu, bu’uuraalee misoomaa barbaachisoo ta’an guutuun ala, qonnaan bultoonni jireenya ammayyaa fi mijataa ta’e akka jiraatan kan dandeessisu ta’uus himaniiru. Ammaan dura Hojii misooma koriidaraa baadiyyaatiin Manni Jireenyaa ammayyaa meeshaalee manaa kan guutameef ijaaramee qonnaan bultootaaf dabarfamuusaa kaasaniiru. Sagantaa marsaa lammaffaa pirojektii gandoota qonnaan bultoota modalaatiinis Manneen 250 akka ijaaraman eeraniiru. Ijaarsi gandoota qonnaan bultoota modalaa qabeenya naannichaa fayyadamuun akka dhugoomu ibsanii, qonnaan bultoonni naannichaatti argmanis pirojektichi akka milkaa’uuf akkuma kanaan duraa qindoominaan akka hojjetan waamicha dhiheessaniiru. Kana malees bulchaan kun, naannichatti Magaalaa fi baadiyyaatti hojiiwwan hojjetamaa jiran irra deemanii daawwataniiru.
Imalli misooma anniisaa haaromfamuu fi hubannoo namtolchee Itiyoophiyaan guddina diinagdee saffisiisuuf carraa uumeera
Apr 28, 2026 100
Ebla 20/2018 (ENA): Imala misooma anniisaa haaromfamuu fi hubannoo namtolchee Itiyoophiyaa guddina dinagdee saffisiisuuf carraa uumeera jedhan Itiyoophiyaatti Ambaasaaddarri Faransaay Aleeksis Laameech. Misoomni dinagdee Itiyoophiyaa garaa garaa bu’aa qabatamaa kan argamsiise yoo ta’u, kunis guddina waliigalaa qonna, industirii, albuuda, turizimii fi sagantaalee dijitaalaa kan itti fufsiisedha. Fakkeenyaaf, tibbana Ministirri Muummee Dr. Abiyyi Ahimad Gamtaa Afrikaa keessatti gaggeessaa ta’anii muudamuun isaanii hubannoo namtolchee (AI) fi fayyaa dijitaalaa ta’uun beekamtii argachuun isaanii bu’aa guddaadha jedhani. Imalli diinagdee adda addaa Itiyoophiyaan milkaa’aa ta’e fayyadamummaa lammiilee ishee hundaaf mirkaneeffachuu isheetiinis beekamtii ardiilee fi idil-addunyaa argachaa jirti jedhani. Itiyoophiyaatti Ambaasaaddarri Faransaay Aleeksis Laameek ENEA'tti akka himanitti, Itiyoophiyaan gama misoomaa adda addaatiin guddina ishee saffisiisuuf imala irra jirtu ta'uu ibsaniiru. Dandeettiin ajaa’ibaa inni anniisaa haaromfamuu fi jijjiirama teeknooloojii irratti uumu biyyoota guddachaa jiraniifis madda muuxannoo fi ogummaa ta’uu ibsaniiru. Imalli Ityoophiyaan anniisaa haaromfamuu danda’uu fi misooma hubannoo namtolchee irratti taasiftu dameewwan barbaachisoo guddina diinagdee saffisiisan ta’uu ibsaniiru. Itiyoophiyaan jijjiirama qilleensaa addunyaaf shoora olaanaa bahachaa jirti jedhani. Walitti hidhamiinsi anniisaa naannoo Baha Afrikaatti uumame sagantaa misoomaa guddina dinagdee waloo saffisiisuuf barbaachisummaa addaa kan qabu ta’uus eeraniiru. Itiyoophiyaan bu’uuraalee anniisaa haaromfamuu danda’an babal’isuuf carraaqqii taasiftu keessatti Faransaay deeggarsa maallaqaa fi teeknikaa barbaachisaa ta’e akka gootu mirkaneessaniiru. Xiyyeeffannaan Itiyoophiyaan bu’uuraalee dijitaalaayizeeshinii babal’isuuf qabdu guddina dinagdee biyyattiif gumaacha olaanaa taasisaa akka jiru ibsaniiru. Dandeettii oomishtummaa dijitaalaa daran guddisuuf Inistiitiyuutiin hubannoo Namtolchee sadarkaa dhaabbileetti hundeeffamuun isaa kan galateeffamu ta’uus hubachiisaniiru. Xiyyeeffannaan mootummaan misooma dijitaalaa irratti qabu dhaabbilee teeknooloojii jalqaban jajjabeessuun dandeettii kalaqaa fi kaka’umsa cimsuu akka ta’e eeraniiru. #Ena Afaan Oromoo #TOI #ENA
Bakkeewwan Turizimii sagantaawwan Maaddii Shaggariin biyyaa fi dhalootaaf ijaaraman gumaacha dameen kun dinagdee biyyaaf gumaachu caalaatti kan guddisanidha
Apr 28, 2026 159
Ebla 20/2018(ENA) - Bakkeewwan Turizimii sagantaawwan Maaddii Shaggariin biyyaa fi dhalootaaf ijaaraman gumaacha dameen kun dinagdee biyyaaf gumaachu caalaatti kan guddisan ta’uu ministirri Turizimii Salaamaawiit Kaasaa ibsan. Qabeenya Turizimii bakkeewwan garagaraatti argaman misoomsuuf qindoominaan hojjetamaa jiraachuus ministirri kun ibsaniiru. Manni maree bakka bu’oota ummataa walgahii idilee 17ffaa gaggeesseera. Akkaataa dambii hojmaataa fi naamusaa miseensotaa mana marichaa keewwata 92’n ministirri Turizimii Salaamaawiit Kaasaa mana mareetti argamuun gaaffilee miseensotarraa dhihaateef ibsaa fi deebii kennaniiru. Mootummaan Turizimii akka utubaa dinagdee tokkootti fudhachuun bakkeewwan Turizimii dabalatee hojiilee hedduu hojjechaa akka jiru dubbataniiru. Keessumaa yaada ministirri muummee Dr. Abiyyi Ahimad maddisiisan bu’ureffachuun bakkeewwan Turizimii hedduun maaddii Shaggar, maaddii biyyaa fi maaddii dhalootaatiin ijaaramuusaanii eeraniiru. Hojiileen misoomaa kunneen gumaacha dameen kun dinagdee biyyaaf gumaachu caalaatti kan guddisan ta’uu ibsaniiru. Sektarri dhuunfaa qabeenyota Turizimii bakkeewwan garagaraatti argaman misoomsuurratti hirmaannaa qaban caalaatti gabbisuuf hojjetamaa jiraachuus beeksisaniiru. Akkasumas humna hawaasaa qindeessuun misoomsuunii fi sadarkaasaanii guddisuun akka raawwatamanis mirkaneessaniiru. Bakkeewwan hawattootaa galmeessuu ilaalchisee ibsa kennaniin, haala nama jajjabeessuun hojjetamaa jiraachuu eeranii, amma ammaatti hawattoonni Turizimii 800 ta’an galmaa’uusaanii ibsaniiru. Kaartaa Turizimii biyyaalessaa qopheessuu ilaalchisee hojiin samuudaa naannoo Sidaamaatti gaggeeffame milkaa’inaan xumuramuusaa eeranii, hojii akkasii guutuu biyyaatti gaggeessuun kallattii itti aanu ta’uu beeksisaniiru.
Viidiyoo
Saayinsii fi teeknooloojii
Ministirri muummee Dr. Abiyyi Ahimad hubannoo namtolchee gamtaa Afriikaa fi damee fayyaa dijitaalaatti gaggeessaa ta’uun muudamuunsaanii Itiyoophiyaan tarkaanfii damee Kanaan agarsiifteef debii qabatamaadha
Apr 24, 2026 227
Ebla 16/2018 (ENA)- Ministirri muummee Dr. Abiyyi Ahimad hubannoo namtolchee gamtaa Afriikaa (AI) fi damee fayyaa dijitaalaatti gaggeessaa (Champion) ta’uun muudamuunsaanii Itiyoophiyaan tarkaanfii damee Kanaan agarsiifteef debii qabatamaadha jedhan mana maree bakka bu’oota ummataatti dura teessuun koree dhaabbataa dhimmoota seeraa fi haqaa adde Itsagannat Mangistuu.   Ministirri muummee Dr. Abiyyi Ahimad gamtaa Afriikaatti gaggeessaa hubannoo namtolchee (AI) fi damee fayyaa dijitaalaa ta’uun muudamaniiru. Muudamni kun ministirri muummee hoggansa damee Kanaan agarsiisanii fi Itiyoophiyaan Ardichatti hubannoo namtolchee fi hojiilee kalaqaa babal’isuuf qooda olaanaa bahachaa jirtuuf beekamtii kenname ta’uun ibsameera. Muudamni kun Itiyoophiyaan qajeelfamoota naamusaa teekinooloojii hubannoo namtolchee karaa hordofeen misoomsuun, qo’achuun akkasumas hojiirra oolchuun Afriikaarraa adda duree akka taatu hojiilee hojjetamaniif beekamtii kan kennedha jechuun ibseera inistiitiyuutiin hubannoo namtolchee Itiyoophiyaa. Kun ammoo tumsi ardii kan itti uumamu akkasumas damee kanaaf humna dabalataa akka ta’u inistiitiyuutichi beeksiseera. Mana maree bakka bu’oota ummataatti dura teessuun koree dhaabbataa dhimmoota seeraa fi haqaa Itsagannat Mangistuu ENA’f akka ibsanitti, muudamni ministira muummee Dr. Abiyyi Ahimad guddaa kan nama gammachiisuu fi hojii caalaaf kan nama kakaasudha jedhaniiru. Itiyoophiyaan kan kaleessaa qorattee, haala qabatamaa har’aa hubattee kan boruu ammoo hubannoo namtolcheen (AI) dhaan beekumsarratti hundooftee raaguuf hojiin eegalte beekamtii agarsiisuurratti akka argamu beeksisaniiru. Muudamni Ministira muummee Dr. Abiyyi Ahimadiif kenname bu’aa kaka’umsa mootummaan kalaqaa fi kutannoo teeknooloojiif qabu ta’uu ibsaniiru.   Inistitiyuutiin hubannoo nam-tolchee Itiyoophiyaa kan hundeeffame yeroo gabaaba ta’us bu’aan inni galmeesse bu’aa dhamaatii yeroo har’aa badhaasaaf isa ga’e ta’uu ibsaniiru. Itiyoophiyaan yeroo ammaa damee hubannoo nam-tolcheen biyya Afrikaa keessaa sadarkaa duraa irratti kan argamtu kan ishee taasisu, hojiilee qabatamaa hedduu raawwachaa akka jirtu dubbataniiru. Bu’aaleen teeknooloojii dhaabbatichi maddisiisu hedduun, dhaabbileen akka amala isaaniitti fudhatanii hojii irra oolchuu qabu jedhaniiru. Yeroo ammaa dhaabbiileen hubannoo nam-tolcheen deeggaramanii hojjechuun bu’aa argamsiisaa akka jiran dubbataniiru. Manneen murtii keessatti adeemsa dhimmootaa saffisiisuufi bu’a-qabeessummaa fiduu keessatti hubannoon nam-tolcheen gahee olaanaa taphachaa jiru akka fakkeenyaatti kaasaniiru. Teekinooloojichi nageenyaafi tas-gabbii biyyaa mirkaneessuuf qooda olaanaa gumaachaa akka jirus itti dabaluun beeksisaniiru. Dura teessuun koree dhaabbataa akka ibsanitti, beekamtii Itiyoophiyaan argatte hojii caaluuf kaka’umsa kan uumu ta’uusaa ibsanii, fuuldurattis hojiilee kalaqaa haaraa dabalaluudhaan imalichi cimee akka itti fufu mirkaneessaniiru. #Ena Afaan Oromoo#ENA  
Tajaajilli Wiirtuu tokkoo Masoob deddeebbii hanbiseera
Apr 21, 2026 1313
Ebla13/2018(ENA)፦ Tajaajilli Wiirtuu tokkoo Masoob" rakkoo malee tajaajila akka argannu nu dandeessiseera jechuun Jiraattonni Magaalaa Miizan Amaan dubbatan. Obbo Mahaammad Huseen eeyyama daldalaasaanii haareffachuuf Gidduugalichatti kan argaman tajaajiloota garaa garaa bakka tokkotti rakkoo malee argachuusaanii ibsaniiru. Tajaajilichi tuttuqqaa waraqaarraa bilisa ta'uusaa qofa osoo hin taane, saffisaa fi kabaja maamilaa kan eeggate ta'uunsaatti gammaduusaanii dubbataniiru. Kunis kutannoo Mootummaan rakkoo Bulchiinsa gaarii furuu fi deddeebbii uummataa hir’isuuf qabu hojiin mirkaneessuusaa ibsaniiru. Tajaajilamtuun Aadde Ergoyyee Shifarraawu gamasaaniin, giddu-galichatti rakkoo malee yeroo gabaabaa keessatti tajaajila saffisaa argachuusaanii ibsaniiru. Tajaajila Wiirtuu tokkoo Masoob keessatti bakka tokkotti yeroo fi maallaqa qusachuun tajaajila saffisaa argachuu danda'uun isaaniin deddeebbiirraa bilisa ta'uusaanii ibsaniiru. Dargaggoo Eliyaas Azannee waraqaa eenyummaa dijitaalaa "Faayidaa" baafachuuf, dhimmoota ji'oota hedduu fudhatan daqiiqaa muraasa keessatti xumurachuu waanda'ameef, teekinoolojicha haala fooyya'een misoomsuun tajaajilicha amanamaa taasisuun akka barbaachisu ibseera. Naannoo Ummattoota Kibba-Lixaa Itiyoophiyaatti Qindeessaan damee teeknoolojii tajaajila giddu-gala tokkoo Masoob Obbo Ahimad Huseen, giddu-galichatti ji'oota shan keessatti qofa lammiilee kuma 22 ol ta'aniif tajaajila kennuun danda'ameera jedhaniiru. Ragaan qorannoo sirnichaa tajaajilamtoota irraa fudhatame akka mul’isutti, itti quufiinsa maamiltootaa dhibbeentaa 97 tuqaa 8 geessisuun danda'ameera jedhaniiru. Naannichatti lammiileef tajaajila saffisaa fi amanamaa kennuuf sirna dijitaalaayizeeshinii cimaa ijaaruun cimee akka itti fufuu beeksisaniiru. Dhaabbanni tajaajila giddu-gala tokkoo "Masoob" Magaalaa Miizaan Amaan, Dhaabbileen Naannoo fi Federaalaa 9 tajaajiloota isaanii 38 akka kennan ta'ee kan gurmaa'eedha.
Hoj-maata Dijitaalaa Babal’isuun ragaa mirkaneessuu fi gurmeessuuf hojiin hojjetamu cimee itti fufa
Apr 20, 2026 1370
Ebla 12/2018(ENA)-Daayireektarri Olaanaa Tajaajila Istaatistikii Itiyoophiyaa Doktar Bakar Shaalee, hojiin dijitaalaan odeeffannoo mirkaneessuu fi gurmeessuu akka cimu ibsan. Tajaajilli Istaatistikii Itiyoophiyaa, Komishinii Siivil Sarviisii waliin ta'uudhaan, hojii odeeffannoo hojjettoota siivil sarviisii mirkaneessuu irratti mariin hubannoo cimsuu Magaalaa Samaraatti adeemsifamaa jira. Daayirektarri Olaanaa Tajaajila Istaatistikii Itiyoophiyaa Doktar Bakar Shaalee wayita sana akka jedhanitti, hojiin dijitaala odeeffannoo siivil sarvaantootaa mirkaneessuu fi gurmeessuu cimee hojjetamaa jira. Siivil Sarviisii Dijitaalaawaa dhugoomsuun faayidaa hedduu qabaachuu ibsuudhaan, odeeffannoo gurmaa'een sirna qabannaa odeeffannoo amansiisaa diriirsuuf saffisaan hojjechuun akka barbaachisu hubachiisaniiru. Naannichi xiyyeeffannoo kennee odeeffannoo hojjettootaa waraqaa eenyummaa Dijitaala (digital ID) waliin hojiin wal-qabsiisuu hojii odeeffannoo dijitaala gochuu (digitize) biyyoolessatti jalqabame ni saffisiisa jedhaniiru. Kanaanis, Odeeffannoo guddisuun Siivil Sarvaantii tajaajila kennu cimsuuf xiyyeeffannoo kennamuusaa ibsaniiru. Marii kanarratti kan argaman Hogganaan Biiroo Siivil Sarviisii fi Misooma Qabeenya Namaa Naannoo Afaar obbo Mahaammad Ahimad gama isaaniitiin, siivil sarviisii dijitaalaawaa dhugoomsuuf hojiin hojjetamaa jiru jajjabeeffamuu qabu jedhaniiru. Sirna qabannaa odeeffannoo fooyyessuun tajaajila saffisaa kennuuf gumaacha olaanaa godhachaa akka jiru dabalanii dubbataniiru. Marii kanarratti Daayireektaroonni Qabeenya Namaa Naannoo Afaar, kan Zoonii fi Aanaa hirmaachaa jiru.
Ispoortii
Eegumsa naannoofi haala qilleensaa
Godina Wallaggaa Bahaatti Ganna dhufuuf biqiloota diinagdeef barbaachisoo ta’an dhaabuuf qophiin taasifamaa jiru itti fufeera
Apr 23, 2026 264
Ebla 15/2018 (ENA): Godina Wallaggaa Bahaatti Ganna dhufuuf biqiloota diinagdeef barbaachisoo ta’an dhaabuuf qophiin taasifamaa jiru itti fufeera jedha waajjirri qonnaa Godinichaa. Akka dursaan garee qabeenya uumamaa waajjirichaa, obbo Dassaalenyi Ballaxaa himanitti, Sagantaa Ashaaraa Magariisaa bara kanaan biqiltuuwwan dinagdeen barbaachisoo ta’an bal’inaan qophaa’aa jiru jedhani. Sagantaa bara kanaa keessatti gosoota biqiltuu hundaaf xiyyeeffannaan kan kennamu ta’us, gosoota dinagdeen barbaachisoo ta’aniif xiyyeeffannoon guddaan kennameera jedhan.   Biqiltoota dhaabbiif qopheeffamaa jiran keessaa kuduraalee fi muduraalee, biqiloota bosonaa fi leemmanaa fi nyaata beeyladaaf kan oolan ta’uu himaniiru. Gosti biqiltuu kun haala qilleensa naannoo sanaaf kan mijatu ta’uu fi yeroo gabaabaa keessatti bu’aa kan kennu ta’uu ibsaniiru. Muuxannoo waggoota darbanii irratti hundaa’uun bu’aa fooyya’aa galmeessisuuf qophiin boolla biqiltuu qopheessuu eegalamee, qorannoo haala qilleensaa, kunuunsa biyyee fi bishaanii, akkasumas hirmaannaa hawaasaa guddisuuf hojiin qophaa’inaa hojjetamaa jiraachuu ibsaniiru. Lafti heektaara kuma 107 dhaabbii bara kanaatiif qophaa’uusaa, hojiin kunuunsa biqiltuu kunuunsuu ciminaan itti fufuusaa godina kana keessatti buufanni biqiltuu mootummaa fi dhuunfaa kuma 2, 194 irratti ciminaan itti fufuusaa ibsaniiru. #Ena Afaan Oromoo #TOI #ENA
Misoomni Ashaaraa Magariisaa Diinagdee Haala Qilleensaaf hin saaxilamne Ijaaruuf tattaaffii taasifamuuf fakkeenyadha
Apr 22, 2026 192
Ebla 14/2018 (ENA): Misoomni Ashaaraa Magariisa Itiyoophiyaa Afrikaa keessatti diinagdee haala qilleensaa dandamachuu danda’u ijaaruuf hojjetamaa jiruuf fakkeenya kan ta’u akka ta’e Dura taa’aan Boordii Gamtaa Warraaqsa Magariisaa Afrikaa (AGRA) Hayilamaariyaam Dassaalany ibsaniiru. Turtii ENA waliin taasisaniin, Dura taa’aan kun tarsiimoon misooma Ashaaraa magariisaa Itiyoophiyaa tumsaa fi qindoomina misooma daangaa qaxxaamuraa fi ardiilee gidduutti bu’uura godhachuun milkaa’inaan hordofamuu isaa hubachiisaniiru. Tarsiimoon misooma ashaaraa magariisaa Itiyoophiyaa qabeenya uumamaa eeguu fi jijjiirama qilleensaa ittisuu qofa osoo hin taane, wabii nyaataa mirkaneessuu akka ta’es ibsaniiru. Keessattuu hojiiwwan misoomaa waggoota dhiyoo asitti hojjetaman dinqisiisaa ta’uu hubachiisuun, akka biyyaatti milkaa’ina guddaa argamsiiseera jedhan.   Waggoota darban keessatti biqiltuuwwan biliyoonaan lakkaa’aman dhaabuun qabeenya uumamaa eeguu fi jijjiirama qilleensaa qolachuu qofaan osoo hin taane wabii nyaataaf bu’uura ta’uun agarsiifameera jedhan. Kanaaf, Afrikaa keessatti dinagdee haala qilleensaa dandamatu ijaaruuf tattaaffii taasifamaa jiru keessatti misoomni ashaaraa magariisaa Itiyoophiyaa fakkeenya ta’uu hubachiisaniiru. Biqiltuuwwan faayidaa dachaa qaban irrattis xiyyeeffannaan misooma qonnaa fi oomishtummaaf bu’uura ta’aa jira jedhan. Guddinni damichaa itti fufiinsa kan barbaadu ta’uus eeraniiru. Kanaaf biqiltuu dhaabuun barbaachisaa ta’ee osoo jiruu, shaakala kanneen dhaabaman eeguu fi kunuunsuu dagaaguu akka qabu eeraniiru. #Ena Afaan Oromoo #TOI #ENA
Baay’inaan Kan Dubbifaman
Komishiniin Naamusaa fi Farra Malaammaltummaa Federaalaa 'Appilikeeshinii' namoonni eeruu kennaniifi ragaa kennaan itti fayyadamuu danda'an ifa godhe.
Mar 3, 2023 17341
Guraandhala 24/2015(TOI) - Komishiniin Naamusaa fi Farra Malaammaltummaa Federaalaa guyyaa har'aa 'Appilikeeshinii' namoonni eeruu ittiin kennaniifi ragaa ittiin eeraan fayyadamuu danda'an 'Public Feedback System' jedhamu ifa godhe. Komishinichi Bulchiinsa Nageenya Odeeffannoo waliin ta’uun Appilikeeshinii kana akka hojjete eerameera. Appichi afaanota biyya keessaa shaniin tajaajila kan kennu ta'uun himaeera. Komishinarri Komishinii Naamusaa fi Farra Malaammaltummaa Federaalaa Dooktar Saamu’eel Urqatoo akka jedhanitti, komishinichi hojiiwwan jijjiramaa hojjechaa jiru milkeesuuf teeknooloojiiwwan fayyadamaa jiraachuu ibsaniiru. Appilikeeshinichi hojii kan ariifachiisuufi haleellaa fi sodaachisaa ragaa eertootaa fi odeeffannoo kennitootarra gahu kan ittisu ta'uu himaniiru. Kana hordofuun hawaasni karaa appilikeshinii 'Public Feedback System'' yaada kennuudhaan itti gaafatamummaa biyyaalessaa isaa ba'uu qabu gaafataniiru. Daarektarri Olaanaa Bulchiinsa Nageenya Odeeffannoo Obbo Solomoon Sookaa akka jedhanitti, appilikeeshinii kana haleellaa saayibarii eegumsii cimaan kan taasifamuuf ta'uu himaniiru. Waajjira Ministira Muummeetti deetaan dhimmoota Kaabinee obbo Tasfaayee Dhaabaa akka jedhanitti, malaammaltummaa ittisuuf dhaabbanni tokko qofaan hojjetee milkaa'uu hin danda'u. Kanaaf lammileen hunduu miira itti gaafatamummaa qabuun malaan maltummaa ittisuuf hirmaachuu qabu jedhaniiru.
Gabaasa addaa
Poolisiin Magaalaa Finfinnee Tajaajilasaa guddina Magaala waliin wal-simsiisee guddisuuf teekinooloojii ammayyaa fi humna namaa gahoome gurmeessuun hojiisaa cimsee itti fufeera
Nov 22, 2025 2730
Sadaasa 13/2018(TOI )-Poolisii Magaalaa Finfinnee Tajaajilasaa guddina magaala waliin wal-simsiisee guddisuuf Teekinooloojii Ammayyaa fi humna namaa gahoomeen hojii gurmeessuusaa cimsee itti fufuu Kantiibaan Bulchiinsa Magaala Finfinnee Adaanechi Abeebee ibsan.   Qajeelchi Kolleejjii Poolisii Magaala Finfinnee yeroo jalqabaatiif humnasaan kaadimamtoota qodaaltota leenjise eebbisiiseera. Sirna eebbaa kanarratti Kantibaan Magaala Finfinnee Adaanechi Abeebee, Itti Aanaan Komishinar jeneraaliin Poolisii federaalaa Malaakuu Fantaa, Ajaajaa qajeelcha poolisii waliigalaa magaalaa Finfinnee Komishinar Geetuu Argaaw fi keessummoonni waamichi tassifameefii argamaniiru.   Kantibaa Adaanech Abeebee wayita kana akka dubbatanitti, xiyyeeffannoo guddan Bulchinsichaa Dinagdee jiraattota magaalichaa ijaaruu fi jireenya hawaasummaa fooyyessuun misooma fulla’aa fi bulchiinsa gaarii, badhaadhina hunda galeessa mirkaneessuudha. Magaalittii jireenyaa fi hojiif kan mijatte akka taatuu fi dorgomaa idil-addunyaa fi filatamtuu, magaala konfiraansii taassisuuf bu’aa qabeessummaan hojiiwwan misoomaa eeggalamanii cimanii itti fufuu beeksisaniiru. Hojiiwwan misooma kunneen fulla’aa gochuuf nagaa fi tasgabbin mirkanaa’uun murteessaa fi dhimma ijoo ta’uu hubachiisaniiru. Gama Kanaan Qajeelchi Poolisii Magaala Finfinnee Nageenyaa fi tasgabbii magaalittii mirkaneessuuf hojiiwwan jijiiramaa hojjechaa jiru kan jajjabeeffamu ta’uu dubbataniiru.   Qajeelchichi guddina magaalichatti argamaa jiru u’uureffachuun tajaajilasaa guddisuuf teekinooloojii ammayyaa fi humna namaa gahoomeen of gurmeessuun hojiisaa hojjechuu dubbataniiru. Kunis ergama poolisiif kenname sirnaan raawwachuuf kan isa dandeessisu ta’uu ibsaniiru. Gama Kanaan Qajeelchichi humna namaa gahoome horachuu dabalatee teekinoolojin of gurmeessuuf hojjechaa turuu mirkaneessaniiru. Qondaaltonni eebbifamtoonni nagaa fi tasgabbii magaalittii eegsisuuratti itti gaafatamummaa guddaa qabaachuusaanii kaasuun seeraa fi sirna magaala kabachiisuun kutannoon akka hojjetan hubachiisaniiru.  
Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015